Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yesus, Isa Daawit Guddichaafi Solomoon Guddicha Ta’eef Bakka Guddaa Kennuu

Yesus, Isa Daawit Guddichaafi Solomoon Guddicha Ta’eef Bakka Guddaa Kennuu

Yesus, Isa Daawit Guddichaafi Solomoon Guddicha Ta’eef Bakka Guddaa Kennuu

“Kunoo, inni Solomoon irra caalu as jira.”—MAT. 12:42.

1, 2. Akka ilaalcha namootaatti, Saamu’el Daawitiin mootii godhee akka dibu ajajamuunsaa kan nama dinqisiisu maaliifi?

SAAMU’EEL raajichi yommuu Daawitiin ilaalu, tiksee malee nama gara fuulduraatti mootii ta’u isatti hin fakkaanne. Magaalaan inni itti dhalate Betlihemis, beekamtuu hin turre. Magaalaan kunis, “Mandaroota Yihudaa warra gurguddoota keessaa ati ishee xinnoo dha” jedhamteetti. (Mik. 5:2) Ta’us Saamu’el raajichi, dargaggeessa magaalaa xinnoo keessatti dhalateefi beekamaa hin taane kana, mootii Israa’el isa gara fuulduraa akka ta’uuf dibuuf jedha.

2 Isey, ilmaansaa akka dibamaniif gara Saamu’elitti fide keessaa, Daawit isa jalqabaa, isa lammaffaa ykn isa sadaffaa hin turre. Isey nama amanamaa ture; Saamu’el ilmaan Isey saddeettan keessaa isa tokko mootii Israa’el isa gara fuulduraa akka ta’u dibuuf yommuu manasaa dhaqu, ilmasaa isa dhumaa kan ta’e Daawit manallee hin turre. Ta’us Yihowaan bakka guddaa kan kennu garaa namaatiif waan ta’eef Daawitiin filateera.—1 Sam. 16:1-10.

3. (a) Yihowaan nama tokko qoree yommuu ilaalu, maalsaatiif bakka guddaa kenna? (b) Daawit erga dibamee booda maal argate?

3 Yihowaan wanta Saamu’el arguu hin dandeenye argeera. Waaqayyo garaa Daawit kan beeku si’a ta’u, wanta isa keessatti argettis gammadeera. Waaqayyo bakka guddaa kan kennu keessa namummaatiif malee, haala nama tokkoo isa bakkeedhaan mul’atuuf miti. (1 Saamu’el 16:7 dubbisi.) Kanaaf, Saamu’el, Yihowaan ilmaan Isey torban keessaa tokkoyyuu akka hin filanne yommuu hubate, obboleessasaanii isa quxisuu bakka tikaatii akka waamsisu gaafate. Seenaansaa akkas jedha: “Kanaaf [Isey] nama itti ergee [Daawitiin] in fichisiise; inni diimaa nama iji isaa miidhagu, nama dhaabbii tolus ture. Waaqayyo yommus Saamu’eliin, ‘Inni kunoo, isa kanaatii ka’ii, isa dibi!’ jedhe. Kana irratti Saamu’el qodaa gaanfaa dhadhaa ejersaa qabu sana fuudhee, Daawitin obboloota isaa gidduutti in dibe; gaafasii jalqabee hafuurri Waaqayyoo humnaan Daawitiif in dhufe.”—1 Sam. 16:12, 13.

Daawit Kiristosiif Gaaddidduu Ture

4, 5. (a) Karaawwan Daawitiifi Yesus itti wal fakkaatan tokko tokko caqasi. (b) Yesus, Daawit Guddicha jedhamuu kan danda’u maaliifi?

4 Daawit dhalatee waggaa 1,100 booda, Yesusis Betlihemitti dhalate. Namoonni hedduun Yesusis mootii ta’a jedhanii hin yaanne. Kana jechuunis, Yesus mootii Israa’eloonni hedduun hawwiidhaan eegaa turan hin turre jechuudha. Ta’us akkuma Daawit Yihowaan isa filateera. Innis akkuma Daawit Yihowaa biratti kan jaallatamu ture. * (Luq. 3:22) Akkuma Daawit, Yesusirras ‘hafuurri Yihowaa bu’eera.’

