Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Isin Michootakooti”

“Isin Michootakooti”

“Isin Michootakooti”

“Waanan isin abboome yoo gootan, isin firoota koo ti [“michootakooti,” hiika bara 1899].”—YOH. 15:14.

1, 2. (a) Michoonni Yesus haalawwan akkamii keessaa kan dhufan turan? (b) Michoota Yesus ta’uun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

NAMOONNI Yesusii wajjin fooqiirra turan haala addaddaa keessaa kan dhufanidha. Phexrosiifi obboleessisaa Indiriyaas namoota qurxummii qaban turan. Maatewos hojiinsaa hojii Yihudoota biratti jibbamaa ta’e, jechuunis qaraxa sassaabuu ture. Tokko tokko kan akka Yaaqoobiifi Yohannis jiranimmoo, ijoollummaadhaa kaasanii Yesusiin beekuu hin oolan. Naatnaa’eliin dabalatee kaanimmoo, waggoota muraasa qofaaf kan isa beekan ta’uu danda’u. (Yoh. 1:43-50) Ta’us, namoonni galgala Faasikaa bakki guddaan kennamuuf sana kabajuuf Yerusaalemitti argaman hundi, Yesus Masiihii isa abdachiifameefi Ilma Waaqayyo jiraataa ta’uusaa amananiiru. (Yoh. 6:68, 69) Yommuu inni akkas isaaniin jedhu dhaga’uunsaanii dhugumaan isaan gammachiisee ta’uu qaba: “Ani garuu firoota koo [“michootakoo,” hiika bara 1899] isiniin jedheera, waanan abbaa koo irraa dhaga’e hundumaas isin beeksiseera.”—Yoh. 15:15.

2 Wanti Yesus ergamootasaa amanamoo ta’anitti dubbate kun, Kiristiyaanota dibamoo yeroo har’aa jiran hundaafis ta’e “hoolota kan biraa” hiriyootasaanii ta’aniif ni hojjeta. (Yoh. 10:16) Haalli keenya maaliyyuu yoo ta’e, michoota Yesus ta’uuf mirga argachuu ni dandeenya. Michoota Yesus ta’uu jechuun michoota Yihowaa ta’uu jechuu waan ta’eef, isaa wajjin michoomuun keenya baay’ee barbaachisaadha. Kiristositti utuu hin dhihaatin Yihowaatti dhihaachuun akka hin danda’amne beekamaadha. (Yohannis 14:6, 21 dubbisi.) Kanaaf, michuu Yesus ta’uufis ta’e michummaa kana eegnee itti fufuuf maal gochuu qabna? Dhimma barbaachisaa ta’e kanarratti mari’achuu keenya dura, Yesus michuu gaarii ta’uudhaan fakkeenya akkamii akka ta’e akkasumas bartoonnisaa michuusaa ta’uusaaniitiin kan ka’e wanta isaan jedhaniifi godhanirraa maal barachuu akka dandeenyu haa ilaallu.

Fakkeenya Yesus Michuu Gaarii Ta’uudhaan Kaa’e

3. Yesus maaliin beekama ture?

3 Solomoon Mootichi inni ogeessa ta’e, “Sooressi garuu firoota [“michoota,” hiika bara 1899] baay’ee qaba” jechuudhaan barreesseera. (Fak. 14:20) Wanti Solomoon hubate kun, ilmaan namoota cubbamoo ta’an fedhii akkamii akka qaban, jechuunis nama tokko michuu kan godhatan waan isaa kennuu danda’anirratti utuu hin ta’in, waan isarraa argachuu danda’anirratti hundaa’anii akka ta’e ibsa. Yesus garuu amala akkasii hin argisiisne. Qabeenyi ykn sadarkaan namoonni hawaasa keessatti qaban dhiibbaa isarratti hin goone. Dhugaadha, Yesus dargaggeessa sooressa bulchaa ta’e tokko jaallatee duuka buutuusaa akka ta’u afeeree ture. Haata’u malee, Yesus namichi wanta qabu gurguree hiyyeessotaaf akka kennu isa ajajeera. (Mar. 10:17-22; Luq. 18:18, 23) Yesus namoota sooreyyiifi beekamoo ta’anii wajjin utuu hin ta’in, warra bakka guddaa hin qabneefi tuffatamanii wajjin michuu ta’uusaatiin beekama ture.—Mat. 11:19.

