Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Itti Gaafatamummaan Sitti Baay’atuyyuu Waaqayyoon Tajaajiluutti Gammadi

Itti Gaafatamummaan Sitti Baay’atuyyuu Waaqayyoon Tajaajiluutti Gammadi

Itti Gaafatamummaan Sitti Baay’atuyyuu Waaqayyoon Tajaajiluutti Gammadi

YIHOWAAN akka gammaddu barbaada. (Far. 100:2) Tajaajiltootasaa keessaa tokko waan taateef hojiidhaan kan muddamte ta’uu dandeessa. Tarii yeroo Waaqayyoof of murteessitetti hamma kana hojiidhaan hin muddamne ta’a; amma garuu, hojiin dhuunfaakeefi itti gaafatamummaan hafuuraa ba’aa akka sitti ta’an sitti dhaga’amuu danda’a. Waan hojjechuu barbaaddu hunda waliin ga’uu dadhabuukeetiin of ceephaata ta’a. Waan hunda wal qixxeessuufi ‘gammachuu Waaqayyo sii kennu’ eegdee jiraachuu kan dandeessu akkamitti?—Nah. 8:10.

Kan jiraattu yeroo rakkisaa ta’e keessa waan ta’eefi dhiibbaawwan hedduun waan sirra ga’aniif, waan hojjettu akka gaariitti qindeessuun si barbaachisa. Karaa kanaan gorsi Phaawulos ergamaan hafuuraan geggeeffamee akkas jechuudhaan kenne si gargaaruu danda’a: “Attamitti akka deddeebitan haleelaa ilaalladhaa! Akka warra ogeessotaatti malee, akka warra ogeessota hin ta’iniitti hin jiraatinaa! Guyyoonni kun guyyoota gadhee waan ta’aniif, yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjedhaa!”—Efe. 5:15, 16.

Gorsa gaarii kanaa wajjin haala walsimuun, galma irra ga’uu dandeessu baasuu, akkasumas qayyabannaa dhuunfaa, itti gaafatamummaa maatii, tajaajila, hojii dhuunfaafi sochiiwwan barbaachisaa ta’an kaaniif yeroo ga’aa ramaduu kan dandeessu akkamitti?

Gammachuu yeroo Waaqayyoof of murteessiteefi cuuphamte sitti dhaga’ame ni yaadattaa? Gammachuu sana kan argatte waa’ee Yihowaafi kaayyoosaa beekuu keetiini. Hubannaafi gammachuu kana argachuuf, ji’oota hedduudhaaf dhimmitee qayyabachuun si barbaachiseera ta’a. Kunis wanta carraaqqiin godhamuufii qabu ture. Qayyabannaan sun, jireenyakee fooyyessuuf si gargaareera.

Gammachuukee eeguuf, karaa hafuuraa of sooruukee itti fufuun si barbaachisa. Macaafa Qulqulluu dubbisuufi qayyabachuuf yeroo argachuun si rakkisaa jira taanaan, sagantaakee sakatta’i. Guyyaa guyyaatti daqiiqaa muraasaaf qayyabachuufi xiinxaluunillee caalaatti gara Yihowaatti kan si dhiheessu ta’uusaarrayyuu, gammachuu akka sii argamsiisu beekamaadha.

Tajaajiltoonni Waaqayyoo hedduun, yeroo wantoota baay’ee barbaachisaa hin taanerratti dabarsanirraa hir’isanii, sochiiwwan baay’ee barbaachisaa ta’aniif yeroo argachuu ni danda’u. Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Barruulee biyya lafaa ykn gaazexaa dubbisuu, televijiinii ilaaluu, muuziqaa dhaggeeffachuu ykn waanan jaalladhu tokko hojjechuurratti yeroo hammamiin dabarsa?’ Sochiiwwan akkasii gammachuu argamsiisuu kan danda’an, iddoosaanii eeganii yoo raawwataman qofadha. (1 Xim. 4:8) Kan rakkoo sitti ta’e akkaataa yerookeetti itti fayyadamtu akka ta’e yoo sitti dhaga’ame, sagantaa keerratti sirreeffama gochuuf tarkaanfii fudhadhu.

Abbaa manaafi jaarsa gumii akkasumas abbaa ijoollee sadii kan ta’e Addaam, wanta isa gargaare akkas jechuudhaan ibseera: “Jireenya salphaa jiraachuufan carraaqa. Sochiiwwan yeroo namaa gubaniifi qabeenyawwan xiyyeeffannaa barbaadanirraa ofan qusadha. Kana jechuunkoo garuu, jireenya gadadoon jiraadha jechuukoo miti; bohaartii salphaa ta’een nan gammada.”

