Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Caalmaa Barumsi Waaqayyoo Qabu

Caalmaa Barumsi Waaqayyoo Qabu

Caalmaa Barumsi Waaqayyoo Qabu

“Dhuguma iyyuu gooftaa koo Kristos Yesusin beekuun hundumaa irra waan caaluuf, ani waan hundumaa akka waan gatameetti nan lakkaa’a.”—FILP. 3:8.

1, 2. Kiristiyaanonni tokko tokko filannaa akkamii godhaniiru? Maaliif?

ROOBARTI ijoollummaasaatii kaasee mana barumsaatti tokkoffaa ba’a ture. Yommuu umriinsaa waggaa saddeet ta’u, barsiistuunsaa manasaa dhaqxee wanta barbaade hojjechuuf homtuu akka isa hin dhowwine itti himte. Gaaf tokko doktoora ta’a jettee akka abdattu dubbatte. Qabxiin inni barumsa sadarkaa lammaffaatti argate, yunivarsiitiiwwan beekamoo biyyattii keessa jiran kamiyyuu galee barachuuf kan isa dandeessisu ture. Haata’u malee, Roobarti qajeelchaa ta’ee tajaajiluuf jecha, carraa namoonni baay’een takkaa darbinaan lammata akka hin argamne godhanii ilaalan dhiisuu filateera.

2 Kiristiyaanonni hedduunis akkuma Roobarti carraawwan sirna ammaa kana keessatti guddachuuf isaan dandeessisan qabu. Warri tokko tokko galmawwan waaqeffannaa wajjin wal qabatan hordofuuf jecha, carraawwan kanatti guutummaatti fayyadamuu dhiisuuf filataniiru. (1 Qor. 7:29-31) Kiristiyaanonni akka Roobarti hojii lallabaarratti jabaatanii akka hojjetan kan isaan kakaase maalidha? Sababii guddaan hundarra caalu jaalala Yihowaaf qaban ta’us, barumsi Yihowaa biraa argamu caalmaa akka qabu hubachuunsaaniis kana gochuuf isaan kakaaseera. Utuu dhugaa hin baranne ta’ee jireenyikee maal fakkaachuu akka danda’u yaaddee beektaa? Eebbaawwan Yihowaarraa barachuudhaan arganne tokko tokkorratti xiinxaluun keenya, dinqisiifannaa misiraachichaaf qabnu eegnee jiraachuufi warra kaaniif hinaaffaadhaan lallabuuf nu gargaara.

Waaqayyorraa Barachuun Mirga Guddaadha

3. Yihowaan ilmaan namootaa cubbamoo ta’an barsiisuuf fedhii akka qabu mirkanaa’oo ta’uu kan dandeenyu maaliifi?

3 Yihowaan gaarummaasaatiin ilmaan namootaa cubbamoo ta’an barsiisuuf fedhii akka qabu argisiiseera. Isaayaas 54:13 Kiristiyaanota dibamoo ilaalchisee, “Ani Waaqayyo ilmaan kee hundumaa nan barsiisa, yommus nagaan ilmaan keetii guddaa in ta’a” jechuudhaan raajii dubbateera. Jechoonni kun, “hoolota kan biraa” warra kan Kiristos ta’anii wajjin haala walqabateenis seera bu’uuraa ta’anii tajaajiluu danda’u. (Yoh. 10:16) Kunis raajii bara keenyatti raawwatamaa jiru tokkorraa ifatti mul’ata. Isaayaas namoonni saboota hundaa keessaa walitti qabaman gara waaqeffannaa dhugaatti yommuu yaa’an mul’ataan argee ture. Namoonni kun akkas akka waliin jedhan ibseera: “Karaa isaa akka inni nu barsiisuuf, nus daandii isaa irra akka adeemnuuf, kottaa gara tulluu mana Waaqayyootti, gara mana Waaqayyoo isa kan Yaaqoobitti ol in baanaa.” (Isa. 2:1-3) Waaqayyorraa barachuun mirga guddaa mitii?

4. Yihowaan namoonni inni barsiisu maal akka godhan barbaada?

4 Barumsa Waaqayyoorraa faayidaa argachuuf maal gochuu nu barbaachisa? Ulaagaa inni guddaan namni tokko kan gad of qabuufi barachuuf fedhii kan qabu ta’uusaati. Daawit faarfatichi, ‘Waaqayyo gaarii dha, qajeelaa dhas. Inni warra gadadamoo karaa isaa isaan in barsiisa’ jedheera. (Far. 25:8, 9) Yesusis akkas jedheera: “Yaa abbaa, gooftaa waaqaatii fi lafaa, isa kana warra ogeessotaa fi hubattoota jalaa dhoksitee, wallaalotatti waan mul’ifteef sin jajadha.” (Luq. 10:21) ‘Waaqayyo warra gad of deebisaniif ayyaana akka kennu’ beekuunkee isatti dhihaachuuf si hin kakaasuu?—1 Phe. 5:5.

