Walga’iiwwan Koonyaa Sadii Jireenyakoo Jijjiiraniiru
Walga’iiwwan Koonyaa Sadii Jireenyakoo Jijjiiraniiru
Joorji Wooranchak Akka Dubbatetti
BARUMSI walga’ii koonyaa tokkorratti dhi’aatee jireenya keessanirratti jijjirama guddaa gochuuf isin kakaase jiraa? Kun wanta na mudatedha. Yeroon gara duubaatti deebi’ee yaadu, keessumaa walga’iiwwan koonyaa sadii jireenyaa koorratti jijjiirama guddaa akka fidan hubadheera. Inni jalqabaa sodaa natti dhaga’amu akkan hir’isu, inni lammaffaan caalaatti waanan qabutti akkan gammadu, inni sadaffaanis tajaajilakoo akkan babal’isu na gargaaraniiru. Jijjiiramawwan ani godhe isinitti himuukoo dura, walga’iiwwan koonyaa kun geggeeffamuusaanii waggoota muraasa dura wantoota ijoollummaa kootti raawwataman isinittan hima.
Kanan dhaladhe bara 1928tti si’a ta’u, ijoollee sadii keessaa isa quxisuun ture. Ani, obbolaankoo Maarjiifi Olgaan, Saawuz Baawundi Biruuk, Niiwu Jeersii, Yuunaayitid Isteetis keessatti kan guddanne yoo ta’u, yeroo sanatti jiraattonni magaalaa sanaa gara 2,000 ta’u turan. Harka qalleeyyii taanus, haati keenya arjaa turte. Yeroo qarshii argattu hundatti, nyaata addaa qopheessitee ollaawwan keenyaaf hirti ture. Yeroo umriinkoo waggaa sagal ture, Dhugaa Baatuu afaan Hangaarii jechuunis afaan dhalootaa harmeekoo dubbattu tokko gara manaa dhuftee kan ishee haasofsiiste yommuu ta’u, kunis ergaa Macaafa Qulqulluu dhaggeeffachuuf ishee kakaaseera. Booddees, obboleettiin Bartaa jedhamtuufi umrii jalqaba waggoota digdammanii keessatti argamtu, harmeekoo Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuudhaan, tajaajiltuu Yihowaa akka taatu ishee gargaarteetti.
Haala harmeerraa faallaa ta’een, ani uumamumaan sodaattuufi kan ofitti hin amannen ture. Wanti haalasaa itti caalchisemmoo, Harmeen na cabsuu kan jaallattu ta’uusheeti. “Maaliif yeroo hundumaa na cabsita?” jedhee boo’ee yeroon ishee gaafadhu, kan na jaallattu taatus akka amallikoo badu akka hin barbaanne natti himte. Harmeen yaada gaarii kan qabdu taatus, waan na hin galateeffanneef yeroo hundumaa namootaa gadi akkan ta’e natti dhaga’ama ture.
Gaaf tokko, dubartiin ollaa keenyaa barumsa mana sagadaatti Dilbata geggeeffamurratti ilmaanshee wajjin akkan argamu na gaafatte. Isaanii wajjin adeemuun Yihowaa akka gaddisiisu beekus, dubartii gaarii kana mufachiisuun natti ulfaate. Kanaaf, ofitti qaana’us ji’oota hedduudhaaf isaanii wajjin waldaa dhaqaan ture. Mana barumsaattis, sodaan namaa wanta yaada garaakoo wajjin wal faalleessu akkan raawwadhu na taasiseera. Hogganaan mana barumsaa hamaa ta’e tokko, barsiistonni ijoolleen hundumtuu alaabaadhaaf ulfina addaa kennuusaanii akka to’atan ajaje. Anis akkuman jedhamen godhe. Kun gara waggaa tokkoof kan itti fufe ta’us, booda jijjiirama godheera.
