Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Iyoob Maqaa Yihowaatiif Ulfina Guddaa Kenneera

Iyoob Maqaa Yihowaatiif Ulfina Guddaa Kenneera

Iyoob Maqaa Yihowaatiif Ulfina Guddaa Kenneera

“Maqaan Waaqayyoo [“Yihowaa,” NW] haa eebbifamu!”—IYO. 1:21.

1. Macaafa Iyoob kan barreesse eenyu ta’uu hin oolu? Yoom barreesse?

MUSEEN dheekkamsa Fara’oon jalaa ooluuf Gibxii baqatee biyya Miidiyaan yommuu dhaqu umriinsaa waggaa 40 ture. (HoE. 7:23, 29) Museen, yeroo biyya sana turetti, Iyoob isa biyya Uz ishee Miidiyaanitti dhihoo jirtu keessa jiraaturra qorumsawwan ga’an dhaga’ee ta’uu danda’a. Waggoota muraasa booda, Museefi sabni Israa’el adeemsa lafa onaa keessatti godhan xumuruuf yeroo naannoo Uz ga’an, Museen wanta Iyoob umriisaa gara boodaatti argate dhaga’uu hin oolu. Akka seenaan Yihudootaa argisiisutti, Museen macaafa Iyoob kan barreesse erga Iyoob du’ee boodadha.

2. Macaafni Iyoob tajaajiltoota Yihowaa yeroo ammaa jiran kan jajjabeessu karaawwan kamiini?

2 Macaafni Iyoob, amantii tajaajiltoota Waaqayyoo yeroo ammaa jiranii kan jabeessudha. Karaawwan kamiin? Seenaansaa wantoota faayidaa guddaa qabaniifi samiirratti raawwataman, akkasumas hiikasaanii kan ibsu ta’uusaarrayyuu, gaaffii guddaa olaantummaa Waaqayyo uumama cufarratti qabu ilaalchisee ka’e sirriitti kan ibsudha. Akkasumas seenaan waa’ee Iyoob dubbatu, amanamummaa eeguun maal akka dabalatu gadi fageenyaan akka hubannuufi sababii Yihowaan al tokko tokko tajaajiltootasaarra rakkinni akka ga’u itti heyyamu hubachuuf nu gargaara. Kana malees, macaafni Iyoob Seexanni Yihowaafi ilmaan namootaatiif diina isa guddaa akka ta’e ibsa. Macaafichi namoonni akka Iyoob cubbuu dhaalan qorumsi cimaan isaanirra ga’ullee amanamoo ta’uu akka danda’anis ni dubbata. Wantoota macaafa Iyoob keessatti caqasaman tokko tokko haa qorru.

Seexanni Iyoobiin Qore

3. Waa’ee Iyoob maal beekna? Seexanni kan isarratti xiyyeeffate maaliif ture?

3 Iyoob nama sooressa, nama guddaafi maatiisaa akka gaariitti bulchu ture. Hiyyeeyyiidhaaf kan dubbatuufi kan isaan gargaaru ture. Hunda caalaa garuu, Iyoob nama Waaqayyoon sodaatu ture. Iyoob, “hir’ina kan hin qabne, nama yaada qajeelaa, nama Waaqayyoon sodaatu, hamaa irraas kan gore ture” jedhameera. Iyoob Seexanaan akka qoramu kan isa godhe, nama Waaqayyoof bule ta’uusaati malee qabeenyasaafi nama guddaa ta’uusaa hin turre.—Iyo. 1:1; 29:7-16; 31:1.

4. Amanamummaa jechuun maal jechuudha?

4 Macaafni Iyoob, ergamoonni samiirratti Yihowaa duratti akka walitti qabaman ibsuudhaan jalqaba. Seexannis achitti kan argame si’a ta’u, Iyoobirratti himata dhiheessee ture. (Iyoob 1:6-11 dubbisi.) Seexanni waa’ee qabeenya Iyoob caqasullee, kan xiyyeeffate amanamummaasaarratti ture. Jechi “amanamummaa” jedhu yaada qajeelaa, mudaa kan hin qabneefi qulqulluu jedhu of keessaa qaba. Akka Macaafa Qulqulluu keessatti itti hojjetametti, amanamummaan ilmaan namootaa garaa guutuudhaan Yihowaaf buluu kan argisiisudha.

