Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Addunyaa Jaalala Hin Qabne Keessatti Michooma Keenya Eeguu

Addunyaa Jaalala Hin Qabne Keessatti Michooma Keenya Eeguu

Addunyaa Jaalala Hin Qabne Keessatti Michooma Keenya Eeguu

“Kana hundumaa akka isin wal jaallattaniifan isin abbooma.”—YOH. 15:17.

1. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa michoomasaanii eeganii itti fufuun kan isaan barbaachise maaliif ture?

YESUS galgala dhumaa jireenyasaa isa lafarraatti, bartoonnisaa amanamoo ta’an michoomasaanii eeganii akka itti fufan jajjabeesseera. Galgaluma sana kana jechuusaa dura, jaalalli isaan waliisaaniitiif qaban duuka buutotasaa ta’uusaanii akka beeksisu dubbatee ture. (Yoh. 13:35) Ergamoonni qorumsa isaan mudachuuf jiru mo’uufi hojii Yesus isaanii kennuuf jedhu raawwachuuf, michooma cimaa isaan gidduu jiru eeganii itti fufuun isaan barbaachisa ture. Eeyyee, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa jaalala cimaa Waaqayyoofi waliisaaniitiif qabaniin beekamu turan.

2. (a) Maal gochuuf murteessineerra? Maaliif? (b) Gaaffiiwwan kamirratti mari’anna?

2 Yeroo har’aatti, kutaa jaarmiyaa addunyaa maraa miseensonnisaa fakkeenya Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa hordofanii ta’uun mirga guddaadha! Ajaja Yesus jaalala dhugaa akka waliif qabaannu nuu kenne abboomamuuf murteessineerra. Haata’u malee, namoonni guyyoota gara dhumaa kana keessa jiran hedduun, amanamoo kan hin taane ta’uusaaniirrayyuu, jaalala of keessaa hin qaban. (2 Xim. 3:1, 3) Michoomnisaanii yeroo baay’ee sinsinniifi ofittummaarratti kan hundaa’edha. Eenyummaa Kiristiyaanota dhugaa ta’uu keenya beeksisu eeguuf, ofittummaarraa fagaachuu qabna. Kanaaf, mee gaaffiiwwan kanaa gadiirratti haa mari’annu: Michoomni dhugaan maalirratti hundaa’a? Michoota dhugaa qabaachuu kan dandeenyu akkamitti? Michooma nama tokkoo wajjin qabnu dhaabuu kan qabnu yoomi? Michooma keenya eeguu kan dandeenyu akkamitti?

Michoomni Dhugaan Maalirratti Hundaa’a?

3, 4. Michooma hunda caalaa cima ta’eef bu’uurrisaa maalidha? Maaliif?

3 Michoomni hunda caalaa cimaa ta’e jaalala Yihowaadhaaf qabnurratti kan hundaa’edha. Solomoon Mootichi akkas jechuudhaan barreesseera: “Namni tokko nama kophaa adeemu tokko humna caalee yoo kuffise, warri lama ta’anii adeeman isaan mormuu in danda’u; fo’aan dachaa sadiin walitti fo’ame dafee hin citu.” (Lal. 4:12) Michooma gidduutti Yihowaan fo’aa sadaffaa yommuu ta’u, michoomni sun itti fufiinsa qabaata.

4 Namoonni Yihowaa hin jaallannellee michooma nama gammachiisu qabaachuu akka danda’an beekamaadha. Haata’u malee, namoonni jaalala Waaqayyoof qabanirratti hundaa’anii yommuu wal jaallatan michoomnisaanii cimaa ta’a. Namoonni michoota dhugaa ta’an gidduusaaniitti waldhabiinsi yoo uumamellee, karaa Yihowaa gammachiisuun rakkoosaanii hiiku. Mormitoonni Waaqayyoo Kiristiyaanota dhugaa qoqqooduu yoo yaalan, diinonni kun michoomni Kiristiyaanota kana gidduu jiru cimaa ta’uusaa ni hubatu. Tajaajiltoonni Yihowaa waliisaanii dabarsanii kennuu mannaa, du’uu akka filatan seenaan mirkaneesseera.— Yohannis 3:16 dubbisi.

