Barumsi Yesus Kadhannaa Keerratti Jijjiirama Fidaa?
Barumsi Yesus Kadhannaa Keerratti Jijjiirama Fidaa?
“Yesus dubbii isaa kana dubbatee yommuu raawwate, namoonni na’anii barsiisa isaa in dinqisiifatan.”—MAT. 7:28.
1, 2. Namoonni baay’een barumsa Yesus kan dinqisiifatan maaliif ture?
BARUMSA Yesus Kiristos tokkicha Ilma Waaqayyoo fudhachuufi hojiirra oolchuu qabna. Eenyuyyuu akka isaatti dubbatee hin beeku. Namoonni Lallabasaa Isa Gaararraa baay’ee kan dinqisiifatan kanaaf ture!—Maatewos 7:28, 29 dubbisi.
2 Caaftonni barumsa namoota cubbuu dhaalanii irra deddeebi’anii kan barsiisan yommuu ta’u, Ilmi Yihowaa garuu barumsa akkasii hin barsiifne. Kiristos, wanta Waaqayyo isatti hime waan dubbateef, ‘akka nama aboo qabutti isaan barsiisa ture.’ (Yoh. 12:50) Kanaaf, dubbiin Yesus Lallabasaa Isa Gaaraarratti dubbate, akkamitti kadhannaa keenyarratti dhiibbaa gochuu akka danda’uufi gochuus akka qabu haa ilaallu.
Akka Warra Of Argisiistuutti Hin Kadhatinaa
3. Wanta Yesus Maatewos 6:5rratti dubbate gabaabsii ibsi.
3 Kadhannaan kutaa Waaqeffannaa keessaa isa barbaachisaa waan ta’eef, yeroo hunda Yihowaa kadhachuu qabna. Haata’u malee, kadhannaan keenya wanta Yesus Lallabasaa Isa Gaaraarratti dubbatee wajjin kan wal simu ta’uu qaba. Yesus akkas jedhe: “Yeroodhuma kadhattanis akka warra of argisiisanii hin ta’inaa! Isaan namootatti mul’achuudhaaf manneen sagadaa keessaa fi walga’ii karaa gurguddaa irra dhaabatanii kadhachuu in jaallatu; ani dhuguman isinitti hima, isaan gatii isaanii fudhataniiru.”—Mat. 6:5.
4-6. (a) Fariisonni “manneen sagadaa keessaa fi walga’ii karaa gurguddaa irra dhaabatanii kadhachuu” kan jaallatan maaliif ture? (b) Namoonni of argisiistuun kun ‘gatiisaanii kan argatan’ akkamitti?
4 Bartoonni Yesus, akka Fariisota of tuulaniifi namoota duratti qulqulluu of fakkeessanii, jechuunis akka ‘warra of argisiistuutti’ kadhachuu hin qaban turan. (Mat. 23:13-32) Warri of argisiistuun kun, “manneen sagadaa keessaa fi walga’ii karaa gurguddaa irra dhaabatanii” kadhachuu jaallatu turan. Maaliif? Kana kan godhan, “namootatti mul’achuu” waan barbaadaniif ture. Yihudoonni jaarraa jalqabaa mana qulqullummaatti yommuu aarsaa gubatu dhiheessan, (ganama gara sa’aatii sadiifi waaree booda gara sa’aatii sagalii) walitti qabamanii sagadu turan. Jiraattonni magaalaa Yerusaalem hedduun, waaqeffattoota mooraa mana qulqullummaa keessatti argamanii wajjin ni kadhatu turan. Yihudoonni Waaqayyoof bulaniifi magaalaa sanaa ala ta’animmoo, yeroo baay’ee ‘manneen sagadaa keessa dhaabatanii’ guyyaatti al lama kadhatu turan.—Luqaas 18:11, 13 waliin ilaali.
5 Namoonni baay’een mana qulqullummaa ykn mana sagadaarraa fagaatanii jiraatu. Kanaafuu, kadhannaawwan olitti ibsaman bakkuma jiranitti gochuu danda’u turan. Isaan keessaa Luq. 20:47) Nuyi ilaalcha akkasii qabaachuu hin qabnu.
tokko tokko, “karaa gurguddaa irra dhaabatanii” utuu jiranii sa’aatiin kadhannaa kun akka isaanitti ga’u godhu. Namoota karaa sanarra darbanitti ‘mul’achuu’ barbaadu turan. Namoonni of argisiistuun nama Waaqayyoo fakkaatan kun, warri isaan argan akka isaan dinqisiifatanitti ‘kadhatasaanii dheeressu.’ (6 Yesus, namoonni of argisiistuu ta’an kun ‘gatii isaanii akka fudhatan’ dubbateera. Namoota biratti beekamuufi jajamuuf fedhii guddaa kan qaban yommuu ta’u, gatiin isaan argatanis kanumadha. Yihowaan kadhannaasaanii waan hin dhageenyeef gatiinsaanii kanuma ture. Karaa garabiraammoo, wanta Yesus itti aansee dubbaterraa hubachuun akka danda’amutti, Waaqayyo kadhannaa duuka buutota Kiristos warra dhugaatiif deebii ni kenna.
