Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Hojii Adeemsistuu Kennaa Ayyaana Waaqayyoo’ Taatee Tajaajilaa Jirtaa?

‘Hojii Adeemsistuu Kennaa Ayyaana Waaqayyoo’ Taatee Tajaajilaa Jirtaa?

‘Hojii Adeemsistuu Kennaa Ayyaana Waaqayyoo’ Taatee Tajaajilaa Jirtaa?

“Jaalala obbolummaatiin ho’isaa wal jaalladhaa; walii keessaniif ulfina kennuudhaaf wal dorgomaa!”—ROM. 12:10.

1. Dubbiin Waaqayyoo maal nuu mirkaneessa?

YOMMUU abdii kutannuufi gaddi nurra ga’u Yihowaan akka nu gargaaru, Dubbiin Waaqayyoo irra deddeebi’uudhaan nuu mirkaneessa. Mee jechoota nama jajjabeessaniifi armaan gaditti argaman akka fakkeenyaatti fudhadhu: “Waaqayyo warra kufuuf jedhan hundumaa qabee in oolcha, warra gad deebi’an hundumaas ol in kaasa!” “Inni warra garaan isaanii cabe in fayyisa, madaa isaaniis walitti qabee in hidhaaf.” (Far. 145:14; 147:3) Kana malees Abbaan keenya inni samii, “Ani Waaqayyo gooftaa kee isa harka kee mirgaa qabee ‘Hin sodaatin! Ani sin gargaara’o’ siin jedhuu dha” jedheera.—Isa. 41:13.

2. Yihowaan tajaajiltootasaa kan gargaaru akkamitti?

2 Haata’u malee, Yihowaan inni samii keessa jiraatu ‘harka keenya kan qabu’ akkamitti? Inni yommuu gaddaan ‘gad deebinu kan ol nu kaasu’ akkamitti? Yihowaan karaawwan addaddaatiin gargaarsa akkasii nuu godha. Fakkeenyaaf, hafuura qulqulluutti gargaaramee sabasaatiif ‘humna humna gararraa’ kenna. (2 Qor. 4:7; Yoh. 14:16, 17) Tajaajiltoonni Waaqayyoo, ergaa Dubbiisaa isa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame keessatti argamurraa humna argatu. (Ibr. 4:12) Karaa Yihowaan itti nu jabeessu garabiraan jiraa? Deebii gaaffii kanaa macaafa Phexros Isa Duraa keessatti arganna.

‘Kennaa Waaqayyoo Isa Karaa Garaa Garaa’ Mul’ate

3. (a) Phexros qorumsa ilaalchisee jecha akkamiitti fayyadameera? (b) Ergaan gara dhumaa Phexros Isa Duraa waa’ee maalii ibsa?

3 Phexros, Kiristiyaanonni dibamoon eebbi guddaan waan isaan eeggatuuf, gammaduuf sababii akka qaban isaanii barreesseera. Achiis, “Amma yeroo gabaabduudhaaf qorama garaa garaatiin gaddisiifamuun keessan kan hin oolle yoo ta’e iyyuu, isa sanatti immoo baay’iftanii in gammaddu” jedheera. (1 Phe. 1:1-6) Jecha “garaa garaa” jedhutti fayyadamuusaa hubadhu. Jechi kun, qorumsi karaa addaddaa dhufuu akka danda’u argisiisa. Haata’u malee, Phexros dubbiisaa asirratti xumuruudhaan obboloonnisaa kun ‘qorumsawwan garaa garaa kana ni moonaa laata?’ jedhanii akka yaadda’an hin goone. Kanaa mannaa, qorumsi isaanirra ga’u kan akkamiiyyuu yoo ta’e, Kiristiyaanonni rakkoowwan isaanirra ga’an kana hunda mo’uuf Yihowaan akka isaan gargaaru mirkanaa’oo ta’uu akka danda’an ibseera. Yaanni kunis, ergaa Phexros booda ergeefi waa’ee ‘dhuma waan hundumaa’ ilaalchisuudhaan ibserratti argama.—1 Phe. 4:7.

