Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kunoo, Garbichi Yihowaan Jaallatu Isa Kana!

Kunoo, Garbichi Yihowaan Jaallatu Isa Kana!

Kunoo, Garbichi Yihowaan Jaallatu Isa Kana!

“Kunoo, garbichi koo . . . inni ani jaalladhu isa kana!”—ISA. 42:1.

1. Sabni Yihowaa, keessumaa yeroo Ayyaanni Yaadannoo dhihaatu maal akka godhan jajjabeeffamu? Maaliif?

SABNI Waaqayyoo, yeroon du’a Kiristos itti kabajan yommuu dhihaatu, gorsa Phaawulos ergamaan ‘Yesus isa amantii keenya jalqabee fiixaan baasu sanattii ija akka hin buqqifanne’ kenne akka hojiirra oolchan jajjabeeffamu. Phaawulos itti dabaluudhaanis, “Isin dadhabdanii yaadni keessan akka hin laafnetti ittiin mormuu cubbamootaa isa obsaan danda’e sana yaadatti qabadhaa!” jedheera. (Ibr. 12:2, 3) Kiristiyaanonni dibamooniifi hoolonni kan biraan hidhatasaanii ta’an, amanamummaa Yesus aarsaa ta’uudhaan argisiiserratti xiyyeeffachuu qabu. Kana gochuunsaanii, amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluusaanii akka itti fufaniifi ‘yaannisaanii akka hin laafne’ isaan gargaara.—Galaatiyaa 6:9 waliin ilaali.

2. Raajiiwwan, Isaayaas Ilma Waaqayyoo wajjin haala wal qabateen dubbaterraa maal baranna?

2 Yihowaan, Ilmasaa ilaalchisee Isaayaas raajiiwwan walitti aanan akka barreessu hafuuraan isa kakaaseera. Raajiiwwan kun, Yesus Kiristos ‘isa amantii keenya jalqabee fiixaan baasu sanattii ija akka hin buqqifanne’ nu gargaaru. * Waa’ee amalasaa, gidiraa keessa darbuusaa, akkasumas ulfina Mootiifi Furii keenya ta’uudhaan argate ibsu. Raajiiwwan kun, Ayyaana Yaadannoo isa waggaa kanatti Kamisa Ebla 9 erga aduun lixxee booda kabajnu ilaalchisee hubannoo qabnu nuu bal’isu.

Eenyummaan Garbicha Kanaa Beekame

3, 4. (a) Macaafa Isaayaas keessatti, jechi “garbicha” jedhu maal kan argisiisudha? (b) Macaafni Qulqulluun, eenyummaa garbicha Isaayaas boqonnaa 42, 49, 50, 52fi 53⁠rratti ibsamee ifa kan godhu akkamitti?

3 Jechi “garbicha” jedhu macaafa Isaayaas keessatti al baay’ee argama. Yeroo tokko tokko jechi kun Isaayaasuma kan argisiisudha. (Isa. 20:3; 44:26) Yeroo tokko tokkommoo saba Israa’el ykn Yaaqoobiin argisiisa. (Isa. 41:8, 9; 44:1, 2, 21) Haata’u malee, raajiiwwan Isaayaas boqonnaa 42, 49, 50, 52 fi 53⁠rratti argaman, waa’ee Garbicha isa kamii dubbatu? Caaffanni Qulqullaa’oon afaan Giriikii, Garbichi Yihowaa boqonnaawwan kanarratti ibsame eenyu akka ta’e akka gaariitti ibsu. Namni Itoophiyaa taayitaa qabuufi macaafa Hojii Ergamootaa keessatti ibsame, yommuu Filiphos inni Wangeela lallabu hafuuraan geggeeffamee garasaa dhaqu, raajiiwwan kana keessaa tokko dubbisaa ture. Namichi, yaada Macaafa Qulqulluu Isaayaas 53:7, 8⁠rratti argamu dubbisaa kan ture ennaa ta’u, “Raajichi waa’ee eenyuutiif kana dubbata? Hadaraa anatti himi! Waa’ee ofii isaatii moo yookiis waa’ee nama biraa ti?” jedhee Filiphosiin gaafate. Filiphos, Isaayaas dubbachaa kan ture waa’ee Yesus Masiihichaa ta’uusaa yeruma sana ibseef.—HoE. 8:26-35.

