Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ija Jabinaan Lallabuudhaan Fakkeenya Yesus Hordofaa

Ija Jabinaan Lallabuudhaan Fakkeenya Yesus Hordofaa

Ija Jabinaan Lallabuudhaan Fakkeenya Yesus Hordofaa

“Wangeela isaa akka isinitti himnuuf . . . ija jabina nuuf kenneera.”—1 TAS. 2:2.

1. Misiraachoon waa’ee Mootummichaa ibsu nama gammachiisa kan jennu maaliifi?

MISIRAACHOO dhaga’uun baay’ee kan nama gammachiisu mitii! Misiraachoon hundarra caalummoo misraachoo waa’ee Mootummaa Waaqayyoo ibsudha. Misiraachoon kun rakkinni, dhukkubni, waraanni, gaddiifi duuti akka badu nuu mirkaneessa. Karaa itti jireenya barabaraa argannu nuu bana, kaayyoon Waaqayyoo maal akka ta’e baruufi karaa itti isaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuu dandeenyu nuu ibsa. Misiraachoo Yesus ilmaan namootaatti himaa ture, namoonni hundi gammachuudhaan fudhatu jettee yaadda ta’a. Kan nama gaddisiisu garuu dhugaansaa faallaa kanaati.

2. Yesus ‘walitti naquudhaaf dhufeera’ jechuunsaa maal jechuu akka ta’e ibsi.

2 Yesus akkas jechuudhaan bartootasaatti himeera: “Biyya lafaa irratti nagaa fiduudhaaf waanan dhufe isinitti hin fakkaatin; ani billaa fiduufan dhufe malee, nagaa fiduudhaaf hin dhufne. Ani nama tokko abbaa isaa wajjin, intala haadha ishee wajjin, haadha manaa ilmaa amaatii ishee wajjin walitti naquudhaaf dhufeera. Diinni nama tokkoos warra mana isaa keessaa in ta’u.” (Mat. 10:34-36) Namoonni hedduun misiraachicha fudhachuu mannaa ni mormu. Warri tokko tokkos, miseensota maatiisaanii misiraachoo kana labsanittillee diinota ta’u.

3. Hojii lallabaa keenya raawwachuuf maaltu nu barbaachisa?

3 Har’as dhugaa Yesus labse kan labsinu si’a ta’u, namoonni baay’een misiraachoo kana yommuu dhaga’an akkuma namoonni bara Yesus turan godhan ni mormu. Kunis waan eegamudha. Yesus bartootasaatiin akkas jedheera: “Hojjetaan isa hojjechiifatu irra hin caalu. . . . Kanaaf na ari’atanii yoo jiraatan isinis in ari’atu.” (Yoh. 15:20) Biyyoota hedduutti ari’atamni fuulleetti nurra ga’uu baatus, tuffiifi dantaa dhabuun nu mudata. Kanaaf, hojii lallabaa keenya itti fufuuf amantiifi ija jabinni nu barbaachisa.—2 Phexros 1:5-8 dubbisi.

4. Phaawulos lallabuuf ‘ija jabinni’ kan isa barbaachise maaliifi?

4 Al tokko tokko tajaajilarratti ykn bifa tajaajilaa tokko tokkorratti hirmaachuun si sodaachisa ta’a. Taanaan, babal’istoota amanamoo kaanittis akkasuma itti dhaga’ama. Phaawulos ergamaan, dhugaa akka gaariitti kan hubateefi ija jabinaan kan lallabe ta’us, yeroon lallabuuf qabsoo cimaa gochuun itti isa barbaachise jira ture. Phaawulos Kiristiyaanota Tasaloniiqee jiraniif akkas jedhee barreesseera: “Isin bira utuu hin dhufin Filiphisiiyusitti akka dhiphanne, namoonni akka nutti darbanis in beektu. Isin biraas warri nuun morman utuma baay’atanii iyyuu, wangeela isaa akka isinitti himnuuf Waaqayyo keenya ija jabina nuuf kenneera.” (1 Tas. 2:2) Filiphisiiyusitti namoonni aangoo qaban Phaawulosiifi Siilaas isa hidhata hojiisaa ta’e uleedhaan kan reeban si’a ta’u, mana hidhaa isaan buusaniiru, akkasumas miillasaanii jirma ulfaataa lama gidduutti hidhaniiru. (HoE. 16:16-24) Ta’us, Phaawulosiifi Siilaas lallabasaanii itti fufuuf, “ija jabina” argatanii turan. Nutoo ija jabinaan lallabuu kan dandeenyu akkamitti? Deebii kanaa argachuuf, tajaajiltoonni Waaqayyoo dur turan, dhugaa waa’ee Yihowaa ibsu ija jabinaan akka dubbatan kan isaan dandeessise maal akka ta’eefi fakkeenyasaanii hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e haa ilaallu.

