“Kottuu Ana Duukaa Bu’i!”
“Kottuu Ana Duukaa Bu’i!”
“Eenyu illee na duukaa bu’uu yoo fedhe, waa’ee ofii isaa dhiisee fannoo isaa baatee, yeroo hundaa ana duukaa haa bu’u.”—LUQ. 9:23.
1, 2. (a) Yesus gaarummaadhaan kaka’ee afeerrii akkamii dhiheesse? (b) Afeerrii Yesus kan fudhatte akkamitti?
YESUS gara dhuma tajaajilasaatti, Yordaanos gama kaaba bahaa Yihudaa bakka Peeriyaa jedhamtutti lallabaa ture. Dargaggeessi tokko isatti dhihaatee, jireenya barabaraa argachuuf maal gochuu akka qabu isa gaafate. Yesus dargaggeessi kun Seera Musee amanamummaadhaan akka eegu erga mirkaneessee booda, afeerrii adda ta’e tokko isaaf dhiheesse. “Dhaqii waan qabdu gurgurii, warra deegaadhaafis kenni, waaqa irratti badhaadhummaa in qabaatta; isa booddee immoo kottuu ana duukaa bu’i!” jedheen. (Mar. 10:21) Tokkicha Ilma Waaqa Hundumaa Danda’uu kan ta’e Yesus duukaa bu’uuf afeeramuun mirga akkamii akka ta’e mee yaadi!
2 Dargaggeessi kun afeerrii kana fudhachuu diduyyuu, warri kaan fudhataniiru. Sana dura Yesus Filiphosiin, “Na duukaa bu’i!” jedheenii ture. (Yoh. 1:43) Filiphoosis afeerrii kana fudhatee yeroo booda ergamaa Yesus ta’eera. Yesus afeerrii akkasii Maatewosiifis kan dhiheesse yommuu ta’u, innis afeerrii kana fudhateera. (Mat. 9:9; 10:2-4) Yesus, “Eenyu illee na duukaa bu’uu yoo fedhe, waa’ee ofii isaa dhiisee fannoo isaa baatee, yeroo hundaa ana duukaa haa bu’u” jechuudhaan, afeerrii kana namoota qajeelummaa jaallatan hundaaf dhiheesseera. (Luq. 9:23) Kanaaf, namni barbaade hundi Yesus duukaa bu’uu ni danda’a. Atoo fedhii akkasii qabdaa? Baay’een keenya afeerrii Yesus kan fudhanne yommuu ta’u, tajaajilarrattis warra kaaniif afeerrii kana dhiheessaa jirra.
3. Yesus duukaa bu’uurraa akka hin gorre of eeggachuu kan dandeenyu akkamitti?
3 Namoonni dhugaa Macaafa Qulqulluu fudhatan tokko tokko, qayyabachuu dhiisuunsaanii nama gaddisiisa. Namoonni kun duubatti jechuudhaan yeroo booda Yesus duukaa bu’uurraa ‘goru.’ (Ibr. 2:1) Kiyyoo akkasiirraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti? Gaaffiiwwan, ‘Sababii inni guddaan Yesus duukaa bu’uuf itti filadhe maalidha? Isa duukaa bu’uu jechuun maal jechuudha?’ jedhan of gaafachuun keenya nu gargaaruu danda’a. Deebii gaaffiiwwan kanaa yaadatti qabachuun keenya, daandii gaarii isa filannerra deddeebi’uuf murtoo goone akka jabeeffannuufi warri kaanis Yesus duukaa akka bu’an jajjabeessuuf nu gargaara.
Yesus Duukaa Kan Buunu Maaliifi?
4, 5. Yesus geggeessaa ta’uuf ga’eessa kan ta’e maaliifi?