4 Yeroo Yesus daa’ima turetti, Simi’oon inni nama qajeelaa ture hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee, waa’ee ‘mucicha Yesus’ dubbatee ture. Simi’oon, akkuma Isaayaas 42:6fi 49:6⁠rratti raajiidhaan dubbatame, Yesus ‘ifa warra saba Waaqayyoo hin ta’initti mul’atu’ akka ta’u labseera. (Luq. 2:25-32) Kana malees, Isaayaas 50:6-9⁠rratti, salphinni galgala gidiraan isarra ga’etti namoonni isarraan ga’an raajiidhaan dubbatameera. (Mat. 26:67; Luq. 22:63) Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti, Phexros, Yesus “hojjetaa” ykn garbicha Yihowaa ta’uusaa ifa godheera. (Isa. 52:13; 53:11; Hojii Ergamootaa 3:13, 26 dubbisi. *) Raajiiwwan waa’ee Masiihichaa dubbataman kanarraa maal barachuu dandeenya?

Yihowaan Garbichasaa Leenjiseera

5. Garbichi Yihowaa leenjii akkamii argatee ture?

5 Raajiiwwan Isaayaas waa’ee Garbicha Waaqayyoo dubbate keessaa tokko, Ilmisaa nama ta’ee dhalachuusaa dura, walitti dhufeenya cimaa Yihowaafi Ilmasaa gidduu jiru kan argisiisudha. (Isaayaas 50:4-9 dubbisi.) Garbichi kuniyyuu, ‘Akka warra isa irraa baraniitti ganama ganama na dammaqsa’ jechuudhaan, Yihowaan yeroo hunda akka isa leenjisu ibseera. (Isa. 50:4) Yeroowwan kana hundatti, Garbichi kun Abbaasaa Yihowaa dhaggeeffachuufi isarraa barachuudhaan duuka buutuu isaaf bitamu ta’eera. Waaqa uumama cufa uumerraa barachuun mirga guddaa mitii?

6. Garbichi kun, Abbaasaatiif guutummaatti akka bitamu kan argisiise akkamitti?

6 Raajii kanarratti Garbichi kun, Abbaansaa “Gooftaa Hundaa Olii” ta’uusaa ibseera. Kunimmoo, Garbichi kun, Yihowaan uumama cufarratti olaantummaa qabaachuusaa akka hubate kan argisiisudha. Abbaasaatiif guutummaatti akka bitamu argisiisuuf, “Waaqayyo gooftaan [“Hundaa Olii,” NW] gurra koo in bane, anis isaaf abboomamuu hin didne, isa irraas gara hin galle” jedheera. (Isa. 50:5) Uumama cufaafi ilmaan namootaa uumuurratti “hojjetaa isa angafa,” [NW] ta’uudhaan Yihowaa wajjin hojjeteera. ‘Hojjetaan angafti’ kun, ‘yeroo hundumaa fuula Waaqayyoo duratti gammadaa ture. Guutummaa biyya lafaa isa kan isaatiitti ni gammada, nama hundumaattis ni gammada ture.’—Fak. 8:22-31.

7. Garbichi Yihowaa, yeroo qorumsi isarra ga’etti Abbaansaa akka isa gargaaru amantaa qabaachuusaa kan argisiisu maalidha?

7 Leenjiin Garbichi kun argateefi jaalalli inni ilmaan namootaatiif qabu, gara lafaa dhufee mormii cimaa danda’uuf isa qopheesseera. Ari’atamni cimaan isarra ga’uyyuu, fedha Abbaasaa raawwachuudhaan gammaduusaa itti fufeera. (Far. 40:8; Mat. 26:42; Yoh. 6:38) Yesus lafarratti rakkinni yeroo isa mudate hundatti, surraafi deggersa Abbaasaa akka argatu mirkanaa’aa ture. Akkuma raajii Isaayaasirratti dubbatame Yesus, “Inni dhugaa anaaf baasu dhi’aateera’o, eenyu anatti falmuu danda’a ree? . . . Kunoo, Waaqayyo gooftaan ana in gargaara’o” jechuu danda’eera. (Isa. 50:8, 9) Raajiin Isaayaas dubbate kan biraan akka jedhutti, Yihowaan Garbichasaa kana yeroo inni lafarratti tajaajilaa ture hundaatti dhugumaan isa gargaareera.

