Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Iddoo Gumii Keessatti Qabdaniif Bakka Guddaa Kennaa

Iddoo Gumii Keessatti Qabdaniif Bakka Guddaa Kennaa

Iddoo Gumii Keessatti Qabdaniif Bakka Guddaa Kennaa

“Waaqayyo garuu bu’aa dhagnaa hundumaa adduma addaan akka ofii barbaadetti iddoo iddoo isaatti qopheesse.”—1 QOR. 12:18.

1, 2. (a) Miseensonni gumii hundi iddoo bakka guddaa kennuufii danda’an akka qaban kan argisiisu maalidha? (b) Mataduree kana keessatti gaaffiiwwan warra kam qorra?

YIHOWAAN bara Israa’eloota duriitii jalqabee sabasaa karaa hafuuraa sooruufi qajeelfama kennuuf gumiitti fayyadamaa tureera. Fakkeenyaaf, Israa’eloonni magaalaa Aayi erga balleessanii booda, Iyaasuun, ‘dubbii seerichaa hundumaa, waa’ee eebbaafi abaarsaa, macaafa seerichaa keessatti akkuma caafame hundumaatti guutummaa waldaa Israa’eliif dubbiseera.’—Iya. 8:34, 35.

2 Phaawulos ergamaan Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti, gumiin Kiristiyaanaa “mana Waaqayyoo,” akkasumas “utubaa fi demdemoo dhugaa” ta’uusaa Ximotewos isa jaarsa gumii ta’etti himee ture. (1 Xim. 3:15) Yeroo har’aatti ‘mana Waaqayyoo’ kan jedhame obbolummaa Kiristiyaanota dhugaa addunyaa maratti argamudha. Phaawulos ergaa jalqabaa geggeessaa hafuura qulqulluutiin warra Qorontosiif barreesse boqonnaa 12⁠rratti, gumii Kiristiyaanaa qaama namaa wajjin wal fakkeesseera. Tokkoon tokkoon bu’aa dhagnaa hojii addaddaa qabaatanillee, hundisaanii akka barbaachisan dubbateera. Phaawulos, “Waaqayyo garuu bu’aa dhagnaa hundumaa adduma addaan akka ofii barbaadetti iddoo iddoo isaatti qopheesse” jechuudhaan barreesseera. “Bu’aa dhagnaa warra tuffatamoo nutti fakkaataniifis caalaatti ulfina in laannaaf” jechuudhaanis ibseera. (1 Qor. 12:18, 23) Kanaaf, iddoon namni qajeelaan tokko mana Waaqayyoo keessatti qabu, iddoo Kiristiyaanni amanamaan garabiraan qaburra kan caalu ykn kan xinnaatu miti. Kanaa mannaa iddoon namoonni hundi qaban addaddadha. Kanaaf, iddoo qophii Waaqayyoo keessatti qabnu beekuufi bakka guddaa kennuu kan dandeenyu akkamitti? Wantoonni iddoo gumii keessatti qabnurratti garaagarummaa fidan maalfa’i? Akkasumas, ‘namoonni itti guddachaa adeemuu keenya akka argan’ gochuu kan dandeenyu akkamitti?—1 Xim. 4:15.

Iddoo Qabnu Dinqisiifachuu —Akkamitti?

3. Karaan iddoo gumii keessatti qabnu beekuufi bakka guddaa akka kenninu itti argisiisuu dandeenyu keessaa tokko maalidha?

