Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Warra Kaaniif Hojii Kennuun Kan Barbaachisu Maaliifi? Kan Danda’amuhoo Akkamitti?

Warra Kaaniif Hojii Kennuun Kan Barbaachisu Maaliifi? Kan Danda’amuhoo Akkamitti?

Warra Kaaniif Hojii Kennuun Kan Barbaachisu Maaliifi? Kan Danda’amuhoo Akkamitti?

WARRA KAANIIF hojii kennuun, Lafti uumamuushee dura kan jalqabamedha. Yihowaan tokkicha Ilmasaa erga uumee booda, “hojjetaa isa angafa” godhee itti fayyadamuudhaan uumama cufa uume. (Fak. 8:22, 23, 30, NW; Yoh. 1:3) Waaqayyo Addaamiifi Hewwaaniin erga uumee booda, ‘lafa akka guutaniifi isas harka jala akka galfatan’ itti hime. (Uma. 1:28) Uumaan keenya, namoonni Jannata Eeden guutummaa lafaarratti akka babal’isan hojii isaanii kennee ture. Eeyyee, durumaa kaasee Yihowaafi tajaajiltoonnisaa warra kaaniif hojii kennuudhaan beekamu.

Warra kaaniif hojii kennuun maalfaa dabalata? Jaarsoliin, hojiiwwan gumii tokko tokko warra kaaniif kennuu kan qaban maaliifi? Kana gochuu kan danda’anoo akkamitti?

Warra Kaaniif Hojii Kennuu Jechuun Maal Jechuudha?

“Hojii kennuu” jechuun, nama kaanitti adaraa kennachuu, bakka bu’aa godhachuu, itti gaafatamummaa ykn aangoo kennuu jechuudha. Kanaaf, warra kaaniif hojii kennuun, hojii tokkorratti isaan hirmaachisuu gaafata. Kunimmoo warra kaaniif aangoo kennuuf karaa bana.

Namoonni gumii Kiristiyaanaa keessatti hojiin tokko kennameef, hojiisaanii raawwachuu, adeemsa hojichaa gabaasuufi yeroo baay’eemmoo obboleessa itti gaafatamummaa sana isaanii kenne mari’achiisuun isaanirraa eegama. Ta’us, itti gaafatamummaa guddaan kan jiru, obboleessa hojicha isaanii kennerradha. Haala hojichi irra jiru hordofuufi yeroo barbaachisutti gorsa kennuu qaba. Namoonni tokko tokko garuu, ‘Hojii kana atumti hojjechuu utuu dandeessuu warra kaaniif kan kennitu maaliifi?’ jedhanii gaafatu ta’a.

Hojii Kennuun Kan Barbaachisu Maaliifi?

Yihowaan tokkicha Ilmasaa erga uumee booda, wantoota hafan hunda uumuurratti akka hirmaatu gochuusaa hubadhaa. Eeyyee, “Wanti waaqa keessa jiruu fi wanti lafa irra jiru hundinuu, wanti ijaan argamuu fi wanti ijaan hin argamne, . . . isaan uumaman.” (Qol. 1:16) Uumaan keenya, waan hundumaa qofaasaa hojjechuu ni danda’a ture. Ta’uyyuu, Ilmisaa hojii gaarii hojjechuudhaan gammachuu akka argatu waan barbaadeef, hojii kanarratti akka hirmaatu godhe. (Fak. 8:31) Kunimmoo, Yesus waa’ee amalawwan Abbaasaa caalaatti akka baru isa gargaareera. Yihowaanimmoo tokkicha Ilmasaa leenjisuuf carraa kanatti fayyadameera.

Yesus Kiristosis, yeroo lafarra turetti warra kaaniif itti gaafatamummaa kennuudhaan fakkeenya Abbaasaa hordofeera. Suuta suutaan bartootasaa leenjiseera. Jalqaba ergamootasaa 12, achiis bartootasaa 70 of dura erguudhaan, hojii lallabaarratti dura buutota isaan godheera. (Luq. 9:1-6; 10:1-7) Yeroo boodammoo Yesus, bakka isaan dhaqan sana dhaqee, namoota lallabameef sana gargaaruu danda’eera. Yeroo samiitti ol ba’us, bartoota leenjise sanaaf hojii lallabaa addunyaa maraa dabalatee, itti gaafatamummaa guddaa kenneera.—Mat. 24:45-47; HoE. 1:8.

