Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Guddinni Keessan Akka Argamu Godhaa

Guddinni Keessan Akka Argamu Godhaa

Guddinni Keessan Akka Argamu Godhaa

“Namoonni hundinuu itti guddachaa adeemuu kee akka arganitti, kennaa kanaan hojjedhu! Ittis of gad dhiisi!” —1 XIM. 4:15.

1, 2. Jireenya Ximotewos isa duraafi jijjiirama yeroo umriinsaa gara waggaa 20 turetti ta’e ilaalchisee maal beekna?

KUTAA biyya Roomaa kan taate Galaatiyaan, isheen yeroo ammaatti Turki jedhamtu, biyya dhalootaa Ximotewos turte. Erga Yesus du’ee kaasee waggoota kudhaniin lakkaa’aman gidduutti, bakka kanatti gumiiwwan hedduun hundeeffamaniiru. Ximotewos dargaggeessichi, haatisaafi akkoonsaa Kiristiyaanota kan ta’an si’a ta’u, gumiiwwan sana keessaa isa tokko keessatti sochii gaarii godhu turan. (2 Xim. 1:5; 3:14, 15) Jireenyi dargaggummaa Ximotewos yeroo dargaggummaa haalawwan baramoo akkasii keessatti Kiristiyaana ta’uudhaan dabarse gammachiisaa akka ture homaa hin shakkisiisu. Akka tasaa garuu haalawwansaa jijjiiramuu jalqaban.

2 Haalli Ximotewos jijjiiramuu kan jalqabe, yeroo Phaawulos ergamaan naannoo sanatti daawwannaa lammaffaa godhettidha. Yeroo sanatti Ximotewos umriinsaa tarii gara dhuma waggoota kurnanii ykn jalqaba digdammanii ta’a. Phaawulos, Ximotewos “amantoota . . . biratti maqaa gaarii” akka qabu kan hubate, yeroo daawwanna godhu kanatti si’a ta’u kunis Lisxiraatti ta’uu hin oolu. (HoE. 16:2) Ximotewos, umriinsaa xinnoo ta’us, ga’eessa akka ta’e argisiisee ta’uu qaba. Kanaaf, Phaawulosiifi jaarsoliin gumii sanaa qajeelfama hafuura qulqulluutiin harkasaanii isarra kaa’uudhaan Ximotewosiin gumicha keessatti hojii adda ta’eef isa muudaniiru.—1 Xim. 4:14; 2 Xim. 1:6.

3. Ximotewos mirga tajaajilaa adda ta’e akkamii argate?

3 Ximotewos, adeemsa Phaawulos ergamaarratti hidhatasaa akka ta’u afeerriin adda ta’e isaa dhihaatee ture! (HoE. 16:3) Yeroo kanatti naasuufi gammachuu isatti dhaga’amee ture tilmaamaa! Waggoota ittaananitti Ximotewos, Phaawulosiifi yeroo tokko tokkommoo obboloota kaanii wajjin adeemuudhaan, hojiiwwan addaddaa ergamoonniifi jaarsoliin isaa kennan raawwachuutu isa eega ture. Daawwannaan Phaawulosiifi Ximotewos, godhan obboloonni hedduun karaa hafuuraa akka jajjabaatan gumaacha guddaa godheera. (Hojii Ergamootaa 16:4, 5 dubbisi.) Kanaan kan ka’es, Ximotewos guddina karaa hafuuraa godheen Kiristiyaanota hedduu biratti beekamaa ta’ee ture. Phaawulos naannoo waggaa kudhaniitiif Ximotewosii wajjin erga hojjetee booda, Kiristiyaanota Filiphisiiyusiif akkas jechuudhaan barreesseera: “Ani nama akka kootti garaa qulqulluudhaan waa’ee keessaniif yaadu [Ximotewosiin] malee hin qabu. . . . Ximotewos nama dhimma baase ta’uu isaa garuu, akka ilmi abbaa isaaf hojjetutti anaaf hojjetee, anaa wajjinis hojii wangeelaa hojjechaa akka ture isinis in beektu.”—Filp. 2:20-22.

4. (a) Ximotewosiif itti gaafatamummaa guddaa akkamiitu kenname? (b) Wanta Phaawulos 1 Ximotewos 4:15⁠rratti dubbate ilaalchisee gaaffiiwwan akkamiitu ka’uu danda’a?

