Barabaraaf Lafarra Jiraachuu—abdii Waaqayyo Kenne
Barabaraaf Lafarra Jiraachuu—abdii Waaqayyo Kenne
“Uumamni wanta gatii hin qabne akka ta’u godhameera; . . . akkas ta’uun isaa abdii qaba ture.”—ROM. 8:20.
1, 2. (a) Abdiin barabaraaf lafarra jiraachuu nuuf barbaachisaa kan ta’e maaliifi? (b) Namoonni baay’een barumsa barabaraaf lafarra jiraachuun ni danda’ama jedhu maaliif shakku?
NAMOONNI utuu hin dulloominiifi hin du’in barabaraaf akka jiraatan jalqaba yeroo dhageesse, gammachuun akkamii sitti dhaga’amee akka ture ni yaadatta ta’a. (Yoh. 17:3; Mul. 21:3, 4) Yeroo sana abdii Caaffata Qulqullaa’aarra argatte kana namootatti himtee ta’a. Dhugumayyuu, abdiin waa’ee jireenya barabaraa ibsu misiraachoo lallabnuu keessaa isa baay’ee barbaachisaa ta’edha. Abdiin kun ilaalcha jireenyaaf qabnurratti jijjiirama guddaa fida.
2 Amantiiwwan Saba Kiristiyaanaa garri caalaan abdii barabaraaf lafarra jiraachuutti hin amanan. Macaafni Qulqulluun lubbuun akka duutu barsiisus, waldaawwan Kiristiyaanaa hedduun garuu lubbuun hin duutu, du’a boodas addunyaa hafuuraa keessa jiraatti jechuudhaan barumsa deggersa Caaffata Qulqulluu hin qabne barsiisu. (His. 18:20) Kanaan kan ka’es, namoonni hedduun barumsa barabaraaf lafarra jiraachuun ni danda’ama jedhu ni shakku. Kanaaf, akkas jennee gaafachuun keenya barbaachisaadha: Dhugumaan abdiin kun deggersa Macaafa Qulqulluu qabaa? Taanaan, Waaqayyo waa’ee abdii kanaa ilmaan namootaatiif jalqaba kan ibse yoomi?
‘Uumamni Wanta Gatii Hin Qabne Akka Ta’u Godhamus Abdii Qaba Ture’
3. Kaayyoon Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu jalqabumaa kaasee ifa kan ta’e akkamitti?
3 Yihowaan kaayyoo ilmaan namootaatiif qabu kan ibse yeruma jalqaba isaan uumetti ture. Waaqayyo, Addaam yoo abboomame barabaraaf akka jiraatu ifatti itti himee ture. (Uma. 2:9, 17; 3:22) Ilmaan Addaam warri jalqabaa haala yeroo sanatti turerraa ka’uudhaan, ilmaan namootaa cubbuutti kufuusaanii akka hubatan homaa hin shakkisiisu. Karaan dhaaba Eedenitti geessu kan cufame ta’uusaarrayyuu, namoonnis dulloomuufi du’uu jalqabanii turan. (Uma. 3:23, 24) Yeroon darbaa ennaa adeemus, umriin namootaa gabaabbachaa dhufe. Addaam waggaa 930 jiraate. Seem inni Bishaan Badiisaarraa oole waggaa 600, ilmisaa Arfaaksaadimmoo waggaa 438 qofa jiraatan. Abbaan Abrahaam Taaraan waggaa 205 jiraate. Abrahaam waggaa 175, ilmisaa Yisihaq waggaa 180, Yaaqoob waggaa 147 jiraatan. (Uma. 5:5; 11:10-13, 32; 25:7; 35:28; 47:28) Namoonni hedduun umriin namootaa gabaabbachaa adeemuusaa arguunsaanii, abdii barabaraaf jiraachuu akka dhaban isaan hin hubachiisin hin oolu! Abdii barabaraan jiraachuu deebisanii akka argatan amanuuf sababii ga’aa qabu turanii?
4. Namoonni amanamoon dur turan, Waaqayyo eebba Addaam dhabe deebisee akka fidu amanuuf wanti sababii isaaniif ta’e maalidha?
