Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqeffannaan Maatii Badiisarraa Ooluuf Murteessaadha!

Waaqeffannaan Maatii Badiisarraa Ooluuf Murteessaadha!

Waaqeffannaan Maatii Badiisarraa Ooluuf Murteessaadha!

‘LOLLI guyyaa isa guddicha kan Waaqayyoo hundumaa danda’u sanaa’ hangam sodaachisaa akka ta’u yaadaa! (Mul. 16:14) Fakkaannoo ifa ta’een Miikiyaas raajichi, “Tulloonni akka gagaa ibiddi baqsuu . . .  in baqu, akka lafa bishaan irraan-gadee lola’u qotuuttis dachaawwan in tatarsa’u” jedhee barreessera. (Mik. 1:4) Namoota Yihowaa hin tajaajillee badiisa akkamiitu isaan eeggata? Dubbiin Waaqayyoo waa’ee guyyaa sanaa, “Gaafas reeffi warra Waaqayyo isaan ajjeesee daarii lafaa gar tokkoo hamma gara kaaniitti bakkeetti in argama” jedha.—Er. 25:33.

Haala akeekkachiisa kanaa wajjin walsimuun, mataawwan maatii, hedduun isaanii abbaa ykn haadha qofa ta’an, ‘Ijoolleenkoo Armaagedoon jalaa ni ooluu laata?’ jedhanii of gaafachuunsaanii gaariidha. Macaafni Qulqulluun yeroo sanatti Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa yoo qabaatan ooluu akka danda’an ni abdachiisa.—Mat. 24:21.

Waaqeffannaa Maatiif Yeroo Ramaduun Barbaachisaadha

Akka warraatti, ijoollee keessan akkaataa “adabaa fi barsiisa gooftaatiin” guddisuuf waan isiniif danda’ame hunda godhaa. (Efe. 6:4) Ijoollee keessan waliin Macaafa Qulqulluu qayyabachuun baay’ee barbaachisaadha. Ijoolleen keenya akka Kiristiyaanota Filiphisiiyus warra Phaawulos fedhiidhaan Yihowaadhaaf ajajamuu isaaniitiif galateeffatee akka ta’an barbaanna. Inni akkas jedhee barreesseera: “Yaa michoota ko! Yeroo hundumaa akkuma abboomamtan, yeroon isin bira jiru duwwaa utuu hin ta’in, caalaadhumatti yommuun isin bira hin jirre akkasuma godhaa! Hojii fayyina keessanii wajjin waliif galu sodaadhaa fi rom’aan itti fufaa hojjedhaa!”—Filp. 2:12.

Bakka isin hin jirretti ijoolleen keessan seera Yihowaa ni kabajuu? Yeroo mana barumsaa oolanoo akkami? Ijoolleen keessan yeroo isin hin jirretti seera Yihowaa amananii akka ittiin jiraatan akkamiin gargaaruu dandeessu?

Karaa kanaan waaqeffannaan Maatii amantii ijoollee keessanii ijaaruurratti gahee guddaa qabaachuu danda’a. Kanaafuu, karaawwan gurguddaa waaqeffannaa maatii milkaa’aa itti gochuu dandeessan sadiirratti haa mari’annu.

Sagantaan Keessan Dhaabbataa Haata’u

Macaafni Qulqulluun ergamoonni ilmaan Waaqayyoo ta’an, yeroo murtaa’e tokkotti isa duratti argamuuf akka afeeraman ibsa. (Iyo. 1:6) Isinis ijoollee keessan waliin akkanuma godhaa. Waaqeffannaa Maatii galgala geggeeffamuuf guyyaafi sa’aatii murteessaatii sirriitti hordofaa. Dabalataanis, guyyaafi sa’aatii biraa rakkina akka tasaa dhalatuuf akka filannootti kaa’aa.

Akkuma ji’oonni darbaa deemaniin sagantaa kana yeroo isinitti tolu qofa kan raawwatamu gootanii hin yaadinaa. Ijoolleen keessan isiniif qayyabattoota Macaafa Qulqulluu hunda caalan ta’uu isaanii yaadadhaa. Seexanni garuu, adamsee isaan qabachuu barbaada. (1 Phe. 5:8) Waaqeffannaa maatii bakka guddaa qabu kana, galgala tokko televijinii ilaaluuf ykn hojii xiqqoo tokko raawwachuuf jettanii yoo dhiiftan Seexanni injifannoo ni argata.—Efe. 5:15, 16; 6:12; Filp. 1:10.

