Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaaf Maalan Deebisuu Danda’a?

Yihowaaf Maalan Deebisuu Danda’a?

Yihowaaf Maalan Deebisuu Danda’a?

Ruut Daaneen Akka Dubbattetti

Harmeenkoo bara 1933 isa wantoonni rakkisaa ta’an itti raawwataman ilaalchisee, Hiitlar gara abootti dhufe, phaaphaasonni Waggaa Qulqulluu jedhanii labsan, atimmoo yeroo kanatti dhalatte jettee akka qoosaatti dubbachuu jaallatti turte.

WARRIKOO magaalaa Yutis, bulchiinsa Faransaayi ishee Looreen jedhamtu keessa jiraachaa kan turan si’a ta’u, Looreen, bulchiinsa Faransaayi ishee seena qabeettii daangaa Jarmanitti dhihoo jirtudha. Haatikoo isheen amantii Kaatolikii ciminaan hordoftuufi abbaankoo inni amantii Pirootestaantii hordofu bara 1921⁠tti gaa’ela dhaabbatan. Bara 1922⁠tti Heelan obboleettiinkoo isheen angafni kan dhalatte si’a ta’u, warrikoo mucummaasheetti Waldaa Kaatolikiitti ishee cuuphsisan.

Bara 1925 gaaf tokko abbaankoo kitaaba Za Harpi oov Good jedhamuufi afaan Jarmaniitiin qophaa’ee argate. Kitaaba kana dubbisuunsaa dhugaa akka argate akka isatti dhaga’amu godheera. Achiis, qopheessitoota kitaabichaatiif xalayaa kan barreesse si’a ta’u, isaanis Dhugaa Baatota Yihowaa Jarman keessa jiraniifi maqaa Biibelfoorshar jedhamuun beekamanii wajjin akka wal argu godhan. Abbaankoo yeruma sana wantoota barate warra kaanitti lallabuu jalqabe. Harmeenkoo garuu gochasaa kanatti hin gammanne. Afaan Jarman isa gurra namaatti toluun, “Wanta barbaadde gochuu dandeessa, garuu warra Biibelfoorshar jedhaman sanaa bira akka hin geenye!” ittiin jette. Abbayyeen garuu, daandii jalqaberra adeemuu waan murteesseef, bara 1927⁠tti cuuphamee Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko ta’e.

Kanaan kan ka’es, Harmeenkoo abbaakoo akka hiiktu haati haadhakoo dhiibbaa isheerratti gochuu jalqabde. Gaaf tokko lubni amantii Kaatolikii waldaa keessatti yommuu barsiisu, “Daanee isa raajii sobduu ta’erraa of eeggadhaa!” jedhee miseensota waldichaa akeekkachiise. Gaafas akkoonkoo mana sagadaatii yommuu deebitu gamoo mana keenyaarra dhaabattee okkotee ilillii Abbayyeetti gad itti gadhiiste. Okkoteen cimaan itti darbatte kun hamma xinnoodhaaf mataasaa dhabee gatiittiisaa rukute. Haalli kunis, Haatikoo, ‘Amantiin namoonni warra kaan akka ajjeesan jajjabeessu gaarii ta’uu hin danda’u’ jettee akka yaaddu ishee godhe. Kanaaf, barreeffamoota Dhugaa Baatota Yihowaa dubbisuu jalqabde. Dhugaa argachuushee amanuuf yeroo dheeraa kan itti hin fudhanne si’a ta’u, bara 1929⁠ttis ni cuuphamte.

Warrikoo Yihowaan anaaf obboleettiikootiif akka nuu dhugoomu gochuuf waan danda’an hundaa godhaniiru. Seenaawwan Macaafa Qulqulluu erga nuu dubbisanii booda, sababii namoonni seenicha keessatti ibsaman tarkaanfii sana itti fudhatan nu gaafatu turan. Yeroo sanatti, murtoon Abbayyee godhe maatii keenya galii hedduu kan dhabsiisu ta’ullee, halkan ykn dabaree halkanii hojjechuu dhaabeera. Kana kan godhe, walga’iiwwan gumiirratti argamuuf, tajaajilaafi ijoolleesaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf yeroo isa dandeessisu argachuu waan barbaaduufidha.

