Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kadhannaankee Waa’eekee Maal Ibsa?

Kadhannaankee Waa’eekee Maal Ibsa?

Kadhannaankee Waa’eekee Maal Ibsa?

“Yaa isa kadhata namaa dhageessuu! Namni foon uffate hundinuu . . . gara kee in dhufa.”—FAR. 65:2.

1, 2. Tajaajiltoonni Yihowaa akka inni isaan dhaga’u mirkanaa’oo ta’uudhaan kadhannaadhaan isatti dhihaachuu kan danda’an maaliifi?

YIHOWAAN yeroo hundaa kadhannaa tajaajiltootasaa warra amanamoo ta’an ni dhaga’a. Kadhannaa keenyas akka dhaga’u mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. Dhugaa Baatonni Yihowaa miliyoonaan lakkaa’aman al takkaatti garasaatti kadhannaa yoo dhiheessanillee, Yihowaan kadhannaa hundasaanii ni dhaga’a.

2 Daawit faarfatichi Waaqayyo kadhannaasaa akka dhaga’u mirkanaa’aa ta’uudhaan, “Yaa isa kadhata namaa dhageessuu! Namni foon uffate hundinuu . . . gara kee in dhufa” jechuudhaan faarfateera. (Far. 65:2) Daawit tajaajilaa Waaqayyoo isa amanamaa waan tureef, kadhannaansaa dhaga’ameeraaf. Nutis akkas jennee of gaafachuu qabna: ‘Kadhannaankoo, Waaqayyotti akkan amanamuufi waaqeffannaa dhugaatiif dursa akkan kennu kan argisiisudhaa? Waa’eekoohoo maal ibsa?’

Gad Of Deebisuudhaan Yihowaa Kadhadhaa

3, 4. (a) Kadhannaadhaan gara Waaqayyootti yommuu dhihaannu amala akkamii argisiisuu qabna? (b) Cubbuu cimaa raawwanneen, ‘yaanni’ garaa keenyaa kan nu dhiphisu taanaan maal gochuu qabna?

3 Kadhannaan keenya akka nuu dhaga’amu barbaannaan, gad of deebisuudhaan Waaqayyotti dhihaachuu qabna. (Far. 138:6) Akkuma Daawit godhe nutis Yihowaan akka nu qoruuf akkas jennee gaafachuu qabna: “Qorii na ilaali, yaa Waaqayyo, garaa koos beeki! Na fonqolchi, yaada koos beeki! Karaa nama miidhu irra bu’een jira yoo ta’e ilaali, karaa bara baraan jiraatu irra na geessi!” (Far. 139:23, 24) Nutis kadhannaa gochuu qofa utuu hin ta’in, Waaqayyo akka nu qoruufi gorsa inni karaa Dubbiisaa nuu kennu fudhachuuf fedhii qabaachuu qabna. Yihowaan daandii gara jireenya barabaraatti geessurra akka adeemnu gochuudhaan, “karaa bara baraan jiraatu irra” akka adeemnu nu gargaaruu danda’a.

4 Cubbuu cimaa raawwanneen ‘yaanni’ garaa keenyaa kan nu dhiphisu yoo ta’e maal gochuu qabna? (Faarfannaa 32:1-5 dubbisi.) Akkuma ho’i cimaan yeroo bonaatti muka gogsu, ceephoo yaada garaa keenyaa ukkaamsuuf yaalii gochuunis humna keenya duguugee nu jalaa fixuu danda’a. Daawit cubbuu raawwateen kan ka’e gammachuu kan dhabe ta’uusaarrayyuu dhukkubsatees ta’uu danda’a. Cubbuusaa Waaqayyotti himachuunsaa garuu boqonnaa isaaf argamsiiseera! Daawit yommuu Yihowaan ‘irra daddarbaasaa dhiiseefii’ araara isaaf godhe, hammam gammadee akka ture mee yaadaa! Cubbuu ofii Waaqayyotti himachuun boqonnaa namaaf argamsiisuu danda’a; gargaarsi jaarsoliin kennanis namni cubbuu raawwate sun Yihowaa wajjin deebisee hariiroo gaarii akka qabaatu isa gargaara.—Fak. 28:13; Yaq. 5:13-16.