5 Karaan Daawitiifi Yesus itti wal fakkaatan garabiraanis jira. Fakkeenyaaf, Daawitiin gorsituunsaa Ahiitofel kan isa gane si’a ta’u, Yesusiinimmoo, ergamaansaa Yihudaan namni biyya Keriyot isa ganeera. (Far. 41:9; Yoh. 13:18) Daawitis ta’e Yesus, bakka waaqeffannaa Yihowaatiif hinaaffaa guddaa qabu turan. (Far. 27:4; 69:9; Yoh. 2:17) Kana malees, Yesus dhaaltuu Daawit ture. Yesus dhalachuusaa dura ergamaan Waaqayyoo tokko Maariyaamiin, “Waaqayyo gooftaanis teessoo abaabilii isaa Daawit in kennaaf” jedhee ture. (Luq. 1:32; Mat. 1:1) Raajiiwwan Masiihicha ilaalchisanii dubbataman hundi kan raawwataman Yesusirratti waan ta’eef, inni Daawitirra baay’ee caala. Yesus Daawit Guddicha ta’uusaarrayyuu, Masiihicha isa Mootii ta’eefi yeroo dheeraadhaaf eegamaa turedha.—Yoh. 7:42.

Mooticha Isa Tiksee Ta’e Duukaa Bu’aa

6. Daawit tiksee gaarii ta’uusaa kan argisiise karaawwan kamiini?

6 Yesusis akkuma Daawit tikseedha. Tiksee gaariin maal raawwata? Hoolotasaa amanamummaafi ija jabinaan tiksa, isaan dheechisa, akkasumas isaan eega. (Far. 23:2-4) Daawit dargaggummaasaatti tiksee kan ture si’a ta’u, hoolota abbaasaa sirriitti eegeera. Hoolotasaa ija jabinaan kan eege si’a ta’u, lubbuusaa balaadhaaf saaxilee afaan leencaafi amaaketaarraa isaan buusa ture.—1 Sam. 17:34, 35.

7. (a) Daawit hojiiwwan mootii ta’uudhaan hojjeteef kan isa qopheesse maalidha? (b) Yesus Tiksee Gaarii ta’uusaa kan argisiise akkamitti?

7 Waggoonni Daawit hoolota dirreerrattis ta’e gaararratti tiksuudhaan dabarse, itti gaafatamummaa guddaa yeroo booda saba Israa’el akka eeguuf itti kenname karaa bu’a qabeessa ta’een akka raawwatuuf isa qopheesseera. * (Far. 78:70, 71) Yesusis tikse gaarii akka ta’e gochasaatiin argisiiseera. Tiksee ta’uudhaan “karra xinnayyoo” fi “hoolota kan biraa” yommuu eegu, Yihowaa biraa jajjabinaafi qajeelfama argata. (Luq. 12:32; Yoh. 10:16) Kanaaf, Yesus Tiksee Gaariidha. Hoolotasaa sirriitti waan beekuuf, hundasaanii maqaa maqaasaaniitiin waama. Hoolotasaa baay’ee waan jaallatuufis, yeroo lafarra turetti fedhasaatiin lubbuusaa isaaniif kenneera. (Yoh. 10:3, 11, 14, 15) Tiksee Gaarii kan ta’e Yesus, wantoota Daawit matumaa gochuu hin dandeenye ni raawwata. Furiin aarsaasaa ilmaan namootaa du’aa jalaa baasuuf karaa baneera. Yesus tiksee gaarii waan ta’eef, inni ‘karra xinnayyoosaatiif’ samiirratti jireenya deebi’ee hin banne akka hin kennine eenyuyyuu isa dhowwuu hin danda’u. Akkasumas ‘hoolonni kan biraan’ addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufatuufi warra akka yeeyyiirraa walaba ta’e keessatti isaan geggeessuudhaan, jireenya barabaraa akka hin kennine eenyuyyuu isa ittisuu hin danda’u.—Yoh. 10:27-29 dubbisi.