4 Dubbiin Waaqayyoo akkas jedha: “Uumamni wanta gatii hin qabne akka ta’u godhameera. . . . Akkas ta’uun isaa abdii qaba ture.” (Rom. 8:20) Abdii maalii? Raajiin Macaafa Qulqulluu inni jalqabaa, waa’ee “sanyii” ‘mataa bofichaa buruqsuu’ ibseera. (Uumama 3:1-5, 15 dubbisi.) Raajiin Sanyii sana ilaalchisee dubbatame, kaayyoon Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu akka hin geddaramne kan argisiisu si’a ta’u, kunis abdii ilmaan namootaa amanamoo ta’an qabaniif bu’uura ta’eera. Raajiin kun namoonni akka Abeeliifi Nohi, Waaqayyo eebba Addaam dhabe deebisee akka fidu amanuuf sababii ga’aa akka qabaatan taasiseera. Namoonni kun ‘koomeen sanyichaa iddamuunsaa,’ dhiigni dhangala’uu akka dabalatu hubachuu hin oolan.—Uma. 4:4; 8:20; Ibr. 11:4.
5. Abrahaam du’aa ka’uutti akka amanu kan argisiisu maalidha?
Ibr. 11:17) Kana gochuuf kan isa kakaase maalidha? (Ibroota 11:19 dubbisi.) Abdii du’aa ka’uutti amanuusaa ture! Abrahaam du’aa ka’uutti amanuuf sababii ga’aa qaba ture. Kana malees, Yihowaan, Abrahaam bara dullumasaatti mucaa godhachuu akka danda’u gochuudhaan, innis ta’e Saaraan bara dullumasaaniitti ilma akka godhatan taasiseera. (Uma. 18:10-14; 21:1-3; Rom. 4:19-21) Akkasumas Yihowaan Abrahaamiin, ‘Sanyiin kee maqaa Yisihaqin in waamama’ jedheenii ture. (Uma. 21:12) Kanaaf, Abrahaam Waaqayyo Yisihaqiin du’aa kaasuu akka danda’u amanuuf sababii ga’aa qaba ture.
5 Fakkeenya Abrahaam haa ilaallu. Yeroo qoramee turetti, “Yisihaqin . . . ilma isaa isa tokkicha aarsaa dhi’eessuuf qophaa’e.” (6, 7. (a) Yihowaan Abrahaamii wajjin kakuu maalii gale? (b) Kakuun Yihowaan Abrahaamii wajjin galee, ilmaan namootaatiif abdii kan kennu akkamitti?
6 Abrahaam amantii cimaa akka qabu waan argisiiseef, Yihowaan ilma ykn ‘sanyiisaa’ ilaalchisee Abrahaamii wajjin kakuu galeera. (Uumama 22:18 dubbisi.) Kutaan “sanyii” kanaa inni guddaan Yesus Kiristos ta’uunsaa yeroo booda ifa ta’eera. (Gal. 3:16) Yihowaan, “sanyii” Abrahaam akka “urjoota waaqaa, akka cirracha qarqara galaanaas guddisee nan baay’isa” isaan jechuunsaa, Abrahaam lakkoobsi kun hammam akka ta’e tilmaamuu akka hin dandeenye argisiisa. (Uma. 22:17) Ta’us, yeroo booda lakkoofsi sun hammam akka ta’e ibsameera. Yesus Kiristosiifi namoonni 144,000 isaa wajjin Mootummaasaa keessatti bulchuuf jiran, kutaa “sanyii” sanaa akka ta’an ni beekame. (Gal. 3:29; Mul. 7:4; 14:1) Mootummaan Masihiichaa, karaa ‘sabni biyya lafaarraa hundinuu ittiin eebbifamudha.’
7 Abrahaam, kakuun Yihowaan isaa wajjin gale maal akka argisiisu guutummaatti hin hubanne ta’a. Ta’us Macaafni Qulqulluun, “Inni mandara hundee jabaa qabu . . . in eeggata ture” jedha. (Ibr. 11:10) Mandarri sunis Mootummaa Waaqayyooti. Abrahaam eebba Mootummaan kun fidu argachuuf deebi’ee jiraachuu qaba. Barabaraaf lafarra jiraachuu kan danda’ummoo yoo du’aa ka’edha. Namoonni Armaagedoonirraa oolanis ta’e warri du’aa ka’an barabaraaf jiraatu.—Mul. 7:9, 14; 20:12-14.
“Hafuurri Na Keessa Jirus Na Tuttuqa”
8, 9. Macaafni Iyoob rakkina nama tokkorra ga’e qofa kan ibsu miti kan jennu maaliifi?
