Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Obboleettiin tokko walga’iiwwan gumii, addaa, aanaa ykn koonyaarratti haasawaa Macaafa Qulqulluu afaan mallattootti yeroo hiiktu haguuggachuunshee barbaachisaadhaa?

Walumaa galatti, dubartiin Kiristiyaanni tokko hojii abbaan manaashee ykn obboleessi tokko gumii keessatti hojjechuu qabu yeroo raawwattu haguuggachuu qabdi. Kunis seera bu’uuraa Phaawulos, “mataan dubartii dhiira,” kanaaf “dubartiin waldaa keessatti yommuu Waaqayyoon kadhattu yookiis yommuu waan Waaqayyo itti mul’ise himtu, yoo haguuggachuu dhaabaatte garuu, mataa ishee in salphifti” jedhee barreessee wajjin kan walsimudha. (1 Qor. 11:3-10) Obboleettiin tokko haala akkasii keessatti karaa akka of qabdu argisiisuufi seera qabeessa ta’een haguuggachuunshee, qophii ti’ookraasii gumii Kiristiyaanaa keessatti argamuuf akka abboomamtu argisiisa.—1 Xim. 2:11, 12. *

Haata’u malee, haalli obboleettiin haasawaa obboleessi tokko dhiheessu afaan mallattootti hiiktuu maal ta’uu qaba? Obboleettiin kun waan obboleessichi dubbatu dhaggeeffattootaaf akka dabarsitu ifaadha. Kana jechuun barumsichi kan obboleessa isheen hiikaafii jirtuu malee kanshee miti jechuudha. Haata’u malee, afaan mallattoo hiikuun qooqa tokko gara qooqa garabiraatti hiikuurraa baay’ee adda akka ta’e beekamaadha. Haasawaan tokko gara afaan mallattoo hin taanetti yommuu hiikamu, dhaggeeffattoonni isa hiiku ilaalaa nama haasawaa dhiheessurratti xiyyeeffachuu danda’u. Obboleettonni haala akkasii keessatti afaan hiikanis, bakka xiyyeeffannaan dhaggeeffattoota isaanirra hin taane dhaabatanii hiiku. Yeroo tokko tokko, taa’uu ykn yoo dhaabatanimmoo, fuulasaanii gara obboleessa haasawaa dhiheessutti garagalchuudhaan hiikuu danda’u ta’a. Kanaaf, obboleettiin tokko gara afaan mallattoo hin taanetti yommuu hiiktu haguuggachuun ishee hin barbaachisu.

Kana malees, haala teknooloojii yeroo ammatti itti hojjetamaa jiruun haasawaan gara afaan mallattootti yommuu hiikamu xiyyeeffannaan dhaggeeffattootaa yeroo baay’ee nama haasawaa hiikuurratti ta’a. Yeroo baay’ee iskiriinii guddaarratti kan mul’atu bifa nama hiiku sanaa si’a ta’u, namni haasawaa dhiheessu sun garuu mul’achuu dhiisuu danda’a. Kana yaadatti qabachuudhaan obboleettiin gara afaan mallattootti hiiktu haasawaa dhiheessaa akka hin jirre argisiisuuf jecha haguuggachuunshee sirrii fakkaata.

Jijjiiramni kun Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii, hojiin argisiisawwan, Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii, Walga’ii Tajaajilaafi yeroo qayyabannaan Masaraa Eegumsaa geggeeffamu yaada dhaggeeffattoonni kennan gara afaan mallattootti yommuu hiikaman haalawwan jiran kan tuqu akkamitti? Haalawwan akkasii keessattis obboleettiin afaan mallattoo hiiktu haguuggachuu qabdii? Dhaggeeffattoonni hundi walga’icha geggeessaa kan jiru ishee akka hin taane hubachuu waan danda’aniif, haalawwan tokko tokkoon kan ka’e haguuggachuun ishee hin barbaachisu ta’a. Fakkeenyaaf, yaada dhaggeeffattoonni kennan, kutaa ykn hojiin argisiisa obboleettonni dhiheessan yommuu hiiktu haguuggachuun ishee hin barbaachisu. Haata’u malee, walga’iiwwan kanarratti haasawaa obboloonni dhiheessan yommuu hiiktu, obboleessa Masaraa Eegumsaa ykn Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii geggeessuuf yommuu hiiktu ykn afaan mallattootiin yommuu faarfannaa faarfachiistu mataashee haguuggachuu qabdi. Obboleettiin tokko yeroo walga’iin geggeeffamu yaada obboloonni, obboleettonni, ijoolleefi jaarsoliin dubbatan hiikuu ishee barbaachisa ta’a. Haalawwan kanarraa ka’uudhaan obboleettiin kun yeroo gumiin geggeeffamu hundaatti haguuggachuunshee caalaatti gaarii ta’uu danda’a.

[Miiljaleewwan]

^ key. 3 Dubartoonni Kiristiyaanaa haguuggachuu akka qaban ilaalchisee ibsa bal’aa argachuuf, kitaaba “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa” jedhamu fuula 209-212 ilaali.