Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Barumsi Yesus Ilaalcha Keerratti Jijjiirama Fiduu Qaba

Barumsi Yesus Ilaalcha Keerratti Jijjiirama Fiduu Qaba

Barumsi Yesus Ilaalcha Keerratti Jijjiirama Fiduu Qaba

“Inni Waaqayyo isa erge dubbiidhuma Waaqayyoo dubbata.”—YOH. 3:34.

1, 2. Lallabni Yesus Gaararratti kenne maalitti fakkeeffamuu danda’a? Lallabni kun “dubbiidhuma Waaqayyoo” irratti kan hundeeffame ture jechuu kan dandeenyu maaliifi?

ALMAAZIIN Istaar oov Afriikaa jedhamuufi kaaraatii 530 ta’e, addunyaarratti guddinasaatiin sadarkaa tokkoffaa qaba. Dhugumayyuu albuudni kun gati jabeessadha! Albuudawwan hafuuraa barumsawwan Lallaba Yesus Isa Gaaraarraa keessatti argaman garuu, kana caalaa gati jabeessadha. Wanti Kiristos barsiise Yihowaa biraa kan madde waan ta’eef, kun ta’uunsaa nu dinqisiisuu hin qabu! Macaafni Qulqulluun Yesusiin ilaalichisuudhaan. “Inni Waaqayyo isa erge dubbiidhuma Waaqayyoo dubbata” jedha.—Yoh. 3:34-36.

2 Lallabni Gaararraa yeroo daqiiqaa soddoma hin guunne keessatti kan dubbatame ta’uu danda’us, achirratti Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa 8 keessaa al 21 caqasameera. Kanaafuu, “dubbiidhuma Waaqayyoo” irratti kan hundaa’e ture. Mee amma, barumsawwan Ilmi Waaqayyoo inni beekumsa guddaa qabu kun, gaararratti kenneefi gati jabeessa ta’an kana keessaa tokko tokko akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeenyu haa ilaallu.

“Dhaqii Obboleessa Keetti Dura Araarami”

3. Yesus balaa aariin fidu ilaalchisee akeekkachiisa erga kennee booda, maal jechuudhaan isaan gorse?

3 Hafuura Waaqayyoo waan qabnuufi iji hojii hafuura kanaammoo gammachuufi nagaa waan dabalatuuf, nuyi Kiristiyaanonni gammachuu qabna. (Gal. 5:22, 23) Yesus bartoonnisaa nagaafi gammachuu akka dhaban waan hin barbaanneef, yeroo dheeraadhaaf aaruun du’a namatti fiduu akka danda’u isaan akeekkachiisee ture. (Maatewos 5:21, 22 dubbisi.) Itti aansuudhaan akkas jedheera: “Kennaa aarsaa dhi’eessuudhaaf iddoo aarsaatti yoo fidde, iddoodhuma sanattis akka obboleessa kee waa yakkitee yaada isaa miite sitti in yaadatama ta’a. Kennaa aarsaa kee achuma iddoo aarsaa duratti dhiisiitii dhaqii obboleessa keetti dura araarami; kana booddee deebi’ii kennaa aarsaa kee dhi’eessi!”Mat. 5:23, 24.

4, 5. (a) ‘Kennaan’ Maatewos 5:23, 24⁠rratti Yesus ibse maal argisiisa? (b) Obboleessa mufate tokkoo wajjin araaramuun hammam barbaachisaadha?

4 ‘Kennaan’ Yesus ibse, aarsaa mana qulqullummaa Yerusaalem keessatti dhihaatu kamiyyuu kan argisiisudha. Fakkeenyaaf, aarsaan horii yeroo sanatti waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhihaatu keessaa tokko waan ta’eef, baay’ee barbaachisaa ture. Haata’u malee, Yesus wanti caalaatti barbaachisaa ta’e akka jiru, jechuunis kennaa sana Waaqayyoof dhiheessuu dura, obboleessa mufate tokkoo wajjin nagaa uumuun barbaachisaa ta’uusaa ibseera.

5 Jecha Yesus kanarraa maal baranna? Kana jechuun, walitti dhufeenyi warra kaanii wajjin qabnu, walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnurratti kallattiidhaan dhiibbaa geessisuu danda’a jechuudha. (1 Yoh. 4:20) Bara duriitti, namni tokko nama kan biraa haala gaariidhaan hin qabu taanaan, kennaan inni Waaqayyoof dhiheessu fudhatama hin qabu ture.—Miikiyaas 6:6-8 dubbisi.