Diinummaa Mo’uuf Ija Jabinni Barbaachisaadha

5. Tajaajiltoonni Yihowaa warri amanamoon yeroo hundaa ija jabina argisiisuun kan isaan barbaachisee maaliifi?

5 Ija jabina argisiisuufi sodaa malee lallabuudhaan fakkeenya hunda caalu kan ta’u Yesus Kiristosidha. Ta’us, namoonni erga uumamanii jalqabee, tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo ta’an hundi yoomiyyuu ija jabina argisiisuu isaan barbaachiseera. Maaliifi? Eeden keessatti erga mormiin ka’ee jalqabee, namoota Waaqayyoon tajaajilaniifi Seexana tajaajilan gidduutti diinummaan akka jiraatu Yihowaan raajii dubbateera. (Uma. 3:15) Diinummaan kunis, baay’ee utuu hin turin Abeel inni qajeelaan obboleessasaatiin yommuu ajjeefamu ifatti mul’ateera. Boodas, diinummaan kun Henok isa amanamaafi Bishaan Badiisaa dura jiraaterratti xiyyeeffatee ture. Henok, Waaqayyo kumaatama qulqullootasaa wajjin namoota Waaqayyoon hin waaqeffannerratti faraduuf akka dhufu raajii dubbatee ture. (Yih. 14, 15) Ergaan kunimmoo namoota hedduu akka hin gammachiisne beekamaadha. Namoonni sun Henokiin waan jibbaniif utuu Yihowaan dafee isa fudhachuu baate akka isa ajjeesan haalasaarraa ifatti hubachuun ni danda’ama. Henok ija jabina guddaa argisiiseera!—Uma. 5:21-24.

6. Museen Fara’onitti dubbachuuf ija jabinni kan isa barbaachisee maaliifi?

6 Museen, Fara’oon isa ilma waaqa aduu, isa Raa jedhamee waamamuufi akka bakka bu’aa waaqoliitti utuu hin ta’in akka waaqaatti ilaalamu duratti yommuu ija jabinaan dubbatu mee yaadi. Akkuma Fara’onota warra isa dura turanii, innis bifa fakkeenyasaa waaqeffachuu hin oolu. Fara’oon waan dubbate hundi akka raawwatamu kan eegu si’a ta’u, humnaan bulcha ture. Humna guddaa kan qabu, kan of bokoksu, kan mataa jabaatuufi wanta inni gochuu qabu warri kaan akka itti himan kan hin barbaanne ture. Museen inni gadi of deebisuufi tiksituu ta’e utuu hin afeeramin, akkasumas Fara’oon ijaan argaasaa akka hin jaallanne utuu beekuu itti deddeebi’ee isa haasofsiiseera. Wanti Museen itti hime maal ture? Waa’ee dha’ichaa dubbata ture. Wanta inni barbaaduhoo maal ture? Garboonni Fara’on miliyoona hedduun lakkaa’aman biyyattii gadhiisan akka ba’an heyyama gaafachuu ture! Museen ija jabina qabaachuun isa barbaachisee turee? Homaa shakkii hin qabu!—Lak. 12:3, NW; Ibr. 11:27.

