Tajaajilatti Jabaachuu Kan Dandeessu Akkamitti?
Tajaajilatti Jabaachuu Kan Dandeessu Akkamitti?
HOJII lallabaa dhaabuu hamma barbaaddutti abdii kutattee beektaa? Mormii cimaan, dhiphinni, fayyaa dhabuun, dhiibbaan hiriyaa ykn bu’aa gaarii dhabuun keenya, tajaajila keenyatti akka hin jabaanne gochuu danda’a. Mee fakkeenya Yesusirratti yaadi. “Gammachuu fuula isaa dura jiru sanaaf jedhee” qorumsa hundarra caalu danda’eera. (Ibr. 12:2) Himanni Waaqayyorratti ka’e guutummaatti soba ta’uusaa mirkaneessuudhaan, garaa Yihowaa ciibsuu akka danda’u beeka ture.—Fak. 27:11.
Atis tajaajilatti jabaachuudhaan garaa Yihowaa ciibsuu dandeessa. Haata’u malee, gufuuwwan tokko tokko tajaajilatti akka hin jabaanne humna yoo si buusan maal gochuu dandeessa? Kiristiinaan isheen maanguddoo taateefi dhukkubaan rakkattu akkas jetteetti: “Yeroon itti hin dadhabneefi abdii hin kutanne hin qabu. Rakkoowwan dullumaa wajjin wal qabatanii dhufan kan akka fayyaa dhabuufi yaaddoon jireenyaa, yeroodhaaf hinaaffaakoo na jalaa balleessuu danda’u.” Gufuuwwan akkasii jiraatanis tajaajilatti jabaachuu kan dandeessu akkamitti?
Fakkeenya Raajotaa Hordofi
Labsitoonni Mootummichaa amanamoo ta’an, hojii lallabaatti jabaachuu yoo barbaadan ilaalcha raajota durii qabaachuuf carraaquu qabu. Mee fakkeenya Ermiyaas ilaali. Raajii ta’ee akka tajaajilu yeroo waamamu, jalqabarratti mamee ture. Haata’u malee, Ermiyaas Waaqayyorratti amantaa guddaa qabaachuu waan barateef, waggaa 40 oliif hojii ulfaataa isaa kenname hojjechuusaa itti fufuu danda’eera.—Er. 1:6; 20:7-11.
Heenriik fakkeenya Ermiyaasirraa jajjabina argateera. Akkas jedha: “Waggaa 70 oliif yeroon tajaajilaan dabarsetti, namoonni dantaa dhabuunsaaniifi jibbi babal’achuusaatiin yeroon itti abdii kutadhu qaba. Yeroo akkasiitti waa’ee Ermiyaas yaadachuufan yaala. Jaalalli inni Yihowaadhaaf qabuufi karaa hafuuraa cimaa ta’uunsaa, raajii dubbachuusaa akka itti fufu isa jajjabeesseera.” (Er. 1:17) Obboleessi Raafaal jedhamus fakkeenya Ermiyaasirraa jajjabina argateera. Akkas jedha: “Ermiyaas ofirratti akkasumas miirasaarratti xiyyeeffachuu mannaa, Waaqayyotti amanameera. Namoonni baay’een garmalee isa jibbaniyyuu, sodaa malee hojiisaa itti fufeera. Anis fakkeenyasaa kana hordofuufan carraaqa.”
Raajii garabiraan fakkeenyisaa namoonni baay’een tajaajilasaaniitti akka jabaatan gargaarummoo Isaayaasidha. Waaqayyo, lammiiwwansaallee akka isa hin dhaggeeffanne dursee itti himee ture. Yihowaan, saba kana “gurra isaa cuqqaali, ija isaas dununfachiisi!” jedheenii ture. Kana jechuun garuu, Isaayaas milkaa’ina hin argatu jechuudhaa? Akka ilaalcha Waaqayyootti akkas jechuu miti. Raajii akka ta’u yommuu itti himame, “Kunoo, ani jira, ana ergi!” jedheera. (Isa. 6:8-10) Isaayaas hojii isaa kenname hojjechuusaa itti fufeera. Atoo hojii lallabaa nuu kennameef ilaalcha akkasii qabdaa?
Namoonni ergaa keenyaaf dantaa hin qabne yeroo nu mudatan tajaajilatti jabaachuuf, nuyis akkuma Isaayaas deebii gadhee isaan kennanirratti xiyyeeffachuurraa fagaachuu qabna. Raafaal abdii kutachuu isatti dhaga’amu akkamitti akka mo’e akkas jechuudhaan dubbateera: “Wantoota gadhee namoonni dubbatanirratti xiyyeeffachuurraan fagaadha. Namoonni naannoo tajaajilaakootti argaman yoo barbaadan ergaa kana fudhachuu, yoo jibbanimmoo diduuf mirga qabu.” Aannaanis itti dabaluudhaan akkas jedheera: “Wanta nama hin gammachiisne ykn abdii nama kutachiisurratti xiyyeeffachuurraa fagaachuuf yaaliin godha. Kana gochuuf kan na gargaaremmoo, tajaajila ba’uukoo dura kadhannaa gochuufi caqasa guyyaa guyyaa qoruukooti. Kana gochuunkoo yaada gadhee mo’uuf na gargaara.”
