Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dargaggootaa—guddinni Keessan Akka Argamu Godhaa

Dargaggootaa—guddinni Keessan Akka Argamu Godhaa

Dargaggootaa—guddinni Keessan Akka Argamu Godhaa

“Namoonni hundinuu itti guddachaa adeemuu kee akka arganitti, kennaa kanaan hojjedhu! Ittis of gad dhiisi!”—1 XIM. 4:15.

1. Waaqayyo dargaggoonni maal akka argatan barbaada?

“YAA DARGAGGEESSAA, dargagummaa keetti gammadi! Bara dargagummaa keetti garaan kee haa gammadu.” (Lal. 11:9) Kana kan barreesse Solomoon, Mootii Israa’el durii isa ogeessa turedha. Madda yaada kanaa kan ta’e Yihowaan, dargaggummaa keessanitti qofa utuu hin ta’in, yeroo dulloomtanillee akka gammaddan barbaada. Haata’u malee, yeroo baay’ee dargaggoonni dogoggora gara fuulduraatti gammachuu isaan dhabsiisu raawwatu. Iyoob inni amanamaa turellee, “gatii yakka bara ijoollummaa” isaatiin gaddee ture. (Iyo. 13:26) Kiristiyaanni tokko, umrii dargaggummaafi gara ga’eessummaatti yeroo baay’ee murtoowwan gurguddaa gochuun isa barbaachisa. Murtoo dogoggora ta’e yoo godhe, miirasaarratti godaannisa guddaa uumuufi rakkina jireenyasaa hafe hunda miidhu ofitti fiduu danda’a.—Lal. 11:10.

2. Dargaggoonni, gorsa Macaafa Qulqulluu isa kam hojiirra oolchuudhaan dogoggora cimaa raawwachuurraa fagaachuu danda’u?

2 Haata’u malee, dargaggoonni murtoo sirrii gochuunsaanii barbaachisaadha. Gorsa Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota Qorontosiif, “Yaada keessanitti warra ga’an ta’aa malee, mucoolii hin ta’inaa!” jechuudhaan barreesse ilaalaa. (1 Qor. 14:20) Dargaggoonni, gorsa akka warra ga’eessotaatti akka yaadan kenname hojiirra oolchuunsaanii, dogoggora cimaa hojjechuurraa isaan eega.

3. Ga’eessota ta’uuf maal gochuu dandeessu?

3 Dargaggeessa yoo taate, ga’eessa ta’uun carraaqqii akka gaafatu hin dagatin. Phaawulos Ximotewosiin akkas jedhee ture: “Dubbii afaan keessaa ba’uun, akka jireenyaatiin, jaalalaan, amantiidhaan, of qabuudhaanis amantootaaf fakkeenya ta’i! Namni tokko illees ijoollummaa keetiif si hin tuffatin! . . . Caaffata qulqullaa’aa namootaaf dubbisuutti, gorsuutti, barsiisuuttis of kenni! . . . Namoonni hundinuu itti guddachaa adeemuu kee akka arganitti, kennaa kanaan hojjedhu! Ittis of gad dhiisi!” (1 Xim. 4:12-15) Kiristiyaanonni dargaggoota ta’an, guddachaa adeemuufi guddinnisaanii kun warra kaanitti akka mul’atu gochuu qabu.

Guddina Jechuun Maal Jechuudha?

4. Karaa hafuuraa guddachuun maalfaa dabalata?

4 Guddachuu jechuun, “fooyya’iinsa argisiisuufi gara gaariitti jijjiiramuu” jechuudha. Phaawulos, Ximotewos dubbiidhaan, akkaataa jireenyaatiin, jaalalaan, amantiifi of qabuudhaan, akkasumas karaa tajaajilasaa itti raawwatuun guddina akka argisiisu isa gorsuusaa ture. Akkaataa jireenyasaatiin warra kaaniif fakkeenya ta’uuf carraaqqii gochuu qaba ture. Kanaafuu Ximotewos karaa hafuuraa guddachaa adeemuun isa barbaachiseera.

5, 6. (a) Guddinni Ximotewos argamuu kan jalqabe yoomi? (b) Dargaggoonni, guddina gochuu ilaalchisee fakkeenya Ximotewos hordofuu kan danda’an akkamitti?