5. Michoomni Ruutiifi Naa’omii baay’ee cimaa kan ture maaliifi?

5 Michoomni hunda caalaa gammachiisaa ta’e, isa namoota Yihowaa jaallatanii wajjin qabaannu akka ta’e homaa hin shakkisiisu. Fakkeenya Ruutiifi Naa’omii ilaalaa. Dubartoonni kun michooma cimaa Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffame qabu turan. Michoomnisaanii cimaafi itti fufiinsa kan qabu akka ta’u kan godhe maalidha? Ruut yommuu Naa’omiidhaan akkas jettu sababiinsaa maal akka ta’e ibsiteetti: “Sabni kee saba koo in ta’a, Waaqayyoon kees Waaqayyo koo anaaf in ta’a. . . . du’a irraa kan hafe si irraa kan gargar na baasu yoo jiraate, Waaqayyo ana haa balleessu.” (Rut. 1:16, 17) Ruutiifi Naa’omiin jaalalli guddaan Waaqayyoof qaban, walitti dhufeenya isaan gidduu jirurratti dhiibbaa akka geessisu heyyamanii akka turan homaa hin shakkisiisu. Kanaan kan ka’es dubartoonni kun lamaan eebba Yihowaa argataniiru.

Michoota Dhugaa Qabaachuu Kan Dandeenyu Akkamitti?

6-8. (a) Michoomni itti fufiinsa akka qabaatu kan godhu maalidha? (b) Michoota baafachuuf dursa fudhachuu kan dandeessan akkamitti?

6 Fakkeenyi Ruutiifi Naa’omii michoota dhugaa qabaachuun kan danda’amu akka tasaa akka hin taane argisiisa. Lamaanuu Yihowaa kan jaallatan ta’uunsaanii barbaachisaadha. Haata’u malee, michoomni itti fufiinsa qabu, carraaqqii cimaafi fedhii ofii aarsaa gochuudhaan kan argamudha. Namoonni karaa foonii obboloota ta’aniifi maatii Kiristiyaanaa keessaatti waliin Yihowaa waaqeffatanillee, michooma dhugaa uumuuf carraaqqii gochuun isaan barbaachisa. Kanaaf, michoota dhugaa qabaachuu kan dandeessan akkamittiree?

7 Dursa fudhadhaa. Phaawulos ergamaan michootasaa gumii Roomaa keessa jiran, “Keessummoota simachuutti dhimmaa” jechuudhaan jajjabeesseera. (Rom. 12:13) Wanta tokkoof dhimmuun tarkaanfiiwwan walitti aanan irraa jalaan fudhachuu dabalata. Haaluma wal fakkaatuun, keessummoota simachuun yeroo hundaa walitti aansuudhaan wantoota xixinnoo raawwachuu kan gaafatudha. Namni isin bakka bu’uudhaan keessummoota simachuuf tarkaanfii fudhatu kan biraan hin jiru. (Fakkeenya 3:27 dubbisi.) Karaan itti keessummoota simachuu dandeessan inni tokko, namoota gumii keessa jiran garagaraaf afeerrii salphaa gochuudha. Miseensota gumii simachuun wanta yeroo hundaa raawwattan keessaa tokko akka ta’u gochuu ni dandeessuu?

8 Karaan michoota baafachuuf dursa fudhachuu itti dandeessan kan biraammoo, namoonni garagaraa hojii lallabaarratti akka isinii wajjin hirmaatan afeeruudha. Yeroo manaa gara manaa tajaajiltan, hiriyaan keessan jaalala inni ykn isheen Yihowaaf qaban yommuu garaadhaa dubbatan dhaga’uun, caalaatti akka isaanitti dhihaattan akka godhu beekamaadha.

9, 10. Phaawulos fakkeenya akkamii ta’eera? Nuhoo fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

9 Jaalala keessan bal’ifadhaa. (2 Qorontos 6:12, 13 dubbisi.) Gumii keessaa namni michuu godhachuu dandeessan tokkollee akka hin jirre isinitti dhaga’amee beekaa? Kun kan ta’e, namoonni hedduun michuu keessan ta’uu akka hin dandeenye waan yaaddaniif ta’innaa? Phaawulos ergamaan jaalalasaa bal’ifachuurratti fakkeenya gaarii nuu ta’a. Yeroo tokko namoota Yihudii hin taanee wajjin tasumaa michoomuu akka hin dandeenye itti dhaga’ama ture. Yeroo booda garuu, “saba Waaqayyoo warra hin ta’iniif ergamaa” ta’eera.—Rom. 11:13.

