Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Maatiiwwan Kiristiyaanaa, Fakkeenya Yesus Hordofaa!

Maatiiwwan Kiristiyaanaa, Fakkeenya Yesus Hordofaa!

Maatiiwwan Kiristiyaanaa, Fakkeenya Yesus Hordofaa!

“Kristos . . . faana isaa duukaa akka buutaniif fakkeenya isiniif kenneera.”—1 PHE. 2:21.

1. (a) Ilmi Waaqayyoo uumamarratti ga’ee akkamii qaba ture? (b) Yesus ilmaan namootaatiif ilaalcha akkamii qaba ture?

WAAQAYYO yommuu samiifi lafa uume, Ilmisaa inni angafni isa biratti “hojjetaa isa angafa” ture. Yommuu Waaqayyoo bineensotaafi biqiltuu addaddaa lafarratti uume, akkasumas ilmaan namootaa warra akka bifaafi akka fakkaattiisaatti uumeef, Jannata keessa jiraatan yeroo qopheessetti Ilmisaa isaa wajjin hojjeteera. Ilmi Waaqayyoo inni yeroo booda Yesus jedhame, ilmaan namootaatiif jaalala guddaa qaba ture. ‘Nama hundumaatti ni gammada ture.’—Fak. 8:27-31; Uma. 1:26, 27.

2. (a) Yihowaan namoota cubbamoota ta’an gargaaruuf maal godhe? (b) Macaafni Qulqulluun waa’ee maalii qajeelfama kenna?

2 Namoonni jalqabaa erga cubbuutti kufanii kaasee, ilmaan namootaa cubbuurraa walaba akka ta’an qophii gochuun kaayyoo Yihowaa isa guddaa ta’eera. Yihowaan, dhiifama cubbuu argamsiisuuf Kiristosiin furee godhee dhiheesseera. (Rom. 5:8) Kana malees, Yihowaan cubbuu dhaallee wajjin qabsoo goonuun milkaa’ina akka argannuuf karaa Macaafa Qulqulluu qajeelfama nuu kenneera. (Far. 119:105) Yihowaan, maatiin akkamitti gammachuu argachuu akka danda’u Dubbiisaa keessatti qajeelfama kenneera. Macaafni Uumamaa gaa’ela ilaalchisee namni, “Haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta’u” jechuudhaan dubbata.—Uma. 2:24.

3. (a) Yesus gaa’ela ilaalchisee barumsa akkamii kenne? (b) Mataduree kana keessatti waa’ee maalii baranna?

3 Yesus yommuu lafarratti tajaajilaa ture, gaa’elli hamma dhumaatti akka itti fufu godhamee akka hundeeffame ibseera. Kana malees, seerawwan bu’uuraa miseensonni maatii ilaalchaafi amala gaa’ela diigu ykn maaticha gammachuu dhabsiisu akka hin raawwanne godhan barsiiseera. (Mat. 5:27-37; 7:12) Matadureen kun, barumsawwan Yesusiifi fakkeenyi inni yeroo lafarra ture kaa’e abbootiin manaa, haadhotiin manaa, warriifi ijoolleen jireenya gammachuufi milkaa’ina qabu jiraachuuf akkamitti akka gargaaran ibsa.

Abbaan Manaa Kiristiyaana Ta’e Haadha Manaasaatiif Ulfina Kennuu Kan Danda’u Akkamitti?

4. Ga’een Yesus qabuufi ga’een abbootiin manaa Kiristiyaana ta’an qaban kan wal fakkaatu akkamitti?

4 Akkuma Yesus mataa gumii ta’e, abbaan manaas mataa maatii akka ta’u Waaqayyo isa muudeera. Phaawulos ergamaan akkas jedheera: “Kristos mataa waldaa kristiyaanaa akkuma ta’e, abbaan manaas mataa haadha manaa ti; Kristos fayyisaa waldaa kristiyaanaa ti; waldaan immoo dhagna isaa ti. Kristos akkuma waldaa kristiyaanaa jaallate, waldaadhaafis dabarsee of kenne, akkasuma abbaan manaas haadha manaa isaa haa jaallatu!” (Efe. 5:23, 25) Dhugumayyuu akkaataan Yesus duuka buutotasaa itti kunuunse, akkaataa dhiironni Kiristiyaana ta’an haadhotii manaasaanii itti kunuunsaniif fakkeenya gaarii ta’a. Mee amma akkaataa Yesus aangoo Waaqayyo isaaf kennetti fayyadame tokko tokko haa qorannu.

