Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Barabaraaf Lafarra Jiraachuu—abdii Deebi’ee Mul’ate

Barabaraaf Lafarra Jiraachuu—abdii Deebi’ee Mul’ate

Barabaraaf Lafarra Jiraachuu—abdii Deebi’ee Mul’ate

“Daani’el, hamma bara isa dhumaa sanatti dubbicha cufii . . . Baay’een isa bira ga’uudhaaf in dhama’u, beekumsis baay’achuuf jira.”—DAN. 12:4.

1, 2. Mataduree kana keessatti gaaffiiwwan kamirratti mari’anna?

NAMOONNI miliyoonaan lakkaa’amaniifi yeroo har’aatti jiraatan, abdii lafa jannata taaterra barabaraaf jiraachuu Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’e ifatti hubataniiru. (Mul. 7:9, 17) Waaqayyo, yeroo jalqaba ilmaan namootaa uumetti, namni waggaa muraasa jiraatee akka du’uuf utuu hin ta’in, barabaraaf akka jiraatuuf ta’uusaa dubbatee ture.—Uma. 1:26-28.

2 Ilmaan namootaa gara haala Addaam jalqaba keessa turetti deebi’uun, abdii Israa’eloonni eeggatan keessaa isa tokko ture. Caaffanni Qulqullaa’oon afaan Giriikii, Waaqayyo ilmaan namootaa lafa Jannata taatu keessatti barabaraaf akka jiraatan kan godhu akkamitti akka ta’e ibsu. Abdiin ilmaan namootaa deebi’ee mul’achuun kan isa barbaachise maaliifiree? Abdiin kun kan mul’ateefi namoonni miliyoonaan lakkaa’aman beekuu kan danda’an akkamitti ture?

Abdii Dhokfame

3. Abdiin ilmaan namootaa barabaraaf lafarra jiraachuu dhokfamuunsaa nu dinqisiisuu kan hin qabne maaliifi?

3 Yesus raajiiwwan sobduun barumsasaa akka mancaasaniifi namoonni hedduun akka gowwoomfaman raajii dubbateera. (Mat. 24:11) Phexros ergamaanis, “Akkasuma barsiisonni sobduun isin gidduu in jiraatu” jechuudhaan Kiristiyaanota akeekkachiiseera. (2 Phe. 2:1) Phaawulos ergamaanimmoo akkas jedheera: “Barri itti namoonni barsiisa sirrii fudhachuu jibban dhufuuf jira; bara sanas akka hawwa isaaniitti, barsiisota wanta gurra isaaniitti tolu isaan barsiisan walitti in sassaabbatu.” (2 Xim. 4:3, 4) Seexanni namoota gowwoomsaa kan jiru si’a ta’u, dhugaa gammachiisaa kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaafi lafaaf qabu dhoksuuf amantii Saba Kiristiyaanaa gantoota ta’anitti fayyadamaa tureera.—2 Qorontos 4:3, 4 dubbisi.

4. Abdiin ilmaan namootaa geggeessitoonni amantii gantoota ta’an fudhachuu didan isa kamidha?

4 Caaffanni Qulqullaa’oon, Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa samii akka ta’eefi bulchiinsa ilmaan namootaa hunda caccabsee akka hurreessu ibsu. (Dan. 2:44) Bulchiinsa Kiristos isa waggaa kumaatti, Seexanni iddoo lafa jalaatti ni hidhama, warri du’an ni ka’u, ilmaan namootaas guutummaatti cubbuurraa walaba ta’u. (Mul. 20:1-3, 6, 12; 21:1-4) Haata’u malee, geggeessitoonni amantii Saba Kiristiyaanaa, barumsawwan kanarraa adda ta’an fudhatanii barumsasaaniitti dabalaniiru. Fakkeenyaaf, Oorijan inni nama Iskindiriyaa ta’eefi jaarraa sadaffaatti Abbaa Waldaa Kiristiyaanaa ture, namoota bulchiinsi Kiristos inni waggaa kumaa lafaaf eebba fida jedhanii amanan balaaleffateera. Kitaabni Za Kaatolik Insaayikilooppeediyaa jedhamu, hayyuu amantii Kaatolikii kan ta’e Awugustiin inni biyya Hiippoo (Dh.K.B. 354-430) yaada “gara fuulduraatti bulchiinsi waggaa kumaa hin jiru” jedhu kan deggeru ta’uusaa ibseera. *

5, 6. Oriijaniifi Awugustiin bulchiinsa waggaa kumaa kan morman maaliif ture?

