Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Amantiin Hordofu Anamoo Warrakootu Naa Fila?

Amantiin Hordofu Anamoo Warrakootu Naa Fila?

Amantiin Hordofu Anamoo Warrakootu Naa Fila?

POOLAANDITTI namoonni hedduun Dhugaa Baatota Yihowaatiin, “Amantiin keessatti dhaladhe hamman du’utti jijjiiruu hin barbaadu” jedhu. Akka ilaalchasaaniitti amantiin dhalootaa gara dhalootaatti darba jechuudha. Naannoo keettis namoonni amantiidhaaf ilaalcha akkasii qabuu? Ilaalchi akkasii yeroo hedduu maal geessisuu danda’a? Yaanni kun dhugaa taanaan, namoonni amantiisaanii kan hordofan fakkeessuuf ykn warrasaaniirraa waan dhaalaniif qofa ta’a. Dhugaa Baatota Yihowaa amantiisaanii isa dhaala hafuuraa gaarii ta’e, warrasaanii ykn akkoofi akaakayyuusaaniirraa argatanirras haalli akkasii ga’uu danda’aa?

Ximotewos waa’ee Waaqa dhugaatti amanuufi isa jaallachuu haadhaafi akkoosaa namoota Waaqayyoo ta’anirraa kan barate ta’us, haalli akkasii isa hin mudanne. Waa’ee Caaffata Qulqullaa’oo ‘mucummaasaatii’ jalqabee barateera. Yeroo boodas, Ximotewos haadhaafi akkoosaa wajjin Kiristiyaanummaan amantii dhugaa ta’uusaa amanee fudhateera. Ta’us, Yesus Kiristosin ilaalchisee wanta Caaffata Qulqullaa’oorraa barate ‘itti amanee’ fudhateera. (2 Xim. 1:5; 3:14, 15) Kanaaf, warri Kiristiyaanota ta’aniifi yeroo har’aatti argaman, ijoolleensaanii tajaajiltoota Yihowaa akka ta’an gargaaruuf wanta danda’an hundaa godhaniyyuu, ijoolleen sunis gamasaaniitiin Yihowaa tajaajiluuf fedhii qabaachuunsaanii barbaachisaadha.—Mar. 8:34.

Namni hundi jaalalaan kaka’ee Yihowaa tajaajiluu, akkasumas wanti fedhe isarra ga’uyyuu amanamummaasaa eegee jiraachuuf, wanti inni barate ragaa amansiisaarratti kan hundaa’e ta’uusaa itti amanuu qaba. Akkas kan godhu taanaan, amantiinsaa jabaafi hundee kan qabu ta’a.—Efe. 3:17; Qol. 2:6, 7.

Ga’ee Ijoollee

Albarti inni maatii Dhugaa Baatota Yihowaa keessatti guddate, * “Amantiin Dhugaa Baatota Yihowaa dhugaa ta’uusaa yoomiyyuu shakkuu baadhus, barumsa isaan akkan itti jiraachuu qabu ilaalchisee naa kennan fudhachuun garuu natti ulfaata ture” jechuudhaan ibseera. Atis dargaggeessa taanaan, akkuma Albarti sitti dhaga’ama ta’a. Jaalala Waaqayyoo raawwachuudhaan gammachuu argachuuf, karaa Waaqayyo barbaaduun jiraachuun maalfaa akka dabalatu beekuuf maaliif hin carraaqxu? (Far. 40:8) Albarti akkas jedheera: “Kadhannaa gochuun jalqabe. Jalqabarratti kadhannaa gochuun waan natti ulfaateef of dirqisiisuun qaba ture. Haata’u malee, utuma baay’ee hin turin, wanta sirrii ta’e gochuuf carraaqqii goonaan Waaqayyo bakka guddaa akka naa kennu natti dhaga’amuu jalqabe. Kunimmoo jijjiiramawwan barbaachisaa ta’an gochuuf jabina naa kenneera.” Yihowaa wajjin dhuunfaatti michooma uumuudhaan, fedhii wanta inni nurraa barbaadu gochuuf qabdu guddifachuu dandeessa.—Far. 25:14; Yaq. 4:8.