5. Yesus aangoo bartootasaarratti qabutti kan fayyadame akkamitti?

5 Yesus, ‘garraamiifi kan gad of deebisu’ ture. (Mat. 11:29) Yesus yeroo barbaachisaa ta’ettis tarkaanfii ni fudhata ture. Itti gaafatamummaa qabu utuu hin raawwatin hafee hin beeku. (Mar. 6:34; Yoh. 2:14-17) Yeroo barbaachisaa ta’etti, irra deddeebi’ee bartootasaatiif gaarummaadhaan gorsa kenna ture. (Mat. 20:21-28; Mar. 9:33-37; Luq. 22:24-27) Ta’us Yesus isaan ifatee ykn jecha isaan salphisu dubbatee, akkasumas akka hin jaallatamne ykn hojii isaanii kenne raawwachuu akka hin dandeenye akka isaanitti dhaga’amu godhee hin beeku. Kanaa mannaa bartootasaa galateeffateera; jajjabeesseeras. (Luq. 10:17-21) Yesus bartootasaa jaalalaafi gara laafinaan kunuunsaa waan tureef, isaanirraa ulfina argachuunsaa nama hin ajaa’ibsiisu!

6. (a) Abbaan manaa akkaataa Yesus bartootasaa itti qaberraa maal barata? (b) Phexros abbootii manaatiif gorsa akkamii kenne?

6 Fakkeenyi Yesus, abbootiin manaa mataa ta’uunsaanii haadhotii manaasaaniirratti olaantummaa akka argisiisan kan hin heyyamne ta’uusaa isaan barsiisa. Kanaa mannaa, matummaan kun ulfina kennuufi faayidaa ofii aarsaa gochuudhaan kan argisiifamudha. Phexros ergamaan abbootiin manaa fakkeenya jaalala Yesus hordofanii, haadhotii manaasaaniitiif ‘ulfina kennuudhaan isaanii wajjin akka jiraatan’ gorseera. (1 Phexros 3:7 dubbisi.) Abbaan manaa aboosaatti gargaaramuufi haadha manaasaatiifis ulfina kennuu kan danda’u akkamitti?

7. Abbaan manaa, haadha manaasaatiif ulfina kennuu kan danda’u akkamitti? Fakkeenyaan ibsi.

7 Karaa abbaan manaa haadha manaasaatiif ulfina itti kennu keessaa inni tokko, murtoo maaticha ilaallatu gochuusaa dura, ilaalchaafi miira haadha manaasaa tilmaama keessa galchuudha. Bakka jireenyaa ykn hojii jijjiiruu ykn boqonnaa fudhatanii bakka dhaqaniifi jireenya mi’aawaa jiru kana mo’uuf baasiisaanii sirreessuu ilaalchisee murtoo gochuun isaan barbaachisa ta’a. Murtoon kun, maaticha waan tuquuf, abbaan manaa ilaalcha haadha manaasaa tilmaama keessa galchuunsaa murtoo sirrii warra kaaniif akka yaadu argisiisu gochuuf isa gargaara. Isheenis isa deggeruuf salphaa isheedhaaf ta’a. (Fak. 15:22) Abbootiin manaa Kiristiyaana ta’aniifi haadhotii manaasaanii kabajan, isaanirraa jaalalaafi ulfina kan argatan ta’uusaaniirrayyuu, Yihowaa biratti fudhatama argatu.—Efe. 5:28, 29.

Haati Manaa Abbaa Manaasheetiif Ulfina Guddaa Kennuu Kan Dandeessu Akkamitti?