10 Kana malees, Phaawulos michuu kan godhate warra umriidhaan hiriyootasaa ta’an qofa hin turre. Fakkeenyaaf, inniifi Ximotewos haalli keessatti guddataniifi umriinsaanii kan wal hin gitne ta’uyyuu michoota baay’ee walitti dhihaatan ta’aniiru. Dargaggoonni yeroo har’aa jiran hedduunis, michooma angafootasaanii gumii keessa jiranii wajjin qabaniif bakka guddaa kennu. Vaanesaan isheen umrii jalqaba waggoota 20manii keessatti argamtu akkas jetteetti: “Michuu gaarii umrii waggoota 50manii keessatti argamtu tokkon qaba. Wantan hiriyoota kootti himu hundumaa isheetti himuu hin saalfadhu. Isheenis baay’ee naaf yaaddi.” Michoomni akkasii akkamitti uumama? Vaanesaan, “Michooma akkasii uumuuf carraaqqii gochuun na barbaachiseera” jetti. Namoota umriidhaan hiriyootakee hin taanee wajjin michuu ta’uuf fedhii qabdaa? Yihowaan carraaqqiikee akka sii eebbisu homaa hin shakkisiisu.

11. Fakkeenya Yonaataaniifi Daawitirraa maal barachuu dandeenya?

11 Amanamoo ta’aa. Solomoon, “Michuun bara hundumaa jaallata, yeroo gidiraatti obboleessindhalata” jechuudhaan barreessee ture. (Fak. 17:17, hiika bara 1899) Solomoon yommuu kana barreessu, michooma abbaansaa Daawit Yonaataan wajjin qabu yaadatti qabatee ta’uu danda’a. (1 Sam. 18:1) Saa’ol Mootichi, ilmisaa Yonaataan isatti aanee mootii Israa’el akka ta’u barbaada ture. Yonaataan garuu, Yihowaan mootii akka ta’uuf kan filate Daawitiin akka ta’e amanee fudhateera. Haala Saa’olirraa faallaa ta’een Yonaataan Daawititti hin hinaafne. Yonaataan ulfina Daawiti argatetti hin hinaafne, akkasumas soba abbaansaa Saa’ol tamsaasu fudhachuuf hin jarjarre. Kanaa mannaa, Yonaataan amanamummaadhaan michuusaaf falmeera. (1 Sam. 20:24-34) Nutoo akka Yonaataanii? Michuuwwan keenya yommuu mirga argatan isaanii wajjin gammannaa? Yommuu rakkinni isaanirra ga’u isaan jajjabeessinaa? Isaan deggerraa? Namni tokko waa’ee michuu keenyaa wanta gadhee tokko yoo nutti hime dafnee amannaa? Moo akkuma Yonaataan amanamummaadhaan michuu keenyaaf falmina?

Michooma Nama Tokkoo Wajjin Qabnu Dhaabuu Kan Qabnu Yoomi?

12-14. Barattoonni Macaafa Qulqulluu tokko tokko qorumsa akkamiitu isaan mudata? Nutoo akkamitti isaan gargaaruu dandeenya?

12 Barataan Macaafa Qulqulluu tokko akkaataa jireenyaasaarratti jijjiirama gochuu yommuu jalqabu, michoomaa wajjin haala wal qabateen rakkoon isa mudachuu danda’a. Michuuwwan isaanii wajjin ta’uun isa gammachiisu qaba ta’a; ta’us isaan seera Macaafa Qulqulluutiin hin geggeeffaman. Kanaan dura, yeroosaa baay’ee namoota kanaa wajjin dabarsa ta’a. Amma garuu, sochiin michoonnisaa kun irratti hirmaatan dhiibbaa gadhee akka isarraan geessisu waan hubateef, yeroo isaanii wajjin dabarsu hir’isuun barbaachisaa akka ta’e isatti dhaga’ame. (1 Qor. 15:33) Haata’u malee, isaanirraa addaan ba’uunis gantummaa akka ta’e isatti dhaga’amuu danda’a.

13 Barataa Macaafa Qulqulluu haala akkasii keessa jirtu yoo taate, michuu dhugaan carraaqqii ati fooyya’iinsa argisiisuuf gootutti akka gammadu yaadadhu. Namni akkasii si wajjin waa’ee Yihowaa barachuufillee fedhii argisiisuu danda’a. Karaa biraatiinimmoo michoonni sobaa, “lolaa jireenya ittisa hin qabneetiin” waan isaan wajjin hin fudhatamneef, ‘maqaakee in balleessu.’ (1 Phe. 4:3, 4) Dhugaa dubbachuuf taanaan, gantuu kan ta’e si utuu hin ta’in hiriyootakee sanadha.