Ija Jabina Ilaalchisee Barumsan Argadhe
Bara 1939 tuunni qayyabannaa kitaabaa mana keenyatti geggeeffamuu jalqabe. Qajeelchaa dargaggeessa Been Miskaaliskii jedhamutu geggeessa ture. Been Isa Guddaa jennee isa waamna turre. Hamma balbala keenya fuulduraa dheeraafi guddaa waan natti fakkaatuuf, maqaan kun kan isaaf malu ture. Guddinni qaamasaa kan nama sodaachisu ta’us inni baay’ee nama gaarii ture; gammachuudhaan kan nama simatu waan ta’eef isatti dhihaachuun natti hin ulfaanne. Kanaaf Been akka wajjin tajaajillu yeroo na afeeru, anis gammachuudhaan afeerriisaa fudhadheera. Boodas michuu walii taane. Yeroon abdii kutadhu, akkuma obboleessa angafaa
quxisuusaatiif yaadu tokkootti na haasofsiisa ture. Kun anaaf wanta guddaadha; anis caalaatti isa jaallachaan adeeme.Been bara 1941tti, maatiin keenya konkolaataasaatiin gara walga’ii koonyaa Seeyinti Luwiis, Miizuuriitti godhamu akka dhaqu gaafate. Hangam gammadee akkan ture tilmaamuu dandeessu! Bakka jireenyaa koorraa kiiloo meetira 80 caalaa fagaadhee kanan hin beekne ta’us, amma kiiloo meetira 1,500 deemuufan jedha! Haata’u malee, magaalaa Seeyinti Luwiis keessa rakkoon jira ture. Luboonni hordoftoota amantiisaanii warra Dhugaa Baatotaaf mana kennuuf waadaa galan dhowwanii turan. Akkuma jedhame baay’eensaanii yaadasaanii jijjiiran. Maatii manasaatti nu simachuuf tures doorsisanii turan. Isaan garuu nu simataniiru. Warri nu keessumsiisan sun, waadaa manasaaniitti nu simachuuf galan akka hin diigne nutti himan. Ija jabinnisaanii baay’ee na dinqisiise.
Obboleettonnikoo kan cuuphaman walga’ii koonyaa kanarratti ture. Gaafas Obboleessi keenya Raazarfoord, inni Bet’el isa Biruukiliin jiruu dhufe haasawaa nama jajjabeessu kan kenne si’a ta’u, ijoolleen jaalala Waaqayyoo raawwachuu barbaadan hundi ka’anii akka dhaabatan gaafatee ture. Anaanis dabalatee tilmaamaan ijoolleen 15,000 taanu kaanee dhaabanne. Hojii lallabaarratti hamma dandeenye hirmaachuuf fedhii kan qabnu hundi “Eeyyee” akka jennu nu gaafate. Nus sagalee keenya ol guddisnee, “Eeyyee!” jennee deebisne. Ittaansuudhaan dhaggeeffattoonni harkasaanii yeroo walitti rukutan sagalee guddaan ni dhaga’ame. Anis yeroo kanatti hojii lallabaarratti hinaaffaadhaan hirmaachuuf kaka’een ture.
Walga’icha booda, obboleessa Weest Varjiiniyaa jiru tokko daawwannee turre. Innis gaaf tokko utuu lallabaa jiruu, namoonni aaran baay’ee akka isa reebaniifi reenjii isarratti dhangalaasanii baallee akka isatti maxxansan nutti hime. Yeroon isa dhaggeeffadhu baay’ee dhiphachaan ture. Obboleessi kunis, “Ani garuu lallabuukoo hin dhiisu” jedhe. Isa biraa baanee yeroo adeemnu, akkuma Daawit natti dhaga’ame. Hogganaa mana barumsaakoo isa akka Goliyaad ture sanaatti ija jabinaan dubbachuuf qophaa’een ture.
Yeroon mana barumsaatti deebi’u hogganicha biran dhaqe. Innis aariidhaan ija natti babaase. Yeroo kanatti gargaarsa argachuuf garaakootti Yihowaan kadhadhe. Achiis dafeen akkas jedheen: “Walga’ii koonyaa Dhuga Baatota Yihowaarratti argameen ture. Kana booda alaabaaf ulfina addaa hin kennu!” Yeroo dheeraaf sagaleen tokko hin dhaga’amne. Hoggantichi suuta jedhee ka’ee garakootti adeemuu jalqabe. Fuullisaa aariidhaan barbadaa fakkaatee ture. “Alaabaadhaaf ulfina addaa kennuu baannaan mana barumsaatii ari’amta!” jedhee natti iyye. Yeroo kanatti ejjennookoo waanan hin laaffisneef, gammachuu hamma yeroo sanaatti natti dhaga’aamee hin beeknen argadhe.