5 Oriijaniifi Awugustiin bulchiinsa waggaa kumaa kan morman maaliif ture? Oriijan barataa Kileemanti isa Iskindiriyaa, falaasama Giriikii lubbuun hin duutu jedhutti amanuu ture. Oriijan, nama barumsi Pilaatoo inni lubbuun hin duutu jedhu dhiibbaa cimaa isarraan geessise ture. Hayyuu amantii kan ta’an Varnar Yeegar, Oriijan “lubbuu ilaalchisee barumsawwan Pilaatoo hedduu barumsa bu’uuraa Kiristiyaanummaatti dabaleera” jechuudhaan dubbataniiru. Kanaan kan ka’es, Oriijan eebbawwan bulchiinsa Waggaa Kumaatti lafarratti akka dhufan dubbataman addunyaa hafuuraa keessatti kan raawwataman akka ta’an ibseera.

6 Awugustiin umriisaa 33⁠tti gara “Kiristiyaanota” gantoota ta’anitti jijjiiramuusaa dura, falaasama Nii’ooplaatoonistii hordofa ture; falaasamni kunis barumsa Pilaatoo isa Pilootinas jaarraa sadaffaatti akka babal’atu godhe ture. Gara Kiristiyaanummaatti erga jijjiiramee boodas, falaasama kana hordofuusaa itti fufee ture. Kitaabni Za Niiwu Insaaykilooppiidiyaa Biritaanikaa jedhamu, “[Awugustiin] amantiin Kakuu Haaraa falaasama Pilaatooniizimii wajjin guutummaatti akka wal makan taasisee ture” jedheera. Za Kaatolik Insaaykilooppiidiyaan, Awugustiin Bulchiinsi Waggaa Kumaa Macaafa Mul’ataa boqonnaa 20⁠rratti caqasame, “hiika fakkeenyaa maalii akka qabu ibseera” jedha. Itti dabaluudhaanis akkas jedheera: “Ibsi kun . . . hayyoota amantii Dhihaa yeroo booda ka’an biratti fudhatama kan argate si’a ta’u, amantiin bulchiinsi waggaa kumaa lafarratti ni dhufa jedhu fudhatama akka dhabu taasiseera.”

7. Barumsi abdiin barabaraaf lafarra jiraachuu fudhatama akka dhabu godhe maalidha? Akkamitti?

7 Abdiin ilmaan namootaa barabaraaf lafarra jiraachuuf qaban, barumsa Baabilon duriirraa maddeefi addunyaa maratti babal’atee jiru, namni lubbuu hin duune ykn hafuura qaama keessa jirtu tokko qaba jedhuun fudhatama dhabe. Sabni Kiristiyaanaa barumsa kana yeroo fudhattuttis, hayyoonni amantii caqasawwan Caaffata Qulqullaa’oo waa’ee abdii samii ibsan jal’isuudhaan, namoonni gaariin hundi samii dhaqu jedhanii barsiisaniiru. Akka ilaalcha kanaatti, jireenyi namni tokko lafarratti dabarsu yeroof akka ta’e, jechuunis jireenya samiif ga’eessaa ta’uuf dhiisuusaa murteessuuf bakkatti qoramudha jechuudha. Abdii Yihudoonni barabaraaf lafarra jiraachuuf qabanirratti haalli wal fakkaatu ga’ee ture. Yihudoonni barumsa Giriikotaa lubbuun hin duutu jedhu irraa jalaan yeroo fudhatan, abdiin jalqaba lafarra jiraachuuf qaban badaa adeeme. Ilaalchi kun wanta Macaafni Qulqulluun namni eessa akka jiraatu dubbaturraa baay’ee addadha! Namni uumama qaama qabudha malee uumama hafuura miti. Yihowaan nama isa jalqabaatiin, “Ati biyyoo dha” jedheenii ture. (Uma. 3:19) Bakki namoonni barabaraaf irra jiraatan samii utuu hin ta’in lafadha.—Faarfannaa 104:5; 115:16 dubbisi.

