Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Macaafa Qulqulluu Qayyabachuuf Yeroo Ramaddeettaa?

Macaafa Qulqulluu Qayyabachuuf Yeroo Ramaddeettaa?

Macaafa Qulqulluu Qayyabachuuf Yeroo Ramaddeettaa?

WAGGAA darbe, Qaamni Olaanaan sagantaa walga’ii gumiirratti sirreeffama godhe kan beeksise yoo ta’u, sirreeffamni kunimmoo yeroo dabalataa Macaafa Qulqulluu qayyabachuufi akka maatiitti mari’achuuf dandeessisu argamsiiseera. Mataa maatii yoo taate, yeroo hundumaa akkasumas karaa bu’a qabeessa ta’een haadha warraafi ijoolleekee wajjin qayyabannaan maatii gochuuf sagantaa baafadhu. Haati warraafi abbaan warraa ijoollee kan hin qabne yoo ta’e, yeroo kana Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf itti fayyadamu. Obboloonniifi obboleettonni qeenteen itti gaafatamummaa maatii hin qabnemmoo, yeroo kana dhuunfaatti Macaafa Qulqulluu akka gaariitti qayyabachuuf itti fayyadamuu danda’u.

Obboloonni hedduun qophii Waaqeffannaa Maatii kanaaf dinqisiifannaa isaanii ibsaniiru. Fakkeenyaaf, jaarsi gumii Keevan jedhamu akkas jedhee barreesseera: “Jechi ‘galatoomaa!’ jedhu wanta nutti dhaga’ame guutuumaatti ibsuuf ga’aa miti. Nuyi jaarsoliin, akkuma Qaamni Olaanaan guyyaa dabalataa kana maatii keenya wajjin akka qayyabannu nu gaafatetti itti fayyadamuuf mari’anneerra.”

Abbaan warraashee jaarsa gumii kan ta’e Joodiin akkas jettee barreessiteetti: “Ijoollee durbaa sadii umriinsaanii waggaa 15, 11fi 2 ta’an qabna. Dhiheenyatti gumii afaan mallattootiin geggeeffamutti jijjiiramneera. Walga’ii hundumaaf qophaa’uun yeroo hedduufi carraaqqii guddaa kan gaafatudha. Amma garuu, sirreeffamni kun galgala dabalataa waaqeffannaa maatiirratti xiyyeeffachuu dandeessisu nuuf argamsiiseera!”

Abbaa warraafi haadha warraa qajeelchaa ta’anii tajaajilan Jooniifi Joo’aan akkas jedhanii barreessaniiru: “Sochii gumii addaddaatiin waan qabamneef, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Maatii kan goonu darbee darbee ture. Qophii haaraan kun, kennaa Yihowaa karaa hafuuraa nu haaromsu ta’uu kan danda’u, yeroo kana akkuma jedhamnetti yoo itti fayyadamnedha.”

Tooniin obboleessa qeentee umrii gara waggaa 25 keessa jiru si’a ta’u, Kibxata galgala qayyabannaa dhuunfaasaatiif ramadeera. Guyyoota kaan qophii gumiitiif itti fayyadama. Ta’us Tooniin, “Keessumaa Kibxata galgala hawwiidhaanan eeggadha” jedheera. Maaliif? Akkas jedha: “Galgalli kun yeroon Yihowaa wajjin karaa adda ta’een dabarsudha. Gara sa’aatii lamaaf matadureewwan hariiroo Yihowaa wajjin qabu caalaatti naa cimsanan qayyabadha. Yeroo dabalataa qayyabannaaf ta’u argachuunkoo, caqasa Macaafa Qulqulluu ani dubbiserratti xiinxaluuf na gargaareera.” Kun bu’aa maalii isaaf argamsiise? “Gorsi Yihowaa isa kanaan duraa caalaa, amma gadi fageenyaan garaakoo keessa seenaa jira” jedha. Fakkeenya kennuu danda’aa? Akkas jedha: “Kitaaba Gadi Fageenyaan Hubachuu jedhamurraa waa’ee jaalala Daawitiifi Yonaataan gidduu jiru dubbisuudhaan, amala Yonaataan isa ofittummaa hin qabnerraa waan baay’ee baradheera. Fakkeenyisaa, michuu dhugaa jechuun maal jechuu akka ta’e caalaatti akkan hubadhu na gargaareera. Wantoota baay’ee gatii jabeessa ta’an caalaatti barachuuf Kibxata galgala hawwiidhaan nan eeggadha!”

Tajaajiltoonni Yihowaa hundumtuu, guyyaa dabalataa qayyabannaa Macaafa Qulqulluufi waaqeffannaa maatii bu’a qabeessa ta’e gochuuf gargaaru kana akka gaariitti yoo itti fayyadaman, bu’aa guddaa akka argatan homaa hin shakkisiisu.