5. Seexanni Iyoobirratti himata akkamii dhiheesse?

5 Seexanni, Iyoob ofittummaadhaan kaka’ee Waaqayyoon waaqeffata jedhee himata dhiheesseera. Seexanni, Iyoob Yihowaaf amanamaa kan ta’u Waaqayyo yoo isa eebbiseefi yoo isa eege qofa akka ta’e dubbateera. Yihowaan himata Seexanni dhiheesseef deebii kennuuf, Seexanni Iyoob isa amanamaarra miidhaa akka geessisu heyyameera. Kanaan kan ka’es guyyuma tokko keessatti, Iyoob horiinsaa akka hataman ykn balleeffaman, hojjettoonnisaa baay’een akka ajjeefaman, akkasumas ijoolleensaa kurnan akka jalaa du’an dhaga’e. (Iyo. 1:13-19) Iyoob qorumsa Seexanni irra geessiseen mo’ameeraa? Caaffanni Qulqullaa’oon, Iyoob gidiraa isarra ga’e ilaalchisee, “Waaqayyotu kenne, Waaqayyotu fudhate; maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu!” jechuudhaan akka dubbate ibsu.—Iyo. 1:21.

6. (a) Yeroo biraa walga’iin samiirratti geggeeffametti maaltu raawwatame? (b) Seexanni amanamummaa Iyoob yeroo qoru eenyuunis yaadasaatti qabatee ta’uu danda’a?

6 Yeroo biraas walga’iin samiirratti geggeeffamee ture. Ammas Seexanni akkas jechuudhaan Iyoobiin himate: “Namni wanta qabu hundumaa lubbuu isaaf in kenna. Mee harka kee ol fuudhiitii lafee isaa fi foon isaa rukuti! Inni iyyuu mul’inatti si arrabsa.” Himanni Seexanaa namoota kaanis akka dabalatu hubadhu. Seexanni, “Namni wanta qabu hundumaa lubbuu isaaf in kenna” jechuudhaan, amanamummaa Iyoob qofa utuu hin ta’in, amanamummaa ‘nama’ Yihowaa waaqeffatu hundaarratti gaaffii kaaseera. Sanaa booda Waaqayyo, Seexanni dhukkuba cimaadhaan Iyoobiin akka rukutu heyyameef. (Iyo. 2:1-8) Qorumsi Iyoobirra ga’e garuu kana qofa hin turre.

Ejjennoo Iyoobirraa Barumsa Argachuu

7. Haati manaa Iyoobiifi namoonni isa gaafachuu dhufan dhiibbaa kan isarratti godhan karaa kamiini?

7 Rakkinni jalqaba Iyoobirra ga’e haadha manaasaarras ga’eera. Ijoolleesheefi qabeenya maatiishee dhabuun baay’ee ishee gaddisiisee ta’uu hin oolu. Abbaan manaashee dhukkuba cimaadhaan yeroo dhiphatu arguunis ishee miidheera. Kanaaf Iyoobiin, “Ati amma iyyuu qajeelummaa keetti qabamtee jirtaa? Waaqayyoon arrabsii du’i!” jetteen. Achiis, namoonni sadii jechuunis Eliifaaz, Beldaadiifi Zofaar Iyoobiin jajjabeessina jedhanii dhufan. Garuu wanta sirrii hin taane dubbachuudhaan, ‘jajjabeessitoota rakkina dabalan’ isatti ta’aniiru. Fakkeenyaaf, Beldaad ijoolleen Iyoob dogoggora waan hojjetaniif du’uunsaanii sirrii akka ture dubbateera. Eliifaazis, Iyoob cubbuu kanaan dura raawwateen adabamaa akka jiru dubbateera. Namoonni amanamummaasaanii eegan, Waaqayyo duratti gatii qabaachuusaaniirrattillee gaaffii kaaseera! (Iyo. 2:9, 11; 4:8; 8:4; 16:2; 22:2, 3) Iyoob dhiibbaa cimaan akkasii isarra ga’us amanamummaasaa eegeera. Dhugaadha, Iyoob yeroo “Waaqayyoon qajeelaa gochuu irra ofii isaa qajeelaa of godhee” turetti dogoggoreera. (Iyo. 32:2) Ta’us, hanga dhumaatti amanamaa ta’ee itti fufeera.

