Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Amanamaa Ta’uunkee Garaa Yihowaa Ciibsa

Amanamaa Ta’uunkee Garaa Yihowaa Ciibsa

Amanamaa Ta’uunkee Garaa Yihowaa Ciibsa

“Yaa ilma ko, nama ana arrabsuuf deebii kennuu akkan danda’utti, ati ogeessa ta’i, garaa na ciibsi!”—FAK. 27:11.

1, 2. (a) Macaafni Iyoob himata Seexanni kaase isa kam ibsa? (b) Bara Iyoob boodas, Seexanni Yihowaa arrabsuusaa akka itti fufe kan argisiisu maalidha?

YIHOWAAN, amanamummaan Iyoob isa tajaajilaasaa ta’ee Seexanaan akka qoramu heyyamee ture. Kanaan kan ka’es, Iyoob horiisaa, ijoolleesaafi fayyaasaa dhabeera. Seexanni amanamummaa Iyoobirratti yeroo gaaffii kaase, Iyoobiin qofa yaada qabatee hin turre. Seexanni, “Inni fayyaa isaa ti, gogaan isaa iyyuu hin tuqamne; namni wanta qabu hundumaa lubbuu isaaf in kenna” jechuudhaan falmeera. Himanni kun, Iyoobiin qofa kan ilaalatu hin turre. Erga inni du’ee yeroo dheeraa boodallee, Seexanni amanamummaa ilmaan namootaarratti gaaffii kaasuusaa itti fufeera.—Iyo. 2:4.

2 Erga Iyoobirra qorumsi ga’ee waggaa 600 booda, Yihowaan Solomoon hafuuraan geggeeffamee, “Yaa ilma ko, nama ana arrabsuuf deebii kennuu akkan danda’utti, ati ogeessa ta’i, garaa na ciibsi!” jedhee akka barreessu isa kakaaseera. (Fak. 27:11) Yeroo sanattis Seexanni Yihowaa falmaa akka ture ifadha. Yohaannis ergamaan, Seexanni bara 1914 erga Mootummaan Waaqayyoo hundeeffamee yeroo muraasa booda, samiirraa yommuu gad darbatamu tajaajiltoota Waaqayyoo utuu hadheessu mul’ataan argee ture. Eeyyee, guyyoota gara dhumaa sirna biyya lafaa hamaa ta’e keessa yeroo jiraannu kanattis, Seexanni amanamummaa tajaajiltoota Waaqayyoo qoraa jira!—Mul. 12:10.

3. Macaafa Iyoobirraa barumsawwan gaggaarii akkamii argachuu dandeenya?

3 Mee barumsa barbaachisaa macaafa Iyoobirraa argannu sadii hubadhaa. Tokkoffaa, qorumsawwan Iyoobirra ga’an, diinni ilmaan namootaafi maddi mormii saba Waaqayyoorra ga’uu eenyu akka ta’e argisiisu. Diinni kun Seexana isa Diiyaabilos jedhamedha. Lammaffaa, qorumsi akkamiiyyuu yoo nurra ga’e, Waaqayyoo wajjin hariiroo cimaa qabaachuun amanamummaa keenya eeguuf nu gargaara. Sadaffaa, yeroo rakkoon nu mudatuufi karaa ta’e tokkoon qoramnu, Waaqayyo akkuma Iyoobiin gargaare nuunis nu gargaara. Yeroo har’aa Yihowaan, karaa Dubbiisaa, karaa jaarmiyaasaafi hafuurasaa nu gargaara.

Yeroo Hundumaa Diinni Keessan Eenyu Akka Ta’e Yaadadhaa

4. Haalawwan biyya lafaa yeroo amma jiraniif kan itti gaafatamu eenyu?

4 Namoonni baay’een Seexanni jiraachuusaa hin amanan. Kanaaf, haalli addunyaa isaan yaaddessus, maddisaa Seexana isa Diiyaabilos jedhame ta’uusaa hin hubatan. Rakkoowwan ilmaan namootaarra ga’an hedduuf kan itti gaafatamu, isaanuma akka ta’an beekamaadha. Warra keenya jalqabaa kan ta’an Addaamiifi Hewwaan, Uumaasaaniirraa addaan ba’anii ofiin of bulchuuf filatan. Kanaaf, yeroo sanaa kaasee dhaloonni sana booda jiru karaa sirrii hin taanerra adeemuu jalqabe. Ta’us, Hewwaan Waaqayyorratti akka hammaattu kan ishee gowwoomse Diiyaabilosidha. Inni ilmaan namootaa cubbamoo ta’aniifi du’a dhaalan gidduutti sirna biyya lafaa to’annaasaa jala jiru kana babal’iseera. Seexanni “waaqayyicha bara si’anaa kana[a]” waan ta’eef, ilmaan namootaa amala akkasaa, jechuunis of bokoksuu, ofittummaa, hinaaffaa, sassata, gowwoomsaafi hammeenya argisiisu. (2 Qor. 4:4; 1 Xim. 2:14; 3:6; Yaaqoob 3:14, 15 dubbisi.) Amalawwan akkasii walitti bu’iinsi siyaasaafi amantii akka uumamu, akkasumas jibbi, malaammaltummaaniifi hammacamni, rakkinni ilmaan namootaa ittuma caalaa akka adeemu taasise akka jiraatu godhaniiru.

