Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Akkuma Iitaayi Amanamoo Ta’aa

Akkuma Iitaayi Amanamoo Ta’aa

Akkuma Iitaayi Amanamoo Ta’aa

“YAA Waaqayyo gooftaa hundumaa dandeessuu, hojiin kee guddaa dha, dinqisiisaa dhas! Ati yaa mootii saba hundumaa, karaan kee hundinuu qajeelaa dha dhugaa dhas! Yaa gooftaa! Namni si hin sodaanne, maqaa kees kan hin guddifne eenyu? Si duwwaatu qulqulluu [“amanamaa,” NW] dha.” Faarfannaan “warri bineensicha, bifa fakkeenya bineensichaa . . . irrattis mo’icha argatan” faarfatan kun, amanamummaa Waaqayyoo ibsa. (Mul. 15:2-4) Yihowaan, waaqeffattoonnisaa amalasaa isa gaarii kana argisiisuudhaan akka isa fakkaatan barbaada.

Karaa biraammoo Seexanni, tajaajiltoota Yihowaa warra lafarra jiran, jaalala Waaqayyoo keessaa baasuuf waan danda’u hunda godha. Ta’us, namoonni hedduun haalawwan baay’ee rakkisaa ta’an keessattillee, Waaqayyoof amanamoo ta’aniiru. Yihowaan amanamummaa akkasiitiif iddoo guddaa waan kennuuf baay’ee isa galateeffanna! Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo waan dhugaa ta’e in jaallata, warra isaaf of kennanis [“amanamoo ta’anis,” NW] hin gatu” jechuudhaan nuu mirkaneessa. (Far. 37:28) Amanamoo taanee jiraachuuf akka nu gargaarutti, Waaqayyo Dubbiisaa keessatti seenaa namoota amanamoo ta’an hedduu nuu barreessiseera. Seenaawwan kana keessaa tokko, seenaa waa’ee Iitaayi isa nama biyya Gaat dubbatudha.

‘Ormaafi Nama Biyyasaatii Baafame’

Iitaayi, nama biyya Filisxeem magaalaa Gaat ishee beekamtuu Goliyaad gootichiifi diinonni Israa’el sodaachisoo ta’an kaan itti dhalatanii ta’uu hin oolu. Waa’een Iitaayi loltuu jabaa kanaa Macaafa Qulqulluu keessatti yeroo jalqabaatiif kan ibsame, yommuu Abiishaalom Daawit Mooticharratti ka’etti ture. Iitaayiifi namoonni Filisxeem 600an isa duukaa turan, yeroo sanatti galaa ta’anii naannoo Yerusaalem jiraatu turan.

Daawit yeroo tokko loltoota Israa’el 600 wajjin galaa ta’ee, daangaa Filisxeemirraa gara biyya Akiish Mootiin Gaat bulchutti baqatee ture. Haalli Iitaayiifi namoonnisaa keessatti argaman, Daawit wanta dabarse sana akka yaadatu isa godhee ta’uu danda’a. (1 Sam. 27:2, 3) Abiishaalom yommuu abbaasaa Daawitirratti ka’e, Iitaayiifi namoonni isa duukaa jiran maal godhu laata? Abiishaalom ykn Daawitiifi namoota isaa wajjin turan deggerumoo, lamaansaaniiyyuu deggeruurraa of qusatu?

Daawit Yerusaalemii baqatee “mana isa gara moggaatti aanu” yommuu dhaqu, haallisaa maal akka fakkaatu mee yaadaa. Iddoon kun Laga Qedroon utuu hin ce’in, kallattii Gaara Ejersaatiin Yerusaalem keessaa mana isa dhumaa ta’uu hin oolu. (2 Sam. 15:17) Daawit loltootasaa of bira dabarsuudhaan kan isaan ilaale bakka kanatti ture. Israa’eloota amanamoo qofa utuu hin ta’in, Kereetonniifi Pheletoonni hundi Daawwitii wajjin akka turan hubadhu. Kana malees namoonni Gaat, jechuunis Iitaayiifi loltoonnisaa 600 isaa wajjin turan.—2 Sam. 15:18, NW.

Daawit gara laafinaan Iitaayiin akkas jedhe: “Atoo orma nama biyya keetii baafamtee dha, maaliif nuu wajjin adeemta? Deebi’ii Abiishaalom mooticha bira taa’i! Ati kaleessa biyya kana dhufte, ani ofii kootii iyyuu amma eessa akkan dhaqaa jiru hin beeku; attamittan akka ati nuu wajjin olii fi gad joortu godha ree? Namoota si duukaa dhufanii wajjin deebi’i! Nama gaarummaa fi amanamummaa sitti argisiisu hin dhabin!”—2 Sam. 15:19, 20.

