Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Badiisni Sirna Kanaa Yommuu Ga’u Eessatti Argamuu Qabda?

Badiisni Sirna Kanaa Yommuu Ga’u Eessatti Argamuu Qabda?

Badiisni Sirna Kanaa Yommuu Ga’u Eessatti Argamuu Qabda?

YIHOWAAN Armaagedoonitti sirna hamaa kana yommuu balleessu, qajeelonni maal ta’u? Fakkeenyi 2:21, 22 akkas jechuudhaan deebii kenna: “Warri gara-qajeelonni biyya keessa [“lafarra,” hiika bara 1899] in jiraatu namoonni balleessaa hin qabnes isa keessatti in hafu. Warri jal’oonni garuu biyyicha keessaa in balleeffamu; warri hin amanamnes isa keessaa in buqqifamu.”

Warri balleessaa hin qabne lafarratti kan hafan akkamitti? Bakki isaan itti baqatanii oolan jiraa? Sirni kun yommuu badu qajeelonni eessatti argamuu qabu? Seenaawwan Macaafa Qulqulluu waa’ee tajaajiltoota Yihowaa warra badiisarraa oolanii dubbatan afur, dhimma kanarratti hubannaa dabalataa nuu kennu.

Yommuu Bakki Itti Oolan Barbaachisee Ture

Namoota bara durii kan ta’an Nohiifi Loox akkamitti akka oolan ilaalchisee, 2 Phexros 2:5-7 akkas jedha: “[Waaqayyo] bara biyya lafaa isa kan warra Waaqayyo malee jiraatanii, bishaan irra lolaases, Nohin isa qajeelina lallabu, namoota biraa torbaa wajjin oolche malee, biyya lafaa isa bara durii sana hin qusanne. Inni mandaroota Sodoomii fi Gomoraatti faradee, ibiddaan balleessee daaraa gochuu isaatiin, warra Waaqayyo malee jiraatanitti wanta dhufuuf jiru fakkeenya isaanii irraa akka argan godheera. Looxin nama qajeelaa, isa gad-dhiisatti jiraachuu warra jal’ootaatti yaadaan rakkachaa ture immoo in oolche.”

Nohi Bishaan Badiisaarraa kan oole akkamitti? Waaqayyo Nohiin akkas jedhe: “Yeroon uumamni foon uffate hundinuu fuula koo duraa itti raawwatee dhumu ga’eera; lafti humnaan wal irratti ka’uu isaaniitiin waan guuteef, ani lafa irraa isaan nan balleessa. Ati muka ta’u irraa markaba tolchi.” (Uma. 6:13, 14) Nohi akkuma Yihowaan isa ajajetti markaba tolche. Yihowaan bishaan badiisaa jalqabuusaa guyyaa torba dura Nohi, horiifi maatiisaa hundaa wajjin gara markabaatti akka galu isa ajaje. Guyyaa torbaffaatti balballi duubaan kan itti cufame si’a ta’u, “bokkaanis guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama lafa irratti yandoo buuse.” (Uma. 7:1-4, 11, 12, 16) Nohiifi maatiinsaa, karaa kanaan “bishaan keessaa oolan.” (1 Phe. 3:20) Ooluunsaanii, markabatti galuusaaniirratti kan hundaa’e ture. Markabicha alatti lafaarraa bakki itti ooluu danda’an garabiraan hin jiru.—Uma. 7:19, 20.

Qajeelfamni Looxiif kenname garuu kanarraa hamma tokko adda ture. Ergamoonni lama bakka inni turuu hin qabne itti himan. Ergamoonni lamaan sun Looxiin, “Mandara [Sodoom] kana keessaa kan kee kan ta’an hundumaa iddoo kanaa baasi! Nuyi iddoo kana balleessuuf jenna” jedhan. Inniifi maatiinsaa ‘gara roga tullootaatti baqachuu’ qabu turan.—Uma. 19:12, 13, 17.

Seenaan Nohiifi Loox, ‘Yihowaan, namoota isaaf bulan qorama keessaa akkamitti akka baasu, jal’ootammoo hamma guyyaa firdiitti adabaaf akkamitti akka kaa’u akka beeku’ nuu mirkaneessa. (2 Phe. 2:9) Yeroo lamaanuu namoonni kun badiisarraa ooluuf, bakka isaanitti himametti argamuun murteessaa ture. Nohi markaba keessa galuu, Looximmoo Sodoom keessa ba’uu qaba ture. Haata’u malee, yeroo hunda ooluuf akkas gochuun barbaachisaadha jechuudhaa? Yihowaan, qajeelonni bakka kamiyyuu yoo jiraatan ykn utuu bakka tokkotti isaan geessuu hin barbaachisin isaan oolchuu ni danda’aa? Gaaffii kana deebisuuf, seenaa oolchuun itti raawwatame lama haa ilaallu.

