Kaayyoon Jireenyaa Maal Akka Ta’e Argadheera
Kaayyoon Jireenyaa Maal Akka Ta’e Argadheera
Gaaspaar Maartinees akka dubbatetti
Gabaabaadhumatti, ani dargaggeessa baadiyyaa gara magaalaa dhaquudhaan sooressa ta’edha. Haata’u malee, seenaa koorraa hubachuu akka dandeessanitti qabeenyi ani argadhe wantan jalqaba yaaderraa adda ture.
KANAN guddadhe baadiyyaa laftisaa borqii ta’etti si’a ta’u, naannoo bara 1930tti bulchiinsa Ri’oovaa ishee kaaba Ispeenitti argamtu keessa jiraachaan ture. Umriinkoo yommuu kudhan ta’u barumsakoo addaan kutuuf dirqamus, yeroo sanatti dubbisuufi barreessuu baradheen ture. Obbolootakoo dhiiraa afuriifi durbaa lamaa wajjin, maasii qonnaa keenya ishee xinnoo kunuunsuufi hoolota tiksuudhaan dabarsina turre.
Hiyyummaan qarshiifi qabeenyi baay’ee barbaachisaa akka ta’e goonee akka yaannu nu taasise ture. Namoota jireenya fooyya’aa qabanitti hinaafuu jalqabne. Ta’us gaaf tokko lubni tokko “mandaroota isa jala jiran keessaa amantiidhaan hundarra kan caalu mandara keenya” akka ta’e dubbatee ture. Haata’u malee lubni kun yeroo booda, namoonni hedduun amantii Kaatolikii akka dhiisan quba hin qabu ture.
Barbaacha Wanta Caalmaa Qabu Argachuuf Godhame
Shamarree mandara keenyatti argamtuufi Marsediis jedhamtun fuudhe. Baay’ee utuu hin turinis mucaa dhiiraa godhanne. Bara 1957tti magaalaa Loogoronyaa nutti dhihoo jirtu kan dhaqne si’a ta’u, maatiiwwankoo hundis yeroo booda gara magaalaa kanaa dhufaniiru. Baay’ee utuu hin turinis, hojiin itti leenjii argadhe waan hin jirreef, carraan hojii qarshii gaarii naaf argamsiisu argachuuf qabu dhiphoo ta’uusaan hubadhe. Qajeelfama argachuuf maal gochuu akkan qabu hin beekun ture. Wanti akka qajeelfamaatti na gargaaruu danda’u maal akka ta’e beekuu baadhus, kitaabota mana dubbisa kitaabaa naannoo keenyatti argaman sakatta’uun jalqabe.
Boodas, sagantaa raadiyoonii Macaafa Qulqulluu barumsa fagootiin hirmaachuun akka danda’amu ibsun dhaga’e. Barumsa kana akkan xumureenis, Pirootestaantonni Ivaanjalikaal tokko tokko na haasofsiisan. Yeroo muraasaaf bakka waaqeffannaasaaniitti ergan deddeebi’ee boodas, garee miseensota waldichaa bakka guddaa qaban gidduutti wal morkii cimaan akka jirun hubadhe. Yeroo sanaa jalqabee achi dhaquu kanan dhaabe si’a ta’u, amantiiwwan hundi akkasuma akka ta’an natti dhaga’ame.
Ijikoo Ni Baname
Bara 1964tti dargaggeessi Awukaaniyoo jedhamu tokko gara mana keenyaa dhufe. Inni Dhugaa Baatuu Yihowaa kan ture si’a ta’u, anis matumaa waa’ee amantii kanaa isaan dura dhaga’ee hin beeku. Waa’ee Macaafa Qulqulluu mari’achuuf fedhii guddaa kanan qabu si’a ta’u, waa’ee macaafa kanaas beekumsa ga’aan qaba jedheen yaada ture. Kanaaf, caqasawwan Macaafa Qulqulluu muraasa barumsa fagootiin baradheen gargaarameen deebii kenneef. Barumsa bu’uuraa amantii Pirootestaantii deggeree falmuuf yaalus, barumsawwan kanatti hin amanun ture.
Awukaaniyoo wajjin al lama sa’aatii dheeraadhaaf Far. 37:11, 29; Isa. 9:6, 7; Mat. 6:9, 10.