5. Beekumsa Waaqayyoo argachuuf kan nu dandeessise inni guddaan maalidha?

5 Dhugaa beekuu kan dandeenye dandeettii ykn ogummaa mataa keenyaani jechuu ni dandeenyaa? Matumaa! Dhugaa dubbachuuf taanaan, ofuma keenyaan beekumsa Waaqayyoo argachuu matumaa hin dandeenyu. Yesus, “Abbaan inni ana erge yoo isa harkisuu dhaabaate, homtinuu gara koo dhufuu hin danda’u” jedheera. (Yoh. 6:44) Yihowaan namoota hoolotatti fakkeeffamaniifi ‘badhaadhummaa saba lafarraa hundumaa’ jedhaman, karaa hojii lallabaafi hafuura qulqulluutiin harkisaa jira. (Hag. 2:7) Namoota Yihowaan gara Ilmasaatti harkise keessaa tokko ta’uukeetiin isa hin galateeffattuu?Ermiyaas 9:23, 24 dubbisi.

Barumsi Waaqayyoo Jireenya Namootaarratti Jijjiirama Guddaa Fida

6. Namoonni “beekumsa Waaqayyoo” argachuunsaanii jijjiirama guddaa akkamii akka godhan taasiseera?

6 Raajiin Isaayaas jechoota gaggaarii akka fakkeenyatti fayyadamuudhaan, jijjiirama amala ilmaan namootaa bara keenyatti ta’aa jiru ibseera. Namoonni hamoota turan naga qabeeyyii ta’u. (Isaayaas 11:6-9 dubbisi.) Namoonni sanyii, lammii, gosa ykn garaagarummaa aadaatiin kan ka’e diina walii turan, amma tokkummaadhaan waliin jiraachuu barataniiru. Akka fakkeenyaatti namoota “billaa isaanii maarashaa” godhatan ta’aniiru. (Isa. 2:4) Jijjiiramni dinqisiisaan akkasii akka argamu kan godhe maalidha? Namoonni “beekumsa Waaqayyoo” argatanii jireenyasaanii keessatti hojiirra oolchuusaaniiti. Tajaajiltoonni Waaqayyoo cubbuu kan dhaalan ta’anis, addunyaa maratti obboloota dhugaa walii ta’aniiru. Misiraachichi addunyaa maratti hojiirra ooluufi ija gaarii godhachuu danda’uunsaa, Barumsi Waaqayyoo caalmaa akka qabu mirkaneessa.—Mat. 11:19.

7, 8. (a) “Da’oo jajjabaa[n]” barumsi Waaqayyoo namoonni akka mo’an gargaare tokko tokko maalfa’i? (b) Muuxannoon barumsi Waaqayyoo Yihowaaf ulfina akka fidu argisiisu kamidha?

7 Phaawulos ergamaan, hojii lallabaa tajaajiltoonni Waaqayyoo raawwatan lola hafuuraa wajjin wal fakkeesseera. Akkas jedhee barreesseera: “Mi’i waraanaa keenya mi’a da’oo jajjabaa jigsuudhaaf Waaqayyoof hojjechuu danda’uu dha malee, mi’a namni foonii ittiin hojjetu miti; yaada amansiisa hin qabne isa nama wallaalchisuuf qophaa’es in diiga. Waanuma ogummaa Waaqayyoo gufachiisuudhaaf dura dhaabatu hundumaa diig[a].” (2 Qor. 10:4, 5) Wantoonni akka “da’oo jajjabaa,” barumsi Waaqayyoo keessaa namoota bilisa baasu tokko tokko maalfa’i? Isaan keessaa barumsawwan sobaa namootatti ba’aa ta’an, amantiiwwan sobaafi falaasamni muraasasaaniiti. (Qol. 2:8) Barumsi Waaqayyoo namoonni gochawwan gadhee akka mo’aniifi amalawwan Waaqayyoo akka horatan gargaara. (1 Qor. 6:9-11) Jireenya maatii fooyyessa. Namoonni abdii dhabanii turan, kaayyoo jireenyaa isa dhugaa akka argatan gargaara. Barumsi yeroo har’aatti barbaachisus kanuma.

