Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Garaadhaa Gammachuudhaan Kennuu

Garaadhaa Gammachuudhaan Kennuu

Garaadhaa Gammachuudhaan Kennuu

KENNAA ilaalchisee Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Namni adduma addaan garaa duuba yookiis giddiidhaan utuu hin ta’in, akka garaa isaatti murtoo godhetti kennuutu isaaf ta’a; Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu in jaallata.” (2 Qor. 9:7) Yihowaan eenyuyyuu waaqeffannaa dhugaa akka deggeru hin dirqisiisu. Tajaajiltoonnisaa fedhiifi gammachuudhaan kaka’anii kennuudhaan jaalala isaaf qaban akka agarsiisan isaanii heyyameera. Seenaa hundaa keessatti, sabnisaa garaa guutuudhaan kennuudhaan beekamu. Fakkeenyawwan sadii haa ilaallu.

Yihowaan saba Israa’el biyya Gibxii erga baasee booda, godoo qulqullaa’aa akka isaaf ijaaran ajajee ture. Mi’a ijaarsaaf barbaachisus akka kennan afeeramanii turan. Afeerrii kana fudhachuudhaan, “tokkon tokkon isaanii garaan isaanii akkuma isaan kakaasetti” warqee, meetii, faayaafi mi’a gara garaa kennaniiru. Sabichi baay’ee arjaa waan tureef, kennaa fiduu akka dhaaban beeksisa himuun barbaachisee ture.—Bau. 35:5, 21; 36:6, 7.

Waggoota dhibbaan lakkaa’aman booda yommuu manni qulqullummaa ijaaramu, sabni Waaqayyoo ammas waaqeffannaa dhugaa deggeruuf carraa argataniiru turan. Daawit Mootichi kennaa guddaa ijaarsa sanaaf ta’u erga kennee booda, warri kaanis akka kennan afeereera. Isaanis garaa guutuudhaan kennaniiru. Kennaan warqeefi meetii qofti gatii ammaatti yommuu shallagamu doolaara biliyoona 100 tokkoo ol ta’a! Sabichi Yihowaadhaaf fedhiidhaan kennuusaatti gammadee ture.—1 Sen. 29:3-9; 2 Sen. 5:1.

Duuka buutonni Yesus Kiristos jaarraa jalqabaatti turanis gammachuudhaan kennu turan. Namoota gara 3,000 guyyaa Phenxeqostee Dh.K.B. bara 33⁠tti cuuphaman keessaa hedduunsaanii jiraattota Yerusaalem hin turre. Namoota waa hin qabneefi magaalattii keessa turanii waa’ee amantiisaanii isa haaraa caalaatti barachuu barbaadan gargaaruuf, yeroo muraasaaf qarshii walitti qabuun barbaachisee ture. Obboloonni qabeenyasaanii gurguruudhaan qarshiisaa warra waa hin qabne akka ittiin gargaaraniif gara ergamootaa fidaniiru. Amantiifi jaalala akkasii argisiisuunsaanii Yihowaa guddaa gammachiiseera!—HoE. 2:41-47.

Har’as Kirstiyaanonni waaqeffannaa dhugaa deggeruuf, yeroo, humnaafi qabeenyasaanii gammachuudhaan arjoomaa jiru. Saanduqni mataduree kana keessatti argamu, karaawwan kana itti gochuu dandeessu tokko tokko qabateera.

[Saanduqa fuula 18, 19rra jiru]

Karaawwan Namoonni Tokko Tokko Itti Kennan

BUUSIIWWAN HOJII ADDUNYAA MARAATIIF

Obboloonni hedduun saanduqa mallattoon “Hojii Addunyaa Maraatiif” jedhu irratti maxxanfame keessa buusuuf qarshii murtaa’e ramadu.

Gumiiwwanis qarshii achi keessaa argame ji’a ji’aan waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa biyyasaaniitti ergu. Akkasumas qarshiin fedhiin kennamu kallattiin teessoo Yeyihowa Misikiroch, P.O.Box 5522, Addis Ababa, Ethiopia ykn waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa biyya keessaniitti erguun ni danda’ama. (Kennaawwan karaa armaan gadiitiin fedhiidhaan kennamanis waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa biyya keessanitti argamutti erguun ni danda’ama.) Cheekiin teessoo armaan oliin ergamu, jaarmiyaa “Yeyihowa Misikiroch” jedhamuuf akka kaffalamu ibsamuu qaba. Faayaa ykn mi’a gati jabeessa garabiraas gumaachuun ni danda’ama. Xalayaa gabaabaan mi’i kun kennaa ta’uusaa ibsus duukaa ergamuu qaba.