4. Michoonni Yesus hir’ina kan qaban turan jechuun kan danda’amu maaliifi?

4 Michoonni Yesus namoota hir’ina qaban akka turan beekamaadha. Phexros yeroo tokko ilaalcha Waaqayyo qabu akka hin qabne argisiiseera. (Mat. 16:21-23) Yaaqoobiifi Yohannis, Yesus Mootummicha keessatti bakka guddaa akka isaanii kennu yommuu gaafatan aboodhaaf hawwii guddaa akka qaban argisiisaniiru. Gochisaanii ergamoota kaan kan aarse ta’uusaarrayyuu, dhimmi bakka guddaa argachuu wajjin wal qabate kun gidduusaaniitti lola uumuusaa itti fufee ture. Yesus garuu, ilaalcha michootasaa kanaa obsaan sirreessuuf yaale malee, dafee abdii isaanitti hin kutanne.—Mat. 20:20-28.

5, 6. (a) Yesus ergamootasaa 11 wajjin michuu ta’uusaa kan itti fufe maaliif ture? (b) Yesus michooma Yihudaa wajjin qabu kan dhaabe maaliifi?

5 Yesus namoota cubbamoo ta’an kanatti michoomuusaa kan itti fufe, nama ejjennoo laafaa qabu ykn dogoggorasaanii hin hubanne waan ta’eef hin turre. Kanaa mannaa yaadaafi amalawwansaanii warra gaggaariirratti xiyyeeffatee ture. Fakkeenyaaf, Phexros, Yaaqoobiifi Yohannis yeroo inni baay’ee dhiphachaa turetti isa deggeruu mannaa rafanii turan. Yesus isaanitti gaddee akka ture homaa hin shakkisiisu. Ta’us, yaannisaanii gaarii ta’uusaa hubachuudhaan, “Hafuurri illee dhimmaa dha, foon garuu dadhabaa dha” jedheera.—Mat. 26:41.

6 Karaa faallaa ta’eenimmoo, Yesus michooma Yihudaa isa nama Keriyotii wajjin qabu dhaabeera. Yihudaan michuu kan fakkaatu ta’us, Yesus namni duraan michuusaa isa dhihoo ture kun yaanni garaasaa akka manca’u heyyamuusaa hubatee ture. Yihudaan michuu biyya lafaa waan ta’eef, diina Waaqayyoo of godheera. (Yaq. 4:4) Kanaaf, Yesus bartootasaa amanamoo 11f michuusaanii akka ta’e yommuu ifa godhetti Yihudaa baasee ture.—Yoh. 13:21-35.

7, 8. Yesus michootasaa akka jaallatu kan argisiise akkamitti?

7 Yesus dogoggora bartootasaa amanamoo ta’anirratti utuu hin xiyyeeffatin, wanta isaan fayyadu gochuusaa itti fufeera. Fakkeenyaaf, yeroo qoramanitti akka isaan eegu Abbaasaa kadhateera. (Yohannis 17:11 dubbisi.) Yesus dadhabuu akka danda’an kan beeku ta’uusaas argisiiseera. (Mar. 6:30-32) Wanta ofii yaade isaanitti himuu qofa utuu hin ta’in, wanta isaan yaadaniifi itti dhaga’amus dhaggeeffachuuf fedhii qaba ture.—Mat. 16:13-16; 17:24-26.

8 Yesus jireenyasaatiinis ta’e du’asaatiin michootasaatiif faayidaa argamsiiseera. Dhugaadha, ulaagaa seerri Abbaasaa gaafatu guutuuf lubbuusaa kennuu akka qabu beeka ture. (Mat. 26:27, 28; Ibr. 9:22, 28) Haata’u malee, Yesus lubbuusaa dabarsee kan kenne jaalalasaa argisiisuufidha. Yesus, “Namni tokko firoota [“michoota,” hiika bara 1899] isaatiif jireenya isaa dabarsee kennuu irra kan caalu, jaalala guddaa qabaachuu hin danda’u” jedheera.—Yoh. 15:13.

Bartoonni Yesus Michoomasaatiif Deebii Maalii Kennan?

9, 10. Namoonni arjummaa Yesusiif deebii akkamii kennan?