Tajaajila Garbichi Kun Lafarratti Raawwate

8. Akkuma raajii Isaayaas keessatti ibsame, Yesus ‘isa Waaqayyo fo’ate’ ta’uunsaa kan mirkanaa’e akkamitti?

8 Macaafni Qulqulluun, Yesus Dh.K.B. bara 29⁠tti ennaa cuuphamu wanta raawwatame akkas jechuudhaan nutti hima: “Hafuurri qulqulluun . . . irra bu’e; sagaleenis waaqa irraa dubbatee, ‘Ati ilma koo isa jaallatamaa dha; gammachuun koos sitti in raawwatama’ jedhe.” (Luq. 3:21, 22) Karaa kanaan Yihowaan, garbichi ‘inni fo’ateefi’ raajii Isaayaas keessatti ibsame eenyu akka ta’e ifa godheera. (Isaayaas 42:1-7 dubbisi.) Yesus lafarratti tajaajilaa yeroo turetti, raajii kana haala dinqisiisaa ta’een raawwateera. Maatewos, Wangeelasaa keessatti Isaayaas 42:1-4⁠rraa caqasuudhaan, raajiin kun Yesusirratti akka raawwatame ibseera.—Mat. 12:15-21.

9, 10. (a) Yesus yeroo tajaajilaa turetti Isaayaas 42:3 kan raawwate akkamitti? (b) Kiristos yommuu lafarra turetti, ‘amanamummaadhaan firdii kan kenne akkamitti? ‘Firdii qajeelaa lafarratti kan fiduhoo’ yoomi?

9 Geggeessitoonni amantii Yihudii, Yihudoota kaan ni tuffatu turan. (Yoh. 7:47-49) Sabni sun gara jabinaan waan qabamaniif, ‘jajjaba buruqfame’ ykn ‘fo’aa ibsaa dhaamuuf’ jedhutti fakkeeffamuu danda’u. Yesus garuu, namoota rakkataniifi miidhamaniif ni gadda ture. (Mat. 9:35, 36) “Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba’aanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna” jechuudhaan namoota akkasii gaarummaadhaan afeereera. (Mat. 11:28) Kana malees, Yesus seerawwan bu’uuraa Yihowaan wanta sirriifi dogoggora ta’e ilaalchisee baase barsiisuudhaan, ‘amanamummaadhaan firdii kenneera.’ (Isa. 42:3) Seerri Waaqayyoo, sababiirratti hundaa’uufi oo’a qabaachuudhaan, hojiirra oolfamuu kan qabu ta’uusaas argisiiseera. (Mat. 23:23) Yesus, nama utuu wal hin caalchisin dureessaafi hiyyeessaaf lallabuudhaan, firdii amanamaa argisiiseera.—Mat. 11:5; Luq. 18:18-23.

10 Raajiin Isaayaas, ‘inni Waaqayyo fo’ate’ kun ‘firdii qajeelaa lafarratti akka fidus’ dubbateera. (Isa. 42:4) Mootii Mootummaa Masiihichaa waan ta’eef, dhiheenyatti mootummoota siyaasaa balleessee bulchiinsasaa isa qajeelaa bakka buusuudhaan kana raawwata. Addunyaa haaraa “qajeelummaan keessa buufatu” ni fida.—2 Phe. 3:13; Dan. 2:44.

‘Ifaafi Kakuu’

11. Yesus jaarraa jalqabaatti ‘saba lafarraatiif ifa kan ta’e’ akkamitti? Yesus hanga har’aattis ifa ta’aa kan jiru akkamitti?

11 Akkuma Isaayaas 42:6⁠rratti dubbatame, Yesus “saba lafa irraatiifis ifa” ta’uusaa argisiiseera. Yeroo lafarratti tajaajilaa turetti, jalqaba Yihudootaaf karaa hafuuraa ifa argamsiiseera. (Mat. 15:24; HoE. 3:26) Kana malees, Yesus, “Ani ifa biyya lafaa ti” jedheera. (Yoh. 8:12) Beekumsa hafuuraa argamsiisuudhaan qofa utuu hin ta’in, lubbuusaa isa mudaa hin qabne ilmaan namootaa hundaaf furii godhee dhiheessuudhaan, Yihudootaafis ta’e saba kaaniif ifa ta’eera. (Mat. 20:28) Erga du’aa ka’ee booda, bartoonnisaa “hamma andaara lafaatti” akka isaaf dhugaa ba’an isaan ajajeera. (HoE. 1:8) Phaawulosiifi Barnaabaas yeroo tajaajilaa turanitti, jecha ‘saba lafarraatiif ifa ta’uu’ jedhu caqasuudhaan, raajiin kun hojii lallabaa namoota Yihudoota hin taane gidduutti raawwatan akka argisiisu ibsaniiru. (HoE. 13:46-48; Isaayaas 49:6 waliin ilaali.) Obboloonni Yesus warri dibamoon lafarra jiraniifi hidhattoonnisaanii, ifa hafuuraa kana babal’isuudhaan namoonni Yesus isa ‘saba lafarraatiif ifa ta’etti’ akka amanan gargaaraa waan jiraniif, hojiin kun ammas hojjetamaa jira.