4 Phaawulos naannoo yeroo warra Filiphisiiyusiif barreessetti, Ximotewos jaarsoliifi tajaajiltoota gumii akka muudu itti gaafatamummaa guddaa isaa kenneera. (1 Xim. 3:1; 5:22) Kanarraa hubachuun akka danda’amutti, Ximotewos ilaaltuu olaanaa amanamaa ta’ee ture. Haata’u malee, xalayuma sanarratti Phaawulos, Ximotewos ‘nama hundumaatti guddachaa adeemuusaa akka argisiisu’ isa gorseera. (1 Xim. 4:15) Ximotewos sana dura guddachuusaa akka gaariitti argisiiseera mitii? Phaawulos maal jechuusaa tureree? Nuhoo gorsa inni kennerraa fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

Karaawwan Guddina Hafuuraa Gochuu Keenya Itti Argisiisnu

5, 6. Qulqullinni hafuuraa gumii Efesoon balaaf saaxilamee kan ture akkamitti? Ximotewos gumii sana balaa sanarraa eeguu kan danda’u akkamitti ture?

5 Mee yaada naannoo 1 Ximotewos 4:15⁠rra jiru haa qorru. (1 Ximotewos 4:11-16 dubbisi.) Phaawulos yaada kana barreessuusaa dura, Ximotewos Efesoonitti akka hafu gochuudhaan gara Maqedooniyaa dhaqee ture. Maaliif? Namoonni magaalattii keessa jiran tokko tokko, gumicha keessatti barumsa sobaa barsiisuudhaan qoqqoodama uumuu jalqabanii turan. Ximotewos gumichi karaa hafuuraa qulqulluu ta’ee akka itti fufuuf eeguu qaba ture. Kana kan raawwatu akkamitti? Karaan inni tokko, fakkeenya gaarii warri kaan hordofuu danda’an kaa’uudha.

6 Phaawulos, “Dubbii afaan keessaa ba’uun, akka jireenyaatiin, jaalalaan, amantiidhaan, of qabuudhaanis [‘qulqullummaadhaanis,’ hiika bara 1899] amantootaaf fakkeenya ta’i!” jechuudhaan Ximotewosiif barreesseera. Itti dabaluudhaanis, “Namoonni hundinuu itti guddachaa adeemuu kee akka arganitti, kennaa kanaan hojjedhu! Ittis of gad dhiisi!” isaan jedheera. (1 Xim. 4:12, 15) Guddinni asirratti ibsame aangoo Ximotewos wajjin utuu hin ta’in amalawwan gaarii inni argisiisuu qabuu wajjin kan wal qabatedha. Kiristiyaanni hundumtuu guddina akkasii argisiisuuf fedhii qabaachuu qaba.

7. Miseensota gumii hundarraa maaltu eegama?

7 Akkuma bara Ximotewos har’as, gumii keessatti itti gaafatamummaan addaddaa jira. Obboloonni tokko tokko jaarsolii ykn tajaajiltoota gumii ta’anii tajaajilu. Kaanimmoo qajeelchitoota ta’anii tajaajilu. Kaanis, daawwattoota olaanaa, miseensota maatii Bet’el ykn misiyoonota ta’anii tajaajilu. Jaarsoliin, sagantaawwan barsiisuu kan akka walga’ii addaa, aanaafi koonyaarratti ni hirmaatu. Haata’u malee, Kiristiyaanonni hundi jechuunis dhiironni, dubartoonniifi ijoolleen, karaa hafuuraa guddachuusaanii argisiisuu ni danda’u. (Mat. 5:16) Kiristiyaanonni itti gaafatamummaa adda ta’e qabanillee, akkuma Ximotewos amala gaarii qabaachuudhaan karaa hafuuraa guddachuusaanii namni hundi akka argu gochuun isaanirraa eegama.

