Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Macaafa Qulqulluu Qayyabachuudhaan Kadhannaakee Fooyyeffadhu

Macaafa Qulqulluu Qayyabachuudhaan Kadhannaakee Fooyyeffadhu

Macaafa Qulqulluu Qayyabachuudhaan Kadhannaakee Fooyyeffadhu

“Hadaraa yaa Waaqayyo, gurri kee kadhata garbicha keetii . . . haa dhaggeeffatu!”—NAH. 1:11.

1, 2. Kadhannaawwan Macaafa Qulqulluurratti argaman tokko tokko qoruun keenya gaarii kan ta’u maaliifi?

KADHANNAAFI qayyabannaan Macaafa Qulqulluu waaqeffannaa dhugaa keessatti wantoota baay’ee barbaachisaa ta’anidha. (1 Tas. 5:17; 2 Xim. 3:16, 17) Macaafni Qulqulluun kitaaba kadhannaa akka hin taane beekamaadha. Ta’us, kadhannaawwan macaafa Faarfannaarratti argaman dabalatee, kadhannaawwan hedduu qabateera.

2 Macaafa Qulqulluu yeroo dubbistuufi qayyabattu, kadhannaawwan haala si mudatee wajjin wal fakkaatan argachuunkee hin oolu. Kadhannaawwan Caaffata Qulqullaa’oo keessatti argaman, akkasumas kadhannaa ta’uu baatanis yaada kadhannaa of keessaa qaban kadhannaakeetti yommuu dabaltu kadhannaankee ni fooyya’a. Namoota gargaarsaaf kadhannaa dhiheessanii deebii argataniifi qabiyyee kadhannaasaaniirraa barumsa maalii argachuu dandeessa?

Qajeelfama Waaqayyoo Barbaaduufi Hordofuu

3, 4. Hojiin hojjetaa Abrahaamiif kenname maal ture? Deebii Yihowaan isaaf kennerraa maal baranna?

3 Yeroo Macaafa Qulqulluu qayyabattu qajeelfama argachuuf yeroo hundaa kadhachuu akka qabdu hubatta. Abbaa amantii kan ture Abrahaam hojjetaasaa isa jaarsa, Elii’ezaar hin ta’in hin ooluu, dubartii Waaqayyoon sodaattu Yisihaqiif akka barbaaduuf gara Mesophotaamiyaatti yommuu erge maaltu akka raawwatame qalbeeffadhu. Dubartoonni bishaan waraabuuf gara boolla bishaanii tokko bira yommuu dhufan hojjetaan kun akkas jedhee kadhate: “Yaa Waaqayyo  . . , ani durba tokkoon, ‘Mee bishaanan dhugaa gomboo kee gad anaaf qabi!’ nan jedha; isheen immoo, ‘Ati dhugi, gaalota kees nan obaasaa’ yoo anaan jette, isheen kun ishee ati Yisihaq garbichaa keef yaaddee qopheessite haa taatu! Kanaanis ati gooftaa kootti gaarummaa argisiisuu kee nan beeka.”—Uma. 24:12-14.

4 Kadhannaan hojjetaa Abrahaam, yommuu Ribqaan gaalota bishaan obaaste deebii argateera. Isheenis utuu hin turin isaa wajjin gara Kana’aan kan dhaqxe si’a ta’u, Yisihaqiifis haadha manaa jaallatamtuu taateetti. Waaqayyo milikkita addaa naa kenna jettee eeguu akka hin qabne beekamaadha. Ta’us, hafuurasaatiin geggeeffamuuf murtoo kan gootuufi kan isa kadhattu taanaan qajeelfama jireenya keetiif si barbaachisu sii kenna.—Gal. 5:18.

Kadhannaan Dhiphina Hir’isuuf Gargaara

5, 6. Kadhannaan Yaaqoob yommuu Esaawuu wajjin wal arguuf jedhe dhiheesse, xiyyeeffannaa namaa kan hawwatu maaliifi?

5 Kadhannaan dhiphina hir’isuuf gargaaruu danda’a. Yaaqoob, lakkuunsaa Esaawu miidhaa narraan ga’a jedhee waan sodaateef akkas jedhee kadhatee ture: “Yaa Waaqayyo . . . Gaarummaanii fi amanamummaan ati ana garbicha kee argisiifte kun hundinuu anatti in guddate; . . . Amma immoo, ‘Inni dhufee ana, haadhotii, ijoollees in rukuta’ jedhee waanan sodaadhuuf, ati harka obboleessa koo harka Esaawuu akka na oolchituuf sin kadhadha! Ati iyyuu, ‘Ani gaarii siif nan godha, sanyii kees akka cirracha galaanaa isa baay’ina isaa irraa kan ka’e lakkaa’amuu hin dandeenye nan godha’ jetteetta.”—Uma. 32:9-12.

