Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Hojii Bartoota Gochuutti Gammadi

Hojii Bartoota Gochuutti Gammadi

Hojii Bartoota Gochuutti Gammadi

“Egaa dhaqaa, . . . bartoota koo godhaa.”—MAT. 28:19.

1-3. (a) Obboloonni hedduun Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuuf yommuu carraa argatan maaltu isaanitti dhaga’ama? (b) Gaaffiiwwan kamirratti mari’anna?

O BBOLEETTIIN Yuunaayitid Isteetisitti tuuta afaan Hindii dubbatu keessatti tajaajiltu tokko akkas jetteetti: “Maatii Paakistaanii dhufe tokko ji’a lamaafi torban sadiif qayyabsiiseera; kanaan kan ka’es michoota walii taane. Maatiin kun dhiheenyatti gara Paakistaan akka deebi’u yommuun yaadu imimmaan ija na guuta. Imimmaankoo, michootakoo kanarraa adda ba’uukootiin gadda natti dhaga’ameen qofa utuu hin ta’in, gammachuun waa’ee Yihowaa isaan barsiisuudhaan argadhe yaaduudhaanis kan dhufedha.”

2 Atoo akkuma obboleettii kanaa nama tokko Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuudhaan gammachuu argattee beektaa? Yesusiifi duuka buutonnisaa warri jaarraa jalqabaa, hojii bartoota gochuutti gammachuu guddaa argataniiru. Bartoonni 70 ta’aniifi Yesus leenjise, muuxannoo nama gammachiisu argatanii yommuu deebi’an, Yesus “hafuura qulqulluutti gammadee” ture. (Luq. 10:17-21) Haaluma wal fakkaatuun yeroo ammaattis namoonni hedduun, hojii bartoota gochuutti gammachuu guddaa argatu. Bara 2007⁠tti babal’istoonni jabaatanii hojjetan, ji’a ji’aan giddu galeessaan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu miliyoona ja’aafi walakkaa geggeessaniiru.

3 Haata’u malee, babal’istoonni tokko tokko hamma yoonaatti gammachuu Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuudhaan argamu hin arganne ta’a. Warri kaanimmoo waggoota muraasaa asitti qayyabannaa tokkollee hin geggeessine ta’a. Yommuu Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuuf yaalii goonu, rakkoowwan akkamii nu mudachuu danda’u? Rakkoowwan kana mo’uu kan dandeenyu akkamitti? Abboommii Yesus, “Egaa dhaqaa . . . bartoota koo godhaa” jechuudhaan nuu kenneef ajajamuuf hamma dandeenye yoo carraaqne, eebbawwan akkamii arganna?—Mat. 28:19.

Rakkoowwan Gammachuu Nu Dhabsiisuu Danda’an

4, 5. (a) Biyyoottan tokko tokkotti namoonni hedduun dhugaadhaaf fedhii akkamii qabu? (b) Babal’istoonni biyyoottan tokko tokkotti argaman rakkoowwan akkamiitu isaan mudata?

4 Biyyoottan tokko tokkotti, namoonni barreeffama keenya fudhachuufis ta’e nuu wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf fedhii guddaa qabu. Abbaan manaafi haati manaa lammii Awustiraaliyaa ta’aniifi yeroodhaaf Zaambiyaatti tajaajilan tokko, “Akkuma jedhamu, Zaambiyaan bakka namoonni fedhii qaban hedduun itti argamanidha. Karaarratti tajaajiluun baay’ee nama gammachiisa. Namoonni nutti goranii kan nu haasofsiisan yommuu ta’u, isaan keessaa tokko tokko barruulee barbaadan nu gaafatu” jedhaniiru. Bara dhihootti obboloonni Zaambiyaatti argaman qayyabannaa Macaafa Qulqulluu 200,000 ol ta’u kan geggeessan yommuu ta’u, kana jechuun babal’isaan tokko giddu galeessaan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu tokko caalaa qaba jechuudha.

5 Biyyoottan kaanitti garuu babal’istoonni barreeffamoota raabsuufi qayyabannaa Macaafa Qulqulluu dhaabbataa ta’e geggeessuun isaan rakkisa. Maaliif? Yeroo baay’ee yommuu babal’istoonni manaa gara manaa adeeman, namoonni manatti kan hin argamne yommuu ta’u, warri manatti argamanis waa’ee amantii dantaa kan hin qabne ta’uu danda’u. Namoonni kun, maatii amantii hin qabne keessatti guddatanii ykn fakkeessitummaa amantii sobaa keessatti argan jibbanii ta’uu danda’u. Namoonni baay’een sababii tiksitoota sobaatiin karaa hafuuraa kan bututaniifi kan gataman ta’aniiru. (Mat. 9:36) Namoonni kun maree Macaafa Qulqulluu gochuun akka isaan sodaachisu beekamaadha.