Himataafi Galata Waaqayyotti Dhiheessuu

5. Himata Yihowaatti dhiheessuu jechuun maal jechuudha?

5 Wanti baay’ee nu dhiphisu tokko yoo nu mudate, gorsa Phaawulos isa armaan gaditti argamu hojiirra oolchuu qabna: “Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa!” (Filp. 4:6) “Himata dhiheessuu” jechuun, “gad of deebisuudhaan kadhannaa dhiheessuu” jechuudha. Keessumaa yeroo balaadhaaf saaxilamnu ykn ari’atamni nu mudatu, Yihowaan akka nu gargaaruufi qajeelfama akka nuu kennu himata dhiheeffachuu hin qabnuu?

6, 7. Kadhannaa keenya keessatti galta dabaluu kan qabnu maaliifi?

6 Wanta tokko yommuu barbaannu qofa kadhannaa kan dhiheessinu taanaan garuu, kun hariiroo Yihowaa wajjin qabnu ilaalchisee maal argisiisa? Phaawulos himata keenya “galataa wajjin” Waaqayyoof dhiheessuu akka qabnu dubbateera. Nutis akkuma Daawit galata keenya akkas jennee dhiheessuuf sababii ga’aa qabna: “Yaa Waaqayyo, waaqa irraa fi lafa irra kan jiru hundinuu kan kee ti; guddinni, aangoon, ulfinni, gooftummaanii fi surraan kan kee ti. Yaa Waaqayyo, mootummaan kan kee ti, ati waan hundumaa ol, mataa waan hundumaa tis. . . . Yaa Waaqayyo keenyaa, nuyi amma si in galateeffanna.”—1 Sen. 29:11-13.

7 Yesus yeroo nyaata dhiheessettis ta’e galgala Irbaata Gooftaa kabajetti Waaqayyoof galata dhiheesseera. (Mat. 15:36; Mar. 14:22, 23) Nutis akkuma Yesus nyaata arganneef, Yihowaa galateeffachuurra darbinee, “gaarummaa isaa fi wanta dinqisiisaa inni ilmaan namootaaf godheef,” “firdii [isaa] isa qajeelaa sanaaf,” akkasumas Dubbiisaa isa Macaafa Qulqulluu keessatti argamuuf Yihowaa ‘galateeffachuu’ qabna.—Far. 107:15; 119:62, 105.

Warra Kaaniif Kadhadhaa

8, 9. Kiristiyaanota hidhata keenya ta’aniif kadhachuu kan qabnu maaliifi?

8 Ofii keenyaaf akka kadhannu beekamaadha; haata’u malee, waa’ee warra kaanii, Kiristiyaanota maqaadhaan hin beekneefillee kadhachuu qabna. Phaawulos ergamaan amantoota Qolosaayis keessatti argaman hundaa hin beeku ta’a; ta’us akkas jechuudhaan isaaniif barreesseera: “Yommuu isiniif kadhannu, nuyi yeroo hundumaa Waaqayyoon abbaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos in galateeffanna. Kristos Yesusitti amanuu keessan, warra Waaqayyoof qulqullaa’an hundumaa jaallachuu keessanis dhageenyeerra.” (Qol. 1:3, 4) Phaawulos Kiristiyaanota Tasaloniiqeetti argamaniifis kadhateera. (2 Tas. 1:11, 12) Kadhannaa akkasii dhiheessuun keenya, obboloota keenyaaf ilaalcha akkamii akka qabnu argisiisa.

9 Kadhannaan Kiristiyaanota dibamoofis ta’e “hoolota kan biraa” hidhatasaanii ta’aniif goonu, jaarmiyaa Yihowaatiif akka yaannu argisiisa. (Yoh. 10:16) Phaawulos, ‘dhoksaa wangeelaa ija jabinaan beeksisuudhaaf dubbiin akka isaaf kennamuuf’ akka kadhataniif namoota hidhata amantiisaa gaafateera. (Efe. 6:17-20) Kiristiyaanota kaaniif kadhannaa akkasii ni dhiheessinaa?

