Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jaalalli Kiristos Namoota Jaallachuuf Nu Kakaasa

Jaalalli Kiristos Namoota Jaallachuuf Nu Kakaasa

Jaalalli Kiristos Namoota Jaallachuuf Nu Kakaasa

“[Yesus] biyya lafaa kana keessatti kan isaa warra ta’an akkuma jaallate, hamma dhumaatti jaalala guutuu isaan[itti] argisiise.”—YOH. 13:1.

1, 2. (a) Jaalala Yesus argisiise adda kan taasise maalidha? (b) Karaawwan jaalalli itti argisiifaman warra kamirratti mari’anna?

JAALALA argisiisuudhaan Yesus fakkeenya hunda caaludha. Amalli inni argisiise, wanti inni dubbate, barumsi inni barsiise, akkasumas du’a aarsaa inni du’e dabalatee wanti inni raawwate hundi jaalalasaa kan argisiisudha. Yesus hamma jireenyisaa lafarraa xumuramutti, namoota hundumaatti keessumaammoo bartootasaatti jaalala argisiiseera.

2 Yesus jaalala guddaa argisiisuudhaan duuka buutotasaatiif fakkeenya gaarii ta’eera. Kana malees, fakkeenyi Yesus obboloota keenya hafuuraafi namoota hundaatti jaalala akkasii argisiisuuf nu kakaasa. Mataduree kana keessatti, namoota dogoggora raawwatanis ta’e cubbuu cimaa hojjetanitti jaalala argisiisuu ilaalchisee jaarsoliin gumii Yesusirraa maal barachuu akka danda’an ilaalla. Akkasumas, jaalalli Yesus argisiise Kiristiyaanonni obbolootasaaniis ta’e namoota rakkinni dinagdee, balaafi dhukkubni isaan mudate gargaaruuf akkamitti akka isaan kakaasu ilaalla.

3. Phexros dogoggora cimaa hojjetus Yesus akkamitti isa qabe?

3 Galgala du’asaa dura turetti, Phexros inni ergamaasaa ta’e al sadii Yesusiin ganeera. (Mar. 14:66-72) Ta’us, Yesus akkuma dursee dubbate, yeroo Phexros gochasaatti gaabbe dhiifama godheeraaf. Boodas Yesus, Phexrosiif itti gaafatamummaa guddaa kenneera. (Luq. 22:32; HoE. 2:14; 8:14-17; 10:44, 45) Akkaataa Yesus namoota dogoggora cimaa hojjetan itti qaberraa maal baranna?

Namoota Dogoggora Raawwataniif Yaada Kiristos Qabaadhaa

4. Keessumaa haalli yaada Kiristos akka qabnu argisiisuu gaafatu isa kami?

4 Carraawwan yaada Kiristos argisiisuu itti nu barbaachisaniifi nama dhiphisan keessaa tokko, miseensi maatii ykn gumii tokko yeroo dogoggora raawwatu haala uumamu ta’uu danda’a. Sirni Seexanaa kun gara badiisaatti dhihaachaa yeroo adeemu, hafuurri biyya lafaa yeroo kamiyyuu caalaatti manca’aa adeemuunsaa baay’ee nama gaddisiisa. Amalli gadheeniifi dantaa dhabuun biyya lafaarratti mul’atu, xinnaa guddaa utuu hin jedhin, hunda keenyarratti dhiibbaa geessisuudhaan murtoo karaa isa dhiphoorraa adeemuuf goone nu jalaa laaffisuu danda’u. Jaarraa jalqabaatti, namoonni tokko tokko gumii Kiristiyaanaa keessaa kan baafaman si’a ta’u, kaanimmoo adabni barbaachisu isaaniif kennameera. Har’as haallisaa kanuma fakkaata. (1 Qor. 5:11-13; 1 Xim. 5:20) Ta’us, jaarsoliin dhimma kana yeroo ilaalanitti jaalala akka Kiristos argisiisuunsaanii, namni dogoggora raawwate sun jijjiirama akka godhu isa kakaasuu danda’a.

