Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Yihowaan Fuulasaa Isaaniif Ibseera’

‘Yihowaan Fuulasaa Isaaniif Ibseera’

‘Yihowaan Fuulasaa Isaaniif Ibseera’

FUULA namaarra ribuuwwan 30 ol ta’antu jira. Seequuf qofa ribuuwwan 14 fayyadamna. Ribuuwwan kun utuu hin jiran ta’ee haasaan namaa wajjin gootan maal fakkaachuu akka danda’u mee yaadaa. Nama gammachiisaa? Tasumaa. Namoota gurrisaanii hin dhageenyeef garuu, ribuuwwan fuularra jiran kun haasawaa mi’eessuu caalaa wanta raawwatan qabu. Ribuuwwan kun sochii qaamaa wajjin qindoominaan yommuu hojjetanimmoo, karaa itti yaada hiika qabu dabarsuuf gargaaran ta’anii tajaajilu. Namoonni hedduun akkaataan afaan mallattoo yaadawwan ulfaataafi gadi fageenya qaban dhamasaa eegee itti dabarsu baay’ee isaan ajaa’ibsiisa.

Yeroo dhihoodhaa asitti namoonni gurrisaanii hin dhageenyeefi addunyaa maratti argaman, fuula ilmaan namootaa kamiyyuu caalaa yaadaafi miirasaa akka gaariitti ibsuu danda’u arguu danda’aniiru. Namoonni kun akka fakkeenyaatti ‘fuula Yihowaa’ arganiiru jechuun ni danda’ama. (1Sam. 13:12) Kun kan ta’e akka carraa miti. Yihowaan baruma duriitii kaasee namoota gurrisaanii hin dhageenyeef jaalala guddaa akka qabu argisiiseera. Saba Israa’el durii keessattis taanaan kana argisiiseera. (Lew. 19:14) Bara keenyattis jaalalli inni namoota gurrisaanii hin dhageenyeef qabu ifatti mul’ateera. “Waaqayyo, namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka ga’u in fedha.” (1 Xim. 2:4) Namoonni gurrisaanii hin dhageenye hedduun dhugaa waa’ee Waaqayyoo ilaalchisee beekumsa sirrii argachuudhaan fuula Waaqayyoo arganiiru jechuun ni danda’ama. Namoonni kun dhaga’uu utuu hin danda’in, beekumsa dhugaa kana argachuu kan danda’an akkamitti? Gaaffii kana deebisuu keenya dura, afaan mallattoo namoota gurrisaanii hin dhageenyeef baay’ee kan barbaachisu maaliif akka ta’e haa ilaalu.

Arguudhaan Dhaga’u

Namoota gurrisaanii hin dhageenyeefi afaan mallattoo ilaalchisee yaadawwan dogoggoraa ta’an hedduutu jira. Dhimma kana ilaalchisee dhugaansaa maal akka ta’e hubadhaa. Namoonni gurrisaanii hin dhageenye konkolaataa oofuu danda’u. Sochii afaan nama tokkoo ilaaluudhaan namni sun maal jechuu akka barbaade hubachuun garuu baay’ee isaanitti ulfaata. Afaan mallattoo Bireeyilii wajjin kan wal hin fakkaanne ta’uusaarrayyuu, sochiin qaamaas kan godhamu akkasumaan fakkeessuuf miti. Afaan mallattoo namoonni hundi addunyaa maratti ittiin walii galuu danda’an hin jiru. Afaan mallattoo biyyuma tokko keessattillee hamma tokko addadda ta’uu danda’a.

Namoonni gurrisaanii hin dhageenye dubbisuu ni danda’uu? Tokko tokko akka gaariitti kan dubbisan ta’us, baay’eensaanii dubbisuun isaanitti ulfaata. Maaliifi? Sababiinsaa wanti waraqaarratti barreeffamu wanta afaaniin dubbatamurraa kan maddu waan ta’eefidha. Mucaan dhaga’uu danda’u tokko akkamitti akka afaan baratu haa ilaallu. Mucichi erga dhalatee kaasee namoota afaan naannoo sanaa dubbatan gidduutti guddata. Yeroo gabaabaa keessatti jechoota walitti dabaluudhaan hima ijaaruu danda’a. Kunimmoo afaan dubbatamu sana dhaga’uudhaan akkasumaan kan dhufudha. Kanaaf, ijoolleen dhaga’uu danda’an yommuu dubbisuu jalqaban, jechoota barreeffamaan jiran sana jechootaafi sagaleewwan kanaan dura dhaga’anii wajjin wal qabsiisuu baratu jechuudha.