7. Gorsi ‘mana keenya’ keessatti akka kadhannu nuu kenname hiiknisaa maalidha?
7 “Ati garuu yeroodhuma kadhattu mana keetti ol gali, balbala cufadhu, abbaa kee isa iddoo dhoksaa sana jiru kadhadhu! Abbaan kee inni dhoksaatti argus gatii kee siif in kenna.” (Mat. 6:6) Yesus balbala cufatanii mana ofii keessatti akka kadhatan gorsuunsaa, namni tokko gumiirratti warra kaan bakka bu’ee kadhachuu hin danda’u jechuusaa hin turre. Gorsi kun, namni tokko karaa sirrii hin taaneen xiyyeeffannaa warra kaanii harkisuufi jajamuuf jecha, namoota duratti kadhachuunsaa dogoggora ta’uusaa kan ibsudha. Saba Waaqayyoo bakka buunee kadhachuuf yommuu mirga argannu kana yaadachuu qabna. Akkasumas, gorsa dabalataa Yesus kadhannaa ilaalchisuudhaan armaan gaditti kenne hojiirra haa oolchinu.
8. Akka Maatewos 6:7rratti ibsametti kadhannaa sirrii hin taane akkamiirraa fagaachuu qabna?
8 “Yeroo kadhattanis akka warra saba Waaqayyoo hin ta’inii, dubbii waa’ee hin baafne keessa hin deddeebi’inaa! Baay’ina dubbii isaaniitiif waan isaaniif dhaga’amu isaanitti fakkaata.” (Mat. 6:7) Asirratti Yesus, keessa deddeebi’uunis kadhannaa sirrii hin taane akka ta’e ibseera. Kadhannaa garaadhaa maddeefi galateeffannaa keenya, matumaa irra deddeebinee caqasuu hin qabnu jechuusaa hin turre. Yesus galgala ajjeefamuusaa dura turetti iddoo dhaabaa Getesemaaneetti, irra deddeebi’uudhaan kadhatuma ‘isa duraa’ kadhateera.—Mar. 14:32-39.
9, 10. Kadhannaa keenya irra deddeebi’uu hin qabnu jechuun maal jechuudha?
9 Yommuu kadhannaa goonu keessa deddeebi’uudhaan, fakkeenya “warra saba Waaqayyoo hin ta’inii” hordofuun keenya dogoggoradha. Namoonni kun, dubbii waa’ee hin baasne yaadatti qabatanii ‘irra deddeebi’u.’ Waaqeffattoonni Ba’aal, “‘Yaa Ba’aal deebii nuuf kenni!’ jedhanii ganamaa hamma waareetti” waaqa sobaa sana maqaa dha’anii kadhachuunsaanii isaan hin fayyadne. (1 Mot. 18:26) Yeroo ammaattis namoonni miliyoonaan lakkaa’aman, kadhannaa dheeraafi irra deddeebi’ame dhiheessuudhaan “waan isaaniif dhaga’amu” isaanitti fakkaata. Haata’u malee Yesus, Yihowaan kadhannaa dheeraa ‘baay’ina dubbiitiin’ akkasumas jechootuma irra deddeebi’uudhaan dhihaatu kan hin dhageenye ta’uusaa nu hubachiiseera. Yesus itti aansuudhaan akkas jedheera:
10 “Akka isaanii hin ta’inaa! Abbaan keessan, utuudhuma isin hin himatin iyyuu waan isiniif barbaachisu in beeka.” (Mat. 6:8) Geggeessitoonni amantii Yihudii hedduun yommuu kadhatan, akka warra saba Waaqayyoo hin ta’iniitti dubbii dheeressu. Waaqeffannaa dhugaa keessatti, kadhannaan Yihowaa jajachuuf, galateeffachuufi garaadhaa kadhachuuf dhihaatu baay’ee barbaachisaadha. (Filp. 4:6) Haata’u malee, akka waan Waaqayyo irraanfatuuti, wanta nu barbaachisu tokko irra deddeebinee isatti himuun keenya dogoggoradha. Yommuu kadhannu, qaama ‘utuu nuyi hin himatin waan nu barbaachisu beekutti’ dubbachaa akka jirru yaadachuu qabna.
