Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Intala Xinnoo Arjaa Taate

Intala Xinnoo Arjaa Taate

Intala Xinnoo Arjaa Taate

DHIHEENYA kana intalli waggaa sagalii Biraaziil keessa jiraattu tokko ofumasheetiin kakaatee qarshii walitti kan qabde si’a ta’u, qarshichas doolaara 18fi doolaara 25 gootee bakka lamatti hirte. Qarshii isa xinnoo, baasii gumiitiif akka gargaaruuf saanduqa buusii Galma Mootummaa keessa buufte. Qarshii baay’ee isa hafeemmoo xalayaa gabaabduu wajjin waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaatiif ergite. Xalayaanshee akkas jedha: “Qarshii kana hojii addunyaa maratti raawwatamuuf kennuun barbaada. Fedhiinkoo obboloota hedduu addunyaa maratti misiraachicha lallaban gargaaruudha. Qarshii kana kanan kenne Yihowaaf jaalala guddaa waanan qabuufidha.”

Warri intala xinnoo kanaa, hojii Mootummicha lallabuurratti hanga humnishee danda’u hirmaachuun barbaachisaa ta’uusaa ishee barsiisaniiru. Kana malees, ‘qabeenyasheetiin Waaqayyoof ulfina kennuu’ akka qabdu akka gaariitti ishee leenjisaniiru. (Fak. 3:9) Hundi keenya akkuma intala xinnoo kanaa, biyya keenyattis ta’e addunyaa maratti hojii Mootummichaa wajjin wal qabatee raawwatamu hinaaffaadhaan haa deggerru!