Dhugaan Dukkana Keessatti Ife

8. Hayyoonni bara 1600⁠tti jiraatan tokko tokko waa’ee abdii ilmaan namootaa maal jedhaniiru?

8 Amantiiwwan hedduun waa’ee abdii barabaraaf lafarra jiraachuu kan hin barsiisne ta’uyyuu, carraaqqiin Seexanni dhugaa dhoksuudhaaf godhe yeroo hundumaa isaaf hin milkoofne. Seenaa hundaa keessatti namoonni Macaafa Qulqulluu of eeggannoon qoran muraasni, Waaqayyo ilmaan namootaa akkamitti cubbuurraa guutummaatti walaba akka baasu hamma tokko hubatanii turan. (Far. 97:11; Mat. 7:13, 14; 13:37-39) Bara 1600⁠tti, Macaafa Qulqulluu hiikuufi maxxansuun jalqabamuunsaa Caaffanni Qulqullaa’oon bal’inaan akka tatamsa’an taasiseera. Bara 1651⁠tti, hayyuun tokko akka barreessanitti, namoonni hundinuu karaa Addaam “Jannataafi lafarra barabaraaf jiraachuu kan dhaban” si’a ta’u, karaa Kiristos “namoonni hundi barabaraaf lafarra jiraachuu qabu; isa ta’uu baanaan walbira qabamanii ibsamuunsaanii sirrii hin ta’u” jedhaniiru. (1 Qorontos 15:21, 22 dubbisi.) Joon Miiltan (1608-1674), inni walaloo barreessuudhaan addunyaa maratti beekamaa tureefi Ingiliffaa dubbatu, barreeffama Paaraadaayiz Loosti (Jannata Ishee Badde), boodas Paaraadaayiz Riigeeyindi (Jannata Ishee Deebitee Argamte) jedhamu barreesseera. Miiltan barreeffamootasaarratti namoonni amanamoo ta’an eebba lafa jannata taaturra jiraachuu akka argatan caqaseera. Miiltan guutummaa jireenyasaa gara caalaa Macaafa Qulqulluu qoruudhaan dabarsus, hanga argama Kiristositti dhugaa Caaffata Qulqullaa’oo guutummaatti beekuun akka hin danda’amne hubatee ture.

9, 10. (a) Aayizaak Niwutan waa’ee abdii ilmaan namootaa maal barreesseera? (b) Niwutan yeroon Kiristos itti argamu fagoo akka ta’e kan yaade maaliif ture?

9 Hayyuu herregaa beekamaa kan ta’e Sar Aayizaak Niwutanis (1642-1727) Macaafa Qulqulluu baay’ee jaallata ture. Qulqulloonni jireenya samii argachuuf du’aa akka ka’aniifi karaa ija namaatti hin mul’anneen Kiristosii wajjin akka bulchan hubatee ture. (Mul. 5:9, 10) Namoota Mootummicha jalatti bulan ilaalchiseemmoo, “Guyyaa firdii booda lafti waggaa 1000 qofaaf utuu hin ta’in, bakka namoonni barabaraaf irra jiraatan taati” jedhee barreesseera.