Warra kaaniif hojii kennuufi isaan leenjisuun, gumii Kiristiyaanaa keessatti waan baramedha. Phaawulos ergamaan Ximotewosiin, wantoota kana “namoota amanamoo warra kaan barsiisuufis ta’anitti hadaraa kenni!” jedhee ture. (2 Xim. 2:2) Eeyyee, obboloonni muuxannoo qabna, obboloota yeroo booda warra kaan leenjisuu danda’an leenjisu.

Jaarsi gumii tokko, hojiisaa tokko tokko warra kaaniif kennuudhaan, namoonni kaanis gammachuu barsiisuufi dhaqanii obboloota jajjabeessuudhaan argamu akka argatan gochuu danda’a. Jaarsoliin, dandeettiinsaanii murtaa’aa ta’uusaa hubachuunsaanii, jaarsolii kaaniifis gumii keessatti itti gaafatamummaa kennuuf isaan kakaasa. Macaafni Qulqulluun, “Yommuu gad of deebisan ogummaatu dhufa” jedha. (Fak. 11:2) Gad of deebisuun, humna ofii beekuus ni dabalata. Waan hundumaa ofii keessaniin hojjechuuf kan yaaltan yoo ta’e, baay’ee dadhabuufi yeroo maatii keessanii wajjin dabarsitan dhabuu dandeessu. Kanaaf, itti gaafatamummaa ilaalchisee ba’aa qabdan warra kaaniif hiruun keessan barbaachisaadha. Fakkeenyaaf, obboleessi qindeessaa qaama jaarsolii ta’e, jaarsoliin kaan herreega gumichaa akka qoran gaafachuu danda’a. Jaarsoliin sunis, galmee kana ilaaluudhaan haala herreega gumichaa beekuu danda’u.

Warra kaaniif hojii kennuun dandeettii barbaachisaa ta’eefi muuxannoo kan isaanii argamsiisu ta’uusaarrayyuu, obboleessi hojii isaanii kenne sun, dandeettii namoota sanaa hubachuu akka danda’u carraa banaaf. Kanaafuu, jaarsoliin gumii keessatti warra kaaniif hojii tokko tokko kennuudhaan, obboloota tajaajiltoota gumii ta’uuf ga’eessota ta’an ‘ilaaluu’ danda’u.—1 Xim. 3:10.

Kana malees, jaarsoliin warra kaaniif hojii kennuudhaan amantaa isaanirratti qaban argisiisu. Phaawulos, tajaajila misiyoonummaarratti Ximotewosii wajjin hojjechuudhaan isa leenjiseera. Kunimmoo, isaan gidduutti walitti dhufeenyi cimaan akka uumamu godhee ture. Phaawulos Ximotewosiin, “isa dhuguma amantiidhaan ilma koo ta’e” jechuu danda’eera. (1 Xim. 1:2) Yihowaafi Yesusis wantoota kaan hunda uumuurratti waan waliin hojjetaniif, walitti dhufeenyi cimaan gidduusaaniitti uumameera. Jaarsoliinis obboloota kaaniif hojii kennuudhaan, walitti dhufeenya isaanii wajjin qaban cimsuu danda’u.

Obboloonni Tokko Tokko Warra Kaaniif Hojii Kennuurraa Kan Of Qusatan Maaliifi?

Jaarsoliin tokko tokko hojii kennuun faayidaa akka qabu beekaniyyuu, tarii aangoosaanii akka jalaa hir’isu waan itti dhaga’amuuf kana gochuurraa duubatti jedhu ta’a. Waan hundumaa to’achuu akka qaban isaanitti dhaga’ama ta’a. Haata’u malee, Yesus samiitti deebi’uusaa dura bartoonnisaa wanta inni raawwate caalaa hojjechuu akka danda’an beekuudhaan, hojii guddaa isaanii kennuusaa yaadadhaa!—Mat. 28:19, 20; Yoh. 14:12.