Bu’aa gaarii murtoonkee siif argamsiiserratti xiinxaluun, gammachuukee akka hin dhabneefi ilaalcha ni ta’a jedhu qabaattee akka jiraattu si gargaaruu danda’a. Fakkeenyaaf jaarsi gumii Maaryush jedhamuufi abbaa ijoollee sadii ta’e akkas jedheera: “Yeroon Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabe, waa’ee gara fuulduraa waan gaggaariin yaada ture. Hanga ammaattiyyuu yeroodhaa gara yerootti, rakkoowwan baay’eesaanii Yihowaa qofti beekun qaba. Haata’u malee, gargaarsasaatiif galanni haa ta’uutii yeroo gara fuulduraa gammachuudhaan eeggachaan jira.”

Akkuma haala Maaryushirraa hubannu, ilaalcha ni ta’a jedhu qabaachuun, dhiphina sirra ga’u hundarraa si hin oolchu. Ta’uyyuu, isa duraarra fooyya’iinsa akka qabaattuufi rakkina si mudatu karaa caalaatti bu’aa qabuun danda’uuf si gargaaruu danda’a. Akkas kan jedhu dubbisna: “Hiyyeessaaf [‘nama garaansaa gadduuf,’ hiika bara 1899] guyyaan hundinuu hamaa dha, garaa gammachuu qabuuf garuu, guyyaan hundinuu cidha.” (Fak. 15:15) Jaalala Waaqayyo hamma ammaatti sitti argisiiserrattis xiinxali. Kana gochuunkee, jaalala isaaf qabdu sii jabeessuufi gammachuukee sii guddisuu danda’a.—Mat. 22:37.

Maatiin tokko jireenyasaa keessatti Yihowaafi fedhasaatiif dursa kennuunsaa, gammachuusaa guddisaaf. Amala Kiristiyaanummaa argisiisuun, walitti bu’iinsa hir’isuusaarrayyuu, walitti dhufeenyi miseensota maatii gidduu jiru cimaafi gammachiisaa akka ta’u godha. Akkas taanaan, manni keessan guutummaa maatichaatiif bakka boqonnaa nagaafi tokkummaan keessa guute ta’a.—Far. 133:1.

Maatiidhaan sochiiwwan hafuuraarratti hirmaachuun, gammachuu dhugaa argamsiisa. Maaryush akkas jedha: “Yeroo maatiidhaan taanee dabarsinuuf bakka guddaan kenna. Haati manaakoo baay’ee na gargaarti. Yeroon tajaajila ba’us ta’e walga’iin koonyaa godhamuusaa dura bakka walga’ii yeroon qulqulleessu, akkasumas yeroon haasawaa kennuuf gumii kan biraa dhaqu, hanga danda’ametti ana duukaa taati. Kun baay’ee na jajjabeessa.”

Caaffanni Qulqullaa’oon, Kiristiyaanonni wanta maatiisaaniitiif barbaachisu akka dhiheessan ajaju. (1 Xim. 5:8) Haata’u malee, hojiin dhuunfaa yeroofi humnakee keessaa baay’eesaa kan fudhatu yoo ta’e, gammachuu tajaajila Waaqayyoorratti argattu si jalaa balleessuu danda’a. Dhimma kana kadhannaadhaan Yihowaatti himi. (Far. 55:22) Obboloonni tokko tokko, Mootummaa Waaqayyootiif dursa kennuuf, hojii jijjiirrachuuf murteessaniiru. Kiristiyaanni kamiyyuu, qarshiin hedduun hojii yeroo baay’eefi humna guddaa gaafaturraa argamu, dhimmawwan hafuuraa caalaatti barbaachisaa ta’aniif dursa akka hin kennine akka isa godhu heyyamuu hin qabu.—Fak. 22:3.

Faayidaafi miidhaa hojiin hojjechuuf yaaddes ta’e amma hojjechaa jirtu qabu barreeffachuunkee si fayyaduu danda’a. Hojiin miindaa gaarii argamsiisuufi nama gammachiisu akka barbaadamu beekamaadha. Haata’u malee, hojiin amma hojjechaa jirtu wanta karaa hafuuraa maatiikeetiif barbaachisu guutuuf kan si gargaarudhaa? Waan hunda sirriitti gamaaggamiiti, murtoo walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabdu akka dursitu si gargaaru godhi.

