Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Uumamni Ogummaa Yihowaa Mul’isa

Uumamni Ogummaa Yihowaa Mul’isa

Uumamni Ogummaa Yihowaa Mul’isa

“Bifni isaa ijaan hin argamne . . . waan inni uume irratti qalbifatamee yaadatti argamuu in danda’a.”—ROM. 1:20.

1. Ogummaan biyya lafaa namoota baay’eerratti dhiibbaa akkamii geessiseera?

NAMOONNI jecha “ogeessa” jedhu bakka sirrii hin taanetti fayyadamu. Namoonni tokko tokko, namni tokko beekumsa waan qabuuf qofa ogeessa jedhanii waamu. Haata’u malee, hayyoota biyya lafaa kan jedhaman kaayyoo jireenyaa isa sirrii ilaalchisee qajeelfama amansiisaa hin kennan. Kanaaf namoonni hayyoota kana duukaa bu’an, dhumarratti warra “dha’aan asii fi achi rukutu, warra qilleensa barsiisa namoota axaarotaatiin, haxxummaa isaanii isa gowwoomsaadhaan raawwatamuunis fudhataman” of godhu.—Efe. 4:14.

2, 3. (a) Yihowaan “ogeessa tokkicha” kan jedhame maaliifi? (b) Ogummaan Waaqayyoo, ogummaa biyya lafaarraa adda kan ta’e akkamitti?

2 Ogummaan namoonni Yihowaa isa Madda ogummaa dhugaa ta’erraa argatan, ogummaa namoonni biyya lafaa qabanirraa baay’ee addadha. Macaafni Qulqulluun Yihowaan “ogeessa tokkicha” akka ta’e nutti hima. (Rom. 16:27) Inni wantoonni hundi akkamitti akka uumamaniifi seenaasaanii guutummaatti beeka. Seera uumamaa isa namoonni bu’uura godhatanii qorannaa geggeessan hunda kan dhaabe Yihowaadha. Kanaaf, yaada haaraa ilmaan namootaa qorannoodhaan argatan isa hin ajaa’ibsiisu; yaada namootaa isa warri kaan akka hundarra caalutti ilaalan hin dinqisiifatu. “Ogummaan biyya lafaa kanaa Waaqayyo biratti gowwummaa dha.”—1 Qor. 3:19.

3 Macaafni Qulqulluun, Yihowaan tajaajiltootasaatiif ‘ogummaa akka kennu’ dubbata. (Fak. 2:6) Falaasama ilmaan namootaarraa haala adda ta’een, ogummaa Waaqayyo biraa argamu hubachuun rakkisaa miti. Kanaa mannaa, ogummaan kun beekumsa sirriifi hubannaarratti hundaa’uudhaan, dandeettii murtoo sirrii gochuu kan argisiisudha. (Yaaqoob 3:17 dubbisi.) Phaawulos, ogummaa Yihowaa baay’ee waan ajaa’ibsiifateef akkas jechuudhaan barreesseera: “Badhaadhummaan araara Waaqayyoo hammam guddata! Ogummaan isaa fi beekumni isaa hammam gad fagaata! Akka inni itti murtoo godhu, namni qoree bira hin ga’u! Karaa isaas namni faana dha’ee hin hubatu!” (Rom. 11:33) Yihowaan ogeessa hundarra caalu waan ta’eef, seerawwansaa jireenya hundarra caalu jiraachuuf akka nu gargaaran mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. Kana malees, Yihowaan gammadoo ta’uuf maal gochuu akka qabnu eenyuyyuu caalaa beeka.—Fak. 3:5, 6.