8 Muuxannoo armaan gadiirraa hubachuun akka danda’amutti, amalawwan Yihowaan namoonni akka horatan gargaaru keessaa tokko amanamummaadha. (Ibr. 13:18) Dubartiin Hindii tokko qayyabannaa Macaafa Qulqulluu kan jalqabde si’a ta’u, yeroo boodas babal’istuu hin cuuphamne taate. Gaaf tokko hojii ijaarsaa Galma Mootummaatii gara manaatti utuu deebituu, buufata otoobisii biratti faaya warqee doolaara Ameerikaa dhibba saddeet baasu argatte. Dubartiin kun hiyyeettii taatus, warqeen kun abbaasaatiif akka deebi’uuf buufata poolisiitti geessite. Poolisiin achi tures abjuu malee dhugaa itti hin fakkaanne! Boodas poolisii garabiraan, “Faaya kana deebisuuf maaliif murteessite?” jedhee ishee gaafate. Isheenis, “Barumsi Macaafa Qulqulluu waan na jijjiireef, amma nama amanamtuu ta’eera” jettee deebisteef. Innis ajaa’ibsiifachuudhaan, jaarsa gumii Kiristiyaanaa ishee wajjin gara buufatichaa dhufeen akkas jedhe: “Biyya kana keessa namoota miliyoona 38 ol ta’antu jira. Namoonni kudhanillee akka dubartii kanaa akka ta’an gargaaruu dandeenyaan hojii guddaa raawwattaniittu jechuudha.” Barumsi Waaqayyoo jireenya namoota miliyoonaan lakkaa’amanii akka jijjiire arguun keenya, caalaatti Yihowaa jajachuuf nu hin kakaasuu?

9. Wanti namoonni jireenyasaanii keessatti jijjiirama gurguddaa akka godhan isaan gargaaru maalidha?

9 Dubbiin Waaqayyoo inni humna jijjiiruu qabuufi gargaarsi Yihowaan karaa hafuurasaa isa qulqulluu kennu, namoonni jireenyasaanii keessatti jijjiirama gurguddaa akka godhan isaan dandeessiseera. (Rom. 12:2; Gal. 5:22, 23) Qolosaayis 3:10 akkas jedha: “Namummaa haaraas uffattaniittu; inni hubannaa isa akka fakkaattii isaatti isa uume bira ga’uudhaaf yeroo hundumaa haareffamuutti jira.” Ergaan Macaafa Qulqulluu keessatti argamu, keessi nama tokkoo dhugumaan maal akka ta’e mul’isuu, akkaataa namni tokko itti yaaduufi miira wantootaaf qabu jijjiiruullee ni danda’a. (Ibroota 4:12 dubbisi.) Namni tokko waa’ee Caaffata Qulqullaa’oo beekumsa sirrii argachuufi ulaagaa Yihowaan qajeelummaadhaaf baasee wajjin haala walsimuun jiraachuudhaan michuu Waaqayyoo ta’uufi abdii jireenya barabaraa argachuu danda’a.

Yihowaan Yeroo Gara Fuulduraatiif Nu Qopheessa

10. (a) Gara fuulduraatiif akka gaariitti nu qopheessuu kan danda’u Yihowaa qofadha kan jennu maaliifi? (b) Yeroo dhihootti guutummaa biyya lafaarratti jijjiirama guddaa akkamiitu ta’a?

10 Yihowaan wanta gara fuulduraatti ta’u guutummaatti waan beekuuf, akka gaariitti nu qopheessuu danda’a. Wanta gara fuulduraatti ilmaan namootaa eeggatu murteesseera. (Isa. 46:9, 10) Raajiin Macaafa Qulqulluu, ‘guyyaan Waaqayyoo inni guddaan dhihaachuusaa’ ibsa. (Zak. 1:14) Guyyaa sana ilaalchisee jechi Fakkeenya 11:4⁠rratti, “Guyyaa dheekkamsaatti soorumni homaa waa’ee hin baasu, qajeelummaan garuu du’a nama oolcha” jedhu dhugaa ta’uunsaa ni mirkanaa’a. Guyyaan Yihowaan addunyaa Seexanarratti itti faradu yommuu ga’u, wanti baay’ee barbaachisaa ta’u Waaqayyo biratti fudhatama argachuu keenyadha. Guyyaa sanatti qarshiin gatii hin qabaatu. Hisqi’el 7:19, “Meetii isaanii karaa irratti in gatu; warqeen isaaniis akka wanta xuraa’aatti in ilaalama” jedha. Kana dursinee beekuun keenya amma murtoo sirrii gochuuf nu gargaaruu danda’a.