Hojiin hojjechaa jirtu karaa hafuuraa guddachuuf kan si hin dandeessisne yoo ta’e, haalakee sirreessuun si barbaachisa ta’a. Kiristiyaanonni hedduun, dhimmawwan hafuuraatiif yeroo argachuuf jecha, jijjiirama gurguddaa godhaniiru. Obboleessi biyya Poolaandi jiraatu tokko akkas jedheera: “Kubbaaniyyaan yeroo tokko keessa hojjechaa turetti, yeroo baay’ee dhimma hojiitiif fagaadhee waanan deemuuf hojicha dhiisuudhaan alatti filannaa kan biraa hin qabuun ture. Dhimmawwan hafuuraakootiif xiyyeeffannaa kennuufis ta’e maatiikoo kunuunsuuf yeroo ga’aa hin qabun ture.” Yeroo ammatti hojii yeroofi humna xiqqoo gaafatu hojjechuudhaan jiraata.

Warra Kaan Gargaaruudhaan Gammadi

Yesus, “Fudhachuu irra kennuutu caalaa nama gammachiisa” jedheera. (HoE. 20:35) Kiristiyaanonni kana gochuuf carraa hedduu qabu. Al tokko tokko, fuula ifaa namatti argisiisuun, harka qabanii nagaa gaafachuun ykn carraaqqii namni tokko hojii gumii keessatti isaa kenname raawwachuuf godheef garaadhaa isa galateeffachuu qofti, isa kennuufis ta’e isa fudhatuuf gammachuu argamsiisuu danda’a.

Phaawulos ergamaan, ‘Warra dhiphatan jajjabeessaa, warra dadhaban gargaaraa’ jechuudhaan Kiristiyaanota hidhatasaa ta’an jajjabeesseera. (1 Tas. 5:14, NW) Namoonni dhiphatan, rakkoowwan isaanirra ga’an humnasaaniitiin mo’uu akka hin dandeenye itti dhaga’amuu danda’a. Namoota akkasii gargaaruu ni dandeessaa? Obbolootakee keessaa tokko, tajaajila Yihowaarratti gammachuu dhabuusaa yoo hubatte, isa jajjabeessuuf yaali. Kana gochuun siinis si jajjabeessa. Rakkoowwan tokko tokko namootaan kan furaman miti. Haata’u malee, obboleessakeetiif garaa laafuufi deggersa Yihowaa isa amansiisaa ta’etti akka amanamu isa jajjabeessuu dandeessa. Namoonni Yihowaatti amanaman matumaa abdii hin kutatan.—Far. 27:10; Isa. 59:1.

Wanti gochuu dandeenyu kan biraanimmoo, obboleessa gammachuu kan dhabe fakkaatu sana nuu wajjin akka tajaajilu afeeruudha. Yesus bartootasaa 70 kan erge “lama lama” godheeti. (Luq. 10:1, hiika bara 1899) Kana gochuunsaa akka wal jajjabeessan kan godhe sitti hin fakkaatuu? Yeroo har’aa fakkeenya kana hordofuudhaan, warra gammachuu dhaban tokko tokko gargaaruu dandeessaa?

Jireenyi yaaddoodhaan kan guutamedha. Ta’us Phaawulos, “Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa! Ammas irra deebi’ee nan jedha, gammadaa!” jechuudhaan nu gorsa. (Filp. 4:4) Waaqayyoon waan jaallattuuf, isaaf waan ajajamtuuf, akkasumas hojii sii kenne hinaaffaafi jabinaan waan raawwattuuf, jireenyikee kaayyoo qaba. Kunimmoo gammachuu sii argamsiisa. Kana malees, Yihowaan dhiibbaafi rakkina si mudatu mo’uuf si gargaara.—Rom. 2:6, 7.

Addunyaa haaraa Yihowaan abdachiisetti baay’ee akka dhihaanne ni amanna. Kunimmoo, eebbaafi gammachuu guddaa nuu argamsiisa. (Far. 37:34) Kanaaf, yeroo ammaattillee Yihowaan nu eebbisaa akka jiru hubachuun keenya gammachuu guddaa nuu argamsiisa. Akkas taanaan ‘Waaqayyoof gammachuudhaan hojjechuu’ dandeenya.—Far. 100:2.

[Fakkii fuula 8rra jiru]

BOHAARTII

MANAAFI MAATIIDHAAF KUNUUNSA GOCHUU

HOJII

WALGA’IIWWAN KIRISTIYAANAA

QAYYABANNAA DHUUNFAA

TAJAAJILA

[Fakkii fuula 8rra jiru]

Gammachuukee eeguu yoo barbaadde, akkaataa yerookee itti qoqqooddurratti sirreeffama gochuun si barbaachisa ta’a

[Fakkii fuula 10rra jiru]

Warri kaan gammachuusaanii deebisanii akka argatan gargaaruu ni dandeessaa?