“Hojjetaa” Guddicha Kan Ta’e Yesus

4. Karaawwan ogummaa Yihowaa itti hubannu keessaa tokko maalidha?

4 Ogummaan Yihowaafi amalawwansaa warri gurguddaan, wantoota inni uumerraa ifatti mul’achuu danda’u. (Roomaa 1:20 dubbisi.) Uumamawwan Yihowaa guddaadhaa hanga ishee xinnootti, amalawwan inni qabu addaddaa nuu ibsu. Gara samiis ta’e gara lafaa yoo ilaalle, ragaawwan hedduu Uumaan keenya ogummaafi jaalala kan qabu ta’uusaa nu hubachiisan argina. Wantoota inni uume qoruudhaan waa’ee Yihowaa waan baay’ee barachuu dandeenya.—Far. 19:1; Isa. 40:26.

5, 6. (a) Yihowaa wajjin hojii uumamaarratti kan hirmaate eenyudha? (b) Waa’ee maalii ilaalla? Maaliif?

5 Yihowaan, yommuu “bantiiwwan waaqaa fi lafa uume” kophaasaa hin turre. (Uma. 1:1) Macaafni Qulqulluun, Yihowaan wantoota ijaan argaman uumuusaa yeroo dheeraa dura, qaama hafuuraa tokko akka uumeefi isattis fayyadamee ‘wantoota hundumaa’ akka uume nutti hima. Uumamni hafuuraa kun, tokkicha Ilma Waaqayyoo, isa ‘uumama hundumaa dura dhalate,’ akkasumas yeroo booda Yesus jedhameefi nama ta’ee lafarra jiraatedha. (Qol. 1:15-17) Yesusis akkuma Yihowaa ogummaa qaba. Fakkeenya boqonnaa 8⁠rratti inni ogummaatti fakkeeffameera. Macaafni Qulqulluun, Yesus [“hojjetaa,” hiika bara 1899] guddicha isa Waaqayyoof hojjetu ta’uusaa ibsa.—Fak. 8:12, 22-31.

6 Kanaaf uumamni ijaan argamu, ogummaa Yihowaafi hojjetaasaa guddicha kan ta’e ogummaa Yesus ibsa. Uumamawwan kanarraa barumsa gaarii arganna. Mee amma fakkeenya uumamawwan arfan Fakkeenya 30:24-28⁠rratti ibsamaniifi uumamaan ‘ogeeyyii’ ta’an haa ilaallu. *

Barumsa Mixiirraa Argannu

7, 8. Mixii ilaalchisee wanti si ajaa’ibsiise maalidha?

7 Akkaataa itti uumamaniifi hojii ‘uumamawwan xixinnoo jedhaman’ kanaa yoo qoranne, barumsa guddaa arganna. Mee ogummaa mixiin uumamaan qabdu akka fakkeenyaatti ilaali.— Fakkeenya 30:24, 25 dubbisi.

8 Qorattoonni tokko tokko akka jedhanitti, lakkoofsi mixii lakkoofsa namaarra harka 200,000 kan caalu si’a ta’u, hundisaanii lafa jalattis ta’e irra lafaatti jabaatanii hojjetu. Mixiin tuutaan kan gurmoofte yommuu taatu, tuutawwan kana keessaa hedduunsaanii mootii, kormaafi hojjettoota jedhamanii garee sadiitti qoodamu. Gareen hundi, wanta tuuticha barbaachisu raawwachuurratti ga’ee qaba. Mixiin Kibba Ameerikaatti argamtuufi baala wal qixxeessitee murtu tokko, biqiltuu kunuunsuudhaan dandeettii guddaa qabdi jechuun ni danda’ama. Mixii xinnoon kun, xaa’oo dhiheessuudhaan, biqiltuuwwan iddoo tokkoo bakka garabiraatti dabarsuufi muka ija godhachuu dide muruudhaan ija baay’ee akka godhatu gargaarti. Qorattoonni mixiin ‘biqiltuu kunuunsuutti’ dandeettii guddaa qabdu kun, nyaata tuuta sanaaf barbaachisu tilmaama keessa galchuudhaan hojiishee akka raawwattu hubataniiru. *

9, 10. Fakkeenya mixii hordofuudhaan jabaannee hojjechuu kan dandeenyu akkamitti?

