Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Hiddaafi Hundee Godhatteettaa’?

‘Hiddaafi Hundee Godhatteettaa’?

‘Hiddaafi Hundee Godhatteettaa’?

QILLEENSI cimaan muka guddaa tokko asiif achi yeroo raasu argitee beektaa? Qilleensichi humna guddaadhaan isa raasus mukichi hin jigu. Maaliifi? Hidda cimaa lafa ciniinee qabu waan qabuufidha. Nuyis akkuma muka kanaa ta’uu ni dandeenya. ‘Hiddaafi hundee godhannee’ kan jiraannu taanaan, rakkoowwan cimoo jireenya keenya keessatti nu mudatan mo’uu ni dandeenya. (Efe. 3:14-17) Hundeen kun maali?

Dubbiin Waaqayyoo gumii Kiristiyaanaaf, “Kristos Yesus . . . ofii isaatii dhagaa golee qajeelchu” ta’uusaa ibsa. (Efe. 2:20; 1 Qor. 3:11) Kiristiyaanota kan taane hundi, “Akkuma barsiifamtanitti hundee keessan gad fageeffadhaa, isatti ijaaramaatii amantiitti dhaabamaa!” jechuudhaan gorfamneerra. Akkas kan goonu taanaan, “dubbii nama wallaalchisu” isa “gowwoomsaa waan tokko of keessaa hin qabne” irratti hundaa’e dabalatee, dhiibbaa amantii keenyarratti godhamu hunda mo’uu ni dandeenya.—Qol. 2:4-8.

‘Hammam Akka Bal’atu, Dheeratu, Ol Fagaatuufi Gad Fagaatu’

Haata’u malee, ‘hundee gad fageeffachuufi amantiitti dhaabamuu’ kan dandeenyu akkamitti? Akkuma fakkeenyaan ibsame karaan inni guddaan hundeen keenya lafa keessa akka gadi fagaatu gochuu itti dandeenyu, jabaannee Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame qayyabachuudha. Yihowaan, “Warra Waaqayyoof qulqullaa’an hundumaa wajjin” dhugaan “hammam akka bal’atu, hammam akka dheeratu, hammam akka ol fagaatu, hammam akka gad fagaatus” akka hubannu barbaada. (Efe. 3:18) Kanaaf, namni Kiristiyaana ta’e kamiyyuu, beekumsa gadi fageenya hin qabne, jechuunis barumsa “isa gara jalqabaa” Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu beekuu qofatti gammaduu hin qabu. (Ibr. 5:12; 6:1) Karaa biraatiinimmoo, tokkoon tokkoon keenya dhugaawwan Macaafa Qulqulluu gadi fageenyaan hubachuuf hawwii guddaa qabaachuu nu barbaachisa.—Fak. 2:1-5.

Kana jechuun garuu, dhugaa keessatti ‘hiddaafi hundee godhachuuf’ kan nu barbaachisu beekumsa guddaa qabaachuu qofadha jechuu akka hin taane beekamaadha. Seexannillee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu beeka. Wanti kana caalaa barbaachisaa ta’e jira. Innis, ‘jaalala Kiristos isa safara beekumsa namaa bira darbus beekuudha.’ (Efe. 3:19) Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf kan nu kakaasu jaalala Yihowaafi dhugaaf qabnu taanaan, beekumsa sirrii Dubbii Waaqayyoorraa argamu guddifachuun keenya amantii keenya nuu jabeessa.—Qol. 2:2.

Hubannaakee Qori

Ammumaa kaasee dhugaawwan barbaachisoo Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an muraasa hangam akka hubatte maaliif of hin qortu? Akkas gochuunkee, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu dhuunfaa gochuuf caalaatti si jajjabeessuu danda’a. Akka fakkeenyaatti, ergaa Phaawulos warra Efesooniif barreesse lakkoofsota jalqabaa dubbisi. (Saanduqa “Gara Warra Efesoon” jedhu ilaali.) Lakkoofsota kana erga dubbistee booda akkas jedhii of gaafadhu: ‘Hiika yaadawwan Macaafa Qulqulluu dalga ciisanii barreeffamaniifi saanduqicha keessatti ibsamanii hubadheeraa?’ Mee yaadawwan kana tokko tokkoon haa ilaallu.