Yeroo Hundaa Iddoon Itti Oolan Barbaachisaadhaa?

Yihowaan bara Museetti dha’icha kurnaffaadhaan Gibxiin balleessuusaa dura, dhiiga horii Ayyaana Faasikaatiif qalan balbalaafi michichila manasaaniitti akka diban Israa’eloota ajajee ture. Maaliif? ‘Yihowaan warra Gibxii dha’uudhaaf yeroo keessa darbutti dhiigicha buusaa balbalaafi michichila lamaanuutti yommuu argu balbalicha irra in darba; inni balleessu sun manneensaaniitti lixee akka dha’u hin godhu.’ Yihowaan halkanuma sana, “Biyya Gibxii keessaa angafa kan ta’e hundumaa, dhala mootichaa isa angafa teessoo isaa dhaaluu jalqabee hamma dhala nama hidhamee mana boollaa keessa jiru isa angafaatti akkasumas angafa horii hundumaa in dha’e.” Angafni Israa’elootaa iddoo kamiyyuu dhaquu utuu isaan hin barbaachisin oolaniiru.—Bau. 12:22, 23, 29.

Fakkeenya Rahaab ejjituu, ishee Mandara Yerikoo jiraachaa turtes haa ilaallu. Israa’eloonni Biyyattii Abdachiifamte qabachuuf yeroon itti jalqaban ga’ee ture. Rahaab Yerikoon akka baddu yommuu hubattu, namoonni magaalattii loltoota Israa’el warra dhihaachaa jiran sodaachuudhaan akka gagaa akka baqan gaaddota Israa’el lamaanitti himte. Achiis kan isaan dhokiste si’a ta’u, yommuu Yerikoon mo’amtuttis isheefi maatiishee hunda oolchuuf akka kakataniif isaan gaafatte. Isaanis maatiishee, manashee isa dallaa magaalattii wajjin wal qabatee jiru keessatti akka walitti qabdu itti himan. Mana sana keessaa ba’uun magaalattii wajjin baduu geessisa. (Iya. 2:8-13, 15, 18, 19) Haata’u malee, yeroo booda Yihowaan ‘masaraan mandarichaa akka jigu’ Iyaasuutti hime. (Iya. 6:5) Kanaaf, iddoon gaaddonni sun badiisarraa ooluuf gargaara jedhanii yaadan, amma balaadhaaf kan saaxilame fakkaata. Rahaabiifi maatiinshee badiisa kanarraa akkamitti ooluu danda’u laata?

Israa’eloonni yommuu Yerikoo qabachuu ga’an, iyyanii fiinoosaanii afuufan. Iyaasuu 6:20⁠ni, “Yeroo fiinoon afuufamee jarri [Israa’eloonni] iyyanitti, masaraan mandarichaa in jige” jedha. Masaraan magaalatti akka hin jigne gochuu kan danda’u hin jiru ture. Haata’u malee, masaraan magaalatti jigaa adeemee qixa mana Rahaab yommuu ga’u haala dinqii ta’een utuu hin jigiin hafeera. Iyaasuun, “Mana dubartii ejjituu sanaa dhaqaatii, akkuma dur kakattaniifitti ishee, warra kan ishee ta’an hundumaas achi baasaa” jedhe gaaddota lamaan ajaje. (Iya. 6:22) Warri mana Rahaab keessa turan hundi ni oolan.

Ooluuf Wanti Barbaachisaa Ta’e Maalidha?

Haala Nohi, Loox, Israa’eloota bara Museetti turaniifi Rahaab badiisa jalaa itti oolaniirraa barumsa akkamii arganna? Seenaan kun yommuu badiisni sirna kanaa ga’u, eessatti argamuu akka qabnu murteessuuf kan nu gargaaru akkamitti?

Dhugaadha, Nohi markaba keessa galuudhaan ooleera. Haata’u malee maaliif achi keessa gale? Amantii waan qabuufi ajajamaa waan ta’eef mitii? Macaafni Qulqulluun, “Nohi akkuma Waaqayyo isa abboometti kana hundumaa hojjetee in raawwate” jedha. (Uma. 6:22; Ibr. 11:7) Nutoo? Wanta Waaqayyo nu ajaje hunda hojjechaa jirraa? Kana malees, Nohi ‘qajeelina lallaba’ ture. (2 Phe. 2:5) Namoonni naannoo tajaajilaa keenyatti argaman erga keenya dhageeffachuu kan hin barbaanne ta’anis, akkuma Nohi hojii lallabaarratti hinaaffaadhaan hirmaachaa jirraa?