Mee waa’ee gosa ispoortii farda gulufuufi fiigichaa yaadi. Seerawwan tapha kanaa kan hin beeknee ykn taphawwan kana sirriitti taphachuu kan hin dandeenye taanaan si nuffisiisuu danda’u. Haata’u malee, seera taphawwan kanaa kan beektuufi sirriitti haasa’uu kan dandeessu taanaan, taphawwan kanarratti hirmaachuu kan hawwitu ta’uukeerrayyuu, kana gochuufis haalakee ni mijeessita. Walga’iirratti argamuufi bifawwan tajaajilaa addaddaarratti hirmaachuunis kanaa wajjin wal fakkaata. Kanaaf, ofumakeetii kaka’umsa qabaachuudhaan walga’iiwwan Kiristiyaanaaf qophii godhi. Umriinkee xinnoo ta’us, gama kanaan fakkeenya ta’uunkee warra kaan jajjabeessuu waan danda’uuf, sochiiwwan Kiristiyaanaa hundaarratti dammaqinaan hirmaadhu!—Ibr. 10:24, 25.

Waa’ee amantiikee warra kaanitti himuufis akkasuma gochuu qabda. Kunis dirqamaan utuu hin ta’in, jaalalaan raawwatamuu qaba. Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Waa’ee Yihowaa warra kaanitti himuu kanan barbaadu maaliifi? Sababiiwwan akkan Isa jaalladhu na taasisan maalfa’i?’ Yihowaan, Abbaa jaalala qabeessa ta’uusaa hubachuu si barbaachisa. Yihowaan, karaa Ermiyaas, “Isin ana in barbaaddattu; garaa keessan guutuudhaan yoo ana barbaaddattan, ana in argattu” jedheera. (Er. 29:13, 14) Yihowaa barbaaduuf maal gochuu qabda? Yaakuub akkas jedha: “Ilaalchakoo jijjiiruun na barbaachisee ture. Ijoollummaakootii jalqabee walga’iiwwanirratti kanan argamuufi tajaajilarratti kanan hirmaadhu ta’us, wantoota kana kanan raawwadhu barsiifataan ture. Dhugaa kan mataakoo godhachuu kanan danda’e garuu, yommuun akka gaariitti Yihowaa beekeefi hariiroon isaa wajjin qabu cimsadhetti ture.”

Tajaajilakeetti gammaduuf, michoota gaarii si jajjabeessan qabaachuunkees murteessaadha. Fakkeenyi geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame, “Namni ogeessaa wajjin adeemu, ogeessa in ta’a” jedha. (Fak. 13:20) Kanaaf, namoota galmawwan hafuuraa hordofaniifi Yihowaa tajaajiluutti gammadanii wajjin michoomi. Yoolaan akkas jetti: “Dargaggoota hedduu tajaajila Yihowaarratti xiyyeeffatanii wajjin michoomuunkoo jajjabina naa argamsiiseera. Anis yeroo hundaa gammachuu guddaadhaan tajaajilarratti hirmaachuun jalqabe.”

Ga’ee Warraa

Yoolaan, “Warrikoo waa’ee Yihowaa waan na barsiisaniif baay’een isaan galateeffadha” jetteetti. Eeyyee, warri filannoo ijoolleensaanii godhanirratti dhiibbaa guddaa geessisuu danda’u. Phaawulos ergamaan, “Isin immoo abboota nana! Adabaa fi barsiisa gooftaatiin ijoollee keessan guddisaa” jechuudhaan barreesseera. (Efe. 6:4) Gorsi geeggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame kun, warra kan taatan ijoollee keessan barsiisuu kan qabdan yaada Yihowaa malee yaada mataa keessanii akka hin taane ifatti argisiisa. Galmawwan ijoolleen keessan akka irra ga’an barbaaddan sammuusaanii keessa kaa’uu mannaa, karaa kaayyoo Waaqayyoo wajjin walsimuun akka jiraatan utuu isaan leenjisuu dandeessanii baay’ee gaarii ta’a!