8. Fakkeenya Hewwaan hordofuu kan hin qabne maaliifi?

8 Yesus aangoodhaaf abboomamuutti haadhotii manaa Kiristiyaana ta’aniif fakkeenya gaarii ta’a. Ilaalchi inni aangoodhaaf qabu, ilaalcha haati manaa jalqabaa aangoodhaaf qabduu wajjin garaa garummaa guddaa qaba. Hewwaan haadhotii manaatiif fakkeenya gaarii utuu hin ta’in hafteetti. Yihowaan karaa mataashee, jechuunis karaa Addaam qajeelfama isaanii kenna ture. Haata’u malee, Hewwaan qophii kana hin kabajne. Qajeelfama karaa Addaam isheedhaa kenname utuu hin fudhatin hafteetti. (Uma. 2:16, 17; 3:3; 1 Qor. 11:3) Hewwaan akka gowwoomfamte beekamaadha; ta’us, yaada qaama ‘wanta Waaqayyo beeku’ akka hubate ta’ee ishee haasofsiise sanaa fudhachuushee dura abbaa manaashee mariisisuu qabdi turte. Isheen garuu garmalee ofitti amanamuudhaan abbaan manaashee ishee duukaa akka bu’u goote.—Uma. 3:5, 6; 1 Xim. 2:14.

9. Abboomamuu ilaalchisee Yesus fakkeenya akkamii nuu ta’a?

9 Yesus, haala kanarraa adda ta’een, qaama Mataasaa ta’eef abboomamuudhaan fakkeenya gaarii nuu ta’a. Inni yaadasaatiinis ta’e akkaataa jireenyasaatiin, “bifa Waaqayyootiin jiraachaa kan ture ta’us, Waaqayyoo wajjin qixxee ta’uu akka waan saamee fudhachuun isaaf ta’utti hin yaadne.” [NW] Kanaa mannaa, “akka waan tokkotti hin galle of godhe; bifa garbummaa in fudhate.” (Filp. 2:5-7) Yeroo ammaatti Yesus mootii bulchaa jiru yoo ta’eyyuu, ilaalchisaa hin jijjiiramne. Gad of deebisee karaa hundumaa abbaasaatiif abboomama; akkasumas matummaa Abbaasaa ni deggera.—Mat. 20:23; Yoh. 5:30; 1 Qor. 15:28.

10. Haati manaa matummaa abbaa manaashee akka deggertu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

10 Haati manaa Kiristiyaana taate, matummaa abbaa manaashee deggeruudhaan fakkeenya Yesus hordofuunshee gaariidha. (1 Phexros 2:21; 3:1, 2 dubbisi.) Haalawwan kana gochuuf carraa isheedhaa banan tokko tokko ilaalaa. Ilmisaanii wanta warrasaarraa heyyama argachuun isa barbaachisu tokkoof ishee gaafachaa jira haa jennu. Abbaafi haati, dhimma kana kaasanii waan irratti hin mari’anneef, yeroo kanatti isheen “Abbaakee heyyamsiisteettaa?” jettee gaafachuunshee gaariidha. Mucaan kun abbaasaa hin gaafanne taanaan, ofiisheetii murtoo tokko gochuushee dura abbaa manaashee wajjin dhimmicharratti mari’achuu qabdi. Kana malees, haati manaa Kiristiyaana taate, ijoollee duratti abbaa manaasheetiin mormuu ykn yaadasaa fudhachuu diduu hin qabdu. Dhimma tokkorratti abbaa manaashee wajjin walii hin galle taanaan, dhimma kana yommuu kophaasaanii ta’an kaastee isa haasofsiisuu qabdi.—Efe. 6:4.

Yesus Warraaf Fakkeenya Ta’a

11. Yesus warraaf fakkeenya akkamii ta’a?

11 Yesus kan hin fuuneefi ijoollee kan hin godhanne ta’us, warraaf fakkeenya gaarii ta’a. Akkamitti? Jechaan, fakkeenyaan, jaalalaafi obsaan bartootasaa barsiiseera. Hojii isaanii kenne akkamitti raawwachuu akka qaban itti argisiiseera. (Luq. 8:1) Yesus akkaataa bartootasaa itti qabeefi ilaalcha isaanii qabuun, akkamitti waliisaanii qabuun akka isaanirra jiru isaan barsiiseera.—Yohannis 13:14-17 dubbisi.

12, 13. Warri ijoollee Waaqayyoon sodaatan guddisuu yoo barbaadan maal gochuutu isaanirraa eegama?