6. Babal’istoonni tokko tokko rakkoowwan akkamii isaan mudachuu danda’u?

6 Babal’istoonni amanamoo ta’an tokko tokkommoo, rakkinni gammachuu isaan dhabsiisu garabiraan isaan mudata. Namoonni kun yeroo tokko hojii bartoota taasisuurratti dammaqinaan kan hirmaatan ta’uyyuu, yeroo ammaatti dhibee fayyaatiin ykn dullumaan kan ka’e sochiinsaanii daangeffameera ta’a. Kana malees rakkoowwan ofitti fidnu tokko tokko ilaali. Fakkeenyaaf Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuuf ga’eessa akka hin taane sitti dhaga’amaa? Akkuma Museen yeroo Yihowaan Fara’oonitti akka dubbatu isa erge itti dhaga’ame, sitti dhaga’amuu danda’a. Museen, “Yaa gooftaa koo, ani duris nama arraba qajeelu miti” jedhee ture. (Bau. 4:10) Namni tokko ani ga’eessa miti jedhee yaaduunsaa milkaa’ina hin argadhu jedhee akka sodaatu godha. Ani barsiisaa gaarii waanan hin taaneef, namni ani barsiisu duuka buutuu Yesus hin ta’u jennee sodaachuu dandeenya. Kanaan kan ka’es, carraa qayyabannaa geggeessuuf arganne of jalaa dabarsuu dandeenya. Rakkoowwan olitti ibsaman kana mo’uu kan dandeenyu akkamitti?

Garaakee Qopheessi

7. Yesusiin tajaajilaaf kan kakaase maalidha?

7 Tarkaanfiin inni jalqabaa garaa keenya qopheessuudha. Yesus, “Namni waan garaa isaa keessa guute afaaniin in dubbata” jedheera. (Luq. 6:45) Yesus tajaajilaaf akka kaka’u kan isa gargaare, nageenya warra kaaniitiif garaadhaa yaaduusaati. Fakkeenyaaf, Yihudoonni karaa hafuuraa haala nama gaddisiisu keessa akka turan yommuu arge “isaaniif oo’e.” Bartootasaatiin, “Midhaan sassaabamu baay’ee dha, . . . hojjetoota warra midhaan sassaaban itti haa yaafatuuf, abbaa midhaanichaa kadhadhaa!” jedhe.—Mat. 9:36-38.

8. (a) Waa’ee maalii yaaduu qabna? (b) Yaada dubartiin Macaafa Qulqulluu qayyabattu tokko kenniterraa maal baranna?

8 Yommuu hojii bartoota gochuurratti hirmaannu, nuyi namni tokko yeroo fudhatee Macaafa Qulqulluu nu qayyabsiisuusaatti hammam faayidaa akka arganne yaaduun keenya gaariidha. Namoonni tajaajilarratti argannus, ergaa keenya yommuu dhaga’an faayidaa akkamii akka argatan yaadi. Dubartiin tokko waajjira damee biyyasheetti argamuuf akkas jechuudhaan barreessiteetti: “Dhugaa Baatota manakoo dhufanii na barsiisan hammam akkan dinqisiifadhu isinitti himuun barbaada. Gaaffiiwwan hedduu isaan gaafachuufi yeroo hunda sa’aatii dheeraa isaan tursuunkoo, yeroo tokko tokko isaan aarsuu akka danda’u natti dhaga’ama. Isaan garuu naaf obsuufi wanta beekan na barsiisuurraa duubatti hin jenne. Namoota kanaa wajjin wal arguukootti Yihowaafi Yesusiin nan galateeffadha.”