Hojiirra Kan Oolu Akka Ta’u Godhaa

Waaqeffannaan maatii sagantaa beekumsa itti argannu qofaa utuu hin ta’in, kan hojiirra oolu akka ta’u gochuufis carraaquu qabna. Akkamitti? Darbe darbee, matadureewwan wanta mana barumsaatti guyyoota ykn torban dhufan keessa mucaa keessan mudachuu danda’u wajjin wal qabatan filadhaa. Fakkeenyaaf, tajaajilarratti akkamitti nama haasofsiisuu akka dandeessan shaakaluu dandeessuu. Ijoolleen wanta akka gaariitti danda’an gochuutti ni gammadu. Hojiin agarsiisa shaakaluun akkasumas haala mormii ittiin ofirraa deebisuu danda’an yaaduun, hojii lallaba wangeelaa addaddaa keessatti yommuu hirmaatan ofitti amanuu akka danda’an isaan gargaara.—2 Xim. 2:15.

Sagantaa shaakalaa ijoolleen keessan dhiibbaa hiriyootaa akka danda’an gargaarus qopheessuu ni dandeessu. Ijoolleen keessan tamboo akka xuuxan, saala faallaa wajjin akka wal beellaman, qoricha sammuu namaa hadoochu akka fudhataniifi barsiisota isaaniirratti akka ka’an hiriyoonnisaanii dhibbaa isaanirraan ga’uu danda’u. Yaada Tajaajila Mootummaa Muddee 2000, fuula 8 mataduree “Dhiibbaa Hiriyaafi Mirga Lallabuuf Qabdu” (Amaariffa) jedhurratti mari’achuuf yeroo itti shaakaltan ramaduu dandeessu. Akkasumas dhimma kana ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf Masaraa Eegumsaa Caamsaa 15, 1994, fuula 13 (Amaariffaan) ilaaluu dandeessu. Yeroodhaa yerootti, shaakala akkanaa kana qaama Waaqeffanna Maatii galgalaa maaliif hin godhattan?

Waaqeffannaan maatii, warri galtee hafuuraa qabaachuun bu’aa akka qabu ijoolleesaanii cimsanii hubachiisuuf carraa isaaniif bana. Karaa kanaan, tiraaktiin mataduree “Dargaggootaa—Jireenya Keessanitti Maal Gochuu Yaaddu?” jedhu qabu yaada gaarii qabateera. Tiraakticharratti yeroo mari’attan, ijoolleen keessan jireenyisaanii Yihowaa tajaajiluurratti xiyyeeffachuu kan qabu ta’uusaa akka hubatan isaan gargaaraa. Ijoolleen keessan qajeelchaa ta’anii tajaajiluu, Bet’elitti tajaajiluu, Mana Barumsa Leenjii Tajaajiltootaa galuu ykn tajaajila yeroo guutuu kan biraarratti hirmaachuuf fedhii onneerraa madde akka qabaatan gargaaraa.

Wanti of eeggachuu qabdan jira: Warri tokko tokko yaada gaariidhaan kaka’anii, waan ijoolleesaaniitiif hawwanirratti xiyyeeffachuudhaan wanta isaan amma gochaa jiraniif isaan galateeffachuu dagatu. Ijoolleen keessan galma gaarii kan akka tajaajila Bet’el, hojii misiyoonii wkf baafatanii akka socho’an jajjabeessuun gaariidha. Kana yommuu gootan garuu, hawwii keessaniin ijoollee keessan akka dhiphiftanii abdii hin kutachiisne of eegaa. (Qol. 3:21) Yoomiyyuu ilmi ykn intalli keessan ofumasaaniitiin kaka’anii Yihowaa jaallachuu qabu malee isaan dirqisiisuu akka hin qabne yaadadhaa. (Mat. 22:37) Kanaafuu waan gaarii isaan hojjetaniif galateeffadhaa, akkasumas wanta isaan hojjechaa hin jirrerratti akka xiyyeeffatan dhiibbaa gochuurraa of qusadhaa. Wantoota Yihowaan hojjete hundaaf dinqisiifannaa akka guddifatan godhaa. Sana booda ijoolleen keessan gaarummaa Yihowaatiif deebii haa kennan.

Kan Nama Gammachiisu Akka Ta’u Godhaa

Waaqeffannaa Maatii milkaa’aa gochuuf wanti barbaachisaa ta’e inni sadaffaan, kan nama gammachiisu akka ta’u gochuudha. Kana akkamiin raawwachuu dandeessu? Darbee darbees diraamaa dhaggeeffachuu ykn viidiyoo Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e ilaaluudhaan irratti mari’achuun ni danda’ama. Kana malees, kutaa Macaafa Qulqulluu tokko miseensota maatiitiif hiruudhaan waliin dubbisuun ni danda’ama.