9 Mixiirraa barachuu dandeenya. Bu’aawwan gaarii argachuu barbaannaan, carraaqqii cimaa gochuun barbaachisaa akka ta’e baranna. Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan nutti hima: “Ati namicha dhibaa’aa nana, mee dhaqii mixii ilaali, akka isheen itti jiraattu yaadaan qabi, ogeessas ta’i! Isheen geggeessituu, eegduu, mootiis hin qabdu; kana keessaa immoo waan ishee barbaachisu bona in tuullatti, nyaata ishees yeroo makarii walitti in qabatti.” (Fak. 6:6-8) Yihowaafi Yesus inni hojjetaa guddicha jedhame jabaatanii hojjetu. Yesus, “Abbaan koo amma iyyuu hojjechuutti jira, anis immoo nan hojjedha” jedheera.—Yohannis 5:17.

10 Nuyis, Waaqayyoofi Kiristosiin fakkaachuudhaan jabaannee hojjechuu qabna. Jaarmiyaa Waaqayyoo keessatti hojii akkamiiyyuu yoo qabaanne, hundi keenya ‘hojii gooftaa caalchisnee hojjechuu’ qabna. (1 Qor. 15:58) Kanaaf, gorsa Phaawulos Kiristiyaanota Roomaatiif, “Waa dhimma baasuudhaaf hin dhibaa’inaa! Hafuura gubaa qabaadhaa! Gooftichaafis of irraa bu’aa hojjedhaa!” jechuudhaan kenne hordofuu qabna. (Rom. 12:11) Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo hojii keessanii fi isa jaallachuu keessan . . . hin irraanfatu, hin jal’isus” jechuudhaan waan nuu mirkaneessuuf, fedha Yihowaa raawwachuuf carraaqqiin goonu gatii malee hin hafu.—Ibr. 6:10.

Wantoota Karaa Hafuuraa Nu Miidhanirraa Eegumsa Argachuu

11. Amalawwan osoleen qabdu tokko tokko ibsi.

11 Uumamni garabiraan xinnoonimmoo osolee yommuu taatu, uumama kanarraas barumsa gaarii arganna. (Fakkeenya 30:26 dubbisi.) Osoleen, hamma tokko illeettii kan fakkaattu si’a ta’u, gurra gabaabaa geengoo fakkaatuufi miilla gabaabaa qabdi. Uumamni xinnoon kun naannoo kattaa jiraatti. Iji osolee inni fagootti argu, balaarraa akka of eegdu ishee gargaara; holqa kattaa keessa jiraachuunsheemmoo diinarraa ishee eega. Tuutaan jiraachuunshee diinaaf saaxilamuurraa kan ishee eegu ta’uusaarrayyuu, yeroo gannaatti wal ho’isuuf ishee gargaara. *

12, 13. Osoleerraa maal baranna?

12 Osoleerraa barumsa akkamii arganna? Jalqaba bineensi kun balaadhaaf akka of hin saaxille qalbeeffadhu. Kanaa mannaa, ijashee isa akka gaariitti ilaalutti fayyadamtee diinotashee fagootti kan argitu yommuu ta’u, holqa kattaatti dhihaattee jiraachuunsheemmoo balaarraa ishee eega. Nuyis, ija hafuuraa balaawwan biyya lafaa isa Seexanni seerraturraa nutti dhufan akka gaariitti ilaaluuf nu gargaaru qabaachuun nu barbaachisa. Phexros, “Of qabaa, dammaqaas! Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo beela’utti aadaa naanna’utti, nama liqimsuu barbaadee in naanna’a” jechuudhaan Kiristiyaanota gorseera. (1 Phe. 5:8) Yesus yommuu lafarra ture, yaalii Seexanni amanamummaasaa balleessuuf godhe hundumaa ofirraa ittisuuf dammaqee jiraateera. (Mat. 4:1-11) Yesus duuka buutotasaatiif fakkeenya gaarii kaa’eera.