9. Yesus maalirratti xiyyeeffate? Nuhoo fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

9 Dhugaadha, barumsa Yesus barsiise kan fudhatan namoota hunda hin turre. (Mat. 23:37) Isaan keessaa tokko tokko yeroodhaaf isa duukaa kan bu’an ta’us, booda barumsasaa waan mormaniif “isaa wajjin hin adeemne.” (Yoh. 6:66) Ta’us Yesus namoonni tokko tokko kana gochuunsaanii, ergaansaa gatii akka hin qabne akka itti dhaga’amu hin goone. Sanyiin inni facaase baay’een ija kan hin godhanne ta’us, wanta gaarii gochaa turerratti xiyyeeffateera. Midhaanichi haamaadhaaf ga’uusaa kan beeke si’a ta’u, hojii midhaan sassaabuu kanarratti ga’ee qabaachuusaatti baay’ee gammadeera. (Yohannis 4:35, 36 dubbisi.) Nuyis, lafa maasii keessa jiruufi midhaan hin biqilchinerratti xiyyeeffachuu mannaa, midhaan naannoo tajaajilaa keenyarra jirurratti xiyyeeffachuu dandeenyaa? Akkamitti ilaalcha gaarii akkasii qabaachuu akka dandeenyu haa ilaallu.

Qayyabannaa Jalqabsiisuu Galma Godhachuudhaan Lallabi

10, 11. Gammachuukee eegdee jiraachuuf maal gochuu dandeessa?

10 Qonnaan bulaan tokko midhaan akka galfatu yaaduudhaan sanyii facaasa. Haaluma wal fakkaatuun nuyis, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf yaaduudhaan lallabuu qabna. Haata’u malee, yeroo hunda kan tajaajiltu ta’uyyuu, namoota yoo manaa dhabdeefi warra haasofsiiftes deebitee yoo argachuu baatte maal gochuu qabda? Kun abdii nama kutachiisuu danda’a. Yeroo akkasiitti manaa gara manaatti tajaajiluukee dhiisuu qabdaa? Matumaa hin qabdu. Mala tajaajilaa bu’a qabeessa ta’uunsaa yeroo dheeraadhaaf mirkanaa’e kanaan, ammayyuu namoonni hedduun gara dhugaatti dhufaa jiru.

11 Haata’u malee, gammachuukee eegdee jiraachuuf, malawwan addaddaatiin lallabuudhaan tajaajilaakee bal’isuu dandeessaa? Fakkeenyaaf, karaarratti ykn bakka hojiisaaniitti namootaaf lallabuuf yaalii ni gootaa? Namoota bilbilaan haasofsiisuu ni dandeessaa? Yookiin lakkoofsa bilbilaa namoota kanaan dura ergaa Mootummichaa lallabdeef fudhachuudhaan, deddeebii gaaffii isaanii gochuu dandeessaa? Tajaajilakee ciminaan itti fufuufi akka haalasaatti jijjiiruudhaan, namoota ergaa Mootummichaa fudhatan argattee gammaduu dandeessa.

Dantaa Dhabummaa Namootaa Mo’uu

12. Namoonni naannoo keenyaa hedduun dantaa kan hin qabne yoo ta’an maal gochuu dandeenya?

12 Namoonni naannookeetii baay’een amantiidhaaf dantaa kan hin qabne yoo ta’an maal gochuu dandeessa? Karaa xiyyeeffannaasaanii harkisuun isaan haasofsiisuu dandeessaa? Phaawulos ergamaan amantoota Qorontositti argamaniin, “Yihudoota biratti, . . . akka Yihudiin ta’e; warra seera jala jiran biratti, ofii kootii seera jala yoon jiraachuu dhaabaadhe iyyuu, . . . akka nama seera jala jiruun ta’e” jedheera. Kaayyoon Phaawulos maal ture? “Karaadhuma hundumaan namoota muraasa illee oolchuudhaaf, namoota hundumaa biratti waan fakkaatu hundumaa ta’eera” jedhe. (1 Qor. 9:20-22) Nuyis yaada namoota naannoo keenyaa wajjin irratti walii gallu argachuu dandeenyaa? Namoonni amantii hin qabne hedduun, walitti dhufeenya maatiisaanii gidduu jiru fooyyessuu barbaadu. Kaayyoo jireenyaas beekuu barbaadu ta’a. Ergaa Mootummichaa karaa namoota kana gammachiisuun dhiheessuu ni dandeenyaa?