10. Waa’ee warra kaanii kadhachuun keenya kan nu gargaaruu akkamitti?

10 Warra kaaniif kadhachuun keenya, ilaalcha isaaniif qabnu jijjiiruu danda’a. Nama jaallachuun nutti ulfaatu tokko ilaalchisnee kadhannaa kan dhiheessinu taanaan, ilaalchi nama sanaaf qabnu geddaramuunsaa hin oolu. (1 Yoh. 4:20, 21) Kadhannaan akkasii kan nama jajjabeessu ta’uusaarrayyuu, obboloota keenyaa wajjin tokkummaa akka qabaannu godha. Kana malees, kadhannaan akkasii jaalala akka Kiristos qabaachuu keenya argisiisa. (Yoh. 13:34, 35) Jaalalli akaakuu firii ija hafuuraa keessaa tokkodha. Yihowaan, amalawwan akka jaalalaa, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa, garraamummaafi of dhowwuu fakkaatan argisiisuu akka dandeenyu hafuurasaa akka nuu kennu ni kadhannaa? (Luq. 11:13; Gal. 5:22, 23) Akkas goonaan, dubbiifi gochi keenya hafuuraan akka deddeebinuufi akka jiraannu argisiisa.—Galaatiyaa 5:16, 25 dubbisi.

11. Warri kaan waa’ee keenya akka kadhatan gaafachuun sirriidha kan jettu maaliifi?

11 Ijoolleen keenya qorumsa mana barumsaatti isaaniif kennamu barattoota kaanirraa ilaalanii hojjechuuf akka qoraman yoo hubanne, haqaan dhugaatti qabamanii akka jiraatan, akkasumas wanta gadhee akka hin raawwanne isaaniif kadhachuufi Caaffata Qulqullaa’oorratti hundoofnee isaan gargaaruu qabna. Phaawulos Kiristiyaanota Qorontosiin, “isin waan hamaa akka hin hojjenneef nuyi Waaqayyoon in kadhanna” jedheera. (2 Qor. 13:7) Gad of deebisuudhaan kadhannaa akkasii dhiheessuun keenya Yihowaa kan gammachiisu ta’uusaarrayyuu, waa’ee gaarummaa keenyaa dhugaa ba’a. (Fakkeenya 15:8 dubbisi.) Akkuma Phaawulos ergamaan godhe, nutis warri kaan akka nuu kadhatan gaafachuu dandeenya. Akkas jechuun barreesseera: “Nuyi karaa hundumaa waan gaarii hojjechuuf hawwa waan qabnuuf, yaadni garaa keenyaa akka nu hin ceephaane hubanneerra; isinis nuuf kadhadhaa!”—Ibr. 13:18.

Kadhannaan Waa’ee Keenya, Gara Biraa Waan Ibsu Qaba

12. Wantoonni kadhannaa keenya keessatti bakka guddaa qabaachuu qaban maal ta’uu qabu?

12 Kadhannaawwan keenya Dhugaa Baatota Yihowaa gammachuufi hinaaffaa qabnu ta’uu keenya ni argisiisuu? Himanni keenya, caalaatti jaalala Waaqayyoo wajjin haala walsimuun jiraachuu, ergaa mootummichaa lallabuu, olaantummaa Yihowaa mirkaneessuufi maqaansaa qulqulluu ta’ee akka eegamu gochuurratti kan xiyyeeffatudhaa? Kadhannaan Yesus akka fakkeenyaatti kenne akka argisiisutti, wantoonni kun kadhannaa keenya keessatti bakka guddaa qabaachuu kan qaban si’a ta’u, Yesusis kadhannaa kana kan jalqabe akkas jechuudhaan ture: “Yaa isa waaqa irra jirtu abbaa keenyaa! Maqaan kee qulqulluu ta’ee haa eegamu; mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka ta’u, akkasuma immoo lafa irratti haa ta’u!”—Mat. 6:9, 10.

