Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ni Yaadattaa?

Ni Yaadattaa?

Ni Yaadattaa?

Barruulee Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti ba’an dubbisuudhaan faayidaa argatteettaa? Mee gaaffiiwwan armaan gadii deebisuu yaali:

• Amanamummaa keenya eeguun baay’ee barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

Amanamoo ta’uun keenya jaalalaan kakaanee olaantummaa Yihowaa akka deggerruufi Seexanni sobduu ta’uusaa mirkaneessuuf nu dandeessisa. Kana malees, Yihowaan firdii kan nuu kennu amanamummaa keenyarratti hundaa’ee waan ta’eef abdii gara fuulduraa keenyaaf barbaachisaadha.—12/15, ful. 4-6.

• Maqaawwan ulfinaa, ga’ee Yesus kaayyoo Waaqayyoo keessatti qabu argisiisan keessaa tokko tokko kamfa’i?

Tokkicha Ilma Waaqayyoo. Sagalicha. Amiin. Isa kakuu haaraadhaaf Araarsaa ta’e. Angafa Lubootaa. Sanyii abdachiifame.—12/15, ful. 15.

• Raajichi bokkaan akka dhufu utuu kadhachaa jiruu hojjetaansaa qixa galaanichaa akka ilaalu gochuunsaa barbaachisaa kan ture maaliifi? (1 Mot. 18:43-45)

Eliyaas waa’ee marsaa bishaanii beekumsa qaba ture jechuudha. Duumessoonni galaanaa olitti uumamanii bokkaa kan argamsiisan si’a ta’u, laftis haala kanaan bishaan argatti.—Ama-Bit. ful 15-16.

• Gammachuun tajaajilarraa argannu akka dabalu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

Namoonni gargaarsa nuyi isaaniif gooneen hangam fayyadamuu akka danda’an yaaduudhaan, garaa keenya qopheessuu dandeenya. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuu kaayyoo keenya godhachuudhaan lallabuu dandeenya. Namoonni dantaa hin qabne yoo nu mudatan, yaada seensaa keenya jijjiiruudhaan, dhimma qalbii namoota naannoo keenyaa hawwatutti fayyadamuu dandeenya.—1/15, ful. 8-10.

• Barumsi Macaafa Qulqulluu haala awwaalchaa wajjin wal qabateen ilaalchaafi gocha Kiristiyaana tokkoorratti jijjiirama akkamii fida?

Kiristiyaanni tokko nama jaallatu du’aan dhabuusaatiin gaddus, namoonni du’an homaa akka hin dhageenye beeka. Namoonni Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane isa ceepha’anis, aadaawwan namoonni du’an warra lubbuudhaan jiranirratti dhiibbaa godhu jedhu wajjin wal qabaterraa ni fagaata. Rakkoowwan uumamuu danda’an hambisuuf, Kiristiyaanonni tokko tokko sirna awwaalchaasaanii ilaalchisee qajeelfama barreessanii kaa’u.—2/15, ful. 29-31.

• ‘Macaafni Yaashaariifi’ ‘macaafni lolaa isa kan Waaqayyoo,’ kitaabota Macaafa Qulqulluu yeroo booda badanidhaa? (Iya. 10:13; Lak. 21:14)

Lakki. Barreessitoonni Macaafa Qulqulluu macaafota kana caqasanii kan turan ta’us, geggeessaa hafuura qulqulluutiin kan barreeffaman miti.—3/15, ful. 32.

• Abbaan gaariin tokko ijoolleesaa maalfaa akka isaan barbaachisu beeka?

Wantoota ijoollee barbaachisan tokko tokko, (1) jaalala, (2) fakkeenya gaarii, (3) maatii gammachuu akka qabu, (4) waa’ee Waaqayyoo barachuu, (5) adabaafi (6) eegumsa argachuudha.—Ama-Bit. ful. 11-13.

Muuxannoo

Abigaayil, akkoofi akaakayyuushee amantii Pirisbiiteeriyaan jedhamu hordofanii wajjin kibba Afriikaa jiraatti. Isaanis Dhugaa Baatonni Yihowaa raajota sobduudha jedhanii ishee barsiisaniiru. Haatiifi abbaanshee magaalaa kan biraa jiraatan Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qayyabannaa jalqabuusaanii yeroo dhageessu baay’ee waan jeeqamteef, qayyabannaa akka dhaaban isaan amansiisuuf xalayaa barreessite. Xalayaanshee bu’aa isheen barbaaddu waan hin argamsiisneef kiiloo meetira 960 adeemtee isaan bira dhaqxe. Abigaayil Macaafuma Qulqulluusheerraa qililleen bakka namoonni hamoon itti gubatan akka hin taane yeroo hubattu baay’ee dinqifamte. Achiis qayyabanna kan jalqabde si’a ta’u, warrashee wajjin walga’iiwwan Galma Mootummaatti godhamanirratti argamuu jalqabde. Boodas babal’istuu hin cuuphamne taate. Abigaayil walga’ii aanaa dhiheenya kana godhamerratti cuuphamteetti.