Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Wanta Yihowaan Si Fayyisuuf Raawwate Ni Dinqisiifattaa?

Wanta Yihowaan Si Fayyisuuf Raawwate Ni Dinqisiifattaa?

Wanta Yihowaan Si Fayyisuuf Raawwate Ni Dinqisiifattaa?

“Waaqayyo gooftaan Israa’el, kan galateeffamuu dha, saba isaa furuudhaaf [“fayyisuudhaaf,” NW] dhufe.”—LUQ. 1:68.

1, 2. Haalli rakkisaan keessa jirru fakkeenyaan ibsamuu kan danda’u akkamitti? Gaaffiiwwan warra kamirratti mari’anna?

MEE hospitaala ciistee akka jirtu godhii yaadi. Namoonni kutaa ati ciiste keessa jiran hundi, akkumakee dhukkuba qorichisaa hin beekamneen kan qabamanidha. Doktoorri tokko qoricha dhukkuba kana fayyisu argachuuf carraaqqii cimaa gochaa akka jiru yommuu beektu abdii godhatta. Qorannoo doktoorichi godhu hundumaa beekuuf hawwita. Gaaf tokko qorichi dhukkuba kanaa akka argame dhageesse! Doktoorichi qoricha dhukkuba kana fayyisu argachuuf aarsaawwan gurguddaa godheera. Maaltu sitti dhaga’ama? Atis taate namoonni hedduun du’a akka ooltaniif jecha nama qoricha dhukkuba kana fayyisu argateef garaan keessan kabajaafi dinqisiifannaan akka guutamu beekamaadha.

2 Fakkeenyi kun kan arbeeffame fakkaatus, dhugaa dubbachuuf taanaan garuu haalli hundi keenya keessa jirru kana fakkaata. Hundi keenya haala rakkisaa olitti caqasame caalu keessa jirra. Kan nu fayyisu baay’ee nu barbaachisa. (Roomaa 7:24 dubbisi.) Yihowaan nu fayyisuuf aarsaa guddaa godheera. Ilmisaas aarsaa guddaa godheera. Kanaaf, gaaffiiwwan bu’uuraa afur haa qorru. Fayyinni kan nu barbaachisu maaliifi? Yesus nu fayyisuuf maal aarsaa gochuun isa barbaachisee ture? Yihowaanoo maal aarsaa gochuu isa gaafateera? Gocha Waaqayyo nu fayyisuuf raawwate akka dinqisiifannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

Fayyinni Kan Nu Barbaachisu Maaliifi?

3. Cubbuun dhukkuba daddarbaa wajjin wal fakkaachuu kan danda’u akkamitti?

3 Akka dhiheenya kana tilmaamametti, dhukkubni qufaa ykn Influwenzaa daddarbaa ta’eefi bara 1918 ga’ee ture, seenaa ilmaan namootaa keessatti baay’ee gadhee kan ture si’a ta’u, namoota miliyoonaa kudhaniin lakkaa’aman galaafateera. Dhukkuboonni kaanis kana caalaa du’a geessisuu danda’u. Namoota muraasa kan qaban ta’us, namoota qaban keessaa baay’eesaanii ajjeesuu danda’u. * Haata’u malee, cubbuu dhukkuba daddarbaa akkasii wajjin wal bira qabnee utuu ilaallee hangam cimaa ta’a? Jechoota Roomaa 5:12⁠rratti, “egaa cubbuun karaa nama tokkoo biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu akka gale, akkasumas namoonni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal ga’e” jedhan yaadadhu. Namoonni hundi cubbamoota waan ta’aniif cubbuudhaan faalamaniiru jechuun ni danda’ama. (Roomaa 3:23 dubbisi.) Namoonni cubbuun ajjeesuhoo meeqadha? Phaawulos cubbuun ‘nama hundumaatti’ du’a fide jechuudhaan barreesseera.