5. Jaarsoliin namoota dogoggora raawwatan yeroo gargaaran yaada Kiristos qabaachuu kan danda’an akkamitti?

5 Akkuma Yesus, jaarsoliinis yeroo hundumaa ulaagaa qajeelinaa Yihowaan baaseef bakka guddaa kennuu qabu. Yeroo akkas godhanitti, garraamummaa, gaarummaafi jaalala argisiisuudhaan amalawwan Yihowaa calaqqisu. Namni dogoggora hojjetetti ‘garaansaa cabeefi yaannisaa caccabee bullaa’e’ tokko dhugumaan qalbiisaa yoo jijjiirrate, jaarsoliin nama akkasii kana ‘hafuura garraamummaatiin akka isaa duriitti deebisuun’ isaanitti hin ulfaatu ta’a. (Far. 34:18; Gal. 6:1) Haata’u malee, namni sun gorsa fudhachuuf kan mataa jabaatuufi gaabbiin kan itti hin dhaga’amne yoo ta’e jaarsoliin nama kana akkamitti qabuu isaan barbaachisa?

6. Jaarsoliin namoota dogoggora raawwatan yommuu haasofsiisan maal gochuu hin qaban? Maaliif?

6 Namni dogoggora hojjete sun gorsa Caaffata Qulqullaa’aa isaaf kenname fudhachuu yoo dide ykn dogoggorasaa warra kaanitti yoo qabate haallisaa jaarsolii ykn namoota kaan aarsuu danda’a. Obboloonni kun miidhaa balleessaan inni raawwate geessise waan beekaniif, waa’ee gochaafi amalasaa wanta isaanitti dhaga’amu dubbachuuf qoramuu danda’u. Ta’us, aariin miidhaa geessisuun alatti “yaada Kristos” hin calaqqisu. (1 Qor. 2:16; Yaaqoob 1:19, 20 dubbisi.) Yesus namoota barasaatti turan jechoota ifa ta’aniin kan isaan akeekkachiise ta’ullee, tasumaa wanta jibba argisiisu ykn miira namaa miidhu dubbatee hin beeku. (1 Phe. 2:23) Kanaa mannaa, namoonni dogoggora raawwatan qalbii diddiirratanii surraa Yihowaa deebisanii argachuu akka danda’an dubbiifi gochasaatiin ifa godheera. Dhugumayyuu, sababii guddaan Yesus gara lafaa itti dhufe, “cubbamoota fayyisuudhaaf” ture.—1 Xim. 1:15.

7, 8. Jaarsoliin, dhimmawwan firdii wajjin wal qabatan yeroo ilaalanitti amala akkamii argisiisuu qabu?

7 Gama kanaan, fakkeenyi Yesus ilaalcha namoota sirreeffamni isaan barbaachisuuf qabnurratti dhibbaa geessisuu kan qabu akkamitti? Kaayyoon firdii Macaafa Qulqulluurratti hundaa’ee kennamu, karra hoolotaa balaarraa eeguufi namni dogoggora hojjete qalbiisaa akka jijjiirratu isa kakaasuu akka ta’e yaadachuun barbaachisaadha. (2 Qor. 2:6-8) Warri tokko tokko qalbiisaanii diddiirrachuu diduusaaniitiin gumii keessaa baafamuunsaanii kan nama gaddisiisu ta’us, yeroo booda isaan keessaa baay’eensaanii gara Yihowaafi gumiisaatti deebi’uunsaanii nama gammachiisa. Jaarsoliin yaada Kiristos kan calaqqisan taanaan, namni gumii keessaa baafame sun yeroo booda qalbiisaa diddiirratee akka deebi’u haalasaa mijeessuudhaan isa gargaaru. Yeroo booda namoota dogoggora hojjetan keessaa tokko tokko gorsa jaarsoliin Macaafa Qulqulluurraa isaaniif kennan hundaa yaadachuu baatanis, jaalalaafi kabaja jaarsoliin isaanitti argisiisan garuu matumaa hin irraanfatan.