9 Yesus yeroo, jaalalaafi qabeenyasaa arjummaadhaan kenneera. Kanaan kan ka’e, namoonni isatti dhihaachuuttis ta’e isaa kennuutti ni gammadu turan. (Luq. 8:1-3) Yesus muuxannoosaarraa ka’uudhaan akkas jechuu danda’eera: “Kennaa, Waaqayyos isiniif in kenna; qodaa safaraa gaariitti dhidhiibamee kan nam’u, guutees kan irra dhangala’utu isiniif kennama; qodaa safaraa isin itti namaaf safartanitti, isiniif in safarama.”—Luq. 6:38.

10 Namoonni tokko tokko Yesusitti michoomuu kan barbaadan faayidaa isarraa argachuuf qofa akka ture beekamaadha. Michoonni sobaa kun yommuu wanta inni jedhe tokko dogoggoraan hubatan isa dhiisanii deemaniiru. Wanta inni jedhe tokko utuu hin hubatin yommuu hafan, Yesusitti amanuu mannaa dafanii murtoo dogoggoraa godhaniiru. Ergamoonnisaa garuu isaaf amanamoo turan. Michoomni Kiristosii wajjin qaban si’a baay’ee kan qorame ta’us, yeroo gaariittis ta’e gadheetti isa deggeruusaanii itti fufaniiru. (Yohannis 6:26, 56, 60, 66-68 dubbisi.) Yesus halkan lafarratti dabarse isa dhumaatti michootasaa hangam akka jaallatu yommuu ibsu, “Isin qorama koo keessatti warra anaa wajjin turtanii dha” isaaniin jedheera.—Luq. 22:28.

11, 12. Yesus bartootasaatiif maal mirkaneesse? Isaanoo maal godhan?

11 Bartoonni, Yesus amanamoo ta’uusaaniitiin isaan galateeffatee ture, utuma hin turin isa dhiisanii deemaniiru. Jaalalli Kiristosiif qaban sodaa namaatiin akka mo’amu heyyamanii turan. Yesus yeroo kanattis dhiifama isaanii godheera. Erga du’aa ka’ee booda, isaanitti mul’achuudhaan ammas michuusaanii akka ta’e isaanii mirkaneesseera. Kana malees, “saba hundumaa” bartootasaa akka godhaniifi “hamma andaara lafaatti” dhugaa baatotasaa akka ta’an isaanitti himuudhaan hojii guddaa isaanii kenneera. (Mat. 28:19; HoE. 1:8) Bartoonnoo maal godhan?

12 Bartoonni ergaa Mootummichaa babal’isuuf wanta danda’an hundaa godhaniiru. Gargaarsa hafuura Yihowaatiin utuma hin turin barumsasaaniitiin Yerusaalemiin guutaniiru. (HoE. 5:27-29) Doorsisni du’aallee abboommii Yesus akka bartoota taasisan isaanii kenne ajajamuurraa duubatti akka jedhan isaan hin goone. Ajaja Yesus erga fudhatanii waggoota kudhaniin lakkaa’aman gidduutti, Phaawulos ergamaan, misiraachichi “Waaqa jalaa uumama hundumaatti lallabamee jira” jechuudhaan barreesseera. (Qol. 1:23) Dhugumayyuu, bartoonni kun michummaa Yesusii wajjin qabaniif iddoo guddaa akka kennan argisiisaniiru!

13. Bartoonni Yesus barumsisaa jijjiiramawwan akkamii akka godhan isaan taasiseera?

13 Kana malees Namoonni bartoota Yesus ta’an, barumsi Yesus jireenyasaaniirratti jijjiirama akka fidu godhaniiru. Kun, namoota baay’eedhaaf gochaafi amalasaaniirratti jijjiirama guddaa gochuu kan gaafatu ture. Bartoota haaraa keessaa tokko tokko duraan kan gadhaa’an, ejjan, machaa’an ykn kan hatan turan. (1 Qor. 6:9-11) Kaanimmoo ilaalcha namoota sanyii biraatiif qaban jijjiiru qabu turan. (HoE. 10:25-28) Ta’us Yesusiif ajajamaniiru. Namummaa moofaa gatanii isa haaraa uffataniiru. (Efe. 4:20-24) Akkaataa inni itti yaaduufi wantoota tokko tokko itti raawwatu hubachuufi hordofuudhaan, “yaada Kristos” fudhataniiru.—1 Qor. 2:16.