4. Dheerina umrii keenyaa wajjin haala wal qabateen ilaalchi Yihowaa maalidha? Kunoo ilaalcha namoonni yeroo har’aa jiran hedduun qabanirraa adda kan ta’e akkamitti?

4 Namoonni yeroo har’aa jiran hedduun cubbuufi duuni waanuma jirudha jedhanii yaadu. Utuu umriinsaanii hin ga’in du’uun kan isaan yaaddessu ta’us, du’a isa dullumaa wajjin suuta suuta dhufu garuu “waanuma” jirudha jedhanii amanu. Namoonni hundi salphaadhumatti ilaalcha Uumaasaanii dagatu. Umriin keenya hanga Yihowaan duraan yaade caalaa baay’ee gabaabaadha. Akka ilaalcha Yihowaatti namni kamillee ‘guyyaa tokko’ jiraachuu hin dandeenye. (2 Phe. 3:8) Kanaaf, Dubbiin Waaqayyoo jireenyi keenya akka marga yeroo xinnoof lalisuu ykn hanga hafuura baafannaa namaa gabaabaa akka ta’e ibsa. (Far. 39:5; 1 Phe. 1:24) Ilaalcha akkasii qabachuu qabna. Maaliifi? “Dhukkubichi” hangam cimaa akka ta’e kan hubannu yoo ta’e, gatii “qoricha” sanaa, jechuunis fayyina keenya akka gaariitti dinqisiifachuu dandeenya.

5. Cubbuudhaan kan ka’e wanti dhabne maalidha?

5 Cubbuufi wanti cubbuun fidu hangam cimaa akka ta’e beekuuf, wanta inni nurraan geessise hubachuu qabna. Wanta warri keenya jalqabaa qaban tasumaa arginee waan hin beekneef, dura cubbuun maal akka nu dhabsiise hubachuun nutti ulfaachuu danda’a. Jalqabarratti, Addaamiifi Hewwaan jireenya cubbuurraa walaba ta’e jiraatu turan. Qaamaanis ta’e sammuudhaan cubbuurra walaba waan turaniif, yaada, miiraafi gochasaanii akka barbaadanitti to’achuu filachuu danda’u. Kanaaf, tajaajila Yihowaarratti amalawwansaa warra dinqisiisaa guddifachuusaanii itti fufuu danda’u turan. Isaan garuu, jireenya cubbuurraa walaba ta’eef dinqisiifannaa dhaban. Yihowaarratti cubbuu hojjechuu waan filataniif, jireenya Yihowaan isaaniifis ta’e ijoolleesaaniitiif qopheesse dhaban. (Uma. 3:16-19) Kanaan kan ka’es, “dhukkuba” cimaa irratti mari’achaa jirru ofiisaaniirrattis ta’e nurratti fidan. Kanaaf, Yihowaan isaan adabuunsaa sirrii ture. Haata’u malee, nuti akka fayyinu abdii nuu kenneera.—Far. 103:10.

Yesus Nu Fayyisuuf Maal Aarsaa Godheera?

6, 7. (a) Yihowaan nu fayyisuun gatii guddaa akka gaafatu jalqabumaa kaasee kan argisiise akkamitti? (b) Aarsaawwan Abeeliifi abbootiin amantii Seerichi kennamuusaa dura turan dhiheessanirraa maal baranna?

6 Yihowaan ijoollee Addaamiifi Hewwaan fayyisuun gatii guddaa akka gaafatu beeka ture. Raajii Uumama 3:15⁠rratti galmeeffame keessatti fayyinni keenya maal akka dabalatu ibsameera. Yihowaan gaaf tokko “sanyii,” jechuunis fayyisaa Seexana dhabamsiisu ni qopheessa. Haata’u malee, fayyisaan sun yommuu kana raawwatu fakkeenyaan koomeensaa ni madaa’a. Kun haala rakkisaafi abdii nama kutachiisu fakkaatus, kana jechuun hiika maalii qaba? Inni Yihowaan Filate maal keessa darbuun isa barbaachisa ture?