Mooticha Isa Hin Mo’amne Duukaa Bu’aa

8. Daawit mootii hin mo’amne ture kan jennu maaliifi?

8 Daawit yeroo mootii ture, loltuu ija jabeessa ta’uudhaan biyya sabni Waaqayyoo keessa jiraatu diinotarraa eegaa ture; Yihowaanis “lafa Daawit dhaqe hundumaatii mo’icha isaaf in kenn[a]” ture. Bara bulchiinsasaatti, daangaan Israa’el laga Gibxii hanga laga Efraaxiisitti bal’ata ture. (2 Sam. 8:1-14) Gargaarsa Yihowaatiin mootii humna guddaa qabu ta’ee ture. Macaafni Qulqulluun, “Maqaan Daawit biyya hundumaatti in beekame; akkasitti Waaqayyo sabni lafa irraa hundinuu isa akka sodaatan in godhe” jedha.—1 Sen. 14:17.

9. Yesus inni Mootii ta’uuf kaadhimame, akka hin mo’amne kan argisiise akkamitti akka ta’e ibsi.

9 Yesusis yommuu lafarra ture akkuma Daawit ija jabeessa ture. Mootii Kaadhimamaa yommuu turetti, namoota hafuurota hamoodhaan qabaman walaba baasuudhaan, hafuurota kanarratti aboo akka qabu argisiiseera. (Mar. 5:2, 6-13; Luq. 4:36) Seexanni inni hamajaajiinillee Yesusirratti aboo hin qabu ture. Yesus gargaarsa Yihowaatiin biyya lafaa isa to’annaa Seexanaa jala jiru mo’eera.—Yoh. 14:30; 16:33; 1 Yoh. 5:19.

10, 11. Yesus inni Mootii Loltuu ta’e, samiirra taa’ee wantoota akkamii raawwata?

10 Yesus du’aa ka’ee samiitti erga deebi’ee naannoo waggaa 60 booda, Yohannis wantoota Yesus Mootii Loltuu ta’uudhaan raawwatu ilaalchisee mul’ata argee ture. Akkas jechuudhaan barreesseera: “Achi ilaaleen farda adii tokko arge; inni fardicha irra taa’e immoo iddaa harkatti qabate; gonfoon tokkos isaaf in kenname. Inni mo’aa, ammas mo’uudhaaf in ba’e.” (Mul. 6:2) Inni farda adiirra taa’ee gulufu Yesusidha. ‘Gonfoon kan kennameef,’ bara 1914⁠tti yommuu inni Mootii ta’ee samiirratti muudametti ture. Sana booda, ‘mo’aa ba’eera.’ Eeyyee, Yesusis akkuma Daawit mootii lolarratti mo’icha argatudha. Yesus Mootii Mootummaa Waaqayyoo ta’ee utuu hin turin, waraana Seexanaa wajjin godherratti mo’icha argachuudhaan, Seexanaafi hafuurota hamoo gara lafaatti darbateera. (Mul. 12:7-9) Sirna Seexanaa isa hamaa kana guutummaatti barbadeessee hamma ‘mo’ichasaa raawwatutti,’ gulufuusaa itti fufa.—Mul’ata 19:11, 19-21 dubbisi.

11 Ta’us, Yesus akkuma Daawit mootii gara laafessa waan ta’eef, “tuuta sonaan baay’ee” badiisa Armaagedoonirraa ni oolcha. (Mul. 7:9, 14) Kana malees, bulchiinsa Yesus, akkasumas bulchiinsa namoota 144,000 ta’aniifi du’aa ka’an jalatti, ‘qajeelonniifi jal’oonni du’aa ka’u.’ (HoE. 24:15) Namoonni lafarra jiraachuuf du’aa kaafaman, abdii jireenya barabaraa argatu. Kun abdii dinqisiisaa mitii? Yommuu lafti kun namoota qajeeloofi gammadoo, Daawit Guddichaaf bitamaniin guutamtu achitti argamuu barbaannaan, ‘wanta gaarii hojjechuu’ keenya itti fufuuf murtoo haa goonu.—Far. 37:27-29.

