Jaalala Obbolummaatti Guddachuu Keessan Itti Fufaa
Jaalala Obbolummaatti Guddachuu Keessan Itti Fufaa
“Kristos akkuma nu jaallate, isinis immoo jaalalatti jiraadhaa!”—EFE. 5:2.
1. Yesus, bartoonnisaa caalaatti maaliin adda baafamanii akka beekaman dubbate?
DHUGAA BAATONNI YIHOWAA misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo manaa gara manaatti lallabuudhaan beekamu. Ta’us, Kiristos Yesus mallattoo bartootasaa warra dhugaa adda baasee beeksisu garabiraa caqaseera. Akkas jedhe: “Akka isin wal jaallattaniif abboommii haaraa isiniif nan kenna; ani akkuman isin jaalladhe, isinis immoo akka wal jaallattan isin abboomeera. Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku.”—Yoh. 13:34, 35.
2, 3. Jaalalli obbolummaa nu gidduutti argamu namoota walga’iiwwan keenyarratti argamanirratti dhiibbaa gaarii akkamii geessisa?
2 Hawaasni jaalala obbolummaa Kiristiyaanota dhugaa gidduu jiruu wajjin wal gitu argisiisuu danda’u hin jiru. Akkuma maagneetiin sibiila ofitti harkisu, jaalallis tajaajiltoonni Yihowaa tokkummaa akka qabaataniifi namoonni garaa qajeelaa qaban kaan waaqeffannaa dhugaatti akka harkifaman godha. Maarselinoo isa biyya Kaameruun jiraatuufi bakka hojiisaatti qaroosaa dhabe akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Balaan kun erga irra ga’ee booda, qaroonsaa kan jaame hafuurri hamaan waan irra jiruufidha hamiin jedhu babal’achuu jalqabe. Yeroo kanatti lubniifi miseensonni mana sagadaasaa isa jajjabeessuu mannaa waldaasaanii keessaa isa baasan. Dhugaa Baatuun Yihowaa tokko walga’iirratti akka argamuuf yommuu isa afeeru Maarselinoon ni mame. Jibbi dabalataa akka isarra ga’u hin barbaanne.
3 Maarselinoon Galma Mootummaa yommuu dhaqu garuu wanti achitti arge baay’ee isa dinqisiise. Simannaa ho’aa miseensonni gumii isaa godhaniifi barumsawwan Macaafa Qulqulluu dhaga’erraa jajjabina argateera. Walga’iiwwan gumii hundarratti argamuufi Macaafa Qulqulluu qayyabachuu kan jalqabe si’a ta’u, boodas guddina argisiisee bara 2006tti cuuphame. Amma dhugaa kana maatiifi ollaawwansaatiif lallabudhaan, namoota baay’ee Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuu jalqabeera. Namoonni inni Macaafa Qulqulluu qayyabsiisu, jaalala sabni Waaqayyoo isatti argisiisan isaanis akka argatan gochuu barbaada.
4. Gorsa Phaawulos “jaalalatti jiraadhaa” jedhuuf abboomamuu kan qabnu maaliifi?
4 Jaalalli obbolummaa gidduu keenyatti argamu kan nama gammachiisu ta’us, jaalalli kun akka itti fufu gochuuf ga’ee keenya raawwachuu qabna. Mee waa’ee ibidda akka gaariitti boba’uufi namoonni itti naanna’anii qaqqaammachaa jiranii yaadi. Namoonni ibidda kana qaqqaammatan qoraan itti dabaluu baannaan ibiddichi ni dhaama. Haaluma wal fakkaatuunis, jaalala dinqisiisaa gumii keessatti argamu jabeessuuf dhuunfaatti carraaquu baannaan, jaalalli kun qabbanaa’uu danda’a. Jaalalli kun akka jabaatu gochuu kan dandeenyu akkamitti? Phaawulos akkas jechuudhaan deebii nuu kenna: “Kristos akkuma nu jaallate, isinis immoo jaalalatti jiraadhaa! Inni aarsaa fooliin isaa tolu, qalma Waaqayyoof dhi’aatus godhee nuuf jedhee dabarsee of kenneera.” (Efe. 5:2) Kanaaf, gaaffii ‘Jaalalaan deddeebi’uu kanan danda’u karaawwan kamiini?’ jedhu qoruun keenya barbaachisaadha.