8 Kanaaf, jaarsoliin namni dogoggora raawwate sun gorsa Caaffata Qulqullaa’aa isaaf kenname fudhachuu yeroo diduttillee, keessumaa jaalala Kiristos isa “ija hojii hafuuraa” ta’e argisiisuu qabu. (Gal. 5:22, 23) Nama dogoggora raawwate gumii keessaa baasuuf matumaa ariifachuu hin qaban. Namoonni dogoggora hojjetan gara Yihowaatti akka deebi’an kan barbaadan ta’uusaanii argisiisuu qabu. Akkas taanaan, akkuma namoonni qalbii jijjiirratan hedduun godhan, namni kunis yeroo booda Yihowaa, akkasumas jaarsolii “kennaa” dhirootaa ta’aniifi gara gumiitti akka deebi’uuf haalasaa isaaf mijeessan galateeffachuuf kaka’uu danda’a.—Efe. 4:8, 11, 12.

Guyyoota Gara Dhumaa Kanatti Jaalala Akka Kiristos Argisiisuu

9. Fakkeenya, Yesus jaalala bartootasaatiif qabu gochaan argisiisuusaa ibsu caqasi.

9 Luqaas yeroo addaa Yesus jaalalasaa gochaan itti argisiise tokko caqaseera. Yeroo booda loltoonni warra Roomaa Yerusaalem ishee badiisni itti murteeffametti marsuudhaan, eenyuyyuu magaalattii keessaa baqachuu akka hin dandeenye akka godhan beeka ture. Yesus jaalalaan kaka’ee, “Yerusaalem loltuudhaan marfamuu ishee yommuu argitan garuu, diigamuun ishee akka dhi’aate beekaa” jechuudhaan bartootasaa akeekkachiisee ture. Yeroo kanatti maal gochuu qabu turan? Yesus qajeelfama ifa ta’ee dursee isaaniif kennee ture. Akkas jedhe: “Yommus Yihudaa kan jiran gara gaarotaatti haa baqatan, mandarattii keessa kan jiranis ba’anii haa adeeman, biyya keessa kan jiranis mandarattiitti ol hin galin. Guyyoonni kun ‘Guyyoota adabaa ti’o’, kan caafame hundinuu haa raawwatamuuf.” (Luq. 21:20-22) Loltoonni warra Roomaa Dh.K.B. bara 66 Yerusaalemiin erga marsanii booda, namoonni abboomamoo ta’an qajeelfama kana hojiirra oolchaniiru.

10, 11. Haala Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa Yerusaalemii baqatan qoruun keenya, ‘rakkina isa guddaaf’ qophaa’uuf nu gargaaruu kan danda’u akkamitti?

10 Kiristiyaanonni yeroo Yerusaalemii baqatanitti, akkuma Yesus jaalala isaanitti argisiise isaanis jaalala Kiristos waliisaaniitti argisiisuun isaan barbaachisee ture. Wanta qaban hundumaa waliif hiranii ta’uu akka qabu beekamaadha. Haata’u malee, raajiin Yesus dubbate badiisa magaalaa durii kanarra ga’e caalaatti yeroon itti raawwii guddaa qabaatu jira. Yesus, “Rakkinni guddaan ta’uuf jira; rakkinni akkasiis jalqaba biyya lafaatii jalqabee hamma ammaatti hin taane, deebi’ees hin ta’u” jechuudhaan raajii dubbateera. (Mat. 24:17, 18, 21) Nutis, “rakkinni guddaan” dhufuusaa duras ta’e yeroo sanatti wantoota jireenyaaf nu barbaachisan dhabuu dandeenya. Yaada Kiristos qabaachuun keenya, yeroo rakkisaa ta’e kana jabinaan keessa darbuuf nu gargaara.

11 Yeroo sanatti, jaalala fedhii ofittummaarraa walaba ta’e argisiisuudhaan fakkeenya Yesus hordofuu nu barbaachisa. Phaawulosis haala kanaa wajjin wal qabateen gorsa akkas jedhu kenneera: “Nu keessaa adduma addaan isa kaaniif gaarii akka ta’uuf, jireenya tokkummaas akka ijaaruuf nama haa gammachiisu! Kristos immoo . . . ofii isaa hin gammachiifne. . . . Waaqayyo inni obsaa fi jajjabina namaaf kennu immoo, fakkeenya Kristos Yesus duukaa buutanii, walii galtee akka qabaattaniif isin haa dandeessisu.”—Rom. 15:2, 3, 5.