13 Karaan dammaqoo taanee itti jiraannu keessaa inni tokko, qophiiwwan Yihowaan eegumsa hafuuraa nuu gochuuf godhetti akka gaariitti fayyadamuudha. Dubbii Waaqayyoo qayyabachuufi walga’iiwwan Kiristiyaanaarratti argamuu matumaa dhiisuu hin qabnu. (Luq. 4:4; Ibr. 10:24, 25) Akkuma osoleen tuutaan jiraachuunshee ishee gargaaru, nuyis ‘amantii waliitiin jajjabeeffamuuf,’ namoota hidhata amantaa keenya ta’anii wajjin walitti dhihaannee jiraachuun nu barbaachisa. (Rom. 1:12) Eegumsa Yihowaan balaarraa nu eeguuf godhetti fayyadamuuf wanta dandeenyu hunda gochuudhaan, yaada Daawit faarfatichaa wajjin akka walii gallu argisiisuu dandeenya. Daawit akkas jechuudhaan barreesseera: “Waaqayyo kattaa koo, masaraa koo, oolchaa koo tis; Waaqayyo koo da’oo dhagaa isa ani kooluu itti galuu dha; gaachana koo, isa akka gaanfaa fayyina koof faccisu, iddoo dhokannaa koo isa ol jedhaa dhas.”—Far. 18:2.

Mormiin Jiraatus Jabaatanii Dhaabachuu

14. Hawaannisni tokko baay’ee nama ajaa’ibsiisuu baatus, haalli gurmuu hawaannisaa maal fakkaata?

14 Hawaannisarraas barumsa argachuu dandeenya. Hawaannisni gara seentiimeetira 5 dheeratu tokko yommuu qofaasaa adeemu nama ajaa’ibsiisuu baatus, gurmuudhaan yommuu adeemu garuu baay’ee nama ajaa’ibsiisa. (Fakkeenya 30:27 dubbisi.) Gurmuun hawaannisaa baay’ee nyaachuudhaan beekamu, midhaan haamaadhaaf ga’e battaluma tokkotti guutummaatti barbadeessuu danda’a. Macaafni Qulqulluun, sagaleen gurmuun hawaannisaafi ilbiisonni kaan dhageessisan, sagalee konkolaattota fardeeniin harkifamaniifi sagalee ibiddi yommuu citaa gubu dhageessisuu wajjin wal fakkeessee ibsa. (Yoe. 2:3, 5) Namoonni gurmuu hawaannisaa ittisuuf ibiddatti fayyadamuuf yaalii godhanis, carraaqqiinsaanii kun yeroo baay’ee bu’aa hin argamsiisne. Maaliif? Hawaannisni ibiddaan nyaatamu ibiddicha waan dhaamsuuf, warri duubaan dhufan homtinuu utuu isaan hin ittisin adeemsasaanii itti fufuu danda’u. Gurmuun hawaannisaa mootii ykn hogganaa qabaachuu baatus, loltuu waraanaa akka gaariitti gurmaa’ee wajjin haala wal fakkaatuun, gufuu fuuldurasaa jiru kamiyyuu mo’uu danda’a. *Yoe. 2:25.

15, 16. Labsitoonni Mootummichaa yeroo ammaatti argaman, gurmuu hawaannisaa wajjin kan wal fakkaatan akkamitti?

15 Yo’el raajichi hojii tajaajiltoonni Yihowaa raawwatan, wanta hawaannisni godhuu wajjin wal fakkeesseera. Akkas jechuudhaan barreesseera: “Isaan akka namoota jajjabootti in fiigu, akka loltootaattis masaraa in yaabu; hundumti isaaniis karaa isaanii irraa utuu hin jal’atin, tarreetti in yaa’u. Tokkon tokkon isaanii karaadhuma isaanii irra adeemu malee, inni tokko isa kaanitti hin bu’u; tarree isaanii utuu wal irraa hin kutin, [“isaan keessaa tokko tokko mi’a lolaatiin rukutamanii kufanis,” NW] humnaan cabsatanii waraana gidduu in darbu.”—Yoe. 2:7, 8.