“Isinis Immoo Garaa Nutti Bal’adhaa!”
5, 6. Phaawulos Kiristiyaanonni Qorontos ‘garaa akka bal’atan’ kan gorse maaliifi?
5 Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota Qorontos duriitiif akkas jechuudhaan barreessee ture: “Yaa warra Qorontos, nuyi afaan guunnee isinitti dubbanne, garaan keenyas isiniif bal’aa dha. Isintu garaa nutti dhiphate malee, nuyi garaa isinitti hin dhiphanne. Akkuma nuyi garaa isinitti bal’anne isinis immoo garaa nutti bal’adhaa!” (2 Qor. 6:11-13) Phaawulos, Kiristiyaanonni Qorontos jaalala argisiisuudhaan garaa akka bal’atan kan isaan gorse maaliifi?
6 Gumiin Qorontos durii akkamitti akka hundeeffame haa ilaallu. Phaawulos gara Qorontos HoE. 18:5, 6, 9-11) Isaanis gamasaaniitiin isa jaallachuufi kabajuuf sababii ga’aa qabu turan. Haata’u malee, obboloonni gumii keessa jiran tokko tokko isarraa fagaataniiru. Muraasnimmoo gorsa inni ifatti kennu jibbanii ta’uu danda’a. (1 Qor. 5:1-5; 6:1-10) Kaanimmoo hamii ‘ergamoota warra hundumaa irra caalla’ jedhanii dubbatan fudhatanii ta’uu danda’a. (2 Qor. 11:5, 6) Phaawulos obboloonnisaa hundi akka isa jaallatan barbaadee ture. Kanaaf, isattis ta’e obboloota hidhata amantaasaanii ta’an kaanitti dhihaachuudhaan ‘garaa akka bal’atan’ isaan kadhateera.
kan dhaqe Dh.K.B. dhuma bara 50tti ture. Bakka kanatti mormiin isa mudatus, Phaawulos lallabuurraa duubatti hin jenne. Yeroo gabaabaa gidduutti namoonni magaalattii hedduun misiraachicha amananii fudhatan. Phaawulos, gumii haaraa kana jabeessuufi barsiisuutti “waggaa fi ji’a ja’a” dabarseera. Kiristiyaanota Qorontosiif jaalala guddaa akka qabu kanarraa ifatti hubachuun ni danda’ama. (7. Jaalala obbolummaa argisiisuurratti ‘garaa bal’achuu’ kan dandeenyu akkamitti?
7 Nutoo? Jaalala obbolummaa argisiisuuf ‘garaa bal’achuu’ kan dandeenyu akkamitti? Namoonni umriidhaan wal gitan ykn gosa tokko ta’an salphaadhumatti walitti dhihaatu ta’a. Namoonni bashannanarratti filannoo wal fakkaatu qaban yeroo baay’ee sa’aatii dheeraa waliin dabarsu. Haata’u malee, Kiristiyaanota tokko tokkoo wajjin fedhii wal fakkaatu qabaachuun keenya warra kaanirraa akka fagaannu kan nu taasisu taanaan, ‘garaa bal’achuu’ nu barbaachisa. Akkas jennee of gaafachuun keenya gaariidha: ‘Obboloota ani baay’ee itti hin dhihaannee wajjin tajaajilarratti ykn sochii hawaasummaarratti yeroo baay’ee nan hirmaadhaa? Namoota haaraa yommuun Galma Mootummaatti argu michootakoo ta’uusaanii dura yeroo dheeraa dhugaa keessa jiraachuu qabu jedhee yaaduudhaan walitti dhufeenyan isaanii wajjin qabu nan daangessaa? Maanguddootas ta’e dargaggoota gumii keessa jiran nagaa nan gaafadhaa?’
