Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yaada Kiristos Qabaadhaa

Yaada Kiristos Qabaadhaa

Yaada Kiristos Qabaadhaa

“Yaada garaa isa Kristos Yesus qaba ture qabaadhaa!” —FILP. 2:5.

1. Yaada Kiristos qabaachuuf carraaquu kan qabnu maaliifi?

YESUS KIRISTOS, “gara koo kottaa . . . ana irraas baraa; anoo garraamii dha kanan gad of deebises; boqonnaas lubbuu keessaniif in argattu” jedheera. (Mat. 11:28, 29) Afeerriin miira ho’aadhaan dhihaate kun, Yesus jaalala ilaalchisee yaada akkamii akka qabu kan argisiisudha. Ilmaan namootaa keessaa Yesus caalaa fakkeenya gaarii ta’uu kan danda’u hin jiru. Yesus Ilma Waaqayyoo, humnaafi aangoo guddaa qabu ta’us, namootatti, keessumaa warra rakkina keessa jiranitti gara laafinaafi oo’a argisiiseera.

2. Amalawwan Yesus warra kamirratti xiyyeeffanna?

2 Mataduree kanaafi ittaanan lamaan keessatti, “yaada Kristos” horachuu, amala kana akka qabannetti itti fufuufi jireenya keenya keessatti argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e ilaalla. (1 Qor. 2:16) Caalaattimmoo, amalawwan Yesus shanan, jechuunis garraamummaa, gad of deebisuu, gaarummaa, abboomamuu, ija jabinaafi jaalala dhugaa inni argisiiserratti xiyyeeffanna.

Garraamummaa Kiristosirraa Barachuu

3. (a) Karaan Yesus bartootasaa gad of deebisuu itti barsiise tokko isa kami? (b) Yesus bartoonnisaa utuu hin dammaqin yommuu hafan maal isaaniin jedhe?

3 Yesus, Ilma Waaqayyoo isa mudaa hin qabne ta’us, namoota mudaa qabaniifi cubbamoo ta’an gidduutti tajaajiluuf fedhiisaatiin gara lafaa dhufeera. Isaan keessa tokko tokko booda isa ajjeesaniiru. Yesus garuu yoomiyyuu gammachuusaa eegee jiraachuusaarrayyuu, amala of qabu argisiiseera. (1 Phe. 2:21-23) Nuyis, fakkeenya Kiristosirraa ‘ija buqqaafachuu’ dhiisuun keenya, dogoggorri namoonni cubbamoo ta’an raawwatan yommuu nu mufachiisu gammachuu keenya eeguufi of qabuuf nu gargaara. (Ibr. 12:2) Yesus bartoonnisaa ‘waanjoosaa fudhatanii akka baataniifi’ isarraa akka baratan afeereera. (Mat. 11:29) Isarraa maal barachuu danda’u? Yesus garraamii kan ture si’a ta’u, bartoonnisaa yommuu dogoggoranitti obsaan isaan qabeera. Galgala du’asaa dura turetti, miillasaanii dhiquudhaan ‘kan gad of deebise’ ta’uusaa karaa tasumaa hin irraanfatamneen isaan barsiiseera. (Yohannis 13:14-17 dubbisi.) Boodas, Phexros, Yaaqoobiifi Yohannis yeroo ‘dammaqoo’ ta’u dadhabanitti, rakkinasaanii isaaniif hubateera. “Simoon! In raftaa?” jedhee isa gaafate. Itti dabaluudhaanis, “Qoramatti akka hin galleef dammaqaa, kadhadhaa! Hafuurri illee dhimmaa dha, foon garuu dadhabaa dha” jedheen.—Mar. 14:32-38.

4, 5. Fakkeenyi Yesus, dogoggora warri kaan raawwataniif ilaalcha sirrii akka qabannu kan nu gargaaruu danda’u akkamitti?