Hisqi’el raajichi Yihudoota mata jabeeyyii warra boojuudhaan Baabilonitti geeffaman gidduutti lallabuu qaba ture. (His. 2:6) Raajichi Dubbii Waaqayyoo namootatti himuurraa duubatti utuu jedhee, akkasumas namni hamaan tokko akeekkachiisa inni kennu utuu hin dhaga’in yoo du’e, Hisqi’el dhuunfaatti itti gaafatama ture. Yihowaan Hisqi’eliin, “Ani immoo dhiiga isaa harka kee keessa nan barbaada” jedheera.—His. 3:17, 18.
Heenriik ilaalcha Hisqi’el qabaachuuf carraaqqii akka godhu akkas jechuudhaan ibseera: “Ani dhiiga nama hundumaarraa qulqulluudha. Lubbuun namootaa inni gati jabeessa ta’e, balaarra jira.” (HoE. 20:26, 27, hiika bara 1899) Izbeegniiwuunis yaada kanaa wajjin wal fakkaatu akka qabu akkas jechuudhaan ibseera: “Deebiin warra kaanii maaliyyuu yoo ta’e, Hisqi’el hojiisaa itti fufuu qaba ture. Kunimmoo hojii lallabaatiif ilaalcha akka Yihowaa qabaachuuf na gargaareera.”
Kophaakee Miti
Hojiin lallabaa wanta kophaakee hojjettu miti. Nuyis akkuma Phaawulos, “[Waaqayyoo] wajjin in hojjenna” jechuu dandeenya. (1 Qor. 3:9, hiika bara 1899) Kiristiinaa isheen darbee darbee gaddi itti dhaga’amu akkas jetteetti: “Yihowaan jajjabina akka naa kennu kanan kadhadhus kanaafi. Yeroo na barbaachisu hundumaatti jajjabina naa kenna.” Eeyyee, hafuurri Waaqayyoo tajaajilarratti akka nu jajjabeessu gaafachuun keenya barbaachisaadha.—Zak. 4:6.
Tajaajilarratti yommuu hirmaannu, hafuurri qulqulluun bifawwan ‘ija hojii hafuuraa’ akka argisiisnu nu gargaara. (Gal. 5:22, 23) Kunimmoo, deebiin namootaa maaliyyuu yoo ta’e, hojii lallabaatti jabaachuuf nu gargaara. Heenriik akkas jedheera: “Hojii lallabaarratti hirmaachuun amalakoo akkan fooyyessu na gargaara. Obsuu, namootaaf yaaduufi dafee abdii akkan hin kutanne na barsiiseera.” Gufuuwwan addaddaa jiraatanis, tajaajilatti jabaachuun ija hojii hafuuraa baay’inaan horachuuf si gargaara.
Yihowaan hojii adda ta’e kanaaf qajeelfama kennuuf ergamootasaatti fayyadama. (Mul. 14:6) Macaafni Qulqulluun ergamoonni, “kumaatama, kuma kumaatamaas” ta’an akka jiran ibsa. (Mul. 5:11) Qajeelfama Yesus jala ta’uudhaan, ergamoonni tajaajiltoota Waaqayyoo warra lafarratti argaman ni gargaaru. Yommuu tajaajilarratti argamtu hundaa kana sammuutti ni qabattaa?
Aanaan, “Tajaajilarratti ergamoonni akka nu waliin jiran yaaduunkoo na jajjabeessa. Gargaarsa ergamoonni kun qajeelfama Yihowaafi Yesus jala ta’uudhaan kennaniif bakka guddaan kenna” jedheera. Ergamoota amanamoo wajjin tajaajiluun mirga guddaa mitii?
Babal’istoota Mootummichaa wajjin tajaajiluun jajjabina kan nuu kennu akkamitti? Dhugaa Baatota amanamoo hedduu wajjin michoomuun keenya eebbadha. Jecha Macaafa Qulqulluu, “Sibiilli sibiila in qara, namnis nama biratti in qarama” jedhu dhugaa ta’uusaa akka hubatte hin shakkisiisu.—Fak. 27:17.