11. Karaan barumsi Waaqayyoo yeroo gara fuulduraatiif qophaa’uuf itti nu gargaaru keessaa tokko isa kamidha?

11 Karaan addaa barumsi Waaqayyoo guyyaa Yihowaatiif itti nu qopheessu keessaa inni tokko, wanta dursa kennuufii qabnu akka hubannu nu gargaaruudha. Phaawulos ergamaan Ximotewosiif akkas jechuudhaan barreesseera: “Warri amma biyya lafaa kanatti sooressota ta’an waan guddaa akka of hin seene, abdii isaaniis sooruma isa hin amansiifne irra akka hin kaa’anne isaan hubachiisi.” Sooreyyii ta’uu baannus, gorsa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame kanarraa faayidaa argachuu dandeenya. Faayidaawwan kana keessaa tokko tokko maalfa’i? Qabeenya foonii tuullachuu mannaa, ‘wanta gaarii ta’e hojjechuuf’ haa carraaqnu, ‘sooromni keenyas hojii gaariidhaan haa ta’u!’ Jireenya keenya keessatti dhimmawwan hafuuraatiif dursa kennuudhaan, ‘badhaadhummaa walitti qabannee bara dhufuuf hundee gaarii kaa’achuu’ dandeenya. (1 Xim. 6:17-19) Yesus, “namni biyya lafaa guutummaatti yoo buufate, lubbuu isaa garuu yoo dhabe, bu’aan isaa maali ree?” waan jedheef, tarkaanfii akkasii fudhachuudhaan fedhii ofii aarsaa gochuun murtoo sirrii ta’uusaa argisiisa. (Mat. 16:26, 27) Guyyaan Yihowaa baay’ee dhihaachuusaa wajjin haala wal qabateen hundi keenya, ‘Eessattan badhaadhummaa walitti qabachaa jira? Waaqayyoofmoo horiidhaaf hojjechaan jira?’ jennee of gaafachuun keenya barbaachisaadha.—Mat. 6:19, 20, 24.

12. Namoonni tokko tokko kan tuffatan ta’anis, tajaajila keenya dhaabuu kan hin qabne maaliifi?

12 “Hojii gaarii” Kiristiyaanonni hojjechuu akka qaban Macaafa Qulqulluu keessatti caqasame keessaa inni guddaan, hojii lubbuu baraarsaa waa’ee Mootummichaa labsuufi namoota bartoota gochuuti. (Mat. 24:14; 28:19, 20) Akkuma jaarraa jalqabaatti ture har’as namoonni tokko tokko tajaajila keenya ni tuffatu ta’a. (1 Qorontos 1:18-21 dubbisi.) Haata’u malee, kun ta’uunsaa ulfina ergaan keenya qabuufi barbaachisummaa namoonni hundi utuu yeroonsaa hin darbin misiraachicharratti amantaa akka qabaatan taasisuuf godhamurratti jijjiirama fidu hin qabu. (Rom. 10:13, 14) Warri kaan barumsa Waaqayyoorraa faayidaa akka argatan yeroo gargaarru, nutis eebba hedduu arganna.

Aarsaa Godhaniif Yihowaan Tajaajiltootasaa Ni Eebbisa

13. Phaawulos ergamaan misiraachichaaf jecha aarsaa akkamii godhee ture?

13 Phaawulos ergamaan Kiristiyaana ta’uusaa dura, sirna Yihudootaa keessatti bakka guddaa ga’uuf leenjifamaa ture. Gamaali’el isa barsiisaa Seeraa iddoo guddaa qabu biratti barachuuf magaalaa dhalootaasaa Xarseesii gara Yerusaalem yommuu dhaqe umriinsaa waggaa 13 ta’uu hin oolu. (HoE. 22:3) Yeroo boodas, namoota isaa wajjin jiran biratti bakka guddaa kan argate si’a ta’u, achumaan utuu itti fufeera ta’ee, Yihudoota keessatti bakka guddaa argata ture. (Gal. 1:13, 14) Misiraachicha fudhachuudhaan hojii lallabaa yommuu jalqabu garuu, wantoota sana hundaa fedhiisaatiin dhiiseera. Phaawulos murtoo godhetti gaabbeera? Tasumaa. Akkas jechuudhaan barreesseera: “Gooftaa koo Kristos Yesusin beekuun hundumaa irra waan caaluuf, ani waan hundumaa akka waan gatameetti nan lakkaa’a; Kristosin bu’aa koo godhachuudhaaf kun hundinuu anaaf waan gatame ta’eera; akka kosiittis isa lakkaa’eera.”—Filp. 3:8.