3 Karaan iddoo gumii keessatti qabnu hubachuufi bakka guddaa akka kenninu argisiisuuf nu gargaaru keessaa inni tokko ‘hojjetaa amanamaafi ogeessa,’ akkasumas bakka bu’aasaa Qaama Olaanaa wajjin guutummaatti walta’iinsa qabaachuudha. (Maatewos 24:45-47 dubbisi.) Qajeelfama kutaa hojjetaa amanamaarraa nuu kennamuuf hangam akka ajajamnu qoruu nu barbaachisa. Fakkeenyaaf, akkaataa uffannaafi miidhaginaa, akkasumas bashannanaafi Intarneetiitti karaa sirrii hin taaneen fayyadamuu ilaalchisee waggoottan hedduudhaaf gorsi ifa ta’e nuu kennamaa tureera. Gorsawwan gaarii karaa hafuuraa balaarraa nu eegan kana cimsinee hordofaa jirraa? Waaqeffannaa maatii dhaabbataa ta’e qabaachuu ilaalchisee gorsa nuu kenname hojiirra oolchaa jirraa? Gorsicha garaa guutuudhaan fudhannee kaayyoo kanaaf galgala tokko ramadneerraa? Qeentee taanaan, Caaffata Qulqullaa’oo dhuunfaatti qayyabachuuf yeroo ramanneerraa? Qajeelfama kutaan hojjetaa amanamaa nuu kennu kan hordofnu taanaan, Yihowaan maatiidhaanis ta’e dhuunfaatti nu eebbisa.

4. Dhimmawwan dhuunfaarratti murtoo yommuu goonu wantoota akkamii tilmaama keessa galchuu qabna?

4 Namoonni tokko tokko bashannanni, akkaataan uffannaafi miidhaginaa filannoo dhuunfaatiif kan dhiifamedha jedhanii sababii dhiheessu ta’a. Kiristiyaanni of murteesseefi iddoo gumii keessatti qabuuf bakka guddaa kennu tokko garuu, filannaa dhuunfaa qofarratti hundaa’e murtoo gochuu hin qabu. Ilaalcha Yihowaa isa Macaafa Qulqulluurratti ibsame hubachuuf carraaqqii addaa gochuu qaba. Ergaan Dubbiisaa keessatti argamu ‘miilla keenyaaf ibsaa, daandii keenyaafis ifa’ ta’uu qaba. (Far. 119:105) Dhimmawwan dhuunfaa wajjin haala wal qabateen filannoon goonu, tajaajila keenyarrattis ta’e namoota gumii keessaafi gumii ala jiranirratti dhiibbaa geessisuu akka danda’us yaaduun keenya ogummaadha.—2 Qorontos 6:3, 4 dubbisi.

5. Aboo tuffachuurraa fagaachuu kan qabnu maaliifi?

5 ‘Hafuurichi hamaan amma namoota Waaqayyoof hin abboomamne gidduutti hojjechaa jiru’ akkuma qilleensaa bakka hundaatti argama. (Efe. 2:2) Hafuurri kun qajeelfamni jaarmiyaa Yihowaa nu hin barbaachisu jennee akka yaannu gochuu danda’a. Nuti akka Diyotreefes isa ‘Yohannis ergamaa dhaga’uu didee’ ta’uu akka hin barbaanne beekamaadha. (3 Yoh. 9, 10) Aboo tuffachuurraa fagaachuu nu barbaachisa. Gochaanis ta’e dubbii keenyaan wanta hojjetaa Yihowaan yeroo har’aa itti fayyadamuuf kabaja akka hin qabne argisiisu raawwachuurraa fagaachuu qabna. (Lak. 16:1-3) Kanaa mannaa, mirga kutaa hojjetichaa deggeruuf arganneef bakka guddaa laachuu qabna. Akkasumas, warra gumii keenya keessatti geggeessitoota ta’aniif bitamuufi abboomamuuf carraaquu qabna.—Ibroota 13:7, 17 dubbisi.