5 Yeroo Phaawulos Dh.K.B. bara 61fi 64 gidduutti gorsa kana barreessu, Ximotewos jaarsa muuxannoo qabu ture. Karaa hafuuraa reefuu guddachuu jalqabuusaa hin turre. Dh.K.B. bara 49 ykn 50⁠tti, jechuunis yommuu umriinsaa gara waggaa 20 turetti, Ximotewos “amantoota Lisxiraadhaa fi Iqoniiyum jiran biratti maqaa gaarii qaba ture.” Obboloonni kun karaa hafuuraa guddachuusaa hubatanii turan. (HoE. 16:1-5) Yeroo sana Phaawulos adeemsa misiyoonummaasaarratti Ximotewosiin fudhatee deeme. Phaawulos ji’oota muraasaaf guddina Ximotewos erga argee booda, Kiristiyaanota Tasaloniiqee jiran akka jajjabeessuufi akka cimsuuf gara magaalattiitti isa erge. (1 Tasaloniiqee 3:1-3, 6 dubbisi.) Ximotewos guddinnisaa warra kaanitti akka mul’atu kan godhe, dargaggummaasaatti akka ture hubachuun ni danda’ama.

6 Dargaggoonni gumii keessatti argamtan, jireenya Kiristiyaanummaatiinis ta’e dhugaa Macaafa Qulqulluu barsiisuudhaan, guddinni argisiistan ifatti akka mul’atu, ammumaa amalawwan barbaachisaa ta’an argisiisuuf carraaqaa. Yesus, umrii waggaa 12tii kaasee “ogummaatti in guddata ture.” (Luq. 2:52) Mee karaawwan guddina itti argisiisuu dandeessan sadii haa ilaallu: (1) yeroo rakkinni isinirra ga’u, (2) yeroo gaa’elaaf qophooftan, akkasumas (3) ‘hojjetaa ba’eessa’ ta’uuf yeroo carraaqxan.—1 Xim. 4:6.

‘Yaada Sirrii Qabaachuudhaaan’ Rakkina Danda’aa

7. Haalli rakkisaan dargaggootarratti dhiibbaa akkamii geessisuu danda’a?

7 Shamarreen umrii waggaa 17 Kaaral jedhamtu, “Al tokko tokko, hamman ganama hirribaa ka’uu jibbutti miirrikoo ni jeeqama, qaamniifi sammuunkoos ni dadhaba” jetteetti. * Baay’ee kan dhiphattu maaliif ture? Kaaral intala waggaa kudhanii yeroo turtetti, haatiifi abbaanshee waan wal hiikaniif, haadhashee ishee seera Macaafa Qulqulluu hin eegnee wajjin jiraachuuf dirqamtee turte. Isinis akkuma Kaaral, haalli nama dhiphisu isinirra ga’uunsaa guddina akka hin argisiisne gufuu isinitti ta’uu danda’a.

8. Ximotewos rakkoowwan akkamii qaba ture?

8 Ximotewosis karaa hafuuraa guddachaa yommuu adeemu, haalawwan rakkisaan isa mudatanii turan. Fakkeenyaaf ‘dhukkuba garaa’ ammaa amma isatti ka’u qaba ture. (1 Xim. 5:23, hiika bara 1899) Phaawulos, rakkina namoonni aangoo ergamoota Yesus tuffatan uuman akka sirreessu, Ximotewosiin gara Qorontositti yeroo erge, “sodaa malee” isaan bira akka turu, gumichaaf gorsa kennee ture. (1 Qor. 4:17; 16:10, 11, hiika bara 1899) Ximotewos ija laafessa ykn kan sodaatu ta’uusaa hubachuu dandeenya.

9. Yaada sirrii qabaachuu jechuun maal jechuudha? Ija laafuurraa adda kan ta’ehoo akkamitti?

9 Phaawulos Ximotewosiin gargaaruuf yeroo booda, “Waaqayyo hafuura humnaa, kan jaalalaa fi kan of qabuu [‘yaada sirrii qabaachuu,’ NW] malee, hafuura ija-laafinaa nuuf hin laanne” isaan jedheera. (2 Xim. 1:7) ‘Yaada sirrii qabaachuun,’ akka gaariitti yaaduu danda’uu kan dabalatudha. Haalli tokko akka isin barbaaddan ta’uu baatus keessa darbuu dabalata. Dargaggoonni tokko tokko, waan ija laafaniif, yeroo dheeraadhaaf hirriba rafuu ykn televijiinii ilaaluudhaan, qoricha sammuu hadoochu fudhachuu ykn garmalee dhugaatii alkoolii dhuguudhaan, iddoowwan afeerriin jiru hundaatti argamuudhaan ykn saalqunnamtii seeraan ala ta’e raawwachuudhaan, haalawwan isaan dhiphisanirraa boqonnaa argachuuf yaalu. Nuyi Kiristiyaanonni, “Waaqayyo malee jiraachuu, kajeellaa biyya lafaa isa hamaas gannee, bara kana keessa of qabuutti [“yaada sirrii qabaachuutti,” NW] qajeelinatti, namoota Waaqayyoo taanee akka jiraannuuf” gorfamneerra.—Tit. 2:12.