7 Fayyisaan kun ilmaan namootaa cubbuurraa oolchuuf, furee dhiheessuudhaan wanta cubbuun fide balleessee karaa namoonniifi Waaqayyoo itti walitti araaraman banuu qaba. Kunoo maal dabalata? Aarsaan tokko akka barbaachisu durumaa kaasee ifa ta’eera. Abeel, namni amanamaan jalqabaa, aarsaa horii Yihowaaf yommuu dhiheesse Waaqayyo biratti fudhatama argateera. Boodas abbootii amantii Waaqayyoon sodaatan Nohi, Abrahaam, Yaaqoobiifi Iyoob akkumasaa aarsaa Waaqayyoon gammachiisu dhiheessaniiru. (Uma. 4:4; 8:20, 21; 22:13; 31:54; Iyo. 1:5) Waggoota dhibbaan lakkaa’aman boodammoo, Seerri Musee aarsaan baay’ee barbaachisaa ta’uusaa namoota hubachiiseera.

8. Angafni lubootaa Guyyaa Araaraa waggaatti al tokko maal godha ture?

8 Aarsaawwan Seerichi akka dhihaatu ajaju keessaa tokko isa waggaatti takkaa Guyyaa Araaraa dhihaatudha. Guyyaa sanatti angafni lubootaa, walitti aansuudhaan gochawwan fakkeenya ta’an raawwata. Angafni lubootaa kun dura, warra kutaa lubootaa ta’aniif, achiis warra qomoo lubootaa ala ta’aniif, araara cubbuutiif Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessa. Angafni lubootaa kutaa godoo qulqullaa’aa ykn mana qulqullummaa isa Hundumaarra Qulqulluu ta’e waggaatti al tokko guyyaa kana qofa lixuu danda’uu seena. Achittis dhiiga aarsichaa saanduqa kakuu duratti facaasa. Teessoo araaraa sana gararraatti yeroo tokko tokko duumessi ifa of keessaa qabuufi Yihowaan argamuusaa ibsu ni mul’ata ture.—Bau. 25:22; Lew. 16:1-30.

9. (a) Guyyaa Araaraatti angafni lubootaa eenyuuf fakkeenya ta’a? Aarsaan inni dhiheessuhoo? (b) Angafni lubootaa bakka Hundumaarra Qulqullaa’aa ta’etti seenuusaatti wanti fakkeeffame maal ture?

9 Phaawulos ergamaan gochawwan fakkeenya ta’an kun hiika maalii akka qaban geggeessaa hafuura qulqulluutiin ibsee ture. Angafni lubootaa Masiihiicha, Yesus Kiristosiif fakkeenya yommuu ta’u, aarsaawwan dhihaatanimmoo du’a Kiristos isa aarsaa ta’e kan argisiisan ta’uusaanii ibseera. (Ibr. 9:11-14) Aarsaan cubbuurraa walaba ta’e kun garee lama jechuunis kutaa lubootaa obboloota Kiristos 144,000 warra hafuuraan dibamaniifi “hoolota kan biraa” ta’aniif araara dhugaa argamsiisa. (Yoh. 10:16) Angafni lubootaa bakka Hundumaarra Qulqullaa’aa lixuunsaa, Yesus gatii aarsaa furiisaa Yihowaa duratti dhiheessuuf gara samiitti seenuusaa kan argisiisudha.—Ibr. 9:24, 25.

10. Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu Masiihiin maal akka isarra ga’u ibsee ture?

10 Ijoollee Addaamiifi Hewwaan fayyisuun aarsaa guddaa akka gaafatu beekamaadha. Masiihichi lubbuusaa aarsaa gochuu qaba ture! Raajonni Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa dhimma kanarratti ibsa bal’aa kennaniiru. Fakkeenyaaf Daani’el raajichi, “Yakkaafis dhiifamuun akka argamutti,” ‘geggeessituun inni dibamee moosifame’ ‘balleeffamuu’ ykn du’uu akka qabu kallattiidhaan dubbateera. (Dan. 9:24-26) Isaayaas, Masiihichi cubbuu ilmaan namootaa baachuuf tuffatamuu, ari’atamuufi du’uu ykn waraanamuu akka qabu raajii dubbateera.—Isa. 53:4, 5, 7.