QOPHII QARSHIIN DEEBI’U ITTI KENNAMU

Namni tokko Jaarmiyaan Amantii Yeyihowa Misikiroch jedhamu hojii addunyaa maratti geggeeffamu akka ittiin hojjetuuf, qarshii adaraadhaan kennuufi yommuu barbaadutti deebisee fudhachuu danda’a. Odeeffannoo dabalataa argachuuf, teessoo armaan olitti caqasametti barreessuu ykn lakkoofsa bilbilaa 011-6603611 fayyadamuudhaan waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa gaafachuu dandeessu.

KENNAA KAROORAAN GODHAMU

Qarshii akka kennaatti gumaachuun alatti, karaan hojii Mootummichaa addunyaa maratti geggeeffamu itti deggeruun danda’amu kan biraas jira. Isaanis:

Inshuraansii: Jaarmiyaan Amantii Yiyihowa Misikiroch jedhamu inshuraansii lubbuuf galan ykn soorama ennaa ba’an isaaniif kennamu akka isaaf kaffalamu maqaasaatti jijjiiruun ni danda’ama.

Herrega Baankii: Seerri baankii biyyichaa heyyamnaan, herrega baankii, ragaa qarshii kuufatanii qaban mirkaneessu ykn herrega soorama itti ba’an adaraadhaan ykn gaafa du’an Jaarmiyaa Amantii Yeyihowa Misikiroch jedhamuuf akka kennamu gochuun ni danda’ama.

Aksiyooniifi Boondota: Jaarmiyaa Amantii Yeyihowa Misikiroch jedhamuuf kennuun ni danda’ama.

Qabeenya Hin Sochoone: Qabeenya dhaabataa gurguramuu danda’u kennuu ykn bakka jireenyaa yoo ta’emmoo abbaan qabeenyichaa amma lubbuun jirutti itti fayyadamee yeroo du’u dhaalchisuu danda’a. Namni tokko qabeenya hin sochoone dhaalchisuuf maqaa utuu hin jijjiirsisin dura waajjira damee biyyasaa mariisisuu qaba.

Durgoo Kennaarraa Argamu: Durgoon kennaa kennamerraa argamu namni tokko qarshii ykn sanadii abbaa qabeenyummaa argisiisu, jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa bakka bu’ee hojjetutti jijjiirsisuuf qophii inni godhu argisiisa. Haala kanaan namichi kennaa kenne ykn namni inni bakka buuse amma lubbuun jirutti qarshii murtaa’e waggaa waggaan akka durgootti fudhata. Namni kennaa kana kenne waggaa durgoo kennuuf itti walii galetti gibirri galiirraa citu ni hir’ifamaaf.

Dhaamsa Dhaalaafi Adaraan Kaa’uu: Qabeenyaa ykn qarshii dhaamsa dhaalaa seera duratti fudhatama qabuun Jaarmiyaa Amantii Yeyihowa Misikiroch jedhamuuf dhaalchisuu ykn qabeenyaa adaraadhaan Jaarmiyaan Amantii Yeyihowa Misikiroch jedhamu akka itti fayyadamuuf maqaasaatti jijjiirsisuun ni danda’ama. Dhaabbanni amantii tokko qabeenyaatti akka fayyadamuuf kennuun gama qaraxaatiin bu’aa argamsiisu tokko tokko qaba.

Jechi “kennaa karooraan godhamu” jedhu, namichi kennaa kennu karoora baafachuu akka qabu kan argisiisudha. Namoota hojii Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti geggeessan kennaa karooraan godhamuun deggeruu barbaadaniif ifa gochuuf, birooshurri Tajaajila Mootummaa Addunyaa Maratti Geggeeffamu Deggeruuf Kennaa Karooraan Godhamu jedhamu Ingiliffaafi afaan Ispaanishiin qophaa’eera. Birooshurri kun namoonni kennaa kennuuf ykn yeroo du’anitti dhaamsa dhaalaa karaawwan addaddaa gochuuf isaan dandeessisu jiran ilaalchisee ragaa kennuuf yaadamee kan qophaa’edha. Obboloonni hedduun birooshuricha erga dubbisanii booda, gorsitoota seeraa ykn qaraxaa wajjin mari’achuudhaan hojii amantiifi gargaarsa namummaa Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti raawwachaa jiran deggeruu caalaas haala qaraxaa wajjin wal qabateen faayidaa guddaa argataniiru. Birooshura kana Biiroo Kennaa Karooraan Godhamu jedhamuufi dhimmi kun ilaallatu gaafachuudhaan argachuun ni danda’ama.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, Biiroo Kennaa Karooraan Godhamu jedhamu teessoo ykn bilbila armaan gadiitiin ykn waajjira damee biyyakeetti argamu gaafachuu dandeessa.

Yeyihowa Misikiroch

P.O.Box 5522

Addis Ababa

Ethiopia

Tel.: 011-6603611