13, 14. Gammachuu hojii bartoota gochuurratti argannu guddisuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Babal’istoonni hedduun, naannoo namoonni dantaa hin qabne keessa jiraatanitti kan tajaajilan yoo ta’ellee, hojii bartoota gochuurratti gammachuu guddaa argachaa jiru. Akkamitti? Qooqa garabiraa barachuudhaani. Abbaan manaafi haati manaa umrii waggoota 60 keessatti argaman tokko, barattoonni lammii Chaayinaa kumaan lakkaa’aman naannoo tajaajilaasaanii keessa akka jiraatan hubatan. Abbaan manaa akkas jedheera: “Kanaan kan ka’e afaan Chaayinaa barachuuf kakaane. Afaan kana barachuun guyyaa guyyaadhaan sa’aatii dheeraadhaaf qayyabachuu kan gaafatu ta’uyyuu, kana gochuun keenya namoota Chaayinaa naannoo keenyatti argaman hedduu Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuuf nu gargaareera.”

14 Afaan biyya alaa barachuu kan hin dandeenye yoo taatellee, namoota afaan garabiraa dubbatan yommuu argattu, buukleetii Misiraachoo Saba Hundaaf Ta’u jedhamutti akka gaariitti fayyadamuu dandeessa. Kana malees, barreeffamoota namoota naannoo tajaajilaakeetti argattuufi afaan garabiraa dubbataniif ta’an argachuu dandeessa. Namoota qooqniifi aadaansaanii adda ta’ee wajjin walii galuun, yeroofi carraaqqii dabalataa akka gaafatu beekamaadha. Ta’us, seera bu’uuraa Dubbii Waaqayyoo keessatti ibsameefi “Namni harka guutee facaasu immoo harka guutee in galfata” jedhu hin dagatin.—2 Qor. 9:6.

Gumiinis Shoora Guddaa Qaba

15, 16. (a) Hojiin bartoota gochuu, carraaqqii guutummaa gumichaa gaafata kan jennu maaliifi? (b) Maanguddoonni gahee akkamii qabu?

15 Haata’u malee, hojiin bartoota gochuu carraaqqii nama tokkoo qofaarratti kan hundaa’e miti. Carraaqqiin gumichi godhus iddoo guddaa qaba. Kana kan jennu maaliifi? Yesus, “Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku” jedheera. (Yoh. 13:35) Dhugumayyuu, namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabatan yommuu walga’iirratti argaman, yeroo baay’ee jaalalli nu gidduutti argamu isaan ajaa’ibsiisa. Dubartiin Macaafa Qulqulluu qayyabattu tokko, “Walga’iirratti argamuun baay’ee na gammachiisa. Namoonni achitti argaman simannaa gaarii namaa godhu” jetteetti. Yesus, namoonni duuka buutotasaa ta’an maatiisaaniirraa mormiin isaanirra ga’uu akka danda’u dubbateera. (Maatewos 10:35-37 dubbisi.) Haata’u malee, namoonni kun gumii keessatti “obboloota, obboleettota, haadhota, ijoollota” hafuuraa hedduu akka argatan waadaa galeera.—Mar. 10:30.

16 Keessumaa obboloonni maanguddoota ta’an, namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabatan guddina akka argisiisan gargaaruurratti ga’ee guddaa qabu. Karaa kamiin? Maanguddoonni tokko tokko qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuu kan hin dandeenye ta’uyyuu, yaanni gaariin walga’ii gumiirratti kennan amantii nama hundaa ni jabeessa. Seenaan ‘karaa qajeelinaarra’ deddeebi’uudhaan dabarsan gumicha kan miidhagsu ta’uusaarrayyuu, namoonni garaa qajeelaa qaban gara jaarmiyaa Waaqayyootti akka harkifaman godha.—Fak. 16:31, NW.

Sodaa Keenya Mo’uu

17. Ga’eessa akka hin taane yoo nutti dhaga’ame maal gochuu dandeenya?

17 Ga’eessa akka hin taane yoo sitti dhaga’ame maal gochuu dandeessa? Yihowaan Museedhaaf hafuura qulqulluu kennuufi obboleessisaa Aaron isaa wajjin akka hojjetu gochuudhaan akka isa gargaare yaadadhu. (Bau. 4:10-17) Yesus, hafuurri qulqulluun hojii lallabaa keenya akka deggeru abdii kenneera. (HoE. 1:8) Kana malees, Yesus bartootasaa lama lama godhee lallabaaf ergeera. (Luq. 10:1) Kanaaf, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuun rakkisaa yoo sitti ta’e, hafuurri Waaqayyoo ogummaa akka sii kennu kadhadhu. Kana malees, nama ija jabinaan akka tajaajiltu si gargaaruufi muuxannoonsaa si jabeessuu wajjin tajaajili. Yihowaan hojii guddaa hojjechuuf, “waan biyyi lafaa dadhabaatti lakkaa’u,” jechuunis namoota iddoo guddaan hin kennamneef akka filate beekuun amantii namaa kan jabeessudha.—1 Qor. 1:26-29.