11. Ilmi Yihowaa nu fayyisuuf jecha aarsaa of gochuuf fedhii kan argisiise karaawwan kamiin ture?

11 Ilmi Waaqayyoo inni angafni gara lafaa dhufuusaa dura, nu fayyisuun aarsaa akkamii gochuu akka isa gaafatu beekee ture. Garmalee dhiphachuu, boodas ajjeefamuu qaba ture. Abbaansaa ga’eensaa maal akka ta’e yommuu itti hime, gara boodaatti jedhee ykn didee turee? Diduu mannaa, ajaja Abbaasaatiif fedhiidhaan abboomameera. (Isa. 50:4-6) Yesus yommuu lafarraa turettis ajajamuudhaan fedhii Abbaasaa raawwateera. Maaliifi? Tokkoffaa, ‘Ani abbaa nan jaalladha’ jechuudhaan deebiseera. Lammaffaammoo, “Namni tokko firoota isaatiif jireenya isaa dabarsee kennuu irra kan caalu, jaalala guddaa qabaachuu hin danda’u” jedheera. (Yoh. 14:31; 15:13) Kanaaf, fayyinni keenya irra caalaa, jaalala Ilma Yihowaarraa kan maddedha. Kana gochuun lubbuusaa isa cubbuurraa walaba ta’e aarsaa gochuu isa gaafatus, nu fayyisuuf jecha gammachuudhaan kana raawwateera.

Yihowaan Nu Fayyisuuf Maal Aarsaa Godhe?

12. Furiin karaa fedhiin eenyuu itti mul’atedha? Kan qopheessehoo maaliifi?

12 Aarsaan furii dhihaachuu akka qabu ykn akkamitti akka dhihaatu kan murteesse Yesus miti. Kanaa mannaa, fayyinni kun karaa guddaa fedhiin Yihowaa itti mul’atedha. Phaawulos ergamaan iddoon aarsaa mana qulqullummaa inni aarsaan irratti dhihaatu, fedhii Yihowaa akka argisiisu dubbateera. (Ibr. 10:10) Kanaaf, fayyina karaa aarsaa Kiristos arganne adda durummaadhaan kan nu qopheesse Yihowaadha. (Luq. 1:68) Qophiin kun karaa inni fedhiifi jaalala guddaa ilmaan namootaatiif qabu itti mul’isedha.Yohannis 3:16 dubbisi.

13, 14. Fakkeenyi Abrahaam wanta Yihowaan nuuf jecha raawwate hubachuufi bakka guddaa kennuuf kan nu gargaaru akkamitti?

13 Yihowaan karaa kanaan jaalala nutti argisiisuuf maal aarsaa godheera? Kana guutummaatti hubachuun nuuf ulfaataadha. Haata’u malee, seenaan Macaafa Qulqulluu dhimma kana akka gaariitti hubachuuf nu gargaaruu danda’u jira. Yihowaan, Abrahaam inni amanamaa ta’e, wanta ulfaata ta’e, jechuunis ilmasaa Yisihaq aarsaa godhee akka dhiheessu isa gaafatee ture. Abrahaamimmoo abbaa jaalala qabeessa turedha. Yihowaan, Yisihaqiin ilaalchisee “ilma kee isa tokkicha isa jaallattu” jedheera. (Uma. 22:2) Ta’us, Abrahaam fedhii Yihowaa raawwachuun jaalala ilmasaatiif qabullee caalaa barbaachisaa akka ta’e hubateera. Abrahaam mamii tokko malee ajajameera. Haata’u malee, Yihowaan wanta ofiisaa gaaf tokko raawwatu Abrahaam akka hojjetu hin heyyamne. Waaqayyo ergamaa tokko ergee utuu inni ilmasaa aarsaa hin godhin dura isa dhowweera. Abrahaam ilmasaa lammata arguuf abdiin qabu, du’aa ka’uu qofaan akka ta’e kan beeku ta’us, qorumsa cimaa kana keessatti Waaqasaaf guutummaatti ajajamuuf murteessee ture. Ta’us, Waaqayyo ilmasaa akka du’aa kaasu amantii guutuu qaba ture. Phaawulos, Abrahaam “fakkeenya kanaatiin” karaa du’aa ka’uu Yisihaqiin deebisee argate jedhee wanti inni barreesse sirrii ture.—Ibr. 11:19.