6 Yaaqoob of eeggannoo gochuuf jecha tarkaanfiiwwan tokko tokko fudhatus, kadhannaansaa deebii kan argate yommuu isaafi Esaawu gidduutti nagaan bu’etti ture. (Uma. 33:1-4) Kadhannaa Yaaqoob dhiheesse xiyyeeffannaadhaan yommuu dubbistu gargaarsaaf qofa kadhachuudhaan akka inni hin daangeffamne qalbeeffatta. Amantii Sanyii abdachiifamerratti qabuufi dinqisiifannaa gaarummaa Waaqayyootiif qabu ibseera. Atoo ‘keessikee sodaa’ qabaa? (2 Qor. 7:5) Taanaan, kadhannaan Yaaqoob dhiheesse, kadhannaan dhiphina hir’isuuf akka gargaaru hubachuuf si gargaaruu danda’a. Haata’u malee, kadhannaankee himata qofa utuu hin ta’in amantiikees kan argisiisu ta’uu qaba.

Ogummaa Argachuuf Kadhadhu

7. Museen karaasaa akka isa barsiisuuf Yihowaa kan kadhate maaliifi?

7 Hawwiin Yihowaa gammachiisuuf qabdu ogummaa argachuuf akka kadhattu si kakaasuu qaba. Museen Waaqayyoo karaasaa akka isa barsiisuuf akkas jechuudhaan jabeessee kadhateera: “Ilaa, ati [Yihowaan] ‘Saba kana [biyya Gibxii] ol geessi!’ naan jetta, . . . Egaa dhuguman si duratti faara tolaadhaan ilaalame yoon ta’e, . . . si durattis faara tolaadhaan ilaalamaa akkan jiraadhutti ‘Hadaraa karaa kee anatti argisiisi!’” (Bau. 33:12, 13) Waaqayyos, waa’ee karaasaa baay’ee akka beeku barsiisuudhaan kadhannaa Museetiif deebii kan kenne si’a ta’u, innis saba Yihowaa geggeessuuf beekumsa akkasii argachuunsaa baay’ee barbaachisaa ture.

8. Mootota Isa Duraa 3:7-14⁠rratti xiinxaluunkee akkamitti si gargaaruu danda’a?

8 Daawitis, “Yaa Waaqayyo, karaa kee akkan beeku godhi” jechuudhaan kadhateera. (Far. 25:4) Solomoon ilmi Daawit, itti gaafatamummaa mootii Israa’el ta’ee bulchuuf qabu fiixaan baasuuf ogummaa isa barbaachisu akka isaaf kennuuf Waaqayyoon kadhateera. Yihowaan kadhannaa Solomoonitti waan gammadeef, wanta inni gaafate qofa utuu hin ta’in badhaadhinaafi ulfina isaaf kenneera. (1 Mootota 3:7-14 dubbisi.) Itti gaafatamummaan gumii keessatti sii kenname humnakee ol akka ta’e yoo sitti dhaga’ame, ogummaa argachuuf kadhadhu, hafuura gad of deebisuus argisiisi. Akkas goonaan, Waaqayyo beekumsaafi ogummaa itti gaafatamummaa sii kenname karaa seera qabeessa ta’eefi jaalalaan raawwachuuf si dandeessisu kennuudhaan si gargaara.

Garaadhaa Kadhadhu

9, 10. Solomoon yommuu manni qulqullummaa eebbifame kadhannaa dhiheesserratti waa’ee garaa caqasuunsaa barumsa maalii sii argamsiisa?

9 Kadhannaan akka dhaga’amu barbaadamnaan, garaadhaa kan dhihaate ta’uu qaba. Akkuma 1 Mootota boqonnaa 8⁠rratti galmeeffamee argamu, Solomoon Dh.K.D. bara 1026⁠tti manni qulqullummaa Yihowaa yommuu eebbifame, saba baay’ee Yerusaalemitti walitti qabame duratti kadhannaa garaadhaa madde dhiheessee ture. Saanduqni kakuu Iddoo Hunda Caalaa Qulqullaa’aatti yommuu geeffameefi duumessi Yihowaa mana qulqullummaa sana keessa yommuu guutu, Solomoon Waaqayyoon jajeera.