4 Obboleessi ykn obboleettiin tokko falmii kan jaallatan, dafanii kan aaran, akkasumas gorsa jaarsoliin ykn “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” kennu dafanii hojiirra kan hin oolchine yoo ta’an maal goona? (Mat. 24:45-47) Namoonni biyya lafaa Seexanni seerratu keessa jiran amalawwan akkasii yommuu argisiisan salphaatti bira darbinus, obboloonni keenya dogoggora akkasii yommuu raawwatan garuu bira darbuun nutti ulfaata ta’a. Dogoggora warra kaaniitti salphaadhumatti kan mufannu taanaan, ‘“Yaada Kristos” caalaatti argisiisuu kanan danda’u akkamitti?’ jennee of gaafachuun keenya barbaachisaadha. Yesus bartoonnisaa amantiinsaanii hir’uu akka ta’e yommuu argisiisanittillee, akka inni isaanitti hin aarre yaadachuun barbaachisaadha.

5 Mee Phexrosiin akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Yesus, Phexros bidiruurraa bu’ee bishaanirra deemaa garasaa akka dhufu yommuu isa afeeretti yeroo muraasaaf bishaanirra adeemuu jalqabee ture. Qilleensi jabaan dhufuusaa yeroo ilaalu garuu bishaanichaan liqimfamuu jalqabe. Yesus yeroo kanatti Phexrositti aaree, “Gatiikee argatte! Kun barumsa siif haa ta’u” ittiin jedheeraa? Lakki! “Yesus achumaan harka isaa hiixatee isa qabee, ‘Yaa namicha amantii hir’uu! Maaliif mamte?’ jedheen.” (Mat. 14:28-31) Nutoo obboleessi tokko tarkaanfii amantii laafaa akka qabu argisiisu fudhachuusaa yoo argine, akkuma Yesus harkasaa hiixatee Phexrosiin gargaare, obboleessi keenya amantiinsaa akka jabaatu gargaaruu dandeenyaa? Garraamummaa Yesus Phexrositti argisiiserraa barumsi argannu kanadha.

6. Yesus bakka guddaa argachuu ilaalchisee ergamootasaatiif barumsa maalii kenne?

6 Phexros ergamoota nu keessaa eenyutu caalaa jedhanii wal morkatan keessaa tokko ture. Yaaqoobiifi Yohannis, Mootummaa Yesus keessatti mirgaafi bitaasaa ta’uu barbaadanii turan. Phexrosiifi ergamoonni kaan yeroo kana dhaga’an baay’ee aaran. Yesus, ilaalcha akkasii akka qabaatan kan godhe hawaasa keessatti guddatan ta’uusaa hubatee ture. Garasaatti isaan waamee akkas jedheen: “Warri saba biyya lafa kanaa abbooman gooftummaadhaan akka isaan seerratan isin iyyuu in beektu; gurguddoonni isaaniis aboo isaanii isaan irratti argisiisu. Isin gidduutti akkas hin ta’u; eenyu illee isin keessatti guddaa ta’uu kan barbaadu, hojjetaa keessan ta’uutu isa irra jira. Eenyu illee isin keessaa dura ta’uu kan barbaadu, garbicha isiniif ta’uutu isa irra jira.” Achiis haala mataasaatti akka fakkeenyaatti fayyadamee akkas isaaniin jedhe: “Ilmi namaas akkasuma hojjechiifachuudhaaf hin dhufne, namootaaf hojjechuu fi, lubbuu isaa furii namoota baay’eedhaaf kennuuf dhufe malee.”—Mat. 20:20-28.