Gad Of Deebisuun Barbaachisaadha

6, 7. Obboleessa mufachiisne tokkoo wajjin nagaa uumuuf, gad of deebisuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

6 Obboleessa mufate tokkoo wajjin araaramuun, gad of deebisuu gaafata. Namoonni gad of deebisan, wanta mirgasaanii akka ta’etti yaadan tokkoof jecha hidhattoota amantaasaanii hin falman. Wanti akkasii jiraachuunsaa, akkuma gumii Qorontos durii keessatti raawwatamee ture, haalli gadheen akka uumamu godha. Haala sana ilaalchisee Phaawulos ergamaan dubbii cimaa akkas jedhu dubbate: “Fuula yaa’iitti wal geessuun keessan iyyuu dadhabbii keessan argisiisa; dabaa yoo isin irratti hojjetan maaliif hin obsitan? Maaliifis hin miidhamtan?”—1 Qor. 6:7.

7 Yesus gara obboleessa keenyaa dhaquu kan qabnu, nuyi sirrii akka taaneefi innimmoo akka dogoggore isa amansiisuuf akka ta’e hin dubbanne. Kaayyoon keenya nu gidduutti nagaan akka uumamu gochuuf ta’uu qaba. Nagaa uumuuf, wanta nutti dhaga’amu ifatti dubbachuu qabna. Kana malees, miirri nama sanaa miidhamuusaa amannee fudhachuu qabna. Dogoggorreerra yoo ta’emmoo, gad of deebisuudhaan dhiifama akka gaafannu beekamaadha.

“Iji Kee Mirgaa Cubbuu Yoo Si Hojjechiise”

8. Wanta Yesus Maatewos 5:29, 30⁠rratti dubbate gabaabsii ibsi.

8 Yesus Lallaba Gaaraarratti, naamusa ilaalchisee gorsa gaarii kenneera. Buusaawwan dhagna keenyaa warri cubbamoo ta’an, dhiibbaa gadhee nurraan geessisuu akka danda’an beeka ture. Kanaafuu Yesus akkas jedhe: “Iji kee mirgaa cubbuu yoo si hojjechiise, isa of keessaa baasii gati; guutummaan dhagna keetii qililleetti darbatamuu mannaa, bu’aa dhagna keetii keessaa tokko dhabuu siif wayya. Harki kee mirgaa cubbuu yoo si hojjechiise, isa of irraa murii gati; guutummaan dhagna keetii qilillee dhaquu mannaa, bu’aa dhagna keetii keessaa tokko dhabuu siif wayya.”Mat. 5:29, 30.

9. “Iji” ykn “harki” keenya ‘cubbuu nu hojjechiisuu’ kan danda’u akkamitti?

9 “Iji” Yesus waa’eesaa dubbate, dandeettii waan tokkorratti xiyyeeffachuuf qabnu kan argisiisudha. “Harki” asirratti ibsamemmoo wanta harka keenyaan goonu argisiisa. Yoo of eeggachuu baanne, buusaawwan dhagnaa kun ‘cubbuu nu hojjechiisuufi’ ‘karaa Waaqayyoorra deddeebi’uu’ keenya akka dhiisnu nu gochuu danda’u. (Uma. 5:22; 6:9) Yihowaadhaaf akka hin ajajamne qorumsi ennaa nurra ga’u, tarkaanfii cimaa ija of keessaa baasanii gatuufi harka ofirraa muranii gatuu wajjin wal fakkaatu fudhachuu qabna.

10, 11. Saalqunnamtii seeraan ala ta’erraa fagaachuuf maaltu nu gargaaruu danda’a?

10 Iji keenya wanta sirrii hin taane akka hin ilaalle dhowwuu kan dandeenyu akkamitti? Iyoob inni Waaqayyoon sodaatu, “Ani ija kootii wajjin kakuudhaan walii galeera, egaa attamittan ija hawwaatiin gara durbaa ilaala ree?” jedhee ture. (Iyo. 31:1) Iyoob nama haadha manaa qabu yommuu ta’u, seera Waaqayyo baase akka hin cabsine murteessee ture. Hiriyaa gaa’elaa qabaannus qabaachuu baannus, ilaalcha akkasii qabaachuu qabna. Saalqunnamtii seeraan ala ta’erraa fagaachuuf, hafuura qulqulluu, isa warri Waaqayyoon jaallatan akka of qaban godhuun geggeeffamuu qabna.—Gal. 5:22-25.