Mee biyya alaa mana daawwitiidhaan ijaarameefi sagalee hin dabarsine keessa akka jirtu godhii yaadi. Qooqa naannoo sanatti dubbatamu tasumaa dhageessee hin beektu. Namoonni naannoo sanaa guyyaa guyyaan daawwitii keessaan karaa alaa dhufanii sitti dubbachuu yaalu. Wanta isaan dubbachaa jiran dhaga’uu hin dandeessu. Yeroo hidhiinsaanii socho’u qofa argita. Wanti isaan dubbatan akka sii hin galle hubachuudhaan, wanta dubbatan sana waraqaarratti barreessanii daawwitii keessaan sitti argisiisu. Wanta kana hubachuu qabda jedhanii yaadu. Haata’u malee, hubachuu kan dandeessu akkamitti sitti fakkaata? Haala akkasii keessatti tasumaa walii galuun akka hin danda’amne ni hubatta. Maaliifi? Sababiinsaas wanti barreeffame sun, qooqa ati yommuu dubbatamu tasumaa dhageessee hin beekne waan ta’eefidha. Namoonni gurrisaanii hin dhageenye hedduunis haaluma akkasii keessatti argamu.

Afaan mallattoo karaa namoonni gurrisaanii hin dhageenye ittiin walii galanidha. Namni tokko naannoowwan qaamasaa jiranitti yaadawwan sassaabbachuuf mallattootti fayyadama. Sochiin inni harka, irree, qaamaafi fuulasaatiin naannoo qaamasaatti godhu, seerluga afaan mallattoo kan hordofedha. Qooqni hubatamuufi ijaaf odeeffannoo dabarsuu danda’us karaa kanaan uumama.

Dhugaadha, sochiin namni gurrisaa hin dhageenye tokko harka, qaamaafi fuulasaatiin argisiisuu hundi hiika qaba jechuun ni danda’ama. Sochiiwwan fuulaan argisiifaman namoota ajaa’ibsiisuuf jecha kan taasifaman miti. Sochiiwwan kun seerluga afaan mallattoo keessatti iddoo guddaa qabu. Fakkeenyaaf: Nyaara ol kaasuun, gaaffii namni tokko akka yaaduuf jecha dhihaate gaafachuu ykn eeyyee ykn waawuu jechuu ta’uu danda’a. Nyaara gad buusuunimmoo, gaaffii eenyu, maal, eessa, yoom, maaliifi ykn akkamitti jedhu argisiisuu danda’a. Sochiiwwan afaaniin godhaman tokko tokko hamma wanta tokkoo ykn sadarkaa gocha tokkoo argisiisuu danda’u. Akkaataan namni gurrisaa hin dhageenye itti mataasaa sochoosu, gatiittiisaa raasu, maddiisaa sochoosuufi ijasaa liphsu hundi yaada darbaa jiru sana kan cimsuufi hiika akka qabaatu kan taasisudha.

Sochiiwwan qaamaa kun hundi namni tokko ilaaluudhaan akka gaariitti odeeffannoo akka argatu taasisu. Namoonni gurrisaanii hin dhageenye afaan mallattoo karaa gara garaa dubbachuuf gargaaru kanatti fayyadamuudhaan yaada kamiyyuu, jechuunis weedduus ta’e ogummaa, jaalalas ta’e gammachuu, wantoota ijaan argamanis ta’e hin argamne ibsuu danda’u.

Barreeffamoonni Afaan Mallattoo Faayidaa Qabu

Beekumsi Yihowaa afaan mallattootiin yommuu ibsamu, namni gurrisaa hin dhageenye ergicha dhaga’uudhaan qaama Madda ergichaa ta’eetti ‘amana.’ Kanaaf, Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti argaman, namoota gurrisaanii hin dhageenyeef lallabuufi barreeffamoota isaan gargaaran isaaniin ga’uuf carraaqqii cimaa godhu. (Rom. 10:14) Yeroo ammaa addunyaa maratti tuutni afaan mallattoo hiikan 58 kan jiran si’a ta’u, DVDdhaan barreeffamoonni afaan mallattoo afaan 40n ni dhihaatu. Hojiin kun hundi bu’aa argamsiiseeraa?