7. Hundi keenya tokkummaa gumiitiif gumaacha gochuu kan dandeenyu akkamitti?

7 Amala gad of deebisuu Yesus argisiiserratti xiinxaluun keenya, hariiroo obboloota keenyaa wajjin qabnuun ‘hundumaarra kan xinnaannu goonee akka of ilaallu’ nu gargaara. (Luq. 9:46-48) Akkas gochuun keenya tokkummaan akka jiraatu godha. Yihowaan, akkuma abbaa maatii bal’aa qabu tokkootti, ijoolleensaa tokkummaadhaan ‘walii wajjin akka jiraatan’ barbaada. (Far. 133:1) Yesus, “biyyi lafaas ati na erguu kee, akkuma na jaallattes isaan immoo jaallachuu kee haa beeku!” jechuudhaan Kiristiyaanonni dhugaa hundi tokkummaadhaan akka jiraatan Abbaasaa kadhateera. (Yoh. 17:23) Tokkummaa qabaachuun keenya, duuka buutota Kiristos ta’uun keenya addaan baafamee akka beekamu godha. Tokkummaan akkasii akka jiraatu gochuuf, dogoggora obboloonni keenya raawwataniif ilaalacha Kiristos qabaachuu nu barbaachisa. Yesus dhiifama kan namaaf godhu si’a ta’u, dhiifama argachuu kan dandeenyu yoo dhiifama goone qofa akka ta’es barsiiseera.—Maatewos 6:14, 15 dubbisi.

8. Obboloota yeroo dheeraaf Waaqayyoon tajaajilanirraa maal barachuu dandeenya?

8 Amantii obboloota fakkeenya Kiristos hordofuudhaan waggoota dheeraa dabarsan hordofuudhaanis barumsa hedduu argachuu dandeenya. Akkuma Yesus, isaanis obboloonnisaanii cubbuu kan dhaalan ta’uusaanii akka hubatan argisiisaniiru. Gara laafina akka Kiristos qabaachuun, “dadhabbii warra dadhabootaa baachuu” qofa utuu hin ta’in, tokkummaafis gumaacha gochuuf akka gargaaru hubataniiru. Kana malees, amalli akkasii guutummaan gumichaa yaada Kiristos akka calaqqisiisu jajjabeessa. Isaanis, obbolootasaaniitiif akkuma Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota Roomaatiif hawwe isaanitti dhaga’ama: “Waaqayyo inni obsaa fi jajjabina namaaf kennu immoo, fakkeenya Kristos Yesus duukaa buutanii, walii galtee akka qabaattaniif isin haa dandeessisu. Yaada tokkos qabaattanii, sagalee tokkichaan Waaqayyoon abbaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos akka galateeffattaniif isin haa gargaaru!” (Rom. 15:1, 5, 6) Eeyyee, tokkummaadhaan Yihowaa waaqeffachuun keenya Isaaf ulfina fida.

9. Fakkeenya Yesus hordofuuf hafuurri qulqulluun kan nu barbaachisu maaliifi?

9 Yesus amala ‘gad of deebisuu,’ garraamummaa isa bifa hojii hafuuraa keessaa tokko ta’ee wajjin wal qabsiisee ibseera. Kanaaf, fakkeenya Yesus sirriitti hordofuuf, fakkeenyasaa qo’achuu malees, hafuurri Yihowaa nu barbaachisa. Waaqayyo hafuurasaa akka nuu kennu kadhachuu, akkasumas akaakuu ija hojii hafuuraa, jechuunis ‘jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa, garraamummaafi of dhowwuu’ fakkaatan horachuuf carraaquu qabna. (Gal. 5:22, 23) Karaa kanaan, fakkeenya Yesus gad of deebisuufi garraamummaa argisiisuudhaan nuu ta’e hordofuudhaan Yihowaa Abbaa keenya isa samii gammachiisna.

