Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Garbichi Yihowaa “Balleessaa Keenyaaf In Waraaname”

Garbichi Yihowaa “Balleessaa Keenyaaf In Waraaname”

Garbichi Yihowaa “Balleessaa Keenyaaf In Waraaname”

“Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame; . . . madaa’uu isaatiinis fayyinni nuuf in argame.”—ISA. 53:5.

1. Yeroo Ayyaana Yaadannoo kabajnu maal yaadachuu qabna? Raajii isa kamtu kana gochuuf nu gargaara?

AYYAANA YAADANNOO kan kabajnu, du’a Kiristos, akkasumas wanta duutisaafi du’aa ka’uunsaa raawwate yaadachuufi. Ayyaanni Yaadannoo, olaantummaa Yihowaa, qulqullina maqaansaafi fayyina ilmaan namootaa dabalatee, kaayyoonsaa kan raawwatamu ta’uusaa nu yaadachiisa. Isaayaas 53:3-12 caalaa, caqasni Macaafa Qulqulluu aarsaa Kiristosiifi wanta inni raawwate mul’isu kan biraan hin jiru jechuu dandeenya. Isaayaas, Garbichi kun akka dhiphatu raajii kan dubbate ta’uusaarrayyuu, du’a Kiristos ilaalchisee ibsa bal’aa kenneera. Akkasumas, eebbawwan duutisaa kun obbolootasaa warra dibamaniifi ‘hoolotasaa warra kaaniif’ argamsiisu ibseera.—Yoh. 10:16.

2. Raajiin Isaayaas maal mirkaneessa? Nuhoo maal akka goonu nu kakaasa?

2 Yesus lafarratti dhalachuusaa jaarraa torba dura, Yihowaan Isaayaas hafuurasaatiin geggeeffamee, Garbichi inni fo’ate kun hamma dhumaatti yoo qorameyyuu amanamaa akka ta’u raajii akka dubbatu godhe. Yihowaan raajiin kun akka dubbatamu gochuunsaa, Ilmisaa amanamaa ta’uusaa homaa akka hin shakkine kan argisiisudha. Raajii kana yommuu qorannu, garaan keenya galateeffannaadhaan kan guutamu ta’uusaarrayyuu, amantaan keenya ni jabaata.

‘Kan Tuffatameefi’ ‘Homaattiyyuu Kan Hin Lakkaa’amne’

3. Yihudoonni Yesusiin akka gaariitti simachuu qabu ture kan jennu maaliifi? Haata’u malee akkamitti isa simatan?

3 Isaayaas 53:3 dubbisi. Ilmi Waaqayyoo, gammachuu Abbaasaa wajjin hojjechuudhaan argatu dhiisee gara lafaa dhufuudhaan, ilmaan namootaa cubbuufi du’arraa walaba baasuuf jecha lubbuusaa dabarsee kennuun maal jechuu akka ta’e mee yaadi! (Filp. 2:5-8) Aarsaansaa, dhugumaan ilmaan namootaatiif dhiifama cubbuu kan argamsiise ennaa ta’u, aarsaan horii Seera Musee jalatti dhihaachaa ture aarsaa kanaaf gaaddidduu qofa ture. (Ibr. 10:1-4) Yoo xinnaate Yihudoonni Masiihicha abdachiifame eeggachaa turan, Yesusiin simachuufi ulfina isaa kennuu hin qaban turee? (Yoh. 6:14) Isaan garuu, akkuma Isaayaas raajiidhaan dubbate, Kiristosiin kan “tuffatan” si’a ta’u “homaatti iyyuu isa hin lakkoofne.” Yohannis ergamaan, “Gara biyya dhuunfaa isaa dhufe; namoonni isaa garuu isa hin simanne” jechuudhaan barreesseera. (Yoh. 1:11) Phexros Yihudootaan akkas jedheera: “Isin, Yesusin Philaaxositti dabarsitanii laattan; yeroo inni isa gad dhiisuuf murtoo godhettis, fuula yaa’ii isaa dura dhaabattanii isa gantan; . . . Waaqayyo abaabilii keenyaa, garuu hojjetaa [“Garbicha,” NW] isaa kana ol ol qabeera. Yesus qulqulluu fi qajeelaa ture; isin garuu isa gantan.”—HoE. 3:13, 14.