14 Barattoonni Macaafa Qulqulluu hiriyootasaanii durii Waaqayyoof jaalala hin qabnerraa yommuu addaan ba’an, miseensonni gumii michuu dhugaa isaaniif ta’uu danda’u. (Gal. 6:10) Namoota Macaafa Qulqulluu qayyabataniifi gumii keessan dhufan dhuunfaatti ni beektaa? Al tokko tokko yeroo gammachiisaa isaanii wajjin dabarsuuf haala mijeessuu ni dandeessaa?

15, 16. (a) Michuun keenya tokko Yihowaa tajaajiluusaa yoo dhaabe maal gochuu qabna? (b) Waaqayyoon akka jaallannu mirkaneessuu kan dandeenyu akkamitti?

15 Michuun keenya tokko, Yihowaa dhiisuuf waan murteesseef gumii keessaa yoo baafame maal goona? Haalli akkasii baay’ee kan nama gaddisiisu ta’uu danda’a. Obboleettiin tokko yeroo michuunshee Yihowaa tajaajiluushee dhaabdu wanta isheetti dhaga’ame yeroo ibsitu akkas jetteetti: “Naasuudhaan hadoodeen hafe. Michuunkoo dhugaarratti amantii jabaa qabdi jedhee yaadus, akkas hin turre. Yihowaa tajaajilaa kan turte maatiishee gammachiisuuf jecha natti fakkaata. Sana booda, anoo Yihowaa kanan tajaajilu maalirratti hundaa’eeni jedhee of qoruun jalqabe. Yihowaa kanan tajaajilu sababii sirrii ta’een kaka’eenii?” Obboleettiin kun haala ishee mudate kan moote akkamitti ture? Akkas jetti: “Ba’aakoo Yihowaarratti gateen ture. Yihowaan, jaarmiyaasaa keessatti michoota waan naa kenneef qofa utuu hin ta’in, waanan isa jaalladhuuf akkan isa tajaajilu argisiisuufan murteesse.”

16 Namoota michuu biyya lafaa ta’uu filatan kan deggerru taanaan, Waaqayyoo wajjin michoota taanee itti fufna jennee eeguu hin dandeenyu. Yaaqoob akkas jedhee barreesseera: “Biyya lafaatti michoomuun diina Waaqayyoo akka nama godhu hin beektanii ree? Namni michuu biyya lafaa ta’uu barbaadu, diina Waaqayyoo of in godha.” (Yaq. 4:4) Waaqayyoof yoo amanamoo taane, gadda michuu keenya dhabuudhaan nutti dhaga’ame mo’uuf akka nu gargaaru amanamuu dandeenya; kana gochuudhaan jaalala Isaaf qabnu mirkaneessina. (Ibroota 13:5b dubbisi.) Obboleettiin olitti caqasamte akkas jechuudhaan ibsiteetti: “Namni tokko Yihowaas ta’e nuun akka jaallatu gochuun akka hin danda’amne hubadheera. Kun filannoo dhuunfaarratti kan hundaa’edha.” Maarree, michooma obboloota gumii keessatti jabaatanii itti fufanii wajjin qabnu cimsachuuf maal gochuu dandeenya?

Michooma Keenya Eeguu Kan Dandeenyu Akkamitti?

17. Michoonni gaariin akkamitti waliin haasa’u?

17 Garaadhaa waliin haasa’uun michooma cimsuuf gargaara. Macaafa Qulqulluu keessatti seenaa Ruutiifi Naa’omii, Daawitiifi Yonaataan, akkasumas Phaawulosiifi Ximotewos yeroo dubbistan, michoonni sodaa tokko malee kabajaan akka waliin haasa’an ni hubattu. Akkaataa warra kaanii wajjin haasa’uu qabnu ilaalchisee Phaawulos, “Haasaan keessan yeroo hundumaa gurratti kan tolu, akka soogiddaas miyaa’aa haa ta’u” jedheera. Phaawulos obboloota keenyaa wajjin utuu hin ta’in, “namoota waldaa kristiyaanaa keessa hin jirree” wajjin akkamitti haasa’uu akka qabnu addaan baasee caqasuusaa ture. (Qol. 4:5, 6) Namoota Dhugaa Baatota hin taanee wajjin yeroo haasofnu ulfina argisiisuun erga nu barbaachisee, michoota keenya gumii keessa jiranii wajjin caalaatti ulfinaan haasa’uu hin qabnuuree?

18, 19. Gorsa michuun Kiristiyaana ta’e tokko nuuf kennu akkamitti ilaaluu qabna? Gama kanaan jaarsoliin gumii Efesoon fakkeenya akkamii nuuf ta’u?