8. Namoota yeroo har’aatti gorsa kennaniif Eliihuun fakkeenya gaarii akkamii ta’a?

8 Eliihuunis, namoota Iyoobiin gaafachuu dhufan keessaa tokko ture. Eliihuun yommuu Iyoobiifi michoonnisaa sadan wal falman, jalqaba callisee dhaggeeffateera. Eliihuun arfansaaniirrayyuu umriidhaan xinnoo ta’us, ogummaa guddaa akka qabu argisiiseera. Haala warra kaanirraa adda ta’een, Iyoobiin maqaasaatiin waamuudhaan akka isaaf yaadu argisiiseera. Eliihuun qajeelummaasaatiif Iyoobiin galateeffateera. Haata’u malee, Iyoob qajeelummaa ofiisaarratti garmalee akka xiyyeeffates dubbateera. Achiis, Eliihuun amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajiluun yoomiyyuu kan nama kiisu ta’uusaa mirkaneesseeraaf. (Iyoob 36:1, 11 dubbisi.) Namoota yeroo har’aatti gorsa kennuun isaan barbaachisuuf fakkeenya gaarii ta’a mitii! Eliihuun obsa argisiiseera, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffateera, bakka barbaachisaa ta’etti galateeffateera, akkasumas gorsa nama jajjabeessu kenneera.—Iyo. 32:6; 33:32.

9. Yihowaan Iyoobiin kan gargaare akkamitti?

9 Dhumarratti, Iyoob yommuu Yihowaan isa haasofsiise haalli adda ta’e isa mudate! Seenaansaa, “Waaqayyo bubbee sana keessaa Iyoobitti dubbate” jedha. Yihowaan walitti aansee gaaffii isa gaafachuudhaan, Iyoob ilaalchasaa dogoggora ta’e akka sirreessu jabeessee itti himee gaarummaadhaan isa gargaareera. Iyoob, “Kunoo, ani salphadheera, . . . of tuffadhee, awwaaraa fi daaraa keessa taa’ee, yaada garaa koo nan geddaradha” jechuudhaan gorsa Yihowaan kenneef fedhiidhaan fudhateera. Yihowaan, Iyoobitti erga dubbatee booda, michoonni Iyoob sadan wanta ‘qajeelaa’ ta’e waan hin dubbanneef isaanitti aaruusaa ibse. Iyoobis isaaniif kadhatee ture. “Waaqayyo kana booddee kadhata Iyoob in dhaga’e. Iyoob firoota [“michoota,” hiika bara 1899] isaatiif Waaqayyoon erga kadhatee booddee, Waaqayyo qabeenya isaa iddootti in deebiseef; wanti inni qaba tures dachaa lama hamma ta’utti itti in dabalameef.”—Iyo. 38:1; 40:4; 42:6-10.

Yihowaa Hangam Jaallanna?

10. Yihowaan himata Seexanaa tuffatee kan hin dhiisne ykn kan isa hin balleessine maaliifi?

10 Yihowaan, Uumaa uumama cufaa, uumama hundaarratti Olaantummaa qabudha. Himata sobaa Seexanni dhiheesse tuffatee kan hin dhiisne maaliifi? Waaqayyo gaaffii ka’eef deebii kennuuf, Seexana tuffatanii dhiisuus ta’e isa balleessuun furmaata akka hin argamsiisne beeka ture. Diiyaabilos, Iyoob inni Yihowaaf amanamaa ta’e, utuu qabeenyasaa dhabee isaaf amanamaa hin ta’u jedhee isa himateera. Iyoob garuu qorumsi isarra ga’uyyuu amanamaa ta’eera. Achiis Seexanni, namni kamiyyuu utuu qaamasaarra miidhaan ga’ee Waaqayyoon ni gana jedhe. Iyoob dhukkubsatus, amanamummaasaa hin hir’isne. Kanaaf, Iyoob cubbuu kan dhaale ta’uyyuu, amanamaa ta’uudhaan Seexanni sobduu ta’uusaa mirkaneesseera. Tajaajiltoonni Waaqayyoo kaanoo?

11. Yesus gaaffii Seexanni kaaseef deebii quubsaa kan kenne akkamitti?

11 Tajaajiltoonni Waaqayyoo kaanis, Seexanni wanta fedhe isaanitti fiduyyuu amanamoo ta’uudhaan, dhuunfaasaaniitti himanni diina hamaa kanaa soba ta’uusaa mirkaneessuu danda’u. Yesus gara lafaa dhufee gaaffii Seexanni kaaseef deebii quubsaa kenneera. Yesus akkuma abbaa keenya isa jalqabaa Addaam, nama cubbuurraa walaba ta’e ture. Yesus hamma du’aatti amanamaa ta’uunsaa, Seexanni sobduu ta’uusaafi himanni inni dhiheessu soba ta’uusaa guutummaatti mirkaneesseera.—Mul. 12:10.