Jaarsoliin kaanimmoo, kanaan dura warra kaaniif hojii kennanii bu’aa quubsaa hin arganne ta’a. Kanaaf, hojicha ofiisaaniitii yoo hojjetan qulqullinaafi saffisaan hojjechuu akka danda’an itti dhaga’amuu danda’a. Haata’u malee, fakkeenya Phaawulos ilaalaa. Warra kaaniif hojii kennuun faayidaa akka qabu beekus, namoonni inni leenjisu sun yeroo hunda akka inni eegetti akka hin hojjenne beeka ture. Phaawulos adeemsa misiyoonummaasaa jalqabaarratti, Maarqos isa dargaggeessaafi hidhatasaa ture leenjiseera. Phaawulos, Maarqos hojiisaa dhiisee gara manasaatti waan deebi’eef baay’ee aaree ture. (HoE. 13:13; 15:37, 38) Kun ta’uunsaa garuu, Phaawulos warra kaan leenjisuu akka dhiisu isa hin goone. Akkuma olitti ibsame, Kiristiyaana dargaggeessa kan ta’e Ximotewos isaa wajjin akka deemu isa afeereera. Ximotewos itti gaafatamummaa guddaa fudhachuuf ga’eessa yeroo ta’etti, ilaaltota olaanaafi tajaajiltoota gumii akka muudu Phaawulos aangoo guddaa isaa kennuudhaan Efesoonitti isa dhiise.—1 Xim. 1:3; 3:1-10, 12, 13; 5:22.

Haaluma wal fakkaatuun yeroo har’aas, jaarsoliin obboleessi tokko akka gaariitti hojjechuu waan dadhabeef abdii kutatanii, obboloota leenjisuu dhiisuu hin qaban. Obboloota kaan amanuufi leenjisuun sirrii ta’uusaarrayyuu baay’ee barbaachisaadha. Haata’u malee, jaarsoliin warra kaaniif hojii ennaa kennan wantoota akkamii tilmaama keessa galchuu qabu?

Warra Kaaniif Hojii Kennuun Kan Danda’amu Akkamitti?

Yommuu itti gaafatamummaa namaa kennuuf yaaddan, dandeettii obboleessa sanaa tilmaama keessa galchaa. Yerusaalemitti obbolootaaf nyaata hiruun yeroo barbaachisee turetti, ergamoonni Yesus “warra maqaa gaarii qaban, warra hafuurri qulqulluunii fi ogummaan keessa guute” torba filataniiru. (HoE. 6:3) Nama itti hin amanamne tokkoof hojii guddaa yoo laattan, hojii sana raawwachuu hin danda’u ta’a. Kanaaf, dura hojiiwwan xixinnoo kennaafii. Hojii kanarratti amanamaa ta’uusaa yoo argisiise, itti gaafatamummaa garabiraas raawwachuu ni danda’a ta’a.

Wanti tilmaama keessa galuu qabu garabiraanis jira. Amalliifi dandeettiin, akkasumas muuxannoon namoonni qaban addaddadha. Obboleessi salphaatti namatti dhihaatuufi gammachuudhaan nama simatu tokko, keessummeessaa ta’uu danda’a; obboleessi hojii tokko of eeggannoofi tooftaadhaan hojjetummoo, barreessaa gumichaatiif gargaartuu ta’ee yoo hojjete faayidaa guddaa kennuu danda’a. Obboleettiin ogummaa waa bareechuu qabdu tokkommoo, guyyaa Ayyaana Yaadannootiif abaaboo akka qopheessitu gochuun ni danda’ama.

Nama tokkoof itti gaafatamummaa yommuu kennitan, wanta isarraa eegamu ifatti itti himaa. Yohannis Cuuphaan ergamootasaa gara Yesusitti erguusaa dura, waan beekuu barbaaduufi gaaffii Yesusiin gaafachuu qaban ifa godhee itti himeera. (Luq. 7:18-20) Karaa garabiraammoo, Yesus haala dinqisiisaa ta’een namoota erga nyaachisee booda, nyaata hafe akka kaasan bartootasaa yeroo ajaje, maal gochuu akka qaban tokko tokkoon isaanitti hin himne. (Yoh. 6:12, 13) Kun caalaansaa, haala hojichaafi dandeettii nama hojiin kennamuuf sanaarratti kan hundaa’edha. Obboleessi hojii kennes ta’e hojiin kennameef, bu’aa hojicharraa eegamuufi adeemsa hojichaa ilaalchisee yeroo hammamiitti gabaasni dhihaachuu akka qabu beekuu qabu. Lamaansaaniiyyuu, hojichi obboleessa itti kenname sanaaf kan dhiifamu hangam akka ta’e beekuu qabu. Hojichi guyyaa murtaa’etti xumuramuu kan qabu yoo ta’e, guyyaa kanatti dhumuu qaba jedhanii murteessuu mannaa, utuu irratti mari’atanii walii galanii, namni sun guyyaa jedhametti xumuruuf ni kaka’a.