16 Raajiin kun labsitoota Mootummaa Waaqayyoo yeroo ammaatti argaman akka gaariitti kan ibsudha! ‘Masaraan’ mormii akkamiiyyuu lallabasaanii dhaabsisuu hin dandeenye. Kanaa mannaa, fakkeenya Yesus isa namoonni baay’een isa tuffatanis fedha Waaqayyoo raawwachuurraa duubatti hin jenne hordofu. (Isa. 53:3) Dhugaadha, Kiristiyaanonni tokko tokko amantiisaaniitiif jecha, ‘mi’a lolaatiin rukutamanii kufuudhaan’ wareegamaniiru. Haata’u malee, hojiin lallabaa ammayyuu kan itti fufe yommuu ta’u, lakkoofsi labsitoota Mootummichaas guddachaa adeemeera. Yeroo baay’ee ari’atamni namoota ergaa kana dhaga’uuf carraa hin qabneef, ergaan Mootummichaa akka lallabamu karaa baneera. (HoE. 8:1, 4) Atoo naannoo tajaajilaa keetti namoonni dantaa yeroo dhabaniifi yommuu mormiin sirra ga’u, akkuma hawaannisaa jabinaan tajaajilakee itti fuftaa?—Ibr. 10:39.

“Wanta Gaarii Ta’etti Qabamaa Jiraadhaa!”

17. Miilli loccuu geekoo jedhamtuu, wanta mucucaaturra adeemuu kan danda’u maaliifi?

17 Loccuun geekoo jedhamtu, seera harkisa lafaatiif kan hin abboomamne fakkaatti. (Fakkeenya 30:28, hiika bara 1899 dubbisi.) * Saayintistoonni uumamni xinnoon kun keenyan manaarra ba’uufi utuu hin kufin koorniisii mucucaaturra gadi garagaltee deemuu danda’uunshee isaan ajaa’ibsiiseera. Loccuun kun kana gochuu kan dandeessu akkamitti? Iccitiin kanaa, iddoo sanatti maxxanuushee ykn miillasheerra haphee qabaachuushee miti. Kanaa mannaa, qubnishee hundi wantoota rifeensa fakkaataniifi kumaan lakkaa’aman waan qabuufidha. Wantoonni rifeensa fakkaatan kun hundimmoo, fiixeessaaniirratti waan qaqalloo dhibbaan lakkaa’amaniifi golboo fakkaatan qabu. Humni harkisa wantoonni qaqalloo ta’an kanaa, qaamni loccuurra ulfaatullee gadi garagalee daawitiirra fiiguu akka danda’u gargaara. Qorattoonni dandeettii loccuun kun qabdu ajaa’ibsiifatan, wantoonni miilla loccuu kanaa wajjin wal fakkeeffamanii hojjetaman, akka haphee humna cimaa qabuutti fayyaduu danda’u jedhu. *

18. Yeroo hunda ‘wanta gaariitti qabamnee jiraachuu’ kan dandeenyu akkamitti?

18 Loccuu geekoo jedhamturraa maal baranna? Macaafni Qulqulluun, “Waan hamaa jibbaa, wanta gaarii ta’etti qabamaa jiraadhaa!” jechuudhaan nu gorsa. (Rom. 12:9) Biyyi lafaa Seexanni seerratu kun, seerawwan Waaqayyootti qabamnee akka hin jiraanne dhiibbaa gadhee nurraan ga’a. Fakkeenyaaf, mana barumsaatti, bakka hojiitti ykn bashannanawwan Waaqayyo jibbu tokko tokkorratti namoota seerasaa hin eegnee wajjin michooma kan uumnu taanaan, murtoo wanta sirrii ta’e raawwachuuf goonerraa duubatti nu harkisuu danda’u. Wanti kun akka sirra ga’u hin godhin. Dubbiin Waaqayyoo, “Ani ogummaa qaba ofiin hin jedhin” jechuudhaan nu akeekkachiisa. (Fak. 3:7) Kanaa mannaa, gorsa gaarii Museen saba Yihowaa duriitiif, “Ati Waaqayyoon gooftaa kee sodaadhu, isaaf hojjedhu, isatti maxxani” jechuudhaan kenne hordofi. (Kes. 10:20) Yihowaatti maxxanuudhaan, fakkeenya Yesus isa “Ati qajeelina jaallattee jal’ina jibbite” jedhameef haa hordofnu.—Ibr. 1:9.