7, 8. (a) Namoonni amanamoon Kiristiyaanummaa dura turan rakkoowwan akkamiitu isaan mudatee ture? (b) Tajaajiltoonni Waaqayyoo bara Kiristiyaanummaa dura turan, ija jabina waaqeffannaa dhugaa deggeruufi babal’isuuf isaan dandeessise eessaa argatan?

7 Jaarraawwan ittaananiittis, raajonniifi tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoo ta’an kaan, waaqeffannaa dhugaa deggeruuf ija jabina argisiisuusaanii itti fufaniiru. Biyyi lafaa Seexanni seerratu isaaniif gaarii hin turre. Phaawulos akkas jedheera: “Dhagaadhaan in rukutaman, iddoo lamatti in baqaqfaman, billaadhaan in ajjeefaman, gogaa hoolotaa yookiis re’ootaa uffatanii asii fi achi in deddeebifaman, waan isaan barbaachisu in dhaban, in rakkifaman, in miidhaman.” (Ibr. 11:37) Tajaajiltoonni Waaqayyoo warri amanamoon sun jabaatanii akka dhaabatan maaltu isaan gargaare? Ergamaan kun lakkoofsawwan yaada kana dura jiranirratti, Abeel, Abrahaam, Saaraafi kanneen kaan jabaatanii akka dhaabataniif humna kan isaanii kenne maal akka ta’e yommuu ibsu akkas jedheera: “Jarreen kun isa abdachiifaman yoo hin fudhanne ta’an iyyuu, amantii isaanii utuu hin dhiisin du’an; garuu isa abdachiifaman fagootti ilaalanii simachuudhaaf itti gammadaniiru.” (Ibr. 11:13) Raajonni akka Eliyaas, Ermiyaasiifi namoonni amanamoon Kiristiyaanummaa dura jiraachaa turan kaan waaqeffannaa dhugaa ija jabinaan akka deggeran kan isaan gargaare, abdiiwwan Yihowaan kennerratti xiyyeeffachuusaanii akka ta’e hin shakkisiisu.—Tit. 1:2.

8 Namoonni amanamoon Kiristiyaanummaa dura turan, yeroon gara fuulduraa ifaafi kana nama gammachiisu akka ta’u abdatu turan. Erga du’aa ka’anii booda, hojii lubummaa Kiristos Yesusiifi namoonni 144,000 ta’an raawwataniin, irraa jalaan sadarkaa mudaa hin qabnerra ga’uudhaan ‘garbummaa isa wanta badu isaan godhe jalaa luba ba’u.’ (Rom. 8:21) Kana malees, Ermiyaasiifi tajaajiltoonni amanamoon durii ija jabinaan akka lallaban kan isaan gargaare abdii Yihowaan isaaniif kenne si’a ta’u, Yihowaan Ermiyaasiif abdii akkas jedhu kennee ture: “Isaan si lolu, ani si oolchuudhaaf sii wajjin waanan jiruuf garuu si hin mo’an.” (Er. 1:19) Har’as, abdii Waaqayyo waa’ee gara fuulduraa ilaalchisee nuu kenneefi waadaa inni karaa hafuuraa eegumsa akka nuu godhu galerratti xiinxaluun keenya jabina nuu argamsiisa.—Fak. 2:7; 2 Qorontos 4:17, 18 dubbisi.

Yesus Ija Jabinaan Akka Lallabu Kan Isa Kakaase Jaalaladha

9, 10. Yesus (a) geggeessitoota amantii, (b) garee loltootaa, (c) angafa lubootaafi (d) Philaaxos duratti ija jabina kan argisiise karaawwan kamiini?