4. Yesus dhukkuba beeka kan jedhame akkamitti?

4 Isaayaas, Yesus ‘dhukkuba akka beeku’ raajii dubbatee ture. Yesus yeroo tajaajilaa turetti al tokko tokko ni dadhaba ture; ta’uyyuu dhukkubsatee akka beeku wanti ibsame hin jiru. (Yoh. 4:6) Haata’u malee, dhukkuba namoota isaanii lallabaa turee ni beeka ture. Isaaniif kan oo’e yommuu ta’u, namoota baay’ees fayyiseera. (Mar. 1:32-34) Kana gochuudhaan Yesus raajii, “Inni garuu dhugumaan dhiphina keenya of irra in kaa’e, muddama keenyas in baate” jedhu raawwateera.—Isa. 53:4a; Mat. 8:16, 17.

Akka Waan Waaqayyo “Isa Rukutee”

5. Yihudoonni hedduun du’a Yesusiif ilaalcha akkamii qabu turan? Kunimmoo dhiphina kan isatti dabale maaliifi?

5 Isaayaas 53:4b dubbisi. Namoonni bara Yesus turan baay’een, sababii inni itti dhiphateefi du’e hin hubanne. Waaqayyo akka waan dhukkuba balfamaadhaan isa dha’etti, isa adabaa jira jedhanii amanu turan. (Mat. 27:38-44) Yihudoonni, Yesus Waaqayyoon arrabseera jedhanii isa himataniiru. (Mar. 14:61-64; Yoh. 10:33) Yesus garuu cubbamaas ta’e arrabsituu hin turre. Kanaa mannaa, Abbaasaatiif jaalala guddaa qaba ture. Garbichi Yihowaa kun, rakkina hojjetaasaa ta’uudhaan isarra ga’u malees, Waaqayyoon arrabsiteetta jedhamee ajjeefamuunsaa dhiphina dabalataa isarra geessiseera. Inni garuu fedha Yihowaatiif bitamuuf qophaa’aa ture.—Mat. 26:39.

6, 7. Yihowaan Garbichasaa ‘kan caccabse’ akkamitti? Kunoo ‘gammachuu kan isaaf argamsiise’ maaliifi?

6 Raajiin Isaayaas, warri kaan Kiristosiin “akka waan Waaqayyo dha’icha isatti fidee” godhanii isa ilaaluusaanii dubbachuunsaa nu dinqisiisuu hin qabu. Kanaa mannaa raajichi, “Waaqayyo, ‘Isa ani dhiphise sana caccabsuun jaalala [‘gammachuu,’ NW] koo in ta’e’” akka jedhe barreessuusaatu nu dinqisiisuu qaba. (Isa. 53:10) Yihowaan, “Kunoo, garbichi koo . . . inni ani fo’adhe, inni ani jaalladhu isa kana!” erga jedhee, ‘isa caccabsuun gammachuusaa kan ta’e’ akkamittiree? (Isa. 42:1) Kun Yihowaa kan gammachiise karaa kamiini?

7 Yaada raajii kanaa hubachuuf, Seexanni olaantummaa Yihowaa yeroo mormetti, tajaajiltoonni Waaqayyoo samiirras ta’e lafarra jiran amanamoo ta’uusaanii shakkii keessa buusee akka ture yaadachuu qabna. (Iyo. 1:9-11; 2:3-5) Yesus hamma du’aatti amanamaa ta’uudhaan, gaaffii Seexanni kaase sanaaf deebii ga’aa kenneera. Yihowaan, Kiristos diinotasaatiin akka ajjeefamu kan heyyame ta’us, Garbichi inni fo’ate kun yeroo ajjeefamu arguunsaa baay’ee akka isa gaddisiise homaa hin shakkisiisu. Haata’u malee, Yihowaan Ilmisaa guutummaatti amanamaa ta’uusaa yommuu argu baay’ee gammade. (Fak. 27:11) Kana malees, faayidaa duuti Ilmasaa namoota qalbii geddarataniif argamsiisu beekuunsaa isa gammachiiseera.—Luq. 15:7.

“Balleessaa Keenyaaf In Waraaname”

8, 9. (a) Yesus ‘balleessaa keenyaaf kan waraaname’ akkamitti? (b) Phexros kana kan mirkaneesse akkamitti?

8 Isaayaas 53:6 dubbisi. Ilmaan namootaa cubbamoo ta’an, akkuma hoolota badanii dhukkubaafi du’a Addaamirraa dhaalanirraa furamuuf yaalii addaddaa godhaniiru. (1 Phe. 2:25) Sanyiin Addaam hundumtuu mudaa waan qabaniif, isaan keessaa tokkollee wanta Addaam balleesse bakka buusuu hin danda’u ture. (Far. 49:7) Yihowaan jaalalaan kaka’ee, “yakka hunduma keenyaa isa irra [Ilmasaa isa jaallatamaa, jechuunis Garbicha fo’aterra] in kaa’e.” Kiristos ‘balleessaa keenyaaf waraanamuufi sababii yakka keenyaaf reebamee caccabsamuuf’ fedhiidhaan of dhiheessuudhaan, cubbuu keenya baatee nuuf jecha mukarratti du’e.