14 Dhiphina Abrahaam ilmasaa aarsaa gochuuf yommuu qopheessu isatti dhaga’ame tilmaamuun baay’ee ulfaataadha. Muuxannoon Abrahaam gaddi Yihowaan yommuu “Ilma koo isa jaallatamaa” jedhee waamu sana aarsaa godhe isatti dhaga’ame hangam cimaa akka ta’e hubachuuf nu gargaara. (Mat. 3:17) Gaddi Yihowaa garuu kan Abrahaamirra baay’ee cimaa ta’uu akka danda’u yaadadhu. Inniifi Ilmisaa waggoottan miliyoona hangana jedhamuu hin dandeenye tariimmoo biliyoonaan lakkaa’aman waliin dabarsaniiru. Ilmichi ijaartuu isa gaarii akkasumas ‘sagalicha,’ jechuunis Sagalee Dabarsituu ta’ee Abbaa wajjin gammachuudhaan hojjechaa tureera. (Fak. 8:22, 30, 31; Yoh. 1:1) Wanta Yihowaan yommuu Ilmisaa dhiphatu, arrabsamu, akkasumas akka yakkamaa tokkootti fannifamu isatti dhaga’ame hubachuun dandeettii keenyaa olidha. Aarsaan Yihowaan nu fayyisuuf jecha godhe guddaadha! Kanaaf, fayyina kana dinqisiifachuu keenya akkamitti argisiisuu dandeenya?

Fayyina Akka Dinqisiifattu Argisiisuu Kan Dandeessu Akkamitti?

15. Yesus gocha araarsu isa guddaa kan raawwate akkamitti ture? Kunoo maaliif karaa baneera?

15 Yesus gocha araarsuu isa guddaa kan raawwate erga du’aa ka’ee gara samiitti deebi’ee boodadha. Abbaasaa isa jaallatamaa wajjin lammata wal arguudhaan gatii aarsaasaa Isa duratti dhiheesseera. Kunis eebbawwan gurguddaa argamsiiseera. Jalqaba cubbuu Kiristiyaanota dibamoo obboloota Kiristosiif, achiis “guutummaa biyya lafaatiif” guutummaatti dhiifamni ni godhame. Sababii aarsaa kanaatiin kan ka’e yeroo har’aa, namoonni cubbuusaaniirraa deebi’anii yaada garaa geddarataniifi dhugumaan Kiristos duukaa bu’an Yihowaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuu danda’aniiru. (1 Yoh. 2:2) Atoo kanarraa fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?