Iitaayi hamma dhumaatti Daawitiif amanamaa ta’uuf murteessuusaa dubbate. “Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa ti! Du’a lubbuu gooftaa koo mootichaa ti! Du’a yoo ta’e, jireenyas yoo ta’e, iddoodhuma ati gooftaan koo mootichi dhaqxu nan dhaqa” jedhe. (2 Sam. 15:21) Jechi kun, Daawiti jecha wal fakkaataa Ruut akaakiliinsaa dubbatte akka yaadatu godhee ta’uu danda’a. (Rut. 1:16, 17) Daawit, wanta Iitaayi dubbateen garaansaa waan tuqameef, “Haata’u! Egaa darbii adeemi!” Laga Qedroon ce’i jedheen. Yommus, “Iitaayi namni Gaat namoota isaa fi maatii isaa wajjin turan hundumaa wajjin darbee in adeeme.”—2 Sam. 15:22.

“Nu Barsiisuuf”

Roomaa 15:4, “Wanti caaffata qulqullaa’oo keessatti caafaman hundinuu nu barsiisuuf caafaman” jedha. Kanaaf, Fakkeenya Iitaayirraa barumsa akkamii arganna? jennee of gaafachuun keenya gaariidha. Daawitiif amanamaa akka ta’u wanti isa kakaase maal akka ta’e yaadaa. Iitaayi ormaafi nama biyyasaa Filisxeemii baafame ta’uyyuu, Yihowaan Waaqa jiraataa akka ta’eefi Daawitimmoo nama Yihowaan dibe ta’uusaa hubatee ture. Israa’elootaafi Filisxeemota gidduu diinummaan jiraatus, Iitaayi Daawitiin hin jibbine. Iitaayi, Daawit, Goliyaad Filisxeemicha isa goota dabalatee, namoota Filisxeem hedduu kan ajjeese, Waaqayyo waan isa gargaareef ta’uusaa hubatee ture. (1 Sam. 18:6, 7) Iitaayi, Daawit nama Yihowaa jaallatu akka ta’eefi amalawwan gaarii inni qabu akka hubate hin shakkisiisu. Kunimmoo, Daawit Iitaayiif bakka guddaa akka kennu godheera. Waraana cimaa loltoota Abiishaalomii wajjiin godhamerratti, Daawit loltootasaa harka sadii keessaa harka tokko “geggeessaa Iitaayi” jala godheera.—2 Sam. 18:2.

Nuyis garaagarummaa aadaa, qomoo ykn gosaarratti xiyyeeffachuu mannaa, jibbaafi diinummaarraa fagaachuudhaan, amalawwan gaarii warri kaan qabanirratti xiyyeeffachuu qabna. Walitti dhufeenyi cimaan Daawitiifi Iitaayi gidduu ture, Yihowaa beekuufi jaallachuun keenya, gufuuwwan akkasii mo’uuf nu gargaaruu akka danda’u argisiisa.

Fakkeenya Iitaayirratti yommuu xiinxallu akkas jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Yesus Kiristos isa Daawit Guddicha ta’eef amanamummaa akkasiin qabaa? Hojii misiraachoo Mootummichaa lallabuufi bartoota gochuurratti hinaaffaadhaan hirmaachuudhaan amanamummaakoo nan argisiisaa? (Mat. 24:14; 28:19, 20) ‘Hamma maaliittan jabaadhee dhaabachuudhaan amanamummaakoo argisiisuuf fedhii qaba?’

Warri mataa maatii ta’anis amanamummaa Iitaayirratti yoo xiinxalan faayidaa ni argatu. Iitaayi, Daawitiif amanamaa ta’uufi mootii Waaqayyo dibee wajjin adeemuuf murteessuunsaa namootasaarratti dhiibbaa geessiseera. Haaluma wal fakkaatuun, murtoon warri mataa maatii ta’an waaqeffannaa dhugaa deggeruuf godhan, maatiisaaniirratti dhiibbaa geessisuufi yeroo muraasaaf rakkina fiduu danda’a. Haata’u malee, Yihowaan ‘nama amanamaa ta’eef, amanamaa akka ta’uu’ mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.—Far. 18:25, NW.

Waraana Daawitiifi Abiishaalom booda, waa’een Iitaayi Caaffata Qulqullaa’oorratti hin ibsamne. Haata’u malee, seenaa gabaabaan waa’ee Iitaayi Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame, yeroo Daawitirra rakkinni ga’ee turetti amala gaarii inni argisiise akka hubannu nu gargaara. Seenaan Iitaayi Macaafa Qulqulluurratti caqasamuunsaa, Yihowaan amanamummaa akkasii akka arguufi namoota akkasii akka eebbisu nu hubachiisa.—Ibr. 6:10.