10 Kadhannaa Solomoon dhiheesse hubannaadhaan yommuu qo’attu waa’ee garaa, irra deddeebi’ee akka caqase qalbeeffachuu dandeessa. Solomoon garaa namootaa qoruu kan danda’u Yihowaa qofa ta’uusa ifatti amaneera. (1 Mot. 8:38, 39) Kadhannaadhuma kanarratti namni cubbuu raawwate, ‘garaasaafi yaadasaa guutuudhaan gara Waaqayyootti yoo deebi’e’ Yihowaan akka isa simatu ibsameera. Diinni saba Waaqayyoo booji’ee yoo isaan fudhateefi garaan saba kana Waaqayyo duratti yoo tokko ta’e kadhannaansaanii ni dhaga’ama. (1 Mot. 8:48, 58, 61) Kanarraa ifatti hubachuun akka danda’amutti kadhannaankee garaadhaa kan dhihaate ta’uu qaba.

Macaafni Faarfannaa Kadhannaakee Fooyyessuuf Kan Si Gargaaru Akkamitti?

11, 12. Namni gosa Lewwii tokko yeroodhaaf bakka waaqeffannaa dhaquu dadhabuusaatiin kadhannaa garaadhaa dhiheesserraa barumsa maalii argatta?

11 Macaafa Faarfannaa qayyabachuunkee kadhannaakee fooyyeffachuufi abdiikee Waaqayyorra kaa’achuudhaan, hanga inni deebii sii kennutti obsaan akka eegdu si gargaaruu danda’a. Mee obsa namni Lewwii boojuudhaan fudhatamee ture tokko argisiise haa ilaallu. Namni kun yeroo muraasaaf gara mana Qulqullummaa Yihowaa dhaquu kan hin dandeenye ta’us akkas jechuudhaan faarfateera: “Yaa lubbuu ko, maaliif akkas gadditee dhiphatta? Maaliifis akkas ana keessatti gabii dhabda? Ati Waaqayyoon abdiidhaan eeggadhu! Anoo deebi’ee gargaarsa isa duraa anaaf dhufuuf, Waaqayyo koo ta’uu isaatiifis isa jajachuufan jira!”—Far. 42:5, 11; 43:5.

12 Nama Lewwii kanarraa maal barachuu dandeessa? Qajeelummaaf jecha hidhamuu keetiin yeroodhaaf namoota hidhata amantiikee wajjin waaqeffannaadhaaf akka wal hin geenye yoo dhowwamte, Waaqayyo si gargaaruuf hamma inni tarkaanfii fudhatutti obsaan eegi. (Far. 37:5) Gammachuu dur Waaqayyoon tajaajiluudhaan dabarsiterratti yaadi; ‘abdiidhaan Waaqayyoon eeguuf’ akka Inni jabina sii kennuufi hariiroo gaarii dur sabasaa wajjin qabdu akka sii deebisu kadhadhu.

Amantiidhaan Kadhadhu

13. Yaada Yaaqoob 1:5-8⁠rratti argamuu wajjin haala walsimuun amantiidhaan kadhachuu kan qabdu maaliifi?

13 Haala akkamii keessattiyyuu yoo argamte, yeroo hundaa amantiidhaan kadhadhu. Amanamaa ta’uukeetiin qorumsi yoo si mudate, gorsa Yaaqoob kenne hordofi. Kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaadhu, ogummaa qorumsa si mudate mo’uuf si dandeessisu akka sii kennu homaa hin shakkin. (Yaaqoob 1:5-8 dubbisi.) Waaqayyo qorumsi si mudate hangam akka si dhiphise kan hubatu ta’uusaarrayyuu, karaa hafuurasaa qajeelfamaafi jajjabina barbaachisaa ta’e sii kenna. Wanta sitti dhaga’amu hundaa, “utuu hin mamin amantiidhaan” isatti himi, qajeelfama Inni karaa hafuurasaa sii kennuufi gorsa Dubbiisaarratti argamu hordofi.

14, 15. Haannaan, Waaqayyoon yeroo kadhattettis ta’e isa booda, amantii akka qabdu argisiisteetti jechuuf kan nu dandeessisu maalidha?