8, 9. Gorsi Phaawulos Roomaa 15:7rratti kenne, jaalalli obboloota keenyaaf qabnu guddachaa akka adeemu karaa argisiisuun nagaa wal gaafachuuf kan nu gargaaru akkamitti?
8 Nagaa wal gaafachuu wajjin haala wal qabateen, gorsi Phaawulos warra Roomaatiif barreesse namoota hidhata amantii keenya ta’aniif ilaalcha sirrii qabaachuuf nu gargaaruu danda’a. (Roomaa 15:7 dubbisi.) Jechi afaan Giriikii ‘ofitti qabuu’ jedhu “gaarummaadhaan ykn akka keessummaatti isa simachuu, akkasumas hawaasa tokkotti akka makamu gochuufi michuu ofii gochuu” jechuudha. Bara duriitti namni tokko manasaatti michootasaa yommuu keessumsiisu, isaan keessumsiisuusaatti baay’ee akka gammade itti hima ture. Kiristos haala kanaa wajjin wal fakkaatuun akka fakkeenyaatti kan nu simate si’a ta’u, nutis namoota hidhata amantii keenya ta’an simachuudhaan fakkeenyasaa akka hordofnu jajjabeeffamneerra.
9 Galma Mootummaatti ykn iddoo garabiraatti obboloota keenya yommuu nagaa gaafannu, warra dhiheenyatti wal arginee ykn haasofnee hin beekneef xiyyeeffannaa kennuu qabna. Daqiiqaa muraasaaf maaliif isaanii wajjin hin haasoftan? Walga’ii ittaanurrattimmoo, warra kaanii wajjin haasa’uu dandeenya. Akkas gochuun keenya yeroo muraasa gidduutti obboloota baay’ee wajjin akka gaariitti haasa’uuf nu gargaara. Guyyaa tokkootti nama hundaa wajjin haasa’uu yoo dadhabne dhiphachuu hin qabnu. Eenyuyyuu walga’ii hundarratti nagaa isa hin gaafatin waan hafneef nutti mufachuu hin qabu.
10. Warri gumii keessatti argaman hundi carraa guddaa akkamii qabu? Nutoo carraa kanatti guutummaatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?
10 Warra kaan nagaa gaafachuun ofitti isaan qabuuf tarkaanfii jalqabaati. Tarkaanfiin akkasii haaswaa gammachiisaafi michooma itti fufiinsa qabu uumuuf gargaara. Fakkeenyaaf, obboloonni walga’ii koonyaa, aanaafi addaarratti warra kaanii wajjin wal baruudhaan yommuu waliin dabarsan, yeroo itti deebi’anii wal argan hawwiidhaan eeggatu. Obboloonni ijaarsa Galma Mootummaafi hojii gargaarsaarratti fedhiidhaan hojjetan muuxannoosaanii yommuu walii hiran, amala walii akka gaariitti waan baraniif, yeroo baay’ee michoota gaarii walii ta’u. Jaarmiyaa Yihowaa keessatti michooma itti fufiinsa qabu argachuuf carraa hedduutu jira. ‘Garaa kan bal’annu’ taanaan, michoota hedduu arganna, akkasumas jaalala isa waaqeffannaa dhugaatiin tokkummaa akka qabaannu nu gargaare caalaatti cimsina.
Warri Kaan Akka Isinitti Dhihaataniif Karaa Banaa
11. Maarqos 10:13-16rratti Yesus fakkeenya akkamii kaa’eera?
11 Kiristiyaanonni hundi akkuma Yesus, namni akka isaanitti dhihaatu karaa banuuf carraaquu danda’u. Bartoonni, namoonni ijoolleesaanii Yesusitti akka hin finne yommuu dhowwuu yaalan, Yesus maal akka jedhe haa ilaallu. “Lakkisaa mucooliin gara koo haa dhufan, hin dhowwinaa! Mootummaan Waaqayyoo warra akkasiitiif ta’a.” “Mucooliis ammatee harka isaas mataa isaanii irra kaa’ee isaan eebbises.” (Mar. 10:13-16) Barsiisaa Guddichi, jaalalaan kaka’ee xiyyeeffannaa isaanii kennuusaatti ijoolleen kun hangam gammadanii akka turan yaaduu dandeessuu?