9 Phexros akkas jechuudhaan barreesseera: “Isin kana gochuudhaaf waamamtaniittu; Kristos immoo isiniif dhiphatee, faana isaa duukaa akka buutaniif fakkeenya isiniif kenneera. Nuyi cubbuu jalaa duunee qajeelinaaf akka jiraannuuf, inni ofii isaatii cubbuu keenya dhagna isaatiin baatee fannootti ol ba’e.” Achiis, Phexros raajii Isaayaasirraa caqasuudhaan, “Madaa’uu isaatiin isin in fayyifamtan” jedheera. (1 Phe. 2:21, 24; Isa. 53:5) Kunis, cubbamoonni Waaqayyotti akka araaraman karaa baneera. Kana ilaalchisee Phexros itti aansuudhaan, “Kristos immoo gara Waaqayyootti isin fiduudhaaf jedhee, yeroo hundumaaf akka ta’utti al tokkicha, cubbuu namoota baay’eetiif dhiphateera” jedheera.—1 Phe. 3:18.

“Akkuma Ilmoo Hoolaa Ishee Qalamuudhaaf Geeffamtuutti In Oofame”

10. (a) Yohannis Cuuphaan waa’ee Yesus maal jedhe? (b) Wanti Yohannis jedhe sirrii kan ture maaliifi?

10 Isaayaas 53:7, 8 dubbisi. Yohannis Cuuphaan, Yesus garasaa yommuu dhufu argee, “Ilaa hoolicha Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu!” jedhe. (Yoh. 1:29) Yohannis, Yesusiin hoolaa wajjin kan wal fakkeesse wanta Isaayaas, “Akkuma ilmoo hoolaa ishee qalamuudhaaf geeffamtuutti in oofame” jechuudhaan dubbate sammuutti qabatee ta’uu danda’a. (Isa. 53:7) Isaayaas, “Lubbuu isaa du’atti dabarsee kenne” jechuudhaan raajii dubbateera. (Isa. 53:12) Yesus galgala Ayyaana Yaadannoo du’asaa hundeessetti, ergamootasaa amanamoo 11 ta’aniif xoofootti wayinii erga kennee booda, “Kun dhiiga koo ti, dhiigni kun kakuu dhaabate sana cimsuudhaaf, dhiifamuu cubbuu namoota baay’eetiif dhangala’a” jedheera.—Mat. 26:28.

11, 12. (a) Yisihaq aarsaa ta’uuf fedhiidhaan of dhiheessuunsaa, waa’ee aarsaa Kiristos maal ibsa? (b) Ayyaana Yaadannoo yommuu kabajnu, Abrahaam isa Guddaa kan ta’e Yihowaa ilaalchisee maal yaadachuu qabna?

11 Akkuma Yisihaq, Yesusis iddoo aarsaa fedha Yihowaa argisiisurratti aarsaa ta’uuf fedhiidhaan of dhiheesseera. (Uma. 22:1, 2, 9-13; Ibr. 10:5-10) Aarsaa ta’ee dhihaachuuf fedhiidhaan kan of dhiheesse Yisihaq ta’uyyuu, aarsicha dhiheessuuf qophii kan godhe Abrahaam ture. (Ibr. 11:17) Haaluma wal fakkaatuun, Yesusis du’uuf fedhiidhaan kan of dhiheesse ta’us, furiin kun akka dhihaatu qophii kan godhe Yihowaadha. Waaqayyo Ilmasaa aarsaa gochuunsaa, jaalala guddaa Inni ilmaan namootaatiif qabu kan argisiisu ture.

12 Yesus akkas jedheera: “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!” (Yoh. 3:16) Phaawulos Ergamaanis, “Waaqayyo garuu, utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kristos nuuf du’uu isaatiin hammam akka nu jaallate in argisiisa” jechuudhaan barreesseera. (Rom. 5:8) Kanaafuu, Ayyaana Yaadannoo du’asaa kabajuudhaan Kiristosiif ulfina kan laannu ta’uyyuu, aarsaan kun akka dhihaatu qophii kan godhe Abrahaam Guddicha kan ta’e Yihowaa ta’uusaa tasumaa dagachuu hin qabnu. Isa galateeffachuuf jecha Ayyaanicha kabajna.