12. Ammumaa jaalala akkamii horachuu nu barbaachisa? Maaliif?

12 Haaluma wal fakkaatuun, Phexros, inni Yesus kallattiidhaan jaalala itti argisiises, Kiristiyaanonni “obboloota garaa qulqulluudhaan jaallachuu” akka qabaniifi ‘dhugaadhaaf akka abboomaman’ gorseera. Akkasumas “jaalala ho’aa isa garaa keessaa dhufuun wal jaalladhaa!” jedheera. (1 Phe. 1:22) Yeroo har’aatti, yeroo kamiyyuu caalaa amalawwan Kiristos kana horachuu nu barbaachisa. Ammallee, dhiibbaan saba Waaqayyoo hundarra ga’u dabalaa jira. Jeequmsi sirna dinagdee yeroo dhihoodhaa asitti addunyaa keessatti mul’atu, eenyuyyuu sirnoota kutaa biyya lafaa isa moofaa kanatti amanamuu akka hin qabne ifatti argisiisa. (1 Yohannis 2:15-17 dubbisi.) Kanaa mannaa, badiisni sirna kanaa caalaatti yeroo dhihaachaa jiru kanatti, Yihowaatti caalaatti dhihaachuu, akkasumas gumii keessatti michooma gaarii qabachuudhaan walitti dhihaachuu nu barbaachisa. Phaawulos, “Jaalala obbolummaatiin ho’isaa wal jaalladhaa; walii keessaniif ulfina kennuudhaaf wal dorgomaa!” jechuudhaan gorseera. (Rom. 12:10) Phexrosis yaanni kun barbaachisaa ta’uusaa dabalataan yeroo ibsu, “Baay’inni cubbuu akka deebi’ee hin argamne kan godhu jaalala waan ta’eef, hundumaa dura immoo jaalala ho’aa waliif qabaadhaa!” jedheera.—1 Phe. 4:8.

13-15. Balaan naannoo tokkotti erga ga’ee booda obboloonni tokko tokko jaalala akka Kiristos kan calaqqisan akkamitti?

13 Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti argaman jaalala dhugaa gochaan argisiisuudhaan beekamu. Bara 2005 kibbi Yuunaayitid Isteetis garri caalaansaa bubbee cimaa galaanarraa bishaan fudhatee ka’een yeroo barbadaa’etti, fakkeenya Dhugaa Baatota fedhiisaaniitiin gargaarsa kennanii haa ilaallu. Fakkeenya Yesus hordofuudhaan, Dhugaa Baatonni 20,000 ol ta’an obbolootasaanii balaa kanaan miidhaman gargaaruuf baay’eensaanii mana jireenyaa, hojiisaanii isa mijaa’aa ta’e dhiisuufi fedhiin of dhiheessuudhaan, bakkawwan kana dhaqaniiru.

14 Naannoo tokkotti, bishaan galaanaa bubbeedhaan ka’e, ol dheerinnisaa meetira kudhan ta’u lafa kiiloo meetira 80 uwwisee ture. Galaanichi iddoosaatti yeroo deebi’u, manneeniifi gamoowwan naannoo sana turan keessaa harki sadii guutummaatti badanii turan. Dhugaa Baatonni fedhiisaaniitiin biyyoota addaddaatii dhufan, meeshaawwan barbaachisaa ta’aniifi mi’oota ijaarsaaf gargaaran fuudhanii kan dhaqan si’a ta’u, isaan keessaa tokko tokko ogummaa ijaarsaa kan qaban turan; hundumtuu hojii kamiyyuu hojjechuuf fedhii qabu turan. Obboleettonni haadhoo walii ta’aniifi abbootiin manaasaanii irraa du’an lama konkolaataa fe’umsaa xinnootti mi’asaanii fe’atanii, kiiloo meetira 3,000 ol ta’u adeemanii gargaarsa kennuuf bakka kana dhaqaniiru. Obbolaa lamaan kana keessaa isheen tokko koree gargaarsaa achitti dhaabate gargaaruuf bakkuma sanatti kan hafte si’a ta’u, achittis qajeelchaa taatee tajaajilaa jirti.