8 Namni Iyoob jedhamu kan jiraate, bara Yoseef ilma ilma Abrahaamiifi Musee raajichi jiraachaa turan gidduu ture. Macaafa Iyoob isa kutaa Macaafa Qulqulluu ta’e kan barreesse Musee hin ta’in hin oolu; macaafni kunis Yihowaan Iyoobirra rakkoon akka ga’u kan heyyame maaliif akka ta’eefi haalli Iyoob akkamitti akka jijjiirame ibsa. Haata’u malee, Macaafni Iyoob rakkina nama tokkorra ga’e qofa utuu hin ta’in, gaaffii olaantummaarratti ka’eefi uumamawwan hunda ilaallatu ka’uusaas ni ibsa. Macaafichi, bulchiinsi Yihowaa qajeelummaarratti kan hundaa’e ta’uusaa, tajaajiltoonni Yihowaa lafarratti argaman hundi amanamummaasaanii eeguufi jireenya argachuunsaanii gaaffii Eeden keessatti ka’ee wajjin kan wal qabate ta’uusaa hubachuuf nu gargaara. Iyoob gaaffii ka’e kana hubachuu baatus, hiriyoonnisaa sadan amanamummaasaa eegaa akka hin jirre isa amansiisuuf yommuu yaalan yaadasaanii hin fudhanne. (Iyo. 27:5) Seenaan kun amantii keenya kan nuu jabeessu ta’uusaarrayyuu, amanamummaa keenya eeguufi olaantummaa Yihowaa deggeruu akka dandeenyu hubachuuf nu gargaara.
9 Michoonni maqaaf Iyoobiin jajjabeessu jedhaman sadan erga dubbiisaanii xumuranii booda, “Eliihuun ilmi Baaraakel Buzichaa [akkas jedhee] deebise.” Wanti dubbachuuf isa kakaase maal ture? “Ani wantan dubbadhu baay’een qaba, hafuurri na keessa jirus na tuttuqa” jedheera. (Iyo. 32:5, 6, 18) Wanti Eliihuun geggeessaa hafuura qulqulluutiin dubbate rakkinni Iyoobirra ga’e yommuu xumurametti kan raawwatame ta’us, yaanni dubbiisaa keessatti argamu garuu namoota kaaniifis abdii kennu qaba. Wanti inni dubbate namoota amanamummaasaanii eegan hundaaf abdii guddaa qabateera.
10. Wanti Yihowaan yeroo tokko tokko nama tokko ilaalchisee dubbatu, guutummaa ilmaan namootaarratti akka raawwatamu maaltu argisiisa?
10 Wanti Yihowaan yeroo tokko tokko nama tokko ilaalchisee dubbatu, guutummaa ilmaan namootaarrattis yeroon itti raawwatamu jira. Kanas raajii Daani’el, Mootiin Baabilon Nebukadnezaar abjuudhaan muka guddaa dheeraa murame Dan. 4:10-27) Abjuun kun haala Nebukadnezaarii wajjin wal qabateen kan raawwatame ta’us, wanti guddaan kana caalu akka raawwatamus ni argisiisa. Kunis, bulchiinsi Mootummaa Daawit inni olaantummaan Waaqayyo ittiin mul’ifamuufi Dh.K.D. bara 607tti cite, waggaa 2,520 booda, deebi’ee akka hundeeffamu kan argisiisudha. * Olaantummaan Waaqayyoo kunis, yeroo Yesus Kiristos bara 1914tti samiirratti Mootii ta’etti deebi’ee akka haaraatti hundeeffamuunsaa mirkaneeffameera. Bulchiinsi Mootummaa kun yeroo dhihootti abdii ilmaan namootaa ajajamoo ta’aniif kenname guutummaatti akkamitti akka raawwatu yaadi!
akka arge dubbaterraa hubachuun ni danda’ama. (“Boollatti Gad Bu’uu Isa Oolchi!”
11. Jechoonni Eelihuu waa’ee Waaqayyoo maal argisiisu?
11 Eelihuun yeroo Iyoobiif deebii kennu, “Ergamoota kuma keessaa inni tokko, gidduu dhaabatee afaan yoo hiike” jechuudhaan waa’ee ergamaa tokkoo dubbateera. Ergamaan kun ‘akka Waaqayyo nama kanatti gammaduuf kadhachuunsaa’ bu’aa maalii argamsiisa? Eelihuun akkas jedha: “[Waaqayyoo] faara itti tolee, ‘Ani isaaf furee argeera, boollatti gad bu’uu isa oolchi! Dhagni isaa kan saafelaa caalaatti haa haara’u! Akka bara dargaggummaa isaattis haa deebi’u!’” (Iyo. 33:23-26) Jechoonni kun, Waaqayyo “furee” ykn wanta akka qadaaddiitti cubbuu ilmaan namootaa qalbiisaanii jijjiirratan haguuguuf dhihaate fudhachuuf fedhii qabaachuusaa argisiisa.—Iyo. 33:24.