12. Wantoonni namootaa wajjin akka hin haasofne nu gochuu danda’an maalfa’i?
12 Kiristiyaanonni hundi, ‘Warri kaan akka natti dhihaatan karaan isaanii banamoo, yeroo baay’ee nama hojiin itti baay’atun fakkaadha?’ jedhanii of gaafachuu qabu. Barsiifatawwan dogoggora hin taane yeroo tokko tokko warra kaanii wajjin akka hin haasofne gufuu nutti ta’uu danda’u. Fakkeenyaaf, bakka namoonni jiranitti ammaa amma moobaayilii kan bilbillu ykn wantoota waraabaman gurratti suuqqannee kan dhaggeeffannu taanaan, warri kaan akka nuti isaanii wajjin ta’uu hin barbaanne godhanii yaaduu danda’u. Yeroo hedduu kompiitara xinnoo harkatti qabamuun utuu fayyadamnuu kan nu argan taanaanis, isaanii wajjin haasa’uu akka hin barbaanne godhanii yaaduu danda’u. ‘Calluma jechuun yeroo akka qabu’ beekamaadha. Haata’u malee, yeroo baay’ee yeroo namootaa wajjin taanu, ‘dubbachuunis yeroo akka qabu’ yaadachuu qabna. (Lal. 3:7) Warri tokko tokko, “Ani callisuun barbaada” ykn “Ganama ganama dubbachuu hin jaalladhu” jedhu ta’a. Haata’u malee, yeroo dubbachuu hin barbaannettillee, warra kaanii wajjin miira ho’aadhaan haasa’uun keenya, jaalala isa ‘waan isatti tolu duwwaa hin barbaanne’ akka qabnu argisiisa.—1 Qor. 13:5.
13. Phaawulos, Ximotewos obbolootaaf ilaalcha akkamii akka qabaatu gorse?
13 Phaawulos, Ximotewos inni dargaggeessa ture miseensota gumii hundaaf kabaja akka qabaatu gorseera. (1 Ximotewos 5:1, 2 dubbisi.) Nutis Kiristiyaanota angafoota keenya ta’an akka haadhotaafi abbootaatti, warra quxisuu keenya ta’animmoo akka haadhoo keenyaatti ilaaluu qabna. Ilaalcha akkasii kan qabnu taanaan, obboloonni keenya kamiyyuu, keessummummaan isaanitti hin dhaga’amu.
14. Faayidaawwan warra kaanii wajjin haasaa nama jajjabeessu gochuudhaan argaman tokko tokko maalfa’i?
14 Warra kaanii wajjin haasaa nama jajjabeessu yommuu goonu karaa hafuuraafi miiraa nageenya akka qabaatan gumaacha gochuu dandeenya. Obboleessi waajjira damee keessaa hojjetu tokko, yommuu inni Bet’eliin galetti, obboloonni Bet’el keessa jiraniifi umrii dheeraa qaban hedduun isa jajjabeessanii akka turan yeroo yaadatu gammachuutu isatti dhaga’ama. Isa jajjabeessuunsaanii miseensa maatii Bet’el akka ta’e akka itti dhaga’amu godhee ture. Innis amma fakkeenya obboloota sanaa hordofuudhaan miseensota maatii Bet’el kaanii wajjin haasa’uuf carraaqa.