12 Warri waan gaariis ta’e gadhee yoo raawwatan, ijoolleen fakkeenyasaanii ni hordofu. Kanaaf, warra kan taatan ‘Dheerina yeroo televijiinii ilaaluufi bohaartiirratti dabarsinu ilaalchisee, karaa biraammoo dheerina yeroo Macaafa Qulqulluu qayyabachuufi tajaajilarratti hirmaachuudhaan dabarsinu ilaalchisee, ijoollee keenyaaf fakkeenya akkamii ta’aa jirra? Maatiin keenya wantoota akkamiitiif dursa kenna? Jireenyaafi murtoo keenya waaqeffannaa dhugaarra akka hundaa’u gochuudhaan fakkeenya gaarii ta’aa jirraa?’ jedhaa of gaafadhaa. Abbaafi haati, ijoollee Waaqayyoon sodaatan guddisuu yoo barbaadan, hundumaa dura seerri Waaqayyoo garaasaanii keessa jiraachuu qaba.—Kes. 6:6.

13 Warri, karaa hunda seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra kan oolchan yoo ta’e, ijoolleensaanii wanta kana ni ilaalu. Wanti isaan dubbataniifi barsiisan ijoolleesaaniirratti dhiibbaa geessisa. Haata’u malee, ijoolleen warrisaanii seera baasan hojiirra akka hin oolchine yommuu hubatan, seerri bu’uuraa Macaafa Qulqulluu barbaachisaa akka hin taane ykn hojiirra ooluu akka hin dandeenye godhanii yaaduu danda’u. Kanaan kan ka’es, ijoolleen dhiibbaa biyya lafaatiif salphaatti mo’amuu danda’u.

14, 15. Warri, garaa ijoolleesaanii keessa yaada akkamii kaa’uu qabu? Karaan kana gochuu itti danda’an inni tokko maalidha?

14 Warri Kiristiyaana ta’an, ijoollee guddisuun karaa foonii wanta isaan barbaachisu dhiheessuurra caalaa akka gaafatu ni hubatu. Kanaaf, mucaan tokko wantoota karaa foonii faayidaa isaaf argamsiisan qofa akka hordofu barsiisuun dogoggora cimaa ta’a. (Lal. 7:12) Yesus bartoonnisaa duraan dursanii mootummichaafi qajeelummaasaa akka hordofan barsiiseera. (Mat. 6:33) Kanaaf, warri Kiristiyaana ta’an fakkeenya Yesus hordofuudhaan, ijoolleensaanii galmawwan hafuuraa akka hordofan gochuuf carraaquu qabu.

15 Karaa warri kana itti godhan keessaa inni tokko, hanga danda’ametti ijoolleensaanii obboloota tajaajila yeroo guutuurratti hirmaatanii wajjin hiriyoota akka ta’an gochuudha. Ijoolleen umrii kurnanii keessatti argaman, qajeelchitoota ykn daawwataa olaanaa aanaafi haadha manaasaa wajjin walitti dhufeenya qabaachuunsaanii hangam akka isaan jajjabeessu hubadhaa. Misiyoonota, warra Bet’elitti tajaajilaniifi warra hojii ijaarsa addunyaa maraarratti hirmaatanii wajjin yeroo dabarsuunsaanii, gammachuu Yihowaa tajaajiluudhaan argamu akka hubatan isaan gargaara. Obboloonni kun muuxannoo nama gammachiisu hedduu akka qaban beekamaadha. Faayidaa dhuunfaasaanii aarsaa gochuunsaanii, ijoolleen keessan murtoo gaarii akka godhan, galmawwan sirrii akka baafataniifi barumsa of danda’anii tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachuuf isaan dandeessisu akka filatan isaan gargaara.

Ijoolle, Fakkeenya Yesus Hordofuuf Maaltu Isin Gargaara?

16. Yesus warrasaatiifis ta’e Abbaasaa isa samiitiif ulfina kan kenne akkamitti?

16 Ijoolle, Yesus isiniifis fakkeenya gaarii ta’a. Yoseefiifi Maariyaam Yesusiin kan guddisan si’a ta’u, innis isaanii abboomama ture. (Luqaas 2:51 dubbisi.) Cubbuu kan dhaalan ta’anis, Waaqayyo akka isa guddisaniif itti gaafatamummaa isaanii kennuusaa hubateera. Kanaan kan ka’es, warrasaatiif ulfina kennuu qaba ture. (Kes. 5:16; Mat. 15:4) Yesus yommuu guddachaa dhufe, yeroo hunda wanta Abbaasaa isa samii gammachiisu godha ture. Kunimmoo qorumsawwan mo’uus kan dabalatu ture. (Mat. 4:1-10) Isin ijoolleen, yeroo tokko tokko warra keessaniif akka hin abboomamne ni qoramtu ta’a. Yeroo kanatti fakkeenya Yesus hordofuuf kan isin gargaaru maalidha?