14 Haadhotii manaa Elqaanaan inni gosa Lewwii qabu lamaan keessaa tokko kan taate Haannaan, kadhannaa yommuu dhiheessitettis ta’e isa booda amantii akka qabdu argisiisteetti. Haannaan ijoollee waan hin qabneef, masaanuunshee Phiniinaan baay’ee ishee aarsiti turte. Haannaan gara godoo qulqullaa’aa dhaquudhaan mucaa dhiiraa yoo godhatte Yihowaadhaaf akka kennitu wareegde. Yeroo kadhannaa gootutti, totocho’a hidhiishee malee sagaleenshee waan hin dhaga’amneef, Eliin inni Angafa Lubootaa waan machoofte itti fakkaatee ture. Akka isheen hin machoofne yommuu hubatu garuu, “Waaqayyo inni kan Israa’el waan ati isa kadhatte siif haa kennu!” jedheen. Haannaan kadhannaanshee akkamitti akka deebii argatu beekuu baattus, kadhannaanshee deebii akka argatu amantii qabdi turte. Sana booda “deebitees nyaara hin guurre.”—1 Sam. 1:9-18.

15 Haannaan Saamu’eliin deessee erga inni harma gu’ee booda, gara godoo qulqullaa’aa dhaqee akka tajaajiluuf Yihowaadhaaf isa kennite. (1 Sam. 1:19-28) Kadhannaa Hannaan yeroo sana dhiheessiterratti yeroo fudhattee yaaduunkee qabiyyee kadhannaakee sii fooyyessa. Wanti si dhiphisu yommuu si mudatuttis amantiidhaan yoo kadhatte, Yihowaan kadhannaa keetiif deebii akka kennuufi dhiphinakee mo’uuf akka si gargaaru hubachuu dandeessa.—1 Sam. 2:1-10.

16, 17. Nahimiiyaan yeroo kadhannaa godhuttis ta’e isa booda amantii akka qabu argisiisuusaatiin maaltu raawwatame?

16 Nahimiiyaan inni Dh.K.D. jaarraa shanaffaatti jiraateefi nama qajeelaa ta’es, yeroo kadhannaa dhiheessuttis ta’e isa booda amantii akka qabu argisiiseera. Akkas jechuudhaan kadhatee ture: “Hadaraa yaa Waaqayyo, gurri kee kadhata garbicha keetii fi kadhata garboota kee warra maqaa kee sodaachuun itti toluu haa dhaggeeffatu! Ani garbichi kee fuula nama kanaa duratti faara tolaadhaan akkan ilaalamuuf garaa isaa anaaf laaffisi!” “Nama kana” kan jedhame eenyudha? Namni kun Mootii warra Faares Artashaastaa isa Nahimiiyaan dhugaatii dhiheessituusaa ta’ee tajaajiludha.—Nah. 1:11.

17 Nahimiiyaan, Yihudoonni boojuu Baabilonii deebi’an “rakkina guddaadhaa fi miidhama keessa jiru; dallaan Yerusaalem inni dhagaan diigameera” dubbii jedhu yommuu dhaga’u, guyyoota hedduudhaaf amantiidhaan kadhannaa dhiheessee ture. (Nah. 1:3, 4) Artashaastaa Mootichi, Nahimiiyaan gara Yerusaalem dhaqee dallaashee deebisee akka ijaaruuf heyyama kan isaaf kenne si’a ta’u, kadhannaan Nahimiiyaas hanga inni eegee olitti deebii argateera. (Nah. 2:1-8) Dallichis baay’ee utuu hin turin haaromfame. Kadhannaan Nahimiiyaa deebii kan argate, waaqeffannaa dhugaarratti kan xiyyeeffateefi amantiidhaan kan dhihaate waan tureefidha. Kadhannaankee kan akkasiitii?

Jajaafi Galata Dhiheessuu Hin Irraanfatin

18, 19. Sababiiwwan tajaajilaan Yihowaa tokko Waaqayyoon akka jajuufi akka galateeffatu gochuu qaban maalfa’i?

18 Kadhannaakee keessatti Yihowaa jajuufi galateeffachuu hin irraanfatin. Sababiiwwan akkas gochuuf nu kakaasan hedduutu jira! Fakkeenyaaf, Daawit waa’ee mootummaasaatiif Yihowaa jajuuf hawwii akka qabu argisiiseera. (Faarfannaa 145:10-13 dubbisi.) Kadhannaankee mirga Mootummaa Yihowaa beeksisuuf argatte akka dinqisiifattu ni argisiisaa? Kana malees, yaadawwan Macaafa faarfannaa keessatti argaman, dinqisiifannaa walga’iiwwan gumii, addaa, aanaafi koonyaatiif qabdu kadhannaa garaadhaa maddeen Waaqayyoof ibsuuf si gargaaruu danda’u.—Far. 27:4; 122:1.