Dubbiidhaan Fakkeenya Ta’aa

8. Dubbiin keenya waaqeffannaa keenyarratti dhiibbaa maalii qaba?

8 Karaan Ximotewos fakkeenya itti ta’uu qabu inni tokko dubbiidhaan ture. Nuhoo gama kanaan guddinni keenya akka mul’atu gochuu kan dandeenyu akkamitti? Wanti dubbannu eenyummaa keenya ni argisiisa. Yesus, “Waan garaa namaa keessa guute afaan dubbata” jechuunsaa sirriidha. (Mat. 12:34) Obboleessa Yesus kan ta’e Yaaqoobis, dhiibbaa dubbiin keenya waaqeffannaa keenyarratti qabaachuu danda’u hubatee ture. Akkas jechuudhaan barreesseera: “Namni, nama amantii qabu of se’ee, arraba isaatti immoo luugama hin keenye, inni of sossoba malee, amantiin isaa waa’ee hin baasuuf.”—Yaq. 1:26.

9. Dubbiin keenya karaawwan kamiin fakkeenya ta’uu qaba?

9 Dubbiin keenya, warra gumii keessatti argaman kaaniif karaa hafuuraa hammam akka guddanne ibsuu danda’a. Kanaafuu, Kiristiyaanonni karaa hafuuraa guddatan, dubbii ulfina hin qabne, sirrii hin taane, nama ceepha’u ykn nama miidhu dubbachuu mannaa, nama jajjabeessuuf carraaqqii godhu. (Fak. 12:18; Efe. 4:29; 1 Xim. 6:3-5, 20) Seerri Waaqayyoo hundarra akka caalu warra kaanitti himuuf qophaa’oo ta’uufi seerawwan kana hojiirra oolchuu akka barbaannu dubbachuun keenya, Waaqayyoof kan bulle ta’uu keenya argisiisuu danda’a. (Rom. 1:15, 16) Namoonni garaa qajeelaa qaban, dandeettii dubbachuuf qabnutti akkamitti akka fayyadamnu kan hubatan ta’uusaarrayyuu, fakkeenya keenya hordofuu danda’u.—Filp. 4:8, 9.

Akkaataa Jireenyaafi Qulqullina Keenyaan Fakkeenya Ta’uu

10. Karaa hafuuraa guddachuuf, amantiin fakkeessitummaarraa walaba ta’e kan barbaachisu maaliifi?

10 Kiristiyaanni tokko dubbii nama jajjabeessu dubbachuusaa caalaa wanti barbaachisaa ta’e, fakkeenya gaarii ta’uusaati. Namni tokko waan sirrii kan dubbatu ta’ullee, waan sana hojiirra kan hin oolchine yoo ta’e fakkeessituu ta’uusaati. Phaawulos fakkeessitummaa Fariisotaafi miidhaa gochisaanii qabu sirriitti beeka ture. Fakkeessitummaafi soba akkasii ilaalchisee Phaawulos Ximotewosiin al tokko caalaa akeekkachiiseera. (1 Xim. 1:5; 4:1, 2) Ximotewos garuu fakkeessituu hin turre. Phaawulos xalayaa lammaffaa Ximotewosiif barreesserratti, “Amantiin kee garaa qulqulluudhaan ta’uun isaa anatti yaadatama” jedheera. (2 Xim. 1:5) Ta’us, Ximotewos ammas akka Kiristiyaana tokkootti garaa qulqulluu qabaachuusaa argisiisuun isa barbaachisa. Akkaataa jireenyaasaatiin fakkeenya ta’uu qaba ture.

11. Phaawulos qabeenya ilaalchisee Ximotewosiif maal barreesse?

11 Phaawulos ergaawwan lamaan Ximotewosiif barreesserratti, waa’ee amalawwan addaddaa isa gorseera. Fakkeenyaaf Ximotewos qabeenya hordofuurraa of qusachuu qaba ture. Phaawulos akkas jedhee barreesseera: “Horii jaallachuun hundee wanti hamaan hundinuu irraa latuu dha; namoonni gar tokko yaada isaanii horii argachuu irra kaa’atanii, amanticha irraa badaniiru, waraansa baay’eedhaanis of waraananiiru.” (1 Xim. 6:10) Jaalalli qabeenyaa, namni tokko karaa hafuuraa dadhabaa ta’uusaa argisiisa. Karaa biraammoo, Kiristiyaanonni jireenya salphaa jiraachuutti, jechuunis ‘waan ittiin jiraataniifi wanta keessa jiraatan’ qabaachuutti gammadan, karaa hafuuraa guddachaa akka jiran argisiisu.—1 Xim. 6:6-8; Filp. 4:11-13.

