Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Yesus guutummaa biyya Israa’el keessatti lallabee ture. Haata’u malee, Phexros ergamaan, sabni Yihudaafi geggeessitoonnisaanii “utuu hin hubatin” Yesusiin ajjeesuusaanii kan dubbate maaliifi?—HoE. 3:17.

Phexros ergamaan Yihudoonni Yesusiin ajjeesuurratti hirmaachuusaanii yeroo ibsu, “Isin warri isin geggeessanis, waan gootan hundumaa utuu hin hubatin akka gootan, anuu beeka” jedheera. (HoE. 3:14-17) Yihudoonni tokko tokko Yesus masiihii ta’uusaa ykn barumsasaa utuu hin hubatin kan hafan ta’uu danda’u. Kaanimmoo utuu hin hubatin kan hafan, Waaqayyoon gammachiisuuf fedhii dhabuu, halaalatti jibbuu, hinaaffaafi diinummaa waan qabaniif ta’uu danda’a.

Waaqayyoon gammachiisuuf fedhii dhabuun, ilaalcha namoota barumsa Yesus dhaga’aniirratti dhiibbaa akkamii akka geessise haa ilaallu. Yesus yeroo baay’ee fakkeenyaan kan barsiise si’a ta’u, warra caalaatti barachuuf fedhii qabaniif ibsa dabalataa kenna ture. Haata’u malee, namoota isa dhaggeeffatan keessaa tokko tokko fakkeenya inni dubbate dhaga’anii deeman malee, hubachuuf carraaqqii tokkollee hin goone. Yeroo tokko bartoonni Yesusillee fakkeenya inni itti fayyadametti mufatanii turan. (Yoh. 6:52-66) Namoonni kun, fakkeenyonni Yesus dubbate ilaalchaafi gochasaanii jijjiiruuf qophaa’oo ta’uufi dhiisuusaanii kan qoran akka ta’an utuu hin hubatin hafaniiru. (Isa. 6:9, 10; 44:18; Mat. 13:10-15) Akkasumas, raajii Masiihiin fakkeenyaan akka barsiisu dubbatame hin hubanne.—Far. 78:2.

Warri kaanimmoo halaalatti waan isa jibbaniif barumsa Yesus hin fudhatin hafaniiru. Mana sagadaa mandara dhalootaasaa Naazireetitti yommuu barsiisetti namoonni “raajeffatanii” turan. Ta’us, Yesusiin akka Masiihiitti simachuu mannaa, waa’ee eenyummaasaa ilaalchisee akkas jedhanii gaafatan: “Wanti kun hundinuu eessaa dhufeef? . . . Kun muka soofticha ilma Maariyaam, obboleessa Yaaqoob, Yosees, Yihudaa fi Simoon mitii? Obboleettonni isaas as nu bira jiru mitii?” (Mar. 6:1-3) Yesus maatii bakka guddaan hin kennamneef keessatti dhalachuunsaa, barumsisaa namoota Naazireet biratti gatii akka dhabu godheera.

Geggeessitoonni amantiihoo utuu hin hubatin kan hafan maaliifi? Baay’eesaanii sababiidhuma wal fakkaatuun Yesusiif xiyyeeffannaa utuu hin kennin hafaniiru. (Yoh. 7:47-52) Namoonni Yesusiif xiyyeeffannaa kennuunsaaniis akka hinaafan waan isaan godheef, barumsasaa utuu hin fudhatin hafaniiru. (Mar. 15:10) Namoonni beekamoon hedduunis, of hin argineefi kan nama gowwoomsan ta’uusaanii waan saaxileef akka isa jibban homaa hin shakkisiisu. (Mat. 23:13-36) Yesus beekaa utuu hin hubatin hafuusaanii ifatti yeroo balaaleffatu akkas jedheera, “Barsiisota seeraa nana isiniif wayyoo, banaa balbala beekumsaa namoota duraa fuutaniittu; ofii keessanii banattanii [Mootummichatti] ol hin galle, warra ol galuu barbaadan immoo akka hin galleef dhowwitaniittu.”—Luq. 11:37-52.

Yesus waggaa sadiifi walakkaadhaaf biyyicha keessatti misiraachoo lallabeera. Namoonni hedduun kaanis hojii kanarratti akka hirmaatan leenjiseera. (Luq. 9:1, 2; 10:1, 16, 17) Yesusiifi bartoonnisaa bu’a qabeeyyii waan turaniif, Fariisonni “biyyi lafaa isa duukaa bu’eera” jechuudhaan komiisaanii ibsaniiru. (Yoh. 12:19) Kanaaf, Yihudoonni hedduun waan beekan hin qaban jechuu miti. Garuu, Yesus Masiihii ta’uusaa hin hubatin hafaniiru. Beekumsaafi jaalala Masiihichaaf qaban caalaatti guddifachuu kan danda’an ta’anis, kana utuu hin godhin hafaniiru. Warri tokko tokko Yesusiin ajjeesuurrattillee walii galanii turan. Kanaan kan ka’es, Phexros ergamaan baay’eesaanii akkas jedhee gorseera: “Egaa yaada garaa keessanii geddaradhaa, inni cubbuu keessan akka isiniif haxaa’utti gara Waaqayyootti deebi’aa. Waaqayyo yeroo itti hafuurri keessan haareffamu akka isiniif fiduuf, Yesus Masiihicha, isa duraan dursee isiniif qopheessee tures, akka isiniif erguuf deebi’aa!” (HoE. 3:19, 20) ‘Luboota baay’ee’ dabalatee, Yihudoonni kumaan lakkaa’aman Masiihichaaf xiyyeeffannaa kennuu jalqabuunsaanii kan nama ajaa’ibsiisudha. Isa booda hubannaa malee deddeebi’uusaanii dhiisaniiru. Kanaa mannaa, yaada garaasaanii geddarachuudhaan surraa Yihowaa argataniiru.—HoE. 2:41; 4:4; 5:14; 6:7.