Yesus Namoota Gaarummaadhaan Qabeera

10. Yesus gaarummaa kan argisiise akkamitti ture?

10 Gaarummaanis bifa hojii hafuuraa keessaa tokkodha. Yesus yeroo hundumaa gaarummaadhaan namoota qaba ture. Namoonni yaada qajeelaadhaan isa barbaadan hundi akka inni “gaarummaadhaan isaan simate” hubachuu danda’aniiru. (Luq. 9:11, NW) Gama kanaan Yesusirraa maal barachuu dandeenya? Namni gaariin kan nama jaallatu, kan hin jarjarre, kan namaa gadduufi kan araara qabudha. Yesusis namuma akkasii ture. “Namoota akka hoolota tiksee hin qabneetti bututanii, gatamanii turan sana yommuu arge” isaaniif oo’eera.—Mat. 9:35, 36.

11, 12. (a) Haala Yesus gara laafessa ta’uusaa gochaan itti argisiise ibsi. (b) Fakkeenya kanarraa maal barachuu dandeessa?

11 Yesus gochasaatiinis oo’aafi gara laafina akka qabu argisiiseera. Mee wanta yeroo tokko raawwatame haa ilaallu. Dubartiin tokko waggaa 12 guutuu dhiignishee dhangala’aa ture. Akka Seera Museetti, isheenis taate namni ishee tuqe kamiyyuu xuraa’aa akka ta’uufi sirna waaqeffannaarratti hirmaachuu akka hin dandeenye beekti turte. (Lew. 15:25-27) Ta’us, wanti isheen waa’ee Yesus dhageesseefi haalli inni itti namoota qabu, ishee fayyisuuf humnas ta’e fedhii akka qabu akka amantu ishee hin taasisin hin oolu. “Uffatuma Yesus yoon tuqe illee nan fayya” jettee garaasheetti yaaddee turte. Akkuma ta’etti of jajjabeessitee uffatasaa kan tuqxe si’a ta’u, yerooma sana akka fayyites isheetti dhaga’ameera.

12 Yesus namni tokko akka isa tuqe waan itti dhaga’ameef, eenyummaasaa beekuuf garagalee ilaale. Dubartittiinis Seera waan cabsiteef waan isheetti dheekkamu itti fakkaatee, sodaachaa rom’aa dhuftee miillasaa jalatti lafa dhooftee, waan tokko utuu hin hambisin dhugaasaa itti himte. Yesus dubartii dhukkubaan dhiphachaa turte kanatti dheekkameeraa? Tasumaa itti hin dheekkamne! Kanaa mannaa, karaa nama jajjabeessuun, “Yaa intala ko, amantiin kee si fayyiseera, nagaadhaan dhaqi” jedheen. (Mar. 5:25-34) Jecha kana dhaga’uun baay’ee ishee jajjabeessee ta’uu qaba!

13. (a) Ilaalchi Yesus Fariisotarraa adda kan ture akkamitti? (b) Yesus ijoollee kan qabe akkamitti ture?

13 Fariisota gara jabeeyyii ta’anirraa haala faallaa ta’een, Kiristos aangoosaatti fayyadamee tasumaa namootarratti ba’aa fe’ee hin beeku. (Mat. 23:4) Kanaa mannaa, karaawwan Yihowaa gaarummaafi obsaan namoota barsiiseera. Yesus duuka buutotasaatiif hiriyaa gaarii ta’uudhaan, akkasumas jaalalaafi gaarummaa isaanitti argisiisuudhaan michuu dhugaa ta’uusaa mirkaneesseera. (Fak. 17:17, hiika bara 1899; Yoh. 15:11-15) Ijoolleenillee Yesusii wajjin ta’uun kan isaanitti hin ulfaanne si’a ta’u, innis isaanii wajjin ta’uun isa gammachiisa ture. Hojiidhaan muddamus ijoollee wajjin ta’uuf yeroo dhabee hin beeku. Yeroo tokko, bartoonnisaa akkuma geggeessitoota amantii warra of gurguddisanii, Yesus harkasaa akka inni isaanirra kaa’uuf namoonni ijoolleesaanii gara Yesusitti akka hin finne dhowwuu yaalanii turan. Yesus garuu gocha bartootasaa kanatti hin gammanne. Kanaaf, “Lakkisaa mucooliin gara koo haa dhufan, hin dhowwinaa! Mootummaan Waaqayyoo warra akkasiitiif ta’a” isaaniin jedhe. Achiis, ijoollee sanatti akka fakkeenyaatti gargaaramee akkas jechuudhaan bartootasaatiif barumsa gaarii kenne: “Ani dhuguman isinitti hima, eenyu illee mootummaa Waaqayyoo akka mucaan simatutti kan hin simanne, itti hin galu.”—Mar. 10:13-15.