10, 11. Yaada sirrii qabaachuun, jabina Waaqayyo nuu kennutti amanamuuf kan nu gargaaru akkamitti?

10 Macaafni Qulqulluun, “dhiironni warri gara ijoollee akka of qaban [“yaada sirrii akka qabaatan,” NW]” gorsa. (Tit. 2:6) Gorsa kana yoo hojiirra oolchitan, yeroo rakkinni isinirra ga’u, Yihowaa kadhachuudhaan isatti amanamuu keessan argisiistu. (1 Phexros 4:7 dubbisi.) Akkas taanaan, garaa guutuudhaan ‘humna Waaqayyo isinii kennurratti’ amanamuu dandeessu.—1 Phe. 4:11.

11 Kaaraliin kan gargaare yaada sirrii qabaachuufi kadhannaadha. Akkas jetteetti: “Jireenya addaggummaa haatikoo jiraattu mormuun waan hundumaa caalaa natti ulfaatee ture. Gama kanaan kadhannaan baay’ee na gargaareera. Yihowaan naa wajjin akka jiru waanan beekuuf eenyuuniyyuu hin sodaadhu.” Rakkinni, namoota gaarii akka taatan gochuufi isin jabeessuu akka danda’u yaadadhaa. (Far. 105:17-19; Faru. 3:27) Rakkina akkamiiyyuu yoo qabaattan Waaqayyo yoomiyyuu isin hin gatu. Inni ‘isin gargaara.’—Isa. 41:10.

Gaa’ela Gaarii Godhachuuf Qophaa’uu

12. Kiristiyaanni gaa’ela godhachuu barbaadu tokko, seera bu’uuraa Fakkeenya 20:25⁠rra jiru hojiirra oolchuu kan qabu maaliifi?

12 Dargaggoonni tokko tokko, gaa’elli gammachuu dhabuuf, kophummaadhaaf, nuffiifi rakkoowwan maatii keessatti isaan mudataniif furmaata waan isaanitti fakkaatuuf gaa’elatti ariifatu. Haata’u malee, waadaan gaa’elaa baay’ee ulfaataadha. Namoonni bara durii tokko tokko, dhimmasaarratti gadi fageenyaan utuu hin yaadin, Waaqayyoof wareega wareegu turan. (Fakkeenya 20:25 dubbisi.) Al tokko tokko dargaggoonni wanta gaa’ela booda isaanirraa barbaadamurratti gadi fageenyaan hin yaadan. Booda garuu, hamma isaan yaadan caalaa wanti isaanirraa eegamu akka jiru hubatu.

13. Warri gaa’ela godhachuu barbaadan gaaffiiwwan kamirratti yaaduu qabu? Jarri kun gorsa isaan gargaaru akkamii argachuu danda’u?

13 Kaadhimachuu keessan dura akkas jedhaa of gaafadhaa: ‘Gaa’ela godhachuu kanan barbaade maaliifi? Hiriyaa gaa’elaa koorraa maalan eega? Namni kun nama naaf ta’udhaa? Itti gaafatamummaa narraa eegamu raawwachuuf of qopheesseeraa?’ “Hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” qorannaa gadi fageenya qabu akka gootan isin gargaaruuf, matadureewwan dhimma kanarratti ibsa kennan qopheesseera. * (Mat. 24:45-47) Matadureewwan kana akka gorsa Yihowaatti ilaalaa. Yaada achirraa argattan of eeggannoodhaan gamaaggamaatii hojiirra oolchaa. Matumaa “akka fardaa fi gaangoo warra waa hin hubannee” hin ta’inaa! (Far. 32:8, 9) Itti gaafatamummaa gaa’elli fidu guutummaatti hubadhaa. Nama kaadhimachuuf yaaddan sanaa wajjin yommuu taatan, ‘of qabuudhaan fakkeenya ta’uu’ akka qabdan hin dagatinaa.—1 Xim. 4:12.