Yeroo Rakkisaan Dhihaachaa Dhufe

Warrikoo, yeroo hundaa daawwattoota olaanaa, miseensota maatii Bet’el Siwiizarlaandiifi Faransaayii dhufan keessumsiisu turan. Isaanis, obboloonni Jarmanitti argamaniifi kiilomeetira xinnoo nurraa fagaatanii jiran rakkoo akkamii keessa akka jiran nutti himu turan. Bulchiinsi warra Naazii Dhugaa Baatota Yihowaa gara mana hidhaatti kan ergu si’a ta’u, ijoollees warrasaanii warra Dhugaa Baatota ta’anirraa adda baasee fudhata ture.

Aniifi Heelan haala rakkisaa nu eeggatuuf qophoofnee turre. Warri keenya, caqasawwan Macaafa Qulqulluu akka qajeelfamaatti nu gargaaran sammuutti akka qabannu godhaniiru. Akkasfaa nuun jedhu turan: “Maal gochuu akka qabdan yoo wallaaltan Fakkeenya 3:5, 6⁠rratti yaadaa. Qorumsi mana barumsaatti isinirra ga’u yoo isin sodaachise, 1 Qorontos 10:13 yaadadhaa. Yoo nurraa adda baatan Fakkeenya 18:10, yaadadhaa.” Anis Faarfannaa boqonnaa 23fi 91 sammuutti qabachuu kanan danda’e si’a ta’u, kunis Yihowaan yeroo hundumaa akka na eegu amanuuf na gargaareera.

Bara 1940, Mootummaan warra Naazii Aalsaas Looreeyin kutaa Jarman akka taatu godhe. Kanaan kan ka’es, bulchiinsi haaraan kun namoonni ga’eessota ta’an hundi miseensa paartii Naazii akka ta’an dirqisiisuu jalqabe. Abbaankoo kana gochuu waan dideef poolisoonni Jarman warri Geestaappoo jedhaman si hiina jedhanii isa doorsisu turan. Haarmeenkoos uffata loltootaa hodhuu waan diddeef ishee doorsisuu jalqaban.

Anaanis haalli mana barumsaatti na mudate baay’ee rakkisaa ture. Guyyaa hundaa barumsa jalqabuu keenya dura, Hiitlariif kadhannaa gochuu, “Haayil Hiitlar, [Hiitlar Fayyisaadha]” jechuudhaan nagaa gaafachuufi harka mirgaa diriirsuudhaan faaruu biyyaa faarfachuun dirqamadha. Warrikoo Haayil Hiitlar akkan hin jenne natti himuu mannaa, yaada garaakoo akkan leenjisu na gargaaraniiru. Kanaaf, Haayil Hiitlar jechuu diduu ofumakootiin murteesse. Kanaan kan ka’es, barsiisonni na kakkabaluusaaniirrayyuu, mana barumsaatii ari’amta jedhanii na doorsisu turan. Yeroon mucaa waggaa torba turetti, barsiisota mana barumsichaa 12an dura na dhaabuudhaan, “Haayil Hiitlar” akkan jedhu na dirqisiisuu yaalaniiru. Ta’us gargaarsa Yihowaatiin jabaadhee dhaabachuu danda’eera.

Barsiistuun tokko malaan yaadakoo na jijjiirsisuuf yaaltee turte. Barattuu cimtuu akkan ta’e, baay’ee akka na jaallattuufi mana barumsaatii yoon ari’ame akka ishee gaddisiisu natti himte. Achiis akkas nan jette: “Harkakee guutummaatti diriirsuu si hin barbaachisu. Xinnuma harkakee akka ol kaasuu gochuun ga’aadha. ‘Haayil Hiitlar’ jechuun si hin barbaachisu! Hidhiikee qofa sosochoosiitii waan dubbachaa jirtu fakkeessi.”

Barsiistuunkoo maal akka na gorsaa jirtu yeroon harmeekootti himu, seenaa Macaafa Qulqulluu waa’ee dargaggoota Ibrootaa sadan, bifa fakkeenyaa mootiin Baabilon dhaabeef akka sagadan gaafatamanii turanii na yaadachiiste. “Maal gochuutu isaanirraa eegama ture?” jettee na gaafatte. “Sagaduu,” jedheen deebiseef. Isheenis, “Sa’aatii bifa fakkeenyaa sanaaf akka sagadan isaanirraa eegamutti kopheesaanii hidhachuuf utuu gugguufanii sirrii ta’aa? Atumti murteessiitii wanta sirrii sitti fakkaate godhi” naan jette. Anis akkuma Shaadraak, Meshaakiifi Abed-Neegoo, Yihowaaf qofa amanamuufan murteesse.—Dan. 3:1, 13-18.