Barruu Masaraa Eegumsaa keenyarratti, matadureewwan marii maatiif bu’uura gaarii ta’an addaddaa ni argamu. Fakkeenyaaf, Masaraan Eegumsaa maxxansa sabaa, qayyabannaa “Dargaggootaaf” gargaaru kan qabatedha. Mataduree “Ijoollee Keessan Barsiisaa” jedhus qaba.

Gama kanaan, matadureen “Gaaffii Dargaggootaa” jedhuufi barruu Dammaqaa! keessatti walitti aansuudhaan ba’u, keessumaa warra ijoollee umrii dargaggummaarra jiran qabanirratti xiyyeeffachuudhaan ba’u qaba. Kana malees, saanduqni “Qabxiiwwan Itti Yaadamuu Qaban” jedhus faayidaa qaba. Qabxiiwwan saanduqicha keessaa jiran, marii maatii itti fufaa ta’eef fayyaduu danda’u.

Haata’u malee, yeroo qayyabannaa maatiitti ijoollee keessanitti gaaffii akka hin baay’isne of eeggadhaa. Fakkeenyaaf, ijoolleen keessan wanta maatiidhaan qayyabataniifi barumsa sana akkamitti hojiirra oolchuun akka danda’amu ilaalchisee, yaadaafi miirasaanii akka barreessan isaan jajjabeessaa. Haata’u malee, wanta isaan galmeesaanirratti barreessan sagalee ol fuudhanii akka dubbisan hin dirqisiisinaa. Isaan dirqisiisuun keessan garuu, dhoksaa tokko malee waan isaanitti dhaga’amu akka hin barreessine isaan gochuu danda’a. Kanaaf ijoollee keessaniif mirga kennaafii.

Waaqeffannaan Maatii keessan dhaabbataa, hojiirra kan ooluufi kan nama gammachiisu yoo taasiiftan tattaaffii keessan Yihowaan guddisee isiniif eebbisa. Yeroon addaa maatiidhaan waliin dabarsitan kun, ijoolleen keessan Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa akka qabaatan gochuurratti isin gargaaruu danda’a.

[Saanduqa fuula 31rra jiru]

Mala Addaddaatti Fayyadamaa

“Aniifi abbaan manaakoo yeroo ijoollee durbaa keenya waliin qayyabannu, kutaa walga’ii gumiirratti dhihaatu dursinee erga waliin qophoofnee booda, ijoolleen keenya barumsicha fakkiidhaan gabaabsanii akka kaa’an goona turre. Darbee darbees, seenaawwan Macaafa Qulqulluu keessa jiran hojiidhaan ni agarsiifna ykn tajaajilaaf ni shaakalla. Qayyabannicha umrii isaaniitiif mijataa, jaallatamaa, bu’aa qabeessaafi gammachiisaa akka ta’u gochuu keenya itti fufneerra.”—J.M., Yuunaayitid Isteetis.

“Ilma barataa Macaafa Qulqulluukoo tokko bara duriitti macaafni maramu maal akka fakkaatu akka hubatu gargaaruuf, Macaafa Isaayaas boqonnaafi lakkoofsasaa irraa haquudhaan maxxansine. Kana booda fuulawwan macaafichaa walitti maxxansinee fiixee lamaaniin ujummootti qabsiisne. Mucichis akkuma Yesus mana sagadaa Naazireetitti godhee ture gochuuf yaale. Seenaan Luqaas 4:16-21⁠rra jiru Yesus “maraa macaafichaa [kan Isaayaas] diigee” kutaa dubbii barbaaduu takkumaan akka “argate” ibsa. (Isa. 61:1, 2) Haata’u malee mucichi akkuma Yesus gochuu yaalus, maraa dheeraa boqonnaafi lakkoofsa hin qabne sanarraa Isaayaas 61 argachuun itti ulfaate. Mucichi, Yesus maraa sana banee yaada barbaadu yerooma sana argachuusaa dinqisiifatee, ‘Yesus dandeettii guddaa qaba ture!’ jedheera.”—Y.T., Jaappaan.

[Fakkii fuula 30rra jiru]

Yeroon shaakalaa ijoolleen keessan dhiibbaa hiriyootaa dandamachuuf isaan gargaaruu danda’a

[Fakkii fuula 31rra jiru]

Waaqeffannaan Maatii galgala godhamu kan nama gammachiisu gochuuf tattaafadhaa