Gad Of Deebisuun Nagaa Buusuuf Nu Gargaara
15. Wal dhabiinsi nu gidduutti uumamuu akka danda’u kan argisiisu maalidha?
15 Ewodiyaafi Sinxiikeen obboleettota Filiphisiiyus durii turan, wal dhabiinsa isaan gidduutti uumame hiikuun waan isaan rakkisee ture fakkaata. (Filp. 4:2, 3) Qoccolloon Phaawulosiifi Barnaabaas gidduutti uumamee ture hanga namoonni isaanirratti baranitti kan ga’e ta’uusaarrayyuu, yeroodhaaf gargar ba’anii karaa addaddaa akka deeman isaan taasiseera. (HoE. 15:37-39) Seenaawwan kun yeroo tokko tokko Kiristiyaanota dhugaa gidduutti wal dhabiinsi uumamuu akka danada’u argisiisu. Yihowaan gargaarsa wal dhabiinsa uumamu hiikuufis ta’e deebinee michoota ta’uuf nu gargaaru nuu kenna. Ta’us wanta nurraa barbaadu qaba.
16, 17. (a) Wal dhabiinsa hiikuuf gad of deebisuun hangam barbaachisaadha? (b) Seenaan Yaaqoob yommuu Esaawutti dhihaate maal akka godhe ibsu, gad of deebisuun barbaachisaa ta’uusaa kan argisiisu akkamitti?
16 Atiifi michuunkee konkolaataadhaan karaa deemuuf qophaa’aa jirtu haa jennu. Adeemsa utuu hin jalqabin, bantuu konkolaatichaatiin mootora kaasuu qabdu. Wal dhabiinsa uumamu hiikuufis tarkaanfiin jalqabaa bantuutti fayyadamuudha. Bantuun kun gad of deebisuudha. (Yaaqoob 4:10 dubbisi.) Fakkeenyonni Caaffata Qulqullaa’oo armaan gadii akka argisiisanitti, bantuu kanaan gargaaramuunsaanii namoonni wal dhaban seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuu akka jalqaban taasisa.
17 Esaawu, Yaaqoob inni obboleessasaa lakkuu ta’e mirga angafummaasaa jalaa fudhachuusaatti aaruusaatiin obboleessasaa ajjeesuu yaaduu erga jalqabee waggaa digdamni darbeera. Waggoonni kun hundi erga darbanii booda obboloonni lakkuun kun yommuu lammata wal arguuf jedhanitti, “Yaaqoobis baay’ee sodaatee, yaadaan dhiphate.” Esaawu miidhaa irraan ga’uu akka danda’u itti dhaga’amee ture. Haata’u malee, yommuu wal argan Yaaqoob wanta Esaawu hin yaanne tokko raawwate. Yommuu obboleessasaatti dhihaatu “lafa ga’ee qoomma’e.” Sana booda maaltu ta’e? “Esaawuun garuu isa simachuutti fiigee, morma isaa irratti kufee ammatee in dhudhungate; isaan lachuu walitti boo’an.” Waraanni ka’uuf ture ni hafe. Yaaqoob amala gad of deebisuu argisiisuunsaa, haaloo Esaawu qabatee ture kamiyyuu mo’uuf isa gargaareera.—Uma. 27:41; 32:3-8; 33:3, 4.
18, 19. (a) Wal dhabiinsi yommuu uumamu gorsa Caaffata Qulqullaa’oo hojiirra oolchuuf dursa fudhachuun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi? (b) Carraaqqiin nama tokkoo wajjin nagaa uumuuf goone jalqabarratti utuu hin milkaa’in yoo hafe abdii kutachuu kan hin qabne maaliifi?
18 Macaafni Qulqulluun gorsa gaarii wal dhabiinsa hiikuuf gargaaru qabateera. (Mat. 5:23, 24; 18:15-17; Efe. 4:26, 27) * Haata’u malee, gorsa kana gad of deebisuudhaan hojiirra oolchuu baannaan nagaa uumuun hin danda’amu. Nutis banticha harkatti qabannee utuu jirruu, jechuunis gad of deebisuu utuu dandeenyu namni kaan akka gad of deebisu eeguun furmaata hin argamsiisu.