Barsiisonni yeroo hedduu mana barumsaatii kan na ari’an ta’uusaanirrayyuu, maatiikeerraa adda si baasna jedhanii na doorsisu turan. Kun baay’ee na dhiphisus, warrikoo na jajjabeessuusaanii itti fufaniiru. Mana barumsaa yommuun dhaquuf jedhu, haatikoo anaa wajjin kadhannaa gochuudhaan Yihowaan akka na eegu gaafatti turte. Yihowaan, jabina dhugaa cina dhaabachuuf na dandeessisu akka naa kennu hubadheen ture. (2 Qor. 4:7) Abbayyeenis dhiibbaan mana barumsaatti narra ga’uu garmalee yoo natti cime gara manaatti deebi’uu akkan hin sodaanne natti hima ture. “Nuti si jaallanna. Ati yoomiyyuu mucaa keenyadha. Dhimmi kun wanta siif Yihowaa gidduu jirudha” naan jedha ture. Jechoonni nama jajjabeessan kun murtoon amanamummaakoo eegee jiraachuuf godhe caalaatti naa jabeessaniiru.—Iyo. 27:5.

Poolisoonni Jarman warri Geestaappoo, barreeffamoota Dhugaa Baatota Yihowaa argachuufi warrakoo gaaffiidhaan qoruuf mana keenyatti marmaaru turan. Haadhakoo qabanii sa’aatii dheeraadhaaf kan tursan si’a ta’u, abbaakoofi obboleettiikoos bakka hojiisaaniitii isaan fuudhu turan. Kanaaf, yeroon mana barumsaatii deebi’u harmeekoo manatti argachuu akkan danda’u hin beekun ture. Yeroo tokko tokko dubartii ollaa keenyaatu, “Harmeekee qabanii fuudhanii deemaniiru” jettee natti himti turte. Achiis, mana keessa dhokadheen, ‘Ishee reebaa jiru ta’innaa? Lammata ishee arguu nana danda’aa laata?’ jedheen of gaafadha.

Biyyaa Baafamuu

Amajjii 28, bara 1943 warri Geestaappoo halkan keessaa sa’aatii sagalitti hirribaa nu dammaqsan. Warrikoo, obboleettiinkoofi ani miseensa paartii Naazii yoo taane biyyaa akka hin baafamne nutti himan. Akkas gochuu waan dinneef mi’a keenya akka sassaabbanuuf sa’aatii sadii nuu kennan. Harmeenkoo haalli akkasii ga’uu akka danda’u eegaa turte. Kanaaf uffata geddarachuuf nu barbaachisaniifi Macaafa Qulqulluu shaanxaatti naquudhaan nuu qopheessitee waan turteef, yeroo kana kadhannaa gochuufi wal jajjabeessuuf itti fayyadamne. Abbayyeenis, ‘eenyuyyuu jaalala Waaqayyoottii gargar nu baasuu akka hin dandeenye’ nu yaadachiise.—Rom. 8:35-39.

Poolisoonni sunis akkuma jedhan deebi’anii dhufan. Obboleettii maanguddoon Angilaad jedhaman ijisaanii imimmaaniin guutee harka raasaa yommuu nagaa nutti dhaaman haalli ture hamma har’aatti ijakoo duraa hin badu. Warri Geestaappoo hanga buufata baaburaa Meezitti argamutti nu geessan. Achiis guyyaa sadiif baaburaan erga deemnee booda kaampii mana hidhaa Kookwooviitis isa Poolaanditti argamuufi to’annaa Oshiwiitiz jala jiru geenye. Ji’a lama boodammoo, gara Giliiviisti isa gadaamii dubartootaa tureefi kaampii hojiin humnaa itti hojjetamutti geeffamne. Achittis, warri Naazii waraqaa amantii keenya akka ganne argisiisurratti yoo mallatteessine akka gadhiifamnuufi qabeenyaan keenya akka nuu deebi’u nutti himan. Abbayyeefi Harmeen kana gochuu waan didaniif, loltoonni nu eegan “Matumaa qe’ee keessanitti hin deebitan” nuun jedhan.