12. Yihowaan Garbichasaa ‘sabootaaf kakuu godhee’ kan kenne akkamitti?

12 Raajii sanarratti Yihowaan Garbichasaa isa fo’ateen, “Sin eega, sabaafis kakuu godhee sin kenna” jedheera. (Isa. 42:6, NW) Seexanni Yesusiin balleessuufi tajaajila lafarratti isaa kenname akka hin raawwanne gochuuf carraaqqii cimaa godheera. Haata’u malee, Yihowaan hanga yeroon du’asaa ga’utti isa eegeera. (Mat. 2:13; Yoh. 7:30) Sana booda Yihowaan Yesusiin du’aa kaasuudhaan “kakuu” ykn qabdii godhee, saba lafarraatiif isa kenne. Kakuun bakka guddaa qabu kun, Garbichi Waaqayyoo inni amanamaan, warra dukkana hafuuraa keessa jiran birmaduu baasuudhaan ‘saba lafarraatiif ifa ta’uusaa’ akka itti fufu mirkaneessa.—Isaayaas 49:8, 9 dubbisi. *

13. Yesus, yeroo lafarratti lallabaa ture “warra dukkana mana hidhaa keessa jiran” kan baase akkamitti? Kana gochuusaa kan itti fufehoo akkamitti?

13 Garbichi Yihowaan fo’ate kun, kakuu kanaa wajjin haala wal simuun ‘ija warra jaamaa ni bana,’ ‘warra hidhaman ni hiika,’ akkasumas ‘warra dukkana mana hidhaa keessa jiran ni baasa.’ (Isa. 42:7) Yesus yeroo lafarra tajaajilaa turetti, aadaawwan amantii sobaa saaxiluufi misiraachoo Mootummichaa lallabuudhaan kana godheera. (Mat. 15:3; Luq. 8:1) Kana gochuudhaan, Yihudoota bartootasaa ta’an amantii sobaarraa walaba godheera. (Yoh. 8:31, 32) Haaluma wal fakkaatuun, namoota Yihudoota hin taaneefi miliyoonaan lakkaa’aman karaa hafuuraa birmaduu baaseera. Duuka buutotasaatiif, “hamma dhuma baraatti” isaanii wajjin akka ta’u abdii kennuudhaan, ‘dhaqanii saba hundumaa bartootasaa akka godhan’ isaan abboomeera. (Mat. 28:19, 20) Yesus Kiristos, samiirra taa’ee hojii lallabaa addunyaa maratti raawwatamu kana olaantummaadhaan geggeessaa jira.

Yihowaan ‘Garbichasaa’ Ol Ol Qabeera

14, 15. Yihowaan Garbichasaa ol ol kan qabe maaliifi? Kana kan godhehoo akkamitti?

14 Yihowaan, Garbichasaa isa Masiihii ta’e ilaalchisee raajii kan biraarrattis, “Kunoo, hojiin garbicha kootii wal in qixxaataaf; inni ol in fuudhama, in guddata, baay’ees ol in qabama” jedheera. (Isa. 52:13) Yihowaan, Ilmisaa amanamummaadhaan olaantummaasaatiif kan bitamuufi haala baay’ee rakkisaa ta’e keessattillee amanamaa waan ta’eef, ol ol isa qabeera.

15 Phexros ergamaan Yesusiin ilaalchisee, “Inni du’aa ka’e sun gara waaqaatti ol ba’ee, gara mirga Waaqayyoo jira; ergamoonni Waaqayyoo, warri aboo qabu jedhamanii sodaataman, humnoonnis harka isaa jala jiru” jechuudhaan barreesseera. (1 Phe. 3:22) Phaawulos ergamaanis akkas jechuudhaan barreesseera: “Inni gad of deebisee, hamma du’aatti, hamma fannifamee du’utti iyyuu abboomamaa ta’e. Kanaafis Waaqayyo waan hundumaa irra caalchisee guddaa ol isa qabe; maqaa isa maqaa kam irra iyyuu caalu kenneeraaf. Kanaanis warri bantii waaqaa keessa jiran, warri lafa irraa, warri lafa jala jiranis hundinuu ulfina maqaa Yesusiif jilbeenfatanii akka sagadan godhe. Arrabni hundinuus, ulfina Waaqayyoo abbaatiif, Yesus Kristos gooftaa akka ta’e beeksisuuf jiru.”—Filp. 2:8-11.