18 Michoonni gaariin ilaalcha waliisaaniif bakka guddaa waan kennaniif, haasaansaanii gaariifi ifa ta’uu qaba. Solomoon Mootichi akkas jedhee barreesseera: “Dibannii fi urgooftuun akkuma nama gammachiisan, akkasuma gorsi firaa [“michuu,” hiika bara 1899] inni dhugaan garaa nama in ciibsa.” (Fak. 27:9) Gorsa michuu keerraa argattu kamiyyuu akkasitti ilaaltaa? (Faarfannaa 141:5 dubbisi.) Michuunkee wanti ati gochaa jirtu tokko akka isa yaaddesse yoo sitti hime, maaltu sitti dhaga’ama? Yaada kana kan sii kenne waan sii yaaduuf akka ta’e sitti dhaga’amamoo si mufachiisa?

19 Phaawulos ergamaan jaarsolii gumii Efesoon wajjin hariiroo gaarii qaba ture. Isaan keessaa tokko tokko jalqaba yeroo Kiristiyaanota ta’an isaan beekuu hin oolu. Yeroo dhumaatiif isaanii wajjin ennaa wal argetti garuu ifatti gorsa isaanii kenneera. Isaanoo gorsa kanaaf maaltu isaanitti dhaga’ame? Michoonni Phaawulos kun hin mufanne. Kanaa mannaa, isaanii yaaduusaa kan dinqisiifatan ta’uusaaniirrayyuu, lammata akka isa hin argine yeroo beekan boo’aniiru.—HoE. 20:17, 29, 30, 36-38.

20. Michuun jaalala qabeessa ta’e tokko maal godha?

20 Michoonni dhugaan gorsa gaarii fudhachuu qofa utuu hin ta’in, isaanis gorsa ni kennu. Dhugaadha, “maayii [keenya] dhimma baafachuu” kan nu barbaachisu yoom akka ta’e beekuu qabna. (1 Tas. 4:11) Kana malees, namni hundumtuu “waan godhe sababii isaa wajjin Waaqayyotti himuuf” akka jiru beekuu qabna. (Rom. 14:12) Barbaachisaa taanaan garuu, michuun jaalala qabeessa ta’e tokko gaarummaadhaan michuunsaa qajeelfama Yihowaa isa yaadachiisuu danda’a. (1 Qor. 7:39) Fakkeenyaaf, michuun keessan qeentee ta’e tokko saala faallaa Dhugaa Baatuu hin taanee wajjin garmalee walitti dhihaachuu yoo jalqabe maal gootu? Michoomni keenya walirraa cita jettanii sodaachuudhaan, wanta isin yaaddesse isatti himuurraa duubatti jettuu? Yookiin michuun keessan gorsa keessan fudhachuu yoo dide maal gootu? Michuu gaariin, tiksitoonni jaalala qabeeyyii ta’an michuusaa tarkaanfii dogoggoraa fudhate sana akka gargaaran godha. Akkas gochuun ija jabina gaafata. Garuu michoomni keessan jaalala Yihowaaf qabdanirratti kan hundaa’e taanaan, wanti addaan isa kutu tasumaa hin jiraatu.

21. Al tokko tokko hundi keenya maal goona? Haata’u malee, gumii keessatti michoomni cimaan akka jiraatu gochuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

21 Qolosaayis 3:13, 14 dubbisi. Al tokko tokko, wanta michoonni keenya akka nu ‘komatan’ taasisu gochuu dandeenya; isaanis gocha ykn dubbiisaaniitiin nu mufachiisuu danda’u. Yaaqoob, “Nuyi hundumti keenya baay’ee irraa in kaanna” jechuudhaan barreesseera. (Yaq. 3:2) Haata’u malee, michoomni kan madaalamu cubbuu walirratti hojjechuu dhiisuudhaan utuu hin ta’in, guutummaatti dhiifama walii gochuudhaani. Ifatti waliin haasa’uufi akkasumaan dhiifama walii gochuudhaan, michooma cimaa qabaachuun keenya baay’ee barbaachisaadha! Akkas yoo goone, jaalala “wanta hundumaa raawwatamaa godhee walitti hidhu” qabaanna.

Maal Jettee Deebista?

• Michoota gaarii qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?

• Michooma nama tokkoo wajjin qabnu dhaabuu kan qabnu yoomi?

• Michooma cimaa qabaachuuf maal gochuu qabna?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 18rra jiru]

Michoomni cimaan Ruutiifi Naa’omii gidduu jiru maalirratti kan hundaa’e ture?

[Fakkii fuula 19rra jiru]

Yeroo hundumaa keessummoota ni simattaa?