4. Yaanni 1 Phexros 4:10⁠rratti argamu kan nu jajjabeessu maaliifi?

4 Phexros, “Akka hojii adeemsiftuu gaggaariin kennaa Waaqayyoo isa garaa garaa hojii irra oolchanitti, namni adduma addaan kennaa ayyaanaa isa argate, warra kaaniifis akka waa’ee baasutti ittiin haa hojjetu” jedheera. (1 Phe. 4:10) Phexros asirrattis jecha “garaa garaa” jedhutti fayyadameera. Kana yommuu jedhu, ‘Qorumsi karaa addaddaa kan dhufu ta’us, kennaan ayyaana Waaqayyoos karaa addaddaa akka mul’atu ibsuusaa ture. Jechi kun kan nama jajjabeessu maaliifi? Rakkinni nurra ga’u kan akkamiiyyuu yoo ta’e, yeroo hundumaa kennaa ayyaana Waaqayyoo rakkina kana mo’uuf nu gargaaru ni arganna. Yihowaan, karaa kamiin kennaa ayyaanaa akka nuu kennu, jechoota Phexros keessatti hubatteettaa? Karaa Kiristiyaanota hidhata keenya ta’aniiti.

‘Warra Kaaniif Akka Waa’ee Baasutti Ittiin Hojjechuu’

5. (a) Kiristiyaanni hundi maal gochuu qaba? (b) Gaaffiiwwan akkamiitu ka’a?

5 Phexros miseensota gumii Kiristiyaanaa hundaan, “Hundumaa dura immoo jaalala ho’aa waliif qabaadhaa!” erga jedhee booda itti aansuudhaan, “Namni adduma addaan kennaa ayyaanaa isa argate, warra kaaniifis akka waa’ee baasutti ittiin haa hojjetu” jechuudhaan dubbateera. (1 Phe. 4:8, 10) Kanaaf namni gumii keessatti argamu hundi, Kiristiyaanota hidhatasaa ta’an jajjabeessuurratti ga’ee qabaachuu qaba. Yihowaan wanta kansaa ta’eefi gati jabeessa ta’e tokko hadaraadhaan kan nutti kenne yommuu ta’u, nuyis wanta nutti kenname kana warra kaaniif hiruuf itti gaafatamummaan nurra jira. Wanti nutti kenname kun maalidha? Phexros wanti kun “kennaa” ta’uusaa ibseera. Kennaan kun maalidha? Kennaa kana, ‘warra kaaniif akka waa’ee baasutti ittiin hojjechuu’ kan dandeenyu akkamitti?

6. Kennaawwan Kiristiyaanotaaf kennaman tokko tokko kamfa’i?

6 Dubbiin Waaqayyoo, “Kennaan gaariin hundinuu, kennaan guutuun hundinuus . . . ol waaqa gubbaadhaa in dhufa” jedha. (Yaq. 1:17) Dhugumayyuu, kennaa Yihowaan sabasaatiif hadaraadhaan kennu hundi gaarummaasaa kan argisiisudha. Kennaa guddaa Yihowaan nuu kenne keessaa inni tokko, hafuura qulqulluudha. Kennaan kun, amalawwan Waaqayyoon gammachiisan kan akka jaalalaa, gaarummaafi garraamummaa horachuuf nu gargaara. Amalawwan kunimmoo, hidhattoota amantaa keenyaaf jaalala onneerraa madde akka qabaannuufi fedhiidhaan kakaanee akka isaan gargaarru nu kakaasu. Ogummaafi beekumsi dhugaanis, kennaawwan gaarii gargaarsa hafuura qulqulluutiin argannu keessaa tokkodha. (1 Qor. 2:10-16; Gal. 5:22, 23) Humni, dandeettiifi beekumsi keenya hundi, kennaawwan Abbaa keenya isa samiitiif ulfina argamsiisuuf nuu kennaman akka ta’anitti ilaalamuu danda’u. Waaqayyo, dandeettiifi amalawwan keenyatti fayyadamnee, gaarummaasaa hidhattoota amantaa keenyaaf akka argisiisnu itti gaafatamummaa nuu kenneera.

‘Kennaa Argannetti Hojjechuu’ Kan Dandeenyu Akkamitti?

7. (a) Jechi “adduma addaan” jedhu hiika maalii qaba? (b) Gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu qabna? Maaliif?