Wanta raawwatame Beenitti himuuf ariifadheen ture. Yeroon Galma Mootummaatti isa argu, sagalee guddaadhaan akkasan jedheen: “Alaabaadhaaf ulfina addaa kennuu waanan dideef mana barumsaatiin ari’ame!” Been na hammatee gammachuudhaan, “Yihowaan garuu akka si jaallatu mirkanaa’aa ta’i” naan jedhe. (Kes. 31:6) Jechoonni kun baay’ee na jajjabeessaniiru! Kanaaf Waxabajjii 15, bara 1942 nan cuuphame.
Waan Qabanitti Gammadanii Jiraachuu Baradheera
Waraana Addunyaa Lammaffaa booda, haalli dinagdee biyyichaa akka tasaa waan fooyya’eef, waan hundumaa akka garaa argachuun ni danda’ame. Hojii miindaa guddaa naaf argamsiisu waanan qabuuf, wantan kanaan dura hawwaa ture hundumaa bitachuu danda’eera. Hiriyoonnikoo tokko tokko doqdoqqee kan bitatan si’a ta’u, kaanimmoo manasaanii haaromfataniiru. Anis konkolaataa haaraan bitadhe. Baay’ee utuu hin turin garuu, fedhiin qabeenya dabalataa argachuuf qabu, Yihowaa tajaajiluurratti akkan hin xiyyeeffanne na taasiseera. Karaa dogoggoraarra akkan bu’e natti dhaga’ama ture. Akka tasaa, walga’iin koonyaa bara 1950 magaalaa Niiwu Yoorkitti godhame yaadaafi gochakoo akkan jijjiiru na gargaareera.
Walga’ii koonyaa sanarratti, obboloonni waltti aansuudhaan haasawaa kennan,
dhaggeeffattoonni hojii lallabaaf dursa akka kennan jajjabeessanii turan. Isaan keessaa inni tokko, “Wanta bu’uuraa isin barbaachisu qofa fudhadhaatii dorgommii keessan fiigaa” jechuudhaan dhaggeeffattoota gorsee ture. Waanuma anatti dubbatu fakkaata ture. Barattoonni Giil’aad yeroo eebbifamanis argeen ture. Kunis, ‘Dhugaa Baatonni umriidhaan hiriyootakoo ta’an jireenya qananii dhiisanii biyyoota alaatti tajaajiluu erga danda’anii, anis bakka jireenyaakootti akkumasaanii gochuuf of qopheessuun qaba’ jedhee akkan yaadu na godhee ture. Walga’iin koonyaa sun yeroo xumuramu, anis qajeelchaa ta’uufan murteesse.Kana gidduutti, obboleettii gumiin dhaqee ture keessatti hinaaffaadhaan tajaajiltuufi Eevalan Moondaak jedhamtuu wajjin gaa’elaaf wal qorachuu jalqabne. Haati Eevalan, dubartii ijoollee ja’a guddisteefi ija jabeettii turte. Mana Sagadaa Kaatolikii Roomaa guddaa tokko dura dhaabatee karaarratti lallabuu jaallatti turte. Lubni tokko isheetti aaree achi akka adeemtu itti dubbatuyyuu, bakka sanaa hin sochootu. Eevalanis akkuma haadhashee nama hin sodaattu turte.—Fak. 29:25.
Bara 1951, aniifi Eevalan gaa’ela godhachuudhaan, hojii keenya gadhiisnee qajeelchaa taanee tajaajiluu jalqabne. Ilaaltuun olaanaa aanaa tokko gara mandara galaana Aatlaantik qarqaraa, Amaaganseet ishee Niiwu Yoorkirraa kiiloo meetira 160 fagaattee jirtu akka dhaqnu nu jajjabeesse. Gumiin sun bakka itti nu simatan akka hin qabaanne yeroo nutti himan, mana harkifamu kan barbaanne ta’us gatiinsaa humna keenyaa ol ture. Achiis mana dulloomaa harkifamu tokko arganne. Abbaan manichaa doolaara 900 kan nu gaafate yoo ta’u, qarshiin akka kennaa gaa’elaatti nuuf kennames hammuma kana ture. Mana harkifamu kana bitannee, suphinnee gara naannoo keenya isa haaraatti fudhannee adeemne. Haata’u malee, yeroo achi geenyu duudee tokkollee kan hin qabne waan taaneef, akkamitti qajeelchitoota taanee itti fufna jennee yaaddofnee turre.