Warra kaanii wajjin tajaajiluun keenya, malawwan tajaajilaa gaarii kanaan dura itti fayyadamnee hin beekne hubachuuf carraa nuu bana. Elzibetaan akkas jetteetti: “Babal’istoota addaddaa wajjin tajaajiluun obboloota hidhata amantaakoofis ta’e, namootan argadhu kaaniif jaalala argisiisuuf carraa naa bana.” Babal’istoota addaddaa wajjin tajaajilarratti hirmaachuuf carraaqi. Akkas gochuun tajaajilakeetti gammaduuf si gargaara.
Akka Gaariitti Of Kunuunsi
Hinaaffaan tajaajilaaf qabnu akka hin dhabne, karoora gaarii baafachuu, qayyabannaa dhuunfaa amaleeffachuufi boqonnaa ga’aa fudhachuu qabna. Kana jechuun, karaa hafuuraas ta’e qaamaan akka gaariitti of kunuunsuu qabna jechuudha.
Macaafni Qulqulluun, “Yaadni warra dhimmee hojjetuu bu’aa qaba” jedha. (Fak. 21:5) Zaayigmunti maanguddoon umrii 88 akkas jedheera: “Tajaajilarratti malaan hojjechuun bu’a qabeessa akkan ta’u na gargaareera. Hojii lallabaatiif yeroo ga’aa akkan argadhutti, yerookoo sirriitti qoqqoodeen itti fayyadama.”
Caaffata Qulqullaa’oo akka gaariitti beekuun, tajaajilaaf nu jajjabeessa; akkasumas nu hidhachiisa. Lubbuudhaan jiraachuuf nyaanni akkuma nu barbaachisu, hojii lallabaarratti hirmaachuu keenya itti fufuufis yeroo hunda nyaata hafuuraa soorachuu qabna. Guyyaa guyyaadhaan Dubbii Waaqayyoo soorachuufi “yeroodhaan nyaata” hafuuraa nuu dhihaatu fudhachuun keenya, tajaajilaaf nu jajjabeessuu danda’a.—Mat. 24:45-47.
Elzibetaan tajaajilashee fooyyessuuf jecha jireenyasheerratti jijjiirama barbaachisu gooteetti. Akkas jetti: “Sa’aatiin tajaajilaaf itti qophaa’u hedduu argachuuf jecha, yeroon televijiinii ilaaluudhaan
dabarsu baay’een hir’ise. Yeroo hunda galgala galgala Macaafa Qulqulluu yommuun dubbisu, waa’ee namoota naannoo tajaajilaakootti argamaniin yaada. Caqasawwaniifi barreeffamoota isaan gargaaruu danda’anirrattan yaada.”Boqonnaa gaarii argachuun, humnikee akka hin hir’anne gochuudhaan, hamma dandeesse tajaajilarratti akka hirmaattu si gargaaruu danda’a. Karaa garabiraammoo, bashannanarratti yeroo dheeraa dabarsuun qulqullina tajaajila keerratti dhiibbaa geessisuu danda’a. Babal’isaan hinaaffaadhaan tajaajiluufi Andirzeej jedhamu caqasa, “Rakkinaan itti dadhabanii harka lama guutuu qabaachuu mannaa, gabiitti harka tokko guutuu qabaachuu wayya” jedhu ni yaadata.—Lal. 4:6.
Carraaqqii akkamiiyyuu yoo goone, namoonni hedduun misiraachoo kana hin fudhatan. Haata’u malee, Yihowaan matumaa hojii keenya hin irraanfatu. (Ibr. 6:10) Namoonni baay’een nu waliin mari’achuu kan hin barbaanne ta’anis, erga manasaaniitii adeemnee booda waa’ee keenya dubbachuu danda’u. Bu’aan kanarraa argamu wanta Hisqi’el, namoonni “raajiin isaan gidduu akka tures in beeku” jechuudhaan dubbatee wajjin wal fakkaata. (His. 2:5) Hojiin lallabaa keenya salphaa akka hin taane kan beekamu ta’us, nuyi bu’aa gaarii irraa argachaa jirra; namoonni ergaa kana dhaga’an kaanis faayidaa irraa argatu.
Zaayigmunti akkas jedheera: “Tajaajilarratti hirmaachuun keenya namummaa haaraa uffachuuf, akkasumas Waaqayyoofis ta’e namootaaf jaalala argisiisuuf nu gargaara.” Andirzeej itti dabaluudhaan akkas jedheera: “Hojii lubbu baraarsaa kanarratti qooda fudhachuun mirga guddaadha. Hojicha haala bal’ina qabu akkasiitiin ykn haala kana fakkaatuun hojjechuun hin danda’amu.” Atis yeroo ammaatti tajaajilatti jabaachuudhaan eebba hangana hin jedhamne argachuu dandeessa.—2 Qor. 4:1, 2.
[Fakkii fuula 31rra jiru]
Karaa hafuuraas ta’e qaamaan of kunuunsuun keenya tajaajilatti jabaachuuf nu gargaara