4 Ermiyaas raajichi, “Yaa Waaqayyo! Namni akeeka jireenya isaatii of harka galfachuu, karaa jireenya isaatiis ofii isaatiin geggeeffachuu akka hin dandeenye ani beeka” jedheera. (Er. 10:23) Jechoonni Ermiyaas dhugaa ta’uusaanii seenaan mirkaneesseera. Namoonni cubbuu dhaalan akka gaariitti of bulchuu kan hin dandeenye ta’uunsaanii yeroodhaa gara yerootti ifa ta’aa jira. Yesus haala ilmaan namootaarraa adda ta’een, Bulchaa keenya ta’uu akka danda’u waan hubanneef, afeerrii duuka buutotasaa ta’uuf nuu dhihaate fudhanneerra. Ulaagaawwan Yesus guutu tokko tokko ilaali.
5 Tokkoffaa, Yesus Masiihii ta’uudhaan akka nu geggeessu kan isa filate Yihowaadha. Eenyuun Bulchaa godhee akka nuu muudu, Uumaa keenya caalaa kan beeku jiraa? Lammaffaa, Yesus amalawwan dinqisiifachuufi argisiisuu dandeenyu qaba. (Isaayaas 11:2, 3 dubbisi.) Inni fakkeenya gaarii nuu ta’a. (1 Phe. 2:21) Sadaffaa, Yesus lubbuusaa dabarsee isaanii kennuudhaan akkuma argisiise, warra isa duukaa bu’aniif baay’ee yaada. (Yohannis 10:14, 15 dubbisi.) Tiksituu gaarii yeroo ammaatti jireenya gammachiisaa, gara fuulduraattimmoo jireenya barabaraa ulfina qabeessa ta’etti nu geessu ta’uusaa argisiiseera. (Yoh. 10:10, 11; Mul. 7:16, 17) Sababiiwwan kanaafi kaaniin kan ka’e, isa duukaa bu’uuf yommuu filanne murtoo gaarii gooneerra. Haata’u malee isa duukaa bu’uun maalfaa dabalata?
6. Yesus duukaa bu’uun maalfaa dabalata?
Maatewos 7:21-23 dubbisi.) Namoonni afeerrii Yesus duukaa akka bu’an isaanii dhihaate fudhachuuf fedhii akka qaban yommuu argisiisan, nuyi Kiristiyaanonni dhugaan, guutummaa jireenyasaaniitti barumsawwaniifi fakkeenya Yesus hordofuu akka qaban isaan barsiisna. Kana fakkeenyaan ibsuuf, waa’ee Yesus wantoota baranne tokko tokko ilaali.
6 Duuka buutota Kiristos ta’uu jechuun Kiristiyaana ofiin jechuu qofa miti. Yeroo ammaatti namoonni gara biliyoona lamaa ta’an Kiristiyaanota kan ofiin jedhan ta’us, gochisaanii ‘warra hamaa hojjetan’ ta’uusaanii argisiisa. (Akkuma Yesus Ogummaa Qabaadhaa
7, 8. (a) Ogummaan maalidha? Yesus ogummaa guddaa kan qabaate maaliifi? (b) Yesus ogummaa akka qabu kan argisiise akkamitti? Nuhoo fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
7 Yesus amalawwan gaggaarii hedduu kan qabu ta’us, ammaaf arfansaanii qofarratti xiyyeeffanna. Isaanis, ogummaa, gad of deebisuu, hinaaffaafi jaalaladha. Jalqaba ogummaasaa, jechuunis dandeettii inni beekumsaafi hubannaa karaa bu’a qabeessa ta’een hojiirra oolchuuf qabu ilaali. Phaawulos ergamaan, “Badhaadhummaan ogummaa fi beekumsaa hundinuu [Yesus] keessa dhokfamee jira” jechuudhaan barreesseera. (Qol. 2:3) Yesus ogummaa kana eessaa argate? ‘Ani isa abbaan na barsiisen dubbadha’ jedheera. (Yoh. 8:28) Yesus ogummaasaa kan argate Abbaasaarraa waan ta’eef, murtoon inni godhe sirrii ta’uunsaa nu ajaa’ibsiisuu hin qabu.