Jermiin inni warrisaa gurrisaanii hin dhageenye akkas jedha: “Yeroo abbaankoo keeyyatawwan Masaraa Eegumsaa muraasa hubachuuf jecha sireesaarra ciisee sa’aatii hedduuf qayyabatu nan yaadadha. Akka tasaa kutaa ciisichaatii gammachuudhaan utaalee ba’uudhaan mallattoodhaan: ‘Nan hubadhe! Nan hubadhe!’ jedhe. Achiis ergaan barreeffamichaa maal akka ta’e naa ibsuutti ka’e. Yeroo sana umriinkoo waggaa 12 ture. Keeyyaticha saffisaan ergan dubbisee booda mallattoodhaan akkasan jedheen: ‘Abbayye, ergaansaa kana natti hin fakkaatu. Kana jechuun . . . ’ Akkan cal jedhu sochii qaamaatiin natti argisiisuudhaan ergaan barreeffamichaa maal akka ta’e hubachuuf gara kutaasaatti deebi’e. Yommuu inni gara kutaa ciisichaasaatti deebi’u abdii kutannaa fuulasaarra tureefi dinqisiifannaa natti dhaga’ame hamma yoonaatti hin irraanfadhu. Haata’u malee, yeroo ammaa barreeffamoota afaan mallattoo DVDdhaan argachuunsaa ergaasaa caalaatti hubachuuf isa gargaareera. Yihowaa ilaalchisee maal akka isatti dhaga’amu gammachuu fuulasaarraa mul’atuun yommuu ibsu arguukoo waanan akka laayyootti ilaalu miti.”

Muuxannoo abbaa manaafi haadha manaa, intala Jeseniyaa jedhamtu, Chiilii keessa jiraattuufi gurrishee hin dhageenye tokkoof lallabaniis ilaali. Kitaaba Koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu jedhamu Afaan Mallattoo Chiiliitiin DVDdhaan qophaa’e Jeseniyaatti argisiisuudhaaf haadhasheerraa heyyama erga argatanii booda akkas jedhaniiru: “Jeseniyaan seenicha ilaaluu yommuu jalqabdu kolfuutti kaate, achiis ni boosse. Maaliif akka boossu haatishee yommuu ishee gaafattu, waan argite sana waan jaallateef akka ta’e itti himte. Kanaan kan ka’es haatishee wanta DVD sanarratti ilaalte hundaa akka hubate qalbeeffatte.”

Dubartiin gurrishee hin dhageenyeefi naannoo baadiyyaa Veenezuweelaa jiraatu tokko mucaa durbaa kan qabdu si’a ta’u, mucaa isa lammaffaammoo garatti baatti turte. Isheefi abbaan manaashee rakkoo dinagdeetiin kan ka’e mucaa gara biraa guddisuu akka hin dandeenye waan isaanitti dhaga’ameef, mucaa garaa keessa jiru sana baasisuu yaadu turan. Dhugaa Baatonni Yihowaa wanta namoonni kun yaadaa jiran utuu hin beekin, viidiyoo Waaqayyo Nurraa Maal Barbaada? jedhuufi Afaan Mallattoo Veenezuweelaatiin qophaa’e barumsa 12⁠ffaa isaanitti argisiisan. Barumsi kun Waaqayyo ulfa baasuufi nama ajjeesuuf ilaalcha maalii akka qabu ibsa. Boodas dubartittiin barumsicha qayyabachuusheetti baay’ee akka isaan galateeffattu Dhugaa Baatota sanatti himte. Kanaan kan ka’es ulficha baasisuu dhiisuuf akka murteessan dubbattetti. Gargaarsa barreeffamni afaan mallattoo DVDdhaan qophaa’e godheen lubbuun ooleera!