12. Jechoonni Eelihuun dubbate ilmaan namootaatiif abdii akkamii kennu?
12 Akkuma raajoni wanta barreessan guutummaatti utuu hin hubatin hafan, Eelihuunis wanti inni furii ilaalchisee dubbate, hiika maalii akka qabu guutummaatti hin hubanne ta’a. (Dan. 12:8; 1 Phe. 1:10-12) Ta’us, wanti Eelihuun dubbate Waaqayyo gaaf tokko furii dhihaate fudhatee, ilmaan namootaa dullumaafi du’a jalaa akka baasu abdii kan kennudha. Jechoonni Eelihuu waa’ee jireenya barabaraa isa dinqisiisaa gara fuulduraatti dhufu ilaalchisee waan ibsan qabu. Macaafni Iyoob du’aa ka’uunis akka jiru ni ibsa.—Iyo. 14:14, 15.
13. Jechoonni Eelihuu Kiristiyaanotaaf faayidaa maalii qabu?
13 Yeroo har’aatti, jechoonni Eelihuu, Kiristiyaanota miliyoonaan lakkaa’amaniifi badiisa Mul. 7:9, 10, 14-17) Namoonni du’aa ka’an gara dargaggummaatti yommuu deebi’an arguunsaaniis namoota amanamoo gammachiisuusaa itti fufa. Dhugaadha, Kiristiyaanonni dibamoon samiirratti jireenya hin banne argachuunsaaniis ta’e, ‘hoolonni Yesus kan biraa’ lafarratti jireenya barabaraa argachuunsaanii aarsaa furii Kiristositti amanuusaaniirratti kan hundaa’edha.—Yoh. 10:16; Rom. 6:23.
sirna kanaa jalaa ooluuf abdii qabaniifis faayidaa guddaa qabu. Namoonni dulloomaniifi badiisa kanarraa oolan gara dargaggummaatti deebi’u. (Raawwatee Du’a Lafarraa Ni Balleessa
14. Israa’eloonni jireenya barabaraa argachuuf, wanti Seera Musee caalu akka isaan barbaachisu kan argisiisu maalidha?
14 Ilmaan Abrahaam yeroo Waaqayyoo wajjin kakuu galan, saba of danda’ee bulu ta’aniiru. Yihowaan yeroo Seera isaaniif kenne, “Isin seerrata koo fi wanta qajeelaa ta’e isa kan kootii isa namni isa eegee ittiin jiraatu egaa!” isaaniin jedheera. (Lew. 18:5) Sabni Israa’el ulaagaa Seerichaa isa mudaa hin qabnee wajjin guutummaatti walsimanii jiraachuu waan hin dandeenyeef, Seerichi kan isaan yakke si’a ta’u, yakka kana jalaa ba’uufis wanti Seericha caalu isaan barbaachisa ture.—Gal. 3:13.
15. Daawit eebba gara fuulduraa ilaalchisee geggeessaa hafuura qulqulluutiin maal barreesseera?
15 Musee boodas, Yihowaan namoonni Macaafa Qulqulluu barreessan kaan, geggeessaa hafuura qulqulluutiin waa’ee abdii jireenya barabaraa akka barreessan godheera. (Far. 21:4; 37:29) Fakkeenyaaf, Daawit faarfatichi tokkummaa dhugaa tajaajiltoonni Yihowaa Xiyoon qaban ilaalchisee, “Eebbi jireenya hin darbinee achi irratti akka argamu Waaqayyo abboomeera” jechuudhaan faarfannicha xumureera.—Far. 133:3.
16. Yihowaan, karaa Isaayaas waa’ee “guutummaa biyya lafaa” gara fuulduraa abdii maalii kenne?
16 Yihowaan, Isaayaasis geggeessaa hafuura qulqulluutiin waa’ee barabaraaf lafarra jiraachuu raajii akka dubbatu godheera. (Isaayaas 25:7, 8 dubbisi.) Cubbuufi duuti, akkuma awusaa ilmaan namootaarra “buufate[e]” ba’aa guddaa isaanitti ta’aniiru. Yihowaan, cubbuufi du’a “guutummaa biyya lafaa irraa” raawwatee akka balleessu sabasaatiif mirkaneesseera.