ergan mari’adhee booda, dargaggeessi kun Dubbii Waaqayyoo akka gaariitti ibsuu akka danda’u amaneen fudhadhe. Sadarkaan barumsaa dargaggeessa kanaa anaa gadi ta’us, akkaataa inni caqasawwan itti baasuufi ibsu yommuun argu baay’een dinqifadhe. Awukaaniyoon kan jiraannu bara dhumaa keessa akka ta’eefi Mootummaan Waaqayyoo yeroo dhihootti lafa gara jannataatti akka jijjiiru Macaafa Qulqulluurraa natti argisiise. Kunis baay’ee na gammachiiseera.—Anis battaluma sanattan Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabe. Wanti ani baradhu hundi haaraa natti ta’uusaarrayyuu, barumsichis baay’ee garaakoo na tuqe. Yeroon gammachiisaan fuulduraa akka na eegu hubachuunkoo, jireenyikoo kaayyoo akka qabaatu taasiseera. Barbaachi ani wanta caalmaa qabu argachuuf godhes asirratti dhaabate. Carraaqqiin bakka guddaa ga’uuf godhu waa’ee kan hin baafneefi haala hojii gaarii argachuu wajjin wal qabateen rakkoowwan na mudatan baay’ee kan na hin yaaddessine ta’uusaaniis nan hubadhe. Dhukkubniifi duutillee ni dhabamsiifamu.—Isa. 33:24; 35:5, 6; Mul. 21:4.
Battaluma sanatti wantootan baradhe, jechuunis waadaa Waaqayyo lafa kana gara jannataatti jijjiiruudhaan ilmaan namootaa amanamoo ta’an barabaraaf lafarra jiraachisuuf gale miira ho’aadhaanan firoottankootti himuun jalqabe.
Maatiinkoos Dhugaa Macaafa Qulqulluu Fudhatan
Baay’ee utuu hin turinis, hedduun keenya abdiiwwan Macaafa Qulqulluurratti mari’achuuf, torban torbaniin Dilbata waaree booda, mana wasiilakootti walga’ii gochuuf murteessine. Maree kanarrattis sa’aatii lama ykn sadii dabarsina turre. Awukaaniyoon firoottankoo hedduun Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf fedhii akka qaban yommuu argu, tokkoo tokkoon maatichaa dhuunfaatti qayyabsiisuuf qophii godhe.
Magaalaa xinnoo Duraangoo gara kiilomeetira 120 fagaattuufi Dhugaa Baatuun Yihowaa tokkollee hin turre keessaas firoota kan biraa qaban ture. Kanaaf, ji’a sadii booda waa’ee amantiikoo isa haaraa firoottankootti himuuf bakka hojiikootii guyyoota muraasaaf boqonnaa fudhadheen gara magaalattii dhaqe. Yeroos, namoonni kudhan taanu yeroo hundaa galgala galgala kan wal geenyu si’a ta’u, hamma ganama bariittan isaaniif lallabaa ture. Hundumtuu gammachuudhaan dhaggeeffatu turan. Guyyaan boqonnaakoo ishee muraasni yommuu xumuramtu, Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota waa’ee Macaafa Qulqulluu ibsan muraasa isaaniif kenneen adeeme. Isa boodas walitti dhufeenyi keenya addaan hin cinne.
Dhugaa Baatonni Yihowaa magaalaa Duraangoo ishee dhugaan takkaa itti lallabamee hin beekne yommuu dhaqan, namoota Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf hawwiidhaan eegan 18 argatan. Dhugaa Baatonni kunis, maatii hundaa qofa qofaatti qayyabsiisuuf qophii godhaniiru.
Marsediis, dhugaa Macaafa Qulqulluu fudhachuu waan hin barbaanneef utuu hin ta’in, sodaa namootaa waan qabduuf hanga yeroo sanaatti dhugaa hin fudhanne turte. Yeroo sanatti hojiin Dhugaa Baatota Yihowaa Ispeen keessatti ittifamee waan tureef, abbootiin taayitaa ijoollee keenya lamaan mana barumsaatii akka hin baafamneefi hundi keenya hawaasicha biratti akka hin jibbamne yaaddofti turte. Ta’us maatiiwwan keenya hundi Dhugaa Macaafa Qulqulluu fudhachaa akka jiran yommuu hubattu, isheenis Macaafa Qulqulluu qayyabachuu barbaadde.
Waggaa lama gidduuttis, miseensota maatiikoo keessaa namoonni 40 Waaqayyoof of murteessanii cuuphamuudhaan Dhugaa Baatota ta’aniiru. Eeyyee, maatiiwwankoos akkumakoo jireenya kaayyoo qabu argataniiru. Jireenyakoo keessatti wanta gatii guddaa qabu akkan raawwadhe natti dhaga’ama. Qabeenya hafuuraa guddaa argachuudhaan eebbifamneerra.
Yommuu Umriinkoo Dabalaa Adeemu Caalaatti Sooressa Ta’uun Jalqabe
Waggoottan 20 ittaananitti, ijoollee keenya lamaan guddisuufi gumii keenya gargaaruurrattan xiyyeeffadhe. Aniifi Marsediis gara magaalaa Loogoronyaa yommuu dhaqnu jiraattota 100,000 keessaa, Dhugaa Baatota kan ta’an namoota 20 qofa turan. Baay’ee utuu hin turinis, gumii keessatti itti gaafatamummaa hedduu argadheera.
