Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Fakkeenya 24:27rraa barumsa maalii arganna?

Barreessaan macaafa Fakkeenyaa dargaggeessa yeroo gorsu, “Maasii qopheeffattee, waan ittiin jiraattu hamma argattutti mana hin dhaabbatin” jedheera. Fakkeenyi geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame kun barumsa maalii kenna? Namni tokko gaa’elaafi maatii utuu hin godhatin dura, itti gaafatamummaa waadaa kana waliin dhufu hubatee qophaa’uu akka qabu ibsa.

Kanaan dura, caqasni kun namni abbaa manaafi abbaa ta’e hojiisaatiif dhimmuu qofa utuu hin ta’in, maatiisaas waa’ee Waaqayyoofi Macaafa Qulqulluu barsiisuudhaan jajjabeessuu akka qabu ibsuufis ni caqasama ture. Yaanni kun dhugaafi kan Caaffata Qulqullaa’ootiin deggeramu ta’us yaada ijoo caqasa kanaa hin fakkaatu. Maaliif?

Caqasni kun wantoota dabareedhaan hojjetamuu qaban caalaatti ibsa; innis ‘Dura kana hojjedhu; sana booda isa sana hojjedhu’ akka jechuuti. Kanaaf, gorsi macaafa Fakkeenyaa kun itti gaafatamummaan hojii kaanii isa kan hafuuraa haa dursuudhaa? Akkas jechuusaa miti!

Bara duriitti, namni tokko gaa’ela godhachuudhaan ‘mana dhaabbachuu’ ykn maatii godhachuu yoo barbaade, ‘Ani haadha warraafi ijoollee fuulduratti godhannu bulchuuf qophaa’aadhaa?’ jedhee of gaafachuu qaba ture. Maatii godhachuusaa dura, hojii hojjetu, maasii qotatu ykn midhaan qabaachuu qaba. “Maasii qopheeffattee, waan ittiin jiraattu hamma argattutti mana hin dhaabbatin!” jedhamuusaa hubadhaa. Seerri bu’uuraa kun har’as ni hojjettaa?

Eeyyee. Namni fuudhuu barbaadu tokko dirqama kana ba’achuuf akka gaariitti qophaa’uu qaba. Qaamaan ga’umsa qabaannaanis hojjechuu qaba. Haata’u malee, carraaqqiin namni tokko maatiisaa gargaaruuf godhu, wantoota qaama maatii tokkoof barbaachisan dhi’eessuu qofatti kan daangeffamu miti. Dubbiin Waaqayyoo namni tokko fedha qaamaa, miiraafi hafuuraa maatiisaa kan hin guunne yoo ta’e, amantii kan hin qabne caalaa hamaa akka ta’e argisiisa! (1 Xim. 5:8) Kanaafuu, dargaggeessi tokko mana dhaabbachuufi maatii godhachuuf yommuu qophaa’u, gaaffiiwwan kanaa gadii of gaafachuu qaba: ‘Hangan danda’etti maatii koof wantoota barbaachisan dhiheessuuf qophaa’aadhaa? Dhimmawwan waaqeffanna wajjin wal qabataniin mataa maatii ta’ee geggeessuuf qophaa’aadhaa? Haadha warraafi ijoollee koo wajjin yeroo hunda qayyabannaa Macaafa Qulqulluu karooraan geggeessuuf qophaa’aadhaa?’ Dubbiin Waaqayyoo dirqammaawwan baay’ee barbaachisaa ta’an kanaaf bakka guddaa kenna.—Kes. 6:6-8; Efe. 6:4.

Kanaaf, dargaggeessi gaa’ela godhachuu barbaadu tokko, seera bu’uuraa Fakkeenya 24:27⁠rratti argamu kana of eeggannoodhaan itti yaaddu qaba. Haaluma walfakkaatuun, shamarreen tokko yommuu heerumuu barbaaddu, haadha warraafi haadhaa ta’uuf itti gaafatamummaa qabdu ba’achuuf qophaa’uushee of gaafachuu qabdi. Dargaggoonni gaa’ela godhatanis ijoollee godhachuusaanii dura gaaffiiwwan walfakkaatan of gaaffachuu danda’u. (Luq. 14:28) Sabni Waaqayyoo qajeelfama geggeessaa hafuuraatiin barreeffame akkasii hordofuunsaanii, gadda dhufu hambisuufi jireenya maatii milkaa’aa ta’e jiraachuuf isaan gargaara.

[Fakkii fuula 12rra jiru]

Dargaggeessi tokko waa’ee gaa’elaa gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu qaba?