6. Haala dhuunfaa keenya qoruu kan qabnu maaliifi?

6 Karaa garabiraan iddoo gumii keessatti qabnuuf bakka guddaa akka kenninu itti argisiisnummoo, haalawwan dhuunfaa keenya qoruufi wanta Yihowaaf ulfina fidu gochuuf, akkasumas tajaajila ykn ‘ergaa keenya ol ol’ gochuuf wanta dandeenyu hundaa raawwachuudha. (Rom. 11:13) Warri tokko tokko qajeelchitoota ta’uu danda’aniiru. Kaanimmoo, misiyoonota, daawwattootaafi miseensota maatii Bet’el isa addunyaa maraatti argamuu ta’uudhaan tajaajila yeroo guutuu addaa tokkorratti hirmaachuu danda’aniiru. Obboloonniifi obboleettonni hedduun Galma Mootummaa ijaaruurratti hirmaatu. Sabni Yihowaa hedduun wantoota maatiisaaniitiif karaa hafuuraa barbaachisu guutuufi torban torbaniin tajaajilarratti guutummaatti akka hirmaatan gargaaruuf wanta danda’an hundaa gochuuf carraaqu. (Qolosaayis 3:23, 24 dubbisi.) Tajaajila Waaqayyootiif fedhiidhaan of dhiheessuufi garaa guutuudhaan isa tajaajiluuf wanta dandeenyu hundaa yommuu goonu, yeroo hundaa qophiisaa keessatti iddoo akka qabnu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.

Wantoota Iddoo Gumii Keessatti Qabnu Addadda Taasisan

7. Haalli keenya iddoo gumii keessatti qabnurratti garaagarummaa fiduu kan danda’u akkamitti akka ta’e ibsi.

7 Gumii keessatti iddoo qabaachuun keenya hamma tokko kan hundaa’e, wanta gochuu dandeenyu ykn carraa wanta tokko gochuuf qabnurratti waan ta’eef, haalawwan keenya qoruun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf, iddoon obboleessi tokko gumii keessatti qabu karaawwan tokko tokkoon obboleettii tokkorraa adda ta’uu danda’a. Umrii, fayyaafi haalawwan garabiraanis wanta tajaajila Yihowaarratti hojjechuu dandeenyurratti garaagarummaa fiduu danda’u. Fakkeenyi 20:29, “Surraan dargaggootaa jabina isaanii ti, ulfinni maanguddootaa garuu harrii isaanii ti” jedha. Dargaggoonni miseensota gumii ta’an, hojii humnaa hedduu hojjechuu kan danda’an si’a ta’u, maanguddoonni ogummaafi muuxannoo qabanimmoo gumichaaf faayidaa guddaa argamsiisu. Akkasumas, jaarmiyaa Yihowaa keessatti wanta kamiyyuu hojjechuu kan dandeenye ayyaana Waaqayyootiin ta’uusaa dagachuu hin qabnu.—HoE. 14:26; Rom. 12:6-8.

8. Fedhiin, wanta gumii keessatti raawwannurratti garaagarummaa hangamii fiduu danda’a?

8 Fakkeenyi waa’ee obboloota durbaa haadhoo ta’an lamaa ibsu, wanti iddoo gumii keessatti qabnurratti garaagarummaa fiduu danda’u garabiraan maal akka ta’e hubachuuf nu gargaara. Lamaanuu mana barumsaa sadarkaa lammaffaa xumuraniiru. Lamaanuu haala wal fakkaatu qabu. Erga barumsasaanii xumuranii booda qajeelchaa ta’anii akka tajaajilan jajjabeessuuf jecha, warrisaanii waan danda’an hundaa godhaniiru. Erga barumsasaanii xumuranii booda isheen tokko qajeelchituu yommuu taatu, isheen kaanimmoo mindeeffamtee hojjechuu jalqabde. Filannoo addaddaa kan godhan maaliifi? Fedhiinsaanii addadda waan tureefidha. Dhumarratti lamaanuu fedhiisaaniirratti hundaa’uudhaan filannoo mataasaanii godhaniiru. Haalli baay’ee keenyaa kanaa wajjin wal hin fakkaatu? Waaqayyoon tajaajiluuf maal gochuu akka barbaannu gad fageenyaan yaaduu nu barbaachisa. Kana gochuun haala keenyarratti sirreeffama gochuu gaafatus, hirmaannaa tajaajilarratti goonu guddisuu dandeenyaa?—2 Qor. 9:7.