Namni hojiin kennameef, akka barbaachisummaasaatti qarshiin, meeshaafi gargaarsi isaa kennamuu qaba. Qophii kana warri kaan akka beekan gochuun barbaachisaadha. Yesus “banaa mootummaa waaqaa” Phexrosiif kan kenne, bartoota kaan duratti ture. (Mat. 16:13-19) Haaluma wal fakkaatuun, hojii tokko kan hojjetu eenyu akka ta’e gumiitti beeksisuun yeroo tokko tokko gaarii ta’uu danda’a.

Warra kaaniif hojii yeroo kennitan of eeggannoo gochuun barbaachisaadha. Hojii nama tokkoof laattan ammas to’achuuf yaaltu taanaan, nama sanaan “Matumaa si hin amanu” jechaa akka jirtanitti lakkaa’ama. Yeroo tokko tokko bu’aansaa akka isin eegdan ta’uu dhiisuu danda’a. Ta’us, obboleessa itti gaafatamummaa kennitaniif sanaaf hojii tokko amantanii yoo dhiistan, innis ofitti amanannaafi muuxannoo argachuu danda’a. Kana jechuun garuu, akkaataan inni hojicha itti hojjetu isin hin yaaddessu jechuu miti. Yihowaan, Ilmisaa hojii uumamaarratti ga’ee akka qabaatu godhus, Innis hojicharratti ni hirmaata ture. Ilmasaa isa hojjetaa angafa tureen, “Akka bifa keenyaatti, . . . nama in umnaa!” jedhee ture. (Uma. 1:26) Kanaafuu, dubbiifi gochaan hojicha deggeraa; carraaqqii namni sun godhuufis isa galateeffadhaa. Yeroo gabaabaadhaaf bu’aa argamerratti mari’achuun keessan isa gargaaruu danda’a. Hojichi akka gaariitti hojjetamaa hin jiru taanaan, gorsa kennuu ykn gargaarsa gochuurraa duubatti hin jedhinaa. Hojicha kan kenne si waan ta’eef, dhumarratti akka itti gaafatamtu hin dagatin.—Luq. 12:48.

Obboloonni baay’een jaarsoliin xiyyeeffannaa isaaniif kennuudhaan gumii keessatti hojii tokko tokko waan isaanii kennaniif faayidaa argataniiru. Dhugumayyuu, jaarsoliin hundi akkuma Yihowaa warra kaaniif hojii kennuu kan qaban maaliifi akkamitti akka ta’e beekuu qabu.

[Saanduqa fuula 29rra jiru]

WARRA KAANIIF HOJII KENNUUN

• warri kaanis hojii tokko raawwachuudhaan gammachuu akka argatan godha

• hojii baay’ee raawwachuuf nama dandeessisa

• karaa ogummaafi gad of deebisuu itti argisiisanidha

• karaa warra kaan itti leenjisanidha

• karaa warra kaan akka amanan itti argisiisanidha

[Fakkii fuula 30rra jiru]

WARRA KAANIIF HOJII KENNUUN KAN DANDA’AMU AKKAMITTI?

• Namoota hojichaaf ta’an filadhaa

• Ifatti waliin mari’adhaa

• Wanta hojjetamuu qabu ifa godhaa

• Wantoota barbaachisan dhiheessaa

• Waa’ee hojichaa yaadaa, nama hojii kennitaniif sanas akka amantan argisiisaa

• Dhumarratti itti gaafatamummaasaa fudhachuuf of qopheessaa

[Fakkii fuula 31rra jiru]

Warra kaaniif hojii kennuun, hojii tokkorratti isaan hirmaachisuufi adeemsa hojichaa hordofuu dabalata