Dubbii Yihowaa, ‘keessa deddeebitee ijoolleekee barsiisuu, yeroo manakee keessa teessu, karaarra yeroo adeemtu, yeroo ciiftu, yeroo kaatus waa’ee isaa dubbachuudhaan’ akka sammuusaanii keessaa hin banne gochuu dandeessa. (Kes. 6:6, 7) Riishaardiifi Iivaan warri ijoollee dhiiraa sadii qaban, “Yeroo hundaa waa’ee tajaajila yeroo guutuu garagaraa dubbanna turre” jedhaniiru. Bu’aa maalii argatanii? “Ijoolleensaanii kutaa fudhatanii dhiheessuu waan barbaadaniif Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiitti kan galmeeffaman xinnummaasaaniitti ture; boodas babal’istoota kan ta’an si’a ta’u, kaka’umsa mataasaaniitiin cuuphamaniiru. Yeroo boodammoo, miseensa maatii Bet’eliifi qajeelchitoota ta’anii tajaajiluu jalqabaniiru.”

Warri fakkeenya gaarii ta’uunsaanii baay’ee barbaachisaadha. Riishaardi akkas jedha: “Mana keessatti amala tokko, gumii keessattimmoo amala kan biraa argisiisuurraa fagaachuuf murteessinee turre.” Kanaaf, warra kan taatan akkas jedhaa of gaafadhaa: ‘Ijoolleenkoo jireenyakoo keessatti maal argu? Yihowaaf jaalala dhugaa akkan qabu ni hubatuu? Jaalala ani isaaf qabu kana kadhannaafi qayyabannaa dhuunfaa ani yeroo hundaa godhurraa ni arguu? Jaalala ani Yihowaaf qabu, ilaalcha ani tajaajilaaf, bashannanaaf, qabeenyaaf qabu, akkasumas obboloota gumii keessatti argaman ilaalchisee wanta ani dubbadhurraa ni hubatuu?’ (Luq. 6:40) Ijoolleen sochii isin guyyaa guyyaan gootan kan ilaalan ta’uusaaniirrayyuu, wanti isin dubbattaniifi gootan gargar taanaan kanas ni hubatu.

Gama ijoollee guddisuutiin, adabni iddoo guddaa qaba. Haata’u malee, Dubbiin Waaqayyoo inni geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame, “Akka itti jiraachuun ta’u mucaa barsiisi!” jedha. (Fak. 22:6) Iivaafi Riishaardi, “Tokkoon tokkoon ijoolleetiif yeroo dhuunfaasaaniitti Macaafa Qulqulluu itti qayyabsiisnu ramannee turre” jedhu. Ijoolleen hundi qofaatti qayyabachuu akka isaan barbaachisuufi hin barbaachisne kan murteessu warra akka ta’an beekamaadha. Haallisaa maaliyyuu yoo ta’e, mucaan tokko kabajaan qabamuu qaba. Kunimmoo akka haalasaatti jijjiirama gochuufi sababi qabeeyyii ta’uu gaafata. Fakkeenyaaf, muuziqaawwan tokko tokko gaarii akka hin taane qofa ijoollee keessanitti himuu mannaa, murtoo ogummaarratti hundaa’e gochuufi seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuu kan danda’an akkamitti akka ta’e maaliif itti hin argisiistan?

Ijoolleen keessan maal akka isaanirraa eegdan waan beekaniif, wanta isin barbaaddan waan raawwachaa jiran fakkeessuu danda’u. Kanaaf, garaasaanii tuquuf carraaqqii gochuu qabdu. Gorsa, “Akeeki garaa namaa akka bishaan gadi fagooti, nama hubataa duwwaatu isa keessaa waraabbata” jedhu yaadadhaa. (Fak. 20:5) Mallattoowwan ijoolleen keessan amala dhokataa akka qaban argisiisuu danda’an hubachuuf dammaqina qabaadhaa; saffisaanis tarkaanfii fudhadhaa. Utuu isaan hin ceepha’in dhimmi kun akka isin yaaddesse itti himuudhaan gaaffiiwwan barbaachisaa ta’an isaan gaafadhaa. Ta’us gaaffiidhaan isaan sarduurraa of qusadhaa. Carraaqqiin isaan gargaaruuf gootan, wanta garaasaanii keessa jiru beekuufi akkamitti isaan gargaaruu akka dandeessan hubachuuf isin gargaara.