Michooma Kiristosii Wajjin Yeroo Har’aatti Qabnu

14. Yesus, yeroo ‘dhuma barichaatti’ maal gochuuf waadaa galeera?

14 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa hedduun, Yesusiin dhuunfaatti kan beekan ykn erga du’aa ka’ee booda kan isa argan turan. Nuti carraa akkasii akka hin arganne beekamaadha. Michoota Kiristos ta’uu kan dandeenyu akkamittiree? Karaan inni tokko, qajeelfama hojjetaan amanamaafi ogeessi obboloota Yesus warra hafuuraan dibaman qabate kennuuf ajajamuudha. Yesus, ‘dhuma barichaatti’ hojjetaa kana “qabeenya isaa hundumaa irratti” ajajjuu akka isa godhatu waadaa galeera. (Mat. 24:3, 45-47) Yeroo har’aa namoonni michoota Kiristos ta’uu barbaadan hedduun miseensota kutaa hojjetaa kanaa miti. Qajeelfamni isaan kutaa hojjetaa amanamaafi ogeessaa kanarra fudhatan, michooma Kiristosii wajjin qabanirratti dhiibbaa kan geessisu akkamitti?

15. Namni tokko hoolaa ykn re’ee ta’uusaa kan murteessu maalidha?

15 Maatewos 25:31-40 dubbisi. Yesus warra kutaa hojjetaa amanamaafi ogeessaa ta’aniin obbolootakoo jedheera. Yesus fakkeenya waa’ee hoolota re’ootarraa gargar baasuu dubbaterratti, wanta obbolootasaatiif godhame akka isaaf godhameetti akka ilaalu ifatti dubbateera. Wanti hoolaa tokko re’eerraa gargar baasuuf gargaaru, akkaataa namni tokko “obboloota [isaa] warra hundumaa irra gad deebi’an kana keessaa isa tokko” itti qabu akka ta’e ibseera. Kanaaf, karaan guddaan warri lafarra jiraachuuf abdatan Kiristositti michoomuu akka barbaadan itti argisiisan, kutaa hojjetaa amanamaafi ogeessaa deggeruudha.

16, 17. Obboloota Kiristosiif michoota akka taane akkamitti argisiisuu dandeenya?

16 Mootummaa Waaqayyoo jalatti lafarra jiraachuuf kan abdannu yoo ta’e, michuu Kiristos akka taane argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Mee karaawwan sadii qofa haa ilaallu. Tokkoffaa, garaa guutuudhaan hojii lallabaarratti hirmaachuudha. Kiristos obboloonnisaa addunyaa maratti wangeela akka lallaban ajajeera. (Mat. 24:14) Haata’u malee, obboloonni Kiristos lafarratti hafan gargaarsa hiriyootasaanii hoolota kan biraa ta’an malee, itti gaafatamummaa kana raawwachuun isaanitti ulfaata. Dhugumayyuu, miseensonni hoolota kan biraa yommuu hojii lallabaa kanarratti hirmaatan, obboloonni Kiristos hojii guddaa isaanitti kenname akka raawwatan gargaaraa jiru. Kiristosiifi kutaan hojjetaa amanamaafi ogeessaa wanta michoonnisaanii isaanii godhan kana ni dinqisiifatu.

17 Karaa lammaffaan kutaan hoolota kan biraa obboloota Kiristos gargaaruu itti danda’animmoo, hojii lallabaa qarshiidhaan deggeruudha. Yesus “horii jal’inaatiin” ofiisaaniitiif michoota akka baafatan duuka buutotasaa jajjabeessee ture. (Luq. 16:9, hiika bara 1899) Michooma Yesus ykn Yihowaa, qarshiidhaan bitachuu akka hin dandeenye beekamaadha. Kanaa mannaa, qabeenya keenya fedhii Mootummichaa babal’isuuf itti fayyadamuudhaan, afaaniin qofa utuu hin ta’in, “hojiidhaa fi garaa dhugaadhaan” michuusaanii akka taaneefi jaalala akka isaaniif qabnu argisiisna. (1 Yoh. 3:16-18) Hojii lallabaarratti yommuu hirmaannu, ijaarsaafi suphaa Galma Mootummaatiif, akkasumas hojii lallabaa addunyaa maraatiif buusii yommuu goonu deggersa qarshii gochaa jirra jechuudha. Hammi kenninu xinnaas ta’u guddaa, Yihowaanis ta’e Yesus wanta gammachuudhaan kennine ni dinqisiifatu.—2 Qor. 9:7.

