Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Eebba Giil’aad Kutaa 125Ffaa Misiyoononni Akka Ermiyaas Akka Ta’an Jajjabeeffaman

Eebba Giil’aad Kutaa 125Ffaa Misiyoononni Akka Ermiyaas Akka Ta’an Jajjabeeffaman

Eebba Giil’aad Kutaa 125Ffaa Misiyoononni Akka Ermiyaas Akka Ta’an Jajjabeeffaman

MISEENSA Qaama Olaanaa kan ta’e Jeefrii Jaaksan, “Kutaan Giil’aad kun seena qabeessadha” jechuudhaan dubbate. Kana kan dubbate Fulbaana 13, 2008 namoota eebba misiyoonota Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Giil’aad kutaa 125⁠ffaarratti argaman 6,156f ture. Manni Barumsaa Giil’aad, namoota kutaa kanarraa eebbifaman 56 dabalatee, hanga yoonaatti namoota 8,000 ol ta’an eebbisiisuudhaan “hamma andaara lafaatti” ergeera.—HoE. 1:8.

Dura taa’aa sagantaa eebba kanaa kan ta’e Obboleessi keenya Jeefriin, “Maqaa gaarii qabaachuun, tajaajila keessan akka gaariitti raawwachuuf kan isin gargaaru akkamitti?” jedhee gaafate. Achiis wantoota maqaa gaarii qabaachuuf isaan gargaaran afur caqase. Isaanis, ilaalcha sirrii qabaachuu, fakkeenya gaarii ta’uu, Dubbii Waaqayyoorratti hundaa’anii barsiisuufi maqaa Yihowaa beeksisuurratti xiyyeeffachuudha.

Obboleessi Deevid Shaafar jedhamuufi miseensa Koree Barumsaa ta’e mataduree, “Waan Hundumaa Hubachuu Dandeessuu?” jedhuun haasawaa dhiheesse. Barattoonni kun Yihowaa barbaaduusaanii yoo itti fufaniifi gad of deebisuudhaan qajeelfama ‘hojjetaa amanamaafi ogeessaa’ hojiirra yoo oolchan, beekumsa misiyoonota ta’anii itti fufuuf isaan barbaachisu ‘hundumaa hubachuu akka danda’an’ isaanii mirkaneesse.—Fak. 28:5; Mat. 24:45.

Itti aansuudhaan miseensa Qaama Olaanaa kan ta’e Joon Baar, mataduree, “Homtinuu Jaalala Waaqayyoo Keessaa Isin Hin Baasin” jedhuun haasawaa dhiheesse. Gorsi obboleessi kun kenne, wanta eebbifamtoonni kun bakka ramadamanitti isaan mudatu ilaalchisee sodaa isaanittis ta’e warrasaaniitti dhaga’amu hambiseera. “Jaalala Waaqayyoo keessa jiraachuun, iddoo amansiisaafi namatti tolu” akka ta’e ibseera. Misiyoononni ofumasaanii Waaqayyorraa yoo of fageessan malee, homtinuu Isarraa isaan fageessuu hin danda’u.

Obboleessi Saam Roobarsan jedhamuufi miseensa Kutaa Mana Barumsaa Ti’ookraasii ta’e, dhaggeeffattoonni “uffata hundarra caalu” akka uffatan jajjabeesse. Eebbifamtoonni wanta Yesus raawwate qayyabachuufi ofiisaaniitiif hojiirra oolchuudhaan, ‘gooftaa Yesus Kiristosiin uffachuu’ danda’u. (Rom. 13:14) Sana booda, ilaaltuu olaanaa Kutaa Mana Barumsaa Ti’ookraasii kan ta’e Wiiliyaam Saamu’eelsan, wanti nama tokko kabajchiisu maal akka ta’e ibse. Nama tokko kabajamaa kan godhu, ilaalcha namootaa utuu hin ta’in, ilaalcha Waaqayyo isaaf qabudha.

Obboleessi misiyoonota barsiisaa tureefi Maayikil Barneet jedhamummoo, barattoonni muuxannoo tajaajilarratti argatan akka dubbatan gaafate. Mana Barumsaa Giil’aad Niiwu Yoork Paatarsanitti argamu kana keessa yeroo turanitti, baay’eensaanii naannoo tajaajilaa akka gaariitti itti lallabametti kan ramadaman ta’us, namoota fedhii qaban argataniiru. Jeeraald Giriizel inni Waajjira Walga’ii Gurguddaa keessatti hojjetu, obboloota Miseensota Koree Waajjira Damee ta’uuf leenjifaman sadiif gaafannoo godhe. Yaanni obboloonni kun kennan, eebbifamtoonni Giil’aad kun, wanta yommuu biyya alaatti tajaajilan isaan eeggatuuf isaan qopheesseera.