5. Beekumsa guddaa arganneen maal gochuu barbaanna?

5 Tajaajiltoota Yihowaa ta’uu keenyaan beekumsa guddaa arganneerra! Eeyyee, haalawwan biyya lafaa caalaatti manca’aa akka adeeman kan godhu eenyu akka ta’e hubanneera. Kanaaf, tajaajilarratti hirmaachuudhaan namoonni kaanis diinni keenya inni guddaan eenyu akka ta’e akka beekan gargaaruuf hin kakaanuu? Yihowaa isa Waaqa dhugaa ta’e cina dhaabachuu keenyaan, akkasumas Yihowaan Seexanaafi rakkina ilmaan namootaa hunda akkamitti akka balleessu namoota kaanitti himuu keenyatti hin gammannuu?

6, 7. (a) Ari’atama tajaajiltoota Yihowaarra ga’uuf kan itti gaafatamu eenyu? (b) Fakkeenya Eliihuu hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

6 Seexanni wantoota nama gaddisiisan hedduu addunyaarratti fideef qofa utuu hin ta’in, saba Waaqayyoo mormuusaattis itti gaafatama. Nu qoruuf kutatee ka’eera. Yesus Kiristos, Phexros ergamaadhaan, “Simoon, Simoon, Seexanni akka namni qamadii gingilchu isin gingilchuudhaaf isin falmeera” jedhee ture. (Luq. 22:31) Haaluma wal fakkaatuun, Yesus duukaa kan buunu hundi karaa tokkoon ykn karaa biraatiin qorumsi nurra ga’a. Phexros, Diiyaabilosiin ‘leenca yeroo beela’u aadaa naanna’uufi nama liqimsuu barbaadutti’ fakkeesseera. Phaawulosis, “Karaa Kristos Yesus nama Waaqayyoo ta’ee jiraachuu kan hawwu hundinuu ari’atamuuf jira” jedheera.—1 Phe. 5:8; 2 Xim. 3:12.

7 Obboloota keenyarra rakkinni cimaan yeroo ga’u, diinni keenya inni guddaan eenyu akka ta’e akka beeknu gocha keenyaan argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Isaanirraa fagaachuu mannaa, akkuma Eliihuu isa michuu Iyoob isa dhugaa turee gochuun nu barbaachisa. Wal’aansoo Seexana isa diina hunda keenyaa ta’e wajjin godhaniin obboloota keenya ni gargaarra. (Fak. 3:27; 1 Tas. 5:25) Kaayyoon keenya, carraaqqii barbaachisu hundaa goonee namoonni hidhata amantii keenyaa ta’an, amanamummaasaanii eeguudhaan garaa Yihowaa akka ciibsan gargaaruudha.

8. Seexanni Iyoob Yihowaadhaaf ulfina akka hin kennine gochuu kan hin dandeenye maaliifi?

8 Qabeenyi jalqabaa Seexanni Iyoob akka dhabu godhe horiisaati. Horiiwwan kun wanta inni ittiin jiraatu ta’uu waan danda’aniif baay’ee kan isa barbaachisan turan. Waaqeffannaafis isaanitti fayyadama ture. Iyoob, “‘Ijoolleen koo yaada isaaniitti Waaqayyoon yakkanii, isa arrabsaniiru ta’a’ jedhee waan yaaduuf, ganama obboroodhaan ka’ee ijoollee isaa geessee, akka lakkoobsa ijoollee isaa hundumaatti qalma gubamu in dhi’eessa, isaan in qulleessas ture; kanas yeroodhuma yerootti in hojjeta ture.” (Iyo. 1:4, 5) Kanaaf, Iyoob aarsaa dhiheessuuf yeroo hundumaa horiiwwan kanatti fayyadama ture. Erga qorumsawwan kun ga’anii booda garuu kana gochuu hin danda’u. Amma Iyoob, “qabeenya” Yihowaaf ulfina ittiin kennu hin qabu jechuudha. (Fak. 3:9) Afaansaatiin garuu Yihowaaf ulfina kennuu ni danda’a ture; kanas godheera!