11. Namoota duratti kadhachuuf mirga yoo arganne maal yaadachuu qabna?
11 Wanti Yesus kadhannaa fudhatama hin qabne ilaalchisee dubbate, sagalee guddaan ykn jechoonni barbaachisaa hin taane Waaqayyoon akka hin gammachiisne nu hubachiisa. Kadhannaan namoota duratti dhiheessinu, warra kaan ajaa’ibsiisuuf kan itti fayyadamnu ykn warri kaan kadhannichi yoom dhumee “Ameen!” jenna laata? jedhanii akka yaadan kan godhu ta’uu hin qabu. Kadhannaatti fayyadamanii beeksisa himuunis ta’e, dhaggeeffattoota gorsuun barumsa Yesus Laallabasaa Isa Gaaraarratti kennee wajjin kan walsimu miti.
Yesus Akkamitti Akka Kadhannu Nu Barsiiseera
12. Kadhannaan “maqaan kee qulqulluu ta’ee haa eegamu” jedhu hiika maalii qaba?
12 Yesus karaa sirrii hin taaneen mirga kadhannaatti fayyadamuu ilaalchisee akeekkachiisa kan kenne ta’uyyuu, bartoonnisaa akkamitti kadhachuu akka qaban isaan barsiiseera. (Maatewos 6:9-13 dubbisi.) Kadhannaan Yesus akka fakkeenyaatti dhiheesse, yaadatti qabatamee irra deddeebi’amuu hin qabu. Kanaa mannaa, kadhannaan keenya maal fakkaachuu akka qabu kan ibsudha. Fakkeenyaaf Yesus kadhannaasaa keessatti, “Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa! Maqaan kee qulqulluu ta’ee haa eegamu” jechuudhaan Waaqayyoof dursa kenneera. (Mat. 6:9) Yihowaan Uumaa keenya ‘isa waaqarra’ jechuunis lafarraa fagoo jiraatu waan ta’eef, “Abbaa” keenya jennee isa waamuun keenya sirriidha. (Kes. 32:6; 2 Sen. 6:21; HoE. 17:24, 28) Jechi “keenya” jedhu, hidhattoonni amantaa keenyas Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya cimaa akka qaban nu yaadachiisuu qaba. Kadhannaan “Maqaan kee qulqulluu ta’ee haa eegamu” jedhu, Yihowaan Eedan keessatti isarratti ka’uun erga jalqabamee kaasee arrabsoo maqaasaarratti tuulame balleessuudhaan, maqaasaa qulqulleessuuf tarkaanfii akka fudhatu kan dhihaatudha. Yihowaan kadhannaa kana dhaga’ee, hammeenya lafarraa balleessuudhaan maqaasaa ni qulqulleessa.—His. 36:23.
13. (a) Kadhannaan “mootummaan kee haa dhufu” jedhu raawwiisaa kan argatu akkamitti? (b) Jaalalli Waaqayyoo lafarratti raawwatamuunsaa maal dabalata?
13 “Mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka ta’u, akkasuma immoo lafa irratti haa ta’u!” (Mat. 6:10) “Mootummaan” kadhannaa kana keessatti caqasame, mootummaa Masiihichaa samiirratti argamu kan argisiisudha. Mootummaan kun, Kiristosiifi hiriyootasaa warra “qulqulloota” du’aa ka’aniin geggeeffama. (Dan. 7:13, 14, 18; Isa. 9:6, 7) Mootummichi akka ‘dhufu’ yommuu kadhannu, Mootummaan Waaqayyoo warra bulchiinsa Waaqayyoo morman hundarratti tarkaanfii akka fudhatu gaafachuu keenyadha. Kun yeroo dhihootti kan raawwatamu yommuu ta’u, jannata addunyaa maraa qajeelummaan, nagaaniifi badhaadhummaan keessa buufatuuf karaa bana. (Far. 72:1-15; Dan. 2:44; 2 Phe. 3:13) Jaalalli Yihowaa samiirratti raawwatameera; jaalallisaa lafarrattis akka raawwatamu kadhachuun keenya, akkuma bara durii, diinotasaa yeroo ammaatti lafarra jiranis akka balleessuufi kaayyoo lafa kanaaf qabu akka raawwatu gaafachuu keenyadha.—Faarfannaa 83:1, 2, 13-18 dubbisi.
14. “Soora har’aa bor” nu barbaachisu argachuuf kadhachuun keenya sirrii kan ta’e maaliifi?