13, 14. Kadhannaawwan keenya waa’ee keenya maal ibsu?

13 Kadhannaan Waaqayyoof dhiheessinu, kaka’umsi, fedhiifi hawwiin keenya maal akka ta’e argisiisa. Yihowaan keessa namummaa keenya akka gaariitti beeka. Fakkeenyi 17:3 akkas jedha: “Akkuma meetiinii fi warqeen qodaa itti baqfaman keessatti qoraman, Waaqayyo garaa namaa in qora.” Waaqayyo wanta garaa keenya keessa jiru ni arga. (1 Sam. 16:7) Waa’ee walga’iiwwanii, tajaajilaa, obboloota hidhata amantii keenyaa maaltu akka nutti dhaga’amu beeka. Yihowaan waa’ee “obboloota” Kiristos maal akka yaannu akka gaariitti beeka. (Mat. 25:40) Kadhannaa keenyarratti wanta tokko kan gaafannu garaa keenyaa ta’uufi dhiisuusaa, akkasumas narraa haa ba’uuf qofa jechoota wal fakkaatanirra deddeebinee kadhachuufi dhiisuu keenya beekuu danda’a. Yesus namoonni barasaatti turan kadhannaaf ilaalcha dogoggoraa waan qabaniif akkas jedhee ture: “Yeroo kadhattanis akka warra saba Waaqayyoo hin ta’inii, dubbii waa’ee hin baafne keessa hin deddeebi’inaa! Baay’ina dubbii isaaniitiif waan isaaniif dhaga’amu isaanitti fakkaata.”—Mat. 6:7.

14 Kana malees, wantoonni nuti kadhannaa keenya keessatti ibsinu hammam Waaqayyotti akka amanamnu kan argisiisan ta’uu danda’u. Daawit akkas jedheera: “Ati [Yihowaan] anaaf iddoo kooluu itti galanii dha, diina duratti ati riqaa dhagaa isa jabaa dha. Bara hundumaaf godoo kee keessa utuun buufadhee! Gaaddisa bobaa kee jalattis utuun kooluu galee!” (Far. 61:3, 4) Waaqayyo akka fakkeenyaatti yommuu ‘godoosaa nurratti diriirsu,’ eegumsa akka arganneefi nageenya akka qabnu nutti dhaga’ama. (Mul. 7:15) Yihowaan ‘gara keenya waan ta’eef,’ qorumsi akkamiiyyuu yoo nu mudate, amantii guutuu qabaachuufi kadhannaadhaan garasaatti dhihaachuun keenya baay’ee nu jajjabeessa!—Faarfannaa 118:5-9 dubbisi.

15, 16. Kadhannaan kaayyoon mirga tajaajilaa argachuu itti barbaannu maal akka ta’e hubachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

15 Wanta tokko gochuuf waan nu kakaase ilaalchisee haqaan Yihowaatti kadhannaa dhiheessuun keenya, waa’ee kaka’umsa keenyaa dhugaasaa hubachuuf nu gargaara. Fakkeenyaaf, saba Waaqayyoo gidduutti itti gaafatamummaa fudhannee tajaajiluu kan hawwinu gad of deebisuudhaan gargaarsa kennuuf, akkasumas hojii lallabaarrattis ta’e sochiiwwan gumiirratti wanta humni keenya danda’u hundaa gochuuf jenneetimoo, ‘geggeessituu ta’uu waan barbaannuufidha’? Yookiinimmoo, warra kaanirratti “gooftummaa” keenya argisiisuu waan barbaannuufidhaa? Wanti akkasii saba Yihowaa gidduutti ta’uu hin qabu. (3 Yohannis 9, 10; Luqaas 22:24-27 dubbisi.) Hawwii dogoggoraa kan qabnu taanaan, haqaan gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessuun keenya, hawwiiwwan kana adda baasnee baruuf kan nu gargaaru ta’uusaarrayyuu, keessa keenyatti hundee godhachuusaanii dura jijjiirama gochuuf nu dandeessisa.