Yihowaa Wajjin Hariiroo Cimaa Qabaadhaa

9. Qabeenyi jireenya keenya keessatti bakka guddaa kenninuuf maalidha?

9 Sooressas taane hiyyeessa, dargaggootas taane maanguddoota, fayyaa gaarii qabaannus qabaachuu baannus, Yihowaa wajjin hariiroo cimaa qabaachuu dandeenya. Waaqayyoo wajjin hariiroo cimaa qabaachuun keenya, rakkinni akkamiyyuu yoo nurra ga’e amanamummaa keenya eeguufi garaa Yihowaa ciibsuuf nu dandeessisa. Namoonni waa’ee dhugaa beekumsa muraasa qaban tokko tokkollee, ejjennoo ija jabina gaafatu fudhachuufi amanamoo ta’anii itti fufuu danda’aniiru.

10, 11. (a) Obboleettiin keenya tokko qorumsa amanamummaa isheerra ga’e kan moote akkamitti? (b) Obboleettiin kun Seexanaaf deebii quubsaa akkamii kennite?

10 Mee fakkeenya obboleettii keenya Vaalentiinaa Gaarnooviskaayaa jedhamtuu haa ilaallu. Isheen Dhugaa Baatota Yihowaa Ruusiyaa hedduu, rakkinni cimaan isaanirra ga’uyyuu akkuma Iyoob amanamummaasaanii eegan keessaa tokko turte. Bara 1945, yeroo umriinshee waggaa 20 turtetti obboleessi tokko ni lallabeef. Ergasii al lama deebi’ee waa’ee Macaafa Qulqulluu waliin kan mari’atan ta’us, sana booda isa argitee hin beektu. Ta’us, Vaalentiinaan ollaawwansheetiif lallabuu jalqabde. Kanaan kan ka’es, qabamtee hidhaan waggaa saddeetii itti murteeffamee kaampii hojiin humnaa itti hojjetamutti geeffamte. Bara 1953⁠mmoo kan hiikamte si’a ta’u yeruma sana lallabuu jalqabde. Haata’u malee, ammas qabamtee hidhaan waggaa kudhanii itti murteeffame. Kaampii hojiin humnaa itti hojjetamu tokko keessa waggoota hedduu erga turtee booda, kaampii obboleettonni Macaafa Qulqulluu qaban jiranitti jijjiiramte. Gaaf tokko obboleettiin tokko Vaalentiinaatti Macaafa Qulqulluu argisiiste. Vaalentiinaanis baay’ee gammadde! Vaalentiinaan, obboleessa bara 1945 isheef lallabe harkatti malee, Macaafa Qulqulluu argitee hin beektu turte!

11 Bara 1967, Vaalentiinaan kan hiikamte si’a ta’u, Yihowaaf of murteessuushee bishaaniin cuuphamuudhaan argisiisteetti. Birmadumaasheetti fayyadamuudhaan hanga bara 1969⁠tti tajaajilarratti hinaaffaadhaan hirmaatteetti. Haata’u malee, wagguma sanatti qabamtee hidhaan waggaa sadii itti murteeffame. Ta’us, Vaalentiinaan lallabuushee itti fufteetti. Bara 2001⁠tti du’uushee dura, namoonni 44 dhugaa akka beekan gargaarteetti. Manneen hidhaafi kaampilee hojiin humnaa itti hojjetamu keessatti waggaa 21 dabarsiteetti. Amanamummaashee eeguuf jecha birmadummaashee dabalatee wanta hundumaa aarsaa goochuuf fedhii qabdi turte. Vaalentiinaan du’uushee dura akkas jetteetti: “Mana jireenyaa dhuunfaakoo hin qabu. Qabeenyikoo shaanxaa tokko kan hin caalle ta’us, Yihowaa tajaajiluukootti gammachuu guddaatu natti dhaga’ama.” Vaalentiinaan, himata Seexanaa isa ilmaan namootaa yoo rakkinni isaanirra ga’e Waaqayyoof amanamoo hin ta’an jedhuuf deebii quubsaa kenniteetti! (Iyo. 1:9-11) Vaalentiinaan garaa Yihowaa akka ciibsite, Yihowaanis yeroo itti ishees ta’e namoota amanamummaadhaan du’an hunda, du’aa kaasuudhaan gara jireenyaatti deebisu hawwiidhaan akka eeggatu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.—Iyo. 14:15.