9 Yesus, inni Fakkeenya Nuuf ta’u, ija jabeessa ta’uusaa karaawwan garagaraa argisiiseera. Fakkeenyaaf, namoonni aangoorra jiran isa jibbanillee, wanta Waaqayyo namoonni akka beekan barbaadu irra dibee dubbachuuf yaalii hin goone. Geggeessitoonni amantii humna guddaa qaban, of hin argineefi barumsa sobaa kan barsiisan ta’uusaanii ija jabinaan saaxileera. Yesus namoota sana karaa ifa ta’eefi fuulleetti isaan balaaleffateera. Al tokko akkas isaaniin jedhee ture: “Barsiisota seeraa fi Fariisota of hin arginee nana isiniif wayyoo! Isin alaa gaarii akka awwaalota nooraa dibamanii ti; isaan karaa alaa ijatti mimmiidhagoo in fakkaatu, keessi isaanii garuu lafee warra du’anii fi waan xuraa’aa hundumaatiin guutuu dha. Isinis immoo akkasuma karaa alaa namoota biratti qajeelota fakkaattu, keessi keessan garuu of arguu dhabinaa fi irra-daddarbaan guutuu dha.”—Mat. 23:27, 28.

10 Dhaaba Getesemaaneetti gareen loltootaa yeroo isa qabuu dhufan, Yesus ija jabinaan eenyummaasaa ibseera. (Yoh. 18:3-8) Boodas gara yaa’ii Yihudootaatti kan geeffame si’a ta’u, achittis angafni lubootaa gaaffii isa gaafateera. Angafni lubootaa kun isa ajjeesuuf sababii barbaadaa kan jiru ta’uusaa beekullee, sodaa tokko malee Kiristosiifi Ilma Waaqayyoo ta’uusaa ija jabinaan dubbateera. Itti dabaluudhaanis, “mirga isa aango-qabeessaa taa’ee duumessoota waaqaa keessas utuu dhufuu” akka argan isaaniif ibseera. (Mar. 14:53, 57-65) Yeroo muraasa boodas, Yesusiin hidhanii Philaaxos isa isa hiikuu danda’u duratti isa dhiheessanillee, Yesus himata isarratti dhihaateef deebii hin kennine. (Mar. 15:1-5) Kana hunda gochuun ija jabina guddaa gaafateera.

11. Ija jabinni jaalala wajjin kan wal qabatu akkamitti?

11 Yesus Philaaxosiin, “Dhugaadhaaf dhugaa ba’uufan dhaladhe, kanumaafanis gara biyya lafaa dhufe” jedheera. (Yoh. 18:37) Yihowaan misiraachoo akka lallabuuf kan isa erge si’a ta’u, Yesusis Abbaasaa isa samii waan jaallatuuf kana gochuun baay’ee isa gammachiisa ture. (Luq. 4:18, 19) Yesus namootas ni jaallata ture. Jireenyisaanii hammam rakkisaa akka ta’e beeka. Nutis ija jabinaan lallabuun keenya jaalala guddaa Waaqayyoofi namootaaf qabnurratti kan hundaa’edha.—Mat. 22:36-40.

Hafuurri Qulqulluun Ija Jabinaan Lallabuuf Humna Nuu Kenna

12. Wanti bartoonni jaarraa jalqabaa akka gammadan godhe maalidha?

12 Torban Yesus du’etti aananii jiranitti, Yihowaan duuka buutonni haaraan akka isaanitti dabalaman waan godheef bartoonni gammadanii turan. Yihudoota, akkasumas namoota amantii Yihudii fudhataniifi ayyaana Phenxeqostee kabajuuf biyyoota garagaraa hedduudhaa gara Yerusaalem dhufan keessaa guyya tokkotti namoonni 3,000 ta’an cuuphamaniiru! Namoonni Yerusaalem keessatti argaman hundi waa’ee dhimma kanaa hin odeessin hin oolan! Macaafni Qulqulluun, “Dinqiinii fi milikkinni baay’een harka ergamootaatiin in godhamu, namoonni hundinuus Waaqayyoon in sodaatu turan” jedha.—HoE. 2:41, 43.