“Uumamuu Biyya Lafaa Dura” Nu Filateera

Phaawulos namoota hidhata amantiisaa ta’aniif, “Waaqayyo, karaa Yesus Kristos ilmaan isaa taanee akka guddifamnuuf . . . yaadaan nuuf qabeera” jechuudhaan barreesseera. Yihowaan ilmaan namootaa keessaa muraasa akka ijoolleesaatti guddisuuf filatee, miseensa maatiisaa cubbuurraa walaba ta’anii gochuuf murteessee ture. Warri ijoollee Waaqayyoo ta’anii guddifaman kun, Kiristoosii wajjin moototaafi luboota ta’u. (Rom. 8:19-23; Mul. 5:9, 10) Jalqabarratti Seexanni olaantummaa Yihowaarratti yeroo gaaffii kaase, namoonni Waaqayyo uume mudaa akka qaban dubbatee ture. Kanaaf, Yihowaan namoota kana keessaa tokko tokko filachuudhaan Seexana isa madda hammeenyaa ta’e dabalatee, hammeenya addunyaarra jiru kamiyyuu balleessuuf ga’ee akka qabaatan gochuunsaa kan maludha! Haata’u malee, Yihowaan akka ijoolleetti guddifamuuf mirga kan argatan eenyufaa akka ta’an dursee hin murteessine. Kanaa mannaa, Waaqayyo gareen namootaa Kiristosii wajjin samiirratti bulchu tokko akka jiraatu murteesse.—Mul. 14:3, 4.

Phaawulos, Kiristiyaanota yeroo sana turaniif, gareedhaan “uumamuu biyya lafaa dura” akka filataman yeroo barreessu “biyya lafaa” isa kam jechuusaa ture? Yeroo Waaqayyo lafa ykn ilmaan namootaa uumuusaa dura ture caqasuusaa miti. Utuu akkas ta’ee haqa jal’isuu ta’a. Addaamiifi Hewwaan cubbuutti akka kufan dursee murteeffameera utuu ta’ee, gochasaaniitiif Waaqayyoo duratti kan itti gaafataman maaliifiree? Egaa, Addaamiifi Hewwaan gara Seexanaa goruudhaan yeroo olaantummaa Yihowaarratti ka’anitti, Waaqayyo haala uumame akkamitti akka sirreessu kan murteesse yoomi? Yihowaan murtoo kana kan godhe, warri keenya jalqabaa erga isarratti ka’anii booda, garuu biyyi lafaa jechuunis ilmaan namootaa cubbuu dhaalaniifi furamuu danda’an dhalachuusaanii dura ture.

“Akka Badhaadhummaa Ayyaana Isaatti”

Phaawulos, qophiiwwan macaafa Efesoon lakkoofsota jalqabaarra jiran, “akka badhaadhummaa ayyaana [Waaqayyootti]” ta’uusaanii kan ibse maaliifi? Yihowaan ilmaan namootaa cubbuutti kufan furuuf dirqamni akka isarra hin jirree ibsuu waan barbaadeef ture.

Eenyuun keenyayyuu, cubbuurraa nu furuuf dirqamni akka isarra jiraatu goonee yaaduu hin qabnu. Haata’u malee, Yihowaan jaalala guddaa ilmaan namootaatiif qabuun nu furuuf qophii addaa godheera. Cubbuu kan dhaallee waan taaneef, dhugumayyuu akkuma Phaawulos jedhe furamuu kan dandeenyu ayyaana Yihowaatiin qofadha.

Kaayyoo Waaqayyoo Isa Dhoksaa Ture

Waaqayyo jalqabarratti, miidhaa Seexanni geessise akkamitti akka sirreessu hin ibsine ture. Kun “dhoksaa” ture. (Efe. 3:4, 5) Gumiin Kiristiyaanaa erga hundeeffamee booda garuu, Yihowaan kaayyoo jalqabaa ilmaan namootaafi lafaaf qabu akkamitti akka raawwatu bal’inaan ibseera. Phaawulos, “barri murame yeroo guututti” Waaqayyo ‘akeeka’ uumamaawwan yaaduu danda’an hunda tokko gochuuf qabu karaa ittiin raawwatu ibseera.