11 Saalqunnamtii seeraan ala ta’erraa fagaachuuf, ‘Ijikoo wantoota fedhii saalqunnamtii kakaasaniifi kitaabolii, televijiinii ykn Intarneetiirratti argaman akka ilaalu nan heyyamaa?’ jennee of gaafachuu qabna. Wanta Yaaqoob inni bartuu Yesus ture dubbates haa yaadannu. Yaaqoob, “Tokkon tokkon namaa kajeellaa ofii isaatii isa hamaadhaan harkifamee yommuu qabamu in qorama. Kajeellaan hamaan erga iddoo ga’ee cubbuu in dhala; cubbuunis erga raawwatamee du’a in dhala” jedheera. (Yaq. 1:14, 15) Namni Waaqayyoof of murteesse tokko, nama saala faallaa qabu tokko ija hawwaatiin kan ‘ilaalu’ yoo ta’e, jijjiirama guddaa, ija of keessaa baasanii gatuu wajjin wal fakkaatu gochuu qaba.—Maatewos 5:27, 28 dubbisi.

12. Gorsa Phaawulos isa kamtu, hawwa gadhee akka morminu nu gargaara?

12 Harka keenyatti karaa sirrii hin taaneen fayyadamuun, seerawwan bu’uuraa Yihowaa akka cabsinu nu gochuu waan danda’uuf, naamusa gaarii qabaannee itti fufuuf murteessuu qabna. Kanaafuu, gorsa Phaawulos, “Yaada keessan wanta lafa irra jirutti isa hidhu, halalummaa fi xuraa’ummaa, kajeellaa fi hawwa hamaa, sassata isa waaqayyolii tolfaman waaqessuutti lakkaa’amus, of keessaa ajjeesaa” jechuudhaan nuu kenne hojiirra oolchuu qabna. (Qol. 3:5) Jechi “ajjeesaa” jedhu, tarkaanfii cimaa hawwa foonii gadhee ta’e morumuuf fudhatamuu qabu kan argisiisudha.

13, 14. Yaadawwaniifi gochawwan sirrii hin taanerraa fagaachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

13 Namni tokko lubbuusaa oolfachuuf jecha harki ykn miillisaa akka muramu akka heyyamu beekamaadha. Yaadaafi gocha gadhee walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu nu dhabsiisuu danda’urraa fagaachuufis fakkeenyaan ijaafi harka keenya ofirraa ‘gatuun’ barbaachisaadha. Badiisa barabaraa qililleetti fakkeeffame jalaa ooluu kan dandeenyu, sammuudhaan, naamusaan, akkasumas karaa hafuuraa qulqulluu yoo taane qofadha.

14 Cubbuu waan dhaalleefi mudaa waan qabnuuf, naamusa gaarii qabaachuun carraaqqii gaafata. Phaawulos, “Ani warra kaan dorgomeetti waamee, ofii kootii akkan keessaa hin hambifamneef, dhagni koo itti baree waan itti dhufu hundumaa akka danda’u, haleelee akka abboomamus gochuun anaaf in ta’a” jedheera. (1 Qor. 9:27) Jireenya, aarsaa furii Yesusiif galata akka hin qabne argisiisu jiraachuu dhiisuudhaan, gorsa Yesus naamusa ilaalchisee kenne hojiirra oolchuuf haa murteessinu.—Mat. 20:28; Ibr. 6:4-6.

“Kennaa”

15, 16. (a) Yesus, kennuudhaan fakkeenya gaarii kan nuu ta’e akkamitti? (b) Wanti Yesus Luqaas 6:38⁠rratti dubbate hiika maalii qaba?