Haasawaa, “Akka Ermiyaas Ta’aa” jedhu kan dhiheesse miseensa Qaama Olaanaa kan ta’e Deevid Ispileen yommuu ta’u, innis mana barumsaa Giil’aad kutaa 42⁠rraa kan eebbifame ture. Ermiyaas, hojii isaa kenname hojjechuu kan sodaate ta’us, Yihowaan isa jajjabeesseera. (Er. 1:7, 8) Waaqayyo misiyoonota haaraas akkasuma ni jajjabeessa. Obboleessi kun, “Nama tokkoo wajjin walitti bu’iinsa yoo qabaattan, taa’aatii waa’ee namicha sanaa amalawwan gaarii ta’an 10 barreessaa. Waa’ee nama kanaa amala gaarii kudhan barreessuu hin dandeessan taanaan, namicha akka gaariitti hin beektan jechuudha” jedhe.

Ermiyaas nama faayidaasaa aarsaa godhu ture. Yommuu lallabasaa dhaabuu barbaadetti kan kadhate yommuu ta’u, Yihowaanis isaa wajjin ture. (Er. 20:11) Obboleessi keenya Deevid, “Isinis yommuu abdii kutattan, Yihowaatti himadhaa! Inni akkamitti akka isin gargaaru yommuu hubattan baay’ee dinqisiifattu” jedheera.

Dura taa’aan sagantichaa, xumura eebba sanaarratti barattoonni kun karaawwan maqaa gaarii qabaachuu itti danda’an hedduu barachuusaanii dhaggeeffattootaaf ibse. Misiyoononni kun maqaa gaarii qabaachuunsaanii, namoonni bakka isaan itti ramadamanitti argaman ergaasaanii akka dhaga’an godha.—Isa. 43:8-12.

[Fakkii fuula 22rra jiru]

ODEEFFANNOO BARATTOOTAA

Baay’ina biyyoota barattoonni keessaa dhufan: 6

Baay’ina biyyoota isaan itti ramadaman: 21

Baay’ina barattootaa: 56

Umrii giddu galeessaan: 32.9

Waggoota isaan dhugaa keessa turan giddu galeessaan: 17.4

Waggoota isaan tajaajila yeroo guutuu keessa turan giddu galeessaan: 13

[Fakkii fuula 23rra jiru]

Eebbifamtoota Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Giil’aad Kutaa 125⁠ffaa

Tarree armaan gaditti argamurratti, lakkoofsi tokkoon tokkoon toorichaatiif kenname, duraa gara duubaatti yommuu ta’u, maqaanimmoo kan barreeffame bitaadhaa gara mirgaattidha.

(1) Eejii Hoojsan; Aanaa Wool; Kiristiinaa Barnis; Maariyaa Hortelaanoo; Leeslii Niiwuman; Aanaa Dikaasoo (2) Jeniifar Jeenkiins; Taamweelaa Jaarzimiskii; Naansii Meendeez; Viiyanaa Kooroonaa; Layilaa Kaanaaliitaa (3) Hiizar Firaayar; Melaanii Saavaj; Kiim Tiidweel; Niikiyaa Eriiksan; Eestar Daayik; Reebeekaa Maakbeez (4) Laalii Peereez; Liisaa Puuz; Ambar Iskiidmoor; Beeliindaa Yaang; Niikool Maakbraayid; Paawulaa Roondan; Eeriikaa Guudman (5) Miishaa Barnis; Jeesiikaa Fargisan; Naataashaa Piirsan; Liisaa Chaapmaan; Jeeniifar Woordil; Maayikil Kaanaaliitaa (6) Paabloo Peereez; Daaniyal Diikaasoo; Taayisan Yaang; Deevid Roondan; Gaarz Guudman; Maayikil Jeenkins; Goordan Daayik (7) Maariyoo Kooroonaa; Raayan Wool; Jiskoot Puuz; Filooriyaan Meendeez; Iskoot Jaarzimiskii; Toom Saavaj (8) Kiristiyaan Niiwuman; Doonaald Fargisan; Diruu Iskiidmoor; Taayisan Eriiksan; Jaavoon Maakbiraayid; Maarki Piirsan; Maatiiwu Chaapmaan (9) Keerii Hoojsan; Alistar Woordil; Addaam Maakbeez; Tireevar Tiidweel; Jooshuwaa Firaayar; Joonaataan Horteelaanoo.