Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Filannaa Dhuunfaakeetti Cichuu Qabdaa?

Filannaa Dhuunfaakeetti Cichuu Qabdaa?

Filannaa Dhuunfaakeetti Cichuu Qabdaa?

DAA’IMMAN lama waliin taphachaa jiru. Mucaan inni tokko, meeshaasaa itti taphatu mucaa isa kaanirraa butee “Kan kooti!” jedhee iyya. Namoonni ijoollummaasaaniitii jalqabee ofittoo akka ta’an beekamaadha. (Uma. 8:21; Rom. 3:23) Walumaa galatti biyyi lafaa kun, anaaf dursi haa kennamu yaada jedhu babal’isa. Ilaalcha akkasiirraa fagaachuu yoo barbaanne, yaada ofittummaa ofirraa faccisuu qabna. Kana gochuu yoo baanne, salphaadhumatti warra kaan gufachiisuufi walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu dhabuu dandeenya.—Rom. 7:21-23.

Phaawulos, dhiibbaa gochi keenya warra kaanirratti geessisuuf xiyyeeffannaa akka kenninu akkas jechuudhaan nu jajjabeesseera: “‘Wanti hundinuu dhowwaa hin qabu!’ in jedhama, garuu wanti hundinuu immoo nama hin gargaaru; ‘Wanti hundinuu dhowwaa hin qabu!’ garuu wanti hundinuu ijaarsaaf hin ta’u.” Phaawulos itti dabaluudhaan, “Gufuu hin ta’inaa!” jedheera. (1 Qor. 10:23, 32) Filannaa dhuunfaa keenyaa wajjin haala wal qabateen akkas jennee of gaafachuu qabna: ‘Yommuu nageenyi gumii rakkinarra bu’u, mirgawwankoo tokko tokko dhiisuuf fedhii qabaa? Haala rakkisaa keessattillee, seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu eegee jiraachuuf of qopheesseeraa?’

Hojii Filachuurratti

Namoonni hedduun, hojii barbaadan filachuun murtoo dhuunfaa akka ta’eefi warra kaanirratti dhiibbaa guddaa akka hin geessisne itti dhaga’ama. Mee, muuxannoo daldaltuu magaalaa xinnoo Kibba Ameerikaatti argamtu keessa jiraatu tokkoo akka fakkeenyaatti ilaali. Namni kun qumaara taphachuufi machiidhaan kan beekamu ture. Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuusaatiin kan ka’e garuu, karaa hafuuraa guddina argisiisuudhaan akkaataa jireenyaasaa jijjiire. (2 Qor. 7:1) Achiis gumii wajjin lallabuuf fedhii akka qabu yommuu ibsu, jaarsi tokko haala hojiisaa akka gamaaggamu malaan itti hime. Namichi magaalaa sana keessatti dhugaatii alkoolii raabsa ture. Dhugaatiin sun faayidaa addaddaa kan qabu ta’uyyuu, naannoo sanatti keessumaa dhugaatii lallaafaatti makamee machaa’uuf jedhamee dhugama.

Namni kun dhugaatii kana gurguraa namootaaf kan lallabu yoo ta’e, gumicha arrabsiisuufi walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabu dhabuu akka danda’u hubate. Maatii bal’aa kan ittiin gargaaru ta’uyyuu, dhugaatii alkoolii kana gurguruu dhiise. Yeroo ammaatti wantoota tokko tokko gurguruudhaan maatiisaa gargaaraa jira. Namichi, haati manaansaafi ijoolleesaa shanan keessaa lama yeroo ammaatti kan cuuphaman si’a ta’u, misiraachicha ija jabinaafi hinaaffaadhaan lallabaa jiru.

Hiriyaa Filachuurratti

Namoota amantii keenya hin hordofnee wajjin michoomuun filannaa dhuunfaatiif kan dhiifamemoo, seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluutiin geggeeffamuu kan gaafatudha? Obboleettiin tokko dargaggeessa Kiristiyaana dhugaa hin taane tokkoo wajjin waamicha dhaquu barbaadde. Kana gochuunshee balaa akka qabu akeekkachiisni kan kennameef yoo ta’eyyuu, mirgashee akka ta’e waan itti dhaga’ameef gara waamicha sanaa dhaqxe. Bakka waamicha sanaa akkuma geesseen, dhugaatiin qorichi nama raffisu itti makame ni kennameef. Sa’aatii dheeraa booda yommuu dammaqxu, namichi hiriyaasheeti jedhame sun akka ishee gudeede hubatte.—Uumama 34:2 waliin ilaali.

Nama hin amanne hiriyaa godhachuun yeroo hunda balaa akkasiitiif nama saaxila jechuu ta’uu baatus, Macaafni Qulqulluun, “Namni ogeessaa wajjin adeemu, ogeessa in ta’a; miiltoon gowwootaa garuu in bada” jechuudhaan akeekkachiisa. (Fak. 13:20) Hiriyaa gadhee filachuun balaadhaaf akka nu saaxilu homaa hin shakkisiisu. Fakkeenyi 22:3, “Namni hubataan wanta hamaa in arga, jalaas in dhokata, namni wallaalaan garuu itti in adeema, in adabamas” jedha. Hiriyoonni keenya nurrattis ta’e walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabnurratti dhiibbaa geessisuu danda’u.—1 Qor. 15:33; Yaq. 4:4.