14 “Soora har’aa bor nu barbaachisu har’a nuuf kenni!” (Mat. 6:11; Luq. 11:3) Kadhannaa kana dhiheessuun keenya, Waaqayyo nyaata “har’aa bor” nu barbaachisu akka nuu kennu gaafachuu keenyadha. Kunimmoo, Yihowaan wanta guyyaa guyyaadhaan nu barbaachisu nuu kennuuf dandeettii akka qabu amantaa qabaachuu keenya argisiisa. Kadhannaan kun, wanta irraa hafaa ta’e argachuuf kan dhihaatu miti. Wanta har’aa bor nu barbaachisu kadhachuun keenya, Waaqayyo Israa’eloonni mannaa “ga’aa guyyaa tokko tokko” akka funaannatan isaan abboomuusaa nu yaadachiisa.—Bau. 16:4.
15. Kadhannaan, “Akkuma nuyi warra nu yakkaniif dhiifne, yakka keenyas nuuf dhiisi!” jedhu maal jechuu akka ta’e ibsi.
15 Kadhannaan itti aanee argamu, wanta gochuu qabnu tokko nu hubachiisa. Yesus, “Akkuma nuyi warra nu yakkaniif dhiifne, yakka keenyas nuuf dhiisi!” jedheera. (Mat. 6:12) Yihowaan dhiifama akka nuu godhu eeguu kan dandeenyu, warra kaaniif ‘dhiifama’ gooneerra yoo ta’e qofadha. (Maatewos 6:14, 15 dubbisi.) Warra kaaniif dhiifama gochuu qabna.—Efe. 4:32; Qol. 3:13.
16. Kadhannaa qorumsaafi hamaarraa ooluuf dhihaatu akkamitti hubachuu qabna?
16 “Qoramattis nu hin galchin, hamaa nu oolchi malee.” (Mat. 6:13) Kadhannaa Yesus keessatti, kadhatawwan wal fakkaatan kana lamaan akkamitti hubachuu qabna? Yihowaan akka cubbuu hojjennu akka nu hin qorre beekamaadha. (Yaaqoob 1:13 dubbisi.) Kan nama “qoru” Seexana isa ‘hamaadha.’ (Mat. 4:3) Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun Waaqayyo wanta tokko waanuma heyyameef, akka waan inni godhetti ibsa. (Rut. 1:20, 21; Lal. 11:5) Kanaaf, kadhanni “qoramatti nu hin galchin” jedhu, Yihowaan abboomiisaa cabsuuf yommuu qoramnu, akka mo’amnu akka hin heyyamne kadhachuu keenya argisiisa. Dhumarrattis kadhannaan “hamaa nu oolchi” jedhu, Yihowaan Seexanni akka nu gufachiisu akka hin heyyamne gaafachuu argisiisa. Kana malees, ‘Waaqayyo humna keenya gararraatti akka nuyi qoramnuuf akka nu hin dhiisne’ mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.—1 Qorontos 10:13 dubbisi.
‘Kadhadhaa, Barbaadaa, Rukutaa’
17, 18. ‘Kadhachuu, barbaaduufi balbala rukutuu’ jechuun maal jechuudha?
17 Phaawulos, ‘Kadhachuutti cimaa’ jechuudhaan hidhattoota amantaasaa jajjabeesseera. (Rom. 12:12) Yesus akka armaan gadii jechuudhaan yaada kana akka gaariitti ibseera: “Kadhadhaa isiniif in kennamaa, barbaadaa in argattuu, balbala rukutaa isiniif in banama. Kan kadhatu hundinuu in fudhata, kan barbaadus in argata, balbala kan rukutuufis in banama.” (Mat. 7:7, 8) Wanta jaalala Waaqayyoo wajjin wal simu kamiyyuu argachuuf ‘kadhachuun’ barbaachisaadha. Yohannis ergamaan, wanta Yesus dubbatee wajjin haala wal simuun, “Akka fedha isaatti yoo isa kadhanne inni nuuf in dhaga’a; akka kanatti isa in amananna” jechuudhaan barreesseera.—1 Yoh. 5:14.
18 Gorsi Yesus ‘akka kadhannuufi akka barbaannu’ nuu kenne, garaa guutuufi utuu abdii hin kutatin kadhachuu akka qabnu kan argisiisudha. Kana malees, Mootummichatti galuu, eebbawwan, faayidaawwaniifi badhaasawwan Mootumummichaa argachuu yoo barbaanne, yeroo hunda ‘balbala rukutuun’ barbaachisaadha. Haat’u malee, Waaqayyo kadhannaa keenyaaf deebii akka kennu mirkanaa’oo ta’uu dandeenyaa? Eeyyee, Yihowaadhaaf amanamoo yoo taane ni dandeenya. Kiristos, “Kan kadhatu hundinuu in fudhata, kan barbaadus in argata, balbala kan rukutuufis in banama” jedheera. Muuxannoon Dhugaa Baatota Yihowaa hedduun, Waaqayyo dhuguma ‘isa kadhata namaa dhaga’u’ ta’uusaa mirkaneessa.—Far. 65:2.