10 Niwutan Kiristos kan argamu jaarraawwan hedduu boodadha jedhee yaada ture. Hayyuu seenaa kan ta’an Istiivan Sinoobeelan akkas jedhaniiru: “Niwutan Mootummaan Waaqayyoo yeroo dheeraa booda dhufa jedhee akka yaadu kan isa taasise sababiin inni tokko, barumsa gantummaa Sillaasee naannoosaatti babal’atee turetti baay’ee abdii waan kutateef ture.” Yeroo sanatti misraachoon hin beekamu ture. Niwutan gareen Kiristiyaanotaa misraachoo lallabuus akka hin jirre hubateera. “Raajiiwwan Daani’eliifi Yohannis [booda macaafa Mul’ataa keessatti ibsame] hanga bara dhumaatti hubatamuu akka hin dandeenye” barreessee ture. Niwutan akkas jechuun ibsa kenna: “Akkuma Daani’el dubbate, ‘Yeroo sanatti baay’een isa bira ga’uudhaaf in dhama’u, beekumsis baay’achuuf jira.’ Rakkinni inni guddaaniifi dhumni dhufuusaa dura Wangeelli saboota hundumaaf lallabamuu qaba. Namoonni rakkina isa guddaa keessa darbanii dhufaniifi muka meexxii harkatti qabatan hedduun, saboota addaddaa keessaa walitti qabaman, dhumni dhufuusaa dura Wangeelli isaaniif lallabamuu baannaan, hamma namni tokkoyyuu isaan lakkaa’uu hin dandeenyetti baay’achuu hin danda’an.”—Dan. 12:4; Mat. 24:14; Mul. 7:9, 10.

11. Abdiin ilmaan namootaa namoota bara Miiltaniifi Niwutan jiraatan hedduu jalaa dhokatee kan ture maaliifi?

11 Bara Miiltaniifi Niwutan, barumsa waldaan barsiisturraa faallaa ta’e ifatti barsiisuun balaaf kan nama saaxilu ture. Kanaaf, qorannoon namoonni kun Macaafa Qulqulluurratti taasisan baay’eensaanii hanga isaan du’anitti hin maxxanfamne turan. Haaromsi amantii jaarraa 16⁠ffaatti taasifame barumsa lubbuun hin duutu jedhu hambisuu hin dandeenye; waldaaleen Pirootestaantii gurguddaa ta’an barumsa Awugustiin Bulchiinsi Waggaa Kumaa kan darbe malee, gara fuulduraatti kan dhufu miti jedhu barsiisuusaanii ittuma fufaniiru. Yeroo gara dhumaatti beekumsi baay’ateeraaree?

Beekumsi Dhugaa Baay’achuuf Jira’

12. Beekumsi dhugaa kan baay’atu yeroo kamitti ture?

12 Daani’el “bara isa dhumaa” ilaalchisee jijjiiramni guddaan akka ta’u raajii dubbateera. (Daani’el 12:3, 4, 9, 10 dubbisi.) Yesus yeroo sanatti, “Warri qajeeltonni . . . akka biiftuu in ifu” jedheera. (Mat. 13:43) Yeroo gara dhumaatti beekumsi dhugaa kan baay’ate akkamitti ture? Jijjiiramawwan bara 1870 kaasee hanga bara 1914 waggaa guyyaan gara dhumaa itti jalqabetti turanitti taasifaman haa qorru.

13. Chaarlis Teez Raasil ilmaan namootaa jireenya Addaam dhabsiise akkamitti argachuu akka danda’an qorannaa erga godhee booda maal jedhee barreesse?

13 Dhuma bara 1800⁠tti, namoonni garaa qajeelaa qaban hedduun “dubbii sirrii” hubachuuf qorannaa gochuu jalqabanii turan. (2 Xim. 1:13) Namoota akkasii keessaa tokko Chaarlis Teez Raasil ture. Bara 1870⁠tti, inniifi namoonni dhugaa barbaadan muraasni garee qayyabannaa Macaafa Qulqulluu hundeessan. Bara 1872⁠tti ilmaan namootaa jireenya Addaam dhabsiise akkamitti argachuu akka danda’an qoruu jalqaban. Yeroo booda, Raasil akkas jedhee barreesseera: “Hanga yeroo sanaatti garaagarummaa guddaa waldaa ishee amma qoramaa jirtuufi eebba ilmaan namootaa amanamoo ta’an argatan gidduu jiru sirriitti hin hubanne turre.” Namoonni amanamoon eebba “jireenya cubbuurraa walaba ta’e, Addaam isa abbaasaanii duraafi abaabiliisaanii ta’eef jalqaba kennamee ture deebisanii argatu.” Raasil yeroo qayyabannaa Macaafa Qulqulluu godhu namoonni kaanis akka isa gargaaran dubbateera. Namoonni kun eenyufa’i?