Ji’a Waxabajjiitti gara Shifaayentookwoovitisitti kan nu jijjiiran si’a ta’u, mataa bowwuun hamma yoonaatti na rakkisu achitti na jalqabe. Quboonni harkakoo waan madaa’aniif doktoorri tokko, qeensawwankoo keessaa hedduusaanii qoricha dhagna namaa hadoochu malee bubuqqise. Kun ta’us, hojiinkoo waardiyyootaaf ergamuu waan ta’eef, mana daabbootti marmaaruunkoo na fayyadeera. Dubartiin achii hojjettu tokko waanan nyaadhu naa kenniti turte.

Hanga yeroo kanaatti maatiin keenya utuu gargar hin ba’in namoota hidhaman kaanirraa adda ba’ee jiraachaa tureera. Onkoloolessa 1943, kaampii gara magaalaa Zompikooviitas keessatti argamutti ergamne. Achittis, mana mi’a itti kuusuuf qophaa’e keessa dhiirota, dubartootaafi ijoollee dabalatee, namoota 60 ta’anii wajjin siree walirratti hojjetamerra ciisna turre. Nyaatni loltoonni warra Naazii nuu kennan baay’ee manca’aa waan tureef, matumaa nyaachuun hin danda’amu ture.

Rakkoowwan cimoon kun hundi nurra ga’anis, matumaa abdii hin kutanne. Waraanni erga dhaabatee booda hojiin lallabaa guddaan akka raawwatamu Masaraa Eegumsaarraa dubbisnee turre. Kanaaf, sababii rakkinni kun itti nurra ga’uufi rakkinni kun yeroo dhihootti akka dhaabatu beekna turre.

Waraanni sabaafi sablammii dhihaachaa akka dhufe yommuu dhageenyu, waraanni warra Naazii mo’amaa akka jiru hubanne. Jalqaba bara 1945⁠tti, waraanni warra Naazii kaampii nuti keessa turre dhiisee deemuu murteesse. Kanaaf, Guraandhala 19, karaa kiilomeetira 240 ta’u miillaan akka adeemnu dirqisiifamne. Torban afur erga adeemnee booda, magaalaa Shitiinfeelsi ishee Jarman keessatti argamtu kan geenye si’a ta’u, warri nu eeganis boolla albuuda baasuuf qotame keessatti nu naqan. Namoonni hedduun achitti ajjeefamna jedhanii yaadanii turan. Ta’us, waraanni sabaafi sablammii guyyuma sana bakka kana waan ga’eef, loltoonni warra Naazii baqatanii kan miliqan si’a ta’u dhiphinni keenyas kanumaan xumurame.

Galmakoorra Ga’uu

Waggaa lamaaf walakkaa booda Caamsaa 5, bara 1945 mana keenya isa Yuutisitti argamu yommuu geenyu, dhagni keenya baay’ee xuraa’ee, uffanni keenyas injiraaniin guutamee ture. Guraandhalaa jalqabee uffata keenya waan hin jijjiirranneef, uffata keenya warra moofaa gubuuf murteessine. Wanta harmeenkoo akkas jechuudhaan nutti dubbatte hin irraanfadhu: “Guyyaan kun guyyaa jireenya keessan keessatti bakka guddaa kennitaniif haa ta’u. Homaa hin qabnu. Uffanni uffachaa jirru kunillee kan keenya miti. Ta’us, arfan keenyayyuu amanamummaa keenya eegnee gara qe’ee keenyaatti deebineerra. Ejjennoo keenya hin laaffisne.”

Ji’a sadiif biyya Siwiizarlaanditti ergan bayyaannadhee booda, gara mana barumsaatti kanan deebi’e si’a ta’u, amma mana barumsaatii nan ari’ama jedhee hin yaadda’u. Amma Dhugaa Baatota kaanii wajjin wal ga’uufi ifatti lallabuu ni dandeenya. Waadaan waggoota muraasa dura Yihowaadhaaf galee ture saba duratti mul’isuuf, Hagayya 28, bara 1947, waggaa 13 yommuun ta’u, Abbaankoo Laga Moozeelitti na cuuphe. Akkan cuuphameen qajeelchituu ta’uu barbaadus, Abbayyeen jalqaba hojii harkaa tokko akkan baradhu na jajjabeesse. Kanaaf, wayyaa hodhaan baradhe. Bara 1951⁠tti, yommuu umriinkoo waggaa 17 ta’u, magaalaa Tiyoonviil jedhamtuufi naannoo keenyatti argamtutti qajeelchituu ta’een ramadame.