19 Dinqisiifannaan hariiroo gaarii Waaqayyoo wajjin hundeeffatteef qabdus, kadhannaa yaada armaan gadii qabuufi garaadhaa madde dhiheessuuf si kakaasa ta’a: “Ani namoota keessatti sin galateeffadha, yaa gooftaa, saba lafa irraa keessattis faarfannaadhaan sin jajadha; gaarummaan kee hamma bantii waaqaatti in guddata, amanamummaan kees hamma duumessaa in ga’a. Bantiiwwan waaqaa gararraatti ol ka’i, yaa Waaqayyo! Ulfinni kees lafa hundumaa irratti ol haa jedhu!” (Far. 57:9-11) Yaada baay’ee nama jajjabeessu mitii! Yaadawwan macaafa Faarfannaarratti argamaniifi garaa nama tuqan qabiyyee kadhannaa keerratti jijjiirama akka fidan, akkasumas kadhannaakee fooyyeffachuuf akka si gargaaran homaa hin shakkisiisu!

Ulfina Guddaa Akka Qabdu Karaa Argisiisuun Kadhadhu

20. Maariyaam ulfina guddaa Waaqayyoof qabdu akkamitti argisiiste?

20 Kadhannaankee Waaqayyoof ulfina guddaa akka qabdu kan argisiisu ta’uu qaba. Maariyaam, haadha Masiihichaa akka taatu erga hubattee booda, yaanni isheen karaa ulfina guddaa akka qabdu argisiisuun dubbatte, yaada Haannaan Saamu’el isa mucaa xinnoo ture godoo qulqullaa’aa keessatti akka tajaajiluuf yommuu dhiheessite dubbattee wajjin wal fakkaata. Maariyaam, “Garaan koo gooftaa kootiif hooqubaa dhi’eessa; hafuurri koos Waaqayyo fayyisaa kootti in ililcha” jettee dubbachuunshee Waaqayyoof ulfina guddaa akka qabdu kan argisiisudha. (Luq. 1:46, 47) Atoo yaadawwan akkasii kadhannnaa keetti dabaluudhaan kadhannaakee fooyyessuu dandeessaa? Dhugumayyuu, Maariyaam isheen nama Waaqayyoo taate haadha Masiihichaa akka taatuuf filatamuunshee nu dinqisiisuu hin qabu!

21. Kadhannaan Yesus ulfina guddaafi amantii guutuu akka qabu kan argisiisu akkamitti?

21 Kadhannaan Yesus ulfina guddaafi amantii guutuu akka qabu kan argisiisu ture. Fakkeenyaaf Alaazaariin du’aa kaasuusaa dura, “Ol ilaalee, ‘Yaa abbaa! Anaaf dhaga’uu keetiif sin galateeffadha. Akka ati yeroo hundumaa anaaf dhageessu, ani beekeera’” jedheera. (Yoh. 11:41, 42) Kadhannaankee, ulfina guddaafi amantii akkasii akka qabdu kan argisiisudhaa? Kadhannaa Yesus akka fakkeenyaatti kenneefi ulfina guddaa argisiisu xiyyeeffannaadhaan qo’adhu; kadhannaa kanarratti wantoonni akka gaariitti addeeffaman maqaan Yihowaa qulqulluu ta’ee eegamuu, Mootummaansaa dhufuufi jaalallisaa akka raawwatamu gochuu akka ta’e ilaaluu dandeessa. (Mat. 6:9, 10) Mee kadhannaankee maal akka fakkaatu yaadi. Kadhannaankee Mootummaa Yihowaatiif, jaalallisaa akka raawwatamuufi maqaansaa qulqulluu ta’ee akka eegamuuf xiyyeeffannaa guddaa akka kennitu kan argisiisudha? Eeyyee kana kan argisiisu ta’uu qaba.