7 Phexros, kennaawwan arganne ilaalchisee, “Namni adduma addaan kennaa ayyaanaa isa argate, . . . ittiin haa hojjetu” jedheera. Jechi “adduma addaan” jedhu, amalliifi dandeettiin namootaa addadda ta’uusaa qofa utuu hin ta’in, hammisaas addadda ta’uusaa argisiisa. Ta’uyyuu, namni kennaa akkamiiyyuu argate, ‘warra kaaniif akka waa’ee baasutti akka itti hojjetu’ gorfameera. Kana malees, jechi ‘akka hojii adeemsiftuu gaggaariitti ittiin haa hojjetu’ jedhu abboommiidha. Kanaaf, ‘Dhugumaan, kennaa naaf kennametti fayyadamee obbolootakoo nan jajjabeessaa?’ (1 Ximotewos 5:9, 10 waliin ilaali.) ‘Moo, dandeettiin Yihowaarraa argadhetti fayyadamee, faayidaa dhuunfaakoo, jechuunis badhaadhummaa ykn beekamummaa argachuufan carraaqa?’ jennee of gaafachuu qabna. (1 Qor. 4:7) Kennaawwan keenyatti ‘warra kaaniif akka waa’ee baasutti’ yoo fayyadamne, Yihowaa ni gammachiisna.—Fak. 19:17; Ibroota 13:16 dubbisi.

8, 9. (a) Karaawwan Kiristiyaanonni addunyaa maraa hidhattootasaanii itti gargaaran tokko tokko maalfa’i? (b) Obboloonni gumiikeetti argaman kan wal gargaaran akkamitti?

8 Dubbiin Waaqayyoo, karaawwan addaddaa Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa itti wal gargaaraa turan nuu ibsa. (Roomaa 15:25, 26; 2 Ximotewos 1:16-18 dubbisi.) Haaluma wal fakkaatuun, yeroo har’aas Kiristiyaanonni dhugaan, kennaasaaniitti fayyadamanii hidhattoota amantaasaanii akka gargaaran abboommii isaanii kennameef garaa guutuudhaan ajajamaa jiru. Karaawwan kana itti godhan tokko tokko ilaali.

9 Obboloonni hedduun, kutaawwan walga’ii qophaa’uutti ji’a ji’aan sa’aatii hedduu dabarsu. Walga’iirratti yaada gaarii Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan argatan dhiheessu. Yaanni kunimmoo, warri gumii keessatti argaman hundi jabaatanii akka dhaabatan gargaara. (1 Xim. 5:17) Obboloonni hedduun hidhattoota amantaasaaniitiif jaalala ho’aafi gara laafina argisiisuudhaan beekamu. (Rom. 12:15) Tokko tokkommoo, warra dhiphatan kan gaafatan ta’uusaarrayyuu isaanii wajjin kadhatu. (1 Tas. 5:14) Warri kaanis, Kiristiyaanota hidhata amantaasaanii warra rakkinarratti argaman jajjabeessuuf, xalayaa garaa namaa tuqu barreessu. Kaanimmoo gaarummaadhaan kaka’anii warri dhibee fayyaa qaban walga’iiwwan gumiirratti akka argaman gargaaru. Dhugaa Baatonni kumaan lakkaa’aman, mana obbolootaa balaa uumamaatiin diigame deebisanii ijaaruudhaan, hojii gargaarsaarratti hirmaatu. Jaalalli onneerraa maddeefi gargaarsi obboloonni kun godhan hundi, ‘kennaa Waaqayyoo isa karaa garaa garaa’ mul’atudha.1 Phexros 4:11 dubbisi.

Caalaatti Barbaachisaa Kan Ta’e Isa Kami?

10. (a) Phaawulos karaawwan lamaan kamiin Waaqayyoon tajaajiluu akka qabu hubatee ture? (b) Yeroo ammaatti fakkeenya Phaawulos hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Tajaajiltoota Waaqayyootiif kennaa hidhattoota amantaasaanii ittiin gargaaran qofa utuu hin ta’in, ergaan namoota kaanitti himuu qabanis isaanii kennameera. Phaawulos ergamaan karaawwan kana lamaaniin Yihowaa tajaajiluu akka qabu hubateera. “Hojii ayyaana Waaqayyoo adeemsisuu” isaaniin gargaaruuf isaa kenname ilaalchisee gumii Efesooniif barreesseera. (Efe. 3:2) Kana malees, “Waaqayyo qoree nu ilaalee, wangeela hadaraa nutti kenne” jechuudhaan barreesseera. (1 Tas. 2:4) Nuyis akkuma Phaawulos, hojiin Mootummaa Waaqayyoo lallabuu hadaraadhaan akka nuu kenname ni hubanna. Hinaaffaadhaan hojii lallabaarratti hirmaachuudhaan, akkuma Phaawulos misiraachicha nuffii tokko malee lallabuuf carraaqqii goona. (HoE. 20:20, 21; 1 Qor. 11:1) Ergaa mootummichaa lallabuun keenya, lubbuu namootaa akka oolchu beekna. Hidhattoota amantaa keenyaaf ‘kennaa hafuuraa isaaniin ga’uudhaaf’ carraa barbaaduudhaanis, fakkeenya Phaawulos hordofuuf carraaqna.Roomaa 1:11, 12; 10:13-15 dubbisi.