16. Fayyina Yihowaan nuu qopheesse dinqisiifachuu kan qabnu maaliif akka ta’e fakkeenyaan ibsuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Mee gara fakkeenya jalqabarratti caqasametti haa deebinu. Doktoorri qoricha dhukkubichaa argate sun gara dhibamtoota kutaakee ciisanitti deebi’ee akkas jedhe haa jennu: Dhibamaan yaalii isaa godhamu fudhatee gorsa isaa kennamu hordofu kamiyyuu mamii tokko malee ni fayya. Dhibamtoonni kutaakee ciisan garuu, qorichicha fudhachuun ykn qajeelfamicha hordofuun baay’ee ulfaataadha jedhanii sababa dhiheessuudhaan ajaja doktoorichaa fudhachuu yoo didan maal goota? Qorichichi dhugumaan akka fayyisu ragaa amansiisaa kan qabdu yoo ta’eyyuu akkumasaanii gootaa? Akkas akka hin goone beekamaadha! Qorichicha argachuukeetti akka galateeffattuufi qajeelfama doktoorichi sii kennu of eeggannoodhaan akka hordoftu, tariimmoo filannaakee warra kaanitti akka himtu homaa hin shakkisiisu. Hundi keenya fayyina Yihowaan karaa furii aarsaa Ilmasaa nuu godhe caalaatti hangam akka dinqisiifannu isatti argisiisuuf hawwii qabaachuu qabna.Roomaa 6:17, 18 dubbisi.

17. Dinqisiifannaa wanta Yihowaan si fayyisuuf godheef qabdu karaawwan kamiin argisiisuu dandeessa?

17 Wanta Yihowaafi Ilmisaa du’aafi cubbuurraa nu fayyisuuf godhan kan dinqisiifannu yoo ta’e, dinqisiifannaa keenya ni argisiisna. (1 Yoh. 5:3) Dhiibbaa keessi keenya cubbuu akka hojjennu nurraan ga’u ni mormina. Ta’e jennee cubbuu hojjechuu isa yeroo baay’ee jireenya lama jiraachuudhaan fakkeessituu nu taasisuuf tasumaa harka hin laannu. Gochi akkasii furichaaf iddoo guddaa hin laannu ykn hin dinqisiifannu jechuu wajjin tokkodha. Karaa kanarraa faallaa ta’een, walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabnu cimsuuf jabaanne hojjechuudhaan dinqisiifannaa akka qabnu argisiisna. (2 Phe. 3:14) Warri kaanis Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaariifi jireenya barabaraa akka argatan abdii fayyinaa isaanii hiruudhaan dinqisiifannaa keenya argisiisuu dandeenya. (1 Xim. 4:16) Dhugumayyuu, yeroofi humna keenya waan tokkoyyuu utuu hin qusatin Yihowaafi Ilmasaa galateeffachuuf oolchuun keenya kan isaaniif maludha! (Mar. 12:28-30) Mee yaadi! Yeroo guutummaatti cubbuurraa itti walaba taanu hawwiidhaan eeggachuu dandeenya. Wanta Yihowaan nu fayyisuuf raawwateen kan ka’e, cubbuurraa walaba taanee, akka Waaqayyo jalqaba yaadetti barabaraaf jiraachuu dandeenya!—Rom. 8:21.

[Miiljaleewwan]

^ key. 3 Dhukkubni qufaa ykn Influwenzaa namoota yeroo sanatti turan keessaa parsantii digdamaa hanga shantamaa akka qabe ni dubbatama. Vaayirasiin kun namoota qabe keessaa parsantii 1 hanga 10 ta’an hin ajjeesin hin oolu. Kanarraa karaa faallaa ta’eenimmoo, vaayirasiin Iboolaa darbee darbee kan mul’atu ta’us, bakka ga’etti namoota qabe keessaa parsantii 90 ajjeeseera.

Maal Jettee Deebista

• Fayyinni hatattamaan kan nu barbaachisu maaliifi?

• Yesus fedhiisaa aarsaa gochuunsaa maal gochuuf si kakaasa?

• Yihowaan furii nuu kennuusaatiif maaltu sitti dhaga’ama?

• Qophiiwwan Yihowaan si fayyisuuf godhe maal gochuuf si kakaasu?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 27rra jiru]

Guyyaa araaraatti angafni lubootaa Israa’el, Masiihichaaf fakkeenya gaarii ta’a

[Fakkii fuula 28rra jiru]

Abrahaam ilmasaa aarsaa gochuuf fedhii qabaachuunsaa, waa’ee aarsaa guddaa Yihowaa godhee barumsa guddaa nuu kenna