16 Haadhotiin manaa Kiristiyaanota ta’an, abbootiin manaasaanii tajaajiltoota gumii yeroo boodammoo jaarsolii ta’anii akka tajaajilan baay’ee hawwu ta’a. Obboleettonni kun jireenyasaaniitiin warra kaaniif fakkeenya ta’uuf carraaqqii gochuudhaan kadhannaasaanii wajjin haala walsimuun jiraachuu danda’u. Maatiin dhiira tokkoo dubbiisaaniitiinis ta’e jireenyasaaniitiin fakkeenya ta’uunsaanii ilaalcha gumiin isaaf qaburratti dhiibbaa guddaa waan fiduuf akkas gochuunsaanii baay’ee barbaachisaadhaa.

Warra Kaan Bakka Bu’uudhaan Namoota Duratti Kadhachuu

17. Dhuunfaatti yommuu kadhannu bakka qoofnii argachuu kan nu barbaachisu maaliifi?

17 Yesus yeroo baay’ee Abbaasaatti kadhannaa dhiheessuuf jecha, namootarraa adda ba’ee iddoo qoofnii dhaqa ture. (Mat. 14:13; Luq. 5:16; 6:12) Nutis akkas gochuuf lafa qoofnii argachuu nu barbaachisa. Lafa qoofnii ta’etti gabiidhaan kadhannaa dhiheessuun keenya Yihowaa kan gammachiisu ta’uusaarrayyuu, murtoowwan hariiroo Yihowaa wajjin qabnu nuu jabeessan gochuuf nu gargaaruu danda’a. Haata’u malee, Yesus bakka namoonni baay’een jiranittis kadhannaa waan dhiheesseef, kadhannaa akkasii karaa sirrii ta’een gochuun kan danda’amu akkamitti akka ta’e qoruun keenya barbaachisaadha.

18. Obboloonni namoota duratti gumii bakka ba’uudhaan yommuu kadhatan wantoota akkamii yaadatti qabachuu qabu?

18 Walga’iiwwan keenyarratti, dhiironni amanamoon gumii bakka bu’anii namoota duratti kadhannaa dhiheessu. (1 Xim. 2:8) Yeroo kanatti namoonni hidhata amantiisaanii ta’an, “ameen” jechuu kan qaban si’a ta’u, hiiknisaa “haata’u” jechuudha. Akkas gochuuf garuu kadhannaa dhihaate sanaa wajjin walii galuu qabu. Kadhannaa Yesus akka fakkeenyaatti kennerratti wanti nama saalfachiisu ykn mufachiisu hin jiru. (Luq. 11:2-4) Kana malees, rakkoo namoota achitti argaman hundaa mudate ykn wanta isaan barbaachisu hin ibsine. Waa’ee dhimmawwan dhuunfaa kadhachuu kan qabnu dhuunfaatti malee namoota duratti ta’uu hin qabu. Yeroo warra kaan bakka buunee kadhannu, wantoota iccitii ta’an caqasuu hin qabnu.