8 Fakkeenyaaf, Yesus akkamitti akka jiraatu filachuurratti murtoo sirrii godheera. Waan tokko qofaarratti, jechuunis fedha Waaqayyoo raawwachuurratti xiyyeeffachuudhaan, jireenya salphaa jiraachuuf murteesseera. Mootummichaaf dursa kennuuf yeroofi humnasaatti ogummaadhaan fayyadameera. ‘Ija fayyaa’ qabaachuuf carraaquufi ba’aa barbaachisaa hin taane isa yeroofi xiyyeeffannaa keenya fudhaturraa fagaachuudhaan fakkeenya Yesus hordofna. (Mat. 6:22) Kiristiyaanonni hedduun, yeroo baay’ee tajaajilarratti dabarsuuf jecha, jireenya salphaa jiraachuuf tarkaanfii fudhataniiru. Isaan keessaa tokko tokko qajeelchitoota ta’aniiru. Atis isaan keessaa tokko yoo taate, galateeffamuu qabda. ‘Duraan dursanii yaada ofii Mootummaa Waaqayyootti hidhuun,’ gammachuu guddaa argamsiisa.—Mat. 6:33.
Akkuma Yesus Gad Of Deebisaa
9, 10. Yesus akka gad of deebisu kan argisiise akkamitti?
9 Ammammoo waa’ee amala Yesus isa lammaffaa, jechuunis waa’ee gad of deebisuusaa mari’anna. Namoonni cubbuu dhaalan yommuu aangoon kennamuuf, yeroo baay’ee warra kaanirra akka caalan isaanitti dhaga’ama. Haalli Yesus garuu kanarraa baay’ee adda ture. Yesus kaayyoo Yihowaa galmaan ga’uu keessatti shoora guddaa kan qabu yoo ta’eyyuu, koorri xinnoonillee itti dhaga’amee hin beeku. Nuyis akkumasaa akka gad of deebisnu jajjabeeffamneerra. Phaawulos ergamaan, “Yaada garaa isa Kristos Yesus qaba ture qabaadhaa! Inni bifa waaqayyummaatiin utuma jiruu, ulfina waaqayyummaa isa abbaa isaa wajjin wal isa qixxeessu wanta qabatanii itti hafanitti hin lakkoofne. Inni ulfina sana gad dhiisee, akka waan tokkotti hin galle of godhe; bifa garbummaa in fudhate; fakkaattii namummaatiin in dhalate, waan hundumaanis nama ta’ee argame” jechuudhaan barreesseera. (Filp. 2:5-7) Kana gochuun maal kan gaafatu ture?
10 Yesus Abbaasaa wajjin samiirra jiraachaa kan ture ta’uyyuu, mirga guddaa kana fedhasaatiin dhiisuudhaan “akka waan tokkotti hin galle of godhe.” Lubbuunsaa gara gadameessa durba Yihudii tokkootti naanneffamuudhaan, ji’a sagaliif erga achi keessatti guddatee booda, daa’ima of gargaaruu Luq. 2:51, 52) Kun baay’ee kan gad of deebisu ta’uusaa kan argisiisu mitii?
hin dandeenye ta’ee maatii muka sooftuu gad aanaa tokko keessatti dhalate. Yesus mana Yoseefitti suutuma suuta daa’ima, mucaa xinnaa, achiis dargaggeessa umrii kurnanii ta’ee guddate. Inni cubbuurraa walaba kan ture ta’us, bara dargaggummaasaa hundatti warrasaa cubbamoota ta’aniif ajajameera. (11. Akkuma Yesus akka gad of deebisnu argisiisuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?