11. Hojii lallabuufi obboloota keenya jajjabeessuuf nuu kennameef ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

11 Hojiiwwan Kiristiyaanotaa lamaan kana keessaa isa kamtu caalaatti barbaachisaadha? Gaaffii akkasii gaafachuun, qoochoo (baallee) simbiraa lamaan keessaa isa kamtu caalaatti barbaachisaadha? jedhanii gaafachuu wajjin wal fakkaata. Simbirri tokko sirriitti balali’uuf qoochoon lamaanuu waan ishee barbaachisuuf deebiinsaa ifadha. Haaluma wal fakkaatuun, nuyis ulaagaa Kiristiyaana tokkorraa eegamu guutuuf, bifa tajaajilaa lamaanirrattiyyuu hirmaachuun nu barbaachisa. Kanaaf, misiraachoo lallabuufi obboloota keenya jajjabeessuun walitti dhufeenya akka hin qabne yaaduu mannaa, akkuma Phexrosiifi Phaawulos, wantoonni kun addadda akka hin baane hubachuu qabna. Adda kan hin baane akkamitti?

12. Mi’a Yihowaan itti gargaaramu ta’uu kan dandeenyu akkamitti?

12 Lallabdoota wangeelaa waan taaneef, ergaa waa’ee Mootummaa Waaqayyoo ibsuufi nama gammachiisu kanaan garaa namootaa tuquuf, mala addaddaatti fayyadamnee barsiisna. Karaa kanaan, bartoota Kiristos akka ta’an akka isaan gargaarru abdanna. Kana malees, dandeettiifi kennaa qabnutti fayyadamnee, dubbii nama ijaaru dubbachuufi gocha warra kaan gargaaru raawwachuudhaan, garaa obboloota keenyaa ciibsuuf yaalii goona. Kunimmoo karaa kennaan ayyaana Waaqayyoo itti mul’atudha. (Fak. 3:27; 12:25) Kana gochuudhaanis, bartoota Kiristos ta’uusaanii akka itti fufan gargaaruu dandeenya. Karaa lamaanuu, jechuunis namootaaf lallabuufi obboloota ‘kaaniif waa’ee baasuudhaan’ mi’a Yihowaan itti gargaaramu ta’uuf mirga arganneerra.—Gal. 6:10.

“Ho’isaa Wal Jaalladhaa”

13. ‘Warra kaaniif waa’ee baasuurraa’ duubatti yoo jenne maaltu ta’a?

13 Phaawulos, “Jaalala obbolummaatiin ho’isaa wal jaalladhaa; walii keessaniif ulfina kennuudhaaf wal dorgomaa!” jechuudhaan hidhattoota amantaasaa gorseera. (Rom. 12:10) Dhugumayyuu jaalalli obboloota keenyaaf qabnu, garaa guutuudhaan hojii adeemsiftuu kennaa ayyaana Waaqayyoo taanee akka tajaajillu nu dirqisiisa. Seexanni ‘warra kaaniif waa’ee baasuurraa’ duubatti nu deebisuu yoo danda’e tokkummaa keenya akka laaffisu beekna. (Qol. 3:14) Tokkummaa dhabuunimmoo hojii lallabaatiif hinaaffaa dhabuutti nama geessa. Seexanni, itti gaafatamummaa keenya akka hin raawwanne gochuuf, qoochoo keenya isa tokko qofa miidhuun ga’aa akka ta’e beeka.

14. ‘Warra kaaniif wanta waa’ee baasu gochuudhaan’ faayidaa kan argatu eenyu? Fakkeenya kenni.