18. Qajeelfama jaarsoliin gumii, Macaafa Qulqulluurratti hundaa’anii nuu kennan hordofuu kan qabnu maaliifi?

18 Karaan sadaffaan hundi keenya michoota Kiristos ta’uu keenya itti argisiisnummoo, qajeelfama jaarsoliin gumii kennan fudhachuudha. Dhiironni kun qajeelfama Kiristosiin hafuura qulqulluudhaan muudaman. (Efe. 5:23) Phaawulos ergamaan, ‘geggeessitoota keessaniif abboomamaa karaas kennaafii’ jechuudhaan barreessee ture. (Ibr. 13:17) Al tokko tokko qajeelfama jaarsoliin gumii Macaafa Qulqulluurratti hundaa’uudhaan nuu kennaniif ajajamuun ulfaataa ta’uu danda’a. Hir’inasaanii beekuun keenya gorsa isaan nuu kennan dogoggoraan akka hubannu nu taasisuu danda’a. Ta’us Kiristos inni Mataa gumichaa ta’e, dhiirota hir’ina qabanitti fayyadamuu filateera. Kanaaf, akkaataan nuti abboommisaaniitiif deebii itti kenninu michooma Kiristosii wajjin qabnurratti kallattiidhaan dhiibbaa geessisa. Dogoggora jaarsolii yommuu bira darbinuufi qajeelfama isaan nuu kennan gammachuudhaan yommuu hordofnu Kiristosiin akka jaallannu argisiisna. 

Bakka Michoota Gaarii Itti Argannu

19, 20. Gumii keessatti maal argachuu dandeenya? Mataduree ittaanurratti waa’ee maalii mari’anna?

19 Yesus karaa tiksitoota jaalala qabeeyyii ta’an kanaa qofa utuu hin ta’in, haadhota, obbolootaafi obboleettota hafuuraa gumii keessa jiran kennuudhaanis nuu yaaduusaa itti fufeera. (Maarqos 10:29, 30 dubbisi.) Yommuu jaarmiyaa Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gochuu jalqabde firoottankeetti maaltu dhaga’ame? Carraaqqii ati Waaqayyoofi Kiristositti dhihaachuuf gootu deggeranii ta’uu danda’a. Haata’u malee, Yesus yeroo tokko tokko ‘diinni nama tokkoos warra mana isaa keessaa akka ta’u’ akeekkachiiseera. (Mat. 10:36) Gumii keessatti namoota obboleessa caalaa nutti dhihaatan argachuu akka dandeenyu beekuun kan nama jajjabeessu mitii?—Fak. 18:24.

20 Phaawulos michoota hedduu baafatee akka ture, xumura ergaa gumii warra Roomaatiif barreesserratti nagaa dhaamerraa hubachuun ni danda’ama. (Rom. 16:8-16) Yohannis ergamaan ergaasaa isa sadaffaa kan xumure, “Tokkuma tokkoon maqaa dha’iitii firoota [“michoota,” hiika bara 1899] keenyatti nagaa nuuf himi” jechuudhaan ture. (3 Yoh. 14) Innis michoota hedduu baafatee akka ture beekamaadha. Obbolootaafi obboleettota keenya warra hafuuraa wajjin michooma gaarii uumuufi eeggannee itti fufuudhaan, fakkeenya Yesusiifi bartoota jaarraa jalqabaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Mataduree ittaanutti gaaffii kanarratti mari’anna.

Maal Jettee Deebista?

• Yesus michuu gaarii ta’uudhaan fakkeenya akkamii kaa’eera?

• Bartoonni Yesus michoomasaatiif deebii maalii kennan?

• Michoota Kiristos ta’uu keenya mirkaneessuu kan dandeenyu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 14rra jiru]

Yesus yaadaafi miira bartootasaa beekuu barbaada ture

[Fakkii fuula 16rra jiru]

Michoota Kiristos ta’uuf fedhii akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?