14, 15. ‘Waaqayyoo wajjin hojjechuu’ keenyaan eebba akkamii arganna?

14 Kiristiyaanonni yeroo har’aa jiranis akkuma Phaawulos misiraachicha labsuuf jecha aarsaa godhu. (Mar. 10:29, 30) Kana gochuu keenyatti waan dhabnu qabnaa? Roobarti inni seensarratti caqasame wanta namoota baay’eetti dhaga’amu akkas jechuudhaan dubbata: “Waanan itti gaabbu tokkollee hin qabu. Tajaajilli yeroo guutuu gammachuu kan naa argamsiise ta’uusaarrayyuu, ‘Yihowaan gaarii ta’uusaa mi’eeffadhee ilaaluuf’ carraa naa baneera. Galmawwan hafuuraa hordofuuf jecha yommuun qabeenya foonii aarsaa godhu, Yihowaan yeroo hundaa waanan aarsaa godhe caala na eebbisa. Waanuma tokkollee kanan aarsaa godhe natti hin fakkaatu. Bu’aan argadhe malee waanan dhabe hin qabu!”—Far. 34:8; Fak. 10:22.

15 Atis yeroo dhihoodhaa asitti hojii lallabuufi bartoota taasisuurratti hirmaachaa jirta taanaan, Yihowaan gaarii ta’uusaa qoruuf carraa hedduu akka argatte homaa hin shakkisiisu. Misiraachicha yommuu labsitu hafuurri Yihowaa akka si gargaare sitti dhaga’amee hin beekuu? Namoonni ergichaaf xiyyeeffanna akka kennan yommuu Yihowaan ijasaanii banu, deebii isaan gammachuudhaan kennan argitee beektaa? (HoE. 16:14) Tarii wantoota tajaajilakee akka hin bal’ifanne gufuu sitti ta’an mo’uuf Yihowaan si gargaaree beekaa? Yeroo rakkisaa ta’eefi humnikee akka dhume sitti dhaga’ametti tajaajiluukee akka itti fuftu si deggereeraa? (Filp. 4:13) Tajaajila keenya raawwachuuf Yihowaan akka nu gargaare dhuunfaatti yommuu arginu, Inni dhugumaan Waaqa jiraataa ta’uusaafi caalaatti akka isatti dhihaanne nutti dhaga’ama. (Isa. 41:10) Hojii waa’ee Waaqayyoo barsiisuu isa guddaa keessatti ‘Waaqayyoo wajjin hojjechuun’ keenya mirga guddaa mitii?—1 Qor. 3:9, hiika bara 1899.

16. Barumsa Waaqayyoo wajjin haala wal qabateen carraaqqiifi aarsaa gooteef maaltu sitti dhaga’ama?

16 Namoonni baay’een jireenyasaanii keessatti wanta bakki guddaan kennamuuf tokko raawwachuu barbaadu. Biyya lafaa yeroo har’aa jiru kana keessatti, gochawwan iddoo guddaan kennamaniifillee yeroo muraasa gidduutti akka irraanfataman argineerra. Haata’u malee, hojiiwwan maqaa Yihowaa qulqulleessuu wajjin haala wal qabateen bara keenyatti raawwataman, seenaa ti’ookraasii keessatti barabaraaf akka galmeeffaman homaa hin shakkisiisu. Hojiiwwan kun barabaraaf yaadatamu. (Fak. 10:7; Ibr. 6:10) Hojii barumsa Waaqayyoo barsiisuu isa seena qabeessa ta’e keessatti hirmaachuuf mirga arganne haa dinqisiifannu.

Maal Jettee Deebista?

• Yihowaan namoonni inni barsiisu maal akka godhan barbaada?

• Barumsi Waaqayyoo jireenya namootaa kan fooyyessu akkamitti?

• Warri kaan barumsa Waaqayyoorraa akka fayyadaman gargaaruudhaan eebba kan arganne karaawwan kamiini?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 23rra jiru]

Warri Yihowaarra baratan addunyaa maratti obboloota waliif ta’aniiru

[Fakkii fuula 24rra jiru]

‘Namoota Waaqayyoo wajjin hojjetan’ keessaa tokko ta’uun mirga guddaa mitii?