14. (a) Henarii Daan Hojii Ergamootaa 3:21 akkamitti hubatee ture? (b) Namoonni Daan barabaraaf lafarra jiraatu jedhe warra kami?

14 Isaan keessaa tokko Henarii Daan ture. Innis, ‘Durumaa jalqabee Waaqayyo waan afaan qulqulloota raajota isaatiin dubbachaa ture hundumaa iddootti akka deebisu’ barreesseera. (HoE. 3:21) Daan, iddootti deebi’uun kun, yeroo Bulchiinsa Kiristos Waggaa Kumaatti ilmaan namootaa guutummaatti cubbuurraa walaba itti ta’an akka dabalatu beeka ture. Daan gaaffii, ‘Namoonni barabaraaf lafarra jiraatan warra kami?’ jedhuufi namoonni baay’een gaafatanirrattis qorannaa godheera. Namoonni miliyoonaan lakkaa’aman du’aa akka ka’an, dhugaa akka barataniifi Kiristositti akka amanan argisiisuuf carraa akka argatanis ibseera.

15. Joorji Istoorzi waa’ee du’aa ka’uu maal hubatee ture?

15 Bara 1870⁠tti, Joorji Istoorzis, murtoo hamoonni carraa jireenya barabaraa argachuuf du’aa ka’uu qabu jedhurra ga’ee ture. Akkasumas, namni du’aa ka’u tokko carraa kanatti fayyadamuu baannaan, ‘waggaa dhibba jiraatee du’uyyuu akka waan dargaggummaatti du’eetti akka ilaalamu’ Caaffata Qulqullaa’oorraa hubachuu danda’ee ture. (Isa. 65:20) Istoorzi, Biruukiliin, Niiwu Yoorki kan jiraachaa ture si’a ta’u, barruu Baayibil Egzaamiinar jedhamu maxxansiisa ture.

16. Wanti bartoota Macaafa Qulqulluu Saba Kiristiyaanaarraa adda taasisu maalidha?

16 Raasil yeroon misraachoon bal’inaan itti lallabamu ga’uusaa Macaafa Qulqulluurraa hubatee ture. Kanaaf bara 1879⁠tti, barruu Zaayansi Waach Taawar eendi Heeraaldi oov Kiraayistis Pirazansi, isa yeroo ammaatti Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu jedhamuun beekamu maxxansiisuu jalqabe. Isaan dura, abdii ilmaan namootaa qaban ilaalchisee dhugaasaa kan hubatan namoota muraasa turanis, amma garuu gareewwan Bartoota Macaafa Qulqulluu biyyoota hedduu jiran barruu Masaraa Eegumsaa fudhachuufi qayyabachuuf carraa argataniiru. Barumsi gara samii kan dhaqan namoota muraasa qofa akka ta’aniifi namoonni miliyoonaan lakka’aman barabaraaf lafarra akka jiraatan ibsu, Bartoota Macaafa Qulqulluu amantii Saba Kiristiyaanaa hedduurraa adda isaan taasiseera.