9, 10. Tajaajila Yihowaarratti caalaatti hirmaachuuf kaka’umsa yoo dhabne maal gochuu qabna?

9 Tajaajila Yihowaarratti caalaatti hirmaachuuf fedhii kan hin qabneefi sochii muraasa gumii keessatti goonu qofatti kan gammannu yoo ta’ehoo? Phaawulos xalayaa warra Filiphisiiyusiif barreesserratti, “Waaqayyo akka akeeka isaa isa gaariitti hojjechuudhaaf fedha akka qabaattaniif, akka hojjettaniifis isin gidduutti in hojjeta” jedhee ture. Eeyyee, Yihowaan fedhii akka qabannu gochuudhaan nu gidduutti hojjechuu danda’a.—Filp. 2:13; 4:13.

10 Yihowaan jaalalasaa raawwachuuf akka nu kakaasu kadhachuu hin qabnuu? Mootii Israa’el durii kan ture Daawit akkas godheera. Akkas jechuudhaan kadhateera: “Yaa Waaqayyo, karaa kee akkan beeku godhi, daandii kees na barsiisi! Dhugaa keetiin na geggeessi, na barsiisis! Ati Waaqayyo isa na fayyisu waan taateef, ani guyyaa hundumaa sin eeggadha.” (Far. 25:4, 5) Nutis Yihowaan wanta isa gammachiisu gochuu akka hawwinu akka nu gargaaru kadhachuudhaan akka Daawit gochuu dandeenya. Wanta Yihowaafi Ilmisaa barbaadan yommuu raawwannu maaltu akka isaanitti dhaga’amu yaaduun keenya, garaan keenya dinqisiifannaa isaaniif qabnuun akka guutamu godha. (Mat. 26:6-10; Luq. 21:1-4) Galateeffannaan akkasii tajaajilasaarratti hirmaannaa guddaa gochuuf Yihowaan akka nu gargaaru kadhachuuf nu kakaasuu danda’a. Isaayaas raajichi amala horachuu qabnu ilaalchisee fakkeenya nuu kaa’eera. Yommuu sagaleen Yihowaa, “Eenyunan erga? Eenyutus ergaa nuuf dhaqa?” jechuusaa dhaga’u, “Kunoo, ani jira, ana ergi” jechuudhaan deebii kenneera.—Isa. 6:8.

Guddina Argisiisuu —Akkamitti?

11. (a) Jaarmiyaa Yihowaa keessatti obboloonni itti gaafatamummaa fudhatanii hojjetan baay’ee kan barbaachisan maaliifi? (b) Obboleessi tokko mirga gumii keessatti itti gaafatamummaa fudhachuuf isa dandeessisurra ga’uu kan danda’u akkamitti?

11 Waggaa tajaajilaa 2008titti addunyaa maratti namoonni 289,678 cuuphamuunsaanii namoonni itti gaafatamummaa fudhachuudhaan gumii gargaaran baay’ee akka barbaachisan ifatti argisiisa. Obboleessi tokko wanta barbaachisaa ta’e kanaaf deebii kennuu kan qabu akkamitti? Salphaadhumatti, ulaagaa Caaffanni Qulqullaa’oon tajaajiltootaafi jaarsoliidhaaf baasan guutuuf carraaquu qaba. (1 Xim. 3:1-10, 12, 13; Tit. 1:5-9) Obboleessi tokko ulaagaa Caaffata Qulqullaa’oo kana guutuuf carraaquu kan danda’u akkamitti? Tajaajilarratti akka gaariitti hirmaachuu, hojii gumii keessatti isaa kennamu dhimmee hojjechuu, yaada walga’iiwwan gumiirratti kennu fooyyeffachuuf dhimmee hojjechuu, akkasumas namoota hidhata amantaasaa ta’aniif dhuunfaatti akka yaadu argisiisuudhaan kana gochuu danda’a. Kana gochuunsaa iddoo gumii keessatti qabuuf bakka guddaa akka kennu argisiisa.