19 Yaaliin jalqaba nagaa buusuuf goone Uma. 50:15-21) Nutis yeroo hundaa obboloota keenyaa wajjin nagaan akka jiraatu gochuudhaan, tokkummaafi gammachuu gumiitiif gumaacha gochuu dandeenya.—Qolosaayis 3:12-14 dubbisi.
sababiiwwan tokko tokkoon utuu hin milkaa’in yoo hafe, abdii kutachuu hin qabnu. Namni kaanis tasgabbaa’uuf yeroo argachuu qaba. Obboloonni Yoseef hammina isarratti raawwatanii turan. Muummicha ministeeraa Gibxii ta’ee hamma isa arganiitti waggoonni dheeraan darbaniiru. Dhumarratti garuu obboloonnisaa yaada garaa jijjiirratanii dhiifama akka isaaniif godhu kadhataniiru. Yoseef dhiifama isaaniif godhee kan ture si’a ta’u, ilmaan Yaaqoobis saba maqaa Yihowaatiin waamamu ta’uuf mirga argataniiru. (“Hojiidhaa fi Garaa Dhugaadhaan” Wal Haa Jaallannu
20, 21. Yesus miilla ergamootasaa dhiquusaarraa maal barachuu dandeenya?
20 Yesus du’uusaa yeroo muraasa dura ergamootasaatiin, “Ani akkuman isiniif godhe, isinis immoo akka gootanitti fakkeenya isiniif ta’eera” jedhee ture. (Yoh. 13:15) Yesus kana kan dubbate miilla ergamootasaa 12nii dhiqee akkuma xumureen ture. Yesus kana kan godhe wanta aadaan gaafatu raawwachuuf ykn gaarummaa argisiisuuf qofa hin turre. Yohannis seenaa waa’ee miilla dhiquu kana dubbachuusaa dura, “Inni biyya lafaa kana keessatti kan isaa warra ta’an akkuma jaallate, hamma dhumaatti jaalala guutuu isaan[itti] argisiise” jechuudhaan barreesseera. (Yoh. 13:1) Yesus hojii yeroo baay’ee garboonni hojjetan akka raawwatu kan isa kakaase jaalala bartootasaatiif qabu ture. Isaanis gamasaaniitiin gad of deebisuudhaan waliisaaniitti jaalala argisiisuu qabu. Eeyyee jaalalli obbolummaa inni dhugaa, obboloota keenya hundaaf yaaduufi kunuunsuuf nu kakaasuu qaba.
21 Phexros inni ergamoota Ilmi Waaqayyoo miillasaanii dhiqeef keessaa tokko ta’e, wanti Yesus raawwate hiika maalii akka qabu hubatee ture. Akkas jedhee barreesseera: “Isin dhugaadhaaf abboomamuu keessaniin, jireenya keessan qulleeffattanii, obboloota garaa qulqulluudhaan jaallachuu bira geessaniittu; ammas jaalala ho’aa isa garaa keessaa dhufuun wal jaalladhaa!” (1 Phe. 1:22) Ergamoota Yesus miillasaanii dhiqeef keessaa tokko kan ta’e Yohannisis akkas jechuudhaan barreesseera: “Yaa ijoollee ko! Kottaa dubbiidhaa fi afaaniin utuu hin ta’in hojiidhaa fi garaa dhugaadhaan in jaallannaa!” (1 Yoh. 3:18) Garaan keenya jaalala obboloota keenyaaf qabnu hojiidhaan argisiisuuf kan nu kakaasu haa ta’u.
[Miiljaleewwan]
^ key. 18 Kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu jedhamu fuula 144-150 ilaali. (Amaariffa)
Ni Yaadattaa?
• Obboloota keenyaatti jaalala argisiisuuf ‘garaa bal’achuu’ kan dandeenyu karaawwan kamiini?
• Warri kaan akka nutti dhihaatan karaa banuuf maaltu nu gargaaruu danda’a?
• Gad of deebisuun nagaa buusuurratti ga’ee maalii qaba?
• Namoota hidhata amantii keenyaa ta’aniif akka yaannu nu kakaasuu kan qabu maalidha?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
[Fakkii fuula 21rra jiru]
Hidhata amantii keessan miira ho’aadhaan simadhaa
[Fakkii fuula 23rra jiru]
Carraa warra kaanii wajjin haasa’uuf qabdan hin dabarsinaa