Uffannaafi Filannaarratti

Faashiniin yeroo yeroodhaan ni jijjiirama. Haata’u malee, seerri bu’uuraa Macaafni Qulqulluun uffannaafi filannaa ilaalchisee kennu hin jijjiiramu. Phaawulos dubartoonni Kiristiyaana ta’an, “uffata qajeelaa fakkaatu akka ta’utti uffachuudhaan maal naan jedhuudhaan, of qabuudhaanis” akka uffatan gorsuudhaan, seera bu’uuraa warra dhiiraatiifis ta’u kenneera. (1 Xim. 2:9) Phaawulos, asirratti uffata duubatti hafaa akka uffatan gorsuusaa ykn Kiristiyaanonni hundi uffannaa ilaalchisee filannaansaanii tokko ta’uu qaba jechuusaa hin turre. Garuu of qabuu jechuun maal jechuudha? Galmeen jechootaa tokko, jecha of qabuu jedhu, “quufa ykn koorarraa walaba ta’uu . . . uffannaa, dubbii ykn amala gaarii qabaachuu” jechuudhaan hiikeera.

Kanaafuu akkas jennee of gaafachuu qabna: ‘Uffannaa xiyyeeffannaa warra kaanii garmalee harkisu uffachuun mirgakooti jedhee kanan itti cichu yoo ta’e, ani dhuguma naman of qabudha jedhee dubbachuu nan danda’aa? Akkaataan uffannaakoo, eenyummaakoo ykn amalakoo ilaalchisee ergaa gadhee ni dabarsaa?’ Gama kanaan, ‘waan warra kaanitti tolu malee, waan nutti tolu duwwaa ilaaluurraa fagaachuudhaan’ ‘nama tokko iyyuu matumaa gufachiisuurraa’ of qusachuu dandeenya.—2 Qor. 6:3; Filp. 2:4.

Dhimmawwan Daldalaarratti

Warra kaan gowwoomsuu ilaalchisee rakkinni cimaan tokko yommuu gumii Qorontositti uumametti Phaawulos, “Dabaa yoo isin irratti hojjetan maaliif hin obsitan? Maaliifis hin miidhamtan?” jechuudhaan barreesseera. Phaawulos, Kiristiyaanonni obbolootasaanii mana murtii dhaabuu mannaa, ofiisaaniitii akka miidhaman gorseera. (1 Qor. 6:1-7) Obboleessi Yuunaayitid Isteetisitti argamu tokko gorsa kana hojiirra oolcheera. Obboleessi kun, mindaa kaffalamuufii qabu ilaalchisee Kiristiyaana isa hojjechiisuu wajjin walii galuu dadhabe. Obboloonni lamaan kun seerawwan bu’uuraa Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’uudhaan yeroo baay’ee dhimmicharratti kan haasa’an ta’us, rakkina kanaaf furmaata hin arganne. Dhumarratti, dhimma kana “waldaatti” jechuunis jaarsolii gumiitti dhiheessan.—Mat. 18:15-17.

Kan nama gaddisiisu garuu, kana boodas rakkinni kun furmaata argachuu hin dandeenye. Yeroo baay’ee erga irratti kadhatee booda, obboleessi qacarame sun, qarshii argachuun naaf ta’a jedhu sana keessaa baay’eesaa dhiisuuf murteesse. Maaliif? Yeroo booda obboleessi kun, “Wal dhabiinsi kun gammachuu kan na dhabsiise ta’uusaarrayyuu, yeroon sochiiwwan hafuuraatiif oolchuu danda’u na jalaa gubeera” jedheera. Murtoo kana erga godhee booda, gammachuu dhabe sana akka argateefi Yihowaan tajaajilasaarratti akka isa eebbise itti dhaga’ameera.

Wantoota Xixinnoottillee

Wantoota xixinnoottillee filannaa dhuunfaa keenyatti cichuurraa of qusachuun keenya eebba nuuf argamsiisa. Abbaan manaafi haati manaa qajeelchitoota ta’an tokko, guyyaa jalqabaa walga’iin koonyaa godhamutti dursanii ga’uudhaan teessoo mijaa’aa qabatan. Yeroo sagantichi jalqabamu, maatii bal’aan ijoollee hedduu qabu tokko ariitiidhaan galma walga’ichaatti nam’e. Qajeelchitoonni kun, maatichi bakka mijaa’aa barbaadaa akka jiran hubachuudhaan teessoo qabatan isaaniif gadhiisan. Kana gochuunsaanii, guutummaan maatichaa waliin akka taa’u dandeessiseera. Walga’ichi darbee guyyoota muraasa booda, qajeelchitoota kanaaf xalayaan galataa maatii sanarraa isaanii ergame. Xalayichi, maatiin sun yommuu barfatee bakka walga’ii sana ga’e, hangam abdii kutatee akka ture ibsa. Gaarummaan qajeelchitoonni kun isaanii godhan, akka gammadaniifi akka galateeffatan isaan godhee ture.

Yommuu carraa argannu, warra kaaniif jecha fedhiidhaan filannaa keenya haa dhiisnu. Jaalala isa ‘waan isatti tolu duwwaa hin barbaanne’ qabaachuudhaan, gumii keessattis ta’e namoota kaanii wajjin nagaa qabaanna. (1 Qor. 13:5) Hunda caalaa garuu, michummaa Yihowaa wajjin qabnu eegnee jiraanna.

[Fakkii fuula 20rra jiru]

Faashinii jaallattu dhiisuuf fedhii qabdaa?

[Fakkii fuula 21rra jiru]

Obboloota keetiif teessuma gadhiisuuf fedhii qabdaa?