Eevalan hojii mana qulqulleessuu, animmoo dabaree halkaniitiin mana nyaataa warra Xaaliyaanii tokko qulqulleessuu arganne. Abbaan mana nyaataa sanaa, “Nyaanni hafe yoo jiraate haadha manaa keetiif geessi” naan jedha ture. Kanaaf halkan gara sa’aatii saddeetii yeroon mana ga’u, manni keenya urgaa piizaafi paastaatiin guuta ture. Keessumaa yeroo gannaatti mana baay’ee qorru sana keessatti yeroo hollannutti nyaanni ho’aan sun qorra sana dandamachuuf nu gargaareera. Kana malees, yeroo tokko tokko obboloonni gumii keenyaa qurxummii guddaa balbala keenyarra nuu kaa’anii adeemu turan. Waggoota obboloota jaallatamoo Amaaganseet jiranii wajjin tajaajille hundatti, wantoota bu’uuraa jireenyaaf barbaachisanitti gammadanii jiraachuun gammachuu kan argamsiisu ta’uusaa baranneerra. Waggoonni sun baay’ee kan nama gammachiisan turan.
Tajaajila Keenya Babal’isuuf Kakaane
Walga’ii biyyoolessaa Adoolessa 1953, magaalaa Niiwu Yoorkitti godhamerratti, misiyoonota dhibbaan lakkaa’amaniifi biyyoota itti ramadamanii turanii dhufanii wajjin wal argine. Isaanis muuxannoowwan nama jajjabeessan nutti himan. Gammachuunsaanii nuunis nu gammachiiseera. Kana malees, obboleessi haasawaa dhiheesse naannoowwan baay’eetti ergaan Mootummichaa akka hin dhaga’amne yeroo dubbatu, tajaajilarratti yeroo dabalataa dabarsuuf of dhiheessuu akka qabnu hubannee turre. Walga’ii koonyaa sanarratti, leenjii misiyoonotaarratti hirmaachuuf iyyata galchanne. Wagguma sanatti, mana barumsaa Giliyaad kutaa 23ffaa isa Guraandhala 1954 jalqaburratti akka hirmaannu afeeramne. Kun mirga guddaa ture!
Biraaziilitti akka tajaajillu ramadamuu keenya yeroo beeknu baay’ee gammanne. Doonii humna hurkaatiin hojjetuun adeemsa guyya 14 gochuu keenya dura, obboleessi Bet’el keessatti itti gaafatamummaa qabu tokko, “Obboleettonni qeenteen misiyoonii ta’an sagal siifi haadha manaakee wajjin gara Biraaziil dhaqu. Eegumsa isaaniif godhi!” naan jedhe. Namoonni dooniirra hojjetan shamarran kudhanii
wajjin garasaaniitti akkan adeemaa jiru yeroo argan hangam akka dinqisiifatan tilmaamuu dandeessuu? Obboleettonni kun garuu haala isaan mudate kana akkamitti hiikuu akka qaban beeku turan. Ta’us, yaaddoo guddaan kan narraa bu’e nagaadhaan biyya Biraaziil yeroo geenyetti ture.Afaan warra Poortugaal ergan baradhee booda, ilaaltuu olaanaa anaa ta’ee akkan tajaajilu Riiyoo Giraandii da Suul ishee koonyaa kibba Biraaziil taatettan ramadame. Ilaaltuun olaanaa aanaa qeenteen ani bakkasaa bu’e, anaaf haadha manaakootiin, “Naannoonsaa rakkisaa waan ta’eef, hiriyoonni gaa’elaa asitti ergamuunsaanii baay’ee na dinqisiiseera” nuun jedhe. Gumiiwwan baadiyyaa fagoo ta’e keessatti faffaca’anii kan jiran ta’uusaanirrayyu, tokko tokko konkolaataa fe’umsaa qofaan kan adeemaman turan. Nama konkolaachisuuf nyaata yoo bittan konkolaataasaa akka yaabbatan isinii heyyama. Akkuma nama farda gulufuutti, bargaanfannee fe’umsarra taa’uudhaan, harka keenya lamaaniin funyoo fe’umsi sun ittiin hidhame jabeessinee qabanna ture. Konkolaatichi yeroo akka tasaa naanneffatu hundatti, fe’umsi sun gar tokkotti waan jal’atuuf boolla nu jala jirutti akka hin kufneef funyoo fe’umsi ittiin hidhame sana jabeessinee qabanna ture. Haata’u malee, obboloota dhufuu keenya gammachuufi hawwiidhaan eeggatan arguuf, karaa dheeraa sana deemuun nama hin gaabbisiisu.