Umriinkoo yommuu 56 ta’u, kubbaaniyyaan keessaa hojjedhu akka tasaa warshaasaa cufnaan utuun hin yaadin hojii malee hafe. Durii jalqabee tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachuuf hawwii guddaa waanan qabuuf, carraa kanatti fayyadamee qajeelchaa ta’ee tajaajiluun jalqabe. Qarshiin soorataan argadhu xinnoo waan ta’eef, isaan jiraachuun ulfaataa ture. Ta’us, Marsediis hojii qulqulleessuu hojjechuudhaan maatii keenya gargaarti turte. Karaa kanaan maatii keenya jiraachisuu kan
dandeenye si’a ta’u, matumaa wantoota jireenyaaf nu barbaachisan dhabnee hin beeknu. Ani hanga ammaatti qajeelchaa ta’een tajaajila; Marsediisis darbee darbee qajeelchaa gargaaraa taatee kan tajaajiltu si’a ta’u, hojii lallabaarratti hirmaachuun baay’ee ishee gammachiisa.Marsediis, waggoota dhihoodhaa asitti, shamarree ijoollummaasheetti Macaafa Qulqulluu qayyabachaa turteefi Merchaa jedhamtuuf yeroo hundaa barruu kenniti turte. Merchaan barruulee kana dubbisu baay’ee waan jaallattuuf, Marsediis isheen ammayyuu Dhugaa Macaafa Qulqulluutiif dinqisiifannaa akka qabdu ni hubatte. Dhumarrattis, Merchaan Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan guddina argisiisuu jalqabde. Haata’u malee, abbaan manaashee Beetantaan garmalee kan dhugu ta’uusaarrayyuu, hojii dhaabbataa ta’e argachuu hin dandeenye. Kanaan kan ka’es, maatiisaatiif gargaarsa qarshii hin godhu ture; sababii araada kanaatiinis gaa’ellisaanii diigamuu ga’ee ture.
Haati manaakoo, Beetantaan anaa wajjin akka mari’atu akka gootuu Merchaadhaaf yaada kan dhiheessite si’a ta’u, innis tole jedhee anaa wajjin mari’achuu jalqabe. Deddeebii gaaffii hedduu boodas Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf walii gale. Beetantaan jijjiirama gochuudhaan dhugaatii utuu hin dhugin guyyoota muraasa turuu danda’e. Achiis, torban tokkoof ykn isaa oliif utuu hin dhugin turuu jalqabe. Dhumarrattis, araada kanarraa guutummaatti walaba ba’e. Jijjiirama inni godhe fuulasaarraa ifatti arguun kan danda’amu si’a ta’u, maatiinsaas tokkummaa kan qabu ta’eera. Yeroo ammaatti haadha manaasaafi intalasaa dabalatee, guutummaan maatiisaa gumii xinnoo Odoola Kaanariitti argamtuuf gargaarsa guddaa gochaa jiru.
Jireenya Gammachiisaan Dabarse Duubatti Deebi’ee Ilaaluu
Firoottankoo waggoota muraasa dura dhugaa Macaafa Qulqulluu fudhatan keessaa tokko tokko kan du’an ta’anis, maatiin keenya ammayyuu guddina argisiisaa jira; Waaqayyos guddaa nu eebbiseera. (Fak. 10:22) Firoottankoo waggoota 40 dura Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqaban hundisaanii jechuun ni danda’amaa, ijoolleesaaniifi ijoollee ijoolleesaanii wajjin amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaa akka jiran arguunkoo baay’ee na gammachiisa!
Yeroo ammaatti firootakoo Dhugaa Baatota ta’an keessaa baay’eensaanii jaarsoliifi tajaajiltoota gumii, akkasumas qajeelchitoota ta’anii tajaajilu. Ilmikoo inni angaftiifi haati manaasaa, waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa isa Ispeen Maadriiditti argamu keessaa tajaajilu. Yeroo ani Dhugaa Baatu ta’e, Dhugaa Baatonni Ispeen keessatti argamnu naannoo 3,000 taana turre. Amma garuu 100,000 ol taaneerra. Tajaajila yeroo guutuutti guddaa kanan gammadu ta’uukoorrayyuu, jireenya gammachiisaa Waaqayyoon tajaajiluutti dabarseef Yihowaa guddaan galateeffadha. Sadarkaan barumsaakoo gad aanaa ta’us, darbee darbee bakka bu’aa ilaaltuu olaanaa aanaa ta’ee tajaajiluu danda’eera.
Mandarri ani keessatti guddadhe ona ta’uusaa waggoota muraasa duran dhaga’e. Hiyyummaan waan isaanitti hammaateef, jireenya fooyyee qabu jiraachuuf jecha, hundisaanii maasiifi qe’eesaanii dhiisanii godaanuuf dirqamaniiru. Wanti nama gammachiisu garuu, anaan dabalatee namoota godaanan keessa baay’een keenya qabeenya hafuuraa arganneerra. Jireenyi kaayyoo akka qabuufi Yihowaa tajaajiluun gammachuu hangana hin jedhamne akka argamsiisu hubanneera.
[Fakkii fuula 32rra jiru]
Maatiiwwan Maartiines dhugaa keessatti argaman