Kadhannaan Solomoon Ogummaa Argachuuf Dhiheesse Deebii Argate

12. Solomoon maal argachuuf kadhate?

12 Solomoon ilmi Daawitis Yesusiif gaaddidduu ture. * Solomoon yommuu mootii ta’e, Yihowaan abjuudhaan itti mul’atee, wanta inni gaafate hunda akka kennuuf itti himee ture. Solomoon qabeenya, aboo dabalataa ykn umrii dheeraan akka isaaf kennamu gaafachuu danda’a ture. Inni garuu haala ofittummaarraa walaba ta’een, “Ogummaa fi beekumsa ani ittiin saba kana bulchu anaaf kenni; kana malee ani attamittan saba kee isa guddaa kana geggeessuu danda’a ree?” jedhee Yihowaa gaafate. (2 Sen. 1:7-10) Yihowaan kadhannaa Solomooniif deebii kenneera.—2 Seenaa 1:11, 12 dubbisi.

13. Solomoon, ogummaadhaan kan isaan wal qixxaatu hin turre kan jennu maaliifi? Ogummaa kana eessaa argate?

13 Bara Solomoon Yihowaadhaaf amanamaa ta’e hundaatti, ogummaadhaan kan isaan wal qixxaatu hin turre. Solomoon, “fakkeenya kuma sadii” dubbateera. (1 Mot. 4:30, 32, 34) Isaan keessaa baay’eensaanii barreeffamaan kan argaman si’a ta’u, namoonni ogummaa barbaadan ammayyuu fakkeenyota kanaaf bakka guddaa kennu. Mootuun biyya Sheebaa isa bira dhaqxee ogummaa Solomoon “gaaffii cimaadhaan qortee . . . ilaaluudhaaf” karaa kiilomeetira 2,400 ta’u deemteetti. Mootuun kun, wantoota Solomoon dubbateefi badhaadhina mootummaasaa baay’ee dinqisiifattee turte. (1 Mot. 10:1-9) Macaafni Qulqulluun, “Sabni lafa irraa hundinuu ogummaa Waaqayyo Solomooniif kenne dhaga’uudhaaf in hawwu turan” jechuudhaan ogummaa kana eessaa akka argate ibsa.—1 Mot. 10:24.

Mooticha Isa Ogeessa Duukaa Bu’aa

14. Yesus ‘Solomoonirra kan caalu’ karaawwan kamiini?

14 Namni ogummaa Solomoonirra caalu qabu tokko qofadha. Innis Yesus Kiristos isa ‘Solomoonirra akka caalu’ dubbatedha. (Mat. 12:42) Yesus “dubbii waa’ee jireenya bara baraa nama barsiisu” dubbateera. (Yoh. 6:68) Fakkeenyaaf, wantoonni Yesus Lallabasaa isa Gaararratti dubbate, seerawwan bu’uuraa fakkeenyota Solomoon keessatti argaman caalaatti ifa godhu. Solomoon wantoota nama Yihowaa waaqeffatu tokkoof gammachuu argamsiisan hedduu dubbateera. (Fak. 3:13; 8:32, 33; 14:21; 16:20) Yesus, wantoonni waaqeffannaa Yihowaafi abdiiwwan inni kennee wajjin walitti dhufeenya qaban raawwii argachuusaanii, gammachuu dhugaa akka argamsiisan jabeessee ibseera. Yesus, “Karaa hafuuraatti hiyyeessota warri ta’an haa gammadan, mootummaan waaqaa kan isaanii ti” jedheera. (Mat. 5:3) Namoonni seerawwan bu’uuraa barumsawwan Yesus keessatti argaman hojiirra oolchan, Yihowaa isa ‘burqaa jireenyaa’ ta’etti caalaatti dhihaatu. (Far. 36:9; Fak. 22:11; Mat. 5:8) Kiristos ‘ogummaa Waaqayyootti’ fakkeeffameera. (1 Qor. 1:24, 30) Yesus Kiristos Mootii isa Masiihii waan ta’eef, “hafuura ogummaa” qaba.—Isa. 11:2.