Loox Sodoom keessaa baqachuudhaan badiisarraa ooleera. Kana malees, Waaqayyo duratti qajeelaa ta’uusaarrayyuu, amala gadhiisii namoonni Sodoomiifi Gomoraa seeraaf hin ajajamne argisiisanitti baay’ee gaddaa waan tureef badiisa kanarraa ooleera. Amalli gadhiisii yeroo har’aatti bal’inaan mul’atu nuunis nu dhiphisaamoo, yeroo hundaa wanta akkasii waan ilaalluuf homtuu nutti hin dhaga’amu? ‘Warra xuriifi mudaa hin qabne ta’uuf’ wanta dandeenyu hunda gochaa jirraa?—2 Phe. 3:14.

Israa’eloonni Gibxiin turaniifi Rahaab isheen Yerikoo, badiisa kanarraa ooluu kan danda’an manasaanii keessa yoo turan qofadha. Kana gochuun amantaa qabaachuufi ajajamuu gaafata. (Ibr. 11:28, 30, 31) Yommuu “boo’ichi guddaan” mana Gibxootaa hunda keessatti ta’e, maatiin Israa’elootaa ijoolleesanii hangafaarraa ijasaanii utuu hin buqqifatin hangam ilaalaa akka turan mee yaadi. (Bau. 12:30) Kufaatiin masaraa Yerikoo mana Rahaabitti dhihaachaa yommuu dhufu, isheefi maatiinshee sodaadhaan walitti galanii akkamitti taa’aa akka turan yaadi. Ajaja isheedhaa kenname fudhattee mana sana keessaa utuu hin ba’in turuun amantii qabaachuu gaafata ture.

Sirni biyya lafaa inni hamaan Seexanni seerratu dhihootti ni bada. Yihowaan, ‘guyyaa dheekkamsasaa’ isa sodaachisaa sanatti sabasaa kan oolchu akkamitti akka ta’e hamma ammaatti waan beeknu hin qabnu. (Sef. 2:3) Yeroo sanatti iddoon itti argamnuufi haalli keenya maaliyyuu yoo ta’e, ooluun keenya Yihowaatti amanuufi isaaf ajajamuurratti kan hundaa’e ta’uusaa garuu mirknaa’oo ta’uu dandeenya. Hammasitti garuu, wanta raajiin Isaayaas ‘kutaa manaa’ jedhee waameef ilaalcha sirrii qabaachuu qabna.

“Kutaa Mana Keetti Ol Gali”

Isaayaas 26:20, “Yaa saba koo as kottu! Kutaa mana keetti ol gali, balbala kees cufadhu; dheekkamsichi hamma darbutti, iddoo baqaa tolfadhu!” jedha. Raajiin kun, Dh.K.D bara 539 yommuu warri Medooniifi Faares Baabiloniin mo’anitti raawwiisaa isa jalqabaa argachuu hin oolu. Qiiros mootiin Faares yommuu Baabiloniin injifate, loltoonnisaa nama bakkeetti argame hunda akka ajjeesan waan ajajeef, eenyuyyuu manasaa keessaa akka hin baane hin ajajin hin hafu.

Bara keenyatti, “kutaa mana keetti” jedhamee raajiidhaan kan dubbatame, gumiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa 100,000 ol ta’aniifi addunyaa maratti argaman kan argisiisu ta’uu danda’a. Gumiiwwan akkasii jireenya keenya keessatti ga’ee guddaa qabu. Guyyaa “Rakkina guddaa” keessattis ga’ee olaanaa qabaachuusaanii itti fufu. (Mul. 7:14) Sabni Waaqayyoo, “dheekkamsichi hamma darbutti” ‘kutaa manasaaniitti’ akka galan ajajamaniiru. Gumiidhaaf ilaalcha gaarii qabaachuufi walitti dhufeenya cimaa qabaanne itti fufuuf, murtoo gochuun keenya baay’ee barbaachisaadha. Gorsa Phaawulos akkas jechuudhaan kenne qalbeeffachuu qabna: “Jaalala argisiisuudhaaf, waan gaarii hojjechuudhaafis kottaa tuttuqnee yaada walii in kaafnaa! Akka jara tokkotti amala ta’e, nuyi walitti qabamuu keenya hin dhiifnu; guyyaan gooftaa dhi’aachaa akka adeemu in argitu, kanaaf ittuma caalchifnee wal jajjabeessina.”—Ibr. 10:24, 25.

[Fakkii fuula 7rra jiru]

Haala Waaqayyo kanaan dura sabasaa itti oolcherraa maal baranna?

[Fakkii fuula 8rra jiru]

‘Kutaa manaa’ kan jedhame, yeroo keenyatti maal kan argisiisuu ta’uu danda’a?