13. Obboloonni ija jabina argachuuf kan kadhatan maaliifi? Bu’aansaahoo maalidha?

13 Geggeessitoonni amantii wanta kanatti waan aaraniif Phexrosiifi Yohannisiin qabanii mana hidhaa isaan bulchuudhaan, maqaa Yesusiin akka hin dubbanne isaan ajajan. Ergamoonni lamaan kunis erga gadhiifamanii booda, wanta raawwatame obbolootatti himuudhaan hundisaanii mormii isaanirra ga’e ilaalchisee, “Yaa [Yihowaa] . . . hojjetoonni kee sodaa malee dubbii kee akka dubbataniif, ija jabummaa kenniif!” jedhanii kadhatan. Bu’aansaahoo maalidha? “Hundumti isaaniis hafuura qulqulluudhaan guutamanii, dubbii Waaqayyoo ija jabummaadhaan dubbachaa turan.”—HoE. 4:24-31.

14. Hafuurri qulqulluun hojii lallabaa keenyarratti kan nu gargaaru akkamitti?

14 Bartoonni dubbii Yihowaa akka dubbatan ija jabina kan isaaniif kenne hafuura Yihowaa isa humna guddaa qabu ta’uusaa qalbeeffadhu. Namoota ergaa keenya morman dabalatee, namoota hundaatti waa’ee dhugaa kan dubbannu humna keenyaan utuu hin ta’in jabina Yihowaarraa argannuunidha. Yihowaan yoo isa gaafanne hafuurasaa nuu kennuu ni danda’a; nuu kennas. Nuyis gargaarsa Yihowaatiin, ija jabina mormii nu mudatu kamiyyuu mo’uuf nu barbaachisu argisiisuu dandeenya.Faarfannaa 138:3 dubbisi.

Kiristiyaanonni Yeroo Har’aatti Jiranis Ija Jabinaan Lallabu

15. Yeroo har’aatti dhugaan namoota kan qoqqoodu akkamitti?

15 Akkuma bara durii, yeroo keenyattis, dhugaan namoota qoqqooduusaa itti fufeera. Namoonni tokko tokko misiraachicha kan fudhatan si’a ta’u, kaan garuu waaqeffannaa keenya hin hubatan, hin kabajanis. Akkuma Yesus raajiidhaan dubbate, warri tokko tokkommoo nu ceepha’u, nutti qoosu ykn nu jibbu. (Mat. 10:22) Al tokko tokko, odeeffannoo sobaa nurratti dhiheessu, akkasumas karaa sabqunnamtii hamminaan olola nurratti oofu. (Far. 109:1-3) Ta’us, sabni Yihowaa addunyaa maratti ija jabinaan misiraachicha lallabaa jiru.

16. Muuxannoon ija jabinni ilaalcha namoota nuyi lallabnuuf jijjiiruu akka danda’u argisiisu isa kami?

16 Ija jabinni keenya ilaalcha namoonni ergaa Mootummichaatiif qaban jijjiiruu danda’a. Obboleettiin biyya Kirgistaan jiraattu tokko akkas jetteetti: “Utuun manaa gara manaatti tajaajilaa jiru, namichi tokko akkas naan jedhe: ‘Waaqa Kiristiyaanaatti hin amanu malee anis Waaqayyotti nan amana. Lammata manakoo dhufnaan sareen sitti gadhiisa!’ Isa duuba saree guddaan fuuncaadhaan hidhamee jira ture. Haata’u malee, duula tiraaktii Oduu Mootummichaa Lak. 37 isa ‘Badiisni Amantii Sobaa Dhihaateera!’ jedhu yeroo raabsinu, miseensota maatii namichaa kan biraa nan argadha jedhee abdachuudhaan deebi’ee gara mana kanaa dhaquufan murteesse. Ammas garuu kan balbala bane namichuma sana ture. Yeruma sana saffisaan Yihowaatti kadhannaa ergan dhiheessee booda, akkasan jedheen: ‘Harka fuune, maree guyyaa sadii dura goone nan yaadadha; sareekees nan yaadadha. Anis akkumakee Waaqa dhugaa tokkichatti waanan amanuuf, tiraaktii kana sii kennuun barbaada. Waaqayyo, yeroo dhihootti amantaawwan isaaf ulfina hin kennine ni balleessa. Tiraaktii kana dubbisuudhaan waa’ee kanaa caalaatti beekuu dandeessa.’ Kan nama dinqisiisu namichi sun tiraakticha ni fudhate. Achiis gara mana kan biraattan darbe. Daqiiqaawwan muraasa booda, namichi tiraaktii Oduu Mootummichaa harkatti qabatee duuba kootiin fiigaa dhufee, tiraakticha ‘dubbiseeraa’ naan jedhe. ‘Dheekkamsa Waaqayyoo jalaa ooluuf maal gochuutu na barbaachisa?’ jedhee na gaafate.” Namichi kun amma qayyabannaa Macaafa Qulqulluu kan jalqabe si’a ta’u, walga’iiwwan Kiristiyaanaarrattis argamuu jalqabeera.