Ga’ee Gumii

Tajaajiltoota Waaqayyoo keessaa tokko waan taateef, dargaggoonni gumii keessatti argaman dhaala hafuuraa argatan akka dinqisiifatan gargaaruu dandeessaa? Ijoollee leenjisuuf itti gaafatamummaa kan qabu warra ta’anis, miseensonni gumii kaan, keessumaa jaarsoliin carraaqqii warri godhan deggeruu danda’u. Keessumaa ijoollee maatii amantiidhaan qoqqoodame keessa jiraatan gargaaruuf carraaqqii gochuun barbaachisaadha.

Dargaggoonni Yihowaa akka jaallatan, akkasumas akka barbaadamaniifi bakka guddaa akka qaban akka isaanitti dhaga’amu gargaaruuf, jaarsoliin maal gochuu danda’u? Obboleessi gumii Poolaandi tokko keessatti ilaaltuu olaanaa ta’ee tajaajiluufi Maariyuush jedhamu akkas jedheera: “Jaarsoliin yeroo hundaa dargaggoota haasofsiisuu qabu. Kana gochuu kan qaban yommuu rakkoon uumamutti qofa utuu hin ta’in, yeroo isaanii wajjin tajaajilan, walga’iiwwan booda ykn karaa alidilee ta’een isaan haasofsiisuu danda’u.” Waa’ee gumii maaltu akka itti dhaga’amu maaliif isaan hin gaafattan? Karaa kanaan ifatti mari’achuun keessan, gumii wajjin hariiroo cimaa akka qabaataniifi miseensota gumii akka ta’an akka itti dhaga’amu godha.

Jaarsa taatee kan tajaajiltu taanaan, dargaggoota gumii keessatti argaman akka gaariitti beektaa? Albarti inni olitti ibsame, yeroo ammaatti jaarsa ta’ee kan tajaajilu ta’us, umrii dargaggummaarra yommuu turetti rakkoowwan garagaraa isa mudatanii turan. Akkas jedha: “Yeroon umrii dargaggummaarra turetti dhuunfaatti gama hafuuraatiin gargaarsi naa godhamuu qaba ture.” Jaarsoliin nageenya hafuuraa dargaggoota gumiisaanii keessatti argamaniif kadhannaa gochuudhaan, dhuunfaatti akka isaaniif yaadan argisiisuu danda’u.—2 Xim. 1:3.

Dargaggoonni, gumii keessatti dammaqinaan sochii gochuunsaanii barbaachisaadha. Kana ta’uu baannaan, galmawwan biyya lafaa hordofuurratti xiyyeeffachuu danda’u. Warri umrii dargaggoota gargaaruuf isin dandeessisurratti argamtanis isaanii wajjin tajaajiluufi michoota keessan isaan godhachuu dandeessuu? Yeroo boqonnaa keessanii dargaggootaa wajjin dabarsuudhaan akka isin amananiifi isinitti dhihaatan godhaa. Yoolaan akkas jechuudhaan yaadatti: “Obboleettiin qajeelchituu taate tokko xiyyeeffannaa naa kennite. Yeroo jalqabaatiif gammachuudhaan tajaajila kanan ba’e ishee wajjin ture.”

Filannoo Dhuunfaakee

Dargaggootaa akkas jedhaa of gaafadhaa: ‘Galmikoo maalidha? Hin cuuphamne taanaan, cuuphamuuf galma baafadheeraa?’ Cuuphamuuf kan murteessitan garaa guutuudhaan Yihowaa waan jaallataniif malee, warra keessan gammachiisuuf jecha ta’uu hin qabu.

Yihowaan michuu keessan isa dhugaa akka isinii ta’uufi dhugaa akka mi’a gati jabeessaatti akka ilaaltan hawwii keenyadha. Yihowaan karaa Isaayaas raajichaa, “Ani Waaqayyo kee ti hin na’in!” jedheera. Hamma isin michuu Yihowaa taatanitti innis isinii wajjin ta’a. Dhugumayyuu, inni, ‘irree qajeelummaasaa isa mirgaatiin ol isin qabuudhaan’ isin jabeessa.—Isa. 41:10.

[Miiljaleewwan]

^ key. 6 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

[Fakkii fuula 4rra jiru]

Wanta garaa ijoollee keessan keessa jiru hubachuuf yaalaa

[Fakkii fuula 6rra jiru]

Cuuphamuuf murteessuun garaa guutuudhaan Yihowaa jaallachuurratti kan hundaa’edha