22. Yihowaan misiraachicha lallabuuf ija jabina akka sii kennu mirkanaa’aa ta’uu kan dandeessu maaliifi?

22 Tajaajiltoonni Yihowaa, ari’atamni ykn rakkoowwan garabiraan waan isaanirra ga’aniif, yeroo baay’ee kadhannaansaanii gargaarsa ija jabinaan Yihowaa tajaajiluuf isaan dandeessisu argachuuf kadhachuu kan dabalatudha. Yaa’iin warra Yihudootaa Phexrosiifi Yohannis “maqaa Yesusiin raawwatanii akka hin dubbannee fi akka hin barsiifne” yommuu isaan dhowwan, ergamoonni kun kana gochuurraa dubbatti akka hin jenne ija jabinaan dubbataniiru. (HoE. 4:18-20) Erga gadhiisamanii boodas wanta isaan mudate namoota hidhata amantiisaaniitti himan. Sana boodas, namoonni achi turan hundi Dubbiisaa ija jabinaan akka dubbataniif Waaqayyo akka isaan gargaaru kadhannaa dhiheessan. Kadhannaansaanii deebii argatee “hafuura qulqulluudhaan guutamanii, dubbii Waaqayyoo ija jabummaadhaan dubbach[uu]” yommuu jalqaban baay’ee gammadanii ta’uu qaba! (Hojii Ergamootaa 4:24-31 dubbisi.) Kanaan kan ka’es, namoonni hedduun Yihowaa waaqeffachuu danda’aniiru. Kadhannaan, siinis misiraachicha ija jabinaan lallabuuf si gargaaruu danda’a.

Kadhannaakee Fooyyeffachuu Itti Fufi

23, 24. (a) Fakkeenyawwan Macaafa Qulqulluu qayyabachuunkee qabiyyee kadhannaakee fooyyeffachuuf akka si gargaaru argisiisan garabiraa caqasi. (b) Qabiyyee kadhannaakee fooyyeffachuuf maal gochuu yaaddeetta?

23 Macaafa Qulqulluu dubbisuufi qayyabachuun, qabiyyee kadhannaakee fooyyeffachuuf akka si gargaaru fakkeenyawwan argisiisan hedduu caqasuun ni danda’ama. Fakkeenyaaf, atis akka Yoonaas “fayyisuun kan Waaqayyoo” ta’uusaa akka amantu kadhannaa keerratti caqasuu dandeessa. (Yon. 2:1-10) Cubbuu cimaa gargaarsa jaarsolii barbaachisu raawwachuu keetiin dhiphachaa kan jirtu taanaan, faarfannaan Daawit inni yaada kadhannaa of keessaa qabu, yeroo dhuunfaatti kadhannaa dhiheessitu qalbii akka jijjiirrattu ibsuuf si gargaaruu danda’a. (Far. 51:1-12) Kadhannaawwan tokko tokkorrattimmoo, akka Ermiyaas Yihowaa jajuu dandeessa. (Er. 32:16-19) Hiriyaa gaa’elaa kan barbaaddu taanaan, kadhannaa Izraa boqonnaa 9⁠rratti argamu qo’achuufi dhuunfaatti kadhannaa gochuunkee, murtoo “nama amane[e]” wajjin qofa gaa’ela dhaabachuudhaan Waaqayyoof abboomamuuf goote caalaatti sii cimsuu danda’a.—1 Qor. 7:39; Iz. 9:6, 10-15.

24 Macaafa Qulqulluu dubbisuu, qayyabachuufi qorachuukee itti fufi. Xuqaawwan kadhannaakeetti dabaluu dandeessu barbaadi. Himata, jajaafi kadhannaa galataa yommuu dhiheessitu yaadawwan Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’an kana kadhannaa keerratti itti fayyadamuu dandeessa ta’a. Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan qabiyyee kadhannaakee kan fooyyeffattu taanaan, yeroo kamiyyuu caalaatti Yihowaatti dhihaachaa akka adeemtu mirkanaa’aa ta’uu dandeessa.

Maal Jettee Deebista?

• Qajeelfama Waaqayyoo barbaaduufi hordofuu kan qabnu maaliifi?

• Ogummaa argachuuf akka kadhannu kan nu kakaasuu maal ta’uu qaba?

• Macaafni Faarfannaa qabiyyee kadhannaa keenyaa fooyyeffachuuf nu gargaaruu kan danda’u akkamitti?

• Amantiifi ulfina guddaa akka qabnu karaa argisiisuun kadhachuu kan qabnu maaliifi?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 8rra jiru]

Hojjetaan Abrahaam qajeelfama Waaqayyoo argachuuf kadhateera. Atoo?

[Fakkii fuula 10rra jiru]

Waaqeffannaan Maatii kadhannaakee fooyyeffachuuf si gargaaruu danda’a