Garbichi Waaqayyoo ‘Namoota Baay’ee Qajeelota Ni Godha’

13, 14. Garbichi Yihowaa ‘namoota baay’ee qajeelota kan godhe’ akkamitti?

13 Isaayaas 53:11, 12 dubbisi. Yihowaan Garbicha fo’ate ilaalchisee, “Garbichi koo inni qajeelaan beekumsa isaatiin namoota baay’eedhaaf in farada [‘namoota baay’ee qajeelota ni godha,’ NW]” jedheera. Akkamitti? Deebiisaa jalqaba lakkoofsa 12⁠rratti arganna. Caqasichi, Garbichi Waaqayyoo kun ‘waa’ee cubbamootaatiif akka kadhate’ dubbata. Sanyiin Addaam hundi cubbamoo, jechuunis “warra balleessaa qaban” ta’anii waan dhalataniif, “beenyaan nama cubbuu hojjetuu,” jechuunis duuti isaanitti dhufa. (Rom. 5:12; 6:23) Namoonni cubbamoo ta’an Yihowaatti araaramuun isaan barbaachisa. Isaayaas boqonnaa 53, “Nuyi nagaa akka argannuuf inni in adabame, madaa’uu isaatiinis fayyinni nuuf in argame” jechuudhaan, ilmaan namootaa cubbamoo ta’aniif akkamitti akka ‘kadhate’ ykn isaan araarse ibsa.—Isa. 53:5.

14 Kiristos cubbuu keenya ofiisaatii baachuufi nuu du’uudhaan, ‘namoota baay’ee qajeelota godheera.’ Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Kunis kan ta’e, guutummaan hundi isa keessa akka jiraatu, Waaqayyo gaarii waan isatti fakkaateefi. Akkasumas, dhiiga muka dhiphinaarratti dhangalaaseen nagaa uumuudhaan wantoota kaan hunda, jechuunis wantoota lafarras ta’e samiirra jiran hunda, karaasaa deebisee ofitti araarsuu waan barbaadeefi.”—Qol. 1:19, 20, NW.

15. (a) Phaawulos ‘wantoota samiirra jiran’ jechuudhaan kan ibse eenyuunfa’i? (b) Maxinoofi wayinii Ayyaana Yaadannoorraa hirmaachuu kan danda’an eenyufaa qofadha? Maaliif?

15 ‘Wantoonni samiirra jiraniifi’ dhiiga Kiristos dhangalaaseen Yihowaatti araaraman, Kiristiyaanota dibamoo Kiristosii wajjin samiirratti bulchuuf waamamanidha. Kiristiyaanonni ‘waamicha isa waaqarraa keessaa hirmaatan,’ ‘qajeelota jedhamuudhaan jireenya akka argatan’ ibsameera. (Ibr. 3:1; Rom. 5:1, 18) Kanaan kan ka’es, Yihowaan akka ijoollee hafuuraatti isaan simata. Mootummaa Kiristos isa samiirratti moototaafi luboota ta’uudhaan, ‘waan Kiristos argatu hundumaa isaa wajjin akka argatan’ hafuurri qulqulluun namoota kanaaf dhugaa ni ba’a. (Rom. 8:15-17; Mul. 5:9, 10) Kutaa “Israa’el Waaqayyoo” jechuunis Israa’el hafuuraa ta’uudhaan, “kakuu haaraa” keessa galaniiru. (Er. 31:31-34; Gal. 6:16) Miseensota kakuu haaraa waan ta’aniif, maxinoofi xoofoo wayinii diimaa isa Yesus, “Xoofoon kun kakuu isa haaraa dhiiga koo isa isiniif jedhee dhangala’uun dhaabatuu dha” jechuudhaan waa’eesaa dubbaterraa hirmaachuuf mirga argataniiru.—Luq. 22:20.

16. ‘Wantoonni lafarra jiran’ maalidha? Yihowaa biratti akka qajeelotaatti kan lakkaa’amanoo karaa kamiini?