19. Namoota duratti yommuu kadhannaan dhihaatu amala akkamii argisiisuu qabna?

19 Namoonni bakka keenya bu’uudhaan yommuu kadhannaa dhiheessan, ‘Waaqayyoon akka sodaannu’ argisiisuu nu barbaachisa. (1 Phe. 2:17) Yeroofi iddoon wantoonni tokko tokko itti raawwataman jiraatanillee, walga’iiwwanirratti garuu sirrii ta’uu dhiisuu danda’u. (Lal. 3:1) Fakkeenyaaf namni tokko yeroo kadhannaan akkasii dhihaatutti, namoonni achitti argaman hundi harka akka wal qaban barbaada haa jennu. Ta’us, akkas gochuun namoota hidhata amantii keenyaa hin taane dabalatee namoota tokko tokko mufachiisuu ykn xiyyeeeffannaasaanii gara kaanitti harkisuu danda’a. Namni tokko gumii bakka bu’ee yommuu kadhannaa dhiheessu, namoonni hiriyaa gaa’elaa ta’an tokko tokko karaa xiyyeeffannaa warra kaanii hin harkisneen harka walii qabachuu danda’anis, utuu wal hammatanii namoonni yoo isaan argan garuu gochi kun isaan mufachiisuu danda’a. Namoonni gochasaanii argan, hiriyoonni gaa’elaa kun Yihowaaf ulfina guddaa akka qaban argisiisuu mannaa miira jaalalaa walitti argisiisaa jiru jedhanii yaaduu danda’u. Kanaaf, ulfinni guddaan Yihowaadhaaf qabnu ‘waanuma hojjennu hundumaa ulfina Waaqayyootiif akka hojjennu,’ akkasumas wantoota xiyyeeffannaa namootaa gara kaanitti harkisan, namoota rifaasisan ykn gufachiisan raawwachuurraa of haa qusannu.—1 Qor. 10:31, 32; 2 Qor. 6:3.

Waa’ee Maalii Kadhachuu Dandeenya?

20. Yaada Roomaa 8:26, 27⁠rratti argamu maal jettee ibsita?

20 Dhuunfaatti yommuu kadhannaa goonu, maal jennee kadhachuu akka qabnu wallaaluu dandeenya. Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Nuyi maal kadhachuun akka nuuf barbaachisu akka ta’utti hin beeknu; hafuurichi garuu aaduu isaatiin karaa namni dubbiidhaan mul’isuu hin dandeenyeen nuuf in kadhata. Hafuurichi akka jaalala Waaqayyootti warra isaaf qulqullaa’aniif in kadhata.” (Rom. 8:26, 27) Yihowaan kadhannaawwan hedduun Caaffata Qulqullaa’oo keessatti akka galmeeffaman godheera. Kadhannaawwan geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffaman kana, kadhannaa nuti dhiheessinee godhee fudhachuudhaan deebii nuu kenna. Yihowaan maal akka barbaannuufi yaanni namoota geggeessaa hafuurasaatiin Macaafa Qulqulluu barreessanii maal akka ta’e beeka. Yihowaan hafuurrisaa yommuu waa’ee keenyaaf ‘kadhatu’ kadhannaa keenyaaf deebii ni kenna. Haata’u malee, Dubbii Waaqayyoo gadi fageenyaan hubachaa yommuu adeemnu, waa’ee maalii kadhachuu akka qabnu salphaadhumatti gara yaada keenyaatti dhufa.

21. Mataduree ittaanurratti waa’ee maalii qorra?

21 Hanga ammaatti akka ilaalletti kadhannaan keenya waa’ee keenya waan baay’ee ibsa. Fakkeenyaaf, hammam Yihowaatti akka dhihaanneefi Dubbiisaa hammam akka beeknu argisiisa. (Yaq. 4:8) Mataduree ittaanurratti, kadhannaawwan Macaafa Qulqulluu keessatti argaman tokko tokkoofi yaadawwan haala kadhannaa wajjin wal fakkaatuun dhihaatan qorra. Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’uudhaan qorannoo akkasii gochuun keenya, kadhannaa Waaqayyoof dhiheessinurratti jijjiirama maalii fida?

Maal Jettee Deebista?

• Kadhannaadhaan Yihowaatti yommuu dhihaannu amala akkamii argisiisuu qabna?

• Namoota hidhata amantii keenya ta’aniif kadhachuu kan qabnu maaliifi?

• Kadhannaawwan keenya, waa’ee keenyaafi waa’ee kaka’umsa keenyaa maal argisiisuu danda’u?

• Namoota duratti kadhannaan yommuu dhihaatu amala akkamii argisiisuu qabna?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 4rra jiru]

Yeroo hundaa Yihowaa jajuufi galateeffachuu amaleeffatteettaa?

[Fakkii fuula 6rra jiru]

Kadhannaa namoota duratti godhamurratti yeroo hundaa amalli keenya Yihowaaf ulfina kan fidu ta’uu qaba