Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Sanyiin Dhugaa Naannoowwan Fagoo Ga’e

Sanyiin Dhugaa Naannoowwan Fagoo Ga’e

Sanyiin Dhugaa Naannoowwan Fagoo Ga’e

RIPPABLIKNI Tuuvaa, Raashiyaa keessatti kan argamtu si’a ta’u, kallattii kibba fagootiin Saayibeeriyaa, kibbaafi bahaanimmoo Mongoliyaadhaan daangeffamti. Namoonni Tuuvaa hedduunsaanii naannoowwan baay’ee fagoo ta’an waan jiraataniif, ergaa Mootummichaa isaaniin ga’uun rakkisaadha. Haata’u malee, yeroo muraasa dura, namoonni hedduun naannoowwan fagoo biyyattii garagaraa jiraatan, seeminaarii tokkorratti hirmaachuuf gara magaalaa guddittii Tuuvaa ishee Kiizil jedhamtu dhufanii turan. Obboleettiin qajeelchituun Maariyaa jedhamtuufi Kiizil keessa jiraattu, namoonni kun akka dhufan yeroo dhageessu, haalli kun misiraachicha isaanitti himuuf carraa akka isheedhaaf banu hubatte.

Wanta raawwatame ilaalchisee Maariyaan akkas jetti: “Manni barumsaa ani keessaa barsiisu, sagantaa seeminaarii dhugaatii alkoolii gar malee dhuguu, qorichawwan samuu namaa hadoochan fudhachuu, qorichatti seeraan ala fayyadamuufi rakkoowwan kanaa wajjin wal fakkaataniif furmaata argachuun akkamitti akka danda’amu ibsu qopheessee ture. Seeminaarii kanarratti argamuuf naannoowwan Tuuvaa fagaatanii jiranirraa namoota 50 ta’antu dhufe. Gareen kunis barsiisota, ogeessota xinsammuu, namoota mirga ijoollee eegsisaniifi kanneen biroo kan dabalatu ture.” Maariyaaf walga’iin kun lallabuuf carraa gaarii kan banu ta’us, kana gochuun garuu isheef salphaa hin turre. Akkas jetti: “Ija laafettii waanan ta’eef, karaa al idilee ta’een lallabuun natti ulfaata ture. Ta’us, Yihowaan ija jabina sodaakoo mo’uufi carraa kanatti fayyadamee lallabuuf na dandeessisu akka naa kennuun kadhadhe.” Sodaashee mootee lallabuu dandeesseettiree?

Maariyaan akkas jechuudhaan itti fufti: “Dammaqaa! waa’ee foobiyaa (gar malee sodaachuu) ibsuu tokkon argadhe. ‘Kun fedhii ogeessota xinsammuu hawwachuu danda’a’ jedhee waanan yaadeef barruu sana fuudheen gara mana barumsaa dhaqe. Gaafas barsiisota seeminaaricharratti hirmaatan keessaa isheen tokko biirookoo ennaa dhuftu, barruu Dammaqaa! sanan kenneef. Isheenis gammachuudhaan fudhatte. Ishumtiyyuu foobiyaa akka qabdu natti himte. Guyyaa ittaanutti, kitaaba Gaaffii Dargaggootaafi—Deebiiwwansaanii Hojiirra Ooluu danda’an, jedhamu Jildii 1⁠ffaan fideef. Kitaaba kanas gammachuudhaan fudhatte. Kitaabicha fudhachuuf fedhii qabaachuushee arguunkoo, barsiisonni kaanis kitaaba kana fudhachuuf fedhii qabaachuu danda’u jedhee akkan yaadu na godhe. Kanaaf, kitaaba Gaaffii Dargaggootaa jedhamuufi barreeffamoota kaan kaartoonii tokkotti guuteen fuudhee mana barumsaa dhaqe.” Utuma baay’ee hin turin, kaartoonichi duwwaa ta’e. Maariyaan wanta raawwatame akkas jechuun ibsiti: “Barsiisonni, barsiistuu ani kitaaba Gaaffii Dargaggootaa jedhu kenneef wajjin hojjetan hedduun gara biirookoo dhufanii, ‘Kitaabonni kun eessaa raabsamu?’ jedhanii na gaafatan.” Bakkuma dhufuu qaban dhufan!

Seeminaarichi Sanbadduraa xumurama ture. Maariyaaf guyyaan kun guyyaa boqonnaa waan tureef, barreeffamoota hedduu minjaala biirooshee keessaa jirurra keesse. Gabatee beeksisaarrattis akkas jettee barreessite: “Barsiisota Jaallatamo! Barreeffamoota kana ofii keessaniifis ta’e, namoota dubbisuu barbaadan kaaniif fudhuu dandeessu. Barreeffamawwan yaada gaarii qabatan kun, hojii keessanirratti bu’a qabeeyyii ta’uufi hariiroo maatii keessanii wajjin qabdan jabeessuuf isin gargaaru.” Bu’aa akkamii argatte? “Guyyuma sana biirookoo yeroon dhaqu, barreeffamoonni hedduun fudhatamaniiru. Battaluma sanatti kitaabotaafi barruulee gara biraa fideen kaa’e.” Seeminaarichi yommuu xumuramu Maariyaan barruulee 380, kitaabota 173fi birooshuroota 34 raabsite. Namoonni seeminaaricharratti hirmaatan kun, barreeffamoota kana fudhatanii naannoo jireenyaafi hojiisaanii isa fagootti deebi’aniiru. Maariyaan, “Sanyiin dhugaa naannoowwan Tuuvaa baay’ee fagoo ta’an ga’uusaatti guddaa gammadeera!” jetteetti.—Lal. 11:6.

[Kaartaa fuula 32rra jiru]

(For fully formatted text, see publication)

RAASHIYAA

RIPPABLIKA TUUVAA