19, 20. Yesus Maatewos 7:9-11rratti akka ibsetti, Yihowaan abbaa jaalala qabeessa ta’ee wajjin kan wal fakkaatu akkamitti?
19 Yesus Waaqayyoon, abbaa jaalala qabeessa ijoolleesaatiif waan gaarii godhuu wajjin wal fakkeesseera. Mee yeroo Yesus Lallabasaa Isa Gaaraarratti akkas jedhu akka dhaga’aa jirtu godhii yaadi: “Isin keessaa nama attamiitu ilmi isaa buddeena yoo isa kadhate, dhagaa kennaafii ree? Yookiis ilmi isaa qurxummii yoo kadhate, bofa kennaafii ree! Egaa isin hamoota taatanii utuu jirtanii, ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga Mat. 7:9-11.
beektanii, abbaan keessan inni waaqa keessaa immoo hammam isin caalaa warra isa kadhataniif waan gaggaarii kenna!”—20 Abbaan tokko, cubbuu dhaaluusaatiin kan ka’e ‘hamaa’ yoo ta’eyyuu, ijoolleesaa ni jaallata. Mucaasaa gowwoomsuu mannaa, “kennaa gaarii” isaa kennuuf carraaqqii godha. Abbaan keenya inni samii jaalala qabeessa ta’e, akka ijoolleesaatti waan nu ilaaluuf, “waan gaggaarii” kan akka hafuura qulqulluu nuu kenna. (Luq. 11:13) Hafuurri kunimmoo, Yihowaa isa “kennaan gaariin hundinuu, kennaan guutuun hundinuus” biraa argamuuf tajaajila fudhatama qabu akka dhiheessnu nu jajjabeessuu danda’a.—Yaq. 1:17.
Barumsawwan Yesusirraa Fayyadamuu Keessan Itti Fufaa
21, 22. Lallaba Gaararraa adda kan godhu maalidha? Barumsawwan Yesus kenne kana ilaalchisee maaltu sitti dhaga’ama?
21 Dhugumayyuu Lallabni Gaararraa, haasaawwan hanga yoonaatti kennaman hundarra kan caaludha. Lallabni kun, waa’ee wantoota hafuuraa karaa ifa ta’een barsiisuutti addadha. Akkuma matadureewwan walitti aananii lallaba kana ibsanirraa hubachuu dandeenyetti, gorsa lallaba kanarratti argamu hojiirra yoo oolchine, faayidaa guddaa argachuu dandeenya. Barumsawwan Yeus kun, yeroo ammaatti jireenya keenya nuu fooyyessuufi gara fuulduraattimmoo abdii gammachiisaa nuuf argamsiisuu danda’u.
22 Matadureewwan kana keessatt kan qoranne, barumsawwan gaggaarii Yesus Lallaba Gaaraarratti kenne keessaa muraasasaanii qofadha. Warri lallaba Yesus dhaga’an, ‘barsiisasaa dinqisiifachuunsaanii’ nama hin ajaa’ibsiisu. (Mat. 7:28) Nuyis sammuufi garaa keenya barumsawwan gaggaarii Barsiisaa Guddicha kan ta’e Yesus Kiristos kenne kanaafi warra kaaniin guutuun keenya, dinqisiifannaa akkasii qabaachuuf akka nu gargaaru hin shakkisiisu.
Deebiinkee Maalidha?
• Yesus kadhannaa warra of argisiistuu ilaalchisee maale jedhe?
• Yommuu kadhannu, jechoota irra deddeebi’uu kan hin qabne maaliifi?
• Kadhannaan Yesus akka fakkeenyaatti dhiheesse yaadawwan akkamii qabateera?
• ‘Kadhachuu, barbaaduufi balbala rukutuu’ kan dandeenyu akkamitti?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
[Fakkii fuula 15rra jiru]
Yesus, warra of argisiistuu namoonni akka isaan arganiifi akka isaan dhag’aniif qofa kadhatan balaaleffateera
[Fakkii fuula 17rra jiru]
Soora har’aa borii argachuuf kadhachuun maaliif barbaachisaa akka ta’e beektaa?