17. Beekumsi dhugaan kan baay’ate akkamitti?

17 ‘Barri inni dhumaa’ raajiidhaan dubbatame bara 1914⁠tti jalqabe. Beekumsi dhugaan waa’ee abdii ilmaan namootaa ibsu baay’atee tureeree? (Dan. 12:4) Bara 1913, lallabawwan Raasil Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an gaazexaawwan 2,000⁠rratti kan maxxanfaman si’a ta’u, dimshaashumatti gara namoota 15,000,000 ta’aniin dubbifamu turan. Dhuma bara 1914⁠ttimmoo, namoonni 9,000,000 ol ta’aniifi ardii sadiirra jiraatan, Bulchiinsa Kiristos Waggaa Kumaa ilaalchisee, sagantaa fiilmii “Fotoo-Diraamaa oov Kiri’eeshin” jedhamu, fakkiiwwan sosocho’aaniifi Islaayidii suuraa argisiisuun ilaalaniiru. Bara 1918 hanga 1925⁠ttis, tajaajiltoonni Yihowaa haasawaa “Namoonni Har’a Lubbuudhaan Jiran Matumaa Hin Du’an” jedhuufi waa’ee abdii barabaraaf lafarra jiraachuu ibsu afaan 30an dhiheessaniiru. Bara 1934, Dhugaa Baatonni Yihowaa namoonni barabaraaf lafarra jiraachuuf abdatan cuuphamuu akka qaban hubataniiru. Hubannaan kunis hinaaffaa misraachoo mootummicha lallabuuf qaban akka haaraatti cimseeraaf. Yeroo har’aa, namoonni miliyoonaan lakkaa’aman abdii barabaraaf lafarra jiraachuu beekuunsaanii garaadhaa Yihowaa galateeffachuuf isaan kakaaseera.

“Birmadummaa” Nu Eeggatu!

18, 19. Jireenyi gaariin Isaayaas 65:21-25⁠rratti raajiidhaan dubbatame maalidha?

18 Isaayaas raajichi hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee jireenya sabni Waaqayyoo gara fuulduraatti lafarratti argatan ilaalchisee raajii dubbateera. (Isaayaas 65:21-25 dubbisi.) Mukoonni waggaa 2,700 dura yeroo Isaayaas raajii kana barreesse turan tokko tokko hanga har’aatti jiru. Atis jabinaaf fayyaa guutuu qabaattee waggaa dheeraa hanganaatiif yeroo jiraatu sitti mul’ataa?

19 Jireenyi hanga liphsuu ijaa gabaabaa ta’uu mannaa, mana ijaaruu, biqiltuu dhaabuufi waa’ee wantoota addaddaa barabaraaf barachuuf carraa nuu bana. Michooma uumuu dandeessus yaadi. Michoomni jaalalarratti hundaa’e akkasii barabaraaf guddachaafi jabaachaa adeema. Yeroo sanatti ‘ijoolleen Waaqayyoo’ lafarra jiraatan “birmadummaa” guddaa argatu!—Rom. 8:21.

[Miiljaleewwan]

^ key. 4 Awugustiin Bulchiinsi Mootummaa Waaqayyoo Waggaa Kumaa gara fuulduraatti utuu hin ta’in, yeroo waldaan sun hundeeffametti jalqabeera jedhee amana.

Ibsuu Dandeessaa?

• Abdiin ilmaan namootaa lafarra jiraachuuf qaban kan dhokfame akkamitti?

• Hubannaan namoonni Macaafa Qulqulluu qoran tokko tokko bara 1600anitti argatan maalidha?

• Abdiin ilmaan namootaa inni dhugaa, barri 1914 dhihaachaa yeroo dhufetti ifa kan ta’e akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 13rra jiru]

Abbaa walaloo Joon Miiltan (bitaa) hayyuu herregaa Aayizaak Niwutan (mirga) abdii barabaraaf lafarra jiraachuu hubatanii turan

[Fakkii fuula 15rra jiru]

Bartoonni Macaafa Qulqulluu jalqabaa, yeroo abdiin ilmaan namootaa inni dhugaa addunyaa maratti itti lallabamu keessa akka jiran Caaffata Qulqullaa’oorraa hubatanii turan

• Beekumsi abdii lafarra jiraachuu kan baay’ate akkamitti?