17. Masiihichi inni waa’eensaa raajiidhaan dubbatame, karaa jireenya barabaraa banuurratti ga’ee maalii qaba?
17 Re’ee gara lafa onaatti gadhiifamuu wajjin haala wal qabateenis, wanta Seera Musee keessatti ibsame haa ilaallu. Angafni lubootaa, Guyyaa Araaraatti, waggaatti al tokko, “Harka isaa lamaan mataa korbeessa isa fayyaatti jiru sana irra kaa’ee, yakka, irra-daddarbaa fi cubbuu namoota Israa’el Lew. 16:7-10, 21, 22) Isaayaas, waa’ee Masiihii isa “dhiphina,” “muddama[a],” fi “cubbuu namoota baay’ee baatee,” ga’ee kanaa wajjin walfakkaatu raawwatu raajiidhaan kan dubbate si’a ta’u, innis akkas gochuudhaan karaa namoonni jireenya barabaraa itti argatan bane.—Isaayaas 53:4-6, 12 dubbisi.
hundumaa beeksisee, mataa korbeessichaa irra erga kaa’ee booddee, . . . korbeessichi akkasitti yakka isaanii hundumaa of irratti baatee iddoo onaatti in geessa.” (18, 19. Abdiin Isaayaas 26:19fi Daani’el 12:13rratti ibsame maalidha?
18 Yihowaan karaa Isaayaas saba Israa’eliin akkas jedheera: “Warri kan keetii garuu in jiraatu, reeffi isaaniis du’aa in ka’a; isin warri awwaala keessa ciiftan, ka’aa, gammadaa faarfadhaa! Yaa gooftaa, fixeensi ati ergitu fixeensa jireenya kennuu dha, egaa laftis [“warra du’annibaasa,” hiika bara 1899].” (Isa. 26:19) Caaffanni Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa waa’ee abdii du’aa ka’uufi barabaraan lafarra jiraachuu haala ifa ta’een ibsu. Fakkeenyaaf, Daani’el yeroo umriinsaa waggaa 100 guutuuf jedhetti, Yihowaan, “In boqottas, guyyaa isa dhumaa sanattis kaatee in dhaabatta, ga’aa kees in argatta!” jedhee waadaa galeefii ture.—Dan. 12:13.
19 Maartaan, obboleessashee isa du’e ilaalchisee, “Guyyaa isa dhumaatti, yeroo warri du’an du’aa ka’anitti, akka inni ka’u ani beeka” jechuudhaan Yesusiif kan deebiste abdii du’aa ka’uutti waan amantuuf ture. (Yoh. 11:24) Barumsi Yesus barsiiseefi wanti bartoonnisaa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreessan, abdii du’aa ka’uurratti jijjiiramni godhamuusaa argisiisuu? Abdii Yihowaan namoonni barabaraaf lafarra akka jiraataniif kenne ammayyuu hin jijjiiramnee? Matadureen ittaanu gaaffiiwwan kanaaf deebii kenna.
[Miiljaleewwan]
^ key. 10 Kitaaba Raajii Daani’el Xiyyeeffannaadhaan Hordofi! jedhamu boqonnaa 6 ilaali. (Amaariffa)
Ibsuu Dandeessaa?
• Uumamni ‘wanta gatii hin qabne akka ta’u kan godhame’ abdii isa kamiinidha?
• Abrahaam du’aa ka’uutti akka amanu maaltu argisiisa?
• Wanti Eelihuun Iyoobitti dubbate ilmaan namootaatiif abdii maalii kenna?
• Caaffanni Qulqullaa’oon afaan Ibrootaa abdiin du’aa ka’uufi barabaraan lafarra jiraachuu akka jiru kan addeessan akkamitti?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
[Fakkii fuula 5rra jiru]
Wanti Eelihuun Iyoobitti dubbate, ilmaan namootaa dullumaafi du’a jalaa akka furaman abdii kenna
[Fakkii fuula 6rra jiru]
Daani’el ‘guyyaa isa dhumaa sanatti ka’ee akka dhaabatuufi ga’aasaa akka argatu’ isaaf mirkaneeffameera