11 Hojiiwwan gad aanaa fakkaatan hojjechuuf fedhiidhaan yommuu of dhiheessinu, akkuma Yesus akka gad of deebisnu argisiisna. Hojii misiraachicha lallabuu akka fakkeenyaatti fudhadhu. Hojiin kun, keessumaa yommuu namoonni ergaa keenyaaf dantaa dhaban, yommuu nutti ga’isaniifi nu jibban gad aanaa akka ta’e nutti dhaga’amuu danda’a. Haata’u malee, hojii lallabaatti jabaachuudhaan, warri kaan afeerrii Yesus akka isa duukaa bu’an dhiheesse akka fudhatan gargaarra. Kana gochuudhaan lubbuu namootaa balaarraa oolchina. (2 Ximotewos 4:1-5 dubbisi.) Fakkeenyi inni kaanimmoo Galma Mootummaa akka gaariitti qabuudha. Kunimmoo hojiiwwan gad aanaa kan akka kosii gatuu, mana dhiquufi mana boolii qulqulleessuu dabalata. Haata’u malee, Galma Mootummaa keenya jechuunis handhuura waaqeffannaa dhugaa akka gaariitti qabuun, tajaajila qulqulluu dhiheessinu keessaa isa tokko ta’uusaa ni hubanna. Gad of deebisnee fedhiidhaan hojiiwwan gad aanaa fakkaatan raawwachuudhaan, faana Kiristos duukaa bu’uu keenya argisiisuu dandeenya.
Akkuma Yesus Hinaaffaa Qabaadhaa
12, 13. (a) Yesus hinaaffaa akka qabu kan argisiise akkamitti? Kana akka godhu kan isa kakaase maalidha? (b) Tajaajilarratti hinaaffaa akka argisiisnu kan nu kakaasu maalidha?
12 Hinaaffaa Yesus tajaajilarratti argisiise ilaali. Yesus yommuu lafarra turetti wantoota hedduu raawwateera. Ijoollummaasaatti abbaasaa isa isa guddise Yoseefii wajjin ta’uudhaan hojii muka soofuu utuu hin hojjetin hin oolu. Yommuu tajaajilaa turetti, warra dhukkubsatan fayyisuufi warra du’an kaasuu dabalatee, dinqiiwwan hedduu raawwateera. Haata’u malee, hojiinsaa inni guddaan, misiraachicha lallabuufi namoota isa dhaggeeffachuuf fedha qaban barsiisuu ture. (Mat. 4:23) Nuyis duuka buutotasaa waan taaneef, hojiin akkanaa nuu kennameera. Fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Karaan inni tokko, kaka’umsa Yesus hojii kana hojjechuuf isa gargaare qabaachuudha.
13 Yesus hojii lallabuufi barsiisuurratti akka hirmaatu wanti isa kakaase inni guddaan, jaalala Waaqayyoof qabudha. Kana malees, dhugaa barsiise ni jaallata ture. Dhugaa sana akka waan gati jabeessaatti waan ilaaluuf, warra kaanitti himuuf ni hawwa ture. Nuyis ‘barsiisota’ waan taaneef akkasuma nutti dhaga’ama. Dubbii Waaqayyoo Maatewos 13:52 dubbisi.) Miira ho’aadhaan lallabuudhaan, wanta Yihowaan nu barsiiseef jaalala akka qabnu warra kaaniif ibsina.
keessaa dhugaa gati jabeessa akkamii akka baranne mee yaadi! Gaaffii olaantummaa ilaalchisee uumama cufa keessatti ka’eefi gaaffichi akkamitti furmaata akka argatu beekna. Haala namoonni du’an keessatti argamaniifi eebbawwan Waaqayyo addunyaa haaraa keessatti fidu ilaalchisee, wanta Caaffanni Qulqullaa’oon barsiisan akka gaariitti hubanneerra. Dhugaa kana kan baranne dhiheenyattis ta’e yeroo dheeraa dura, faayidaansaanii hin hir’atu. Dhugaawwan kun haaraas ta’an moofaa nuuf gati jabeessadha. (14. Mala Yesus itti barsiise hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
14 Yesus akkamitti akka barsiises hubadhu. Namoota isa dhaggeeffatan yeroo hunda Caaffata Qulqullaa’oorraa barsiisa ture. Yeroo baay’ee Yesus, yaada barbaachisaa tokko yommuu dubbatu, “Caaffata qulqullaa’aa keessatti . . . caafameera” jedha ture. (Mat. 4:4; 21:13) Yesus, kallattiidhaan ykn karaa kallattii hin taaneen, Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa walakkaadhaa ol ta’anirraa caqaseera. Nuyis tajaajilarratti akkumasaa Macaafa Qulqulluurratti hundoofnee barsiisna; yommuu haallisaa nuu heyyamus caqasa baasnee dubbisuuf yaalii goona. Kana gochuudhaan, namoonni garaa qajeelaa qaban yaada Waaqayyoo malee, yaada ofii keenyaa akka hin barsiisne akka hubatan gargaarra. Namni tokko Macaafa Qulqulluurraa dubbisuuf, akkasumas faayidaafi hiika Dubbiin Waaqayyoo qabu mari’achuuf fedhii yommuu qabaatu baay’ee gammanna. Namoonni kun afeerrii Yesus duukaa akka bu’an isaanii dhihaatu yommuu fudhatan, gammachuu guddaatu nutti dhaga’ama.