Uumamarraa Barachuu

19. (a) Uumamarraa amalawwan Yihowaa warra kam argiteetta? (b) Ogummaan Waaqayyo biraa argamu kan nu fayyadu akkamitti?

19 Akkuma olitti ilaalle, amalawwan Yihowaa uumamawwansaarraa ifatti hubachuun kan danda’amu yommuu ta’u, isaanirraas barumsa gaarii argachuu dandeenya. Hojiiwwan Yihowaa caalaatti yommuu ilaalaa adeemnu, ogummaasaa caalaatti dinqisiifachaa dhufna. Ogummaa Waaqayyo biraa argamuuf xiyyeeffannaa kennuun keenya, yeroo ammaatti gammachuu, gara fuulduraattimmoo balaa dhufurraa eegumsa nuuf argamsiisa. (Lal. 7:12) Eeyyee, yaanni Fakkeenya 3:13, 18⁠rratti argamu dhugaa ta’uusaa dhuunfaatti mirkaneeffachuu dandeenya. Caqasichi akkas jedha: “Namni ogummaa argatu, namni hubataanis haa gammadu! isheen warra jabeessanii ishee qabataniif muka jireenyaa ti, warri jabeessanii ishee qabatan haa gammadan!”

[Miiljaleewwan]

^ key. 6 Keessumaa dargaggoonni barreeffamoota miiljaleerratti kennaman dubbisanii dhufuudhaan, yommuu Masaraan Eegumsaa qayyabatamu yaada kennuu danda’u.

^ key. 8 Waa’ee mixii kanaa odeeffannoo dabalataa argachuuf, Dammaqaa! Bitootessa 22, 1997, ful. 31, (Ingiliffa) fi Caamsaa 22, 2002, ful. 31 ilaali. (Ingiliffa)

^ key. 11 Osolee ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, Dammaqaa! Fulbaana 8, 1990 ful. 15-16 ilaali. (Ingiliffa)

^ key. 14 Waa’ee hawaannisaa odeeffannoo dabalataa argachuuf, Dammaqaa! Onkoloolessa 22, 1976, ful. 11 ilaali. (Ingiliffa)

^ key. 17 Hiika bara 1899, “Loccuun harkasaatiin jabeessee qabata. Mana moototaa keessas injiraata.”

^ key. 17 Loccuu geekoo jedhamtu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, Dammaqaa! Ebla 2008, ful. 26 ilaali.

Ni Yaadattaa?

• Mixiirraa

• osoleerraa

• hawaannisarraa

• loccuurraa

barumsa gaarii akkamii arganna?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 16rra jiru]

Akka mixii baala wal qixxeessitee kuttuutti jabaattee hojjettaa?

[Fakkii fuula 17rra jiru]

Osoleen tuutaan jiraachuudhaan eegumsa argatti. Atoo akkas ni gootaa?

[Fakkii fuula 18rra jiru]

Kiristiyaanonnis, akkuma hawaannisaa jabina argisiisu

[Fakkii fuula 18rra jiru]

Akkuma loccuun geekoo jedhamtu wayirratti maxxantu, Kiristiyaanonnis wanta gaariitti qabamanii jiraatu

[Madda fakkii fuula 18rra jiru]

Stockbyte/Getty Images