14. Ijoolleen xiyyeeffannaa sirrii isaanii kennamurraa faayidaa maalii argatu?

14 Ijoollee kana keessaa tokko tokko, yommuu nama guddaa ta’an Kiristos waggoota dheeraa dura ‘isaan hammatee isaan eebbise’ akka ture yeroo yaadatan maaltu isaanitti dhaga’amuu akka danda’u mee yaadi. (Mar. 10:16) Yeroo har’aattis, ijoolleen jaalala dhugaa jaarsoliifi namoonni kaan isaanitti argisiisan yeroo dheeraa booda yommuu yaadatan gammachuutu isaanitti dhaga’ama. Hunda caalaattimmoo, ijoolleen xinnummaasaaniitii kaasanii gumii keessaa jaalala akkasii argatanii guddatan hafuurri Yihowaa sabasaa gidduu jiraachuusaa hubatu.

Biyya Lafaa Gaarummaa Hin Qabne Keessatti Gaarummaa Argisiisaa

15. Yeroo har’aatti gaarummaan dhibuunsaa nu dinqisiisuu kan hin qabne maaliifi?

15 Namoonni yeroo har’aatti argaman hedduun, warra kaanitti gaarummaa argisiisuuf yeroo akka hin qabne isaanitti dhaga’ama. Kanaaf, sabni Yihowaa guyyaa hundumaa mana barumsaatti, bakka hojiitti, geejjibaan yeroo adeemaniifi tajaajilarratti hafuurri biyya lafaa dhiibbaa isaanirraan ga’a. Namoonni gaarummaa kan hin argisiisne ta’uunsaanii nu gaddisiisus, kana gochuunsaanii nu dinqisiisuu hin qabu. Yihowaan, Phaawulos hafuuraan geggeeffamee, Kiristiyaanonni dhugaa “guyyoota gara dhumaa” keessatti argaman, namoonni ‘ofittoofi jaalala of keessaa hin qabne’ akka isaan qunnaman dursee akka akeekkachiisu godheera.—2 Xim. 3:1-3.

16. Gumii keessatti gaarummaa akka Kiristos argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Karaa biraatiinimmoo, haalli gumii Kiristiyaanaa isa dhugaa gidduu jiru, biyya lafaa isa gaarummaa hin argisiisneerraa karaa adda ta’een kan nama jajjabeessudha. Fakkeenya Yesus hordofuudhaan, hundi keenya haala gaarii kanaaf gumaacha gochuu dandeenya. Akkas gochuu kan dandeenyu akkamitti? Namoonni gumii keessatti argaman hedduun, dhibeen fayyaa ykn haalli rakkisaan kan biraa waan isaan mudatuuf akka isaan gargaaruufi akka isaan jajjabeessinu barbaadu. Rakkoowwan akkasii “guyyoota gara dhumaa” kanatti dabalaa deemanis haaraa miti. Kiristiyaanonni duris, rakkoowwan kanaa wajjin wal fakkaatan isaan mudatanii turan. Kanaaf, akkuma Kiristiyaanonni yeroo sana turan gargaarsi isaan barbaachise, warri yeroo har’aatti argamanis gargaarsi isaan barbaachisa. Fakkeenyaaf Phaawulos, “Warra garaan isaanii sodaate akka toosiftan, warra dadhabaniif akka yaaddan, namoota hundumaafis akka dandeessan” jechuudhaan Kiristiyaanota gorsee ture. (1 Tas. 5:14) Kunimmoo gaarummaa akka Kiristos hojiidhaan argisiisuu dabalata.