17. Ija jabinni obboleettii tokkoo dubartii Macaafa Qulqulluu qayyabattu kan jajjabeesse akkamitti?

17 Ija jabinni keenya warri kaanis ija jabeeyyii akka ta’an jajjabeessuu danda’a. Obboleettiin Ruusiyaa tokko, konkolaataadhaan deemaa utuu jirtuu dubartii ishee bira jirtuuf barruu kennite. Yeroo kana, namichi tokko bakka ta’uu utaalee ka’ee, barruu sana obboleettii harkaa butuudhaan marmaree lafatti darbate. Sagaleesaa ol qabee ishee arrabse; achiis teessooshee ishee gaafachuudhaan naannoosaatti akka hin lallabne ishee akeekkachiise. Obboleettiin kun Yihowaan akka ishee gargaaru erga kadhatee booda, jecha Yesus isa, “Warra foon namaa ajjeesanii lubbuu garuu ajjeesuu hin dandeenye hin sodaatinaa!” jedhu yaadatte. (Mat. 10:28) Suuta jettee ka’uudhaan namichaan, “Teessookoo siif hin kennu, naannoo mandarichaattis lallabuukoo hin dhiisu” jetteen. Achiis konkolaatichaarraa ni buute. Obboleettiin kun, dubartiin Macaafa Qulqulluu ishee wajjin qayyabattu konkolaataama kana keessa jiraachuushee hin beektu turte. Dubartittiin kun sodaan namootaa walga’iiwwan Kiristiyaanaarratti akka hin argamne ishee dhowwee ture. Ija jabina obboleettiin keenya argisiiste erga argitee booda garuu, walga’iiwwanirratti argamuuf murteessite.

18. Akkuma Yesus ija jabinaan lallabuuf maaltu si gargaaruu danda’a?

18 Biyya lafaa Waaqayyoorraa fagaate kana keessatti lallabuuf, akkuma Yesus ija jabinni nu barbaachisa. Kana gochuuf maaltu si gargaaruu danda’a? Yeroo gara fuulduraarratti xiyyeeffadhu. Jaalala Waaqayyoofi namootaaf qabdu jabeeffachuukee itti fufi. Yihowaan ija jabina akka sii kennu kadhadhu. Yoomiyyuu qofaakee akka hin taaneefi Yesus si wajjin akka jiru yaadadhu. (Mat. 28:20) Hafuurri qulqulluun si jabeessa. Yihowaan si eebbisa si gargaaras. Kanaaf, ija jabinaan, “[Yihowaan] isa na gargaaruu dha, ani hin sodaadhu; namni maal na gochuu danda’a ree?” haa jennu.—Ibr. 13:6.

Deebii Maalii Kennita?

• Tajaajiltoonni Waaqayyoo ija jabinni kan isaan barbaachisu maaliifi?

• Ija jabeeyyii ta’uu ilaalchisee,

–namoota amanamoo bara Kiristos dura jiraatanirraa,

–Yesus Kiristosirraa,

–Kiristiyaanota jaarraa jalqabaarraa,

–Kiristiyaanota yeroo har’aa jiranirraa

maal baranna?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 21rra jiru]

Yesus sodaa tokko malee geggeessitoota amantii saaxileera

[Fakkii fuula 23rra jiru]

Yihowaan ija jabina lallabuuf nu dandeessisu nuu kenna