Mana obbolootaa boqonna ture. Baay’ee harka qalleeyyii ta’anis, waan qaban namaa kennuurra duubatti hin jedhan turan. Naannoo fagoo ta’e tokkootti obboloonni hundi warshaa foon itti saamsamutti hojjetu turan. Mindaansaanii baay’ee xiqqoo waan ta’eef guyyaatti al tokko qofa nyaatu. Guyyaa tokkoof hojjechuu baannaan, qarshii hin argatan. Haata’u malee, yeroo nuyi isaan daawwannu sochii gumiin godhu deggeruuf jecha heyyama guyyaa lamaa fudhatan. Amanannaasaanii Yihowaarratti gatanii turan. Barumsa obboloonni harka qalleeyyii ta’an kun, Mootummaa Waaqayyoof jecha aarsaa gochuu akka qabnu nu barsiisan tasumaa hin irraanfannu. Isaanii wajjin jiraachuun barumsa mana barumsaa kamirraayyuu hin arganne nu barsiiseera. Ammallee, yeroon gara duubaatti deebi’ee obboloota sana yaadadhu, ijjikoo imimmaan gammachuutiin guuta.
Bara 1976tti haadhakoo kunuunsuuf Yuunaayitid Isteetisitti deebine. Biraaziiliin dhiifnee adeemuun nutti ulfaatus, biyya sana keessatti lakkoofsi babal’istootaafi gumiiwwanii guddachuusaa arguun keenya baay’ee nu gammachiiseera. Biraaziilii xalayaawwan yeroo nu ga’an, wantoota gammachiisoo jireenya keenya keessatti dabarsine hedduu nu yaadachiisu.
Michoota Keenyaa Wajjin Deebinee Wal Argine
Yeroo haadhakoo kunuunsaa turretti, hojii qulqulleessuu hojjechaa qajeelchitoota taanee tajaajilla turre. Haatikoo akkuma Yihowaaf amanamtetti bara 1980tti duute. Sana booda, Yuunaayitid Isteetis keessatti ilaaltuu olaanaa aanaa akkan ta’un afeerame. Bara 1990tti aniifi haati manaakoo gumii Kanatiikati yeroo daawwannutti, nama bakka guddaa kenninuuf tokko wajjin wal argine. Jaarsolii gumii sana keessatti argaman keessaa tokko Been si’a ta’u, innis obboleessa waggaa 50 dura Yihowaa cina akkan dhaabadhu na gargaare ture. Yeroo gammachuudhaan walitti marminu wanta nutti dhaga’ame tilmaamuu dandeessuu?
Bara 1996 jalqabee, aniifi Eevalan gumii afaan Poortugaal isa Eeliizabeet, Niiwu Jarsii keessa jirutti qajeelchitoota addaa taanee hanga humni keenya danda’e tajaajilaa jirra. Dhibee fayyaa qabaadhus, gargaarsa haadha manaakootiin hamman danda’u tajaajilarratti nan hirmaadha. Eevalan ollaa keenyaas maanguddoo tokko gargaarti turte. Eenyu akka ta’an tilmaamuu dandeessuu? Obboleettii Bartaa jedhamaniifi waggaa 70 caalu dura haatikoo tajaajiltuu Yihowaa akka taatu gargaaranidha! Obboleettiin kun maatiinkoo dhugaa akka beekan waan gargaaraniif, carraa dinqisiifannaa keenya isaaniif ibsuu nu dandeessisu argachuu keenyaan baay’ee gammanne.
Walga’iiwwan koonyaa darban sun, waaqeffannaa dhugaa cina akkan dhaabadhu, jireenya salphaa akka jiraadhuufi tajaajilakoo akkan babal’isu waan na gargaaraniif guddaan galateeffadha. Eeyyee, walga’iiwwan koonyaa sun jireenyaakoo jijjiiraniiru.
[Fakkii fuula 23rra jiru]
Haadha Eevalan (karaa bitaa) fi haadhakoo
[Fakkii fuula 23rra jiru]
Michuukoo Been
[Fakkii fuula 24rra jiru]
Yommuu Biraaziil turre
[Fakkii fuula 25rra jiru]
Yeroo ammaa Eevalan wajjin