16 ‘Wantoonni lafarra jiran,’ hoolota Yesus warra kan biraa barabaraaf lafarra jiraachuuf abdatanidha. Garbichi Yihowaan filate, warri kunis Yihowaa biratti akka qajeelotaatti akka ilaalaman godha. Aarsaa furii Kiristositti waan amananiif “uffata isaanii dhiiga hoolichaatiin miiccatanii addeeffataniiru.” Kanaafuu, Yihowaan “rakkina guddaa” jalaa akka oolan abdii dinqisiisaa isaanii kennuudhaan, akka ijoollee hafuuraatti utuu hin ta’in akka michootasaatti isaan ilaala. (Mul. 7:9, 10, 14; Yaq. 2:23, hiika bara 1899) Kakuu haaraa keessatti kan hin hammatamne waan ta’aniifi samiirra jiraachuuf abdii waan hin qabneef, hoolonni kan biraan kun, maxinoofi wayinicharraa hirmaachuu baatanis, ayyaanicharratti kabajaan argamu.

Kana Hundaaf Galateeffamuu Kan Qaban Yihowaafi Garbicha Inni Jaallatudha!

17. Raajii Isaayaas isa Garbicha Yihowaarratti xiyyeeffate qayyabachuun keenya, yaada keenya Ayyaana Yaadannootiif qopheessuuf kan nu gargaare akkamitti?

17 Raajii Isaayaas isa waa’ee Garbicha Yihowaa dubbatu qoruun keenya, Ayyaana Yaadannoo du’a Kiristosiif yaada keenya nuu qopheesseera. ‘Isa amantii keenya jalqabee fiixaan baasu sanattii ija akka hin buqqifanne’ nu gargaareera. (Ibr. 12:2) Ilmi Waaqayyoo kan ajajamu ta’uusaa baranneerra. Seexanarraa haala adda ta’een, Yesus Yihowaan Gooftaa Hundaa Olii ta’uusaa hubachuudhaan isarraa barachuutti ni gammada. Yesus yeroo lafarratti tajaajilaa ture, warra isaaniif lallabaa ture baay’eesaanii karaa hafuuraas ta’e karaa foonii isaan fayyisuudhaan, isaaniif oo’uusaa argisiiseera. Kana gochuudhaan, yeroo Mootii ta’ee addunyaa haaraa keessatti ‘firdii qajeelaa lafarratti fidu’ maal akka raawwatu argisiiseera. (Isa. 42:4) ‘Saba lafarraatiif ifa ta’uudhaan’ Mootummicha hinaaffaadhaan lallabuunsaa, duuka buutonnisaa guutummaa lafaarratti hinaaffaadhaan akka lallaban isaan yaadachiisa.—Isa. 42:6.

18. Raajiin Isaayaas, Yihowaafi Garbichasaa isa amanamaa akka galateeffannu kan godhu maaliifi?

18 Raajiin Isaayaas, Yihowaan Ilmisaa nuuf jecha akka dhiphatuufi akka du’u gara lafaatti yommuu erge, aarsaa guddaa akkamii akka kaffale gadi fageenyaan hubachuuf nu gargaara. Yihowaan kan gammade Ilmisaa dhiphachuusaatti utuu hin ta’in, guutummaatti amanamaa ta’uusaatti. Yesus Seexanni sobduu ta’uusaa saaxiluufi maqaa Yihowaa qulqulleessuudhaan, olaantummaan Yihowaa sirrii ta’uunsaa akka mirkanaa’u godheera. Kun, akkuma Yihowaa gammachiise nuunis nu gammachiisuu qaba. Kana malees, Kiristos cubbuu keenya nuu baachuudhaan nuuf jedhee du’eera. Kanaan kan ka’es, obboloonnisaa warri dibamoon karra xinnayyoo ta’aniifi hoolonni kan biraan, Yihowaa duratti qajeelota ta’uu akka danda’an godheera. Ayyaana Yaadannootiif ennaa walitti qabamnu, Yihowaafi Garbichasaa isa amanamaa galateeffachuu qabna.

Irra Deebii

• Yihowaan, Ilimasaa “caccabsuun” ‘kan isa gammachiise’ akkamitti?

• Yesus ‘balleessaa keenyaaf kan waraaname’ akkamitti?

• Garbichi Yihowaa, ‘namoota baay’ee qajeelota kan godhu’ akkamitti?

• Raajii Isaayaas isa waa’ee Garbicha Yihowaa dubbatu qayyabachuun keenya, Ayyaana Yaadannootiif yaada keenya kan qopheesse akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 26rra jiru]

“Inni akka nama tuffatanii, . . . ta’e; nuyis homaatti iyyuu isa hin lakkoofne”

[Fakkii fuula 28rra jiru]

“Lubbuu isaa du’atti dabarsee kenne”

[Fakkii fuula 29rra jiru]

‘Hoolonni kan biraan’ Ayyaana Yaadannoorratti kabajaan argamu