15. Ogummaa Waaqayyoorraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

15 Duuka buutota Solomoon Guddichaa waan taaneef, ogummaa Waaqayyoorraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti? Ogummaan Yihowaa Dubbiisaa keessatti waan argamuuf, keessumaa wantoota Yesus dubbateefi Macaafa Qulqulluurratti galmeeffaman gadi fageenyaan qo’achuu dabalatee, wantoota dubbisnerratti xiinxaluudhaan ogummaa kana argachuuf carraaquu qabna. (Fak. 2:1-5) Waaqayyo ogummaa akka nuu kennuufis yeroo hunda kadhachuu qabna. Gargaarsa argachuuf, kadhannaa onneerraa madde kan dhiheessinu taanaan, deebii akka argannu Macaafni Qulqulluun nuu mirkaneessa. (Jas. 1:5) Gargaarsa hafuura qulqulluutiin ogummaa isa gati jabeessa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu kan argannu si’a ta’u, ogummaan kunis rakkoowwan nu mudatan mo’uufi murtoowwan ogummaarratti hundaa’an gochuuf nu gargaara. (Luq. 11:13) Solomoon “lallabich[a]” ykn sassaabdicha jedhamee kan waamame si’a ta’u, yeroo hundaa ‘sabicha ni barsiisa ture.’ (Lal. 12:9, 10) Yesus inni Mataa gumii Kiristiyaanaa ta’es sabasaa ni sassaaba. (Yoh. 10:16; Qol. 1:18) Kanaaf, walga’iiwwan gumii ‘barumsi’ itti kennamurratti argamuuf carraaquu qabna.

16. Wantoonni Yesusiifi Solomooniin wal fakkeessan maalfa’i?

16 Solomoon mootichi wantoota hedduu raawwateera. Guutummaa biyyattiitti masaraawwan mootummaa, mandaroota gombisaa midhaaniifi mi’a garagaraa hundumaa, mandaroota konkolaattonni keessa ta’aniifi fardeen itti galan ijaarsisuu, daandiiwwan hojjechiisuu, hojii bishaan baasuu, akkasumas hojii magaalota hundeessuu olaantummaadhaan geggeesseera. (1 Mot. 9:17-19) Namoonni bulchiinsasaa jala jiran hundi hojii ijaarsaa kanarraa faayidaa argataniiru. Yesusis ijaartuudha. Gumiisaa ‘dhagaa hin sochoonerratti’ ijaareera. (Mat. 16:18) Hojiiwwan ijaarsaa addunyaa haaraa keessatti raawwatamanis olaantummaadhaan to’ata.—Isa. 65:21, 22.

Mootii Nagaa Fidu Duukaa Bu’aa

17. (a) Bulchiinsi Solomoon maaliin beekama ture? (b) Wanti Solomoon raawwachuu dadhabe maalidha?

17 Maqaan Solomoon jedhamu, jecha “nagaa” jedhurraa kan argamedha. Solomoon Mootichi Yerusaalem keessa taa’ee bulchaa kan ture si’a ta’u, hiikni maqaa magaalattiis, “Nagaa Dachaa Kan Qabdu” jechuudha. Bulchiinsa Solomoon isa waggaa 40f ture keessatti, biyyi Israa’el nagaa matumaa argamee hin beekne argattee turte. Macaafni Qulqulluun haala yeroo sanaa akkas jechuudhaan ibsa: “Bara Solomoon mootichaa keessa namoonni Yihudaa fi namoonni Israa’el hundinuu Daanii hamma Bersheebaatti kan jiran muka waynii fi harbuu isaanii jala in boqotu, bir’aa malees in jiraatu turan.” (1 Mot. 4:25) Solomoon ogummaa guddaa kan qabu ta’us, namoota isa jalatti bulan, dhukkuba, cubbuufi du’arraa walaba gochuu hin dandeenye. Solomoon Guddichi garuu, namoota isa jalatti bulan rakkoowwan kana hundaarraa walaba godha.—Roomaa 8:19-21 dubbisi.