Dhugaa Baatuun Looreeyin jedhamtuufi gurrishee hin dhageenye akkas jechuudhaan ibsiti: “Macaafa Qulqulluu barachuun wantoota xixinnoo wal keessa galchuudhaan fakkii tokko uumuu wajjin wal fakkaata. Bakki duwwaan, jechuunis wantoonni keessa hafan waan jiraniif guutummaa fakkichaa hubachuu hin danda’u. Dhugaan Macaafa Qulqulluu afaan mallattootiin caalaatti yommuu dhihaatu garuu, bakki duwwaan kun ni guutama.” Joorji inni gurrisaa hin dhageenyeefi waggaa 38f Dhugaa Baatuu ta’e akkas jedha: “Wanta tokko ofumakeetii hubachuu danda’uunkee hamma tokko ofiif kabaja akka qabaattuufi ofitti akka amanamtu kan si taasisu ta’uunsaa shakkii hin qabu. Afaan mallattoo DVDdhaan qophaa’u, guddinan karaa hafuuraa argisiiseef gumaacha guddaa akka godhe natti dhaga’ama.”

“Walga’ii Afaankootiin Godhamurratti Hirmaachuu!”

Dhugaa Baatonni Yihowaa afaan mallattootiin barreeffamoota qopheessuu malees, gumiiwwan guutummaatti afaan mallattootiin geggeeffaman gurmeessaniiru. Yeroo ammaa addunyaa maratti gumiiwwan afaan mallattootiin geggeeffaman 1,100 ol ta’antu jira. Namoonni gurrisaanii dhaga’uu hin dandeenye afaansaaniitiin walga’ii hordofu, dhugaan Macaafa Qulqulluu karaa namni gurrisaa hin dhageenye yaaduun dhihaata. Barumsawwan kun karaa aadaafi muuxannoo jireenyaa nama gurrisaa hin dhageenye tokkoof kabaja argisiisuun kennamu.

Gumiiwwan afaan mallattootiin geggeeffaman hundeeffamuunsaanii bu’aa argamsiisaniiruu? Muuxannoo obboleessa Siril jedhamaniifi bara 1955⁠tti cuuphamuudhaan Dhugaa Baatuu ta’anii haa ilaallu. Waggoota dheeraadhaaf barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an akka gaariitti qayyabachuufi walga’iiwwanirratti yeroo hundaa argamuuf wanta danda’an hundaa godhu turan. Yeroo tokko tokko namoonni gara afaan mallattootti hiikan ni jiraatu yeroo kaanimmoo hin jiraatan. Yeroo namoonni hiikan hin jirreetti, Dhugaa baatonni jaalala qabeeyyii ta’an wanta waltajjiirraa dubbatamu yaadannoo qabuudhaan akka isaan gargaaran godhu. Gumiin afaan mallattoo inni jalqabaa, Yuunaayitid Isteetis, Niwuu Yoork Siitii keessatti kan hundeeffame erga isaan Dhugaa Baatuu ta’anii waggaa 34 booda bara 1989⁠tti ture. Siril miseensa gumii sanaa ta’uusaaniitti maaltu itti dhaga’amee ture? “Walga’ii afaankootiin godhamurratti hirmaachuun bosona yabbuu, akkasumas karaa lafa jalaa dukkana ta’e keessaa ifatti ba’uu wajjin wal fakkaata!”

Gumiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa afaan mallattootiin geggeeffaman, bakka namoonni gurrisaanii hin dhageenye yeroo hundaa walitti qabamuudhaan waa’ee Waaqayyoo barataniifi Isa itti waaqeffatanidha. Iddoowwan kun bakka sabni Waaqayyoo hariiroosaanii itti cimsaniifi itti wal jajjabeessanidha. Biyya lafaa namoonni wal dhaga’aniifi walitti dubbatan keessatti namoonni gurrisaanii hin dhageenye salphaatti walii galuu kan hin dandeenye tariimmoo namoonni kan isaanirraa fagaatan ta’uu danda’u. Gumiiwwan kun garuu bakka namoonni kun itti walga’aniifi walitti michoomanidha. Namoonni gurrisaanii hin dhageenye gumiiwwan kana keessatti barachuu, guddachuufi tajaajila Yihowaarratti itti gaafatamummaa fudhachuu danda’u. Dhugaa Baatonni gurrisaanii hin dhageenye hedduun labsitoota wangeelaa yeroo guutuu ta’anii tajaajiluu danda’aniiru. Warri tokko tokko namoonni gurrisaanii hin dhageenye waa’ee Yihowaa akka baratan gargaaruuf biyyoota biraa dhaqaniiru. Dhiironni Kiristiyaana ta’aniifi gurrisaanii hin dhageenye, barsiisota bu’a qabeeyyii, qindeessitootaafi tiksitoota ta’uu kan baratan si’a ta’u, isa booda baay’eensaanii gumii keessatti itti gaafatamummaa fudhachuuf ga’eessota ta’aniiru.