12. Tajaajiltoonni Yihowaa hundi dhuunfaatti carraafi itti gaafatamummaa maalii qabu?

12 Ta’us, Seexanni tajaajiltoota Yihowaa qoruusaa itti fufeera. Tokkoon tokkoon keenya amanamoo ta’uudhaan Yihowaa kan tajaajillu ofittummaadhaan utuu hin ta’in, jaalalaan kakaanee ta’uusaa argisiisuuf carraafi itti gaafatamummaa qabna. Itti gaafatamummaa kanaaf ilaalcha akkamii qabna? Yihowaaf amanamoo ta’uu akka mirga guddaatti ilaalla. Yihowaan qorumsa nurra ga’u danda’uuf humna akka nuu kennuufi akkuma Iyoob humna keenyaa ol akka hin qoramne akka nu gargaaru beekuun keenyas nu jajjabeessa.—1 Qor. 10:13.

Seexanni Diina Hamaafi Gantuudha

13. Macaafni Iyoob waa’ee Seexanaa ibsa dabalataa akkamii kenna?

13 Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikii keessatti, mormii Seexanni Yihowaarratti kaase ilaalchisee ibsa hedduu kan argannu si’a ta’u, macaafa Mul’ataa keessatti, olaantummaan Yihowaa akka mirkaneeffamuufi Seexanni barabaraaf akka balleeffamu dubbisna. Caaffanni Qulqullaa’oon afaan Ibrootaas, Yihowaa arrabsuufi ilmaan namootaa karaarraa jal’isuurratti ga’ee Seexanni qabu bal’inaan ni ibsu. Macaafni Iyoob hammeenya Seexanaa ilaalchisee beekumsa dabalataa nuu kenna. Seexanni walga’ii samiirratti godhamerratti kan argame Yihowaa faarfachuuf hin turre. Kanaa mannaa, ilaalchaafi kaayyoo hamaa qaba ture. Iyoobiin himatee isa qoruuf heyyama erga argatee booda, “Seexanni fuula Waaqayyoo duraa in adeeme.”—Iyo. 1:12; 2:7.

14. Seexanni Iyoobiif ilaalcha akkamii qaba ture?

14 Kanaaf, macaafni Iyoob Seexanni diina namootaa isa gara jabeessa akka ta’e ibsa. Walga’iiwwan Iyoob 1:6fi Iyoob 2:1⁠rratti samiirratti akka godhaman ibsaman gidduutti yeroon hammisaa hin beekamne kan darbe si’a ta’u, yeroo kanatti Iyoobirra qorumsi cimaan ga’eera. Iyoob amanamaa waan ta’eef Yihowaan Seexanaan akkas jechuu danda’eera: “Ofumaa [Iyoob] irratti ka’ee akkan isa balleessuuf ati ana toosifteetta; inni garuu amma iyyuu qajeelummaadhuma isaatti jabaatee jira.” Seexanni garuu himanni Iyoobirratti dhiheesse soba ta’uusaa amanuu hin barbaanne. Kanaa mannaa, Iyoob karaa kan biraatiin akka qoramu gaafate. Kanaaf, Diiyaabilos yeroo Iyoob sooressa tures ta’e yeroo hiyyeessa turetti isa qoreera. Seexanni namoota hiyyeessa ta’aniifis ta’e namoota rakkinni irra ga’eef akka hin gaddine beekamaadha. Inni namoota amanamoo ta’an hin jaallatu. (Iyo. 2:3-5) Haata’u malee, Iyoob amanamaa ta’uunsaa Seexanni sobduu akka ta’e mirkaneesseera.

15. Gantoota yeroo har’aa jiraniifi Seexana wanti wal fakkeessu maalidha?

15 Seexanni uumama keessaa gantuu isa jalqabaati. Gantoonni yeroo ammaa jiranis amaluma Diiyaabilos argisiisu. Sammuunsaanii, ilaalcha gadhee namoota gumii keessa jiraniif, jaarsolii Kiristiyaanaatiif ykn Qaama Olaanaadhaaf qabaniin manca’eera. Gantoonni tokko tokko maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamutti fayyadamuu ni mormu. Waa’ee Yihowaa barachuu ykn isa tajaajiluu hin barbaadan. Akkuma abbaasaanii Seexanaa, kaayyoon gantootaa namoota amanamoo ta’an miidhuudha. (Yoh. 8:44) Kanaaf, tajaajiltoonni Yihowaa guutummaatti isaanirraa fagaachuunsaanii barbaachisaadha!—2 Yoh. 10, 11.