14 ‘Warra kaaniif waa’ee baasuun’ namoota kennaa ayyaana Waaqayyoorraa gargaarsa argataniif qofa utuu hin ta’in, namoota isaan gargaaraniifis faayidaa argamsiisa. (Fak. 11:25) Abbaa manaafi haadha manaa Raayaaniifi Roonii jedhamaniifi Ilinoy Yuunaayitid Isteetis jiraatan akka fakkeenyaatti fudhadhu. Bubbeen Harikeen Kaatriinaa jedhamu mana obbolootaa diiguusaa dhaga’an. Achiis, hojiisaaniifi manasaanii dhiisuudhaan, mana moofaa konkolaataadhaan harkifamu bitatanii erga sirreessanii booda, Luyisiyaanaa ishee kiilomeetira 1,400 fagaattu dhaqan. Kana hunda akka godhan kan isaan kakaase jaalaladha. Yeroo, humnaafi qabeenyasaaniitiin obbolootasaanii gargaaruudhaan, waggaa tokkoo oliif achi turaniiru. Raayaan inni umriinsaa waggaa 29 ta’e, “Hojii gargaarsa kennuurratti hirmaachuunkoo gara Waaqayyootti akkan dhihaadhu na gargaareera. Yihowaan hangam sabasaa akka kunuunsus ilaaleera” jedheera. Itti dabaluudhaanis, “Obboloota maanguddoota ta’anii wajjin hojjechuunkoo, warra kaan akkamitti kunuunsuu akkan qabu na barsiiseera. Kana malees, nuyi dargaggoonni, jaarmiyaa Yihowaa keessatti wanti hojjennu hedduun akka jiru baradheera” jedheera. Rooniin isheen umriinshee waggaa 25 ta’emmoo akkas jetteetti: “Warra kaan gargaaruurratti ga’ee qabaachuunkoo baay’ee na gammachiiseera. Jireenyakoo keessatti gammachuun argadhee hin beekne argadheera. Gara fuulduraatti muuxannoo gaarii kanarraa faayidaa argachuukoo akkan itti fufu beeka.”

15. Hojii adeemsiftuu ayyaana Waaqayyoo taanee tajaajiluu keenya itti fufuuf sababii gaarii akkamii qabna?

15 Dhugumayyuu, abboommii misiraachicha akka lallabnuufi hidhattoota amantaa keenya akka jajjabeessinu nuu kennameef ajajamuun keenya, hunda keenyaaf eebba argamsiisa. Namoonni nuyi gargaarru karaa hafuuraa kan jabaatan yommuu ta’u, nuyimmoo gammachuu guddaa warra kaaniif kennuudhaan qofa argamu arganna. (HoE. 20:35) Obboloonni hundi jaalalaan kaka’anii warra kaaniif kan yaadan yoo ta’e, guutummaan gumichaa miira ho’aa qabaata. Kana malees jaalala waliif qabaachuun keenya, Kiristiyaanota dhugaa ta’uun keenya akka beekamu godha. Yesus, “Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku” jedheera. (Yoh. 13:35) Warra rakkatan jajjabeessuuf fedhiin Abbaan keenya Yihowaan qabu, tajaajiltootasaa warra lafarratti argamaniin waan ibsamuuf, kun hunda caalaa isaaf ulfina fida. Maarree, kennaa qabnutti fayyadamnee ‘hojii adeemsiftuu ayyaana Waaqayyoo ta’uudhaan, warra kaaniif waa’ee baasuuf’ sababii ga’aa qabna mitii? Kana gochuukee itti fuftaa?—Ibroota 6:10 dubbisi.

Ni Yaadattaa?

• Yihowaan tajaajiltootasaa kan jabeessu karaawwan kamiini?

• Wanti hadaraa nutti kenname maalidha?

• Karaawwan hidhattoota amantaa keenya itti tajaajiluu dandeenyu tokko tokko kamfa’i?

• Kennaa qabnuun fayyadamnee ‘warra kaaniif waa’ee baasuu’ keenya itti fufuuf maaltu nu kakaasa?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 13rra jiru]

“Kennaa” qabdutti kan fayyadamtu, warra kaan tajaajiluufimoo of gammachiisuufi?

[Fakkii fuula 15rra jiru]

Warra kaaniif misiraachicha ni lallabna; Kiristiyaanota hidhata keenya ta’anis ni gargaarra

[Fakkii fuula 16rra jiru]

Warri hojii gargaarsaarratti bobba’an fedhiisaanii aarsaa waan godhaniif galateeffamuu qabu