Uumamaawwan yaaduu danda’an hunda tokko gochuuf tarkaanfiin inni jalqabaa kan fudhatame, Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqostee, yeroo Yihowaan namoota Kiristosii wajjin samiirra taa’anii bulchan sassaabuu itti jalqabe ture. (HoE. 1:13-15; 2:1-4) Tarkaanfii inni lammaffaan, bulchiinsa Kiristos isa Mootummaa Masiihichaa ta’e jalatti namoota lafa jannata taaturra jiraatan sassaabuudha. (Mul. 7:14-17; 21:1-5) Jechi “akka ittiin fayyisuuf akeeketti” jedhame kun, kaayyoo Waaqayyo uumamaawwan hundumaa deebisee tokko gochuuf qabu karaa itti raawwatu kan argisiisudha.

‘Yaadaan Warra Ga’an Ta’uu’

Qayyabannaa dhuunfaa gaarii qabaachuun, dhugaan ‘hammam akka bal’atu, dheeratu, oliifi gad fagaatu’ guutummaatti hubachuuf akka si gargaaru beekamaadha. Haata’u malee, yeroo ammaatti jireenyi ilmaan namootaa ariifannaadhaan kan guutame ta’uunsaa, Seexanni amaleeffannaa kana balleessuu baatullee akka dhiboofnu gochuuf carraa banaaf. Haala kana akka sirraan ga’u hin heyyamin. Waaqayyo, ‘yaadaan warra ga’an akka taanuuf’ dandeettii “hubannaa” nuu kennetti fayyadami. (1 Yoh. 5:20; 1 Qor. 14:20) Sababii wanta tokko itti amantu hubachuufi, ‘waa’ee abdii si keessa jiruuf deebii ga’u deebisuuf’ qophaa’uun si barbaachisa.—1 Phe. 3:15.

Ergaan Phaawulos yeroo jalqabaatiif yommuu dubbifamu akka Efesoon jirtutti yaadi. Yaanni inni barreesse kun, “ilma Waaqayyoo beekuu namoota ga’an” keessaa tokko taatee guddina gochuuf si hin kakaasu turee? (Efe. 4:13, 14) Akka si kakaasu hin shakkisiisu! Har’as yaanni Phaawulos geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreesse, guddina gochuuf kan si kakaasu haa ta’u. Yihowaaf jaalala cimaa qabaachuuniifi waa’ee Dubbiisaa beekumsa sirrii argachuunkee, “hiddaa fi hundee” Kiristositti qabamtee jiraachuuf si gargaara. Karaa kanaan, biyyi lafaa hamaa ta’e kun guutummaatti baduusaa dura qorumsa akka qilleensa cimaa Seexanni sitti fidu mo’uu ni dandeessa.—Far. 1:1-3; Er. 17:7, 8.

[Saanduqa/Fakkii fuula 27rra jiru]

“Gara Warra Efesoon”

“Waaqayyoof, abbaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos isa karaa Kristos eebba hafuuraa hundumaan, waan waaqa irraatiinis nu eebbiseef galanni haa ta’u! Inni uumamuu biyya lafaa dura iyyuu warra qulqullaa’an, warra isa duratti mudaa hin qabne akka taanuuf, jaalalaan karaa Kristos nu fo’ateera. Waaqayyo, karaa Yesus Kristos ilmaan isaa taanee akka guddifamnuuf, akka fedha isaa isa gaariitti yaadaan nuuf qabeera. Kunis guddina ayyaana isaa, isa inni ilma isaa isa jaallatamaadhaan nutti tolee nuuf kenne in galateeffachiisa. Akka badhaadhummaa ayyaana isaattis Kristos dhiiga isaa nuuf dhangalaasuu isaatiin furamuu, dhiifamuu cubbuus qabna. Ayyaanni inni ogummaa isaa fi hubannaa isaa hundumaan nu irratti dhangalaase baay’ee dha. Waaqayyo waan isatti gaarii fakkaate karaa Kristos itti yaadee of dura kaa’atee ture; ammas dhoksaan fedha isaa kun nu biratti akka beekamu godhe. Barri murame yeroo guututti, Waaqayyo akka ittiin fayyisuuf akeeketti, wanta bantii waaqaa keessa jiru, wanta lafa irra jiru, wanta hundumaas harka Kristos jalatti walitti in qaba.”—Efe. 1:3-10.