18. Sodaa nama tokko gargaaruu akka hin dandeenye nutti dhaga’amu mo’uu kan dandeenyu akkamitti?

18 Nama Macaafa Qulqulluu qayyabatu tokko sirriitti gargaaruu hin dandeenyu jennee akka hin sodaanne kan nu gargaaru maalidha? Bartoota gochuun, akka hojii nyaata qopheessuutti bu’a qabeessa ta’uufi dhiisuunsaa nama tokkorratti kan hundaa’e miti. Kanaa mannaa, gargaarsi warra kaaniis ni barbaachisa. Yihowaan, nama tokko ofitti harkisuudhaan shoora isa guddaa taphata. (Yoh. 6:44) Nuyis taane warri gumii keessatti argaman kaan, akka gaariitti barsiisuudhaan barataan kun guddina akka argisiisu hamma humna keenyaa gargaaruu dandeenya. (2 Ximotewos 2:15 dubbisi.) Baratichis wanta baratu hojiirra oolchuun isa barbaachisa. (Mat. 7:24-27) Barataan kun Macaafa Qulqulluu qayyabachuusaa yoo dhaabe, abdii kutachuu dandeenya. Namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabatan murtoo sirrii akka godhan ni hawwina; haata’u malee, “hundumtinuu adda addaan waan godhe sababii isaa wajjin Waaqayyotti himuuf” akka jiru beekna.—Rom. 14:12.

Eebbawwan Akkamii Arganna?

19-21. (a) Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuudhaan faayidaa akkamii arganna? (b) Yihowaan namoota hojii lallabaarratti hirmaatan hundaaf ilaalcha akkamii qaba?

19 Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuun, duraan dursinee yaada keenya Mootummichatti hidhuuf nu gargaara. Kana malees, dhugaan Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu garaafi yaada keenya keessaa akka hin badne godha. Akkamitti? Qajeelchaan Baaraak jedhamu, “Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuun, Dubbii Waaqayyoo akka gaariitti akka qayyabattu si dirqisiisa. Nama kan biraa akka gaariitti barsiisuu danda’uukoo dura, amantaakoo jabeeffachuu akkan qabu hubadheera” jedheera.

20 Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessaa hin jirtu yoo ta’e, tajaajillikee Waaqayyo biratti gatii hin qabu jechuudhaa? Matumaa akkas jechuu miti! Yihowaan carraaqqii isa jajachuudhaaf goonu ni dinqisiifata. Namoonni hojii lallabaarratti hirmaatan hundi, ‘Waaqayyoo wajjin hojjetu.’ Haata’u malee, Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuun keenya, Waaqayyo sanyii nuyi facaasne yommuu guddisu ilaaluu waan nu dandeessisuuf gammachuu dabalataa nuuf argamsiisa. (1 Qor. 3:6, 9, hiika bara 1899) Qajeelchituun Eemii jedhamtu, “Namni qayyabsiistu guddina gochaa akka jiru yommuu ilaaltu, Yihowaan namni kun akka isa beekuufi jireenya bara baraa akka argatu gargaaruuf waan sitti fayyadameef baay’ee isa galateeffatta” jetteetti.

21 Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuufi geggeessuuf carraaqqii cimaa gochuun keenya, yeroo ammaatti Waaqayyoon tajaajiluurratti akka xiyyeeffannuufi badiisarraa oollee addunyaa haaraatti galuuf abdii qabnu akka cimsannu nu gargaara. Gargaarsa Yihowaatiin namoota nu dhaggeeffatanis oolchuu dandeenya. (1 Ximotewos 4:16 dubbisi.) Kun gammachuu guddaa kan nuuf argamsiisu mitii?

Ni Yaadattaa?

• Rakkoowwan namoonni tokko tokko qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akka hin geggeessine isaan gochuu danda’an kam fa’i?

• Namoonni naannoo tajaajilaa keenyatti argaman hedduun dantaa kan hin qabne yoo ta’an maal gochuu dandeenya?

• Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuudhaan eebbawwan akkamii arganna?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 9rra jiru]

Namoota garaa qajeelaa qaban argachuuf, malawwan tajaajilaa addaddaatti fayyadamuu dandeessaa?