Yuunaayitid Isteetis keessa gumii afaan mallattoo 100 oliifi tuuta gara 80tu jira. Biraaziil keessa tilmaamaan gumii afaan mallattoo 300fi tuuta 400 ol ta’utu jira. Meksikoo keessas gumii afaan mallattoo 300 ta’utu jira. Ruusiyaa keessammoo gumii afaan mallattoo 30 oliifi tuuta 113tu jira. Kanneen kun guddina addunyaa maratti mul’achaa jiran keessaa akka fakkeenyaatti caqasaman muraasa qofadha.

Dhugaa Baatonni Yihowaa afaan mallattootiin walga’iiwwan addaa, aanaafi koonyaas ni qopheessu. Waggaa darbe addunyaa maratti walga’iiwwan koonyaa 120 ol ta’an afaan mallattoo addaddaatiin godhamaniiru. Walga’iiwwan kun Dhugaa Baatonni gurrisaanii hin dhageenye, kutaa obbolummaa Kiristiyaanota addunyaa maraa akka ta’aniifi nyaata hafuuraa yeroodhaan dhihaachaa jirurraa fayyadamaa akka jiran hubachuuf isaan dandeessiseera.

Obboleessi Liyoonaardi jedhamaniifi gurrisaanii hin dhageenye, waggaa 25f Dhugaa Baatuu Yihowaa turan. Akkas jedhu: “Yihowaan Waaqa dhugaa ta’uusaa yoomiyyuu nan amana. Ta’us, maaliif rakkina akka inni heyyame tasumaa hin hubanne. Al tokko tokko haalli kun akkan isatti aaru na taasisa. Haata’u malee, walga’ii koonyaa tokkorratti afaan mallattootiin haasawaan yeroo kennamu, sababii Waaqayyo rakkinni akka jiraatu itti heyyame nan hubadhe. Yommuu haasichi xumuramu haati manaakoo ciqileesheetiin na tumattee ‘Amma deebii quubsaa argattee?’ jettee na gaafatte. Anis eeyyee jedheen deebiseef! Waggaa 25f Yihowaarraa utuu hin fagaatin turuukootiif isan galateeffadha. Yeroo kana hundaatti kanan isa jaalladhu ta’us, guutummaatti isa hin beekun ture. Amma garuu isa beekeera!”

Garaadhaa Galateeffachuu

Namoonni gurrisaanii hin dhageenye waa’eesaa yommuu baratan fuula Yihowaarraa maaltu isaanitti ‘mul’ata’? Jaalala, gara laafina, murtoo qajeelaa, amanamummaa, gaarummaafi kanneen biroo hedduutu isaanitti mul’ata.

Hawaasni Dhugaa Baatotaa gurrisaanii hin dhageenyeefi addunyaa maratti argaman fuula Yihowaa argaa jiru, fuuldurattis caalaatti arguusaanii itti fufu. Jaalala guddaa namoota gurrisaanii hin dhageenyeef qabuun ‘Yihowaan fuula isaa isaanitti ibseera.’ (Lak. 6:25) Namoonni gurrisaanii hin dhageenye kun Yihowaa beekuusaaniitiif guddaa galateeffatu!

[Fakkii fuula 24, 25rra jiru]

Addunyaa maratti gumiiwwan afaan mallattoo 1,100 ol ta’antu jira

[Fakkii fuula 26rra jiru]

Fuulli Yihowaa, naannoo namoota gurrisaanii hin dhageenyeerratti akka gaariitti ifeera