Yesus Duukaa Bu’uun Warra Kaan Jaallachuu Jechuudha
15. Amalli Yesus inni guddaan isa kamidha? Amala kanarratti xiinxaluun keenya maal akka goonu nu kakaasa?
15 Amalli Yesus dhumarratti qorannu kan nama gammachiisu yommuu ta’u, kunis jaalala inni ilmaan namootaatiif qabudha. Phaawulos ergamaan, “Jaalalli Kiristos nu qaba [“dirqisiisa,” NW]” jechuudhaan barreesseera. (2 Qor. 5:14) Jaalala Yesus namoota hundumaafi tokkoon tokkoon keenyaaf qaburratti xiinxaluun keenya, garaan keenya akka tuqamuufi fakkeenyasaa akka hordofnu nu dirqisiisa.
16, 17. Yesus warra kaaniif jaalala akka qabu kan argisiise karaawwan kamiini?
16 Yesus warra kaaniif jaalala qabaachuusaa kan argisiise akkamitti? Fedhiisaatiin lubbuusaa ilmaan namootaatiif dabarsee kennuunsaa, jaalala guddaa inni nuuf qabu argisiisa. (Yoh. 15:13) Yesus tajaajilasaarratti karaa garabiraas jaalala argisiiseera. Fakkeenyaaf, namoota rakkataniif garaadhaa ni gadda ture. Yesus Alaazaar du’uusaatiin kan ka’e Maariyaamiifi namoonni kaan yommuu boo’an argee, gaddisaanii baay’ee isatti dhaga’ame. Alaazaariin akka kaasu beekuyyuu, “imimmaan isaa dhangalaase.”—Yoh. 11:32-35.
17 Yesus yommuu tajaajila jalqabetti, namni dhukkuba lamxiitiin qabame tokko isatti dhihaatee, “Fedha kee yoo ta’e na qulleessuu in dandeessa” jedheen. Yeroo kanatti Yesus maal godhe? Seenaansaa, Mar. 1:40-42.