18. Gumii Kiristiyaanaa keessatti haala akkamiitu argama?

18 Gumiin Kiristiyaanaa yeroo ammaatti argamu nagaa kan qabudha. Dhugumayyuu, jannata hafuuraa dhugaa keessa jiraachaa jirra. Waaqayyoofi namootaa wajjin nagaa qabna. Haala yeroo ammaa keessatti argamnu ilaalchisee raajii Isaayaas armaan gaditti dubbate qalbeeffadhu: “Isaan billaa isaanii maarashaa, eeboo isaaniis isa ittiin muka qeexxa’an in tumsiifatu; egaa sabni sabatti billaa hin luqqifatu, isaan deebi’aniis lola hin baran.” (Isa. 2:3, 4) Nutis haala hafuura Waaqayyoo wajjin walsimuun jiraachuudhaan, nagaa kanaaf gumaacha haa goonu.

19, 20. Sababiiwwan itti gammannu akkamii qabna?

19 Gara fuulduraattimmoo, wanta kana caalutu nu eega. Ilmaan namootaa ajajamoo ta’an, bulchiinsa Yesus jalatti nagaa matumaa argamee hin beekne kan argatan si’a ta’u, suuta suutas, ‘garbummaa isa wanta badu isaan godhe jalaa luba ba’uudhaan,’ sadarkaa mudaa hin qabnerra ga’u. (Rom. 8:21) Qorumsa dhuma Waggaa Kuma Tokkoorratti isaanirra ga’u erga darbanii booda, ‘garraamonni lafa ni dhaalu nagaa baay’eettis ni gammadu.’ (Far. 37:11, hiika bara 1899; Mul. 20:7-10) Dhugumayyuu, bulchiinsi Kiristos Yesus, kan Solomoonirraa baay’ee kan caalu ta’a!

20 Akkuma Israa’eloonni qajeelfama Musee, Daawitiifi Solomoon jalatti gammachuudhaan jiraachaa turan, nutis bulchiinsa Kiristos jalatti haala kana caaluun gammannee jiraachuuf sababa ga’aa qabna. (1 Mot. 8:66) Yihowaan, Musee Guddicha, Daawit Guddichaafi Solomoon Guddicha kan ta’e tokkicha Ilmasaa waan nuu kenneef Isa galateeffachuu qabna!

[Miiljaleewwan]

^ key. 4 Maqaan Daawit jedhu, “Jaallatamaa” kan jedhu hin ta’in hin oolu. Yommuu Yesus cuuphameefi bifa ulfinasaatiin geddarame, Yihowaan samiirraa ‘ilmasaa isa jaallatamaa’ akka ta’e ibseera.—Mat. 3:17; 17:5.

^ key. 7 Daawit hoolaa tikseesaatti amanamu akka ta’e ibsameera. Eegumsaafi qajeelfama Yihowaa isa Tiksee Guddaa ta’e argachuuf carraaqa ture. “Waaqayyo tiksee koo ti, ani homaa hin dhabu!” jedhee garaa guutuudhaan dubbateera. (Far. 23:1) Yohannis Cuuphaanis, Yesusiin “hoolicha Waaqayyoo” jedhee waameera.—Yoh. 1:29.

^ key. 12 Maqaan Solomoon inni kaan Yidiidiyaa si’a ta’u, hiiknisaas, “Yaah biratti kan jaallatame” jechuudha.—2 Sam. 12:24, 25, NW.

Ibsuu Dandeessaa?

• Yesus Daawit Guddicha kan ta’e akkamitti?

• Yesus Solomoon Guddicha kan ta’e akkamitti?

• Sababiiwwan Daawit Guddichaafi Solomoon Guddichaaf bakka guddaa akka kennitu si godhan maalfa’i?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 31rra jiru]

Ogummaan Solomoon Waaqayyo biraa argate, ogummaa Solomoon Guddichi qabuuf gaaddidduu ta’eera

[Fakkii fuula 32rra jiru]

Bulchiinsi Yesus, bulchiinsa Daawitiifi Solomoonirra baay’ee kan caalu ta’a!