15 Manneen Dhugaa Baatotaafi namoota naannoo sanaa 5,600 ol ta’an ijaaramaniiru ykn suphamaniiru. Dhugaa Baatonni naannoo balaan kun itti ga’e jiraatan gargaarsa jaalala guddaarratti hundaa’e akkasii yeroo argan maaltu isaanitti dhaga’ame? Obboleettiin mannishee guutummaatti jalaa diigame, mana xinnoo harkifamu keessa jiraachuu kan jalqabde si’a ta’u, manni kunis kan dhimmisu ta’uusaarrayyuu, meeshaan nyaata ittiin bisheeffatan cabee ture. Obboloonni mana xinnoo taatus jireenyaaf mijaa’aa taate ijaaraniif. Obboleettiin kun garaanshee galateeffannaa Yihowaafi obbolootasheetiif qabduun waan guutameef, mana bareedduu ijaaramteef fuuldura dhaabattee boo’uu jalqabde. Obboloonni manasaaniitii balaa kanaan buqqa’an hedduun kaan mannisaanii deebi’ee ijaaramuufis waggaa tokkoof ykn isaa oliif bakka mana jireenyaa yeroof isaanii hojjetame turaniiru. Maaliifi? Hojjetoonni gargaarsa kennuuf dhufan manasaanii isa haaraa keessa akka jiraataniif jedhaniiti. Kun fakkeenya yaada Kiristos qabaachuusaanii argisiisu mitii?

Namoota Dhukkubsataniif Ilaalcha Kiristos Qabaachuu

16, 17. Namoota dhukkubsatan ilaalchisee yaada akka Kiristos qabaachuu keenya argisiisuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?

16 Baay’een keenya balaan uumamaa guddaan nu mudatee hin beeku jechuun ni danda’ama. Ta’us, namni ofii ykn miseensi maatiisaa jalaa hin dhukkubsanne hin jiru. Kanaaf, ilaalchi Yesus namoota dhibee fayyaa qabaniif qabu fakkeenya nuuf ta’a. Jaalalli isaanii gadduuf isa kakaaseera. Namoonni warra isaan jalaa dhukkubsatan garasaatti yeroo fidan, “warra dhukkubsatan hundumaa in fayyise.”—Mat. 8:16; 14:14.

17 Yeroo har’aatti, Kiristiyaanonni akka Yesus humna dinqiidhaan namoota dhukkubsatan fayyisuu qabaachuu baatanis, akkumasaa namoota dhukkubsatanitti oo’a argisiisu. Kana kan godhan akkamitti? Tokkoffaa, jaarsoliin seera bu’uuraa Maatewos 25:39, 40⁠rra jiru hordofuudhaan, gumiisaanii keessatti namoota dhukkubsatan gargaaruuf qophii gochuufi qophiin kun hojiirra ooluusaa hordofuudhaan yaada akka Kiristos qabaachuusaanii argisiisu. * (Dubbisi.)