17, 18. (a) Ijoolleen mana barumsaatti qorumsa akkamiitu isaanirra ga’a? (b) Ijoolleen qorumsa isaanirra ga’u mo’uuf kan isaan gargaaru maalidha?

17 Warra wajjin barattan keessaa baay’eensaanii seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluutiif bakka guddaa hin kennan ta’a. Gochawwan gadhee akka raawwattan gochuuf yaalu; yoo isin kana gochuu diddanimmoo isinitti qoosu ta’a. Warri wajjin barattan gocha gadhee tokkorratti hirmaachuu waan diddaniif, maqaa isinii baasanii beekuu? Yeroo akkasiitti maal gootu? Sodaattanii tuuta sana duukaa yoo buutan, warra keessaniifi Yihowaa akka gaddisiistan beektu. Warra wajjin barattan duukaa yoo buutan maaltu isinirra ga’uu danda’a? Tarii qajeelchaa ykn tajaajilaa gumii ta’uu, bakka labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan dhaqxanii tajaajiluu ykn Bet’el galtanii tajaajiluuf kaayyoo qabdu ta’a. Warra wajjin barattan hiriyaa godhachuun keessan, galma keessan kanarra ga’uuf isin gargaaruu danda’aa?

18 Isin ijoolleen gumii Kiristiyaanaa keessa jirtan, wanti amantaa keessan qoru isinirra ga’ee beekaa? Yeroo akkasiitti maal gootu? Yesus isa fakkeenya keessan ta’e yaadadhaa. Qorumsaaf kan hin mo’amne ta’uusaarrayyuu, ija jabinaan wanta sirrii ta’e raawwateera. Kana yaadachuun keessan, wanta dogoggora ta’uusaa beektan tokko raawwachuuf fedhii akka hin qabne warra wajjin barattanitti himuuf ija jabina isinii kenna. Akkuma Yesus, hamma lubbuudhaan jirtanitti Yihowaadhaaf ajajamaatii gammachuudhaan tajaajiluurratti xiyyeeffadhaa.—Ibr. 12:2.

Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?

19. Jireenya keenya keessatti gammachuu dhugaa kan nuuf argamsiisu maalidha?

19 Yihowaafi Yesus Kiristos, ilmaan namootaa waan gaarii akka argatan barbaadu. Cubbamoota taanee utuu jirruullee, hamma ta’e gammachuu argachuu ni dandeenya. (Isa. 48:17, 18; Mat. 5:3) Yesus dhugaa ilmaan namootaatiif gammachuu argamsiisu kan barsiise ta’us, wanti inni bartootasaa barsiise kana qofa hin turre. Jireenyi hundarra caalu kan akkamii akka ta’es barsiiseera. Kana malees, jireenyaafi ilaalcha sirrii qabaachuun maal akka ta’e hojiidhaan isaan barsiiseera. Maatii keessatti ga’ee akkamiiyyuu yoo qabaanne, hundi keenya fakkeenya Yesus hordofuudhaan faayidaa argachuu dandeenya. Kanaaf abbootiin manaa, haadhotiin manaa, warriifi ijoolleen fakkeenya Yesus hordofaa! Barumsa Yesus fudhachuufi fakkeenyasaa hordofuudhaan, maatiin dhugumaan jireenya gammachuu qabu jiraachuu danda’a.

Maal Jettee Deebista?

• Abbootiin manaa aangoo Waaqayyo isaanii kennetti fayyadamuu kan qaban akkamitti?

• Haati manaa tokko fakkeenya Yesus hordofuu kan dandeessu akkamitti?

• Akkaataa Yesus bartootasaa itti qaberraa warri maal barachuu danda’u?

• Ijoolleen fakkeenya Yesusirraa maal barachuu danda’u?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 8rra jiru]

Abbaan manaa jaalala qabeessa ta’e, murtoo maaticha ilaallatu gochuusaa dura maal godha?

[Fakkii fuula 9rra jiru]

Haati manaa tokko, matummaa abbaa manaashee deggeruuf carraa akkamii qabdi?

[Fakkii fuula 10rra jiru]

Ijoolleen barsiifata gaarii warrisaanii qaban hordofu