15 Barumsis ta’e fakkeenyi Yesus, kennuuf akka kakaanu kan godhanidha. Yesus faayidaa ilmaan namootaatiif jecha gara lafaa dhufudhaan, arjummaa guddaa argisiiseera. (2 Qorontos 8:9 dubbisi.) Yesus ulfina samiirratti qabu fedhiisaatiin dhiisee nama ta’uudhaan, ilmaan namootaa cubbamoo ta’aniif lubbuusaa kenneera. Isaan keessaa tokko tokko samiirratti isaa wajjin Mootummicha dhaaluudhaan badhaasa argatu. (Rom. 8:16, 17) Yesus, arjoota akka taanu nu jajjabeessuuf akkas jedheera:

16 “Kennaa, Waaqayyos isiniif in kenna; qodaa safaraa gaariitti dhidhiibamee kan nam’u, guutees kan irra dhangala’utu isiniif kennama; qodaa safaraa isin itti namaaf safartanitti, isiniif in safarama.” (Luq. 6:38) Bara duriitti, namni tokko yommuu midhaan bitu wayyaasaa isa irra keessaa ol dachaasee, namichi inni midhaan gurguru akka itti naquuf godha ture. Garaadhaa kakaanee warra kaaniif arjoomuun keenya, tarii yeroo rakkannutti qodaa safaraa gaariidhaan akka nuu safaramu gochuu danda’a.—Lal. 11:2.

17. Yihowaan kennuudhaan fakkeenya hunda caalu kan ta’e akkamitti? Wanta akkamii kennuutu gammachuu nuuf argamsiisuu danda’a?

17 Yihowaan warra gammachuudhaan kennan ni jaallata, ni kiisas. Yihowaan, ‘Yesuusitti kan amanu hundinuu akka baduuf utuu hin ta’in jireenya bara baraa akka qabaatuuf’ tokkicha Ilmasaa kennuudhaan, fakkeenya hunda caalu ta’eera. (Yoh. 3:16) Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Namni harka guutee facaasu . . . harka guutee in galfata. Namni adduma addaan garaa duuba yookiis giddiidhaan utuu hin ta’in, akka garaa isaatti murtoo godhetti kennuutu isaaf ta’a; Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu in jaallata.” (2 Qor. 9:6, 7) Waaqeffannaa dhugaa babal’isuuf yeroo, humnaafi qabeenya keenya yoo kennine, gammachuufi eebba guddaa akka argannu beekamaadha.—Fakkeenya 19:17; Luqaas 16:9 dubbisi.

“Of Duratti Hin Odeessifatin!”

18. Abbaa keenya isa samii biraa ‘gatii kan hin arganne’ yoo maal ta’edha?

18 “Namootatti mul’achuudhaaf jettanii tola keessan nama duratti akka hin goone of eeggadhaa! Kana yoo gootan garuu, abbaa keessan isa waaqa irraa biraa gatii hin argattan.” (Mat. 6:1) Asirratti Yesus “tola” jechuunsaa, amala fedha Waaqayyoo wajjin wal simu jechuusaati. Bartootasaatiin, “Ifni keessan . . . namoota duratti haa ifu!” waan jedheef, kana jechuunsaa, gochawwan Waaqayyo jaallatu tasumaa namoota duratti godhamuu hin qaban jechuusaa hin turre. (Mat. 5:14-16) Haata’u malee, akkuma taatonni tiyaatirii waltajjiirratti godhan, wanta tokko kan goonu “namootatti mul’achuudhaaf” akkasumas dinqisiifannaa argachuuf yoo ta’e, Abbaa keenya isa samii biraa ‘gatii hin argannu.’ Ilaalcha akkasii kan qabnu yoo ta’e, Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu ykn eebbawwan barabaraa karaa bulchiinsa Mootummichaa dhufan argachuu hin dandeenyu.

19, 20. (a) Yesus, namni tokko ‘yeroo arjoomu’ “of duratti hin odeessifatin” yommuu jedhu maal jechuusaa ture? (b) Wanta harki mirgaa hojjetu harki bitaa akka hin beekne kan goonu akkamitti?