Waggaa sanatti, walga’ii guddaa magaalaa Paarisitti godhame tokkorratti yommuun argame, tajaajila misiyoonummaarratti hirmaachuuf iyyata galfadheen ture. Tajaajila kanarratti hirmaachuuf umriinkoo heyyamuu baatus, Naataan Noor iyyannikoo “yeroo garabiraa” ilaalamuu akka danda’u natti hime. Waxabajjii 1952, Mana Barumsaa Giil’aad, isa Saawuz Laansiingi Niwuu Yoorkitti argamu kutaa 21⁠ffaa galee akkan baradhuufan waamame.

Giil’aadiifi Jireenyakoo Isa Boodaa

Yeroo baay’ee nama gammachiisu ture! Si’a baay’ee afaan dhalootaakootiinillee namoota duratti dubbachuun baay’ee natti ulfaata. Amma garuu Ingiliffa dubbachuun qaba. Ta’us, barsiisonni gaarummaadhaan na gargaaraniiru. Yeroon qaana’u waanan seequuf, obboleessi tokko maqaa masoo Kiingidam Ismaayil jedhamu naa baasee ture.

Sirni eebbaa keenya, Adoolessa 19, bara 1953 Istaadiyomii Yaankii isa Niwuu Yoorkitti argamutti kan taasifame si’a ta’u, anis obboleettii Aayidaa Kaanduusoo (yeroo booda Aayidaa Saaniiyoobos jedhamtee) wajjin Paarisitti akka tajaajilluuf ramadamne. Sooreyyii Paarisitti argamaniif lallabuun sodaachisaa ta’us, namoota gad of qaban hedduu waa’ee Macaafa Qulqulluu barsiisuu danda’eera. Aayidaan bara 1956⁠tti heerumtee gara Afriikaa yeroo dhaqxu, ani garuu achuma Paarisittan hafe.

Bara 1960, obboleessa Bet’eliin tajaajilaa jirutti ergan heerumee booda, isaa wajjin magaalota Shoomaniifi Viishii jedhaman keessatti qajeelchitoota addaa taanee tajaajiluu jalqabne. Waggaa shan booda dhukkuba sombaatiin waanan qabameef, qajeelchaa ta’ee tajaajiluukoo dhaabuufan dirqame. Ijoollummaa kootii kaasee jireenyakoo guutuu tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachuun galmakoo waan tureef baay’een gadde. Yeroo muraasa boodammoo, abbaan manaakoo dubartii garabiraa waan jaallateef na dhiisee adeeme. Waggoota dhiphinaan guutaman kanatti, gargaarsi obboloonniifi obboleettonni naa godhan kan na jajjabeesse si’a ta’u, Yihowaanis ba’aakoo naa baachuusaa itti fufeera.—Far. 68:19.

Yeroo ammaatti magaalaa Luuviyee, Normandii jedhamtuufi waajjira damee Faransaayitti dhihoo jirtu keessan jiraadha. Dhibee fayyaa qabaadhus, guutummaa jireenya kootti harka Yihowaa arguunkoo baay’ee na gammachiisa. Leenjiin ijoollummaakootti argadhe yeroo ammaattillee ilaalcha sirrii akkan qabaadhu na gargaareera. Warrikoo, Yihowaan Qaama dhugumaan jiru, isa jaallachuu, isatti dubbachuufi kadhannaa kootiif deebii naa kennuu danda’u godhee akkan ilaalu na barsiisaniiru. Dhugumayyuu, “Wanta gaarii inni anaaf godhe hundumaaf, ani [Yihowaadhaaf, NW] maalan deebisa?”—Far. 116:12.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 6rra jiru]

“Guutummaa jireenya kootti harka Yihowaa arguunkoo baay’ee na gammachiisa”

[Fakkii fuula 5rra jiru]

Yommuun waggaa ja’a ture, maaskii gaazii ittiin ofirraa ittisan qabadhee

[Fakkii fuula 5rra jiru]

Waggaa 16⁠tti, misiyoonotaafi qajeelchitootaa wajjin lallaba duula addaarratti hirmaachuuf gara Luksambargi yommuun dhaqe

[Fakkii fuula 5rra jiru

Bara 1953⁠tti Abbayyeefi Harmee wajjin walga’ii koonyaarratti yommuun argame