18. Obboleettonni lama obboleettii tokkotti jaalala dhugaa kan argisiisan akkamitti? Kunoo bu’aa maalii argamsiise?

18 Namootaaf gaarii gochuuf dirqama jaarsa ta’uun akka hin barbaachisne beekamaadha. Shaarliin ishee umriinshee 44 ta’eefi dhukkuba kaansariitiin qabamte akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Lubbuudhaan kan turtu guyya kudhaniif qofa akka ta’e itti himamee ture. Obboleettonni Shaaroniifi Nikooleet jedhaman, Shaarliiniifi abbaan manaashee inni ishee kunuunsuudhaan butute gargaarsi akka isaan barbaachisu yommuu hubatan, obboleettiin kun hamma lubbuunshee jirutti yeroosaanii guutummaatti isheedhaaf kennanii ishee gargaaruuf of dhiheessanii turan. Obboleettiin kun guyyaa jedhamerra darbee torban ja’aaf kan jiraatte si’a ta’u, obboleettonni kunis hanga guyyaa isheen duutetti ishee kunuunsuudhaan jaalalasaanii itti argisiisaniiru. Shaaron akkas jetti: “Namni tokko akka hin fayyine beekuun baay’ee ulfaataadha. Yihowaan garuu humna nuu kenneera. Haalli kun Yihowaafi walii keenyatti caalaatti akka dhihaannu nu taasiseera.” Abbaan manaa Shaarliinis akkas jedheera: “Gaarummaafi gargaarsa obboleettonni jaallatamoo ta’an kun naa godhan yoomiyyuu hin irraanfadhu. Yaada qulqulluufi ni ta’a jedhu qabaachuunsaanii haati manaakoo ishee amanamtuun dhiphinni dhuma jireenyasheetti isheerra ga’e akka isheef salphatu kan godhe ta’uusaarrayyuu, anaafis gargaarsa miiraas ta’e qaamaan na barbaachisu naa argamsiiseera. Wanta isaan naa godhaniif yeroo hundumaan isaan galateeffadha. Fedhii ofii aarsaa gochuu obboleettonni kun natti argisiisan amantiin Yihowaarratti qabu naa cimsuusaarrayyuu, jaalala ani obbolummaa addunyaa maraatiif qabu naa guddiseera.”

19, 20. (a) Karaawwan yaanni Kiristos itti mul’atan shanan kam ilaalleerra? (b) Maal gochuuf murteessiteetta?

19 Matadureewwan walitti aanan sadan kana keessatti karaawwan yaanni Kiristos ittiin mul’atan shanan ilaalleerra; akkasumas yaadaafi gocha keenyaan fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e ilaalleerra. Akkuma Yesus ‘garraamiifi kan gad of deebisne’ haa taanu. (Mat. 11:29) Warri kaan cubbuu kan dhaalan ta’uusaaniitiin, akkasumas dadhabina waan qabaniif dogoggora yeroo hojjetanitti nutis gaarummaadhaan isaan qabuuf haa carraaqnu. Yeroo rakkoowwan nu mudatanittillee ija jabinaan ulaagaawwan Yihowaan baase hundaaf haa abboomamnu.

20 Akkuma Kiristos obboloota keenya hundatti “hamma dhumaatti” jaalala haa argisiisnu. Jaalalli akkasii, duuka buutota Yesus warra dhugaa ta’uu keenya addaan baasee beeksisa. (Yoh. 13:1, 34, 35) Eeyyee, “Akka obbolootaatti wal jaallachuu keessan itti fufaa!” (Ibr. 13:1) Kana gochuurraa duubatti hin jedhinaa! Jireenya keessan Yihowaa faarsuufi warra kaan ittiin gargaaruuf murtoo godhaa! Yihowaan carraaqqii garaa keessanii gootan ni eebbisa.

[Miiljaleewwan]

^ key. 17 Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 15, 1986, mataduree “‘Isinitti Haa Ho’u, Quufaas!’ Jechuu Caalaa Raawwadhaa” jedhu ilaali. (Ingiliffa)

Ibsuu Dandeessaa?

• Jaarsoliin namoota dogoggora raawwatanii wajjin haala wal qabateen yaada akka Kiristos calaqqisuu kan danda’an akkamitti?

• Keessumaa yeroo dhumaa kanatti jaalala akka Kiristos argisiisuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

• Namoota dhukkubsatanii wajjin haala wal qabateen yaada Kiristos calaqqisuu kan dandeenyu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 17rra jiru]

Jaarsoliin namoonni dogoggora raawwatan gara Yihowaatti akka deebi’an barbaadu

[Fakkii fuula 18rra jiru]

Kiristiyaanonni Yerusaalem keessaa baqatanii ba’an yaada Kiristos kan calaqqisan akkamitti?

[Fakkii fuula 19rra jiru]

Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti jaalala akka Kiristos gochaan argisiisuudhaan beekamu