17, 18. Karaawwan gaarummaa Yesus hordofuu itti dandeenyu tokko tokko maalfa’i?

17 Kiristiyaanota waan taaneef, ‘gaarummaadhaan obboloota keenya simachuu,’ akka Yesus isaan qabetti qabuufi obboloota yeroo dheeraa dura beeknus ta’e, kanaan dura wal hin beeknetti gaarummaa argisiisuuf itti gaafatamummaa qabna. (3 Yoh. 5-8) Akkuma Yesus dursa fudhatee gara laafina argisiise, nuyis yeroo hundumaa namoota kaaniif boqonnaa kan argamsiisnu ta’uu hin qabnuu?—Isa. 32:2; Mat. 11:28-30.

18 Hundi keenyayyuu, wanta namoota kaan gargaaru tokko raawwachuufi rakkoosaanii hubachuu ni dandeenya. Karaa obboloota keenyatti gaarummaa itti argisiisnu argachuuf carraaquu qabna! Phaawulos “Jaalala obbolummaatiin ho’isaa wal jaalladhaa; walii keessaniif ulfina kennuudhaaf wal dorgomaa!” jechuudhaan gorsa kenneera. (Rom. 12:10) Kana jechuunis, fakkeenya Kiristos hordofuudhaan, namoota kaanitti gaarummaafi “jaalala amanamaa” argisiisuu barachuu jechuudha. (2 Qor. 6:6) Phaawulos jaalala Kiristos argisiise wajjin wal fakkaatu ilaalchisee, “Jaalalli danda’aa dha, gaarummaas in argisiisa; jaalalli hin hinaafu, of hin jaju, of hin bokoksus” jedheera. (1 Qor. 13:4) Obboloota keenyarratti haaloo qabachuu mannaa, gorsa kana hojiirra haa oolchinu: “Walitti kan toltan, garaas kan waliif laaftan ta’aa; akkuma Waaqayyo karaa Kristos cubbuu keessan isiniif dhiise, isinis akkasuma waliif dhiisaa!”—Efe. 4:32.

19. Gaarummaa akka Kiristos argisiisuun eebba akkamii argamsiisa?

19 Yeroo hundumaa gaarummaa Kiristos argisiise qabaachuufi argisiisuuf carraaquun keenya eebba hedduu nuuf argamsiisa. Akkas gochuun keenya, hafuurri Yihowaa gumii keessatti rakkoo tokko malee akka hojjetu gochuusaarrayyuu, obboloonni hundumtuu ija hojii hafuuraa akka horatan gargaara. Kana malees, fakkeenya Kiristos yeroo hordofnuufi namoonni kaanis akkuma keenya akka godhan yeroo gargaarru, waaqeffannaan gammachuufi tokkummaadhaan dhiheessinu Waaqayyoon ni gammachiisa. Kanaaf, hariiroo namootaa wajjin qabnuun yeroo hundumaa akkuma Yesus garraamummaafi gaarummaa calaqqisiisuuf haa carraaqnu.

Ibsuu Dandeessaa?

• Yesus ‘garraamiifi kan gad of deebisee’ ta’uusaa kan argisiise akkamitti?

• Yesus gaarummaa kan argisiise akkamitti?

• Biyya lafaa hamaa ta’e kana keessatti karaawwan akka Kiristos garraamummaafi gaarummaa itti argisiisuu dandeenyu tokko tokko kamfa’i?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 8rra jiru]

Obboleessi tokko akkuma Phexros, amantiinsaa akka hir’ate yommuu arginu gargaarsaaf harka keenya ni hiixannaafii?

[Fakkii fuula 10rra jiru]

Gumiin bakka gaarummaan keessa buufate akka ta’uuf gama keenyaan maal gochuu dandeenya?