12. Dargaggoonni hinaaffaa dhugaaf qaban argisiisuu kan danda’an akkamitti?

12 Dargaggoonni, keessumaammoo warri umrii kurnanii keessatti argaman gumii keessatti guddina argisiisuuf maal gochuu danda’u? Beekumsa Caaffata Qulqullaa’oo horachuudhaan, “ogummaa hundumaan qalbifannaa hafuurri qulqulluun kennuunis” guddachuuf carraaqqii cimaa gochuu danda’u. (Qol. 1:9) Dubbii Waaqayyoo dhimmanii qayyabachuufi walga’iiwwan gumiirratti dammaqinaan hirmaachuun, guddina akkasii argisiisuurratti gumaacha guddaa akka qabu homaa hin shakkisiisu. Kana malees, dargaggoonni ulaagaa ‘hojii guddaa waa’ee baasu hojjechuuf karaa isaanii banametti’ seenuu isaan dandeessisu guutuuf, kallattiiwwan tajaajilaa addaddaarratti hirmaachuufi guddina argisiisuuf carraaquu danda’u. (1 Qor. 16:9) Tajaajila Yihowaarratti hirmaachuuf carraaquun keenya, daandii jireenyaa gammachiisaafi eebba hedduu nuu argamsiisa.—Lallaba 12:1 dubbisi.

13, 14. Obboleettonni iddoo gumii keessatti qabaniif bakka guddaa akka kennan karaawwan kamiin argisiisuu danda’u?

13 Obboleettonnis Faarfannaan 68:11 raawwii akka argatu gochuuf, dhuunfaatti hirmaannaa gochuudhaan mirga gumii keessatti argataniif bakka guddaa akka kennaan argisiisuu danda’u. Caqasichi akkas jedha: “Waaqayyo dubbii isaa in dhageessisa, dubartoonni warri misraachoo himan sun macca guddaa turan.” Karaan guddaan obboleettonni iddoo gumii keessatti qaban akka dinqisiifatan itti argisiisuu danda’an keessaa tokko, hojii bartoota gochuurratti hirmaachuudha. (Mat. 28:19, 20) Kanaaf, obboleettonni tajaajilarratti guutummaatti hirmaachuufi hojii kanaaf aarsaa gochuuf fedhii qabaachuudhaan, iddoo gumii keessatti qabaniif bakka guddaa akka kennan argisiisu.

14 Phaawulos Tiitoosiif akkas jechuudhaan barreesseera: “Akkasuma immoo dubartoonni dullooman amala warra akka qulqullootaatti fudhatamanii haa argisiisan! Wanta gaarii ta’e haa barsiisan . . . Akkasitti abbaa manaa, ijoollees akka jaallataniif, dubartoota warra gara ijoollee in gorsu. Dubbiin Waaqayyoo maqaa gadhee akka hin godhannetti, warra of qaban, warra gaa’ela isaaniitti amanaman, warra mana isaaniitiif ba’eessa godhanii eeggatan, warra abbaa manaa isaaniif abboomaman akka ta’an haa gorsan!” (Tit. 2:3-5) Dhugumayyuu, dubartoonni ga’eessota ta’an gumiirratti dhiibbaa gaarii geessisuu danda’u! Obboloota itti gaafatamummaa qaban kabajuu, uffannaa, miidhaginaafi bashannanaa wajjin haala wal qabateen murtoo ogummaarratti hundaa’e gochuu, akkasumas warra kaaniif fakkeenya gaarii ta’uufi iddoo gumii keessatti qabaniif bakka guddaa akka kennan argisiisuu danda’u.