16. Yesus bara 1914⁠tti ‘guddaa kan ol qabame’ akkamitti? Yeroo sanaa kaasee maal raawwateera?

16 Bara 1914⁠ttimmoo Yihowaan Yesusiin caalaatti ol ol qabeera. Yihowaan Mootii Mootummaa Masiihichaa godhee yommuu teessoorra isa kaa’etti, Yesus ‘guddaa ol qabameera.’ (Far. 2:6; Dan. 7:13, 14) Yeroo sanaa kaasee, Kiristos ‘diinotasaa gidduutti mo’uusaa’ itti fufeera. (Far. 110:2) Dura, Seexanaafi hafuurota xuraa’oo mo’uudhaan lafatti gad darbateera. (Mul. 12:7-12) Sana booda Kiristos, Qiiros Isa Guddicha ta’uudhaan, obbolootasaa warra dibamoo lafarra jiran hidhaa “Baabilon guddittii” jalaa baaseera. (Mul. 18:2; Isa. 44:28) Yesus, hojii lallabaa addunyaa maraa geggeessaa jira. Hojiin kunis, obbolootasaa warra hafuuraa keessaa “warra hafan,” [NW] akkasumas hidhattoota “karra xinnayyoo” kan ta’an “hoolota kan biraa” miliyonaan lakkaa’aman walitti qabuuf gargaareera.—Mul. 12:17; Yoh. 10:16; Luq. 12:32.

17. Raajii Isaayaas waa’ee “garbicha” Yihowaa dubbate ilaalchisee, wanta hanga ammaatti qayyabannerraa barumsa akkamii arganneerra?

17 Raajiiwwan dinqisiisaa macaafa Isaayaas keessatti argaman kana qayyabachuun keenya, dinqisiifannaa Mootiifi Furii keenya kan ta’e Yesus Kiristosiif qabnu akka nuu guddise hin shakkisiisu. Ajajamummaan yeroo lafarratti tajaajilaa turetti argisiise, gara lafaa dhufuusaa dura abbaasaa biratti leenjii gaarii akka argate kan argisiisudha. Tajaajilasaafi hojii lallabaa hanga har’aatti olaantummaadhaan to’achaa jiruun, ‘saba lafarraatiif ifa’ ta’uusaa argisiiseera. Mataduree itti aanurratti, raajii Garbichi Masiihii ta’e kun akka dhiphatuufi nuuf jedhee lubbuusaa dabarsee akka kennu ibsu kan biraa ilaalla. Yeroo Ayyaanni Yaadannoo du’asaa dhihaate kanatti, dhimmawwan kana ‘yaadatti qabachuu’ qabna.—Ibr. 12:2, 3.

[Miiljaleewwan]

^ key. 2 Raajiiwwan kana Isaayaas 42:1-7; 49:1-12; 50:4-9; akkasumas 52:13–53:12⁠rratti argachuu dandeessa.

^ key. 4 Hojii Ergamootaa 3:13, 26, (NW) “Isin, Yesusin Philaaxositti dabarsitanii laattan; yeroo inni isa gad dhiisuuf murtoo godhettis, fuula yaa’ii isaa dura dhaabattanii isa gantan; Waaqayyo inni kan Abrahaam kan Yisihaq kan Yaaqoobis, Waaqayyo abaabilii keenyaa, garuu Garbichasaa Yesusiin ol ol qabeera.” “‘Kanaafis Waaqayyo karaa keessan isa hamaatii hunduma keessan deebisuudhaan isin eebbisuudhaaf, Garbichasaa kaasee, duraan dursas isinitti erge’ jedhe.”

^ key. 12 Isaayaas 49:1-12⁠rratti ibsa bal’aa argachuuf, kitaaba Raajii Isaayaas—Ifa Ilmaan Namootaatiif Ife jedhamu, Jildii 2, ful. 136-145 ilaali. (Amaariffa)

Irra Deebii

• “Garbichi” raajii Isaayaas keessatti ibsame eenyu? Akkamitti beekna?

• Garbichi kun Yihowaarraa leenjii akkamii argatee ture?

• Yesus ‘saba lafarraatiif ifa’ kan ta’e akkamitti?

• Garbichi kun ol ol kan qabame akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 21rra jiru]

Filiphos, “garbichi” Isaayaas waa’eesaa dubbate Yesus isa Masiihicha ta’uusaa beekeera

[Fakkii fuula 23rra jiru]

Yesus, garbicha Yihowaan fo’ate waan ta’eef, namoota rakkataniifi miidhamaniif gaddeera

[Fakkii fuula 24rra jiru]

Yesus Abbaasaatiin ol ol qabamuudhaan Mootii Mootummaa Masiihichaa ta’eera