12. Guddinni keenya jireenya keenyaan akka mul’atu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

12 Phaawulos, dubartoonni Kiristiyaana ta’an “uffata qajeelaa fakkaatu akka ta’utti uffachuudhaan maal naan jedhuudhaan, of qabuudhaanis” jiraachuunsaanii barbaachisaa akka ta’e Ximotewosiif ibseera. (1 Xim. 2:9) Dubartoonni uffannaafi miidhagina ilaalchisee filannaa godhaniinis ta’e, haala jireenyaa kaaniin maal naan jedhuu beekaniifi of qaban fakkeenya gaarii ta’u. (1 Xim. 3:11) Seerri bu’uuraa kun, dhiirota Kiristiyaana ta’aniifis ni hojjeta. Phaawulos ilaaltuun olaanaa tokko nama “of eeggataa,” [hiika bara 1899] “nama of qabu, nama ulfinaa” ta’uu akka qabu gorseera. (1 Xim. 3:2) Sochii guyyaa guyyaadhaan goonuun amalawwan kana yeroo argisiisnu, guddinni keenya nama hundumaatti ni mul’ata.

13. Akkuma Ximotewos qulqullummaadhaan fakkeenya ta’uu kan dandeenyu akkamitti?

13 Ximotewos qulqullummaadhaanis fakkeenya gaarii ta’uu qaba ture. Phaawulos jecha kanatti fayyadamuudhaan, addumaan baasee waa’ee addaggummaa saalaa dubbachuusaa ture. Ximotewos keessumaa walitti dhufeenya dubartootaa wajjin qabuun, maqaa gaarii qabaachuun isa barbaachisa ture. “Dubartoota maangoddoota akka haadhotaatti, warra gara ijoollees yaada qullaa’aadhaan akka obboleetotaatti” qabuutu isarra jira ture. (1 Xim. 4:12; 5:2) Gochawwan addaggummaa dhoksaa fakkaatanillee, Waaqayyo biratti ni beekamu; oolee bulees namoota biratti akka beekaman homaa hin shakkisiisu. Haata’u malee, gochi gaariin Kiristiyaanni tokko raawwates dhokatee hin hafu. (1 Xim. 5:24, 25) Miseensonni gumii hundi, guddinnisaanii amalaafi qulqullummaasaaniitiin akka argamu gochuuf carraa qabu.

Jaalalliifi Amantiin Barbaachisaadha

14. Caaffanni Qulqullaa’oon, wal jaallachuun barbaachisaa ta’uusaa kan addeessan akkamitti?

14 Amalli Kiristiyaanummaa dhugaan ittiin beekamu inni guddaan jaalaladha. Yesus bartootasaatiin, “Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku” jedheera. (Yoh. 13:35) Jaalala akkasii akkamitti argisiisna? Dubbiin Waaqayyoo “Jaalalaanis waliif danda’aa!” “Walitti kan toltan, garaas kan waliif laaftan ta’aa; . . . waliif dhiisaa!” jedha. Akkasumas keessummoota akka simannu irra deddeebi’ee nu gorsa. (Efe. 4:2, 32; Ibr. 13:1, 2) Phaawulos ergamaan, “Jaalala obbolummaatiin ho’isaa wal jaalladhaa” jechuudhaan barreesseera.—Rom. 12:10.

15. Kiristiyaanonni hundi, keessumaammoo ilaaltonni olaanaa jaalala argisiisuunsaanii barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

15 Ximotewos Kiristiyaanota hidhatasaa ta’anitti kan garaa jabaatu utuu ta’ee, wanti gaariin inni barsiisaafi ilaaltuu olaanaa ta’uudhaan raawwate faayidaa hin qabaatu ture. (1 Qorontos 13:1-3 dubbisi.) Karaa biraatiinimmoo, Ximotewos jaalala dhugaa obbolootasaatiif qabu jechaan qofa utuu hin ta’in, keessummoota simachuufi wanta gaarii isaaniif gochuudhaan ibsuunsaa, karaa hafuuraa guddachuusaa argisiisa. Kanaaf, Phaawulos ergaa isaaf barreesserratti, amalawwan inni fakkeenya ittiin ta’uu qabu keessaa tokko jaalala ta’uusaa addaan baasee caqasuunsaa sirrii ture.