Iyoob Maqaa Yihowaatiif Ulfina Guddaa Kenneera

16. Iyoob Yihowaaf ilaalcha akkamii qaba ture?

16 Iyoob maqaa Yihowaatti fayyadameera, akkasumas jajateera. Ijoolleensaa akka dhuman dhaga’ee yeroo gaddettillee, Waaqayyoon hin hadheessine. Iyoob rakkina kan isarra geessise Waaqayyo akka ta’e dogoggoraan dubbatus, maqaa Yihowaatiif ulfina kenneera. Yeroo booda Iyoob, “Kunoo, Waaqayyoon sodaachuun ogummaa dha, waan hamaa irraa goruunis hubannaa dha” jechuudhaan mammaakeera.—Iyo. 28:28.

17. Iyoob amanamummaasaa akka eegu kan isa gargaare maalidha?

17 Wanti Iyoob amanamummaasaa akka eegu isa gargaare maalidha? Rakkinni utuu isarra hin ga’in dura Yihowaa wajjin hariiroo gaarii uumee akka ture beekamaadha. Iyoob, Seexanni Yihowaarratti mormii kaasuusaa akka beeku ragaa qabaachuu baannus, amanamaa ta’uuf garaa kutatee akka ture beekna. “Ani immoo hamman du’utti balleessaa malee jiraachuu koo irraa hin deebi’u” jedheera. (Iyo. 27:5) Iyoob hariiroo cimaa akkasii uumuu kan danda’e akkamitti? Iyoob michooma Waaqayyo firootasaa fagoo kan ta’an Abrahaam, Yisihaqiifi Yaaqoob wajjin qabu dhaga’ee akka tureefi kanaafis bakka guddaa akka kenne hin shakkisiisu. Iyoob uumama ilaaluudhaan, amalawwan Yihowaa baay’ee beekuu danda’eera.—Iyoob 12:7-9, 13, 16 dubbisi.

18. (a) Iyoob nama Yihowaaf bule ta’uusaa kan argisiise akkamitti? (b) Fakkeenya Iyoob isa gaarii karaawwan kamiini hordofuu dandeenya?

18 Wanti Iyoob barate Yihowaa gammachiisuuf fedhii akka qabaatu godheera. Miseensonni maatiikoo Waaqayyoon gaddisiisaniiru ykn “isa arrabsaniiru ta’a” jedhee yaaduudhaan, yeroo hundumaa aarsaa dhiheessa ture. (Iyo. 1:5) Yeroo qorumsi cimaan irra ga’ettillee, Iyoob waa’ee Yihowaa waan gaarii dubbata ture. (Iyo. 10:12) Fakkeenya gaarii nuuf ta’a! Nuyis waa’ee Yihowaafi kaayyoosaa yeroo hundumaa beekumsa sirrii argachuu qabna. Sochiiwwan hafuuraa akka qayyabachuu, walga’iiwwanirratti argamuu, kadhannaa dhiheessuufi hojii lallabaarratti hirmaachuu jiran amaleeffachuu qabna. Kana malees, maqaan Yihowaa akka beekamuuf waan nuu danda’ame hunda ni goona. Akkuma amanamummaan Iyoob garaa Yihowaa ciibse, amanamummaan tajaajiltoota Waaqayyoo yeroo har’aas garaa Yihowaa ni ciibsa. Dhimma kana ilaalchisee mataduree ittaanurratti mari’anna.

Ni Yaadattaa?

• Seexanni Iyoobirratti kan xiyyeeffate maaliifi?

• Iyoobirra qorumsawwan akkamiitu ga’e? Innoo maaltu isatti dhaga’ame?

• Akkuma Iyoob amanamummaa keenya eeguuf maaltu nu gargaaruu danda’a?

• Macaafa Iyoobirraa waa’ee Seexanaa maal baranna?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 4rra jiru]

Seenaan Iyoob gaaffii olaantummaa Waaqayyoorratti ka’eef xiyyeeffannaa guddaa akka kenninu nu godha

[Fakkii fuula 6rra jiru]

Amanamummaankee haalawwan akkamii keessatti qoramuu danda’a?