14. Karaa hafuuraa guddachuun, gaa’ela keessaniif kan isin gargaaru akkamitti?

14 Karaa hafuuraa guddachuun gaa’ela boodas milkaa’ina argamsiisa. Kiristiyaanni ga’eessa ta’e tokko, ‘guddatee safara guutummaa Kiristos bira hamma ga’utti’ carraaqqii godha. (Efe. 4:11-14) Amala Kiristos qabaachuuf tattaafata. Fakkeenya keenya kan ta’e Kiristos “ofii isaa hin gammachiifne.” (Rom. 15:3) Hiriyoonni gaa’elaa wanta isaanitti tolu qofa utuu hin ta’in, wanta isa kaaniittis tolu kan raawwatan yoo ta’e, jireenyi maatiisaanii nagaafi tasgabbii qabaata. (1 Qor. 10:24) Abbaan manaa fedha ofii aarsaa gochuudhaan jaalala kan argisiisu si’a ta’u, haati manaammoo akkuma Kiristos Yihowaa isa Mataasaa ta’eef bitamu, abbaa manaasheetiif bitamti.—1 Qor. 11:3; Efe. 5:25.

Tajaajilakee “Guutummaatti Raawwadhu!”

15, 16. Guddinni keessan tajaajilarratti akka mul’atu gochuu kan dandeessan akkamitti?

15 Phaawulos hojii barbaachisaa Ximotewosiif kennamerratti xiyyeeffachuudhaan, ‘Waaqayyoofi Kiristos Yesus duratti cimsee sin gorsa. Dubbicha lallabi, qophaa’ii argami!’ jedheenii ture. Akkasumas, “Hojii lallabaan wangeelaa hojjechuun ta’uuf hojjedhu, hojii itti ergamte guutummaatti raawwadhu!” jedheera. (2 Xim. 4:1, 2, 5) Ximotewos hojii kana raawwachuuf, ‘dubbii amantii akka gaariitti soorachuu’ qaba ture.—1 Ximotewos 4:6 dubbisi. *

16 ‘Dubbii amantii akka gaariitti soorachuu’ kan dandeessan akkamitti? Phaawulos, “Caaffata qulqullaa’aa namootaaf dubbisuutti, gorsuutti, barsiisuuttis of kenni! . . . kennaa kanaan hojjedhu! Ittis of gad dhiisi!” jechuudhaan barreesseera. (1 Xim. 4:13, 15) Guddina argisiisuuf, dhimmanii qayyabannaa dhuunfaa gochuun barbaachisaadha. Yaanni “ittis of gad dhiisi” jedhu, hojii tokkoon guutummaatti qabamuu ergaa jedhu dabarsa. Qayyabannaa ilaalchisee barsiifata akkamii qabdu? “Yaada Waaqayyoo isa gad fagoo[tti]” guutummaatti ni qabamtuu? (1 Qor. 2:10) Moo carraaqqii xinnoo gootu? Waan qayyabattanirratti yaaduun keessan hojiidhaaf isin kakaasa.—Fakkeenya 2:1-5 dubbisi.

17, 18. (a) Dandeettiiwwan akkamii qabaachuuf carraaquu qabdu? (b) Amala Ximotewos qabaachuun keessan tajaajilarratti kan isin gargaaru akkamitti?

17 Shamarreen Miisheel jedhamtuufi qajeelchituu taate akkas jetteetti: “Tajaajilarratti bu’aa gaarii argachuuf, qayyabannaa dhuunfaatiif sagantaa gaarii baaseera; walga’iirrattis yeroo hundumaa nan argama. Kanaan kan ka’es yeroo hundumaa karaa hafuuraa guddachaan jira.” Qajeelchaa ta’uun, tajaajilarratti Macaafa Qulqulluu akka gaariitti fayyadamuufi karaa hafuuraa guddachuuf isin gargaara. Dandeettii dubbisuu keessan fooyyessuuf, akkasumas walga’iiwwan gumiirratti yaada gaarii kennuuf carraaqaa. Dargaggeessa guddina argisiisaa jirtu yoo taate, guddinnikee akka mul’atu gochuuf barreeffama haasichi irraa dhihaatu keessaa utuu hin ba’in, kutaawwan Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirratti sii kennaman qophaa’i.

