Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Caaffanni Qulqullaa’oon waa’ee ‘macaafa Yaashaariifi’ “macaafa lolaa isa kan Waaqayyoo” ni caqasu. (Iya. 10:13; Lak. 21:14) Kitaabonni kun lamaan galmee kitaabota Macaafa Qulqulluu keessatti hin argaman. Kitaabonni kun geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamanii yeroo booda kan badanidhaa?

Kitaabonni kun lamaan geggeessaa hafuura Qulqulluutiin akka barreeffamaniifi booda akka badan ragaan mirkaneessu hin jiru. Namoonni hafuura qulqulluutiin geggeeffamanii Macaafa Qulqulluu barreessan barreeffamoota gara biraa hedduu caqasaniiru. Macaafota kana keessaa tokko tokko, kutaawwan Macaafa Qulqulluu maqoota namoonni yeroo har’aa salphaatti hubachuu hin dandeenyeen waamaman ta’uu danda’u. Fakkeenyaaf, 1 Seenaa 29:29 “caaffata Saamu’el ilaaltichi, Naataan raajichii fi Gaadi ilaaltichi caafan” caqasa. Kitaabonni kun sadan walumatti, maqaa macaafonni yeroo ammaatti 1⁠ffaafi 2⁠ffaa Saamu’el jedhaman, tariimmoo macaafni Abboota Firdii ittiin waamaman ta’uu danda’a.

Karaa gara biraammoo, kitaabonni caqasaman tokko tokko maqaansaanii kitaabota Macaafa Qulqulluu wajjin kan wal fakkaatu ta’u danda’us kutaa Macaafa Qulqulluu miti. Kun dhugaa ta’uusaa kitaabota durii afurirraa hubachuu dandeenya. Isaanis: “macaafa seenaa mootota Yihudaa,” “macaafa mootota Yihudaa fi mootota Israa’el,” “macaafa . . . seenaa mootummoota Israa’el,” “macaafa mootota Israa’elii fi mootota Yihudaa.” Maqaan kitaabota kanaa kitaabota Macaafa Qulqulluu yeroo har’aa jiraniifi 1faafi 2⁠ffaa Moototaa jedhamanii wajjin kan wal fakkaatu ta’us, kitaabonni arfan kun geggeessaa hafuura qulqulluutiin kan hin barreeffamneefi galmee Caaffata Qulqullaa’aa keessatti kan hin argamnedha. (1 Mot. 14:29; 2 Sen. 16:11; 20:34; 27:7) Kitaabonni kun barreeffamoota seena, yeroo Ermiyaas raajichiifi Izraan seenaawwan yeroo ammaa Macaafa Qulqulluu keessatti argaman barreessanitti kan turan ta’uu hin oolan.

Eeyyee, namoonni Macaafa Qulqulluu barreessan tokko tokko kitaabota seenaa ykn galmeewwan yeroo sanatti turan, garuu geggeessaa hafuuraa qulqulluutiin hin barreeffamne caqasaniiru ykn ilaalaniiru. Asteer 10:2 “macaafa seenaa mootota Medoonii fi Faares” caqasa. Haaluma wal fakkaatuun Luqaas Wangeelasaa qopheessuuf, ‘dubbicha jalqabaa jalqabee, keessa lixee qoreera.’ Tarii kana yommuu jedhu, hidda dhaloota Yesus Wangeelasaa keessatti argamu yommuu barreessu, ragaawwan yeroo sanatti barreeffamaan argaman akka ilaale dubbachuusaa ta’uu danda’a. (Luq 1:3; 3:23-38) Wangeellisaa geggeessaa hafuura qulqulluutiin kan barreeffame ta’us, barreeffamoonni Luqaas irraa ilaale garuu hafuura qulqulluudhaan hin barreeffamne. Wangeelli kun yeroo har’aattis nu fayyada.

Kitaabonni lamaan gaafficharratti caqasamniifi “macaafa Yaashaar” akkasumas “macaafa lolaa isa kan Waaqayyoo” jedhaman, barreeffamoota yeroo sanatti turaniifi geggeessaa hafuura qulqulluutiin hin barreeffamne ta’uu hin oolan. Kanaafuu, Yihowaan kitaabonni kun eegamanii akka turan hin goone. Macaafni Qulqulluun kitaabota kana lamaan caqasuunsaa hayyoonni, kitaabonni lamaan kun walaloo ykn faarfannaa walitti bu’iinsa Israa’elootaafi diinotasaanii gidduu turee wajjin kan wal qabate ta’uu danda’a jedhanii akka yaadan godheera. (2 Sam. 1:17-27) Insaayikilooppeediyaan Macaafa Qulqulluu tokko, kitaabonni kun, tarii “sirboota beekamaa weellistoonni Israa’el durii dandeettii qaban sirban, akkasumas geeraraafi sirboota namoonni kun beekan” kan qabatan ta’uu hin oolan jedheera. Namoonni Yihowaan yeroo tokko tokko akka raajotaa ykn ilaaltotaatti itti fayyadamellee, barreeffamoota inni hafuurasaatiin hin barreesisne ykn kutaa Caaffata Qulqullaa’oo warra “barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf” gargaaran keessatti akka hammataman hin barbaanne barreessaniiru.—2 Xim. 3:16; 2 Sen. 9:29; 12:15; 13:22.

Macaafonni tokko tokko Macaafa Qulqulluu keessatti kan caqasamaniifi faayidaa kan qaban ta’uunsaanii, geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffaman jechuuf sababii hin ta’u. Haata’u malee, Yihowaan, macaafonni ‘dubbii Waaqayyo keenyaa’ qabatan hundi eegamanii akka turan godheera; isaanis ‘bara baraan dhaabatanii in hafu.’ (Isa. 40:8) Eeyyee, ‘waa gochuuf akka dandeenyuufi hojii gaarii hundumaaf akka qophoofnu’ kan nu barbaachisu, wantoota Yihowaan kitaabota Macaafa Qulqulluu 66 keessatti akka hammataman godhe qofadha.—2 Xim. 3:16, 17.