12. Jaalalli, hariiroo Yihowaa wajjin qabnurratti ga’ee maalii qaba?

12 Michoomni Yihowaa wajjin qabnu, jaalala isaaf qabnurratti kan hundaa’edha. Amalawwan Waaqayyoo ni dinqisiifanna; haala kaayyoosaa wajjin walsimuun jiraachuufis waan dandeenyu hunda ni goona. Himata Diiyaabilos dhiheessurraa haala faallaa ta’een, faayidaa argachuuf jennee utuu hin ta’in akkasumaan Yihowaa jaallanna. Jaalalli garaarraa maddu akkasii, yeroo qorumsi nurra ga’utti amanamoo taanee itti fufuuf humna nuu kenna. Yihowaanimmoo, “lubbuu warra isaaf of kennanii in eega.”—Fak. 2:8; Far. 97:10.

13. Yihowaan waan isaaf raawwannu kan ilaalu akkamitti?

13 Waan baay’ee gochuu akka hin dandeenye nutti dhaga’amus, jaalalli, maqaa Yihowaatiif ulfina kennuuf nu kakaasa. Wanta gochuu barbaannu hunda raawwachuu baannus, Yihowaan kaka’umsa gaarii qabnu waan ilaaluuf nutti hin faradu. Wanta raawwanne qofaaf utuu hin ta’in, sababii itti raawwanneefis bakka guddaa ni kenna. Iyoob baay’ee kan gaddeefi rakkinni baay’een kan isa mudate ta’us, namoota isa hadheessanitti, seerawwan Yihowaatiif jaalala qabaachuusaa isaanitti himeera. (Iyoob 10:12; 28:28 dubbisi.) Waaqayyo, boqonnaa xumuraa macaafa Iyoobirratti, Eliifaaz, Biildaadiifi Zofaar dhugaasaa waan hin dubbanneef dheekkamsiisaa akka isaanirratti boba’e dubbateera. Karaa biraatiinimmoo, Iyoob isa duratti fudhatama kan qabu ta’uusaa argisiisuuf al afur ‘garbichakoo’ jedhee kan isa waamee ta’uusaarrayyuu, namoota dogoggoran kanaaf akka kadhatu isa ajajee ture. (Iyo. 42:7-9) Nuyis Yihowaa duratti fudhatama argachuuf tarkaanfii akkasii haa fudhannu.

Yihowaan Tajaajiltootasaa Amanamoo Ta’an Ni Gargaara

14. Yihowaan, Iyoob ilaalchasaa akka sirreessu kan isa gargaare akkamitti?

14 Iyoob cubbuu kan dhaale ta’us amanamummaasaa eegeera. Yommuu qorumsa cimaa keessa turetti, yeroo itti dogoggoraan yaade qaba ture. Fakkeenyaaf, Yihowaadhaan, “Ani sittan iyyadhe, ati garuu anaaf hin deebifne . . . Aangoo irree keetiinis na dhoofte” jedheera. Kana malees, Iyoob dogoggora akka hin qabne mirkaneessuuf, ‘Balleessaa hin qabu’ akkasumas “humnaan nama irratti ka’uun na bira hin jiru, kadhannaan koos qullaa’aa dha” jedheera. (Iyo. 10:7; 16:17; 30:20, 21) Ta’us, Yihowaan gaaffiiwwan walitti aanan isa gaafachuudhaan, Iyoob ofiisaarratti akka hin xiyyeeffanne gaarummaadhaan isa gargaareera. Gaaffiiwwan kun, Iyoob Yihowaan hunda kan caalu ta’uusaafi namoonni isaa wajjin kan wal hin gitne ta’uusaanii akka hubatu isa gargaaraniiru. Iyoobis qajeelfama isaaf kenname fudhatee of sirreesseera.—Iyoob 40:8; 42:2, 6 dubbisi.

15, 16. Yeroo ammaatti Yihowaan karaawwan kamiin tajaajiltootasaa gargaara?