18 ‘Hojii lallabaa wangeelaa hojjechuu’ jechuun, tajaajilakee caalaatti bu’a qabeessa gochuufi warri kaan akka fayyan gargaaruu jechuudha. Kunimmoo, “ogummaa barsiisuu” guddifachuu gaafata. (2 Xim. 4:2, NW) Namoota hojii kanarratti muuxannoo qabanii wajjin tajaajiluudhaan, akkuma Ximotewos Phaawulosirraa barate, mala isaan ittiin barsiisanirraa barachuu dandeessu. (1 Qor. 4:17) Phaawulos, namoota gargaare ilaalchisee yeroo dubbatu, misiraachicha isaanitti himuu qofa utuu hin ta’in, ‘lubbuusaas’ akka isaanii kenne dubbateera. Kana jechuun, baay’ee waan isaan jaallatuuf jireenyasaatti guutummaatti fayyadamee isaan gargaareera jechuudha. (1 Tas. 2:8) Tajaajila keessaniin fakkeenya Phaawulos hordofuuf, amala Ximotewos qabaachuu qabdu. Ximotewos nama warra kaaniif garaadhaa yaaduufi ‘hojii wangeelaa hojjechaa turedha.’ (Filiphisiiyus 2:19-23 dubbisi.) Tajaajilarratti fedhii keessan aarsaa gochuudhaan amala akkasii ni argisiistuu?

Guddinni Gammachuu Dhugaa Argamsiisa

19, 20. Karaa hafuuraa guddachuun gammachuu kan argamsiisu maaliifi?

19 Karaa hafuuraa guddachuun carraaqqii gaafata. Ta’uyyuu, suuta suuta dandeettii barsiisuu guddifachuudhaan yeroo booda karaa hafuuraa ‘namoota baay’ee sooromsuu’ dandeessu; isaanis ‘gammachuufi gonfoo ittiin of jejjan’ isinii ta’u. (2 Qor. 6:10; 1 Tas. 2:19) Tajaajilaa yeroo guutuu kan ta’e Fireed akkas jedheera: “Haala kanaan duraarraa adda ta’een, warra kaan gargaaruuttan yerookoo dabarsa. Dhugumayyuu fudhachuurra kennuutu caalaatti nama gammachiisa.”

20 Shamarreen Daafnee jedhamtuufi qajeelchituu taate, gammachuu karaa hafuuraa guddachuudhaan argatte ilaalchisee akkas jetteetti: “Waa’ee Yihowaa caalaatti beekuu kootiin baay’ee isatti dhihaadheera. Hamma dandeessan Yihowaa yoo gammachiistan, miira gaariitu isinitti dhaga’ama, baay’ees ni gammaddu!” Guddinni hafuuraa yeroo hundumaa namoota kaanitti mul’achuu baatullee, Yihowaan garuu ni arga; bakka guddaas ni kennaaf. (Ibr. 4:13) Kiristiyaanonni dargaggoota taatan, Abbaa keenya isa samiitiif ulfinaafi galata fiduu akka dandeessan homaa hin shakkisiisu. Guddina dhugaa argisiisuudhaan, garaa Yihowaa ciibsuu keessan itti fufaa.—Fak. 27:11.

[Miiljaleewwan]

^ key. 7 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

^ key. 13 “Namni Kun Nama Anaaf Ta’udhaa?” kitaaba Gaaffiiwwan Dargaggootaafi Deebiiwwan Hojiirra Ooluu Danda’an, Jildii 2, (Ingiliffa); “Qajeelfama Waaqayyoo Isa Hiriyaa Gaa’elaa Filachuuf Gargaaru,” Masaraa Eegumsaa Caamsaa 15, 2001, (Amaariffa); akkasumas “Umrii Waggoota Kurnanii Keessatti Gaa’ela Godhachuun Sirriidhaa?” Dammaqaa! Fulbaana 22, 1983. (Ingiliffa)

^ key. 15 Ximotewos Isa Duraa 4:6, (NW): “Gorsawwan kana obbolootaaf kennuudhaan, hojjetaa Kiristos Yesus isa gaarii dubbiiwwan amantii, akkasumas barumsa ba’eessa isaa cimsitee hordofte akka gaariitti soorattu taata.”

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 15rra jiru]

Kadhannaan rakkina danda’uuf isin gargaara

[Fakkii fuula 16rra jiru]

Babal’istoonni dargaggoota ta’an, mala barsiisuu bu’a qabeessa ta’e barachuu kan danda’an akkamitti?

Maal Baratte?

• Karaa hafuuraa guddachuun maal dabalata?

• Yeroo rakkinni sirra ga’u,

yeroo gaa’elaaf qophooftu,

tajaajilarratti,

guddinnikee akka mul’atu gochuu kan dandeessu akkamitti?