“Yesus garaa laafeef” jedha. Kanarra darbees, “hiixatee qabee, ‘Fedheeraa qullaa’i!’ ittiin jedhe. Achumaan namichi lamxii isaa irraa fayyee qullaa’e.” Akka Seera Museetti, namoonni dhukkuba lamxiitiin qabaman akka xuraa’ootti waan ilaalamaniif, Yesus utuu harkaan isa hin qabin isa fayyisuu danda’a ture. Haata’u malee, namicha lamxaa’e kana yommuu fayyisu harkaan isa qabeera. Kana gochuudhaan tarii waggoota hedduu booda yeroo jalqabaatiif namni harkaan isa qabuusaatiin gammachuun akka isatti dhaga’amu godheera. Kun gara laafina guddaa mitii?—18. ‘Gara laafina’ argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
18 Nuyis duuka buutota Kiristos waan taaneef, warra kaaniif ‘garaa laafuudhaan’ jaalala isaaniif qabnu akka argisiisnu gorfamneerra. (1 Phe. 3:8) Matumaa wanti kun nurra ga’ee hin beeku taanaan, dhukkuba cimaa ykn dhiphina nama hidhata amantaa keenya ta’e tokkoo hubachuun salphaa ta’uu dhiisuu danda’a. Yesus garuu dhukkubsatee kan hin beekne ta’us, namoota dhukkubsataniif gaddeera. Nutis akkuma Yesus warra kaaniif akka gaddinu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Namoonni rakkinarra jiran wanta isaanitti dhaga’amu yommuu dubbatan obsaan dhaggeeffachuudhaan kana gochuu dandeenya. “Utuun haalasaanii keessatti argama ta’ee, akkam natti dhaga’ama ture? jennees of gaafachuu dandeenya. Miira warra kaaniitiif kan yaannu yoo ta’e, ‘warra garaansaanii dadhabe jajjabeessuu’ dandeenya. (1 Tas. 5:14, hiika bara 1899) Kana gochuudhaan Yesus duukaa buuna.
19. Fakkeenyi Yesus maal akka goonu nu kakaasa?
19 Dubbiifi gocha Yesus Kiristos qorachuun baay’ee kan nama gammachiisu mitii? Waa’eesaa caalaatti yommuu barachaa adeemnu, caalaatti isa fakkaachuuf fedhii kan qabaannu ta’uusaarrayyuu, warri kaanis akkasuma akka godhan gargaaruuf fedhii qabaanna. Kanaaf ammas ta’e barabaraaf Masiihicha Mootii ta’e duukaa bu’uutti haa gammannu.
Ibsuu Dandeessaa?
• Nuyis akkuma Yesus ogummaa argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
• Amala gad of deebisuu argisiisuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?
• Tajaajilaaf hinaaffaa qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?
• Fakkeenya Yesus hordofuudhaan warra kaan akka jaallannu argisiisuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
Hinaaffaadhaan akka tajaajillu kan nu kakaasu maalidha?
[Saanduqa/Fakkii fuula 5rra jiru]
Kitaaba Fakkeenya Kiristos Hordofuuf Nu Gargaaru
Walga’ii koonyaa 2007 godhamerratti, kitaabni fuula 192 qabuufi matadureensaa “Kottuu Ana Duukaa Bu’i!” jedhu Ingiliffaan ba’ee ture. Kitaabni kun, Kiristiyaanonni Yesusirratti keessumaa amalawwaniifi gochawwansaarratti akka xiyyeeffatan gargaaruuf yaadamee kan qophaa’edha. Boqonnaawwan jalqabaa lama booda, kutaan inni jalqabaa, amalawwan gurguddaa Yesus qabu, jechuunis kan gad of deebisu, ija jabeessa, ogummaa kan qabu, ajajamaafi obsaan kan danda’u ta’uusaa ibsa.
Kutaawwan kanatti aansanii jiran, sochii Yesus misiraachoo kana barsiisuufi lallabuurratti godheefi karaawwan inni jaalala guddaa itti argisiise tokko tokko ibsu. Kiristiyaanni tokko akkamitti Yesus duukaa bu’uu akka danda’u guutummaa kitaabichaa keessatti ibsameera.
Kitaabni kun, hundi keenya akka of gamaaggamnuufi ‘Ani dhuguma Yesus duukaa bu’aan jiraa? Caalaatti isa duukaa bu’uu kanan danda’u akkamitti?’ jennee akka of gaafannu nu kakaasa. Kana malees, kitaabichi ‘jireenya barabaraatiif kan qophaa’an hundi’ duuka buutota Kiristos akka ta’an ni gargaara.—HoE. 13:48 Hikka bara 1899.
[Fakkii fuula 4rra jiru]
Yesus gara lafaa dhufuufi daa’ima ta’ee dhalachuuf fedhii akka qabu argisiiseera. Kana gochuun amala akkamii qabaachuu gaafata ture?
[Fakkii fuula 6rra jiru]