15 Yeroo har’aattis, Yihowaan tajaajiltootasaatiif gargaarsa gochaa jira. Nuyis kanarraa faayidaa argachaa jirra. Fakkeenyaaf, Yesus Kiristos aarsaa furii nuu qopheessuudhaan, karaa itti dhiifama cubbuu argannu nuu baneera. Cubbuu kan dhaalle ta’us, aarsaa dhihaate kanaan Waaqayyoo wajjin hariiroo gaarii qabaachuu dandeenyeerra. (Yaq. 4:8; 1 Yoh. 2:1) Yeroo qorumsawwan nurra ga’anis, hafuurri qulqulluun gargaarsaafi humna akka nuu kennu ni kadhanna. Kana malees, Macaafa Qulqulluu waan qabnuuf, yoo dubbisneefi yoo irratti xiinxalle, qorumsa amantii nurra ga’uuf nu qopheessa. Qayyabannaan, gaaffii olaantummaarratti ka’eefi amanamummaa ofii eeguun maal akka ta’e hubachuuf nu gargaara.

16 Kana malees, Yihowaan yeroo ammaa nyaata hafuura karaa ‘hojjetaa amanamaafi ogeessaa’ dhiheessaa jira; nuyis kutaa obboloota addunyaa maraa ta’uu keenyaan faayidaa guddaa argachaa jirra. (Mat. 24:45-47) Barumsawwaniifi jajjabinni walga’iiwwan gumii Dhugaa Baatota Yihowaa gara 100,000 ta’an keessatti kennaman, qorumsawwan amantii nu mudachuu danda’aniif kan nu qopheessanidha. Kun dhugaa ta’uusaa, muuxannoo intala waggaa 15ii Shiilaa jedhamtuufi biyya Jarman jiraatturraa hubachuun ni danda’ama.

17. Muuxannoon intala tokkoo yeroo hundumaa walga’iiwwan gumiirratti argamuun barbaachisaa ta’uusaa kan argisiisu akkamitti?

17 Gaaf tokko kutaa Shiilaan itti barattu keessa sa’aatii muraasaaf barsiisaan hin jiru ture. Ijoolleen kutaashee Wiijaa boordi (meeshaa hiree gara fuulduraa baruuf hafuurota xuraa’oo wajjin ittiin wal qunnaman) fayyadamuu jalqaban. Shiilaan yeruma sana kutaa keessaa baate; wanti isheen sana booda dhageesse tarkaanfii akkasii fudhachuusheetti akka gammaddu ishee taasiseera. Meeshaa kana utuu fayyadamaa jiranii, barattoonni tokko tokko hafuuronni hamoon akka isaanitti dhufan waan isaanitti dhaga’ameef sodaadhaan baqataniiru. Shiilaan yeruma sana kutaa gadhiistee ba’uuf akka murteessitu kan ishee gargaare maalidha? Akkas jetti: “Kun ta’uusaa yeroo muraasa dura, balaa Wiijaa boordii fayyadamuun geessisu, walga’ii Galma Mootummaatti godhamerratti barannee turre. Kanaaf wantan gochuu qabu beekan ture. Akkuma Macaafni Qulqulluun Fakkeenya 27:11⁠rratti ibsu Yihowaa gammachiisuun barbaada ture.” Shiilaan walga’icharratti argamuufi xiyyeeffannaadhaan saganticha dhaggeeffachuun guddaa ishee gargaareera!

18. Dhuunfaakeetti maal gochuuf murteessiteetta?

18 Hundi keenya qajeelfama jaarmiyaan Waaqayyoo nuu kennu hordofuuf haa murteessinu. Yeroo hundumaa walga’iirratti argamuudhaan, Macaafa Qulqulluu dubbisuudhaan, barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an qayyabachuudhaan, Kiristiyaanota ga’eessota ta’an wajjin michoomuudhaan, qajeelfamaafi gargaarsa nu barbaachisu arganna. Yihowaan amanamummaa keenya akka eegnu barbaada; akkas gochuu keenya akka itti fufunus ni amana. Maqaa Yihowaa jajachuu, amanamummaa keenya eeguufi garaa Yihowaa ciibsuuf mirga guddaa arganneerra!

Ni Yaadattaa?

• Seexanni haalawwaniifi qorumsawwan kamfa’iif itti gaafatama?

• Qabeenyi keenya inni hunda caalu maalidha?

• Hariiroon Yihowaa wajjin qabnu maalirratti kan hundaa’edha?

• Karaawwan yeroo ammaatti Yihowaan itti nu gargaaru tokko tokko kamfa’i?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 8rra jiru]

Beekumsa gati jabeessa argatte namootaaf hiruuf ni kakaataa?

[Fakkii fuula 9rra jiru]

Namoonni hidhata amantii keenya ta’an amanamummaasaanii akka eegan gargaaruu dandeenya

[Fakkii fuula 10rra jiru]

Vaalentiinaan amanamummaashee eeguuf waan hunda fedhiisheetiin aarsaa gootetti