19 Ilaalcha sirrii yoo qabaanne, gorsa Yesus akkas jechuudhaan kenne ni fudhanna: “Egaa akka warri of argisiiftuun namoota biratti galateeffamuudhaaf jedhanii, manneen sagadaa fi karaa keessatti godhan, ati yeroodhuma arjoomtu hundumaatti kana of duratti hin odeessifatin! Dhuguman isinitti hima, isaan kun gatii isaanii argataniiru.” (Mat. 6:2) Asirratti ‘arjoomuu’ kan jedhame, hiyyeessota gargaaruuf buusii gochuudha. (Isaayaas 58:6, 7 dubbisi.) Yesusiifi ergamoonnisaas hiyyeessota gargaaruuf buusii ni godhu turan. (Yoh. 12:5-8; 13:29) Hiyyeessotaaf ennaa kennamu, eenyuyyuu kallattiidhaan of duratti hin odeessifatu ture. Kanaafuu, Yesus, ‘yeroo arjoomanitti’ ‘of duratti odeessifachuu’ akka hin qabne dubbachuunsaa arbeessuusaa akka ture beekamaadha. Akkuma Fariisotaa, nuyi kennaa akkasii yommuu kenninu akka nuu beekamu hin goonu. Namoonni kun, kennaasaanii “manneen sagadaa fi karaa keessatti” waan odeessifataniif, Yesus warra of argisiiftuu jechuudhaan isaan waameera. Warri of argisiiftuun sun “gatii isaanii fudhataniiru.” Fariisonni Yihowaa biraa waan tokkoyyuu waan hin arganneef, gatiinsaanii, beekamummaa namoonni isaanii kennaniifi teessoo barsiisota amantii beekamoo ta’an biratti argatan qofadha. (Mat. 23:6) Haata’u malee, bartoonni Yesus maal gochuu qabu turan? Yesus isaaniifis ta’e nuuf gorsa akkas jedhu kenneera:

20 “Ati garuu yeroo arjoomtu, waan harki kee mirgaa godhu harki kee bitaa iyyuu hin beekin! Arjummaan kee dhoksaatti haa ta’u malee; abbaan kee inni dhoksaatti argu immoo gatii kee siif in kenna.” (Mat. 6:3, 4) Yeroo baay’ee, harki keenya lamaan waliin hojjetu. Kanaafuu, wanta harki mirgaa hojjetu harki bitaa akka hin beekne gochuu jechuun, harki bitaa harka mirgaatiif akkuma dhihoo ta’e, namoota nutti siiqanittillee arjummaa raawwanne hin beeksisnu jechuudha.

21. Isa “dhoksaatti argu” biraa gatii argachuun maal dabalata?

21 Arjooma keenyaan kan of hin jajne yoo ta’e, ‘dhoksaatti arjoomne’ jechuudha. Akkas taanaan, Abbaan keenya inni samiirra jiruufi “inni dhoksaatti argu” gatii keenya nuuf ni kenna. Abbaan keenya inni samii, samiirra waan jiraatuufi ija namootaatiin argamuu waan hin dandeenyeef, ilmaan namootaarraa ‘dhokatee’ jira jechuu dandeenya. (Yoh. 1:18) ‘Isa dhoksaatti argurraa’ gatii argachuun, Yihowaan cubbuu keenya nuu dhiisee jireenya barabaraa nuu kennuudhaan, isaa wajjin walitti dhufeenya cimaa akka qabaannu gochuusaas ni dabalata. (Fak. 3:32; Yoh. 17:3; Efe. 1:7) Kunimmoo namootaan jajamuurra baay’ee caala!

Barumsa Bakki Guddaan Kennamuufii Qabu

22, 23. Barumsawwan Yesusiif bakka guddaa kennuu kan qabnu maaliifi?

22 Lallabni Gaararraa, albuudawwan hafuuraa bifawwan gaggaarii hedduu qabaniin kan guutamedha. Lallabni kun, barumsawwan gati jabeessa, biyya lafaa jeequmsaan guutame kana keessattillee gammachuu nuuf argamsiisuu danda’an akka qabate beekamaadha. Eeyyee, barumsawwan Yesusiif bakka guddaa yoo laanne, akkasumas ilaalchaafi akkaataa jireenyaa keenyarratti jijjiirama akka fidan yoo goone gammachuu arganna.

23 Namni wanta Yesus barsiise “dhaggeeffatee” itti “hojjetu” hundinuu, eebba ni argata. (Maatewos 7:24, 25 dubbisi.) Kanaaf, gorsa Yesus hojiirra oolchuuf haa murteessinu. Lallaba Yesus gaararratti kenne keessaa baay’eesaanii, matadureewwan walitti aananii dhihaatan kana keessaa isa dhumaarratti ilaalla.

Maal Jettee Deebista?

• Obboleessa mufachiiste tokkoo wajjin araaramuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

• ‘Iji keenya inni mirgaa’ cubbuu akka nu hin hojjachiisne gochuu kan dandeenyu akkamitti?

• Kennuudhaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 11rra jiru]

Hidhata amantaakee mufachiiste tokkoo wajjin ‘araaramuunkee’ baay’ee gaariidha!

[Fakkii fuula 13rra jiru]

Yihowaan namoota gammachuudhaan kennan ni eebbisa