15. Obboleettiin qeenteen tokko kophummaa isheetti dhaga’amu mo’uuf maal gochuu dandeessi?

15 Yeroo tokko tokko obboleettiin qeentee taate iddoo gumii keessatti qabdu hubachuun ishee rakkisuu danda’a ta’a. Obboleettiin haalli akkasii ishee mudate, “Qeentee ta’uun yeroo tokko tokko kophummaan akka namatti dhaga’amu godha” jetteetti. Haala kana akkamitti akka moote yommuu gaafatamtu akkas jetteetti: “Kadhannaafi qayyabannaan iddoon gumii keessatti qabu hubachuuf na gargaaraniiru. Yihowaan akkamitti akka na ilaalu hubachuuf nan qayyabadha. Achiis warra gumii keessa jiran kaan gargaaruufan carraaqa. Kunis ofiirratti qofa xiyyeeffachuu mannaa waa’ee warra kaanii akkan yaadu na taasiseera.” Faarfannaa 32:8⁠rratti Yihowaan Daawitiin, “Sin gorsa, ija kootiinis sin to’adha” jedheera. Eeyyee, Yihowaan obboleettota qeentee dabalatee, tajaajiltootasaa hundaaf dhuunfaatti ni yaada, hundisaanii iddoo gumii keessatti qaban akka hubatanis ni gargaara.

Iddoo Keessan Eegaa!

16, 17. (a) Afeerrii Yihowaan kutaa jaarmiyaasaa akka taanu nuu dhiheesse fudhachuun keenya, murtoo hanga yoonaatti goone hundaarra kan caaludha kan jennu maaliif? (b) Iddoo jaarmiyaa Yihowaa keessatti qabnu eeguu kan dandeenyu akkamitti?

16 Yihowaan tajaajiltoonnisaa hundi isaa wajjin akka michoomaniif jaalalaan ofitti harkiseera. Yesus, “Abbaan inni ana erge yoo isa harkisuu dhaabaate, homtinuu gara koo dhufuu hin danda’u” jedheera. (Yoh. 6:44) Yihowaan namoota biliyoonaan lakkaa’amaniifi lafarra jiraatan hunda keessaa dhuunfaatti nu filachuudhaan kutaa gumiisaa isa yeroo har’aatti argamuu akka taanu nu afeereera. Afeerrii kana fudhachuun keenya, murtoo hamma yoonaatti goone hundaa kan caaludha. Murtoon kunis jireenyi keenya kaayyoo akka qabaatu godheera. Gumii keessatti iddoo qabaachuu keenyaan gammachuu guddaa arganneerra.

17 Faarfatichi Yihowaadhaan, “Mana ati keessa jiraattu, . . . nan jaalladha” jedheera. Itti dabaluudhaanis: “Miilli koo lafa wal qixxee irra qajeelee in dhaabata, walga’ii keessattis Waaqayyoon nan jajadha!” jechuudhaan faarfateera. (Far. 26:8, 12) Waaqni dhugaa hundi keenya jaarmiyaasaa keessatti iddoo akka qabaannu godheera. Qajeelfama ti’ookraasii hordofuufi hojii Waaqayyoon tajaajiluutti qabamuu keenya itti fufuudhaan, iddoo dinqisiisaa qophii Yihowaa keessatti qabnu eeguu dandeenya.

Ni Yaadattaa?

• Kiristiyaanonni hundi gumii keessatti iddoo qabu jechuu kan dandeenyu maaliifi?

• Iddoo jaarmiyaa Waaqayyoo keessatti qabnuuf bakka guddaa akka kenninu akkamitti argisiisna?

• Wantoonni iddoo gumii keessatti qabnurratti garaagarummaa fiduu danda’an maalfa’i?

• Dargaggoonnis ta’an ga’eessonni, iddoo qophii Waaqayyoo keessatti qabaniif bakka guddaa akka kennan argisiisuu kan danda’an akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 16rra jiru]

Obboloonni mirga gumii keessatti itti gaafatamummaa argachuuf isaan dandeessisurra ga’uu kan danda’an akkamitti?

[Fakkii fuula 17rra jiru]

Obboleettonni iddoo gumii keessatti qabaniif bakka guddaa akka kennan argisiisuu kan danda’an akkamitti?