16. Ximotewos amantii jabaa argisiisuun kan isa barbaachise maaliif ture?

16 Ximotewos yeroo Efesoon keessa turetti amantiinsaa qoramee ture. Namoonni tokko tokko, barumsawwan dhugaa wajjin wal hin simne babal’isaa turan. Kaanimmoo “mammaaksa amantii” kan babal’isan ykn yaadawwan gumichaaf dhimma hin baasne kan qoratan turan. (1 Ximotewos 1:3, 4 dubbisi.) Phaawulos nama akkasii ilaalchisee akkas jedheera: “Of bokoksuudhaan of arguu dhabe, homaas hin beeku; yaadni isaa waan irratti dhukkubsateef waliin morkachuu fi wal diduu dhiisuu hin danda’u.” (1 Xim. 6:3, 4) Ximotewos yaadawwan gadhee gumicharratti balaa geessisan tuffatee bira darbuu danda’a turee? Phaawulos ‘wal’aansoo amantii isa gaarii sana jabeessee akka qabu,’ akkasumas “dubbii midhaan hin qabne isa wanta qulqullaa’aadhaan mormu irraa, wanta sobaa isa ‘Beekumsa’ jedhame dhugaadhaan mormu irraas” akka fagaatu waan isa gorseef matumaa akkas gochuu hin danda’u ture. (1 Xim. 6:12, 20, 21) Ximotewos gorsa Phaawulos hojiirra oolchee akka ture homaa hin shakkisiisu.—1 Qor. 10:12.

17. Yeroo har’aatti amantiin keenya qoramuu kan danda’u akkamitti?

17 “Bara booddeetti namoonni tokko hafuurota wallaalchisoodhaa fi barsiisa hafuurota hamootaa duukaa bu’anii, amantii wangeelaa irraa akka garagalan” Ximotewositti himamuunsaa xiyyeeffannaa namaa kan hawwatudha. (1 Xim. 4:1) Warra itti gaafatamummaa qaban dabalatee obboloonni gumii hundi, akkuma Ximotewos amantii cimaa qabaachuunsaanii barbaachisaadha. Gantummaa mormuuf ejjennoo cimaafi murteessaa ta’e fudhachuudhaan, guddina keenya argisiisuufi amantiidhaan fakkeenya ta’uu dandeenya.

Guddina Keessan Argisiisuuf Carraaqaa

18, 19. (a) Guddinnikee nama hundumaatti akka argamu gochuu kan dandeessu akkamitti? (b) Matadureen ittaanu waa’ee maalii ibsa?

18 Ifatti ilaaluun akka danda’amutti, guddinni hafuuraa Kiristiyaana tokkoo bifa, dandeettii uumamaa ykn beekamummaasaa wajjin kan walqabate miti. Kana malees, gumii keessatti waggoota baay’ee tajaajiluudhaan mul’ata jechuun hin danda’amu. Kanaa mannaa, guddinni hafuuraa dhugaa ta’e, yaadaan, dubbiifi amalaan Yihowaaf ajajamuudhaan argisiifama. (Rom. 16:19) Ajaja akka wal jaallannuufi amantaa jabaa akka qabaannu nuu kenname hojiirra oolchuu qabna. Egaa, guddinni keenya nama hundumaatti akka argamu gochuuf, yaada Phaawulos Ximotewosiif kennerratti haa yaannu, ittis of haa gadhiisnu.

19 Amalli guddina karaa hafuuraa goonurratti mul’atu kan biraanimmoo, gammachuu isa ija hojii hafuuraa keessaa tokko ta’edha. (Gal. 5:22, 23) Matadureen ittaanu, yeroo rakkinaatti gammachuu argachuufi gammachuu keenya eeggachuu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e ibsa.

Maal Jettee Deebista?

• Warri kaan dubbii keenyaarraa waa’ee keenya maal hubachuu danda’u?

• Guddinni keenya, akkaataa jireenyaa keenyaan kan argamu akkamitti?

• Kiristiyaanonni jaalalaafi amantiidhaan fakkeenya ta’uu kan qaban maaliifi?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 11rra jiru]

Ximotewos umriinsaa xinnoo ta’us ga’eessa akka ta’e argisiiseera

[Fakkii fuula 13rra jiru]

Guddinnikee namootatti ni argamaa?